Creative Dev
Ir al canal en Telegram
Let's build your digital future Connect with me on LinkedIn: https://www.linkedin.com/in/ararso-dev
Mostrar más2 405
Suscriptores
-424 horas
-277 días
-9430 días
Archivo de publicaciones
2 405
Maqaa fi seenaa #NABI_MUHAMMAD ﷺ Rabbiitu duraan guddise, namni guyyaa keessaa homaa godhuu hin dandahu.
~~
Rabbiin keenya tola oolina isaatiin islaama nu taasisee nu uume. Alhamdulillaah!! Islaamummaan amantii takkittii Rabbi biratti jaalatamtuu fi fudhatama qabdu akka taate Rabbiin Qur'aana keeysatti nuuf dubbatee jira.
Osoo #Nabii_Muhammad ﷺ hin ergamin dura addunyaan guutuun dukkana wallaalaatiin liqimfamtee turte. Addunyaa dhooqaa fi dhoqqee keessatti kufte, tan wallaalummaan sammuu duuchite dhufee ifaa islaamummaatiin ibse. Heera ittiin bulmaataa kan addunyaaf furmaataa fidee beekkumsaan fure.
Maqaa fi seenaa #Nabi_Muhammad rabbiitu duraan ol kaase. Uumaa isaa hunda caalchisee Rahmataan addunyaaf erge.
Garuu gowwaan waa'ee ofiituu hin beekne, kan amantii isaarraahuu osoo waa gaafatanii waan namaaf deebisu hin qabne ; akka nama hayyuu amantii hunda hundee isiirraa qoratee, galmee seenaarraa hubateetti, kijibaa fi cubbuu isaa qalama tortoreen walitti barreeffatee, afooshaa social media tanarraa gaafa irra caalaa uumaa Rabbiitiin ( #NABI_MUHAMMAD ﷺ ) afaanii baafatee waa jedhuun xiqqollee ofitti hin qaanfatuu?
Raata'aan galmee seenaatuu takkaa ijaan hin ilaalin, kan kitaaba seenaa amantii biroo dhiisii kan amantii isaatuu addaan banee hin dubbisin akkanumaan ofirraa haasa'uun xiqqollee isatti hin dhagahamuu?
Wallaahi Billaahi osoo seenaa dhugaa dhugaadhaan galmee seenaarraa addaan banee kan dubbise tahee, islaamummaan amantii dhugaa tahuu isaaf galteeti ofiifuu islaamummaa qabata ture. Garuu wallaalummaan sammuu isaa waan duchiteef, haqa hubachuu irraa qalbiin isaa waal golgamteef dhugaa kana arguun hedduu itti jabaatte.
Namichi amma Nabi Muhammadiin Sallallaahu Aleeyhi Wassallam waa jedhu kun osoo nama dhugaan waa'ee amantii ofii niin hordofa jedhu saniituu beeku tahee akkanatti waan arge hunda hin jedhu. Hubannoo takka dhaba, oftuulummaa fi sabboonummaa daangaa dabarteen machaa'ee, kamtu gaarii fi kamtu toltuudhaa addaan wallaalee akkanumaan waa'ee isaatuu barachuu dhiisee namuma biroo arrabsuu mudate.
Yaa namicha wallaalaa #Nabi_Muhammadiin Sallallaahu Aleeyhi Wassallam waa jedhu ati wallaalummaatu akkana si godha. Warri dhugaan galteef kunoo akkanatti qooda kaaheef👇
Michael H. Hart, yeroo tarree namoota addunyaa irratti dhiibbaa uumanii keessatti sadarkaa tokkoffaa irratti isa kaa'u akkana jechuun barreesse :
"Tarree namoota addunyaa irratti dhiibbaa guddaa qabanii akka dursu Muhaammad filachuun koo dubbistoota tokko tokko ajaa'ibsiisuu fi kaanis gaaffii keessa galchuu danda'a, garuu seenaa keessatti namni sadarkaa amantii fi addunyaa irratti milkaa'ina olaanaa argate isa qofa ture".
