cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Addis Standard Afaan Oromoo

Mostrar más
Etiopía1 459El idioma no está especificadoEducación10 426
Publicaciones publicitarias
14 572
Suscriptores
+10524 horas
+1 2637 días
+2 86730 días
Distribuciones de tiempo de publicación

Carga de datos en curso...

Find out who reads your channel

This graph will show you who besides your subscribers reads your channel and learn about other sources of traffic.
Views Sources
Análisis de publicación
MensajesVistas
Acciones
Ver dinámicas
01
Oduu: Buqqaatota Lixa #Tigraay gara qe’ee isaanitti deebisuuf gama mootummaa federaalarraa sochiin godhamaa hin jiru - Lt. Janaraal Taaddasaa Warrade Pireezidaantii Itti Aanaa Bulchiinsa Yeroo Tigraay Letanaant Janaraal Taaddasaa Warrade, bulchiinsi yeroo Tigraay namoota sababa waraanaan Lixa Tigraay irraa buqqa’an gara qe’ee isaanitti deebisuuf qophii xumuruus, “gama mootummaa federaalarraa tarkaanfiin qabatamaa fudhatamaa hin jiru” jedhan. Ibsa isaaniin naannawaa Raayyaa Kibbaatti gama mootummaa federaalaa irraa harkifannaa akka mul’atu kan eeran Lt. Janaraal Taaddasaa, harkifannaan kunis bulchiinsi naannichaa tarkaanfii itti aanu akka hin fudhanne danqaa itti ta'uu dubbatan. Gama biraatin, rakkoon buqqaatota Lixa Tigraay hanga ganna dhufutti akka furamuufis hojjechaa jiraachuu ibsan. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=3976
3620Loading...
02
Oduu: Injinar Ayishaa Mohaammad irra deebiin Ministira Ittisaa ta’uun muudaman Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad har’a Caamsaa 12, 2016 muudamoota garaagaraa kennaniiru. Haaluma kanaan; - Ministira Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii kan turan Injinar Ayishaa Mahaammad Caamsaa 13 eegalee Ministira Raayyaa Ittisaa, - Ministira Ittisaa kan turan Abrahaam Balaay - Ministira Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii, - Akkasumas Mahaammad Idiriis Sadarkaa Ministir Deetaatti Itti Gaafatamaa Giddugala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Dimookiraasii ta’uun muudamaniiru.
1 0394Loading...
03
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balallii gara #Naqamtee eegaluufi Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Waxabajjii 10 bara 2016 eegalee torbetti guyyaa 4 balallii gara godina Wallagga Bahaa, magaalaa Naqamteetti akka taasisu beeksise. Dhimma kana ilaalchisee daandiin qilleensichi xalayaa yuunivarsiitii Wallaggaatti ergeen, ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Naqamtee waggootaaf sababa rakkoo nageenyaan addaan citee ture deebi’ee eegaluun gara xumurarra jiraachuu ibseera. Ijaarsi Buufata Xiyyaarichaa xumuramee Caamsaa 24 balalii yaalii, Waxabajjii 10 ammoo balalii idilee akka eegalu yuunivarsitichi gahee isarraa eegamu akka bahatu waamicha dhiyeesseera. Bara 2010 ALI kan eegalameefi birrii biiliyoona 1.3n ijaaramaa kan jiru Buufata Xiyyaaraa Naqamtee ijaarsisaa dhibbeentaa 95 gahuu FBCn hojii raawwachiisaa piroojektichaa Injinar Wandimmuu Waagaaw wabeeffachuun gabaasuu ni yaadatama.
1 5834Loading...
04
Pireezidaantiin #Iraan Ibraahiim Raayis balaa Heliikoptaraa mudateen lubbuun darban Pireezidaantii Iraan Ibraahiim Raayis, Ministirri Dhimma Alaa biyyattii Hoseen Amiir Abdoolaahiyaan, Imaama Masjiida Ayaatoolahii Al Raashiimii fi Bulchaa Baha #Azaarbaajaan Maaleek Raaahi Saayisaafaruu balaa Heliikoptaraa mudateen lubbuun darbuu ibsameera. Balaa guyyaa kaleessaa Heliikoptara waraanaa aanga'oota kanneen feetee imala turterra mudateen lubbuun isaanii darbuu mirkanaa'uu miidiyaan mootummaa biyyattii gabaaseera. Akkasumas namoonni biraa isaan waliin turan balaa helikooptaraa Kaaba Dhiha Iraan keessatti mudateen du’uun isaanii mirkanaa’eera. Sababni balaa helikooptara Iraan ammallee sirriitti hin baramne.
1 9393Loading...
05
Oduu: Ganna baranaatti bokkaan ulfaataa akka eegamu raagni miiteeriyoolojii agarsiise Ganna baranaatti bokkaan hamma eegamuu ol kan roobu ta’uu raagni miitteriiyoolojii agarsiisuu instituutiin miiteeriyoolojii beeksise. Instituutichatti daayreektara itti aanaa raaga haala qilleensaa kan ta'an Asaamminoo Tashoomaa (PhD) akka jedhanitti, ganna barana dhufaa jiru kanatti iddoolee tokko tokkotti rooba hanga eegamuu ol kan roobu ta’a. Kutaalee kaabalixa, kaababahafi kibbalixa biyyattiitti bokkaan hamma baramee ol kan roobu ta’uu eeraniiru. Akkasumas, ji’oota Adooleesaafi hagayya keessa hammi bokkaa roobu kan baratamee ol akka ta’uu dubbataniiru. Bokkaan baranaa kutaa kibbalixa biyyattiitti bokkaan dursee kan eegalu yoo ta’u ji’a walakkaa Fulbaanaa booda hammi roobaa kan hir’atu ta’uuu ibsaniru. Kutaaleen Kibbabahaa garuu darbee darbee rooba ni argatus jedhameera. AS
3 4122Loading...
