cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Sagalee Mana Kiristiyaanaa Ortoodoksii Tewaahidoo

♡ Kutaa Lallaba Arsii Bahaatti Mana Lubummaa Aanaa Heexoosaa Mana Amantaa Tulluu Tsilaalish Qulqulleetti Sillaasee Qacaa / Sadaasa 13/03/2009 irraa eegale

Mostrar más
Publicaciones publicitarias
358
Suscriptores
Sin datos24 horas
+37 días
+330 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

Isaaniis na argan na ilaalaan, wayyoota koo ofiif addaan hirataan, wandaaboo koo irraatti carraa darbatan> jechuun raajii dubbate. Faar. 21፥16-18. Raajoota jaboota afran keessaa, tokko kan Raajichi Isaayaasis; < Inni garuu darbiinsa cubbuu keenyaaf madaa’e, badii keenyaaf daakkame, gorsi fayyinaa keenya isa irraa ture, madaa’uun isaa nuuf fayyina ta’ee> jechuun ilmi waaqayyoo ilmaan Addaam jecha harka diinattii joonja’uu raajii dubbate. Isa. 53፥5. Dhumni isaa. Yoh. 20፥25-30. Ragaa 19 ffaa Gonfoo Qoree, Mismaaroota fi eeboon akka waraanamu. Lubni zakkaariyaas Kiristoos gonfoo qoree / akliila sook/ mismaaroota shanaan, Sadoor, Aladoor, Daanat, Adeera fi Roodaas, akkasuma eeboon waraanamuu isaa yoo dubbatu < Gara isaanii gara waraananii ni ilaaluu > jedhe. Zakk. 12፥20. Dhumni isaa. Maat. 27፥35-37 Ragaa 20 ffaa Hattoota gidduutti fannifamuu fi Ayihudoonnii fannoorraatti qoosuu. Raajichi Isaayaas gooftaa keenya Iyyaasuus Kiristoos badii tokko malee hattoota lamaan, Barbaan/ Dakaarsi/ fi faayitaawizeeymaa/ Xiixoos/ jidduutti fannimuu yoo dubbatu, < warroota hamoo waliin lakkaa’ameera, inni garuu cubbuu namoota hedduu baate > jedhe. Isa. 53፥12. Dhumni isaa. Maat. 27፥28, Maar. 15፥27-28. Ilmi Isseey mootichi Daawwit Kiristoos Ayihudoota qoosamuu yoo dubbatu < Kan na argaan hunduu mallattoo natty mul’isu mataa isaanii hurgufaa hidhii isaaniin akkas naan jedhu ‘’ waaqayyootti amanee innis yaa fayyisu yoo jaalate yaa fayyisu ‘’ > jedhe. Faar. 21፥7-8. Dhumni isaa. Maat. 27፥31, Maar. 15፥20, Luq. 22፥63, 23፥36. Ragaa 21 ffaa Sa’aatii booda Aduun akka dukkanoofte. Raajoota xixiqqoo kudha-lamaan keessa tokko kan ta’e Raajichi Amoots yeroo gooftaan fannoo irraa jirutti sa’aatii booda Aduun lixuu yoo raaju < Guyyaa waaqayyoo ifa osoo him taane dukkaana hin turree? Ifa gaarii kan hin qabne dukkana gurraacha hin turree? ----‘’Gaafa sana Aduun sa’aatii booda akka lixuun godha’’ jedhe gooftaan, waaqayyoon guyyaa ifaaniin dukkaneessa jedhe> jechun caafe. Amo. 8፥9, 5፥20. Dhumni isaa. Maat. 27፥35, Maar. 15፥33, Luq. 23፥44-45. Ragaa 22 ffaa Hadhaa’a / Homxaaxxee / Obaasuu fi Fannoorraatti lafee isaa akka Hin caccabne. Faarsan Daawwit Kiristoosiif fannoo irraatti hadhooftuu ykn hamoot akka kennaniif, < Nyaata koof hadhooftuu naaf kennan, dheebuu koof hadhaa na obaasan > jechun faarfate. Faar. 66፥21. Dhumni isaa. Maat. 27፥34, Yoh. 19፥28-30. Hayyuu Raajoota kan turee Muuseen , < Foon keessaa tokkooyyuu manaa gara badheetti hin baasinaa, lafee koos hin caccabsina > jechuun caafe. Macaafa seeroota irraatti caafe. Se. Bah. 12፥46. Dhumni isaa. Yoh. 19፥33-36. Faarsan Daawwiitis, < Waaqayyoon lafeewwan keessan ni eega isaan keessa tokkooyyuu hin cabdu> jechuun faarfate. Faar. 33፥20 Dhumni isaa. Yoh. 19፥33-36. Ragaa 23 ffaa Awwaala haaraawatti awwaalamuu. Raajichi dursee raajuun, < Warroota hamoo waliin awwaalcha godhan sooreessoota waliin du’aas ta’eera. hammeenyas hin raawwanne, afaan isaatii gowwoomsuun hin argamne > jedhe. Isa. 53፥9. Dhumni isaa. Maat. 27፥57-60. Ragaa 24 ffaa Guyyaa fi halkan sadii awwaala keessa oole buluun du’a moo’ee ka’uu. Raajii xiqqaa kan ture Raajichi Hoose’i Kiristoos guyyaa fi halkan sadii awwaala keessa turuun ka’uu, < Guyyaa lama booda nu fayyisa sadii boodas nu kaasa fulduraatti jiruu ni jiraanna > jedhe. Hoos. 6፥1-2. Dhumni isaa. Maat. 12፥40. Faarsan Daawwiitis gooftaan du’a moo’e ka’uu, < Lubbuu koo si’ooliitti hin dhiisu bosbosuu qulqulloota akka ilaaluuf hin dhiisu > jedhe. Faar. 15፥10. Dhumni isaa. Yoh. 2፥31 Faaruu 150 kan faarfate fi daa’imummaan waaqayyoon kan filate qulqulluun Daawwit ilma waaqayyoo duuti qabuu dadhabuu fi inni guyaa fi halkan sadii booda aangoo waaqummaa isaan du’a moo’e ka’uu yoo faarfatu, < Ani rafeera, hirriibnis nafudhateera waaqayyoonis na kaaseera, anis ol-jedheera, namoota kumaatama na marsaniis hin sodaadhu > jedhe. Faar. 3፥6. Dhumni isaa. Maat. 28፥2-7, Ho. Du. Bu. 2፥22-32.
Mostrar todo...
Waa’ee Kiristoos Raajiiwwan Dubbatamaan. ©B/saa Guutamaa M. (Walda Mikaa'el https://t.me/Hi21Mar share join Ifa addunyaa kannjedhamuu duuka bu'aan qulqulluu Phaawuloos, < Baroota durii eegalee waaqayyoon karaa adda addaan raajootan abbootiif dubbatee erga hundaa dhaalchisee, kan addunyaa uume ilmi bara dhumaa kana nuuf dubbate> jechuun abdii Kiristoos Iyyaasuusiif dubbatamaa ture caafe. Ibro. 1፥1-2. Kana jechuun, baroota kakuu moofaa keessaa ykn waggootaa 5500f waaqayyoon abdii fi waadaa ilmaan Addaamiif kennee Abboota qulqulloota fi Raajoota gurguddoo 4 fi Raajoota xixiqqoo 12 irraa bulee dubbacha ture. Ega barrii dhume ykn waggoonnii 5500f xummuramee waaqayyoon matuma isaan foon sanyii Addaam ykn foon namaa uffachuun nama jidduutti argamuun dubbate. Yaa saba waaqayyoo wanti guddaan nuti hubachuu qabnu ilmi waaqayyoo callisee foon nama hin uffanne, uffatteesa sababa tokko malee namarraa hin dhalanne, dhalatees sababa tokko malee ilmaan namaa fayyisuuf adeemsa sana hundaa deeme hanga Qaraaniyoo irraatti guyyaa jimaatan lubbuu isaa qulqulluu dabarsee kennuu hin geenye, du'ees duuti dandeesse hin qabneetti guyyaa sadii fi halkaan sadii keessaatti du'ee du'aa moo'ee guyyaa 40ffaati gara samii bahuu isaa sababa malee miti. Wantoota ilmi waaqayyoo foon namaa uffattee barrii