cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegaciรณn. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Bultii Diin Islamaa ๐Ÿ’š

Gorsaa fi ergaawwan dhimma bultii diin islaamaa ijaarrachuutiin walqabatee argachuuf chaanaalii keenya join godhaa!!! Hiriyyoota keessanis affeeraa!! โœWaan isin dhibee gafachuuf yadaa yoo qabatan asiin nu qunamuu dandeysuu @QadAflaah15

Mostrar mรกs
Finlandia2 235El idioma no estรก especificadoReligiรณn y espiritualidad47 405
Publicaciones publicitarias
1 743
Suscriptores
Sin datos24 horas
Sin datos7 dรญas
+630 dรญas

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

Repost fromย KENNAA
Areeda Ifirraa Ciree Fatanaa Ajaaโ€™ibaa Keessa Seene โ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ข Nama Gammachiisuuf Jettee Rabbii Kee Hin Dallansiisin Shamarreen biyya Ameerikaa keessa jiraattu takka maatii ishee ziyaaruuf jecha gara biyya warra isheetti dhufte. Karaadhuma sanaan dargaggeessa iimaanaa fii akhlaaqa gaarii qabutti heerumuu akka barbaaddu adeera isheetti himuun nama gaarii barbaachifachuu eegalti. Adeeraan ishees bifa isatti himame irratti hundaa'uun dargaggeessa diinii isaa irratti jabaa dha jedhee yaadu eega yaadaa ture booda dargaggeessa masjiida keessatti beekuun tokko ofitti yaamuun yaada kana mari'achiise. Dargaggeessichi yaada eega dhageeffatee booda marhabaa jedhee fudhate. Abbeeraan shamarree kunis dargaggeessa kanaa fii mucayyoo walitti fidee walbarsiiseen. Mucayyoonis gurbicha yeroo dheeraaf eega haasofsiiftee booda gurbaa sirna qabuu fii bareedaa tahuu isaa barte jaalatteen. Guyyaa tokko maatii ishee biratti affeerraa laaqana qopheessitee gurbaa jaalatte kana manatti waamte. Eega laaqana nyaatanii xumuranii booda isa geggeessuuf jecha gurbaa wajji gara alatti gadi baate. Gurbaan areedni isaa sunnaa dha. Areeda dheeraa qaba. "Maashaa Allah" kan nama jechisiisuu dha. Isheenis areeda isaa kana ilaaltee akkana isaan jette. "Ani akkaataa fii haala kee hunda jaaladhee jira. Yeroo dhihoo keessattis nikaaha ni hidhanna. Haa tahuu garuu areedni kee kun jaarsa si fakkeessee jira." jetteen. Dargaggeessichis "kuni si hin yaachisin..." jechuun guyyaa itti aanu areeda isaa guutumaan guututti haadatee dhufe. Mucayyoonis gurbaa areeda isaa haaddatee dhufe kana ilaalteetiin ni dallante malee hin gammadne. Akkanas jetteen "Ati ajaja kootiif jettee ajaja Nabiyyii ๏ทบ kan diigduu gonkumaa jaarsa kan koo tahuu hin dandeessu!" Jechuun kophatti isa gattee biraa kutte. Allahu Akbar! Mee wollaahi dhugaa dubbachuuf meeqa keenyatu nama gammachiisuuf jecha ajaja Rabbii fii Ergamaa Rabbii ๏ทบ diigeetiin bira dabraa jira? Mannumti nu haa laakkawuu! Ilaalaa Xiinxallaa, Dargaggeessi kun sunnaa irraa tahee sunnaa irraa hin taane. Mucayyoo irraa tahee mucayyoo irraa hin taane. Bilaasha lafatti hafe. Rabbiin nu haa tiksu! Allahumma arinal haqqa haqqan warzuqnaa ittibaa'a, wa arinal baaxilaa baaxilan warzuqnaa ijtinaaba, Yaa Allah! Haqa haqa tahuu ishee nu beeksisi ishee hordofuu nu waffaqi, Yaa Allah! Baaxila baaxila tahuu ishee nu beeksisi ishee irraa of tiksuus nu waffaqi! Aamiin Yaa Rabbi! @Kennaapost @Kennaapost T.me/Kennaapost
Mostrar todo...
KENNAA