06
Oduu: Raayyaafi Alamaaxaatti tajaajilli bu’uuraa addaa cituun himame Naannawa magaalota #Raayyaafi #Alamaaxaa keessatti tajaajila bu’uuraa hawaasaa kan akka barnootaafi fayyaa addaan cituu hordofee hawaasni naannichaa rakkachuu aanga’oonni naannichaa himan. Hospitaalli magaala Alamaaxaatti argamu ji’a tokkoo oliif tajaajila addaan kutee turuun walqabtee lubbuun namota 11 darbuu kantiibaan magaalattii Obbo Hayiluu Abarraa VOA’tti himaniiru. Namoota lubbuun darbe keessa saddeet daa’immaniifi haaadholii ta’uu eeraniiru. Akkasumas manneen barnootaa 123 naanichatti argaman hojii baruufi barsiisuu addaan kutuun barattoonni 42,000 ol ta’an barnota dhaabuun ibsameera. Barattoota kanneen keessa 900 kan ta’an qormaata biyyaaleessaa kan fudhatan garuu Yuunivarsitii #Waldiyaatti barnootasaanii hordofaa jiru jedhameera. AS
3 2211Loading...
07
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa tarminaala imaltoota biyya keessaa eebbisiise Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Tarminaala keessummeessa imaltoota biyya keessaa Doolaaraa miiliyoona 50 haaromsaa fi hojii babal’isuu gaggeessaa ture eebbisiiseera. Tarminaalichi Ministirri Ministeera Turiziimii Ambaasaaddar Naasisee Caalii, Ministir Deetaan Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Barahoon Hasan dabalatee bakka hoggantoonni mootummaa olaanaan biroo argamanitti eebbifameera. Dhaabbanni Ijaarsaa Chaayinaa ‘CCCC’ jedhamu hojii haaromsaa fi babal’isuu kana raawwachuu eerameera. Tarminaalli kun hojii eegaluun isaa tajaajila dhaabbatichi kennu caalmaatti si’ataa taasiisuuf qooda olaanaa qabaachuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Masfin Xaasaw eeraniiru. Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Iddoolee ga'umsaa 22 biyyaa keessaa qabaachuu fi guyyaan balalliiwwan biyya keessaa 200 ol taasiisaa jiraachuu kaasaniiru.
2 8441Loading...
08
Gulaallii: #Itoophiyaan yaaddoon otuma jiruu Haqa Cehumsaa hojiirra oolchuuf tattaaffachuun ishee daandii haqaa fi araara dhugaa ni danqa. Irra deebiin haa ilaalamu! Yaaliin Itoophiyaan namoota hokkora siyaasaan hubamaniif haqa ce’umsaa, araaraafi itti gafatamummaa mirkaneessuuf taasisftu sadarkaa murteessaarra gaheera. Torban muraasa dura manni maree ministeerootaa imaammata haqaa ce’umsaa biyyoolessaa raggaasisuun isaa tarkaanfii murteessa fudhachuu agarsiisa. Haa ta’u malee, kaayyoon imaammata kana bocuun barbaachiseef hawaasa addunyaa ittiin sossobuuf malee haqa dhugaa mirkaneessuuf miti sodaan jedhu akka qaban ogeeyyiin yaada dhiyeessu. Hirmaannaan Ministeera Haqaa kan qaama hojii raawwachiiftuu ta’e ogeeyyii imaammata kana qopheessan filachuurraa kaasee hoogganuun rakkoo jalqabaa ture. Kunis hoggantoonni paartilee siyaasaa mormitoota gurguddoo hedduu walgahii marii Amajjii 10 bara kana gaggeeffame keessaa akka bahaniif kana booda adeemsa kana akka morman taasiseera. Yaaddoon hammatamummaa fi amanamummaa jiraachuu eeruun mootummaan bu’uura haqaa ce’umsaa akka carraa faayidaa siyaasaatti fayyadamuu fi hawaasa idiladdunyaa biratti fudhatama argachuuf yaaluu dhiisee nagaa fi araara biyyaalessaa dursa akka kennu dhaaman. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=3969
3 5082Loading...
09
Oduu: Luba Balaay Makonnind dabalatee namoota 5 irratti himanni “waliin dhauu” baname Miseensa Mana Lubummaa Waliigalaa Ortodooksii Tawaahidoo kan ta’an Luba Balaay Makonniniifi namoota biroo shan irratti yakka “waliin dhahuutiin” himanni irratti baname. Maqaan namoota luba Balaay waliin himanni irratti banamee 2ffaa Iyyaasuu Indaalee, 3ffaa hojjataa Faddaalaa Barakat Mulaatuu Jaafar, 4ffaa Alamganaa Saamu’eelfi Hojigaggeessaa Waldaa Aksiyoona Dhuunfaa Nimoonaa Obbo Abarraa Margaa ti. Obbo Alamganaa Saamu’eelfi Obbo Abarraa too’annoo poolisii jala hin oolfamne. Namoonni kunneen nagahee kafaltii sobaa qopheessuun maallaqa kaan dabarfachuuf yaalaniiru. Himatamaan shanaffaa Abarraa Margaa meeshaalee ijaarsa dhiyeessuun jechuun maallaqa dolaara miliyoona 1 ol gaafatera. Himanni namoota kanneen barreeffamaan dubbifamuun murteen akka kennamuuf guyyaa biraatti beellamni qabameera. AS
3 3822Loading...
10
Oduu: #Itoophiyaan ibsi Ambaasaaddarri #Ameerikaa laatan ‘dogoggora kan qabu’ fi ‘odeeffannoo gahaarratti kan hin hundoofne’' jechuun qeeqxe Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa imaammata Ambaasaadarri Ameerikaa Erviin Masiingaa kaleessa kennaniin ''dogoggora'' fi ''odeeffannoo gahaarratti kan hin hundoofne'' jechuun qeeqeera. Kana malees, “faallaa hariiroo seena qabeessaa biyyoota lameenii” jechuun ibse. Ministeerri Dhimma Alaa ibsa baaseen, haasaan ambaasaaddarichi “haala mootummaan Itoophiyaa dhimmoota biyyattii itti gaggeessuu qabu irratti gorsa hin gaafatamne kan hammateedha,” jedhe. Ambaasaaddar Maasingaan ibsa kaleessa laataniin, mootummaan Itoophiyaa dhimmoota siyaasaa walxaxaa ta’an furuuf mala nageenya irratti xiyyeeffate akka hordofuu fi marii siyaasaaf haala mijeessuuf namoota siyaasaa ijoo ta’an hidhaa irraa akka gadhiisu dhaaman. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=3966
3 2472Loading...