Hubachiisa; Namoota addunyaa irratti dhiibbaa uuman yeroo jedhu namoota addunyaa irratti dhiibbaa positive tahe uuman jechuudha.
Namoonni Afaan English dandeessan 👇👇👇
Michael H. Hart, when he ranked him 1st in the list wrote :
"My choice of Muhammad to lead the list of the world's most influential persons may surprise some readers and may be questioned by others, but he was the only man in history who was supremely successful on both religious and secular levels."
(THE 100: A RANKING OF THE MOST INFLUENTIAL PERSONS IN HISTORY, New York, 1978, p.33)
Fidaaka Abii Wa Ummii, Ruuhii Wa Nafsii Yaa Rasuul Allaah!
اللهم صلي والسلم وبارك على نبينا محمد وعلى ٱله وصحابه اجمعين
© Ararso Mohammed
September 19, 2023
2 405
#Beeksisa_kitaabaa
Maqaa kitaabaa: Qoree dhoqqee keessaa
Ibsa: Shira adawwiin dargaggoota keenya irratti xaxxe
Barreessaan: Araarsoo Mahaammad
Maxxansa: 2ffaa
Bara: 2016
Gatiin: Qarshii 30
Yeroo dhihootti eeggadhaa!!
Hubachiisa: maxxansi 2ffaa kun maxxansa tokkoffaa irra wantoota hedduun kan fooyya'eedha.
@furtu_online
@furtu_online
@furtu_online
Yaada keessan comment jalatti nuuf barreessaa👇👇
2 405
#Beeksisa_kitaabaa
Maqaa kitaabaa: Qoree dhoqqee keessaa
Ibsa: Shira adawwiin dargaggoota keenya irratti xaxxe
Barreessaan: Araarsoo Mahaammad
Maxxansa: 2ffaa
Bara: 2016
Gatiin: Qarshii 30
Yeroo dhihootti eeggadhaa!!
@furtu_online
@furtu_online
@furtu_online
Hubachiisa: maxxansi 2ffaa kun maxxansa tokkoffaa irra wantoota hedduun kan fooyya'eedha
2 405
Kitaabota saayikooloojii, seenaa, walaloo fi asoosama dabalatee kitaabota amantii islaamaa tis kan isiniif dhiheessinu taha!!
Yeroo kitaabota dhiheessinu nutuu beeksisa baafna waan taheef obsaan eegadhaa!!
Hubachiisa: kitaabonni nuti asirratti gurgurtaaf dhiheessinu kanneen barreessine qofa. Kitaaba namaa hin dhiheessinu. Garuu yoo abbaan kitaabaa akka dhiheessinuuf nu gaafate hayyama isaatiin ni dhiheessina.
@furtu_online
@furtu_online
@furtu_online
2 405
Tajaajiloota nuti kenninu
↪️ Kitaabota online irratti
gurguruu
↪️ Leenjiilee gaggabaaboo
online irratti kennuu
Hubachiisa: tajaajiloonni nuti kenninu hundi gatii gad-bu'aadhaan kan dhihaatan yommuu tahu, erga tajaajilicha ajajattanii booda saffisaan kan isiniin dhaqqabnu taha.
