The Ethiopian Evangelical Church Mekane Yesus - EECMY
Ir al canal en Telegram
The Ethiopian Evangelical Church Mekane Yesus (EECMY) is a national Lutheran church with more than 10 million members.
Mostrar más3 358
Suscriptores
+324 horas
+107 días
+6230 días
Archivo de publicaciones
+1
የምሥራች ድምፅ የመገናኛ ዘደዎች አገልግሎት የየዕለቱ ጥቅሶች ከ1/10/2018 - 30/10/2018 ዘመነ የማርቆስ ወንጌላዊ
👉 Telegram:- https://t.me/YDRadio
👉 Our You tube :- https://www.youtube.com/@Yemisrachdimtsradio/videos
የኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ የምሥራች ድምፅ የመገናኛ ዘዴዎች አገልግሎት የስብሐት ለአምላክ 1ኛ የመዝሙር መጽሐፍት አዳዲስ መዝሙሮች ታክለውበት ተሻሽሎና ታርሞ ተዘጋጅቶ ለስርጭት መብቃቱ ተገልጿል፡፡
የመዝሙር መጽሐፍቶቹም በኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ የምሥራች ድምፅ የመገናኛ ዘዴ አገልግሎት በመካኒሳ፣ በአድዋ ድል መታሰቢያ ሙዚየም፣ በመገናኛ፣ በቦሌ፣ በቢሾፍቱ እና በአዳማ የንዋየ ቅዱሳት ማከፋፈያዎች ማግኘት እንደሚቻልም አገልግሎቱ አስታውቋል፡፡
ለተጨማሪ መረጃና በብዛት በሲኖዶስ፣ በሰበካ እና በማኀበራነ ምዕመናን ለማዘዝ ከዚህ በታች የሚገኙትን አድራሻዎች መጠቀም ይቻላል።
info@yemsrachdimth.org
0911454202
0911144165
Ibsi bal'aan haala yeroo irratti geggeessitoota Waldaa Kiristaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Itoophiyaatiin Afaan Oromootiin kenname guyyaa boruu irraa kaasee isiniif dhiyaachuu jalqaba.
Ibsa kanarratti kaayyoon, qabiyyeenii fi barbaachisummaan xalayaa eegumsa amantootaa (Pastoral letter) karaa pirezidaantii waldattiitiin darbe murtoo waldattii bu'uura taasifachuudhaan haala ifa ta'een irratti mar'atameera.
Dabalataan Sirna Waaqeffannaa guyyaa Dilbataa (Sanbata Guddaa) fi kan biroos ilaalchisee dhimmootni gaaffilee uuman garagaraa ka'anii mariin bal'aan hubannaa amantootaaf gargaaru taasifameera.
Karaa toora YouTube WKWWMYI argachuu dandeessu.
Ayyaannii fi Nagaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos Isiniif Haa Baay'atu. Horaa Bulaa!
https://youtube.com/@mekaneyesusofficial?si=qZYcSIBJjzEyxQgo
#ሙሉውን_ማብራሪያ_ነገ_በቤተ_ክርስቲያኒቱ_ዩትዩብ
ወቅታዊ ጉዳዮችን በተመለከተ የቤተ ክርስቲያን መሪዎች የሰጡት በሶስት ክፍል የተዘጋጀ ሰፊ ማብራሪያ ነገ ቅዳሜ ግንቦት 22 ቀን 2018 ዓ.ም ከማለዳው 4:00 ሰዓት ጀምሮ በቤተ ክርስቲያቱ የዩትዩብ(YouTube) አካውንት እንድከታተሉ ተጋብዛችኋል።
ሰብስክራይ እያደረጋችሁ ጠብቁን :- https://youtube.com/@mekaneyesusofficial?si=mywds9KJe_tAx42i
የኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ ማዕከላዊ ሲኖዶስ 31ኛ ጉባኤውን በስኬት አካሂዷል።
መቀመጫውን በምስራቅ ወለጋ ነቀም ከተማ ያደረገው የማዕከላዊ ሲኖዶስ 31ኛ መደበኛ ጉባኤውን ከሚያዝያ 14-16 ቀን 2018 ዓ.ም አካሂዷል።
ጉባኤው "... ፀንታችሁ ቁሙ..." 2ኛ ተሰ 2፥15 በሚል መሪ ቃል ለሶስት ተከታታይ ቀናት የተካሄደ ሲሆን መደበኛ ተግባራቶቹን አካሂዷል። በጉባኤውም የሲኖዶሱን የዓራት አመታት ጉዞን አስመልክቶ በመሪዎች መርኀ ንግግር እና ሪፖርቶች ቀርበዋል። ውሳኔ እና የትኩረት አቅጣጫ በሚፈልጉ ጉዳዮችም ላይ ውጤታማ ውይይቶች ተካሂደዋል።