11
Atileet #Qananiisaa_Baqqalaa waggaa 12 booda gara #Olompikii deebi’e Atileetota ciccimoo seenaa fiigicha dheeraa addunyaa keessatti gahumsa olaanaa agarsiisan keessaa tokko kan ta’e Qananiisaa Baqqalaa, bara 2012 booda yeroo jalqabaaf garee biyyaaleessaa Itoophiyaa keessatti hammatamee Olompikii #Paaris 2024 irratti akka hirmaatu filatameera. Atileetii ganna 41 kun Olompikii kanarratti si’a arfaffaaf yeroo hirmaatu atileetii Itoophiyaa umurii guddaan Olompikii irratti hirmaate ni ta’a. Qananiisaa Baqqalaa dabalataan dhiirootaan Sisaay Lammaa fi Dheereessaa Galataan kan hirmaataan yoo ta’u, Tammiraat Tolaa fi Usaddiin Mahaammad eeggattootaan kan filataman ta’uu Federeeshinii Atiletiksii Itoophiyaa beeksiseera. Akkasumas dubartootaan Atileet Tigist Assafaa, Amaanee Bariisoo fi Magartuu Alamuun Itoophiyaa bakka kan bu’an yoo ta’u, Gooyitetoom Gabrasillaasee fi Buzee Dirribaan eeggattootaan filatamuu ibsameera. AS
3 1981Loading...
12
Naannoo #Gambeelaa Aanaa Addaa #Itaang keessatti walitti bu’iinsi uumame lubbuu namoota 11 galaafate Dilbata darbe Caamsaa 4 bara 2016 ALI ganama sa’aatii 11tti naanoo Gambeelaa aanaa addaa Itaang keessatti hidhattoota fi humnoota nageenya mootummaa gidduutti walitti bu’iinsa uumameen namoonni 11 ajjeefamuu waajjirri nageenyaa naannoo Gaambeellaa ibse. Akka VOAn gabaasetti, walitti bu’iinsa kanaan hawaasa keessaa namoonni 8 yoo ajjeefaman, humnoota mootummaa keessaa immoo 3 ajjeefamuu isaanii fi kanneen 23 ta’an madaa’uu itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Bagwaal Jook ibsanii jiran. Dura taa’aa paartii mormituu Sochii Dimokraasummaa Uummata Gaambeellaa kan ta’an Obbo Saaymen Tuut gama isaaniin, namoota ajjeefamanitti dabalee jiraattonni kuma 15 ol qe’ee isaanirra buqqa’uufi beeladaaleenis baduu dubbatan. Waajjirri Qindeessaa Sodaa Balaa Naannoo Gaambeellaa kan ta’an Gaadbeel Muun ammoo, "namoota buqqa'an deeggaruuf gargaarsa barbaadaa jirra,” jedhan. https://www.voaafaanoromoo.com/a/7613579.html
3 9141Loading...
13
Oduu: Maastar Kaardiifi Baankii hojii Gamtaa kalaqa haaraa hojiirra oolachan Maastar Kaardiifi Baankiin Hojii #Gamtaa #Oromiyaa kalaqa haaraa maallaqa hawaasa hunda biraan gahuuf tajaajilu hojiirra oolchan. Baankiin Gamtaa Oromiyaa MaastarKaardii kaffaltii dursaafi ‘Teeknoolojii Ce’umsa Hawaasaa’ hojiirra oolcheera. Teekinoolojiin kuni qonnaanbulaa dabalatee tajaajila faaynaansii hunda hammate mirkaneessuuf oolas jedhame. Kaardiin kanaan Intarneetiidhaan bitachuudhaaf gabaa dijitaalaatiin haala salphaa ta’een kaffaltiii raawwachuuf oola. MaastarKaardiifi Baankiin Gamtaa Oromiyaa qonnaanbultoota 11,000 tajaajila kennuu eegalaniiru. Daddarbiinsa maallaqaa miliyoona $1.4 fi daddarbiinsa 9,200 taasifamuun ibsameera. Baankichi tajaajila faaynaansii mijataa, amansiisaafi maamila ilaalcha keessa galche kennuuf teknoolojiitti dhimma bahaa jiraachuu hojigaggeessaan Baankii Hojii Gamtaa Darribaw Asaffaa himaniiru. AS
3 6910Loading...
14
Oduu: Waliigalteen waraana dhaabuu biyyaalessaa yeroodhaaf akka godhamu #Ameerikaan gaafatte Waliigalteen waraana dhaabuu biyyaaleessaa yeroodhaaf akka godhamu #Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Erviin Maasiingaa gaafate. Maasiingaan kana kan jedhe ibsa guyyaa kaleessaa miidiyaaf laateerrattiidha. Ibsicharratti dhimma haala nageenyaa, marii biyyaalessaafi haqa ce’umsaatiin walqabatee ejjannoo Ameerikaan qabdu calaqqisiisaniiru. Humnoonni qabsoo hidhannoo gaggeessan karaa nagaatti akka dhufam gaafataniiru. Qabsoon hidhannoo uummata kan dararuu ta’uus eeraniiru. Misooma bu’uuraa barbadeessuun akka dhaabbatuufi gargaarsi namoomaa daangaa malee akka raabsamu karaa banuuf waliigalteen waraana dhaabuu biyyaalessaa akka godhamu gaafateera. AS
3 3921Loading...
15
Dhalattoonni #Oromoo US jiran meeshaalee wal'aansa fayyaa kutaalee #Oromiyaaf dhiyeessaa jiru Dhalatootni Oromoo #Ameerikaa keessa jiraatan lammii keenyaaf waan dandeenyuun dhaqabuu qabna jechuun meeshaalee yaalaaf oolan maallaqa guddaan bitaman hospitaalota Oromiyaa adda addaaf gumaachaa jiraachuu himan. Hundeessitoota dhaabbata miti-mootummaa ‘Lammiif Relief and Develeopment Organization’ keessaa tokko kan tahan Obbo Farhaan Abdullaahii baasii geejibaa qofa gara doolaara miliyoona lamaa tahuun meeshaalee yaalaa kanneen dhiyeessaa jiraachuu himan. Dhaabbatni Lammiif Relief and Develeopment Organization jedhu kun erga hundeeffamee waggaa osoo hin guutiin meeshaalee yaala fayyaa konteenera 54 tahu kutaalee Oromiyaa adda addaaf gumaachuun dhaqabsiisaa jirra jedhan. Biyya keenya keessa tajaajila fayyaa, bishaanii fi barnoota irra hanqinni jira jennee qaawwa kana Oromiyaa keessaa guutuuf hojjechuu jalqabne jedhan. https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/c51n12mve8zo
3 3351Loading...
