es
Feedback
Creative Dev

Creative Dev

Ir al canal en Telegram

Let's build your digital future Connect with me on LinkedIn: https://www.linkedin.com/in/ararso-dev

Mostrar más
2 423
Suscriptores
-724 horas
-217 días
-9230 días
Archivo de publicaciones
Original content was posted on my official website. Checkout here 👇👇👇👇 https://ararsogx.blogspot.com/2024/08/joollummaa.html

Mee xiqqo yaadaan if duuba si haa deebisu. Gaafa dur - yeroo ijoollummaa keenyaa - yeroo itti fayyadamni social media tiis tahe kan teekinooloojii biroo akka arraa kanatti hin babal’atin sana, namni akka ammaa kanatti yeroo mara dhimma isa hin ilaallanne hundaan mataa if dhukkubsuu fi busy if godhu hin jiru ture. Ganama barii kaanee mana barnootaa deemnee eega galleen booda, sheekha birattiis bobbaanee Qur’aana qaraanee, sana booda waan dandeenyuun maatii teenya gargaarree eeybaa fi du'aa'ii isaaniitiis irraa fudhannee galgala galla. Hanga Rabbiin nuuf laaffisetti ifaalleen jiraachuu baatu lambaa fi faanosa fayyadamnee hojii manaa yoo qabaannes hojjannee ammaas xiqqo waan barannee gallees (tan mana barumsaatti barannee fi tan sheekha biratti barannees) keeysa deebinee lallaalleeti, ishaa'ii salaannee irbaata keenya nyaannee galgalaan ija teenya waliin qabnee rafna. Egaan galgala galgalaan waan rafnuuf hirriiba gahaadha arganna ture. Almost sammuun teenya ta waa hundarraa bilisa taate, ta boqonnaa gahaa argatte tanaatu hirraabaa ka'a - ganama yeroo salaata subiitiif dammaqnu sana. Akkuma dammaqneen wuduu'annee subii salaanneeti, san booda osoo hirriibatti gad hin deebine bariisaa saniin sheekha keenya biratti ganamnee Qur’aana irra bahannee (irraa barannee) dachaana. Sana boodaas ciree teenya nyaannee osoo hin orraafanne, bariin gara mana barumsa keenyaa imala keenya eegalla. Hiriyoottan keenya qaqqaalii kanneen hireen barnootaa ijoollummaan walitti nu fiddee wajjiin hanga sa'aatiin barnootaa teenya geeysuu kubbaa miilaatii fi taphoota bashannansiisoo birootis taphachaa waliin bohaarra. Hoggas gammachuun teenya dachaa taati. Sammuun teenyaas bilisa (free) waan taateef barumsa barannu qabachuunis haalaan nuuf salphata. Hiriyootaa fi barsiisota keenyaa wajjiin gammadaa hanga walakkaa guyyaatti yeroo gaarii waliin dabarsina. Akka ammaa kanatti social media'n jiraatee - itti fayyadamni isaa bal'atee - sammuu if jeequun tun hin jirtuun baana. Gabaabumatti yeroon sun yeroo gaariidha turte. ✍️ Ararso Mohammed August 30, 2024 Fadis, Oromiyaa irraa!!

Oduu Ammee Hundeessaafi hoji geggeessaan Teelegiraamaa Paavel Duuroov hiikameera. Gaafa august 25 bara 2024 faransaay paarisitti hidhamee kan ture durov addunyaa irraa namoota bebbeekamoo kanneen akka Eelen Mask , Tucker Carlsonfi biyyoottan kanneen akka Yuunayitid Arab Emiraatis fi Raashiyaan faransaay qeeqamaa kan turte yommuu ta’u, abbaan kalaqaa sammiu ajaayibaa qabuufi iccitii fayyadamtoota isaa eeguun fakkenyummaa guddaa ta’e dhalataa Raashiyaa Biliyeenarri Paavel guyyaa harraa hidhaa irraa hiikameera. Hiikamuu isaattis fayyadamtoota Teelegiraamaa biliyoona tokkotti dhihaatan dabalatee namoonni hedduun gammachuu isaanii ibsaa jiru. Guyyaa inni hidhamee ka’ee duulli dijitaalaa geggeeffamaa kan ture yommuu ta’u Yuunayitid Arab Emireets bittaafi gurgurtaa “Rafale fighters” doolaara biliyoona 19iin Faransaay irraa bituuf turte dhiisuun dhiibba gara ishee taassisaa turteetti. Manni murtichaa wabii Yuuroo miiliyoona 5 ykn Doolaara miiliyoona 5.56n akka gadhiifamu ajajeera. Haa ta’u malee Duroov yeroo ammaa Faransaay keessaa ba’uu hin danda’u. Uggurri kun kan taassifameef qorannoon dabalataa akka godhamuufidha. Duroov maaliin himatame? - hanqina to’annoo Teelegiraamaan - Odeeffannoo barbaachisaa qaama mootummaaf hin kennu - Teelegiraama irratti yakki ni raawwatama - Daldalli qoricha balaafamaa ni raawwatama - Yakki Shororkeessummaafi maallaqa seeraan alaa daddabarsuu ni raawwatama. Telegiraamiin fayyadamtoota gara biliyoona 1 kan qabu yoo ta’u, ergaa fi waljijjiirraa daataa bilisaa fi nageenya qabuun bal’inaan filatamaadha.

