es
Feedback
Ijaarsa Sammuu...

Ijaarsa Sammuu...

Ir al canal en Telegram

Tarkaanfattu Lafa Yaadde Geessa.....

Mostrar más
998
Suscriptores
-124 horas
-67 días
-2430 días
Archivo de publicaciones
❇️ BAGA GARA SAAFARIKOOM NAGAAN DHUFTAN❇️ Bootii saafarikoom fayyadamuudhan yemmuu miseensa taatan qarshii 1000 badhaafamtu.
❇️ BAGA GARA SAAFARIKOOM NAGAAN DHUFTAN❇️ Bootii saafarikoom fayyadamuudhan yemmuu miseensa taatan qarshii 1000 badhaafamtu. 🎁 Dabalataan nama tokko yemmuu affeertan kafaltii qarshii 100 argattu! Namoonni affeertaan 25 yeroo gahan, qarshii 3500 baasii gochuu dandeessu. Liinkin affeerraa kesssani ⬇️ https://t.me/Safaricom_Afan_Oromo_bot?start=r01043020484 Join | SAFARICOM - AFAAN OROMO

Guyyaa sadii booda reeffa isaa argatanii erga awwaallatanii booda hangaa guyyaa yaadannoo dhaloota gooftaa keenyaatti itti fufanii waan soomaniif sooma Filiiphoos jedhame. 7. Sooma Maariyaam:- Kun immoo qulqulluun ergamaa, Gabri’eeliin, Afuura Qulqulluun gara durboo Maariyaamitti ergamuun akka isheen Waaqa deessu yemmuu misiraachoo itti dubbatu, "Waaqa samii fi lafaa akkamittiinan dahaa?" Jechuun gooftaa keenya da’uun dura soomaa waan turteef sooma Maariyaamii jedhamee wamama. 2. Sooma rajotaa kana sadaasa 15 irraa eegalanii osoo hin soomiin jala bultii dhalootaa qofa kan sooman jiru. Inni kun akka seera mana kiristiyaanaatti sirrii miti, hin ajejamu.

Sooma Raajotaa. November 22, 2023 by Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu Maqaa Abbaa kan ilmaa kan afuura qulqulluu Waaqa tokkoon Ameen! Baga jala bultii guyyaa simannaa/qabaa sooma raajotaa kan bara 2016 tiin isin ga'e. ✍️ Sooma jechuun yeroo murtaa’eef nyaatotaa fi dhugaatiiwwan bu’aa beeyladaa ta’anii fi nama macheessan iraa lagachuu ykn of dhorkuu; akkasumas immoo yeroo hunda immoo cubbuu irraa of fageessuu jechuu dha. Nyaatotnii fi dhugaatiwwan kunis foon namaa gabbisuun cubbuutti kan nama oofanii fi mootummaa Waaqayyoo dhaaluuf kan uumamte lubbuu keenya kan daandii isaa irraa fageessan waan ta'eef soomamu/lagatamu. Kunis bu'uura Gooftaan keenya "Warri qajeelina beela'anii dheebotan eebbifamoodha" jedhee Mat. 5:6 irratti barsiiseen; soomiin osoo waan nyaatanii fi dhugan qabanii, osoo nyaatanii dhuganii bashannanuudhaaf haalli mijataan jiruu, waa'ee qajeelummaatiif jedhanii of beelessuu jechuudha. Qulqulloonni qaama isaanii dadhabsiisuuf kan soomaa turan, nyaatni biyya lafaa foon namaa gabbisuuf malee lubbuuf akka faayidaa hin qabne hubataniiti. Kanumaafi qulqullichi Daawit faarsaa isaa keessatti "soomaan ofan dadhabsiise; qaamni koos dhadhaa dhabuudhaan huuqqate” jechuun kan inni barreesseef (Far. 108/109:24) Soomni ajaja jalqabaa ta’uun abbaa keenya Addaamii fi haadha keenya Hewaanitti kan himame dha. Bara Jannata keessa turan sana firii ykn ija mukaa ishee du’aaf isaan saaxiltu sana akka hin nyaanne itti himamee ture. Yoo ishee irraa nyaatan du’a bara baraa akka du’an dhaga'anii turan, garuu isaan ajejicha darbanii nyaachuun duuti isaan booji’e.(Uuma. 2:16). Gara ka’umsa keenyaatti deebinee waa’ee sooma raajotaa haa ilaallu. Soomni raajotaa yeroo mara waggaa waggaadhaan sadaasa 15 kan eegalu yoo ta’uu bara Yohaannis (muddee 28) irraa kan hafee hanga muddee 29tti ykn jala bultii dhalachuu gooftaa keenyaatti guyyoota 44(43)f kan lagatamu/soomamudha. Soomni kun soomiiwwaan gurguddoo ykn soomiiwwan labsii 7n mana kiristiyaanaa keenyaa keessa isa tokko yoo ta'u sababni inni sooma raajotaa jedhame immoo gabaabumatti raajonni waan soomaniifi. Raajonni maliif sooman kan jedhuuf immoo armaan gaditti moggaasa soomii kanaa keessaa maqaa sooma raajotaa jedhu jalatti ilaalla. 2. Sooma Raajotaa:- Kuni maqaa isaa walii galaa yoo ta'u, kunis akkuma dura jenne raajonni waan soomaniif maqaa kanaan waamama. Raajonni maaliif sooman kan jedhuufis abdii Addaamiif kenname yaadachuudhaan "Waaqni samii samiiwwanii irraa ni bu'a, qulqulleettii dubree Maariyaam irraa ni dhalata, waa’ee keenyaaf jedhee ni dhiphata, ni fannifama, ni du’a, du'a isaatiinis ilmaan namootaa warra duuti itti murtaa'ee ture bilisa ni baasa, du’a moo’ee ka'uudhaanis gara samiiittis ol ni ba'a, deebi’ees murtiidhaaf ni dhufa.........." jedhanii abdiidhaan eeggachaa "Humna kee kaasi, harka kees Aariyaam irraa ergi" jedhanii kadhachuudhaan(Far. 143/44:8) soomaa turan. Abdiin isaaniis otoo hin fashalaa'iin akkuma qalbii qulqullummaatiin soomaa turan sana, Gooftaan keenyas isaan hin qaanessine; akkuma tokkummaan walii galuun sooman, kadhannaan isaanii dhagahamee guyyaa dhumaa baatii Mudde, Beeteliheem dallaa Loonii keessatti dhalate. Raajotni baatii tokkoo fi walakkaaf soomaa Dhalachuu Gooftaa keenyaaf mi’aa addunyaa kana irraa of lagan. Waan gaarii hawwuun, foon isaanii abboomaa badhaasa afuuraa bor argachuu danda’aniif of qopheessaa turan. Nyaata foonii beela’uun dhalachuu fi nama ta’uu fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos arguuf ija afuuraan ilaalaa turan; booda irra isaan du’aan daangeffamanillee dhalachuun isaa dhugaa ta’eera. Kan isaan daawitii raajiin arganii dubbatan ifa ba’ee mul’ate; dirreen Beetelheemis ililleetii fi gammaachuun guutamte. 3. Sooma Filiiphoos:- Bartuu gooftaa keessa tokko kan ta’e Filiiphoos gara Afrikaa deemee barsiisaa ture. Ardii kana keessattis warreen hin amanneen ajjeefame. Barattoonni isaa reeffaa isaa awwaallachuuf yoo ka'an reeffi isaa waan isaan jalaa dhokateef sadaasa 15 irra eegalanii soomaanii Waaqayyoon kadhachuu eegalan.