2 405
Repost from Furtu Technology
Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuh
Jirra jirtuu obboleeyyan keenya qaqqaalii baga Rabbiin nagayaan ji'a kabajamaa fi qaalii tahe ji'a Ramadaanaa kan bara 1444 tiin isin gahe!! Yaa obboleeysa koo qaalii atiis yaa obboleeytii too qaalii mee of cinaa mil'adhuu ilaali. Nama meeqaatu kan bara dabre Ramadaana nu wajjiin soomane, har'a aakhiraa deeme. Nama sirra xiqqaa, kan hiriyaa keetii fi kan sirra guddaatis yoo barbaadde hedduudha. Warri arra ganda namuu irraa hafiinsa hin qabneetti godaane. Nutiis arra duniyaarra jirra malee yoom akka duuti nutti dhuftu hin beeynu. Alhamdulillaah Ramadaana har'aa nagayaan geenyee jirra. Rabbiin warra keeyrii inni qabatee dhufe hunda irraa faayyadamee, bu'aa irraa buufatee nagayaan xumuratu nuhaa taasisu! Obboleeyyan keenya guyyaan arra nurra dabru umrii teenya irrisa. Yoo itti fayyadamuu baannees lammaffaa deebi'ee hin dhufu. Kanaaf nutiis kana beeynee yeroo teenyattiis sirnaan fayyadamnee, hanga nuuf mijatetti keeyrii hunda Ramadaana kana keeysa haa saammannuu. Warra yeroon itti fayyadamtuu mitii, warra yerootti fayyadamu nuhaa taasisu. Kheeyrii hunda nuuf laaffisee, umriis nu haa dheereysu. Nagayaan nu eegalchiisee nagayaan nu haa xumursiisu. Ramadaana milkii, kan keeysa furamtu cinqiin, kan addunyaa fi aakhiraas itti milkooynu nuuf haa godhu ❤
#Ramadaan_Mubaarak!!
Obboleeysa keeysan
AMAYU
Bakka jirru irraa!
Join us on telegram channel
@Ramadan_Mubarak
@Ramadan_Mubarak
@Ramadan_Mubarak
2 405
♡♡♡Xalayaa jaalalaa!♡♡♡
Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhu
Akkam nagaa keetii jaalallee kiyya qaalii? Jireenyi maal fakkaata? Numa jirtan gaa? Nutilleen Alhamdulillaah arra geenye habiibii kiyya. Ani habibtiin tee hangam akkaan si jaaladhu numa beeytaamii? Ni wallaalta je'eetis waa hin yaadu. Jaalalli kee guyyumarraa miila natti fuudhaa jirtii bar gaa. Ati akkami silaa mirqaanumaamii? Anis mirqaanaan qaba humaa, yaaduma keetiitu halkaniifi guyyaa na wallaalchise malee! Waa hundaafuu inshaa Allaah Rabbiin nu hundaahuu nagaya nutti tahee bakka yaanneen nuhaa gahu. Gaafa tokko inshaa allaah...........
........... mee dhiisi hima kana hin xumuruu natti haa hafuu!!
Waa hundaafuu hanga wal-agarrutti 👋 nagayaan 🤚 naaf turi habiibii kiyya.
💌💌💌💞💞💞🖤🖤🖤❤❤❤💟💟💟💞💞💞💌💌💌
Jaalaltamtuu tee 👇👇👇👇👇👇👇
👉 Tanuma atuu beeytu!!
Oromiyaarraa!!
2 405
Repost from Furtu Technology
#Beeksisa_Dhuunfaa
Namoonni website mataa keeysanii free sub-domain name blogspot tiin hojjachiifachuu barbaaddan fi design godhachuu barbaadda nu qunnamuu dandeessu. Design website hojjachuu eegallee jirra waan taheef.
Siifsiin Technologies!!
Website and application development company!!
Visit our website https://siifsiin.blogspot.com/
Bakkan contact us jettutti foormii jalarratti argamtu guutuun nu qunnamaa!!
2 405
#Islaama
Barreessaa mana maree dhimmoota Islaamaa Sheek Hamiid Muusaan jiilli durfamu hooggantoota ministeera barnootaa waliin dhimma barattoota muslimaa irratti mari'atan
Jiilli Barreessaa Olaanoo Majlisa Itiyoophiyaa Sheek Hamiid Muusaan durfamuufi hooggantoonni olaanoon ministeera Barnootaa dhimma Salaata barattoota muslimaa dhaabbata barnootaa sadarkaa gadii hanga Yuunivarsitiittii jiraniifi Rakkinoota Hijaaba barattoota shamaraa muslimaan walqabatan irratti waliin mari'ataniiru.
Dabalataan Dhimma qophii kaariikulamaa fi Kitaabni barataa madaalawaa ta'uu isaa irrattis marii bal'aan taassifameera.