KENNAA Dhaloota Qubeetiif!! Walbarsiisaa wal bashannansiisuuf Chaanaalii keenyaaf miseensa tahaa!! Chaanaalii kana irraa๐Ÿ‘‡ ๐Ÿ‘‰DA'AWAA ๐Ÿ‘‰ODEEYFANNOO ๐Ÿ‘‰WALALOO ๐Ÿ‘‰ASOOSAMA ๐Ÿ‘‰SEENAA fi kkf argachuu dandeessu!! โœyaadaaf๐Ÿ‘‡ @AbdiiBiyyaa iraan nu biraan gahaa!!

๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž ๐Ÿ’ž#Biqiltuu_Kunuunsi_Tole๐Ÿ’ž ๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž #Asoosama gabaabaa โ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™ก โœby Abdul-Aziz Ahmedin โ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™ค @kennaapost @kennaapost Caaltuun dhalootaan godina wallaggaa bahaa magaalaa naqamteet. Maatiin ishee ilma dhiiraa waan hin qabneef Caaltuun akka ilma hangafaatti ilaalamti malee akka intalaattii miti. Caaltuun barnoota ammayyaa fi amantii islaamaatiinis akkaan cimtuu fi jabduu namaati. Bilchina sammuu kanas haadhaa fi abbaa ishee irraa waan dhaalte fakkaatti. Qormaanni dargaggummaa fi haalli jireenyaa, akkasumas dubartummaan gonkumaa ishee hin gufachiifne. Qaruuxummaa isii kanaaf abbaa fi haati ishee gahee leencaa taphatu..... Guutuu asoosama kanaa dubbisuuf linkii armaan gadii kana xuqi๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
Mostrar todo...
Jalqaba irraa dubbisuufโœ…
Kutaa 5ffaa ol
Audio isaa dhageeffachuufโ–ถ๏ธ
โšซ๏ธGuutuu isaa argachuufโœ”๏ธ
Repost fromย KENNAA
Bara bulchinsa keetii Nama taate dubartiin Erga Rabbiin si filee Kan qixxaatte dhiiratti Diin keetiin kabajamee Hiyyeessa qalbiin ciise Humna qabeessaa fi laafaa Situ wal nuuf qixxeesse!! Bakka bu'aa kee dhabnee Har'a Roorroon gubannaa Sabni qomoon wal-qoodee Wal-balleessaa jiraannaa!!! Rabbiin nuuf haa kennu Hogganaa akka kee Kan hamma danda'uun Hordofu faana kee Yaa Rabbi sin kadha Nuuf buusi nagaa kee Afaan wal taasisi Hunda Uumama kee Akkaanan jaaladha Ani ergamaa kee Irratti naaf buusi Nagaa fi Rahmata kee ุตู„ู‰ ุงู„ู„ู‡ ุนู„ูŠู‡ ูˆุณู„ู… โ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™ก Jum'aa Kheeyrii qabaadhaa!!! โœ@AbdiiBiyyaa @Kennaapost @Kennaapost T.me/Kennaapost
Mostrar todo...
KENNAA

KENNAA Dhaloota Qubeetiif!! Walbarsiisaa wal bashannansiisuuf Chaanaalii keenyaaf miseensa tahaa!! Chaanaalii kana irraa๐Ÿ‘‡ ๐Ÿ‘‰DA'AWAA ๐Ÿ‘‰ODEEYFANNOO ๐Ÿ‘‰WALALOO ๐Ÿ‘‰ASOOSAMA ๐Ÿ‘‰SEENAA fi kkf argachuu dandeessu!! โœyaadaaf๐Ÿ‘‡ @AbdiiBiyyaa iraan nu biraan gahaa!!