Maxxansa 2ffaa #HANGAFA_ERGAMOOTAA_QULQULLUU_MIKAAELII Mikaa’el jechuun jecha Ibraa’istii yemmuu ta’u hiiknisaa #መኑ_ከመ_አምላክ_Kan_akka_Waaqayyo_eenyu jechuudha. Ergamaan kun Yohaannis mul’ata isaa irratti “Fuuldura #Waaqayyo kan dhaabbatan Ergamoota torban arge” jedhee kan dubbate keessatti kan ramadamuufi hangafa ergamootaa ta’ees kan muudamedha. #Waaqayyo hangafa ergamoota taasisee kan ture diinni keenya har’aa oftullummaa isaatiin yeroo kufu Qulqulluun Mikaa’elii immoo gad of qabummaa fi amanamummaa isaatiin hangafa ergamoota kumaatamaa ta’e. Waa’ee ergamaa kanaa kitaabni qulqulluun keenya jalqaba kakuu moofaa irraa kaasee hanga xumura mul’ata Yohaannisitti waantota baay’ee nu dubbisiisa. Abbootni keenya kitaaba Qulqulluu yeroo hiikan bakka baay’eetti ergamaan #Waaqayyoo abaluutti, abaluutti,… mul’ate jedhamee kan jiru Ergamaa Qulqulluu Mikaa’elii akka ta’e ibsaniiru. Bara seera laphee irraa kaasee amma bara keenyaatti mul’atee raajiiwwaan baay’ee raawwateera, har’as raawwachaa jira, gara fuuldurattis akkasuma hanga dhufaatii lammeffatti aangoo Waaqayyo isaaf kenneen ni raawwata. #Ergamaan_Qulqulluu_Mikaaelii #1_Ergamaa_Dhiifamaati (dhiifama kan taasisu, dheekkamsa irraa kan fagaate Qulqulluu Mikaa’elidha. Heenok 10: 12). Sirni Qulqulleessa keenyalle akkasuma jedha. (ተውህቦ ምህረት ለሚካኤል...  dhiifama Mikaa’eliif kenne….). #2_Ergamaa_Diyaabiloosin_mohatedha. (samiirratti lolli ni ta’e. Mikaa’elii fi ergamtoonnisaa jawwicha waraanan; jawwichis ergamoota walii wal waraane; garuu isaan hin dandeenye. Mul 12:7) #3_Ergamaa_aangoo_fayyisummaa_qabudha. Karoora fi qorumsa diina keenya jalaa nu fayyisa jechuudha. (Ergamaan Waaqayyo naannoo namoota Waaqayyoon sodaatanii ni buufata, isaanis ni fayyisa Far 33:7). Afoomiyaa akka fakkenyaatti yaadachuun ni danda’ama. #4_Ergamaa_Obsa_qabeessadha. (hangafni ergamoota Mikaa’eliin waa’ee foon Muuseef diyaabiloos waliin yeroo dubbate, Gooftaan si haa hifatu jedhee malee jecha arrabsoo dubbachuuf illee ija hin jabaanne). #Gooftaan_keenya fannoo irratti yeroo fannifamus fannoo jala dhaabbatee obsa isaatiin waan tokkoyyu raawwachuuf hin dubbanne. #5_Yeroo_dhufaatii_2ffaa_Ergamaa_Malakata_Hafuufudha. (… sagaleen hangafa ergamootaa ni dhagahama…  1Tas 4:16) #6_Ergamaa_Cubbuu_Dhala_Namaaf_Kadhatudha. (Bara sanatti waa’ee dhala namaaf kan dhaabbatu Mikaa’eliin ni ka’a… Dan 12:1). #7_Ergamaa_Jajjaabeessaadha. (… Mikaa’eliiti alatti kan na jajjabeessu hin jiru. Dan 10:21)….. Walumaagalatti Qulqulluun Mikaa’elii saboota Israa’el dursee Gibtsiiti hanga Kana’aanitti kan isaan geggeesse, Billaa qabatee Iyyaasuutti mul’achuun Iyyaasuun kan sagadeef (Iya 5:13), akkasumallee yeroo nuti gaabbii gallee gara namummaa keenyaatti deebinu fayyuu lubbuu keenyaaf kan gammaadudha. Egaa guyyaa har’a sadaasa 12 manni kiristaanaa keenya ayyaanaa ergamaa kanaa jettee kabajji. Guyyaan kun guyyaa yaadannoo Ergamaan kun diina keenya guyyaa har’aa fi maqaansaa duraa seexanaa’el kan jedhame mo’atee muudame, yaadannoo inni saboota Israa’el duumessan isaan uwwisee, halkan duumessaa ifaan isaan geggeessee biyyaa dhaala isaanii isaan galche, akkasumas bara Iyyaasuus loltuu fakkaatee Iyyaasuutti mul’achuu  isaa kan itti yaadannu fi kabajnudha. Abbootni keenya Kiristaanni kamiyyu jiini seenee gaafa guyyaa 12 yaadannoo ergamaa kana akka taasisnu, kan hin dandeenye immoo Sadaasa 12, waxabajjii 12, Adoolessaa 12 fi muddee 12 akka yaadaatnu nu ajajaniiru. Kanneen keessa sadaasni 12 garuu guyyaa inni muudame ta’uusaatiin ayyanota warren kaan kan caaludha. Sugni Qulqllicha mikaa'e Nurra Haa Bulu Ameen... 👇👇👇👇👇👇👇👇👇 https://t.me/AshuuTube https://t.me/AshuuTube https://t.me/AshuuTube 👆👆👆👆👆👆👆👆👆

Baga geessan mikaa'ela sadaasa Baga geessan ayyaana hangafa ergamootaa  qulqulluu mikaa'el sadaasa kabajamu, Guyyaa kana qulqulluu mikaa'el kan itti  iyoor  samii afraffaa irra kan jiraatan hayilat kan jedhamanii fi Qomoo ergamootaa kurnan irratti hogganaa ta'ee  guyyaa itti muudameedha. Waaqayyo saxenaa'el oftuulummaa isaa irraa kan ka'e Aangoo irraa mulqee gara lafaa erga darbatee booda qulqulluu mikaa'el iddoo isaa magaala kudhan Qomoo 100 irratti muudameera.kunis Ebla 2 akka ta'e Aksimaaroos kan jedhamuu macaafa Mana amanataa keenya irratti barreeffameera. Mudamni ergamaa qulqulluu mikaa'el ergamoota irratti qofa osoo hin taane  Uummata waaqayyoo kan ta'an hunda irratti. kana hubachuuf immoo Uummata waaqayyoo Israa'eloota irratti akka eegaa fi gargaaraa ture macaafa qulqulluu irraa ni arganna,iyyaasu 5;13  Iyyaasun mandara Yerikootti yommuu dhi'ate, ol ilaalee nama billaa/Halbee/ luqqifamaa harkatti qabatee isa dura ijaajju tokko argee gara isaa dhaqee "Ati gara keenya moo gara diinota keenyaa ti?" jedhee isa gaafate. 14 Inni immoo deebisee, "Waawuu, ani amma angafa loltuu Waaqayyoo ta'een dhufe" jedhe; Iyyaasun immoo lafa ga'ee qoomma'ee sagadeefii, "Yaa gooftaakoo ana garbicha keetti maal himta?" jedhee isa gaafate. Seera bahuu 23:20_23 Waaqayyo Saba Israa'eliif Abdii Fi Gorsa Kennuu Isaa  20 "Kunoo, ani karaa irratti akka si eeguuf, iddoo ani qopheessettis akka si geessuuf ergamaa si dura nan erga. 21 Atis of eeggadhu, dubbii isaa dhaggeeffadhu! Maqaan koo isa keessa waan jiruuf, inni irra-daddarbaa kee siif hin dhiisu, ati isaan mormitee irratti hin ka'in! 22 Dubbii isaa ba'eessa gootee yoo dhaggeeffatte, waan ani sitti dubbadhu hundumaas yoo goote, ani diina keetti diina nan ta'a, warra siin mormaniinis nan morma. 23 Ergamaan koo si dura in adeema biyya Amoorotaatti, biyya Heetotaatti, biyya Pheriizotaatti, biyya Kana'aanotaatti, biyya Hiiwotaatti, biyya Yibusootaattis si geessa; anis isaan nan balleessa. Kanaf iyyaassutti kan muul'ate , Isra'eloota kan geggessee qulqulluu mika'el ta'u isaa ni hubanna.sugni, eebbii fi gargaarsi qulqulluu mika'el hunduma keenya waalin haa ta'u  Ameen....       Sher godhaa. ​​#ሕዳር_ሚካኤል ! #እንኳን_ለመላእክት_አለቃ_ለቅዱስ_ሚካኤል #በዓለ_ሲመት_በሠላም_አደረሰን ! በዓለ ሲመቱ ለሊቀ መላእክት ቅዱስ ሚካኤል (ሕዳር 12) (አንብባችሁ ስትጨርሱ ለሌሎችም ታሪኩን እንዲያዉቁ #SHARE_SHARE_SHARE ብታደርጉ ብዙ አተረፋችሁ፡፡) ቤተ ክርስቲያን ልጆቹዋ የመላእክትን ተራዳኢነት አውቀው እንዲጠቀሙና የመንግሥቱ ወራሾች ለመሆን እንዲበቁ ስትል ለቅዱሳን መላእክት የመታሰቢያ ቀን በመስጠት በእነርሱ የምናገኛቸውን እርዳታዎች እንዲታወሱ ታደርጋለች፡፡ በዚህም መሠረት በህዳር ወር በዐሥራ ሁለተኛው ቀን ቤተ ክርስቲያናችን የታላቁ መልአክ የቅዱስ ሚካኤልን በዓለ ሲመት በታላቅ ድምቀት ታከብረዋለች፡፡ እንደ ቅዱሳን አባቶቻችን አስተምህሮ ህዳር 12 ቀን ታላቁ መልአክ ቅዱስ ሚካኤል በኢዮር ባለችው በአራተኛይቷ ከተማ በሚኖሩት ኃይላት እና በአሥሩ ነገደ መላእክት ላይ አለቃ ሆኖ የተሾመበት ቀን ነው፡ እግዚአብሔር ሳጥናኤልን በትዕቢቱ ምክንያት ከሥልጣኑ ገፍፎ ወደ ምድር ሲጥለው ቅዱስ ሚካኤል በእርሱ ቦታ በዐሥሩ ከተማ በመቶውም ነገደ መላእክት ላይ ተሹሟል። ይህን ሁለተኛውን ሹመት ያገኘው በሚያዚያ 2 እንደሆነ አክሲማሮስ በተሰኘው የቤተክርስቲያናችን መጽሐፍ ላይ ሰፍሮ አናገኛለን፡፡ የቅዱስ ሚካኤል ሹመት በነገደ መላእክት ላይ ብቻ ግን አይደለም ፤ ነገር ግን የእግዚአብሔር ሕዝብ በሆኑት ላይም ጭምር ነው ፡፡ ይህም እንደሆነ እንድንረዳ በብሉይ ኪዳን የእግዚአብሔር ሕዝብ የተባለውን እስራኤል ዘሥጋን ሲራዳና ሲጠብቅ እንደነበረ ተጽፎልን እናገኛለን፡፡ ለምሳሌ መጽሐፍ ቅዱስ መልአኩ ቅዱስ ሚካኤል ለኢያሱ በኢያሪኮ ምድረ በዳ እንደተገለጠለት “… ዐይኑን አንሥቶ ተመለከተ እነሆም የተመዘዘ ሰይፍ የያዘ ሰው በፊቱ ቆመ፤ ኢያሱም ወደ እርሱ ቀርቦ “ከእኛ ወገን ወይስ ከጠላቶቻችን ወገን ነህ? አለው፡፡ እርሱም “እኔ የእግዚአብሔር ሠራዊት አለቃ ሆኜ አሁንም ወደ አንተ መጥቼአለሁ” (ኢያ.5፡13) ይለናል፡፡ እግዚአብሔር አምላክ ሕዝበ እስራኤልን ከግብጽ ባርነት ነፃ ሲያወጣቸው ይመራቸው የነበረ መልአክ ቅዱስ ሚካኤል ነበር፡፡ ሹመቱ በእግዚአብሔር ሕዝብ ላይም በመሆኑ ስለ እነርሱ ዲያብሎስ ይዋጋው፣ በጸሎትም ይራዳቸው ነበር፡፡ ነገር ግን ኃጢአት ሠርተው ሲያገኛቸው ለእግዚአብሔር አድልቶ ኃጢአተኞችን ስለሚቀጣ እግዚአብሔር ሕዝቡን “በፊቱ ተጠንቀቁ ቃሉንም አድምጡ ስሜም በእርሱ ስለሆነ ኃጢአት ብትሠሩ ይቅር አይልምና አታስመርሩት” (ዘጸ.23፡21) ብሎ አስጠንቅቋቸው ነበር፡፡ ይህም ቅዱስ ሚካኤል በእግዚአብሔር ሕዝብ ላይ መሾሙን ያስረዳናል፡፡ ነገር ግን ከላይ የተጠቀሱት ጥቅሶች ሕዝበ እስራኤልን ይራዳቸው የነበረው ቅዱስ ሚካኤል ስለመሆኑ አያረጋግጥም የሚል ካለ “መልአክ” የተባለው ቅዱስ ሚካኤል ስለመሆኑ ቅዱስ ገብርኤል ወደ ነቢዩ ዳንኤል በተላከ ጊዜ ገልጦልን እናገኛለን፡- ቅዱስ ገብርኤል በእግዚአብሔር ሕዝብ ላይ ቅዱስ ሚካኤል ስለመሾሙ ሲመሰክር “በእውነት በመጽሐፍ የተጻፈውን እነግርሃለሁ፤ በዚህም ነገር ከአለቃችሁ ከሚካኤል በቀር የሚረዳኝ ማንም የለም”(ዳን.10፡21)    F/taa Ashannaafii Addunyaa K/Barumsa WDB Dagam...