ergaa dhumee ykn bara kakuu haaraa raawwatee kan hundaa dursee Abbootii qulqullootan, Raajootaan fakkeenyaa adda addaan dubbatteera barsiisee jiras. baroota kakuu moofaa ykn waggaa 5500 haala ifa ta'uun qoodun subaa'ee lakkaawa turaaniru. Baroota afran kan jedhaman 1. Bara Abbooti { Zemana Abboowu } 2. Bara Abbooti Firdii { zemana mesaafinti } 3. Bara Moototaa { zemana negastaati } 4. Bara luboota { zemana kahiinat } Waaqayyoon nama ta'uu raajii raajootan dubbataman. Baroota kakuu moofaa keessa Raajii Raajjoonnii dubbatanii fi waaqayyoon abbootii irraa bulee fakkeenya adda addaan kan barsiisa turee dhumni isa ilmi waaqayyoo kakuu haaraa keessattii kan raawwateedha. Kanaafiis ragaan keenya Macaafa Qulqulluu waan ta'eef walbiraa qabnee yaa ilaaluu. caafatni fi ragaan jalqabaa kan bara kakuu moofa abbootiin, Raajootaan, Abbootii firdii ykn Abbooti Murtiin, Moototaa fi lubbootan barsiifamanii fi dubbatamaniidha. Ragaan kunis waaqayyoon foon namaa uffatee gadaameessa Dubroo Maariyaamitti uumamuu isaa irraa hanga gara samiitti ol bahuu kiristoos Iyyaasuus kan ibsuudha. Ragaa 1ffaa=- Dubree Irraa Dubrummaan Dhalachuu Fi maqaan Amaanu'eel ta'uu. Raajoota hangafoota keessaa tokko kan ta’e Raajichi Isaayaas; < Kunoo dubrii dubrummaan ni ulfoofti, ilma dhiiras ni deessi, maqaas Amaanu'eel jettee waamti > jedhe. Isa.7፥14. Daa'imni nuuf dhalateera, ilmi dhiiras nuuf kennameera------ maqaan isaa dinqiidha, waaqa jabaa, abbaa bara baraa hoogganaa nageenya jedhamuun waamama. Isa. 6፥9 Raajoota hangafoota afran keessa tokko kan kan ture Raajichi Hizqi’eel; Waaqayyoon, <karri kun cufamee tura hin banamu, waaqni Israa’eel waaqayyoon seenee jraa kanaaf cufamee jiraata.> jechuun raaje. Hiz. 44፥2-3. dhumni ykn xummurri isaa; Maat. 1፥22-23, Luq. 2፥10-11 Ragaa 2ffaa= Betaaliheemitti dhalachuu. Raajoota xixiqqoo 12n keessa isa tokko kan ta’e Raajichi Mikkiyyaas gooftaa Iyyaasuus Kiristoos betaaliheemitti akka dhalatu yoo dubbatu; < Ati Betaaliheem yaa Efraata, ati kumaatamoota yihuudaa jidduudha ishee xiqqoodha. Garuu kan si keessaa bahan keessaa duraa hanga bara baraatti Israa’eel irraatti hoogganaa kan ta’u siif baha> jechuun raaje. Mik. 5፥2. Dhumni isaa; Maat.2፥1-6, Luq. 2፥4-6. Ragaa 3ffaa= Gooftaan Iyyaasuus Kiristoos Hidda Abrehaam fi Qomoo Yihudaa irraa dhalachuu. Hayyuu Raajootaa kan ta’ee Muuseen waaqayyoon abbaa keenya abrehaamiin < Ormoonni ykn aahizaaboonni hunduu hidda keetin ni eebbifamu, sagalee koos dhageesse jirta> jechuun Se. Uum 12፥3, 22፥18. irratti caafe. Dhumni isaa; Maat. 1፥1. Room. 9፥5.
Mostrar todo...
Harmee Ortodooksii Tewaahidoo 21

Chaanaalii Barumsi Bataskaana Otoodoksii Tewaahidoo kan irratti darbuu fi gaaffii shakkitootaa fi gantoota irraa ka'aniif deebiin abboota keenyaa itti deebi'uudha. Kitaabbilleen garagaraas kan itti upload ta'uudha.