16
Oduu: Paartileen #Badhaadhinaa fi #ABUT “haala walitti bu’iinsa uumuu danda’an kamiiyyuu waliin ittisuuf” waliigalan Paartii Badhaadhinaa fi Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) har’a Caamsaa 15, 2024 yeroo sadaffaaf magaalaa #Maqaleetti marii siyaasaa gaggeessuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru. Marichaan qajeeltoo hariiroo paartilee gidduu kana dura irra ga’ame yaadachuun adeemsa ajandaa olaanaa marii adda baasuu xumuramuun, akkaataa duraa duuba ajandaalee hordofuun erga mari’atanii booda waliigalteerra ga’amuu ibsameera. Marii kana irratti qaamoleen lamaan hojiin kominikeeshinii kamiiyyuu qabiyyeewwan walitti bu’iinsa kakaasan irraa bilisa ta’uu akka qaban waliigaluu ibsameera. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=3958
4 2485Loading...
17
Oduu: Gamtaan #Awurooppaaa gargaarsa miliyoona €36 taasise Gamtaan Awurooppaa industirii xixiqqoo waraana #Tigraay, #Affaariifi #Amaaraatiin barbadaa’aniif gargaarsa Yuuroo miliyoona 36 taasise. Gamtaan Awurooppaa waahillan isaa waliin ta’uun industirii xixxiqqoo sababa waraana naannolee Tigraay, Affaariifi Amaaraa keessatti mudateen barbadaa’aniif gargaarsa Yuuroo miliyoona 36 gochuu beeksise. Gargaarsi kuni dhaabbilee xixiqqoo sababa waraanaatiin hubaman maallaqaan gargaaruu kan kaayyeeffateedha. Maallaqni kuni keessumaa industirii xixiqqoofi hojii qonnaa si’eessuurratti bobba’an deeggaruuf kan oolu ta’a. Gargaarsi Gamtaan Awurooppaa, Neezarlaandiifi Jarman taasisaa jiran "murteessaadha" jechuun gargaarsi kuni hirmaannaa dubartootaa guddisuuf kan oolu ta’uu ministeerri deetaa ministeera industirii Obbo Hasan Muhaammad dubbataniiru. AS
3 9711Loading...
18
Oduu: Godina #Shawaa#Bahaatti haleellaa dirooniitiin lubbuun namoota darbe jedhame Haleellaa diroonii aanaalee godina Shawaa Bahaa lama keessatti raawwatameen lubbuun namootaa darbuuu jiraattonni himan. Haleellaan godina Sahwaa Bahaa aanaa Qawatiifi Tareetti Caamsaa 04, 2016 ALI raawwatame jedhame kanaan lubbuun namoota 10 olii darbuufi madaa’uu jiraattonni BBC’tti himan. Haaluma wa fakkaatuun, naannawa walfakaataatti namoonni 14 haleellaa dirooniitiin lubbuun darbuu DWn gabaaseera. Haleellaan kuni naannawa mana barumsaa tokkotti gaggeeffamu jiraattonni BBC’tti himaniiur/. Haleellaa kanaan lubbbuun namootaa darbuufi madaa’uu jiraattonni himaniiru. aanaa Molaaleetti haleellaa dirooniitiin miseensonni Faannoo sadiifi intalli dhugaatii gurgurtu tokkoo dabalatee namoonni afur ajjeefamaniiru jedhame. AS
3 3532Loading...
19
'Torban tokko keessatti #Filisxeemonni 450,000 magaalaa #Raafaa keessaa baqatan'- #UN Filisxeemonni kuma dhibbaan lakkaa’aman torban tokko keessatti yeroo qe’eesaanirraa baqatanitti, taankonni Israa’el magaalaa Kibba #Gaazaatti argamtu keessa gadi fulla'an. ‘’Namoonni beela’aniiru, sodaa keessa jiru, akkasuma lallaafaniiru’’ jechuun Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti Ejensiin Filisxeem UNRWA'n beeksise. Waraanni Israa’el Baha Raafaa keessatti ‘’maadhee shororkeessitootatu jira’’ jedhurratti qiyyaafachuu akka itti fufu beeksise. Bakka kana namoota miliyoona tokkoo ol ta’anitu qubatee keessa jiraata. Tarkaanfii waraanaa haaraa Israa’el Kaaba Gaazaatti fudhataa jirtuun namoonni 100,000 ol ta’an dabalataan qe’eesaaniirraa buqqa'an. Loltoonni Israa’el iddoowwaan Zeyituun fi Jabaaliyaa jedhamanitti Hamaas deebi’ee of gurmeessaa jira jechuun bakkeewwan kanatti si’a lammataaf deebi’eera. Waraanni Israa’el ji’a shan dura caasaa waraana Hamaas bakkeewwan kana keessaa diiguu beeksisee ture. BBC
3 1962Loading...
20
Labsii bulchiinsaa fi itti fayyadama lafa baadiyyaa kaleessa ragga’e qonnaan bultootaaf faayidaa akkamii qaba? Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Itoophiyaa labsii qonnaan bultoonni lafa isaanii qabsiisanii dhaabbilee faayinaansii irraa maallaqa liqeeffachuu isaan dandeessisu kaleessa Caamsaa 14, 2024 raggaaseera. Manni marichi yaa’ii idilee kaleessa gaggeesseen wixinee labsii bulchiinsaa fi itti fayyadama lafa baadiyyaa dhiyaate sagalee guutuun raggaasiseera. Walitti qabaa koree dhaabbii dhimma qonnaa Obbo Solomoon Laalam ibsa mana marichaaf kennaniin sadarkaa dinagdee, siyaasa fi hawaasummaan biyyattiin irra geesse waliin wal madaalchisuuf labsii waggoota 18 darbaniif hojiirra oolaa ture irratti fooyya’insa taasifamuu eeran. Fooyya’insoota Labsii duraan irratti taasifaman keessaas qonnaan bultoonni lafa qonnaa isaanii akka wabiitti qabsiisuun dhaabbilee faayinaansii fi baankiiwwan irraa maallaqa liqeeffachuu akka danda’an ibsameera. https://www.voaafaanoromoo.com/a/7610897.html
3 5123Loading...