Repost from N/a
Erga ilmi ishee Qosxenxiinoos abbaa isaa bakka bu’ee Mootii ta’ee Roomaa akkuma jirutti of jala galchee booda mootittii Illeeniin wareega fannoo baasuu sana raawwachuuf bara 327 gara Iyyarusaaleem deemte. Yemmu achi geessus iddoon fannoon itti awwaalame nama itti himu dhabde. Boodarra manguddoo Kiraakoos jedhamu tokko argatte inni malaan itti hime. Kana booda daamotii hiitee, ixaana baay’ee itti naqxee kadhaa eegalte. Kunis, Fulbaana 16 ture. Aarri daamotii fi ixaanaas xiyya hojjetee bakka fannoon gooftaa jirutti sagade. Isaanis, bakka xiyyaan aaraa itti agarsiise sanatti Fulbaana 17 qotuu eegalamee Bitootessa 10 ni ba’e.Yoo ba’us kan namoota lamaan gooftaa waliin fannifamaniis jira ture. Isaan keessaa fannoo gooftaa addaan baafachuuf nama du’e irra yoo kaa’an du’aa ni kaase, ija ni bane dhibamaas ni fayyise. Sana booda fannoo gooftaa fuudhanii kabajanii golgootatti bataskaana itti ijaarsiftee fannoo gooftaa itti galchan. Isheenis fannoo akkuma baasifteen waggaa isaatti bara 328 DH.K.B waggaa 80’n isheetti boqoteerti. Ayyaanni yaadannoo ishees Caamsaa 9. Galanni Waaqayyoof haa ta’u.Waaqayyoo kadhannaa qulqulleettii kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni ishees nu waliin haa ta’u. Ameen!(Madda barreeffamaa,kitaaba Qulqulloota fi ayyaana yaadannoo isaanii jedhu, irraati.. WDB DAMEE DAGAM F/taaAshannaafii Addunyaa

Repost from N/a
Yeroo sana gargaartuun ishee, “Hidhannoo mormaa kudhaama Tarbinoosii fi Illeeniin qofti beekaan tokko morma Illeenii irra jira, isan siif fida atis isa fuutee Tarbinoositti agarsiiftee akka ishee wajjin ciiste itti himta,” jetteen. Innis yaada kanatti gammade. Innis, “Daldaltoonni dhufanii jiru qophaa’aa,” jedhee iyyuu eegale. Gargaartuun sunis yeroo sana ol deebitee Illeeniidhaan, “Daldaltoonni dhufan ka’ii dhiqadhu urgooftuus dibadhu,” jetteen. Isheenis, “Maal yeroo biraa situ na dhiqa mitii,” jettee dhugaa seetee dhiqachuuf kaate. Yemmuu dhiqattus hidhannoo morma irraa sana bakka dhiqattetti irraanfatte. Hojjettuun sunis fuutee namichaaf dallaa irraan darbiteef. Innis kudhaama mallattoo fannoo of irraa qabu sana fudhatee ka’ee gara Tarbinoositti deebi’e. Tarbinoosiin, “Kunoo haadha warraa kee wajjin ciiseen dhufe,” jedheen. Innis amanuu dide. Achumaan namtichi, “Kunoo inumaayyuu na jaalattee kudhaama kana naaf kennite,” jedhee sobee kudhaamicha hojjettuun (mallattoo fannoo kan jedhus jira) Illeenii kenniteef sana Tarbinoositti agarsiise. Tarbinoosis kudhaama fannoo qabu sana isaafi ishee qofatu beeka waan ta’eef yemmuu argu dhuguma se’ee ofitti aaree; ni na’es. Akkuma jecha isaatti qabeenya isaa hunda daldalticha wajjin jiru sanaaf kennee harka duwwaa manati gale. Yemmuu manatti galus bifti isaa gurraacha’ee, garmalee gaddee agarraan haati warra isaa Illeeniin, “Maal taate?” jettee gaafatte. Isheen baay’ee yaaddee eegaa turte. “Dur yoo galtu ni taphatta ture har’a maal taate?” jetteen. Innis, “Danbaliin ka’ee meeshaa kiyya hunda balleesse akkamiin hin aariin naan jetta,” jedheenii sobe. Isheenis dhugaa seetee, “Maaloo hin aariin haa badu ati fira 50 yoo qabaatte, anis fira 50 yoon qabaadhe liqeeffannee daldallee bakka duraatti deebina,” jetteen. Wangeelas waan beektuf, “Waaqayyoo kan siif kenne yoo sirraa fudhate hin aarin,” jetten. Innis akka hiriyaa isaa wajjin ciifte osoo itti hin himiin kan garaa isaa garaatti qabatee, “Biyyan kabajametti salphadhee taa’uu hin qabu baduun qaba,” jedhee baduuf ka’e. Isheenis, “Guyyaa gammachuu kee si faana dabarsee guyyaa gaafa gaddaa fi rakkoo kee si biraa hafuu hin qabu,” jettee wajjin deemuuf kaate. Innis saanduqa dheerina hojjaa isheetiin hojjechiisee gaalatti fe’e gara bishaan galaanaa jiru cinaatti geesse. Achumaanis galaana irratti ishee saanduqa sana keessa godhee, “Osoon si amanuu na gantee nama biraa wajjin ciifte,” jedheen. Isheenis, “Maaloo akkas gonkuma hin raawwanne,” jettuuniis dhagahuu dide. “Kunoo mallattoon ani siif kenne kan aniifii ati qofti beeknu akkamiin harka nama biraa bira gale ree?” jedhee mallattoo fannoo sana itti agarsiise. Innis, “Hojii badaa kana hojjette taanan Waqaayyo si hin baasiin, hin hojjene yoo ta’e si haa baasu,” jedhee ishee bishaanirratti gatee jalaa sokke. Yemmuus isheen Waaqayyotti boossee wareega Waaqayyoof wareegde. “Yoo bishaan kana keessaa na baafte ani fannoo kee isa bade sana gidiraa guddaadhanis ta’u barbaadeen arga,” jettee garaa isheetti Waaqayyotti himte. Danbaliin bishaaniis ishee fuudhee asii fi achi raasaa oolee biyya mootiin Roomaa qunisxaa (konsitaandiyoos) jedhamu bulchutti gate. Namoonni galaana cinaatti qurxummi qaban saanduqicha arginaan (eegdotas jedha) saanduqni kun maal laata jedhanii itti fiiganii baasan. Yemmuu bananii ilaalanuu dubartii bareedduu dha. Isaan garuu qarshii daldaltoota jalaa danbaliin fudhate se’anii itti fiigan ture. Isheenis bareedduu waan turteef hundumtuu fuudhuuf irratti wal lolanii. Boooda garuu, “Mootii keenyatti geessuu qabna,” jedhanii mootichatti kennan. Mootichis yemmuu argu bareedina ishee waan jaalateef fudhuuf karoorfate. Baatii 6’f masaraa keessatti waan gaarii akka nyaattee dhugduu fi urgooftuu gaariis akka dibattu erga godhee booddee ishee fuudhe. Isheenis dhaloota kiristoos booda bara 258 tti Qosxenxiinoos deesse. Isheenis ilma ishee waa’ee kiristaanummaa umurii daa’imumma isaa eegaltee ni barsiifti ture.

