es
Feedback
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر

𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر

Ir al canal en Telegram

𝚃𝙰𝙵𝙰𝙺𝙺𝚄𝚁/🌍 قَناةٌ تُعنى بخدمة السنّة المحمّديّة، على صاحبها أفضلُ الصّلاة وأتمُّ السّلام. Sunnaa Rasuulaa kaddamuuf hundeeffamte (Sallallaahu aleyhi wasallam) Yaadaaf👇 https://t.me/Ibrahim_92taf

Mostrar más

📈 Análisis del canal de Telegram 𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر

El canal 𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر (@tafak_or) es un actor destacado. Actualmente la comunidad reúne a 11 853 suscriptores, ocupando la posición 7 640 en la categoría Religión y espiritualidad y el puesto 2 832 en la región Etiopía.

📊 Métricas de audiencia y dinámica

Desde su creación el невідомо, el proyecto ha mostrado un crecimiento acelerado, reuniendo a 11 853 suscriptores.

Según los últimos datos del 22 julio, 2026, el canal mantiene una actividad estable. En los últimos 30 días la variación de miembros fue de 30, y en las últimas 24 horas de 12, conservando un alto alcance.

  • Estado de verificación: No verificado
  • Tasa de interacción (ER): El promedio de interacción de la audiencia es 15.96%. Durante las primeras 24 horas tras publicar, el contenido suele obtener 5.99% de reacciones respecto al total de suscriptores.
  • Alcance de las publicaciones: Cada publicación recibe en promedio 1 892 visualizaciones. En el primer día suele acumular 710 visualizaciones.
  • Reacciones e interacción: La audiencia responde de forma activa: el promedio de reacciones por publicación es 30.

📝 Descripción y política de contenido

El autor describe el recurso como un espacio para expresar opiniones subjetivas:
𝚃𝙰𝙵𝙰𝙺𝙺𝚄𝚁/🌍 قَناةٌ تُعنى بخدمة السنّة المحمّديّة، على صاحبها أفضلُ الصّلاة وأتمُّ السّلام. Sunnaa Rasuulaa kaddamuuf hundeeffamte (Sallallaahu aleyhi wasallam) Yaadaaf👇 https://t.me/Ibrahim_92taf

Gracias a la alta frecuencia de actualizaciones (últimos datos recibidos el 23 julio, 2026), el canal mantiene la vigencia y un amplio alcance. La analítica demuestra que la audiencia interactúa activamente con el contenido, lo que lo convierte en un punto de referencia dentro de la categoría Religión y espiritualidad.

11 853
Suscriptores
+1224 horas
+27 días
+3030 días
Archivo de publicaciones
✍️ Kan osoo ati hin dhufin bal'ina jireenya kee qindeesse, erga ati uumamtee booda kophaatti si dhiisa jettee yaaddaaa?! Allaaah @tafak_or

1) Irra caaltuun Aayataa Kitaaba Rabbii keessatti…..👇🏻 Aayatal-Kursiyyiidha. (آية الكرسي) Hadiisa Ubayyi binu Ka’abii keessatti Muslimtu gabaase. 2) Namni Salaata waajibaa hunda boodaan ishee qara’e, Jannata seenuu irraa du’a yoo taate malee wanti isa daangessu hin jiru.👇🏻 Kitaaba: صحيح الترغيب والترهيب: ١٥٩٥ 3) « Namni halkan takka Aayatoota xumuraa Suuraa baqaraa qara’e, isaaf geessuudha..!» Maal isaaf geessi? ✍️ #Ibnu_Hajar ( Rahimahullaah) akkana jedhe: (Sharrii ilma namaa fi jinnii irraa isa gaha - Leylii salaatuu irraa isaaf gaha (Sadarkaa leyliitti qixxaata)- Ykn gama mindaa fi Ajriitti isaaf gahaadha). (Fathal-Barii ilaalaa). Aayatoonni sunneen lamaan Aayatal-Kursiyyii fi Aamanaa irraa tan eegaltuudha..!! Keeyrii tana saamadhaa..! @tafak_or

✍️ "Namni wallaalummaa isaa irratti dammaquun beekumsa dha." Akka waan beekne uf beekuun beekkumsa…. 📃 #Ibnu_Kalduun. @tafak_or