Oduu Ammee Hundeessaafi hoji geggeessaan Teelegiraamaa Paavel Duuroov hiikameera. Gaafa august 25 bara 2024 faransaay paarisi
Oduu Ammee Hundeessaafi hoji geggeessaan Teelegiraamaa Paavel Duuroov hiikameera. Gaafa august 25 bara 2024 faransaay paarisitti hidhamee kan ture durov addunyaa irraa namoota bebbeekamoo kanneen akka Eelen Mask , Tucker Carlsonfi biyyoottan kanneen akka Yuunayitid Arab Emiraatis fi Raashiyaan faransaay qeeqamaa kan turte yommuu ta’u, abbaan kalaqaa sammiu ajaayibaa qabuufi iccitii fayyadamtoota isaa eeguun fakkenyummaa guddaa ta’e dhalataa Raashiyaa Biliyeenarri Paavel guyyaa harraa hidhaa irraa hiikameera. Hiikamuu isaattis fayyadamtoota Teelegiraamaa biliyoona tokkotti dhihaatan dabalatee namoonni hedduun gammachuu isaanii ibsaa jiru. Guyyaa inni hidhamee ka’ee duulli dijitaalaa geggeeffamaa kan ture yommuu ta’u Yuunayitid Arab Emireets bittaafi gurgurtaa “Rafale fighters” doolaara biliyoona 19iin Faransaay irraa bituuf turte dhiisuun dhiibba gara ishee taassisaa turteetti. Manni murtichaa wabii Yuuroo miiliyoona 5 ykn Doolaara miiliyoona 5.56n akka gadhiifamu ajajeera. Haa ta’u malee Duroov yeroo ammaa Faransaay keessaa ba’uu hin danda’u. Uggurri kun kan taassifameef qorannoon dabalataa akka godhamuufidha. Duroov maaliin himatame? - hanqina to’annoo Teelegiraamaan - Odeeffannoo barbaachisaa qaama mootummaaf hin kennu - Teelegiraama irratti yakki ni raawwatama - Daldalli qoricha balaafamaa ni raawwatama - Yakki Shororkeessummaafi maallaqa seeraan alaa daddabarsuu ni raawwatama. Telegiraamiin fayyadamtoota gara biliyoona 1 kan qabu yoo ta’u, ergaa fi waljijjiirraa daataa bilisaa fi nageenya qabuun bal’inaan filatamaadha. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

Repost from Namummaa Qofaan
Waadaa Ofiif Gali" ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ 1)Akka wanti tokkollee tasgabbii sammuu kee booressuu hin dandeenyetti cimaa ta'uudhaaf, 2) Nama wal argitu hundatti fayyaa, gammachuu fi badhaadhaa ta'uu kee itti haasa'uuf, 3) Hiriyoota kee hundatti akka wanti addaa tokko isaan keessa jiru akka itti dhagaʼamu gochuuf, 4) Waan hundumaa ifaa fi bilisaan ilaaluu fi abdii qabdu dhugoomsuudhaaf, 5) Waan gaarii qofa yaaduu, waan gaarii qofaaf hojjechuu fi waan gaarii qofa eeguudhaaf, 6) Akkuma milkaa'ina keef yaaddu, namoota birootiif quuqama qabaachuuf Waadaa Ofiif Gali!     🥀9⃣9⃣9⃣🥀 Linkiiin Telegraamaa kuni,👇 https://t.me/gorfami999 Jijjiirraa muuxannootiifi beekkumsaa, barnootaa walii raabsuuf kan banameedha! Kanaafuu share Gochuun Hiriyoota keessaniif qoodaa. Telegram channel: Namummaa Qofaan