ጉባኤውም ትኩረት ካደረገባቸው ጉዳዮች መካከል የሲኖዶሱ የወንጌል ማዳረስ ቅድሚ የተሰጠው ሲሆን በሰላም አስፈላጊነትና የምዕመናን አስተዋጽኦ ጉዳይ በስፋት ተመክሯል።
ለሲኖዶሱ የቃሉ እና ቅዱሳት ሚጥራት አገልግሎት እንዲያግዝ ለ34 አገልጋዮች የቅስና ሀላፊነት በቤተ ክርስቲያኒቱ ፕሬዝዳንት ቄስ ዶ/ር ዮናስ ይገዙ የቅስና ሀላፊነት በጉባኤው ማጠቃለያ ተሰጥቷል።
ለመጪ ዓራት ዓመታት ሲኖዶሱን በተለያዩ ሀላፊነቶች የሚመሩ መሪዎችን ጉባኤው መርጧል። በዚህም መሠረት፦
1. ቄስ ገመቹ አብዲሳ የሲኖዶስ ፕሬዚዳንት
2. ቄስ አብዲ ፍቃዱ ምክትል ፕሬዚዳንት እና
3. አቶ ተመስገን ኤጀታ አቃቤ ንዋይ ሆነው ተመርጠዋል።
በጉባኤውም ከፍተኛ የመንግሥት ተወካዮች፣ የአጎራባች ሲኖዶስ ፕሬዚዳንቶች እና ጥሪ የተደረገላቸው እንግዶች ተገኝተዋል።
📷 የሲኖዶሱ ሚድያ
Luba Dr. Yonaas Yiggazuu
Pirezedaantii Waldaa Kiristiyaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Itiyoophiyaa
Waan hundumaa caalaa immoo namni hundinuu karaa isaa isa hamaattii deebi’ee gaarummaa fi qajeelummaa qofaa filannoo isaa godhachuudhaan adeemsa isaa sirreeffachuutu barbaachisa; keessumatti immoo nu Kiristiyaanoonni ergamtoota qajeelummaa taanee argamuun dirqama amantii keenyaa ti.
Kanaaf amantootni ijoollee du’aa ka’uu ta’uu isaanii amanan hundinuu ergaa du’aa ka’uu labsaa, biyya keenya ishee jaallatamtuu kanaaf abdii mo’ichaa ta’uutu irraa eegama. Jibba jaalalatti, wal-shakkuu gara wal-amanuutti, jeequmsaa fi tasgabbii dhabuu gara nagaatti, diinummaa gara obbolummaatti, ofittummaa irraa gara waliif yaadutti gedderuudhaan tokkummaa hojiidhaan agarsiisuun tajaajila guutummaa amantootaa irraa eegamuu dha.
Kabajamtoota Sabaa fi Sab-lammoota Biyya Keenyaa Hundaaf:
Dhugaawwan armaan olitti ibsaman kana hundeeffachuun Waldaan Kiristiyaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Itiyoophiyaa waamicha isiniif gooti. Jibbiinsii fi wal irratti ka’uun haa dhaabatu! Wal dhiibuun haa ga’u! Sanyii fi afaaniin, qomoodhaan; akkasumas ilaalcha siyaasaatiin halloo wal irratti qabachuun hafee wal simachuun nuuf haa baayyatu; sababa kamiif iyyuu warri waliif galuu dadhaban gara mareetti haa deebi’an. Barri kun bara waanti hundumtuu mareedhaan furmaata argatu bara qaroominaa waan ta’eef wawarri waliif galuu dadhaban hundi gara waliin mariyachuutti haa deebi’an jennee waamicha dhiyeessina.
Yeroo Keessa Jirru Kanatti Wantoonni Xiyyeefanoo barbaadan danuu dha;
Akka Addunyaa Walii Galaatti;
Yeroo ammaa addunyaan kun balaa fi jeequmsa nam-tolchee fi uumamaan mudatan kessummeessaa jirti. Keessumattuu wal waraansi kallattii hin qabne biyyoota garaa garaa keessatti mudachaa jiru, qaala’iinsi jireenyaa, haalli qilleensaa gedderamuunii fi buqqa’iinsa uummataa mul’ataa jira. Kanaaf amantootni hundi rakkoolee kana irratti jabeessanii akka kadhataniif waamicha dhiyeessa.