21
Hordoftoota Addis Standard Afaan Oromoo maraa 👋 Marsaalee hawaasaa odeessaalee keenya irratti dhiyeessinu keessa tokko kan ta'e fuulli feesbuukii keenya sababa yeroof ifa hin taaneen dhaabbatni 'Meta' akeekkachiisa jala waan galcheef guyyoota muraasa darbaniif oduu fi odeessaalee keenya karaa kana isiniin gahuu hin dandeenye. Rakkoon uumame akka furamuuf yaalii gochaa kan jirru yoo ta'u, hanga rakkinichi furamuutti karaa Telegraama fi X/Twiitariin nu hordofuun gabaasaalee keenya argachuu dandeessu. X/Twiitara: https://x.com/AddisstandardAO Telegraama: t.me/AddisstandardAO
4 2401Loading...
22
Oduu: Naannoo #Somaaleetti warshaan qaamolee konkolaataa walitti hidhu eebbifame Warshaan qaamolee konkolaataa walitti hidhu naannoo Somaalee magaalaa #Jigjigaatti Birrii miiliyoona 250’n ijaarame kuni eebbifame. Warshichi baasii Birrii miiliyoona 250’n kan ijaarame yoo ta’u guyyaatti hanga konkolattoota 10 walitti hidhuu danda’a jedhame. Warshichi yeroo amma namoota 100 ‘f carraa hojii kan uumuu miidiyaan naannichaa gabaaseera. Pireezidaantiin Naannoo #Somaalee Obbo Musxaafee Mahammad sirna eebbaarratti aergamaniiru. AS
4 1361Loading...
23
Oduu: Ergamaan addaa #Ameerikaa gaggeessitoota #ABOfi #KFO waliin mari'atan Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa Ameerikaa Maayk Haamar Dura Taa’aa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Jaal Daawud Ibsaafi fi Dura Taa’aa Kongireesii Federaalaa Oromoo (KFO) Pirofeesar Mararaa Guddinaa waliin guyyaa kaleessaa qonsila Ameerikaa Finfinneetti argamutti mari’ataniiru. Mariin Ameerikaan kallattiiidhaan paartiilee mormitootaa waliin taasifte kuni isa jalqabaati jedhame. Dura taa’aan KFO Piroofeesar Mararaa Guddinaa afgaaffii Addis Standard waliin taasisaniin, mariin biyyaalessaa mootumman Itoophiyaa qindeessaa jiru hunda hammataafi amanamummaa akka qabu eeruun rakkoo siyaasaa biyyattii mudate furuurratti “jijjiirama tokkoyyuu akka hin fidne” Haamariif ibsuu Piroofeesar Mararaan dubbataniiru. Marii kanaan dhimmoota Itoophiyaafi Oromiyaa ilaallatan ijoorratti mari’achuu Pirof Mararaan dubbataniiru. Rakkoo siyaasaa biyyattii keessa jirurratti ergamaan kanaaf ibsa kennuu dubbataniiru. Akkasumas, dhimma marii nageenyaa naannoo Oromiyaarratti dhiibbaa gochuufi tumsa taasisuu Ameerikaa akka itti fuftu Haamar waadaa galuu himaniiru. Akkasumas, dhimma ajjeechaa qondaala ABO Battee urgeessaa kan tibbana raawwatamerratti mari’ataniiru. “Ajjeechaa Batteefi hidhamuu maatiisaatiin rifaatuu guddaan” itti dhagahamuu Haamar dubbachuu akkasuma Pirof Mararaan eeraniiru. Gabaasa guutuu https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=3953
4 0493Loading...
24
Oduu: Finfinneetti gibira manaarraa galiin Birrii Biiliyoonni 6 ol sassaabame Magaalaa Finfinneetti baatiwwan saglan darban keessa gibira manaarraa galiin Birrii biiliyoonni 6 ol walitti qabamuu Biiroon Galiiwwanii magaalichaa beeksise. Baatiwwan saglan darban Manneen kumni 448 ol Gibira kaffaluu isaanii eereera. Kana dura damichaan galiin Birrii miiliyoona 300 hin caalle walitti qabamaa kan ture yoo ta’u bara kana hanga ammaatti Birrii biiliyoonni 6.45 walitti qabamuu TOI gabaaseera. AS
3 5411Loading...
25
Oduu: Warshaan uffata Teenseentii saamsame Warshaan uffataa Teenseentii jedhamu balfa dhangala'aa keemikaalaan faalame namaa fi beeylada irratti dhibbaa guddaa geessisuu gadhiisuun walqabatee warshichi saamsamuu waajjiirri kominikeeshinii Magaalaa #Bishooftuu beeksise. Tarkaanfiin kuni kan fudhatame komii uummanni Aanaa #Odaa_Nabee kaaseen walqabatee ta'uu ibsameera. Warshaan Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu kutaa magaalaa Duukam Aanaa Odaa Nabeetti  argamu kuni akkaataa #keemikala ittiin dhabamsiisan osoo hin mijeessin hafuun keemikaala bishaaniitti gadi lakkisuun hawaasaa naannoo irratti dhibbaa geessisaa turuu itti Gaafatamtuun Waajjira Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Bulchiisa magaalaa Bishooftuu Aadde Xaayituu Yaamii himan. Akka sirreeffatu warshichatti yeroo adda addaa akeekkachiifni kennamus sirreeffachuu hin dadhabuu eerameera. Kanaafuu, faayidaa warshichi kennu caala miidhaan innii fiduu waan caaluuf warshichi saamaamuu  Aadde Xaayituun himaniiru. AS
3 9490Loading...
26
Koreen Teeknikaa waliigaltee ulaa galaanaa #Itoophiyaa fi #Somaalilaand hojii "marsaa jalqabaa" xumuruu ibse Koreen teeknikaa haala raawwii waliigaltee ulaa galaanaa Itoophiyaa fi Somaalilaand gidduu jalqaba bara 2024 mallatteeffame hordofu, hojii “marsaa jalqabaa” xumuruu Dura taa’aa Koree Teeknikaa Somaalilaand Baashee Awiil Haji Omaar ibsaniiru. “…hojii marsaa jalqabaa odeeffannoo walitti qabuu fi yaada hawaasaa sassaabuu amma xumuramee jira; wantoota walitti qabne fi qopheessine sanada xumuraa waliigaltichaaf akka galtee ta’u,” jedhan. Dabalataan, ''sanada waliigalteen kun karaa dhaabbata seeraa Biriteen kan qophaa'u ta'a,'' jechuu isaanii Horn Diplomat gabaaseera.
4 1272Loading...