Dhaabbattoonni kunniin Yeroo kam irra walitti dhufeenyaan hojjechuuf walii kan galan yommuu ta'u, mana marii dhimmoota muslimaatiin namoota dhimma kana irratti muuxannoo qabaniifi Ogeessonni ministeerichaa yeroo itti aanutti marii bal'aa taassisuuf walii galtee irra ga'aniiru.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA
📡MIIDIYAA📡
@ABDII_SABAA
2 405
KHEYRUMAAFI!!
Obsaan naaf dubbisi!🙏
Namni tokko khophaa isaa bidiruun osoo deemaa jiruu obomboleettiidhaan dhahamee bidiruun sun caccabdee galaana kheessa lixxe. Namichi khun haala khamiinuu of baraare odola tokkorra bu'ee, godoo ijaaree guyyootaaf kophaa isaa odola sanarra jiraate.
Nyaatas Qurxummii nyaata jiraata ture.
Gaaf tokko nyaataf qurxummii qabachuuf qarqara galaanaa irratti yeroo dheeraa osoo eegaa jiruu akka tasaa aara aaru arge. Yeroo garagalu godoo sun gubachaa jira. Innis fiige duubatti deebi'e garuu godoo san baraaruu hin dandeenye.
Ibiddi Lekaan qurxummii bilcheessuuf qabsiise gara godoo dhufee gube boo'e. Uumaa Rabbiis khomate. Akkamitti as khophaa khiyyabgalaana irratti na dhiifte?Maatii khoo irraa adda na baafte... dhumarrattii mana ani akka malee dhama'ee ijaare na jalaa gubda?!. je'ee khomate.
Daqiiqaa muraasa booda sagalee takka dhaga'e. Fuula isaa gara sagalee sanaatti garagalchee, doonii guddaa tokko arge; Innis ni gammade. Namoonni doonii sanaa dhufanii isa fuudhan. Sana booda namoota doonii sanaa gaafate! "Akkamitti na agartan?
Galaana khanarra namni as hin dhufu, isin akkamitti na agartan?"
Ja'een. Namoonni doonii oofanis "Gama sanaan naanna'aa turre. Gama khanaan aarri arginee, namni as jiraatu jira jennee yaadne" ja'anin. Sanbooda si agarre ja'aniin.
Yaa Rabbii khoo!! gadadoo khoo kheessaa na baasuu barbaadde, mana khiyya xiqqoo khh balleessitef, mana guddaa na geessuufi edaa... ja'e.
✍️ Yeroo tokko tokko yeroo waa dhabnee nu jalaa bade Rabbiis namaas khomanna Garuu waan dhabnee fi hanqanne duuba waan gaarii hedduu argachuu akka dandeenyu daganna. Yeroo rakkinaa rabbii kheenya isa itti dhihaachuu qabnu irraanfanna. Sun nuuf gahuu didee kgomanna!.
Obboleewwan khiyya yeroo hunda haalli badaan maal haa ta'u, waan gaarii yaaduu fi Rabbiin abdachuu amala haa godhannu!.
@foormulaa_jireenyaa
@foormulaa_jireenyaa
2 405
Repost from Furtu Technology
#Beeksisni waa'ee dheereffamuu sagantaa sirreeffamaa filannoo yuunivarsiitii
Bara barnootaa 2014tti barattoonni qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa fudhattanii darbiinsa qabxii galmeessitanii sagantaa sirreeffama yunivarsiitiiwwan mootummaa Ministeera Barnootaa jala jiran irratti hirmaachuuf guyyaan kun hanga Fulbaana 15/2015tti akka dheerateef isin beeksifna .
Hubachiisa: Yuunivarsiitiin Addis Ababa, Yuunivarsiitiin Saayinsii fi Teeknooloojii Addis Ababa fi Yuunivarsiitiin Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaa sagantaa kana keessatti hin hammatamne.
Ministeera Barnootaa!