Biyya Keenya Itiyoophiyaa Ilaalchisee;
Mootummaa naannoo Gambeellaa keessatti walitti bu’iinsa ta’een rakkoo guddaan uumamee jira
Naannoo Kibba Itiyoophiyaatti; keessumaa immoo zoonii Gaamoo keessatti sigiga lafaa dhiyeenya kana uumameen namoota miidhaman deebisanii ijaaruuf sochiin jalqabame jabaatee akka itti fufuu fi warra balaa kanaan maatii isaanii dhabanii gadda keessa jiraniif Waaqayyo jajjabina isaa akka kennuufiif kadhata keenyaan haa yaadannun isiniin jedha.
Karaa kan biraan immoo filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa ji’a itti aanu kana keessa geggeeffamu irratti amantootni damaqinaan akka hirmaattanii fi nagaadhaan akka xumuramuufis Waaqayyoon akka kadhattan jabeesseen isin gaafadha.
Dhuma irratti;
Amantootni hundumtuu; keessumatti immoo namootni rakkinaa fi qorumsa garaa garaa keessa darbaa jirtan hundi keessan; abdii du’aa ka’uutiin akka jajjabaattaniif isinan gorsa. Ayyaanni fannoo inni nuti gaafa Jimaataa ayyaanneffannu qorumsii fi adeemsi dukkana mo’ame; ifni abdii du’aa ka’uu akka dhufu amanuu akka dandeenyu nu godha.
Ayyaanni du’aa ka’uu inni gaafa Sanbata guddaa immoo Gooftaa inni du’aa ka’e akkuma gaafa sana galgala balballi cufamaan utuu isa hin daangessin warra adbii kutatanii cufatnii ta’an gidduu dhaabatee nagaaa kenneefii isaan jajjabeesse; hara’as mo’ichaan mul’atee warra gaddan jajjabeessee, warra hidhaa garaa garaa keessa jiran hiikee, hiyyeessotaa fi dhiphina garaa garaa keessa kan jiranitti sagalee misiraachoo waan labsuuf garaan keessan hin na’in abdii kanatti jajjabaadhaa.
Egaa ayyaanni du’aa ka’uu kan gammachuu, kan nagaa, kan jaalalaa fi kan waliif yaadauu akka isiniif ta’un isiniif hawwa. Ayyaana isa kana irratti haala isa durii irraa adda ta’een akka wal gargaartan, hiyyeessota bira akka dhaabattan, warra jireenyi itti ulfaate akka gargaartan, warra abdii kutataniif abdii akka taatan, warra gaddan akka jajjabeessitanii fi dhala namaa hundaaf gaarummaa akka mul’iftan isini yaadachiisa.
Tarii immoo sababa kamiin iyyuu wal-komee garaa garaa keessa kan jirtan garaa dhiifamaatiin wal barbaaddanii walitti haraaramuudhaan ayyaanicha gammachuudhaan akka ayyaaneffatan jedheen jaalala Gooftaatiin waamichan isiif godha.
Waaqayyo Isin Haa Eebbisu!
ERGAA BAGA GEESSANII PIREZEDAANTIIN WALDAA KIRISTIYAANAA WARRA WANGEELAA MAKAANA YESUUS ITIYOOPHIYAA AYYAANA DUA’A KA’UU ISA BARA 2018 ILAALCHISEE AMANTOOTOOAA FI SABAAFI SAB-LAMMOOTA BIYYATTITII HUNDUMAAF DABARSAN.
Maqaa Abbaatti; kan Ilmaatti; kan Hafuura Qulqulluutti; Waaqayyo Tokkoo, Ameen!
Nuyi Irra daddarbaa keenyaan karaa hafuuraa du’oo taanee utuma jirru, inni warra Kiristoosii wajjin jiraatan nu godhate; isin ayyaana Waaqayyootiin fayyifamtan (Efesoon 2:5)
Gooftaatti kan jaallatamtan Kiristiyaanootni, sabaa fi sab-lammootni biyya keenyaa, biyya keessaa fi biyya ambaa haala garaa garaa keessa jiraattanii ayyaana du’aa ka’uu fayyisaa keenya Gooftaa Yesuus ayyaaneffachaa jirtan hundumti keessan, Gooftaatti kan jaallatamtna amantootni Waldaa Kirisitiyaanaa Warra wangeelaa Makaana Yesuusii fi tajaajiltootni ishee hundumtuu;Waaqayyoo abbaan keenya araaraa fi gaarummaa isaatiin isin eegee baga ayyaana du’aa ka’uu Gooftaa isa bara 2018 tiin isin ga’e jedheen maqaa Waldaa Kiristiyaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Itiyoophiyaatii fi maqaa kootiin gammachuu koo isiniif ibsa.