27
Oduu: Gamtaan Awurooppaa duula weerara Koleeraatiif miliyoona €1 ramaduu ibse Gamtaan Awurooppaa maallaqa gargaarsa namoomaa hatattamaa weerara Koleeraa too’achuuf godhamuuf oolu doolaara miliyoona tokko ramaduu beeksise. Hagayya 2022 kaasee weerara mul’ateen namoonni 44,044 kooleeraan qabamuun lubbuun namoota 571 darbuu gamtichi ibseera. Bitootessa 2023 kaasee immoo saffisaa guddaadhaan dabaluu eegaluun namoonni 2,276 dhibichaan faalamuun lubbuun namoota 50 yoo darbu lammiileen miliyoona 3.3 ta’an dhibichaaf saaxilamanii argamu. Gabaasni caamsaa 2023 keessa bahe akka mul’isetti, namoonni 6,200 naannolee 54 mudachuun namoota 94 ajjeesuun miliyoona torba balaaf saaxileera. Jalqaba Hagayya 2023 weerarri kuni babal’achuun 16,800 ta’an faalamuun lubbuun 370 naannoolee Oromiyaa, Sidaamaafi Somaaliyaatti darbeera. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=3950
3 7180Loading...
28
Biyyoota Baha Afrikaa keessatti intarneetni adda cite Fayyadamtootni Intarneetaa biyyoota akka #Keeniyaa, #Taanzaaniyaa, #Ruwaandaa fi #Ugaandaa keessa jiran tajaajilli intarneetaa isaan rakkisuu himatan. Baha Afrikaatti dhaabbatni tajaajilicha dhiyeessu ammoo rakkoon isa mudachuu beeksiseera. Qaamni konnekshinii intarneetaa hordofu, Cloudfalre Rdara, Tanzaaniyaan biyyoota kaan caalatti miidhamuu ibseera. Fayyadamnisaas kan eegamurra dhibbeentaa 30n gadi bu’eera jedhe. Barruun Taanzaaniyaa, Sitiziin jedhamu intarneetiin baduun chaanaaliiwwan neetwoorkiin hojjetan miidheera jedheera. Qaamoleen tajaajila Interaneetaa kennan hedduunis X gubbaa gaaffii dhiyeessaa oolan. https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/cv29yg48ev4o
3 3841Loading...
29
Buufanni Xiyyaaraa #Naqamtee 95% xumurame Naannoo #Oromiyaa, godina #Wallagga_Bahaa keessatti birrii biiliyoona 1.3n ijaaramaa kan jiru Buufata Xiyyaaraa magaalaa Naqamtee ijaarsisaa dhibbeentaa 95 gahuu ibsameera. Ijaarsi isaa bara 2010 ALI kan eegalame Buufanni Xiyyaaraa Ukkee Naqamtee, sadarkaa idil addunyaa eegee ijaaramaa jiraachuu hojii raawwachiisaan piroojektichaa Injinar Wandimmuu Waaggaaw ibsaniiru. Ijaarsi waggoota lamaaf adda citee turus yeroo ammaa 95% irra ga'uu eeraniiru. Buufatni Xiyyaaraa kun lafa heektaara 220 irratti ijaaramaa kan jiru yoo ta’u, meetira 60 kan bal'atuu fi kiiloo meetira 2.6 ka'umsa xiyyaaraaf tajaajilu qaba.
3 6711Loading...
30
Oduu: Naannoo #Gaambeellaafi #Affaar'itti yeroon galmee filannoo dheereffame Galmeen filannoo biyaaleessaa marsaa 6ffaa naannoolee Gaambeellaa, Affaariifi buufata filannoo Jigjigaa 2fi aanaalee Masqaafi Maaraqoo keessatti gaggeeffamaa jiru torban tokkoof akka dheeratu boordiin filannoo biyyaalessaa murteesse. Filannoo biyaaleessaa marsaa 6ffaa 2021 keessa gaggeeffame naannoolee kanneen keessatti hin gaggeeffamne ture. Filannoo Caamsaa 13, 2024tti akka goolabamu karoorfamee ture torban tokkoof akka dheeratu murteeffameera. Sababiin dheerachuu guyyaa galmee walirra bu’uu ayyaana biyyaalessaafi amantaa ta’uu boordichi ibseera. Akkaataa kanaan hanga Caamsaa 20, 2024 akka dheeratu taasifameera. Sababoota walirra bu’uu ayyaanaatiin buufataaleen filannoo tokko tokko hin saaqamin turuufi gaaffii paartileen siyaasaa dhiyeessaniin walqabatee kan dheereffame ta’uu himameera. AS
3 1962Loading...
Oduu: Buqqaatota Lixa #Tigraay gara qe’ee isaanitti deebisuuf gama mootummaa federaalarraa sochiin godhamaa hin jiru - Lt. Janaraal Taaddasaa Warrade Pireezidaantii Itti Aanaa Bulchiinsa Yeroo Tigraay Letanaant Janaraal Taaddasaa Warrade, bulchiinsi yeroo Tigraay namoota sababa waraanaan Lixa Tigraay irraa buqqa’an gara qe’ee isaanitti deebisuuf qophii xumuruus, “gama mootummaa federaalarraa tarkaanfiin qabatamaa fudhatamaa hin jiru” jedhan. Ibsa isaaniin naannawaa Raayyaa Kibbaatti gama mootummaa federaalaa irraa harkifannaa akka mul’atu kan eeran Lt. Janaraal Taaddasaa, harkifannaan kunis bulchiinsi naannichaa tarkaanfii itti aanu akka hin fudhanne danqaa itti ta'uu dubbatan. Gama biraatin, rakkoon buqqaatota Lixa Tigraay hanga ganna dhufutti akka furamuufis hojjechaa jiraachuu ibsan. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=3976
Mostrar todo...
Buqqaatota Lixa Tigraay gara qe’ee isaanitti deebisuuf gama mootummaa federaalarraa sochiin godhamaa hin jiru - Lt. Janaraal Taaddasaa Warrade - Addis Standard

Finfinnee, Caamsaa 20/2024 – Pireezidaantii Itti Aanaa Bulchiinsa Yeroo Tigraay Letanaant Janaraal Taaddasaa Warrade, bulchiinsi yeroo Tigraay namoota sababa waraanaan Lixa Tigraay irraa buqqa’an gara qe’ee isaanitti deebisuuf qophii xumuruus, “gama mootummaa federaalarraa tarkaanfiin qabatamaa fudhatamaa hin jiru” jedhan.  Letenaant Janaraal Taaddasaa Warrade dhimma buqqaatotaa fi haala yeroo naannichaa ilaalchisee kaleessa Caamsaa 19, 2024 miidiyaaleef …

Oduu: Injinar Ayishaa Mohaammad irra deebiin Ministira Ittisaa ta’uun muudaman Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad har’a Caamsaa 12, 2016 muudamoota garaagaraa kennaniiru. Haaluma kanaan; - Ministira Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii kan turan Injinar Ayishaa Mahaammad Caamsaa 13 eegalee Ministira Raayyaa Ittisaa, - Ministira Ittisaa kan turan Abrahaam Balaay - Ministira Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii, - Akkasumas Mahaammad Idiriis Sadarkaa Ministir Deetaatti Itti Gaafatamaa Giddugala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Dimookiraasii ta’uun muudamaniiru.