Repost from Namummaa Qofaan
KAAYYOON UUMAMNEEF MAALII? 🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹 وَمَا خَلَقت الؓجِنَ وألإنس الاَّ لِیَعؓبُدُونَ  (ألذاریات ٥٦) Ilma namaa fi jinniis hin uumne,  akka na gabbaraniif malee( zariyaati 56) Kabajamtootaa fi jaalatamtoota obboloota koo namoonni hedduun anas dabalatee jechuudha, yeroo dhimma akhiraa yaadachiiftee, maaliif hin qaraane?, maaliif hin qaraasifne?, maaliif barsiifne?, maaliif hin salaanne?, maaliif hin soomanne?........jettee hojiiwwan kheeyrii garagaratti kakaaftu deebii armaan gadii siif kennu!! ✍Barataan barnootatu busy na godhe! ✍Daldalaan hojii daldalaatu.............. ✍Qonnaan bulaan facaasaa,kunuunsaa fi sassaabbiitu na shaaghale ✍Hojjetaan hojiitu natti baay'ate 🤲Hundumti keenyayyyuu bakkuma jirruun uzrii(sababa) dhiyeeffanna. Garuu namni kamiif duursa kennuu qaba turee?. Kaayyoon keenya guddaan kamii? ✍Akkuma beekamu dhalli namaas ta'u Jinnoonni sababbiin Uumama isaanii tokkoo fi tokko qofaadha. Innis Rabbii ol tahe, uumaa isaaniif bitamuu fi gabbaruuf qofaadha.  Kana jechuun hojiin nuti duniyaa tana keessatti hamma kana bakka kennineefii hojjennu kun hundi bu'aa kan qabaatan yoo gabbartii Rabbii irratti nu gargaaran qofa malee gabbartii Rabbii irraa nu shaaghalu taanaan kasaaraadha. ✍Sababni isaas nuti jireenyi keenya hundi kan Rabbii keenyaati. Hojiin hojjennu hundinuu hojii Rabbitti nu dhiheessu dha. Kanaaf immoo ragaan qur'aanuma Rabbiiti قُل إنَّ صَلاَتِي وَنُسُکِي وَمَحؒیَایَ  وَمَمَاتِي  لِللَّه رَبِّ العَالَمِين لاَشَرِيك لهُ    Jedhiin yaa ergamaa kiyya Nabi muhammed "salaanni kiyya, qalmi ykn gorraasuun tiyya, jireenyi kiyyaa fi duuti tiyyas Rabbumaafi , Rabbii shariika (hiriyyaa,gargaaraa) hin qabne"  (suuraa an'aam 162) ✍Maarree erga Ergamaan keenya nabi Muhammed (Salla Alllaahu Aleeyhi wasallam) akkana jedhanii anaafii atis isaanuma hordofuutu dirqama. Ergamaa(s a w) hin hordofnu taanaan hin amanne jedhamna. Kunis hadiisa sahiiha armaan gadii keessatti dubbatamee jira. لایوءمن احدکم تیٰ یکون هواه تبعا لما جٕت به Hin amanne tokkoon keessan hanga fedhiin isaa waanan an ittiin dhufe hordofuu taatutti ✍Kanaaf obboloota koo,  kaayyoo guddichaa fi isa hangafa gara dachee duniyaa itti dhufneef dagannee osoo wantoota xixiqqoo jala fiignuu Umriin keenya deemaa jira. Namni kaayyoon isaa jalaa bade jaanja'aa ta'a. Kallattii deemsaatu jalaa wal dhaha. ✍Yoo nuti kaayyoo guddicha (Towhida) jabeeffannee hariiroo nuufi Rabbii keenya gidduu jiru bareeffanne wanti hunduu nuuf laafa.  Jireenya gammachuu jiraanna.  Bahaa fi galti keenya ni bareeda. Gaafa duniyaa irraa deemnes jannata Rabbii dhaaluun shakkii hin qabu . ✍Garuu immoo yoo jireenya  hin guutamne jala fiiguuf galma keenya borii daganne duniyaa irrattis jaanjofnee, Imaana dhabnee , Osoo #anfariirruu yeroon keenya dhuama.  Borus aakhiraatti kan nu eeggatu sheeyxaana darbamaa wajjiin #Jahannam dhandhamuudha. ✍Rabbiin qalbii teenya towhida irratti nuuf haa tasgabbeessu. Jaalala duniyaa caalaa jaalala diinii nuuf haa kennu. Warra jiruun isaanii ibaadaan toltee borus jannata badhaafaman Rabbiin nu haa taasisu Aamiin🤲🤲🤲🤲🤲🤲Aamiin Ergaa kana yoo jaalattan #share waliif godhaa! http://t.me/gorfami999