✍️ Waggaa 1400 oliin dura namni Amr ibn Rabi’ah al-Thaqafi jedhamu tokko dhagaa tokko fudhatee jechoota muraasa irratti barreesse, sagaleen isaa jaarraa hedduu keessa imaluun har’a nu bira akka ga’u hin beeku ture…! Salphaatti akkas jedhee barreesse: "Ani Amr ibn Rabi'ah al-Thaqafi bara Ifriqiyaatti barreefama kana barreesse." Jechoota kudha sadii qofa, ta’us garuu taatee adeemsa seenaa Afrikaa Kaabaa jijjiire of keessaa qabatanii jiru. ✍️ "Bara Ifriqiyaa" jechuun bara Afrikaan keessa banamte, maqaan Tuuniziyaa fi biyyoota ollaa isheetti argamanii maddoota Islaamaa jalqabaa keessatti ittiin beekamtu ajajaa Abdullaah ibn Saad ibn Abii Sarhiin bara 27 Hijira (A.L.Atti 647) itti banamuu agarsiisa. ✍️ Leenci kun guyyaa seenaa kana bara isaa lakkofsaan hin galmeessine; taatee baay’ee guddaa fi dhiibbaa guddaa geessisu tokko salphaatti qabachuun mallattoo seenaa addunyaa maratti beekamtii qabu ta’uu isaa qofatti geeffate..! ✍️ Har’a, jaarraa kudha afur ol keessa jirra, garuu jechi isaa hanga hardhaa bakkuma sana jira, bara injifannoo jalqabaa fi nama idilee mallattoo xiqqoo dhiisuu barbaadee garuu kana gochuu isaatiin cittuu seenaa tokkoo nuuf dhiiseera. Rahimahullaah @tafak_or

Assalamualeykum warahmatullaahi wabarakaatuh Barattoonni koo warroonni Nahwii Ajruumiyyaa barataa jirtan…duubaan yeroon qormaataa waan as deemaa jiruuf…ija takkaan rafaa..!! Yaadachiisumaaf…. @tafak_or

✍️ Hadiisa Ibnu Mas'ud (Rabbiin irraa haa jaalatu) odeesse tokko keessatti, akkana jedhe: "Nabiyyiin (saw) guyyaa tokko Hasii
✍️ Hadiisa Ibnu Mas'ud (Rabbiin irraa haa jaalatu) odeesse tokko keessatti, akkana jedhe: "Nabiyyiin (saw) guyyaa tokko Hasiira ( afaa margarraa dhawame) irra ciisee,afaan sun gogaa isaa irratti mallattoo dhiise. Booda ani isaan irraa haxaa’uu eegale: ‘Abbaa fi haati kiyya fidaa kee haa taatu yaa Ergamaa Rabbii! Maaliif nutti hin himne akka nuti waan ati irra ciiftu kan qaama keen miine siif qopheessinuuf ?'" Jedheen, Ergamaan Rabbiis (SALLALLAAHU ALEYHI WASALLAM) booda akkana jedheen: “Anaaf addunyaa kun maal walitti qabna (مالي وللدنيا)? Walitti dhufeenyi ani addunyaa kana waliin qabu, akka nama imaltuu muka jalatti gaaddisa barbaadee, achiis mukattii dhiisee biraa deemeeti.” • Hadiisa kana Tirmiizitu odeesse. @tafak_or

من جدّ وجد…..! Ilmiin Raftee miti kan sitti dhuftu….. بقدر الكدّ تكتسب المعالي…ومن طلب العلى سهر الليالي ومن رام العلى بغير ك
من جدّ وجد…..! Ilmiin Raftee miti kan sitti dhuftu….. بقدر الكدّ تكتسب المعالي…ومن طلب العلى سهر الليالي ومن رام العلى بغير كدّ…..أضاع العمر في طلب المُحالي.. Rafanii wanti argan yoo jiraate manaama qofa…! Hundaafuu waan jaaladhu hundaa isiniin jaalaachuu waan qabuuf….! Du’aa’ii keessaniin nun dagatinaaa…!