Mostrar todo...
Photo unavailableShow in Telegram
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balallii gara #Naqamtee eegaluufi Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Waxabajjii 10 bara 2016 eegalee torbetti guyyaa 4 balallii gara godina Wallagga Bahaa, magaalaa Naqamteetti akka taasisu beeksise. Dhimma kana ilaalchisee daandiin qilleensichi xalayaa yuunivarsiitii Wallaggaatti ergeen, ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Naqamtee waggootaaf sababa rakkoo nageenyaan addaan citee ture deebi’ee eegaluun gara xumurarra jiraachuu ibseera. Ijaarsi Buufata Xiyyaarichaa xumuramee Caamsaa 24 balalii yaalii, Waxabajjii 10 ammoo balalii idilee akka eegalu yuunivarsitichi gahee isarraa eegamu akka bahatu waamicha dhiyeesseera. Bara 2010 ALI kan eegalameefi birrii biiliyoona 1.3n ijaaramaa kan jiru Buufata Xiyyaaraa Naqamtee ijaarsisaa dhibbeentaa 95 gahuu FBCn hojii raawwachiisaa piroojektichaa Injinar Wandimmuu Waagaaw wabeeffachuun gabaasuu ni yaadatama.
Mostrar todo...
Photo unavailableShow in Telegram
Pireezidaantiin #Iraan Ibraahiim Raayis balaa Heliikoptaraa mudateen lubbuun darban Pireezidaantii Iraan Ibraahiim Raayis, Ministirri Dhimma Alaa biyyattii Hoseen Amiir Abdoolaahiyaan, Imaama Masjiida Ayaatoolahii Al Raashiimii fi Bulchaa Baha #Azaarbaajaan Maaleek Raaahi Saayisaafaruu balaa Heliikoptaraa mudateen lubbuun darbuu ibsameera. Balaa guyyaa kaleessaa Heliikoptara waraanaa aanga'oota kanneen feetee imala turterra mudateen lubbuun isaanii darbuu mirkanaa'uu miidiyaan mootummaa biyyattii gabaaseera. Akkasumas namoonni biraa isaan waliin turan balaa helikooptaraa Kaaba Dhiha Iraan keessatti mudateen du’uun isaanii mirkanaa’eera. Sababni balaa helikooptara Iraan ammallee sirriitti hin baramne.
Mostrar todo...
Photo unavailableShow in Telegram
Oduu: Ganna baranaatti bokkaan ulfaataa akka eegamu raagni miiteeriyoolojii agarsiise Ganna baranaatti bokkaan hamma eegamuu ol kan roobu ta’uu raagni miitteriiyoolojii agarsiisuu instituutiin miiteeriyoolojii beeksise. Instituutichatti daayreektara itti aanaa raaga haala qilleensaa kan ta'an Asaamminoo Tashoomaa (PhD) akka jedhanitti, ganna barana dhufaa jiru kanatti iddoolee tokko tokkotti rooba hanga eegamuu ol kan roobu ta’a. Kutaalee kaabalixa, kaababahafi kibbalixa biyyattiitti bokkaan hamma baramee ol kan roobu ta’uu eeraniiru. Akkasumas, ji’oota Adooleesaafi hagayya keessa hammi bokkaa roobu kan baratamee ol akka ta’uu dubbataniiru. Bokkaan baranaa kutaa kibbalixa biyyattiitti bokkaan dursee kan eegalu yoo ta’u ji’a walakkaa Fulbaanaa booda hammi roobaa kan hir’atu ta’uuu ibsaniru. Kutaaleen Kibbabahaa garuu darbee darbee rooba ni argatus jedhameera. AS
Mostrar todo...
Photo unavailableShow in Telegram
Oduu: Raayyaafi Alamaaxaatti tajaajilli bu’uuraa addaa cituun himame Naannawa magaalota #Raayyaafi #Alamaaxaa keessatti tajaajila bu’uuraa hawaasaa kan akka barnootaafi fayyaa addaan cituu hordofee hawaasni naannichaa rakkachuu aanga’oonni naannichaa himan. Hospitaalli magaala Alamaaxaatti argamu ji’a tokkoo oliif tajaajila addaan kutee turuun walqabtee lubbuun namota 11 darbuu kantiibaan magaalattii Obbo Hayiluu Abarraa VOA’tti himaniiru. Namoota lubbuun darbe keessa saddeet daa’immaniifi haaadholii ta’uu eeraniiru. Akkasumas manneen barnootaa 123 naanichatti argaman hojii baruufi barsiisuu addaan kutuun barattoonni 42,000 ol ta’an barnota dhaabuun ibsameera. Barattoota kanneen keessa 900 kan ta’an qormaata biyyaaleessaa kan fudhatan garuu Yuunivarsitii #Waldiyaatti barnootasaanii hordofaa jiru jedhameera. AS
Mostrar todo...
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa tarminaala imaltoota biyya keessaa eebbisiise Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Tarminaala keessummeessa imaltoota biyya keessaa Doolaaraa miiliyoona 50 haaromsaa fi hojii babal’isuu gaggeessaa ture eebbisiiseera. Tarminaalichi Ministirri Ministeera Turiziimii Ambaasaaddar Naasisee Caalii, Ministir Deetaan Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Barahoon Hasan dabalatee bakka hoggantoonni mootummaa olaanaan biroo argamanitti eebbifameera. Dhaabbanni Ijaarsaa Chaayinaa ‘CCCC’ jedhamu hojii haaromsaa fi babal’isuu kana raawwachuu eerameera. Tarminaalli kun hojii eegaluun isaa tajaajila dhaabbatichi kennu caalmaatti si’ataa taasiisuuf qooda olaanaa qabaachuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Masfin Xaasaw eeraniiru. Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Iddoolee ga'umsaa 22 biyyaa keessaa qabaachuu fi guyyaan balalliiwwan biyya keessaa 200 ol taasiisaa jiraachuu kaasaniiru.