Ragaa 25 ffaa Gara Samiitti ol-bahuu. Faarsan Daawwit Kiristoos Iyyaasuus du’e du’a moo’e ka’e guyyaa 40ffaatti gara samii ol bahuu isaa <Waaqni ililleen Waaaqayyoon sagalee fiinoon ol bahe faarfadha waaqa keenyaf faarfadha mootii keenyaaf faarfadhaa> jechuun caafe. Faar. 46፥5. dhumni isaa. Maar. 16፥19, Luq. 24፥51. Ragaa 26 ffaa Mirgaa abbaa isaa taa’u fi booda murteef dhufuu Faarsan Daawwiit kiristoos erga samiitti ol-bahee mirga abbaa isaa taa’u, < Yaa waaqayyoo goofta, diinota koo hanga teessoo miila koo geessutti mirga koo taa’i> jedhe. Faar. 109፥1. Dhumni isaa. Maar. 16፥19, Luq. 22፥44. Kun Xummurameera Galannii Waaqayyoof Deesuu waaqa Dubree Maariyaamiif Kabajamoo Fannoo Iyyaasuusiif Hanga Bara Baraatti Yaa Ta'u Ameeen. https://t.me/Hi21Mar share join https://t.me/mar21mich fb. https://www.fb.com/ Wolde Michael Mekonen 29/08/2016
Mostrar todo...
Harmee Ortodooksii Tewaahidoo 21

Chaanaalii Barumsi Bataskaana Otoodoksii Tewaahidoo kan irratti darbuu fi gaaffii shakkitootaa fi gantoota irraa ka'aniif deebiin abboota keenyaa itti deebi'uudha. Kitaabbilleen garagaraas kan itti upload ta'uudha.

Kiristoos qomoo Yihudaa irraa akka dhalatu yoo dubbatu < Uleen mootummaa Yihudaa keessa hin dhabamu.--- > Se. Uum. 49፥10. Dhumni isaa Luq. 3፥33, Ibro. 7፥14, 2፥16. Ragaa 4 ffaa= Gooftaan gara Biyyaa Gibtsii goodanuu n waaqa tolfamaa biyyaa misir cacabsuu fi deebi'uu. Raajichii hangafaa Isaayaas kiristoos haadha isaa qulqulleetti Maariyaam waliin gara Biyyaa Gibtsiitti godaanuu; < kunoo waaqayyoon duumeessa ariifataan gara Gibtsii ni dhufa, xaa’ootiin Gibtsii fulduraatti ni qalamu > jechuun raajjii dubbate. Isa. 19፥1. Dhumni isaa; Raajichii Hoose’i gooftaan yeroo bara godaansa isaa xummuretti akka deebi’ee < Mucaa koo Gibtsii waamera > jechuun raajjii dubbate. Hoos. 11፥1. dhumni isaa; Maat. 2፥13. Ragaa 5ffaa=. Tooraa gooftaan dhalateetti Daa'imaan akka qalamanii dhiignii isaanii Heroodis abaraamaan akka dhangala'u. Waaqayyoon Raajichaa hangaa Eermiyaas irraa buluun raajiin dubbatame; < Kunoo waaqayyoon akkas jedha, sagaleen wayyoo wayyoo fi booyichaa hangaa Raamaatti dhagahame, Raahel ijoollee ishaatiif boose. ijoolleen ishee waan hin jirreef jajjabaachuus ni didde. > jedhe. Eerm. 31፥15. Dhumni isaa; Maat. 2፥16-18. Ragaa 6 ffaa; Ergamaan Karaa sirreessuuf ( Cuuphaan Yohaanniis ) Kiristoos dursee akka dhufu. Ergamaa karaa sirreessa ykn daandii qulqulleessa kan Cuuphaa waaqa qulqulluu Yohaanniis dha. Raajichi Isaayaas; < Sagalee nama lafa onaa keessa laallabu tokkoo, Waaqayyoof karaa tolchaa haraa, lafa gammoojjii keessattii karaa gooftaan keenya irra deemu qajeelcha....... tulluu gaarri hunduu yaa kuffifamu, inni bu’aa bahiin diriira yaa ta’u.....