Repost fromย KENNAA
TAAJJABBII KOO โ—โ—โ—โ—โ—โ—โ—โ—โ—โ—โ—โ—โ—โ—โ—โ—โ— Dhimma Aalimmanii โ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™ก Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhu, Obboloota koo!!! Amantiin nuti hordofaa jirru tun amantii qajeelfamaa fi heerri isii guutuuti. Amantii nuti of biraa akka nutti tolee fi akka nutti fakkaatetti bocannee ittiin jiraannu osoo hin taane amantii Rabbiin nu uume akka nuuf ta'utti akka jireenya duniyaa gabaabduu kana ittiin jiraannuuf nuuf kennedha. Burqaan qajeelfamootaa fi heerotaa kunis Qur'aana . Itti aansuun kan Qur'aanaa nuuf ibsu immoo #Hadiisa ergamaa Allaah ti. Ergaa Allaah n karaa Ambiyoota isaa nu biraan gahe, dhaaltonni isaanii immoo Ulamoota. Kaayyoon Rabbiin ambiyoota nuuf ergeef waan nu miidhu hunda irraa nu dhoorkee, waan nu fayyadutti nu ajajuufi. Waan dhoorkamne dalaguun miidhaan isaa numa dhaqqaba, waan itti ajajamne yoo hojjennes kan itti milkaa'u numa. Waan Allaah n nuuf #Halaal godhe addunyaan guutuun irratti waliigalus #Haraam gochuu hin danda'an. Akkasuma waan Allaah n #Haraam nurratti godhes hammam jaalannus addunyaa guutuu hiriira itti baafnus halaal gochuu hin dandeenyu. Nuti gaheen keenya #Shari'aa akka nutti dhufetti hordofuudha malee #Edit gochuuf mirga tokko hin qabnu. Aalimman dhaaltota Aanbiyaati. Dhimma #Halaal fi #Haraam hunda ulamootatu nuuf ibsa. Nuti wallaaltonni waan nuuf hin galin isaantu adda nuuf baasa. #Fatwaan hojii aalimmaniiti. Aalimman waan Rabbiin isaan beeksise hawaasaaf ibsuun dirqama isaaniiti, anaa fi situ ajaja osoo hin taane Rabbiitu isaan ajaje. Aalimman ilma namaati, tarbiyaa diinii keeysatti tarii dogoggoruutu mala, waan diin irra hubatan akka hubatanitti si hubachiisu waan ta'eef yeroo tokko tokko karaarraa goruu malu. Haa ta'u garuu isaan gara lachuuttuu milkaa'oodha. Yoo haqa qunnaman hojii kheeyrii hawaasa barsiisaniin hamma hawaasni sun hojii kheeyrii sana hojjetuun mindeeffamu. Yoo haqa irraa sigigaatanis ta'aabbii haqa argachuuf taasisaniin mindeeffamu. Kana kan arguu fi sirreessu immoo anaa fi si warra beekuu caalaa beekamuuf social media kanarraa daqiiqaa fi sekenditti suura jijijjiiru osoo hin taane #Aalimman sadarkaa diiniitiin fagaatanidha. Beekaan bakka dogoggoraatii fi akka itti dogoggora sirreessu beeka. Kanarraa kan hafe social media kanarraa akka nama #Aalimman caalaa hawaasa kanaaf quuqama qabuutti ajandaa uummattanii warri baay'ina hordoftootaa argachuuf #Foon aalimmanii nyaachaa ooltan dhuguma kasaaraa keessa jirtu. Akkuma wal-irra dubbii bareechinuun, akkuma wal-irra jechoota fayyadamnuun #Aalimmanitti xiyyeeffachuun kufaatiidha. Dhuguma dubbachuuf #Eenyumtuu Aalimman caalaa hawaasa hin jaalatu. Baay'een har'a sumunii social media tanaaf jecha namoota gurguddaa hawaasni hordofu fayyadamtanii beekamuuf ariifattan isin dhumti keessan hin bareedu. Garuu warri duula warra sumunii isaaniitiif jecha qabsaa'anii kana dhugaa seetanii isaanii wajjiin #Aalimman irratti duultan Rabbiin hubannaa diinii isiniif haa kennu. Maaliyyuu yoo ta'e ollaa wajjiin mana keessan hin diiginaa!. Rabbiin warra haqa beekee hordofu, warra sharrii beekee irraa of eegu nu haa taasisu!! Kanumaaf as baanee, Nu ofkolchaa!!! @AbdiiBiyyaa โœ๏ธAbdul-Aziz Ahmedin @Kennaapost @Kennaapost T.me/Kennaapost
Mostrar todo...
KENNAA