Repost from N/a
BAGA IFA FANNOO NAGAAN NUUN GAHE BARA ARAARAA 2016 MUULLACHUU FANNOOFI MOOTITTII ILLEENII....... Qulqulleettii Illeenii Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon.Ameen! Qulqulleettii mootii Illeeniin kan fannoo Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos bakka awwaalamee akka bahu taasifteedha. Seenaan ishees, Abbaa warraa Tarbinoos jedhamu waliin jiraachaa turte. Illeenii jechuun afaan Hibruutiin ‘bareedduu’ jechuudha. Illeeniin kan dhalatte dhaloota Kiristoos booda bara 247 tti magaalaa Bitaaniyaa kan Iyyaruusalemirraa kiilomeetira 5 qofa fagaattee argamtu keessattidha. (Seenaan iddoo dhaloota ishee kana Eeshiyaa xiqqoo keessatti bakka Bitaaniyaa jedhamutti kan booda Helenopolis jedhamtee maqaan magaalatti Qosxonxinoosiin jijjiiramtetti jedhus jira). Abbaan manaa Illeenii Tarbinoos jedhamu kun daldalaa ture. Bara sanatti daldalli biyya tokkoo gara biyya biraatti godhamu waggoota hedduu fudhata ture. Innis karaa dheeraa deemee waan daldaluuf manatti Illeeniidhaaf gargaartuu qacareefii mooraa keessa akka gadi hin baanee fi aduun akka ishee hin dhoofne godhee gara daldalaatti biraa deeme. Illeeniin amantaa isheetti baay’ee cimtuu fi yeroo baay’ee hanga abbaan manaa ishee deebi’utti kadhaadhaan dabarsiti ture. Wangeelas ni beekti ture. Tarbinoos immoo kan daldala isaa xumuree gara biyyaatti deebi’u waggaa 3’n booda ture. Daldaltoonni kun waggaa sadii ykn afur yemmuu daldalanii gara mana isaanitti deebi’an karaa irratti waa’ee haadha warraa isaanii waliin haasa’u ture. Isaanis akkas jedhu ture, “Egaa amma nu kunoo akkanatti dhamaanee aduu fi qorraan gubannee gara biyya keenyaatti yoo deebinu haati manaa keenya yoona dhiira biraa baran ta’a,” waliin jechaa deemu turan. Yeroo kana Tarbinoos abbaan warraa Illeenii, “Ani kan keessan hin beeku malee haatii warraa koo Illeeniin garuu wanta akkanaa gonkuma ana irratti hin hojjettu; baayiseen ishii amana,” jedheen. Illeeniinis erga abbaan warraa ishee daldalaaf ba’ee mana isheetti kadhachuu malee gad illee baatee dhiira ijaan agartee hin beektu ture. Yeroo sana namoota Tarbinoos waliin jiran keessaa tokko, “Ati gowwaadha abboo, sanyii Hewaan keessaa kan haadha warraa kee addamoo? Amma osoon dhaqee wajjin ciisee dhufe maal goota?” jedheen. Achumaan Tarbinoos, “Ani waan isin jettan kanatti hin amanu haadha warraa koos gonkuma hin shakku” jedheen. Yeroo sana namni gidiramaan daldaltoota keessaa inni tokko, “Yoon deemee haadha manaa kee dogongorsiisee dhufe maal naaf kennita?” jedheen. Tarbinoos immoo, “Ani ati dhuguma Illeenii dogongorsiiftee dhufta taanaan bu’aan hanga ammaatti daldalee argadhe qabeenya koo kana hunda wajjiin ni fudhatta,” jedhe. Tarbinoos kan kana jedhe haati warraa isaa gonkuma akka amanamtuu taate waan beekuuf ture. Daldalaa gidiramaan sunis yoo Illeenii dogongorse qabeenya Tarbinoos hunduma fudhachuuf walii galee gara haadha warraa Tabinoositti daldaltoota kaan dursee adeeme. Yemmus gara ganda Illeeniin jiraattu ga’ee, “Mee haadha warraa Tarbinoos natti agarsisaa,” jedhee namoota gaafate. Isaanis, “Isheen bar namatti hin muldhattu, keesummattuu gonkuma dhiiratti hin mul’attu,” jedhaniin. Innis mala baafatee, “Tole erga isheen hin dhuftu ta’ee mee hojjettuu ishee naaf waamaa,” jedheen . “Isheellee siif ni waamna,” jedhanii waamaniif. Innis hojjettuu Illeeniitiin, “Biyya fagoodhaa nama si dubbisu dhufeetu jira jedhii mee Illeenii naaf waami,” jedheen. Isheenis gara manaatti ol deebitee, “Namni si barbaada,” jettee gaafannaaniif Illeeniin fuula itti kennuu didde. Namichi sun ammas yeroo lammataaf, “Dhaqiitii nama qarshii baay’ee siif kennutu dhufe jedhii itti himi,” jedheen. Isheenis akkas jettee yemmuu itti himtu yemmus Illeeniin, “Anaan haadha warraa Tarbinoosiin akkas jettaa?” jettee qodaa harkaa qabduun gargaartuu ishee rukuttee gadi baafte. Yeroo sanas hojjettuun gadi baate dubbiin akka ta’uufii dide itti himte. “Daldalichis mee maal gochuu naaf wayya ishee argachuuf,” jedhee gargaartuu ishee sana mariisise. Qarshii baay’ees akka kennuuf itti hime.