> jechuun dhufaati cuuphaa Yohaannis hojii isaa waliin raaje. Isa. 40፥3-4. Dhumni isaa; Luq. 3፥3-6. Ragaa 7 ffaa: Laga Yordaanoositti cuuphamuu fi naannoo Galiila akka barsiisu. Laphee waaqayyoo kan jedhamee fi faarfataa kan ta’ee mootichi Daawwit kiristoos laga Yordaanoositti akka cuuphamuu; < Galaannis argitee dheeffite, Yordaanoosiis gara teellaa deebi’e, gaarri akka kormaa, tabboonni akka korpheessa utaalan. Yaa galaana kan dheeffituuf, atis yaa Yordaanoos gara teellaa kan deebituuf maal taatan? > jechuun raajii dubbate. Faar. 113፥3-5. Dhumni isaa; Maat. 3፥13. Raajichi Isaayaas Kiristoos naannoo galaana Galiilaatti wangeella barsiisuu isaa raajidhaan; < Garuu dhiphachaa kan jiraateeef dukkaanni hin ta’u, bara jalqabaa lafa Zaabiloonii fi Niiftaaleem fure, bara dhufutti immoo biyyaa Yordaanoos gamaa fi Galiilaa isa kan saba warra kaaniif ulfina ni kenna. Sabni dukkana keessa jiraatu ifa guddaa ni arga, warra gaadidduu du’aa jala jiraataniif ifni ni baha.> jechuun dubbate. Isa. 9፥1-2. Dhumni isaa; Maat. 4፥13-17. Ragaa 8 ffaa: Namoota Dhukkuboota adda addaa irraa Fayyisuu Kiristoos. Gooftaa keenyaa Iyyaasuus Kiristoos namoota hedduu dhukkubboota fi hafuura hamoo adda addaa irraa fayyisuu isaa raajichii Isaayaas; < Yoomus ijji warra ilaaluu mul’annatti ni arga, gurrii dhagahuus ni dhaggeeffata garaan warraa hawwaa qabanii ogummaa ni hubata, arraabni warra gingees qaleelchee mul’isee ni dubbata> jechuun raaje. Isa. 32፥3-4. < Yommuus ijji warra jaama ni banama, gurrii warra duudaas ni saaqama, yommuus namni naafti akka borofaa ni utaala, warrii arraabni isaanii diidaas gammadanii ni ililchu, lafa onaa keessa bishaan ni baha > jechuun Isaayaas dubbate. Isa. 35፥3-6. Dhumni isaa: Maat. 9፥35-36. Ragaa 9 ffaa: Uummata fakkeenyaan Barsiisu. Faarsaan Daawwiit Kiristoos namoota fakkeenya adda addaan barsiisuu isaa dursee raajiidhaan; < Yaa uummata seera koo dhaggeeffadhaa, gurra keessaaniis gara sagalee afaan koo dabsaa, afaan koo fakkeenyan nan bana, fakkeessitoota duraan jiraaniin dubadha > jechun faarfate. Faar. 77፥1-4, Isa. 6፥9-10. Dhumni isaa: Maat 13፥10-15. Ragaa10ffaa:Warra Lapheen Gaddaan cabaan akka jajabeessu. Raajiin Isaayaas gooftaan keessa Iyyasuus namoota gaddaan jajabeessa turuu isaa; < Hafuurri waaqayyoo gooftaa ana irra jira, sagalee missiraachoo warroota gadadamootaaf akkan himuuf waaqayyoon na dibeera, warra garaan isaanii cabee akkan fayyisuuf warra booji’amanitti gadi dhiifamuu, warra hidhamanittis hiikamuu akkan labsuuf inni ana ergeera...........
Mostrar todo...