KENNAA Dhaloota Qubeetiif!! Walbarsiisaa wal bashannansiisuuf Chaanaalii keenyaaf miseensa tahaa!! Chaanaalii kana irraa๐Ÿ‘‡ ๐Ÿ‘‰DA'AWAA ๐Ÿ‘‰ODEEYFANNOO ๐Ÿ‘‰WALALOO ๐Ÿ‘‰ASOOSAMA ๐Ÿ‘‰SEENAA fi kkf argachuu dandeessu!! โœyaadaaf๐Ÿ‘‡ @AbdiiBiyyaa iraan nu biraan gahaa!!

Repost fromย KENNAA
Yaa Muhammad, Yaa Muhammad .... #Guyyaa tokko Namicha tokkootu Yaa Muhammad, Yaa Muhammad, Yaa Muhammad jechaa iyyuun gara Ergamaa Rabbii ๏ทบ dhufe. Sahaabonni akka sagalee isaa gadi xiqqeessu itti himanis dideetuma yaamiinsa isaa itti fufe. Ergamaan Rabbii ๏ทบ maal akka barbaade gaafachuuf gara alaatti bahanii Maal haajamte? jedhaanii gaafatan. Namichaanis; " Waa'ee Guyyaa dhumaa (Guyyaa qiyaamaa) akka naa himtu barbaadeeti " jedheen. Ergamaan Rabbii ๏ทบ; Guyyaa qiyaamaatif maal qopheessitee na gaafatta? Jedhanii gaafatan. Namtichaanis; Jaalala RABBII fi Ergamaa ๏ทบ isaa malee waan tokkollee hin qopheessine" jedheen. Yaroo kana deebii dinqisiisaa sahaboota ajaa'ibsiise deebisanif. Ergamaan Rabbii ๏ทบ; Guyyaa Qiyaamaa Rabbiin warra jaalattu wajjiin si kaasa" jedhaniin. Nutii hoo mee of haa gaafannu !! Guyyaa boruu Aakiraaf maal qopheeffanne? Jaalaltii RABBII fi Ergamaa isaa Nabi Muhammadiif ๏ทบ qabnu hagami? Yaa Rabbi ! Warraa Guyyaa Qiyaamaa Ergamaa Rabbii Nabi Muhammad ๏ทบ Wajjiin Jannata Seenu Nu tasisii. ุตู„ูˆุงุช ุฑุจูŠ ูˆุณู„ุงู…ู‡ ุนู„ูŠู‡ ๐Ÿ’” @Kennaapost @Kennaapost T.me/Kennaapost
Mostrar todo...
KENNAA

KENNAA Dhaloota Qubeetiif!! Walbarsiisaa wal bashannansiisuuf Chaanaalii keenyaaf miseensa tahaa!! Chaanaalii kana irraa๐Ÿ‘‡ ๐Ÿ‘‰DA'AWAA ๐Ÿ‘‰ODEEYFANNOO ๐Ÿ‘‰WALALOO ๐Ÿ‘‰ASOOSAMA ๐Ÿ‘‰SEENAA fi kkf argachuu dandeessu!! โœyaadaaf๐Ÿ‘‡ @AbdiiBiyyaa iraan nu biraan gahaa!!