𝙏𝙨𝙖𝙗𝙖𝙡𝙖 𝙔𝙠𝙣 𝙓𝙖𝙗𝙖𝙡𝙖 𒊹︎𝐓𝐬𝐚𝐛𝐚𝐥𝐚 jechuun Biyyoo, dhukkee, dhoqqee jechuudhaa. 𒊹︎𝐗𝐚𝐛𝐚𝐥𝐚  jechuun Humna goofta keenya keenya Iyyaasus kiristoosiin dhukkubsaatonni  Kan ittin fayyaan aja'iiba Kan rawwatu biishaan qulqulluun xabalaa jedhama.︎︎︎ 𒊹︎︎Xabalaa jechuun Biishaan qulqullaa'aa, Biishaan ebbifamaa jechuudhaa. ➪  R. Hiiz 36:25 " Biishaan gaarii ( Qulqullaa'aa) isinittaan facaasa ,isiniis xura'uummaa︎ keessan irraa Ni qulqullooftuu " ➪ s. Ba'uu 7:8 " akka qulullaa'aaniif akkas isaaniin ni tasifta , Biishaan cubbuu irraa isaan qulqulleessa itti facaasi " ➪R. Hiiz 47 :8 " innis akkas nan jedhe  Biishaan gara liixatti Ni ba'aa , gara Arabaas Ni bu'aa, gara Galaanattis Ni seena , innis gara Galaana xurraa'a kanatti yeroo seenu bishaanichii Ni qulqullaa'aa " 𝗔𝗸𝗮𝗮𝗸𝘂 𝗫𝗮𝗯𝗮𝗹𝗮 1. 𝐗𝐚𝐛𝐚𝐥𝐚 𝐐𝐢𝐝𝐝𝐚𝐚𝐬𝐞𝐞 Namoonni erga foon Fi dhiigaa goofta fudhataan booda Kan dhugaanidhaa. Maalif yoo Jenne afaan keenya keessatti akka hin hafneef yoo jennu itti fayyadamna. Inni  bira namoonni sirnaa qiddaasee irraatti argamaniis waaqayyoo kabajama foon isaa fi ulfaataa dhiigaa isaatiif akka nu qaqqabsisuu ykn nu qopheessuuf yoo jedhamu xabala qiddaasee Ni fudhannaa. 2. 𝐌𝐚𝐚𝐲𝐞 𝐓𝐬𝐚𝐥𝐨𝐨𝐭 ( 𝐗𝐚𝐛𝐚𝐥𝐚 𝐄𝐞𝐛𝐛𝐚𝐚 ) Luboonni irraatti kadhannaa gaggeesudhaan Kan ittin tajaajilaa kennanidhaa. Sana booda namatti facaasun itti tajaajilaa keennu . ➪ Faarf 50(51) : 7 " Hisoophi natti facaasi Nan qulqullaa'aati , na micci cabbii caalaatti nan addaadhatii " ➪R. Hiiz 36:25 " Biishaan gaarii ( Qulqullaa'aa) isinittaan facaasa ,isiniis xura'uummaa︎ keessan irraa Ni qulqullooftuu " Luboonni erga Biishaan irraatti kadhannaa gaggeessanii erga ka'aani booda maalif irraatti afaan isanitiin 𝐈𝐅𝐅 jedhu ? ➪S.Uum 2:7 " Waaqayyoo nama Biyyoo lafaa irraa ni tolcheen, Afuura jireenyaas funyaan isaatti 𝐈𝐅𝐅  itti jedhe, namnis lubbuu jiraattu Kan qabaatu ta'ee " ➪Yoh 20:21- 22 " Iyyaasuusi yeroo lammaffaf nagaan isiniif haa ta'uu jedheen , Abbaan akkuma na erge Ani immoo isinaan erga . Kan jedhe 𝐈𝐅𝐅 itti jedhe, isaaniis Afuura Qulqulluu Ni fudhataan." ︎𝐌𝐚𝐚𝐲𝐢 𝐆𝐚𝐛𝐨𝐨 ( 𝐁𝐢𝐢𝐬𝐡𝐚𝐚𝐧 𝐂𝐢𝐧𝐚𝐚 ) ➪ Muccummaa Sillaasee argachuuf Biishaan ittin chuuphamnu maaye Gaboo ( Biishaan cinaa ) gooftatti argameedha. Yeroo gooftan keenya Fannoo irraa oole jiruutti namni langiyoos jedhamu cina goofta keenya eebboodhaan yeroo waraanu cinaa gooftaati Biishaan fi dhiigni ba'ee ture. Bishaanichii Kan ittin chuuphamnu , dhiigni immoo jireenya bara baraa Kan ittin argannuudha.︎ 3. 𝐗𝐚𝐛𝐚𝐥𝐚 𝐥𝐚𝐟𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚 𝐁𝐮𝐫𝐪𝐮 Egaa xaballi Kun eyyamaa Waaqayyoo ta'ee  fayyina ilmaan namatiif akka ta'uuf iddoo gara garatti lafa keessa  waaqayyoo ni burqisiisaa. Kitaaba qulqulluu irraatti gafa ilallee iddoo xabala baay'ee ni argannaa.fkn xabalaa Yordaanoos Kan Ni'imaan fi Iyoob ittin fayyaan , iddoo chuuphaa Salihoom namichi jamaa ta'ee dhalate sun Kan ittin fayyee fi xabalaa BeetaSaayidaa fa'aa fudhachu dandeenya akka fakkeenyatti. ➪ 𝐁𝐞𝐞𝐭𝐚𝐬𝐚𝐚𝐲𝐢𝐝𝐚𝐚  jechuun afaan Ibiraayisxii yoo ta'uu afaan gi'iizidhaan immoo beetasahiil yoo jedhamtu oromiffaatiin immoo hiikkaan isaa Mana dhiifamaa ( Araara ) jechuudhaa. 𝐗𝐚𝐛𝐚𝐥𝐚 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐀𝐟𝐮𝐮𝐫𝐚 ( 𝐇𝐮𝐦𝐧𝐚 ) 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐲𝐲𝐨𝐨𝐭𝐮 𝐉𝐢𝐫𝐚. ➪S.Uum 1:2 " Biishanichaa irraa Afuurri Waaqayyoo Ni jira ture " ➪ Faarf 73(74) :13 " Ati Galaanoota humna keetin Ni jabeessite, ati mataa jawwichaa Biishaan keessatti ni caccabsite " 𝐗𝐚𝐛𝐚𝐥𝐥𝐢 𝐃𝐡𝐮𝐤𝐤𝐮𝐛𝐚 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐍𝐚𝐦𝐚 𝐅𝐚𝐲𝐲𝐢𝐬𝐚. ➪R.Isaa 35:5-6 " Yeroo sanaatti ijii namoota jamaa ni banamaa, gurri namoota dudaa Ni saqqamaa, yeroo sanaatti inni okkolaan akka kuruphee Ni utaala, arraabni nama danda'ee hin dubbaannes ni faarfata, lafa oona  gammojji keessatti Biishaan dhangalaa'oon ni burqaa " tg..Kadhannaa_Qulqullootaa Jedhu irraa kan fudhatame.

Repost from Kuusaa Faaruu
📌 Anaafis ergaadha! 👉 Obbolootnni koo biyya hambaa jiraatan EEBBA KITAABAA fedha mataa isaaniin haa qopheessinu jechuun mur
📌 Anaafis ergaadha! 👉 Obbolootnni koo biyya hambaa jiraatan EEBBA KITAABAA fedha mataa isaaniin haa qopheessinu jechuun murteessanii gaafa Adoolessa 16, 2015 tti qopheessan! 📌 Kan isin ajaa’ibu immoo kitaaba kana Finfinneetti eebbisiisuuf jedhee namoota tokko tokko gaafan mariisisu waan haamilee nama buusu dubbachaa kan turantu jira. Ijoolleen kun immoo humna qabanin TIKTOK irratti haa qophaa’u jechuun isaanii baayyee waan guddaadha! 📌 Eegaa gaafa 16 galgala keessaa sa'aati 2 irraa eegalee ni eebbifama! 👉 https://www.tiktok.com/@maskaram16?_t=8dyQXgXaaAP&_r=1 hanga sanatti Linkii kanan seenun tiktok irratti sagantaan qophaa’u kana follow taasisaa🙏🙏🙏🙏 #share gochuu hin dagatinaa🙏🙏🙏

⚜   Jireenya Dubrummaa ⚜                   Dubrittii ➧......Gara Dubroo kanaa kan seene garuu dhiira hin turre. Gara ishee kan gale Ergamaa Ifaa ture. Dubartoonni qarreen umriidhaan hanga ishee gahan dubbii galataa,  ‘Ati dubartoota hunda ni caaltaam’ jedhu afaan dargaggoo irraa gammachuudhaan miira’anii ni dhaga’u. ‘Kuni galata  akkamiiti? jedhanii illee osoo hin gaafatiin galata gatii hin qabneef laphee isaanii ni kennu. Harka Dargaggoota fedhiin foonii isaan gowwomse irratti loomiidhaan, qubeelaadhaan, kennaadhaan gowwomfamanii ni kufu.  Dubroon isheen kun garuu, dubbii Waaqayyo karaa Qulqulluu Gabri’eel isheetti himeen alatti gurra isheedhaan dubbiiwwan sossobaa dhiirotaa hin dhageenye. ‘Yaa Dubroo dargaggoonni nama gowwomsan kan si tasgabbeessan miti; ergamoonni samii si daawwatan malee’ akka jedhu Abbaan Hiriyaaqos. ➧‘Yaa qarreewwan! fakkeenya jireenya samii kan taate jireenya Dubroo Maariyaam qabaadhaa. Isheen Kiristoosiif haadha ta’uuf waan tokko illee  kan ishee hir’atu hin turre’ kan jedhu duuka bu’aan qulqulluun Atinaatewoos waa’ee jireenya Dubrittii akkana jedha;- ‘Waaqayyo abbaa seeraa ishee akka ta’uuf kadhatti turte malee dhiirotatti of  mul’isuu hin barbaddu turte. Manaa gad bahuuf hin ariifattu turte. Iddoowwan walitti qabama hawaasummaatti namni ishee beeku hin turre. Akkuma kanniisa damma hojjettuu mana ishee keessa qofa turuu filatti ture.  Mana isheetti kan hafe hundaa warreen harka qalleeyyiidhaaf arjummaadhaan ni kenniti turte. Jechoonni dubbii ishee of eegannoon kan guutaman turan; sagaleen ishees daangaa kan qabu ture. Sagalee ol kaastee hin dubbattu turte. Eenyurratti illee waan badaa hin dubbanne. Oduu badaa dhaga’uufis hin barbaaddu turte.’ ➧Dubroon, ‘Kan si fakkaatu tokko illee kan hin arganne yaa Dubroo gammadi’ jennee  ishee galateeffannu  kun warreen umriin ishee gitan keessaa qulqulleettii haala adda ta’een jireenya gonka cimaa ta’een jiraattu turtedha. #Madda:- የብርሃን እናት; ሄኖክ ኃይሌ (ዲ/ን)       ══•ೋ•✧๑♡๑✧•  ══