warra gaddaan hundumaa akkan jajabeessuuf na ergeera> jechuun dubbate. Isa. 61፥1-2. Dhumni isaa: Luq. 4፥17-19. Ragaan 11 ffaa: Harreen Mana qulqullummaatti dhufuu fi daa’imaan guyyaa hoosa’inaa galateeffachuu. Raajichii Zaakariyaas gooftaan keenyaa Iyyaasuus Kiristoos guyyaa hoosa’inaa harree fi ilmoo isheerraa taa’e gara Iyyeerusaleem seenuun mana qulqullummaatti dhufuu isaa < Ati yaa ilma Tsiyoon baay’ee gammaadi, yaa ilma iyyeerusaleem ilil jedhi, Kunoo mootichii kee dhugaa fi fayyisaan harree fi imoo harree irraa taa’e gara kee ni dhufa> jechuun raajiin dubbate. Zak. 9፥9. Dhumni isaa: Maat. 21፥2 Faarsan Daawwit Kiristoosin guyyaa hoosa'inaa daa'imaan xixiqqoon akka galateeffatte < Daa’imanii fi kan hodhaan afaan isaanii keessaa galata qopheese> እም አፈ ደቂቅ ወሕፃናት አስተዳሎካ ስብሐት፡፡ jechuun raajii dubbate. Faar. 8፥2. Dhumni isaa: 21፥17. Ragaa 12 ffaa Mootii akka jedhamuu firoottan isaa akka jibban. Qulqulluun Daawwit Kiristoos mootii jedhamuu; < Ani mootii muudeera gaara qulqulloota Tsiyoon irraatti. > jechuun faarfate. Faar. 2፥6. Dhumni isaa: Maat. 21፥5, Yoh. 18፥36-37. Raajichii Isaayaas Iyyaasuus Kiristoos firoota fi namootan tuffatamuu fi jibbamuu; < Kan tuffatame, namaanis kan jibbame, dhukkubaa fi dawaa namaa kan beekuudha, namni fuula akka jalaa dhoksanittuu kan tuffatameedha, nutis hin kabajne > jechuun dubbate. Isa. 43፥3. Dhumni isaa: Yoh. 1፥11, Yoh. 7፥5. Ragaa 13 ffaa: Yihudaan qarshii 30n Kiristoos dabarsee akka kennu. Faarsan Daawwiit Yihudaan Iyyaasuun Kiristoos qarshii 30 fudhatee dabarsee kennu isaa; < Namni garaa kootii inni ani amanadhe inni budeena koo nyaate illee ana dhiituuf miila ol fudhate > jechuun dubbate. Faar.40፥9. Raajichii Lubni Zaakkariyaas < Ani isaaniin ''yoo isin duratti qajeelaa ta'ee mindaa koo naaf kenna ta’uu baannan yaa hafu'' nan jedhe. Isaaniis mindaa koo meetii 30 naaf madaalan Waaqayyoos, meetichaa mana suphee dhooftuu / gimjaa beet/ keessa godhi nan jedhe..... > jechuun dubbate. Zakk. 11፥12-13. Dhumni isaa: Maat. 26፥14-16, Luq. 22፥47-48. Ragaa 14 ffaa ;- Qarshii gooftaan ittin gurgarame lafa suphee dhooftu akka bite. Lubni zakkaariyaas; Isaaniis mindaa koo meetii 30 naaf madaalan Waaqayyoos, meetichaa mana suphee dhooftuu / gimjaa beet/ keessa godhi nan jedhe..... > jechuun dubbate. Zakk. 11፥12-13. Dhumni isaa. Maat. 27፥9-10. Ragaa 15 ffaa Tiksee gaariin waaqayyoo qabamuun Duuka bu’ootni akka faca’an. Raajichi Zakkaariyaasa gooftaa Iyyaasuus Kiristoos qabamuun duuka bu’ootni akka faca’ani yoo dubbaatu; < Tiksee rukuti hoolonni ni faca’uu, harka koos warroota xixiqqaa irraatti deebisaee > jechuun raaje. Zakk. 13፥7. Dhumni isaa. Maat. 26፥31, Maar. 14፥50. Ragaa 16 ffaa Sobaan himatamuu fi hancufa itti tufuun akka rukkatan Mootichi Daawwit gooftaan keenya Iyyaasuus Kiristoos raga sobaan himatamuu isaa < Ragoonni sobaa natti ka’an waan ani hin beeknees anarratti dubbatan> Faar. 34፥11. Dhumni isaa; Maar. 14፥57-58. Raajichi Isaayaas Kiristoos harka yihudootattii rukkatamuu isa; < Dugda koo rukkuttaaf, fuula koo salphinaa fi tufaa irraa hin deebbisne > jechuun dubbate. Isa. 50፥6. Dhumni isaa. Maat. 26፥6-7. Ragaa 17 ffaa Himattoota Fulduraatti callisuu Kiristoos Raajichi Isaayaas Ilmi waaqayyoo Kiristoos Iyyasuus himattoota fulduraattii yeroo isaan ottii qoosaan inni obsaan callisu isaa; < Afaan hin bannee, akka hoolaa qalamuuf deemuu warroota qalaan fulduraatti akka hoolaa callisuutti akkasuma afaan hin banne > jechuun raajiin dubbate. Isa. 53፥7. Dhumni isaa. Maar. 15፥4-7 Ragaa 18 ffaa Ayihudoonnii akka rukutanii fi uffataa isaa irraattii carraa akka buufatan. Laphee waaqayyoo kan jedhame mootichii Daawwiit, kiristoos Ayihudoota duraatti rukatamuu fi wandaaboo ykn qamisii isaa irraatti carraa ykn ixaa buufachuun irraa fudhachuu; < Saroonni hedduun na marsaniiru, Yaa’iin warra hamootas na qabeera, harkaa fi luka koos na rukutan, lafee koo hunda lakkaa’an.