Repost fromย KENNAA
Kotuu hadubifnuu.... Nabi Muhammad (SAW).. 1. Waa hunda caalaa soba jibbuu ture. 2. Osoo hin du'in dura, Dubartii fi salaata dhaammate.. 3. Yaroo fincaanuuf deemu iddoo namni isatti hin dhihaanne dhaqa, hanga dachitti gad dhihaatu tti uffata isaa firraa hin banu ture. 4. Dubartii caalaadha qaanfata. Yaroo karaarra deemu fuula isaa dura malee bitaa fi mirga hin laalu.. 5. Yaroo mana isaa ol seenu cufa, suwaaka (rigaa) afaan isaaniirra hin dhabamu. 6. Yaroo rafuuf deemu, harka mirgaa, mallaa mirgaa jala kaayeeti rafa.. 7. Erga salaata ishaa'ii salaate booda taa'ee haasawuu, osoo salaata ishaa'ii hin salaatin rafuu, hin jaalatu. 8. Irra gaarii namaati ture. Namni waa isa kadhatee isa biraa dhabee hin galu. 9. Irra jeeyna namaati. Takkaa lolarraa dheeysee hin beeku. Lola keysatti namni isaanitti qixxaawu hin jiru. 10. Areedni isaa tuuttee (guddaa) dha. Namni dingatatti isaan agare, nirifata. 11. Daa'ima haalaan jaalata. Yaroo daa'ima agare ol fuudheeti dhudhungata. 12. Torbee takka keysatti guyyaa 2 (kamisaa fi isniina) soomanuu hin dhiisu. 13. Salaata halkanii/leeylii lakkisee hin beeku. Yaroo dhukkubsate taa'eeti salaata. 14. Dhukkubsataa gaafachuun aadaa isaati ture. 15. Ofiifiis tahee, yaroo namni dhukkubsate mu'awwizaata qara'uu ture. Seenaa ergamaa keysanii SHARE godhuu hin dagatinaa Jzk.. Salawaatu Rabbii wasalaamuhuu Aleeyhi yaa Rasuula Allaahโค๏ธ @Kennaapost @Kennaapost T.me/Kennaapost
Mostrar todo...
KENNAA

KENNAA Dhaloota Qubeetiif!! Walbarsiisaa wal bashannansiisuuf Chaanaalii keenyaaf miseensa tahaa!! Chaanaalii kana irraa๐Ÿ‘‡ ๐Ÿ‘‰DA'AWAA ๐Ÿ‘‰ODEEYFANNOO ๐Ÿ‘‰WALALOO ๐Ÿ‘‰ASOOSAMA ๐Ÿ‘‰SEENAA fi kkf argachuu dandeessu!! โœyaadaaf๐Ÿ‘‡ @AbdiiBiyyaa iraan nu biraan gahaa!!

As wr wb waroni baranootaa barachu Barbadian lakk asi gadhi kanani nuqunama baranootaa barachuu Barbadian kamuu argachuu dadesuuu   Baranooni kaan baratamuu zoom iraa โ™คโ™ก +96556695260 +966597691844 +251 96 019 9217 +971562864665 https://chat.whatsapp.com/EfDUj41NRX7FyV3qaHxrsl
Mostrar todo...
G/Gaalmee harayaa