Here is my official website. I will share some information on it in the future. Please follow it👇 https://ararsogx.blogspot.com/

Repost from Namummaa Qofaan
Mudawwara/Tooba Uffatuun Aadaa Arabaa osoo hin taane #SUNNAA ergamaa keennaati ﷺ عن أم سلمة رضي الله عنها قالت: "كان أحب الثياب إلى رسول الله صلى الله عليه وسلم القميص". رواه أبو داود والترمذي Ummu Salamaan akkana jette:- "Irra jaalatamaan uffataa Gama rasuulatti ﷺ Qamiisa/Mudawwara" Akkasuma Ergamaan Rabbii ﷺ Uffata adii akka uffannu nu ajajanii Jiran. Akka Aadaa biyya teennaatti yoo as deebine uffannaan ummata keennaa maal fakkaata !? ✔️Nuti warri gara Baalee kuni uffanni keenna ka Aadaa Mudawwaraaf Imaamaadha. ✔️Uffannaan aadaa jimmaa Mudawwaraaf Koofiyyaadha. ✔️Uffannaan aadaa Harargeefii walloo Marxoo dha. Uffannaan kunniin hundi Aadaa arabaa qofa osoo hin taane uffannaa aadaa ummata Oromoo keessaa isa tokko jechaa dha. Nuti hudhannoon keenna Ergamaa keenna Jaalatamaa Nabi Muhammadiin waan taheef haala hunda keessatti isaanitti hidhanna. (( لَّقَدْ كَانَ لَكُمْ فِي رَسُولِ اللَّهِ أُسْوَةٌ حَسَنَةٌ )) Kanaaf mudawwarri Aadaa Arabaa osoo hin taane uffannaa Ergamaa keennaati, uffata kanaan qoosuun sunnaa ergamaatiin qoosuufii xiqqeessuu dha. Ammoo Gamanumaan Obboleeyyan tiyya lamaan tana Rabbiif jecha isin jaaladha. Isin mataa dhiiraati Https://t.me/gorfami999 🥀9⃣9⃣9⃣🥀 Linkiiin Telegraamaa kuni,👇 https://t.me/gorfami999 Jijjiirraa muuxannootiifi beekkumsaa, barnootaa walii raabsuuf kan banameedha! Kanaafuu share Gochuun Hiriyoota keessaniif qoodaa. Telegram channel: Namummaa Qofaan

Repost from Namummaa Qofaan
𝑱𝑨𝑨𝑳𝑨𝑳𝑨𝑨𝑵 𝑸𝑨𝑩𝑨𝑴𝑵𝑬 Rabbiin Nu badhaasee irratti Nu Uumnaan Caalaa Nabiyyootaa Irraan Nuu Daballaan Dambaliin Jaalalaa Fuudhee Nuun Godaane Matta’aa Fi Horii Osoo Irraa Hin Fudhanne Qaamaa Fi Qalbii Hundaan Jaalalaan Qabamne (2x) Jaalallee Dhugaati Karatti Nama Hin Gatu Abbaa Walqixaati Hiyyeessa Hin Tuffatu Isaan Irraa Dhaalle Jaalala Fageenyaa Isaantu Jireenya Isaantu Qabeenya Yaa Bareeda Ija Kuulaa Yaa Habiibii Yaa Jamaalaa Jaalalli Keessan Akka Funyooti Nama Masaka Boojuu Godheeti Biliyoonni 2 argaan Maletti Isin Hordofa Harka Kenneeti Hunda Addunyaa Raase Dambaliin Jaalalaa Yaa Shafi’al Ummaa Yaa Rasuula Nutis Karaa Keessan Irratti Badhaafamnee Masakamaa Jirra Jaalalaan Qabamnee (2x) Oromoo Sabboonaa Ta’uuf, Of Jibbuu Fi Of xiqqeessuun dirqamaa miti. Qullaa Deemuun Qaroomina Yoo ta’eef, Horiin nu dursee qaroomeera. FIB Abdunnaasir tufaarraa 🥀9⃣9⃣9⃣🥀 Linkiiin Telegraamaa kuni,👇 https://t.me/gorfami999 Jijjiirraa muuxannootiifi beekkumsaa, barnootaa walii raabsuuf kan banameedha! Kanaafuu share Gochuun Hiriyoota keessaniif qoodaa. Telegram channel: Namummaa Qofaan