Eenyutu dhaala Eenyutu dhaala gooftaa mootummaa kee Nutoo hin hubannee gaarummaa kee Addunyaa dorgomuuf oliifi gadi fiignee Biyya lafaaf jennee nu seera kee diignee ............ Egaa yaa ilmaan koo koottaamee gara koo Akka dhaaltaniifi mootummaa abbaa koo Jettee nu waammattee gara mana keettii Nuti garuu hin deebine kunoo hanga har'aatti ............ Kan ati duuteefi uumamni harkakee Dhagahuu dadhabee maaloo waamicha kee Otoo nutti himamuu halkanii fi guyyaa Deebi'uu dadhabnee maaloo maal nuuf wayyaa ................ Jireenyaa addunyaarraaf oliifi gadi kaannee Hojii fooniif jennee seera keerraa kaannee Gara keetti deebinaa ati nuuf araarami Yeroo dhufaatii kee mirga keetti nu waami ................. Eegaa yaa obboleessaa atis yaa oobboleettii Koottaa ni deebinaa gara Waaqayyootti Gaabbii haa qabaannu fuula isaa duratti Akka nu yaadatuif guyyaa dhufasaati =================

Eenyutu dhaala.mp34.72 MB

“Egaa afaan hin beekamneen dubbachuun milikkita warra hin amaniniif kennamee dha malee, warra amananiif kan kenname miti; waan Waaqayyo namatti mul'ise himuun garuu, warra amananiif yaadame malee, warra hin amaniniif miti.” — 1Qor. 14:22 Guyyaa 50ffaa Guyyaa Eebba Gaarii Gooftaan hundaaf laate D/bu'oota isaaf afaan itti saaqamte Jechootni hin beekamne hiikkaa itti argate Hangan sin jabeessutti afuurakoo ergee Cimaatii dhaabbadhaa jedhee biraa sokke Isaanis kadhannaan obsaan dhaabbatanii Guyyaa50ffaatti afuura argatanii Isabooda hunduu duuka buutonnisaa Sodaan irraa badee addunyaa marsanii Biyya garaagaraatti adda hiramanii Hidhannoo wangeelan waraana seexanaa diiguu eegalanii Saba biyya lafaaf kunis gaaffii ta'ee Afaan nuti beeknun dubbachuun isaanif akkamittiin ta'e Jechuun wal gaafatan hundinuu rommanii Kennaa olii dhufe hubachuu dhiisanii Saba hin baranne dhugaa barsiisanii Addunyaa beeloftes Wangeelan quubsanii Isa isaan ergeef dhugaa isaaf bahanii Waaqeffaanaa biraaf saboota waaqayyoo adda isaan kutanii Duuka bu'aan kana waan gaarii hojjetaa Afaansaas hin sobu dhugaadhan dubbata Jecha isa sirrii micciiree hin dabsu Abboota muudaman Salphisee Hin arrabsu Abbootii Qulqulluu Xiqqeessee hin Arrabsu Waan dhagahef Miti dhugaashee qorataa Ishee sirrii garuu Addunyaaf dubbata Karaa sirriirra imalee gonka hin dadhabu Qormaatas qabaattu Dhugaarraa hin dabu Fannifamus ta'ee qalamuun yoo dhufee Nidarba hundumaa Karaa sirriin dhufee Afuura qulqulluun isaan waliin jiraa Kiyyoo diinni kaa'ee huumnasaan ni ciraa Albeefii goraadee abdatee hin bahuu Sagaleesaan qofa Bakka hunda gahu Jechasaa tokkittiitu kitila Deebisaa Warra Abbaa hirrees aangoosaa kuffisaa Fari'oon mootichi loltuusaa qabatee Uummata waaqayyoo yemmuu ari'atee Gaalanni Eertiraa kunoosa liqimsee Gooftan ijoollesaa moo'ichaan geggeessee Daawwitiif Gooliyaada yemmuu wal dhabanii Gooliyaad huumnasaan didee dhaadhannaanii Qaama isaa guutuun Jabaa of fakkeessee Daawwitiin balleessuf baayyee yoo roorrisee Inni huumna isaaf ofitti abdatee Daawwit qulqullichi waaqayyoon qabatee Dhagaa ishee xiqqoo itti furguuggatee Gooliyaad isa guddaa Daawwit injifate Waan duuka jiruufi waaqayyo gooftani Xiqqaan isa guddaa moo'atee galuunii Har'as abbaan dhugaa gooftan abban nagaa Nuwaliin jiraata nuuf arjoomee suga Nutis kana beekna karaa dabaa mitii Injifannoo qabna duukasaa buunetii Deemsa keenyan cimnee fuulduratti imallaa Waan gaarin alatti nuti hin qabnu faallaa Waan gaarin alatti nuti hin beeknu jallaa Isa nu jaalate simannee fudhanna Isa nu jibbeefis jaalala kadhanna Jaalalli waaqarraa tola nuuf kennamee Diinni daabiloosis isumaan moo'amee Eegaa nutis WDBn kunii Gamtaan tokko taanee duukasaa bu'unii Eebba arganneerraa suga hin dhumne goonka Waaqayyo jiraataa abbaa hundaa harkaa Isa dur eegaleen akka abboota kalee Deemne galma geenyaa Karaatti hin hafnuu diinni nu sakaalee Afuurri qulqulluun Guyyaa 50ffaa Hunda keenyaaf bu'aa yoo qabaanne inaaffaa Inaaffaa yoo jennu waan gaarif quuqamuu Sagalee isa dhugaaf abboomuf bitamuu Kanaan ala cubbuu waanyoof inaaffanii Waan ofii dhiisanii kan namaa yoo hawwanii Dhugaadhan jiraannee dhugaa yoo dubbannee Abboommii waaqayyoof seerasaa yoo eegnee Eebbas ni argannaa waaqayyo gooftarraa Goonka hin yarannuu ni baayyanna hundarraa.. Galanni Waaqayyoof Haata'u Ameen..

Gaaniiwwan [Duukaa bu'oonni] har'a Afuura Qulqulluutiin haareffaman daadhii wayinii haaraa kan jedhamte seera wangeelaa guyyaa itti quufan waan ta'eef, bu'uura barsiisaan isaanii waadaa seeneen bulee isaa sooma ni eegalu. Jecha inni, "daadhii wayinii isa haaraa gaanii haaraa keessa kaa'u; lamaanuu wal eegu" jedhes ni raawwate.  #Beenyaa_Kuma_Tokkoo ➠Har'a Qulqulluun Pheexiroos waltajjii irratti sodaa malee ni lallabe. Kamisa galgala namoota muraasa duratti sodaatee gooftaa isaa hin beeku kan jedhe qulqulluun Pheexiroos, Afuurri Qulqulluu humna isaaf kennee ayyaana guyyaa shantamaffaa irratti waltajjiirratti ifatti barsiise. Lallaba isaa jalqabaatinis namoota kuma sadi gara kiristaanummaatti deebise. "Pheexiroos lallaba tokkoon namoota 3000 deebise; nuyi garuu lallaba 3000n nama tokko deebisuu dadhabne" jedheera abbaa Shinoodaan!  Qulqulluun Pheexiroos firiin gaabbii maal akka ta'e nutti agarsiise. Kamisa galgala "Isa hin beeku" jedhee kan gane si'a sadi ture. Pheexiroos guyyaa har'aatti isa si'a tokko gooftaa, "Isa hin beeku" jedhe qofaaf namoota kuma tokko kan, "Gooftaa nan beeka" jedhan hoqubaa taasisee lubbuuwwan kuma sadi kurnee tajaajilaa godhee dhiyeesse. "Namni cubbamaa karaa hamaa irraa deebisu baay'inni cubbuu isaa akka isaaf dhiifamu haa beeku" jedhamee akkuma barreeffame Pheexiroos si'a sadi ganuu isaaf amantoota kuma sadi deebisuun akka isaaf dhiifamu godhe. (Yaiq 5:20). Afaanota baay'ee isaaf kennaman keessaa afaan tokkoon lallabee namoota kuma sadi yoo deebise afaanota hafaniin  immoo hammam akka hojjeteeru isumatu beeka. Guyyittii har'aatti guyyaan dhaloota mana kiristaanaa yeroo kabajamutti Pheexiroos inni Galiilaa shaamaawwan kuma sadi isheef ibseera. ✍Dn Henook Haayilee, Dn Lammeessaa akka hiiketti