WhatsApp Group Invite

Repost fromย KENNAA
IRREECHAA FI ISLAAMUMMAA รทรทรทรทรทรทรทรทรทรทรทรทรทรทรทรทรทรทรทรทรทรทรทรทรท โœ๏ธ Abdul-Aziiz Ahmeddiin Kutaa 1ffaa Assalaamu Aleeykum warahmatullaahi Wabarakaatuhuu!! Kabajamtootaa fi jaalatamtoota ummata Oromoo kanneen amantaa Islaamaa hordoftan hundaaf. Akkuma beekamu amantiin islaamaa amantii heeraa fi seera Mataa isaa qabudha. Amantiin waaqeeffannaas akkasuma. Oromummaan immoo dhiiga keenyadha. Oromummaan keenya kennaa badhaasa Rabbii keenyaati. Saba bal'aa seenaa fi aadaa boonsaa qabu kana keessaa dhalachuu keenyaaf farfamaan Rabbii tokkicha carraa kana nuuf kenneef haata'u. Sababni isaa fedha Rabbii keenyaatiini malee ofii keenyaaf miti kan Oromoo taanee dhalanne. Haata'u garuu Saba kana keessaa dhalannus ammas fedha Rabbiitiin amantii tokkicha isa Dhugaa daandii milkii, karaa jannataa kan ta'e islaamummaa qabannee Jirra. Bakki amantii keenyaas mana Rabbii kan ta'e masjidattidha malee tulluu irra ykn qarqara bishaanii malkaa malkaa miti. Gabbartiin nuti Rabbii keenya gabbarrus waggaatti yeroo Lama ykn sadi osoo hin taane jireenyumti keenyayyuu Rabbii keenyaafidha. Rabbiin nuti gabbarrus Rabbii uumaa waan uumama ta'e hundaati. Rabbiin kunis uumaa Haawaa fi Aadam irraa kaasee hamma anaa fi sihi harraatti uumaa jiruuti malee waaqa uumaa saba tokkootii miti. Rabbiin keenya kunis waan hanqina jedhame hunda irraa qulqulluudha. Uumama keessaa wanti isa fakkaatu tokkolleen hin jiru. Halluun Isaas Diimaa,Adii,Gurraacha, fi kkf jedhamee hin ibsamu. Walumaagalatti aadaawwanii fi duudhaaleen Ummanni oromoo qabu kanneen amantii islaamaatiin walitti hin buune hunduu nuuf heyyamamoodha .Faallaa kanaatiin immoo wantoonni ayyaana #IRREECHAA tiin walqabatan hundi isaaniituu amantaa waaqeeffannaati. Dhugaa dubbachuuf amantiin dhugaa tokkoo fi tokko qofa. Innis amantii islaamummaa. Namni amantii kana malee amantii biraa barbaade dhugaa Kafaree jira. Sababni isaa Irreechi SHIRKII waan ta'eef. Maarree erga dubbiin akkana ta'ee namoonni baayyeen maqaa islaamaa qabatanii maaliif irreecha irratti hirmaatuu? Namoonni hedduun ilaalchota lamaan liqimfamanii guyyaa irreechaa irreecha irratti hirmaatu. 1. WALLAALA(HUBANNOO DHABA) A, Namoonni baayyeen amantiin isaan hordofaa jiran, maal akka ta'e, maal maal akka mormu, maal maal akka heyyamu, hubannoo humaatuu hin qaban. Sababbiidhuma kanaaf irra hedduun qeerroo fi qarree ISLAAMAA Kan jam'aa fii jum'aa irrattuu hin hirmaanne gaafa irreechi gahe dibbee tumaa fiigan. B, Namoonni muraasni immoo yaada sabummaan(sabboonummaan) liqimfamanii irreechaa fi oromummaa wal qixxeesu. Akka yaada warra kanaatti Oromummaan namaa tokkoo yoo marga qabatee dirree irreechaa dhaabbate qofaadha. Akkuma hundi keenya beeknu Oromummaan dhiigadha malee gad-xiqqeessinee yoo irreechaa wajjiin wal-qixxeessine dogongora guddaadha. Irreechi duudhaa ummanni Oromoo qabu kumaatama keessaa tokkodha malee murteessaa ykn mallattoo Oromoo ta'uu fi dhiisuutii miti. Garuu nama amantii waaqeeffannaa hordofuuf irreeffachuun dirqama taha.Nama amantii biraa hordofuuf hin heyyamamu, sababni isaa manni amantii tokkoo kanuma amantichaati malee namni barbaade akka barbaadetti dhaqee borcuu hin qabu ture. Kana kan mormachuu qabu silaa warruma waaqeeffattootaa ture.Garuu isaanis akka waan hanqina hirmaataa qabanii Sobanii kan hunda keenyaati jechuun nama sabakuu malee waanuma kanaatuu hin qaban. Kutaa itti aanu dubbisuuf linkii kanaa Gad jiru xuqaa ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ @Kennaapost @Kennaapost T.me/Kennaapost
Mostrar todo...
KENNAA