🔔@Remedial_Students🔔
🔔@Remedial_Students🔔
🔔@Remedial_Students🔔
#FollowUs👇👇👇👇👇
https://blue.et/BarataaNetwork
2 405
Repost from Furtu Technology
Kaadhimamaa barattoota haaraa ykn sagantaa sirreeffamaa ramaddiin torban kana, tarii boru ykn guyyaa boruu booda ni ifooma jedhamee eegama.
Guyyaa sirrii hin beeksifne
Oduu Ministeera Barnootaa mirkanaa'e hiriyoota keessaniif ️ share godhaa
https://t.me/Remedial_Students
https://t.me/Remedial_Students
2 405
Ati Qormaata kutaa 12 NAN KUFE jettee aartaayii? Animmoo mufachuu kee fi of dhiphisuu kee kanatti nan kolfe! Baay'en sitti gaddes!
Mee waa'ee namoota kufanii milkaa'an tokko sin yaadachiisa; na hordofi!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❍ ROBERT KIYOSAK dureessa Ameerikaa keessaa tokko. Garuu Robert yaalii investimentiin yeroo meeqaaf meeqa nama kisaaredha.
❍ TOMAS EDISEN balbii elektrikaa hojjechuuf si'a 10,000 yaalee kufee nama milkaa'eedha.
❍ ABRAHAAM LINKEN Pireezidaantii Ameerikaa ta'uuf waggaa 22ffaa isaa irraa eegalee dorgomee moo'amaa waggaa 52ffaa isaatti pireezidantii Ameerikaa tahe.
Isaan kunii fi kanneen biroo obsumaan irra deddeebi'an malee waan kufaaniif karoora isaanii hin fannifne.
❏ Kanaafuu abdii kutachuutti wanti si oofu diina kee isa karaatti si hambisuu barbaadu qofaadha.
Hin gowwomin ati michuun amanamaan waaqa kee gadiitti karoora kee akka ta'e hubachuun yoo kuftellee hin gadhiisin wajjin kufii ka'i!
❏ Utuu waan meeqaaf abdatamtuu haalatti amantee karaa dhaabbattee haftaa?Matumaa hin ta'u! Ati karaatti hin haftu! Haala yeroon jijjiirutti hin hirkatin! Ati sichi ija baay'ee godhatta; balballi milkaa'inaa hedduun siif banama.
❏ Haala ilaaltee abdii hin kutatiin abdii hin kutatin ammas abdii hin kutatiin !!!
Haalli har'aa hin amanamu:
➲ #Har'a hiyyessa yoo taate bor ni sooromta.
➲ #Har'a uffata gahaa hin qabdu yoo tahe bor irraa hafaa qabaatta.
➲ #Har'a miilla qullaa deemta yoo tahe bor kophee jijjirtee keewwaattam!
➲ #Har'a hojii hin qabdu yoo ta'e bor hojjetaa hedduu qacarta!
➲ #Har'a baasii geejjibaaf yoo dhabdeyyuu bor konkolaataa kee yaabdee adeemta!
➲ #Har'a nama si jaallattu hin qabdu yoo ta'eyyuu bor baay'ina fira keetif dhiphatta!
➲ #Har'a utuu biyyi kolfuu yoo boosseeyyuu bor yeroo biyyi boo'u kolfuuf jirta!
➲ #Har'a gurguddoota biyyaa hin beektu yoo ta'eyyuu bor nama guddaaf beekamaa taata.
Kanaafuu haala keessa jirtutti gammadi wal'aansoo qabi, moo'ichi nama wal'aansoo qabu bira jira.
Moo'ichi guddaan immoo aarii fi dafqaan utuu hin taane karaa OBSAA argama.
Kanaafuu abdii kutuu caalaa obsa uffachuun daawwaa milkoomina keetiti.
Obbolee koo ABDII HIN KUTATIN! NEVER GIVE UP!
☆☆☆☆☆☆☆☆ via @foormulaa_jireenyaa
¡Ya disponible! Investigación de Telegram 2025 — los principales insights del año 