Dhalli namaa abboomamuu diduu isaa irraan kan ka’e cubbuu fi yakka garaa garaa keessatti kufee bakka Waaqayyo jalqaba irratti isa kaa’e keessaa ba’uu isaa irraan kan ka’e ayyaana ittiin fuula Waaqayyoo dhaabatu dhabee biyya lafaa keessatti rakkinaa fi abaarsa jala galuu isaa irra iyyuu darbee du’a baraa baraa keessatti kufe.
Waaqayyo sanyii namaa isa cubbuutti kufe ofitti araarsuuf ilma isaa tokkicha kennuudhaan jaalala dhala namaa kanaaf qabu mul’ise; ilmi isaas amma du’aatti of kennuudhaan abboomamee qooda ilmaan namaa of kennuu isaa kan mul’isuu fi mallattoo guddina jaalala mirkaneessu fannoo irratti raawwatee; du’ee du’aa ka’uu isaa; Kiristiyaanonni yeroo hundumaa galataan yaadanna.
Keessumattuu Amantootni haala amma akka biyyaattis ta’e akka addunyaatti jiru kana keessa teenyee ayyaana du’aa ka’uu Waldoota Kiristiyaanaa keessatti, bakka ayyaanota garaa garaatii fi mana ofii keenyaa keessa teenyee yeroo ayyaaneffannu nuuf hiika guddaa qaba.
Yeroo ayyaana du’aa ka’uu kana maqaa ayyaanichaatiin waantoota baayeetu raawwatama; giddu galeessummaan Kiristoos inni dhoksaa du’aa ka’uu ta’e kassetti hin mul’atu taanaan garuu ayyaanichi hiika hin qabu. Kana jechuunis dhiphinni Kiristoos, du’uu fi du’aa ka’uun isaa bu’aa jaalalaa, dhiifamaa fi haraaraa ta’uun isaa amantiidhaan mirkanaa’ee dubbiidhaa fi gochaadhaan mul’ifameetu ayyaanni kun ayyaana du’aa ka’uu ijoollee Waaqayyoo ta’a jechuu dha.
Yeroo rakkisaa fi qorumsaa kana keessatti Waaqayyoo ijoolleen isaa jireenya du’aa ka’uutiin akka mul’atan barbaada. Yeroo jaalalli bade jibbi mo’u, yeroo gaarummaan dhibamee jal’inni hundee gadi fageeffatu, dhugaan haguugamee yeroo sobni iddoo qabatu ijoolleen Waaqayyoo warri jireenya du’aa ka’uu qaban mul’atanii jaalala, gaarummaa fi dhugaa qofaa mul’isuu qabu.
Gooftaatti Kan Jaallatamtan Kiristiyaanootni Hundumti Keessan;
Biyyi keenya Itiyoophiyaan Kiristiyaanoota Miliyoona heedduun lakka’amaniin kan eebbifamtee dha. Kana waan ta’ee fi immoo biyya qulqullootaa taatee mul’achuun irraan kan hafe faallaa kana taanaan beekamuu hin qabdu.
Nagaan ishee akka bishaanii, gaarummaan ishee akka burqaa yaa’ee gargar hin cinnee, qajeelummaan ishees akka galaanaa ta’ee biyyattii haguuguu qaba. Garuu immoo kun ta’uun utuu irra jiruu yeroo ammaa faallaa kanaatiin naannoowwan biyya keenyaa tokko tokko keessatti jeequmsaa fi tasgabbii dhabuun jiraachuu irra iyyuu darbee gochaawwan leyyaasisoon heedduun mul’achaa waan jiraniif burqaawwan rakkoolee kanaa amantootni qorachuu qabu.
Kiristiyaanootni akka warra Wangeela nagaa lallabanii fi ergamoota qajeelummaatti yeroo hawwaasa gidduu jiraatan itti gaafatamummaa hojii qajeelummaa fi ergama isaanii yeroo hundaa yaadachuutu isaaniif ta’a waan ta’eef kana gochuu qabu.