KENNAA Dhaloota Qubeetiif!! Walbarsiisaa wal bashannansiisuuf Chaanaalii keenyaaf miseensa tahaa!! Chaanaalii kana irraa๐Ÿ‘‡ ๐Ÿ‘‰DA'AWAA ๐Ÿ‘‰ODEEYFANNOO ๐Ÿ‘‰WALALOO ๐Ÿ‘‰ASOOSAMA ๐Ÿ‘‰SEENAA fi kkf argachuu dandeessu!! โœyaadaaf๐Ÿ‘‡ @AbdiiBiyyaa iraan nu biraan gahaa!!

Repost fromย KENNAA
Maal mudate dhaloonni!!! ยคยคยคยคยคยคยคยคยคยคยคยคยคยคยคยค Miila soofaarra kaa'ee Suuqiin jiraa odeessaa Hoteelaan jira jedhee Manaa shiroo bukeessa Kan reef hirribaa ka'u Dhufee na eegi jedha Adaamaa buna dhugaa Naqamteen jira jedhaa Isa kamiin fudhannu Jecha kamtu dhugaadhaa!!!? Akka waan albee qara Morma isaarra kaa'anii Hin sobin oolta taanaan Si qal*la ittiin jedhanii!!! Dhalli namaa hundumtuu Sobaatii wal sobsiisaa Lafa dhaqxan hundattuu Kijiba wal barsiisaa Namni tokko kijibe Dhibba caala mindaan isaa!! Akka waan jedhamee Manni amantaa hunduu Kanuma biyya gorsuu Hayyuu fi barsiisanis Soba biyya barsiisuu?? Maal taate yaa nama koo Maaf soba qofa taataa?? Sobaan barii ol kaatee Maaf sobaan dhiisifatta? Dhugaa qofa dubbattu Mindaatu sirraa citaa??? โœ@AbdiiBiyyaa @Kennaapost @Kennaapost T.me/Kennaapost
Mostrar todo...
KENNAA

KENNAA Dhaloota Qubeetiif!! Walbarsiisaa wal bashannansiisuuf Chaanaalii keenyaaf miseensa tahaa!! Chaanaalii kana irraa๐Ÿ‘‡ ๐Ÿ‘‰DA'AWAA ๐Ÿ‘‰ODEEYFANNOO ๐Ÿ‘‰WALALOO ๐Ÿ‘‰ASOOSAMA ๐Ÿ‘‰SEENAA fi kkf argachuu dandeessu!! โœyaadaaf๐Ÿ‘‡ @AbdiiBiyyaa iraan nu biraan gahaa!!