Repost from Namummaa Qofaan
Abuubakir Siddiiq raahmanni rabbii irra haa jiraatu kurnan jannataa keessaa nama tokko. Nama rabbiin duuniyaa irratti osoo inni jiruu kan Jannataa ta'uu isaanii ragaa bahedha! Kana gadi buufnee toora nama tokkootti haasa'uun wallaalummaa guddaadha! 🥀9⃣9⃣9⃣🥀 Linkiiin Telegraamaa kuni,👇 https://t.me/gorfami999 Jijjiirraa muuxannootiifi beekkumsaa, barnootaa walii raabsuuf kan banameedha! Kanaafuu share Gochuun Hiriyoota keessaniif qoodaa. Telegram channel: Namummaa Qofaan

Repost from Namummaa Qofaan
#Jireenyi_tun…….🤔 ✍️ Jireenyi yeroo hunda salphaa miti…garuu yoo hanguma Rabbiin siif kenne sana jaalatte siif salphachuu dandeessi…! ✍️ Namni Rabbitti hin amanne ba’aa jireenyaa tana akkamitti akka ufitti salphisuu danda’u hin beekne garuu….!, maaliin ufirraa salphisaanis gaafii natti taha…! 👉🏼 Nuti garuu…jireenyi hammaattus, salphattus hunduu keeyriif akka tahe hubanna…kanatu keessa keenyaaf boqonnaa kenna….! Yoo hammaatte ni obsina…yoo nuuf laafte ykn gammachuu taate…galata Rabbiin galfanna…hunduu nuuf keeyriidha. Hunduu nuuf mindaadha. Namni akkuma isheen jirtutti jaalate jaalaluma argata…namni jibbes jibbama argata….Rabbiin keenya gara laafessa, Rahmata qabeessas….!! Rabbiin nuuf haa laaffisu….!! Share👇🏻 https://t.me/gorfami999 🥀9⃣9⃣9⃣🥀 Linkiiin Telegraamaa kuni,👇 https://t.me/gorfami999 Jijjiirraa muuxannootiifi beekkumsaa, barnootaa walii raabsuuf kan banameedha! Kanaafuu share Gochuun Hiriyoota keessaniif qoodaa. Telegram channel: Namummaa Qofaan

Repost from BBC AFAAN OROMOO
Itoophiyaan deeggarsa mootummaa Gamtaa Imireetota Arabaa (UAE) irraa argameen lammiileen miliyoona shanii ol leenjii dijitaalaa akka argatan taasisuuf hojii eegalteerti. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/L5XvH4p

Repost from Gram of TON
✉️

Repost from Namummaa Qofaan
Amantaa Islaamaa karaa biroo irraa wanti adda godhu keessaa Rabbii fi ilma namaa jidduu wanti ykn namni tokko seenuu hin qabu. Du'aaiin teenya dhagahamuuf, diliin teenya araarama argachuuf kallatumaan Allaaha gaafanna malee Nabiyyii, Aalima, sheikha, waliyyii, fi kan biroo gaafachuun nurraa hin egamu ykn nuuf hin hayyamamu, Shirkitti Waan nu geessuu maluuf! Kanaaf hanga dandahametti namni Muslimaa Dilii ykn badii irraa fagaachuu qaba, garuu ilma namaa Waan taheef dogongora keessa seenuun Waan hin hafneef, goonguma badii tee ilma namaa tokkoof hin himin... Us🤫 nama tokkoof hin himin! Rabbiin Dilii teenya xiqqoo fi Guddoo, Mullattuu fi dhokattuu hunda nuuf haa irra dabru🤲😪 🥀9⃣9⃣9⃣🥀 Linkiiin Telegraamaa kuni,👇 https://t.me/gorfami999 Jijjiirraa muuxannootiifi beekkumsaa, barnootaa walii raabsuuf kan banameedha! Kanaafuu share Gochuun Hiriyoota keessaniif qoodaa. Telegram channel: Namummaa Qofaan.