Waan dubbise keessaa ✍️ Addunyaan tun... bu'aa arginu hunda jala fiiguu fi ari'uu nu barsiifteetti. Garuu Aakhiraan... qalbii waan arguu hin dandeenyetti amantu barbaaddi..! Kanaafis... namni tokko waan addunyaatiif halkan guutuu hirribaa malee buluun isaaf salphaa ta'uu danda'a, garuu daqiiqaa muraasaaf Rabbii isaa dura dhaabbachuun isaaf ulfaataa ta'uu danda'a. Yeroo dhabuu osoo hin taane... Yaqiina dhabuudha. @tafak_or

Iimaanni namaa ni moofas, ni haarawoomas…👇 ✍️ Ergamaan Rabbii (s.a.w) akkana jedhan: “Dhugumatti Iimaanni qalbii keessan keessatti akkuma uffanni dulloomee dhumutti dhuma, kanaafuu Rabbiin qalbii keessan keessatti iimaana akka haaromsu kadhadhaa.” ‏قال رسول الله صلى الله عليه وسلم: «إن الإيمان ليَخلَق في جوف أحدكم كما يَخلَق الثوب، فاسألوا الله أن يجدد الإيمان في قلوبكم». [الصحيحة: 1585] [Sahihah: 1585] kan jedhu. @tafak_or

"فتبسَّمَ النبيُّ ﷺ" -البخاري ١٠٢١-. ‏"فضحِكَ النبيُّ ﷺ" -‏البخاري ١٩٣٦-. "فسكَتَ ﷺ هُنَيهَةً" -‏البخاري ٣٦٩٥-. ‏"حزُنَ النبيُّ ﷺ" -‏البخاري ٦٩٨٢-. ‏"فبكَى النبيُّ ﷺ" -‏البخاري ١٣٠٤-. ‏ما أعظمَهُ مِن نبيٍّ، حُفِظَت لنا بسمَاتُه، وضحكَاتُه، وسكتَاتُه، وحزنُه، وبكَاؤُه ﷺ. اللهم صل وسلم وبارك على سيدنا مُحمَّد..❤️

Azkaara galgalaaa أذكار المساء
Azkaara galgalaaa أذكار المساء

Andaaluusiyaa keessatti iddoowwan qabrii ykn awwaalonni akkasuma Hujubaawwan adda addaa jiraachuu isaanii kan mirkaneessu, ra
Andaaluusiyaa keessatti iddoowwan qabrii ykn awwaalonni akkasuma Hujubaawwan adda addaa jiraachuu isaanii kan mirkaneessu, ragaan ykn sanada tokkolleehanga ammaatti hin argamane. Maaliif akka ta'e beektaa? Wallaalummaa fi dubbisuu fi barreessuu dhabuun ( Ummiyyummaan) Andaaluusiyaa keessatti waan hin jirreef qofa. ✍️ Hunda caalaa immoo, Faaximiyyoonni ykn Shii’onni kutaa Andaaluusiyaa kamiyyuu bulchanii hin beekan. Bida’aan ykn kalaqni haaraan tokkollee lafa kana hin geenye; sababni isaas bulchitoonni Andaaluusiyaa Umayyoota waan turaniif يرحمهم الله تعالى، ويجزيهم عن الإسلام والمسلمين خير الجزاء 📌 Suuraan kun kan Masjiida Guddaa Kordoobaati.

IShamarran xiqqeenyatti maaliif hijaaba akka uffataniif dirqisiista? Jedhamee gaafatame. Innis akkana jedhee deebiseef: Dameen mukaa tokko yoo akkuma dabe sanatti guddate, karaa damee sana cabsuu qofaan yoo taate malee siin qajeelu; garuu yeroo inni xiqqaa ture qajeelchite yeroo hunda qajeelaa ta'a…!! Warra lakkaa mucayyoon daa’imaa hin guddanne jedhuuf, siif daa’ima malee ormaaaf____!! @tafak_or

record.ogg4.41 MB

Barreeffamni Photo Kaafame sun kan eenyuuti ?

Waan hubattan irratti yaada kennuu ni dandeessu…. Yaadota gama lamaan irrattuu

Suuraa Kaasuun Haraama moo Halaala…. Sagantaan kun isin dabruun qabu👇🏻 https://t.me/tafak_or?livestream=102b1473e4212f0574

Daqiiqaa 40 booda Inshallaah 10:00 🕙 PM Nu eegaa livestream

الحكم على الشيء فرعٌ عن تصوره Osoo waan hubatin, waa murteessuuf hin jarjarinaa….!! Waa hunda dura hubannoo fi xiyyeeffannaa kennutu dursa..!