Repost fromย KENNAA
MAALUMMAA TAWHIIDAA ____ Tawhiida jechuun;- Rabbiin (s.w) argamaa ta'uu isaa, Gooftummaa (Rubuubiyyaa) fi Gabbaramaa (Uluuhiyyaa) kophaa ta'uu isaa amanuudha. Akkasumas maqaa isaatii fi amala ykn sifa isaa hundatti amanuudha. Towhiinni bantuu ganda Nagayaati, shirkii irraa nama qulqulleessiti. Ibidarraa walaba nama baafti. Hiikni Toowhidaa; Mootuma Rabbii keessatti qaama biroo odoo isatti hin xindeessin, Uumaa uumamtoota hundaa ta'uusaa, Gabbaramaa ta'uusaa, akkasumas, Maqaa fi Sifa isaan malu qabaachuu isaatiin isuma qofa kophaa baasanii gabbaruu jechuu dha. Gabbartiin dhugaa kan Allaaha qofa. Kaayyoon Ambiyoonni hundi ergamaniifis isuma kana. Qur'aanni akkana jedheera: ู‚ุงู„ ุงู„ู„ู‡ ุชุนุงู„ู‰: {ูˆูŽู…ูŽุง ุฃูŽุฑู’ุณูŽู„ู’ู†ูŽุง ู…ูู†ู’ ู‚ูŽุจู’ู„ููƒูŽ ู…ูู†ู’ ุฑูŽุณููˆู„ู ุฅูู„ูŽู‘ุง ู†ููˆุญููŠ ุฅูู„ูŽูŠู’ู‡ู ุฃูŽู†ูŽู‘ู‡ู ู„ูŽุง ุฅูู„ูŽู‡ูŽ ุฅูู„ูŽู‘ุง ุฃูŽู†ูŽุง ููŽุงุนู’ุจูุฏููˆู†ู}(ุงู„ุฃู†ุจูŠุงุก:25)ุŒ (Yaa Muhammad!) Si dura ergamaa irraa tokkoyyuu โ€œAna malee dhugaan gabbaramaan hin jiru; kanaafuu Ana (qofa) gabbaraaโ€ jechuun wahyii gara isaatti buufnu malee hin ergine. (Suuraa Anbiyaa'a 21:25) .Rabbiin ilmaan namaa hunda akka isatti amananii fi isa qofa gabbaraniif uume. Uumamni hunda ilmaan namaa amantaa isa sirrii irratti dhalatan. (Yaa Muhammad!) karaa haqaatti dabuun fuula kee diiniif sirreessi. Uumaa Rabbii ishee inni irratti nama uumes (qabadhaa). Uumaa Rabbii jijjiiruun hin jiru. Santu amantii qajeelaadha. Garuu irra hedduun namootaa hin beekanu. (Suuraa Arruum 30:30) "Hadiisa Abuu Hureeyraa (Rabbiin isarraa haa jaalatuu) irraa odeeffame kessatti, ergamaan Rabbii (s.a.w) akkana jedhan: (โ€œDhalataan hunduu yeroo dhalatu, Islaamummaa irratti dhalata. Abbaa fi haadha isaaniituu isaan yahuudomsa yookaan kiristaanomsa, yookaan immoo warra ibidda gabbaru isaan taasisa.) (Sahiih bukaarii,4775,Musliim,2658) .Tawhiida wajjiin malee Islaamummaan hin jirtu. Salaannis Xahaaraa ykn qulqullina wajjiin malee fudhatama hin qabdu. Kanaafuu, Tawhiida qabachuun ijoo ykn bu'uura amantaati. Tawhiida malee jiraachuu fi amantaa Malee jiraachuun garaa garummaa homaatuu hin qabu. Namni Tawhiida hin qabne Islaamummaa maqaa malee hin qabu. @Kennaapost @Kennaapost T.me/Kennaapost
Mostrar todo...
KENNAA

KENNAA Dhaloota Qubeetiif!! Walbarsiisaa wal bashannansiisuuf Chaanaalii keenyaaf miseensa tahaa!! Chaanaalii kana irraa๐Ÿ‘‡ ๐Ÿ‘‰DA'AWAA ๐Ÿ‘‰ODEEYFANNOO ๐Ÿ‘‰WALALOO ๐Ÿ‘‰ASOOSAMA ๐Ÿ‘‰SEENAA fi kkf argachuu dandeessu!! โœyaadaaf๐Ÿ‘‡ @AbdiiBiyyaa iraan nu biraan gahaa!!

Elige un Plan Diferente

Tu plan actual sรณlo permite el anรกlisis de 5 canales. Para obtener mรกs, elige otro plan.