Haa ta'uutii Gooftaan duukaa bu'oota isaa irraa addaa hin baane guyyaa kanatti yoo olbahu, duukaa bu'oota fajajanii ilaalaa turan wajjin taanee akka Waaliyaa gara burqaa bishaanii fedhu taanee takkaa haa yaadannu. Gooftaan keenya guyyaa kanatti barattoota isaa wagga sadii akkuma dandeettii isaaniitti tokkoon tokkoo isaanii dubbattoota afaan 20, 30, 50, 70 isaan taasise. Bakka qurxummii qaban irraa kan isaan waame, namoota baadiyaa Galiilaa bakka tuffatamanirraa isaan waame, Ayihuud irra darbanii addunyaa irratti kan beekaman beektota afaanii isaan taasise. Inni yeroo namaaf ibsu shaakalliin hin barbaachisuutii wallaalonni Waaqayyoo irraa baratan beeektota ogeessota addunyaa qaanessan ta'an. Akkuma yammuu afuuronni hamoon isaaniif bitaman sana gara Gooftaatti fiiganii, "Yaa Gooftaa maqaa keetiin afuuronni hamoon nuuf bitaman" jedhan har'as osoo Gooftaan dursee ol hin baane ta'e gara isaatti fiiganii, "Yaa Gooftaa afuura keetin afaan hundi nuuf ife" jedhanii gammachuudhaan dubbatu turan.   ➠Kana irratti jaalala Gooftaa moo gad of qabummaa isaa dubbanna? Gad of qabummaa (kasoomina) isaa irraa yoo jalqabnu Gooftaan duukaa bu'oota isaaf afaan torbatama kennee beektota isaan godhe kun ofii isaa yammuu waggoota soddomii sadiif lafarra deddeebi'aa ture afaan tokko qofa dubbachaa turuun isaa akkam nama ajaa'iba? Qulqulluun Giyoorgisa inni Gaasiccaa, "Uumamaaf qooqa kan kenne; dirree Senaa'or irratti afaan kan bittinneesse inni qubee Ibraayisxi barachuuf miila barsiisaa jala taa'e" jdhee kan ajaa'ibsiifate gadi of qabummaa gooftaa haa dinqisiifannu. Inni afaan hundumaa kan beeku kan dhagahu garuu afaan tokko qofa dubbachuun isaa gad of qabummaa akkamiiti! Nuyi afaan sirriitti hin dubbanne, kan hin beekne illee jechoota dubbannu gidduu akkaa galchine akka nama beekumsi itti baay'atee rakkisu yoo of fakkeessinu hunda kan beeku gooftaan garuu gad of qabummaadhaan afaan tokko qofaa dubbate.  Gooftaan Duukaa bu'oota isaa, namoota galiilaa homaa kan hin beekne jechoota baay'ee isaan hin beekne dubbatee isaan hin dhiphisne. "Kanan sinitti himu waan baay'eetu jira; amma garuu baachuu hin dandeessan; Afuura Qulqulluu siniifan erga, inni hundumaa isin barsiisa" jedhee isaan abdachiisee guyyaa kanatti garuu afaan beekumsaa fi ija jabina wajjin kenneef! Gooftaan, "Kan natti amanu kan ani godhu ni godha; sanarra kan caalus ni taasisa" jedhee barsiise duukaa bu'oota isaa isatti amanan ofii isaa kan itti hin barsiisne afaan baay'ee akka dubbatan isaan taasise. (Yoh 14:12) Barsiisonni uumamaa barattoota isaanii hamma akka isaanii ta'anitti barsiisuu danda'u malee akka isaanii ol ta'utti hin barsiisan. Raajichi Eeliyaas qofti barataa isaaf [Eelsaahi], "Afuurri narra jiru sirratti dachaa dachaan haa bulu" jedhee dandeettii namummaa isaatiin Eelsaahi isa yeroo inni olbahu isa argeef uffata isaa kennee ture. Uumaan qooqawwanii Kiristoos garuu duukaa bu'oota yammuu inni olbahe fajajanii isa ilaalaniif, isa keessa jiraataa ta'ee kan jiraatu Afuura Qulqulluu yammuu isaaniif erge, afaan inni osoo dubbachuu danda'uu garuu sababa gad of qabummaasaatiin hin dubbanne afaan baay'ee akka dubbatan isaan taasise!  #Daadhii_Wayinii_Quufaniiru ➠Dhugaatiin afaan haaraa ibsuun haa hafuutii isa beeknu iyyuu akka balleessu beekamaadha. Garuu, namoota yammuu duukaa bu'oonni afaan haaraa dubbatan argan keessaa namoonni tokko tokko, "Daadhii Wayinii quufaniiru" jedhan. Duukaa bu'oonni afuuraan kan machaa'ani malee dhugaatiidhaan kan machaa'an hin turre. Qulqulluu Qeerloos inni Iyyerusaalem akkuma ibse dhugumatti iyyuu duukaa bu'oonni, "daadhii wayinii quufaniiru". Daadhiin wayinii kun garuu gosa isa Ayihuudonni itti baacuuf jedhan sana hin turre. Daadhiin wayinii kun seera wangeelaa ishee haaraa, kakuu isa haaraa, sirna mana kiristaanaa Afuura Qulqulluutiin hojjetame hunda ture. Daadhiin wayinii kun isa gooftaan, "Duukaa bu'oonni kee maaliif hin sooman?" jedhamee yammuu gaafatametti, "Gaanii moofaatti xajjii wayinii haaraa eenyutu kaa'a?" jedhee yammuu deebisetti dubbate sanadha. (Maat 9:17).

DAADHII WAYINII  F/taa Ashannaafii Addunyaa ➠"Ayyaanni Guyyaa 50ffaa" Israa'el Gibtsirraa hoolaa faasikaa qalanii erga bahanii booda guyyaa shantama booda, guyyaa itti Waaqayyo Museef tulluu Siinaa irrratti seera gabatee dhagaa irratti barreeffame kenneefidha. Faasikaan keenyi Kiristoos qalamee Gibtsi irraa osoo hin taane garbummaa Si'ool jalaa, bittaa Fara'oon jalaa osoo hin taane bittaa Diyaabiloos jalaa bilisa kan baane nuyi Kiristaanonni du'aa ka'umsa Gooftaa keenyaa fi faasikaa kakuu haaraa erga kabajnee guyyaa shantamaffaatti akkuma bartee Ayihuud [Israa'el] ayyaana guyyaa shantamaffaa ni kabajna. Kanaaf sababni garuu, Waaqni Museef seera Tsillaatii irratti barreeffame kenne laphee duukaa bu'ootaa keessatti immoo guyyaa itti Afuura Qulqulluu isaatiin seera Wangeelaa boce (Barreesse) waan ta'eefidha. Guyyittii kanatti duukaa bu'oonni Afuura Qulqulluu fudhatan akka raajicha Musee isa tulluu Siinaa Waaqayyo "Afuura si keessa jiru irraa fuudheen isaanirra nan bulcha" jedhee kan isaaniif dubbatee fi isaanirraa fudhatamee kan kennamu hin turre. [S.Lakk. 11:17]. Duukaa bu'oonni Afuura isaaniif kenname nama biroof yammuu kennan akka ifa shaamaa namoota biraaf yoo ife kan hin dhumnee fi irra caalaa dabalaa kan deemu, kennaa Museerra caalu kan qaban waan ta'eef manni kiristaanaa ayyaana tulluu Siinaa, ayyaana shantamaffaa jedhamu kana dhaaltee haala ho'aan ni kabajji. Kan nama ajaa'ibu osoo kan duukaa bu'ootaaf kenname kan Museef kenname irra hin caalu ta'edha. Museen kan falme Fara'oon wajjinidha; duukaa bu'oonni garuu Diyaabiloos wajjinidha. Waaqayyos cimina waraana isaanii kana ilaaleeti kan 'Afaan keessan giingee ta'eef Arooniin siniif ergeera' jechuu irra akka ittiin dubbataniif Afuura Qulqulluu kan kenneef! Isaan kan fudhatan afaan giingee ta'e kan sirreessu qofaa osoo hin taane Afuura qooqa 72 akka afaan dhalootaatti dubbatan isaan taasisu ture. Kanaaf ayyaanni guyyaa shantamaffaa Oriitii irra iyyuu kakuu haaraaf kan mijatudha. #Afaan_Biraadhaan_Dubbachuu_Eegalan ➠Waaqayyo guyyaa kanatti afaan dirree Senaa'or irratti bittinnaa'ee ture mana kiristaanaa keessatti walitti qabe. Afaanii fi sanyiidhaan kan hin daangofne mana hundumaa akka taatuuf kan ishee waamee fi fayyisaa kan isheef ta'e qulqulleettiin mana kiristaanaa akkuma dhalatteen afaan ishee hiikkattee afaan addunyaa hundumaan dubbachuu [qorachuu] eegalte. Phaaphaasonni fi Luboonni ishee warri haaraanis afaan hundumaan dubbachaa, namni hundi, "Namoota Galiilaa mitii akkamitti afaan dhaloota keenyaa dubbatu?" jedhee kan isaan dinqisiifatu ta'an.  Dhugumatti iyyuu manni kiristaanaa fi luboonni afaan tokkoon murtaa'anii, saba naannoo tokko qofaan dhaggeeffatamuun isaanirraa hin bareedu. Ifa Wangeelaa addunyaa hundaaf ifu qabatanii qe'ee itti dhalatan qofaaf kan ibsan yoo ta'e isa kam isaa luboota jedhamaniree? Abrahaam abbaa namoota baay'ee akka ta'uuf biyya fira isaa akkuma dhiise; abbaa namoota baay'ee kan ta'u lubnis gosa isaa dhiisee yoo bahuu baate Abraam (abbaa namoota xiqqoo) malee Abrahaam (abbaa namoota baay'ee) ta'uu hin danda'u. Kanaaf manni kiristaanaa guyyaa har'aa humna Afuura Qulqulluutiin tajaajiltoota ishee hidhaa afaanii jalaa isaan baastee bilisa isaan taasiste. Nama Galiilaa Pheexiroos isa Qurxummii qabu Giriik akkaa dubbachiiste, Maatiyoos isa Lewii Arabiffaa akkaa dubbachiiste shaakala malee addunyaa hunda [akkaataa afaan isaatti] kan boojitu manni kiristaanaa har'a dhalatte. Guyyaan itti manni kiristaanaa hidhaa afaanii fi qoqqooddaa sanyii irraa itti hiikamte kun "Guyyaa dhaloota mana kiristaanaa" yoo jedhame barri itti manni kiristaanaa deebistee sanyii lakkaa'uu keessa galte immoo maal jedhamee waamama laata? Kiristoos_fi_Ayyaana_Guyyaa_50ffaa ➠Dhugumatti ayyaanni guyyaa shantamaffaa erga Gooftaan olbahee guyyaa kudhan booda kan raawwate ta'uu isaatiin guyyaa kanatti akkuma waadaa isaaniif seeneen guyyaa itti Afuura Qulqulluu isaaniif ergedha.