ተጨማሪ ገንዘብ ማግኘት ይፈልጋሉ?  💰 ሩቅ መመልከት አያስፈልግዎትም !  በሪፈራል ፕሮግራማችን ጓደኞችዎን ወደ ቦቱ በመጋበዝዎ ብቻ በአንድ ሰው 0.50 ብር ማግኘት ይችላሉ። 📈 እስካሁን 0 ሰዉ ጋብዘዋል ገቢዎን ለመጨመር ተጨማሪ ጓደኞችዎን መጋበዝዎን ይቀጥሉ። 🔗 ይህ የእርስዎ የሪፈራል ሊንክ ነው  https://t.me/BirrReferBot?start=r05730575214 ለጓደኛዎ ያጋሩ እና ገቢ ማግኘት ይጀምሩ።

Repost from Namummaa Qofaan
Namootni waan jedhan hin dhaban waan tahef isaan dhagadhu. Osoo konkolaataa diimaa bitee adii hin bitne sin jedhu. Daldala osoo  egaltee naaf hin qaxaramnee sin jedhu. Osoo haadha warraa fuutees tana miti jedhani sif filuuf yaaluu. Daldala baradha gaafa jettu lakkii kolleejjii seenii jedhuu. Namni hundi waan jedhu hin dhabuu. Nama hunda gammachisa yoo jette ni maraata. Waan jedhan dhageeffadhu, walii galiin, ittii seeqii. Sana booda waan gochuu qabdu ati raawwadhu. Telegram: Https://t.me/gorfami999

Yeroon keenya geenyaan Rabbiinis nuun fedhee Qe'ee barnootaa teenya OBU nuuf godhee Odaa Bultum dhufuun Waa hedduu naaf godhee Waahillaan qaqqaalii Hedduudhaan horadhee Hiriyoottan gaarii Wajjiiniin taphannu Ganamuu bariisaa Wal arguuf dheebonnu Kanneen Rabbiif jecha Haalaan wal jaalannu Kan bal'oof rakkoottis Wajjiiniin dhaabbannu Barumsa ammaayyaa Cinaatti diiniidhaas Daballee barannaa Nu martuu gamtaadhaan Karaa Rabbii irrattiis Hogguu wal jabeeysaa Hamtuurraa wal dhoorkinee Karaa toltuu wal yaasaa Bakka fokkuuf badiitti Akka namuun argamneef Harka qabnee wal dhoorkaa Dhaamsallee waliif dhaamnee Gaaddisa waliif taanee Akka maatii tokkootti Warri wajjiiniin turre Maatiiwwan doormii kootii Daree tokkotti barachaa Warreen waliin turre Barnootaaf qormaataas Waliin qaxxaamurree Amantii fi bifaan Osoo walin qoodne Sabaa fi saalaanis Wal qooduu lakkifnee Qabsoo barnootaatti Ilkaan ciniinnannee Obbolummaaf namoomaan Hunduu wal maxxanfannee Cinqaa fi rakkoo meeqa Waliin tarkaanfannee Qormaata jiru hunda Walumaan moohannee ~ Qe'ee barnoota keenyaa Yaa oomishtuu hayyootaa Qaroo meeqa oomishtee Biyyattiif laachaa jirtaa Nuuf jabaadhu ammallee Kan duriirra guddadhuu Dagaagii nuuf lalisii Addunyatti mul'adhu Hiriyoottan gaarii Wajjiiniin taphannu Ganamuu bariisaa Wal arguuf dheebonnu Koflaaf tapha keenya Isa wajjiin qooddannu Isa doormiif #Class tti Hogguu wal bohaarsinu Haasaa keessan bareedaa Kan rakkoon wal dagachiifnu Anoo hedduun yaadee Isiniin gargar turuuf Boqonnaan na dheerateen Dheebodhe isin agaruuf ✍️ Ararso Mohammed August 19, 2024