Mostrar todo...
Gulaallii: #Itoophiyaan yaaddoon otuma jiruu Haqa Cehumsaa hojiirra oolchuuf tattaaffachuun ishee daandii haqaa fi araara dhugaa ni danqa. Irra deebiin haa ilaalamu! Yaaliin Itoophiyaan namoota hokkora siyaasaan hubamaniif haqa ce’umsaa, araaraafi itti gafatamummaa mirkaneessuuf taasisftu sadarkaa murteessaarra gaheera. Torban muraasa dura manni maree ministeerootaa imaammata haqaa ce’umsaa biyyoolessaa raggaasisuun isaa tarkaanfii murteessa fudhachuu agarsiisa. Haa ta’u malee, kaayyoon imaammata kana bocuun barbaachiseef hawaasa addunyaa ittiin sossobuuf malee haqa dhugaa mirkaneessuuf miti sodaan jedhu akka qaban ogeeyyiin yaada dhiyeessu. Hirmaannaan Ministeera Haqaa kan qaama hojii raawwachiiftuu ta’e ogeeyyii imaammata kana qopheessan filachuurraa kaasee hoogganuun rakkoo jalqabaa ture. Kunis hoggantoonni paartilee siyaasaa mormitoota gurguddoo hedduu walgahii marii Amajjii 10 bara kana gaggeeffame keessaa akka bahaniif kana booda adeemsa kana akka morman taasiseera. Yaaddoon hammatamummaa fi amanamummaa jiraachuu eeruun mootummaan bu’uura haqaa ce’umsaa akka carraa faayidaa siyaasaatti fayyadamuu fi hawaasa idiladdunyaa biratti fudhatama argachuuf yaaluu dhiisee nagaa fi araara biyyaalessaa dursa akka kennu dhaaman. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=3969
Mostrar todo...
Itoophiyaan yaaddoon otuma jiruu Haqa Cehumsaa hojiirra oolchuuf tattaaffachuun ishee daandii haqaa fi araara dhugaa ni danqa. Irra deebiin haa ilaalamu! - Addis Standard

Finfinnee, Caamsaa 17/2024 – Yaaliin Itoophiyaan namoota hokkora siyaasaan hubamaniif haqa ce’umsaa, araaraafi itti gafatamummaa mirkaneessuuf taasisftu sadarkaa murteessaarra gaheera. Torban muraasa dura manni maree ministeerootaa imaammata haqaa ce’umsaa biyyoolessaa raggaasisuun isaa tarkaanfii murteessa fudhachuu agarsiisa. Haa ta’u malee, kaayyoon imaammata kana bocuun barbaachiseef hawaasa addunyaa ittiin sossobuuf malee haqa dhugaa mirkaneessuuf miti sodaan jedhu …

Photo unavailableShow in Telegram
Oduu: Luba Balaay Makonnind dabalatee namoota 5 irratti himanni “waliin dhauu” baname Miseensa Mana Lubummaa Waliigalaa Ortodooksii Tawaahidoo kan ta’an Luba Balaay Makonniniifi namoota biroo shan irratti yakka “waliin dhahuutiin” himanni irratti baname. Maqaan namoota luba Balaay waliin himanni irratti banamee 2ffaa Iyyaasuu Indaalee, 3ffaa hojjataa Faddaalaa Barakat Mulaatuu Jaafar, 4ffaa Alamganaa Saamu’eelfi Hojigaggeessaa Waldaa Aksiyoona Dhuunfaa Nimoonaa Obbo Abarraa Margaa ti. Obbo Alamganaa Saamu’eelfi Obbo Abarraa too’annoo poolisii jala hin oolfamne. Namoonni kunneen nagahee kafaltii sobaa qopheessuun maallaqa kaan dabarfachuuf yaalaniiru. Himatamaan shanaffaa Abarraa Margaa meeshaalee ijaarsa dhiyeessuun jechuun maallaqa dolaara miliyoona 1 ol gaafatera. Himanni namoota kanneen barreeffamaan dubbifamuun murteen akka kennamuuf guyyaa biraatti beellamni qabameera. AS
Mostrar todo...
Oduu: #Itoophiyaan ibsi Ambaasaaddarri #Ameerikaa laatan ‘dogoggora kan qabu’ fi ‘odeeffannoo gahaarratti kan hin hundoofne’' jechuun qeeqxe Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa imaammata Ambaasaadarri Ameerikaa Erviin Masiingaa kaleessa kennaniin ''dogoggora'' fi ''odeeffannoo gahaarratti kan hin hundoofne'' jechuun qeeqeera. Kana malees, “faallaa hariiroo seena qabeessaa biyyoota lameenii” jechuun ibse. Ministeerri Dhimma Alaa ibsa baaseen, haasaan ambaasaaddarichi “haala mootummaan Itoophiyaa dhimmoota biyyattii itti gaggeessuu qabu irratti gorsa hin gaafatamne kan hammateedha,” jedhe. Ambaasaaddar Maasingaan ibsa kaleessa laataniin, mootummaan Itoophiyaa dhimmoota siyaasaa walxaxaa ta’an furuuf mala nageenya irratti xiyyeeffate akka hordofuu fi marii siyaasaaf haala mijeessuuf namoota siyaasaa ijoo ta’an hidhaa irraa akka gadhiisu dhaaman. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=3966
Mostrar todo...
Itoophiyaan ibsi Ambaasaaddarri Ameerikaa laatan ‘dogoggora kan qabu’ fi ‘odeeffannoo gahaarratti kan hin hundoofne’' jechuun qeeqxe - Addis Standard

Finfinnee, Caamsaa 17/2024 – Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa imaammata Ambaasaadarri Ameerikaa Erviin Masiingaa kaleessa kennaniin ”dogoggora” fi ”odeeffannoo gahaarratti kan hin hundoofne” jechuun qeeqeera. Kana malees, “faallaa hariiroo seena qabeessaa biyyoota lameenii” jechuun ibse.  Ministeerri Dhimma Alaa ibsa Caamsaa 16, 2024 baaseen, haasaan ambaasaaddarichi “maq-balleessii fi haala mootummaan Itoophiyaa dhimmoota biyyattii itti gaggeessuu qabu …