⚜Gaaffii Caqasa Qabuuf Deebii Caqasa Hin Qabne⚜ ✍Guyyaan isaa guyyaa yaadannoo haadha keenya qulqulleettii dubroo Maariyaam ture. Haati umuriin ishee baay'ee deemeeru tokko dhadhaabbata isheetti  hirkattee, baaqqee uffattee akka ergamootaa miidhagdee ayyaana yaadannoo haadha keenyaa kabajuuf  gara mana Kiristaanaa Qulqulleettii Maariyaam deemuuf kaate. Osoo deemaa jirtuu daandii irratti qorumsi ishee qaqqabe. Kunis, paasterri dargaggeessi tokko suufii fi Karabaataadhaan of miidhagsee, rifeensa filatee wangeela harka mirgaan raasaa isheetti dhufe. Erga nagaa ishee gaafatee boodas eesssa akka deemaa jirtu ishee gaafate. Isheenis yaadannoo ayyaana haadha waaqayyoo kabajuuf deemaa akka jirtu itti himte. Kana gochuun  ishee isa waan gaddisiiseef jaartii caqasa homaa hin beekne garuu amantii guutuu qabdu caqasa caqasee gaaffii gaafate. Kunis akkas kan jedhu ture. ✍Wangeela Yohaannis boq-2 irratti Gooftaa Iyyesuus Maariyaamiin   "Maaliif Hojii koo keessa lixxaree!" Jedhee ishee ifateera, isin garuu Maqaa ishii malee ooltanii buluu hin dandeessan, kunimmoo immoo isin hin fayyisu waan ta'eef gara dhugaa koottu! jedhe. Jaartiinis waa'een lakkoofsa dhimma ishii ta'uu baatus lallabni kun baay'ee waan ishee ajaa'ibeef deebii ajaa'ibaa kan caqasa hin qabne,  garuu caqasa caalaa kan nama amansiisu itti kennite! Kunis "Yaa mucaa koo guddadhu! mee garuu Iyyesuus keessan inni haadha isaa ifate kun osoon dhufe anaan immoo osoo na hin reebiin hafa jetteetii!, kanaaf kan kee hin beeku anaaf garuu Iyyesuus isa haadha isaa Kabaje naaf wayya waan ta'eef nagaan ooli!" jettee jaartiin wangeela harkaan qabdee hin beekne Paastera wangeelli harkaa dhibamee hin beekne qaanessitee gaggeessite! Innis afaan isaa qabatee daandii isaa itti fufe! Ajaa'iba! #Maal_hubatte? ✍Baay'een keenya jecha Kitaaba Qulqulluu,  "Gaaffii gaafatamtan hundumaaf deebii deebisuuf kan qophooftan ta'aa" jedhu bu'uura godhannee hamma danda'ame qophii gochuu yaalla. Garuu qophii akkamii taasifna? jennee of gaafachuu qabna. Kuni waan dhoksaa qabu miti, baay'een keenyi caqasa sammuutti qabannee qophoofna. Garuu yeroo baay'ee milkoofnee hin beeknu. Nama biraa deebisuuf jennee yammuu ofii keenya itti dabalamnee kufnutu mul'ata. Kanaaf haala qophii keenya sirreessuun barbaachisaadha. Deebii dhugaa kennuu kan dandeenyu yammuu caqasa sammuutti qabannu osoo hin taane yammuu caqasichi jireenya keenya waliin walsimatudha. Kanaaf mitiiree jaartiin armaan olitti ilaalle kun osoo caqasa tokko illee hin beekiin, jireenyi ishii mataan isaa caqasa waan ta'eef takkaan deebii nama qaanessu kennite. Jaartiin kun beekumsa guutuu qabaattee osoo hin taane amantii guutuu waan qabduuf milkoofte. Kanaaf malli isheen fayyadamte kun nuyi warra beekumsa hedduu hin qabneef baay'ee murteessaadha. Deebii deebisuuf beekumsa mana Kiristaanaa hunda beekuun hin barbaachisu. Dursinee ofuma keenya iyyuu waa'ee amantaa keenyaa amantii guutuu qabaanne jennaan nuyi ofii keenyayyuu caqasadha. Kanaan alatti garuu amantii hir'uu qabannee osoo caqasa kitaaba qulqulluu hunda sammuutti qabanne iyyuu akkuma shakkitootaa ittiin banna malee nu hin fayyadu! Amantii guutuu qabaachuuf immoo "Amanuu dhiisuu koo na gargaari!" Jennee yeroo hunda kadhachuutu qorichadha. Jabaan Waaqa, Horaa bulaa!             

photo content

Shawaa Lixaa Keessatti Muudamni Abune Naatinaa'eeliin Kennamu hin jiru. Caamasaa 13 2015 Koreen ijaarsaa Mana Lubummaa Godina shawaa Lixaa Walgahii taa'een murtiiwwan dabarse keessaa tokko:- sababa balleessaa isaanii isa hadhaawaatiin Phaaphaasii duraanii kan turan Abune Naatinaa'eel Kutaa Biyya lallaba Shawaa Lixaa irraa Dhorkamuun isaanii kan yaadatamudha. Haa ta'u malee fuuldura keenya kana Gaafa Caamsa 17 /2015 Ayyaanni Olba'umsa Gooftaa Keenya Iyyasuus Kiristoos kan itti yaadatamuu fi kabajamudha. Akka Godina keenyaatti ayyaanicha sababeeffachuun Aangoon lubummaa fi Daaqonummaa kennamaa turuun isaa ni beekama. Ammas Phaaphaasii duraa kan turaan abune Naatinaa'eel Sababa miidhaa Amantoota Kutaa biyya lallabichaa fi Manneen amantaalee irraan gahaa turaniif, akkasumas gochoota jibbamaa (Ciiggaasiso) isaaniinii fi sammichaa mannewwan amantaa keenya irratti raawwachuun Miidhaa waan turaniif, gara Kutaa lallaba Biyya keenyaa akka isaan hin geenye dhorkamanii turuun ni yaadatama. Ammas dhorki irraa hin kaane. Kanaaf Aanaaleen Kutaa biyya Lallaba Shawaa Lixaa jala jirtan hundi keessaan kana hubattanii, ammaaf muudamni Abuna Naatinaa'eeliin gaafa 17/09/2015 gaggeeffamu kan hin jirre ta'uu fi baasiif akka hin saaxilamne isin beeksifna. HUBACHIISA:- Akkaataa muudamni itti kennamu akkuma haalonni sirreessaa jirru xumurameen karaa miidiyaa kanaa fi ergaa kallattiitiin isiniif dabarsina waan ta'eef obsaan qophooftanii akka nu eegdanii fi iddoo jirtan akka turtan kabajaan isin beeksisna. H/Mikaa'el Taaddeseetin.. Jabaan Waaqa❗️ Caams 13/2015 Mana Lubummaa Shawaa Lixaa