Mostrar todo...
፡ Yaada Miseensa Chaanaalii Kootiif. Chaanaaliin Hafuuraa https://t.me/Hi21Mar * Harmee Ortoodoksii Tewaahidoo21* jedhu i'a 2 osoo hin guutiin isiniin miseensa 500 horatee jira waan ta'eef guddaa galatooma. fuuldurattiis abdiin deema. Barumsi darbus kan amantaa qofaadha. Siyaasaa fi tuttuqqii addunyaa irraa bilisa. Seenuun file keenya mirkaneessa. Namoota biroofis share godhaa. Namootni Yaada, gaaffii fi Barumsa Dabarsuu barbaaddan link armaan gadiin anaargattu. © B/saa Guutamaa Makonniin ( Walda Mikaa'el) Link. dhuunfaa = https://t.me/Hi21Mar Email. [email protected] facebook. Wolde Michael Mekonen = Guutamaa Makonniin channel Grou https://t.me/Hi21Mar share godhaa.
Mostrar todo...
Harmee Ortodooksii Tewaahidoo 21

Chaanaalii Barumsi Bataskaana Otoodoksii Tewaahidoo kan irratti darbuu fi gaaffii shakkitootaa fi gantoota irraa ka'aniif deebiin abboota keenyaa itti deebi'uudha. Kitaabbilleen garagaraas kan itti upload ta'uudha.

Xummurri raajii Isayaas kun yeroo gahetti Iyyasuus Kiristoos dubree Maariyaam irraa dhalachuun Ayihudoota irratti gochaan agarsiisee jira. Kanas Seera kakuu haaraa wangeelaa nuuf kenne kanas ofii isaatiif akka raawwate, guyyaa jimaata diinonni isaa Ayihudoonni yeroo itti qoosuun rukutaa fi gidiraa irraan gahaa turanitti, “Iyyasuusis, Yaa abbaa koo waan raawwatan hin beekanii dhiifama godhiif” (Luq. 23÷34) jechuun warroota isa jibbuun du’a isaan qopheessaniif jaalalan kadhatee jira. Namni kamiyyuu hubachuu fi yaadu kan danda’u Iyyasuus diina isaa kan isa ajjeessa jiru hin arrabsinee fi hin tuffanne haadha isaa ji’a sagalii guyyaa shan gadaameessa isheetti baatte dahuun, harma dubrummaa hoosistee, dugdatti baachuun, harkaan haammachuun guddistee fi gara gammoojjii Misir waliin kan baqattee fi gidiraa heddu isa waliin qooddattee fi guyyaa jimaatas hanga tulluu Qaraaniyoos isa waliin turte, maal isa yakkiteeti kan tuffatu? Maal balleessite ishee arraabsa? Akka jecha isaanitti Iyyasuus haadha arrabsuun cubbuu hojjete jechuudha? Yaa Waaqayyoo ati waan dubbatan hin beekanii ati dhiifama godhiif, Galanni fi kabajni isaaf yaa ta’u inni haadha isaa hin hojjenne, arrabsoo fi tuffidhanis cubbuu hin hojjenne. Iyyasuus Kiristoos haadha isaa kan arrabsuu fi tuffatu akkasumas qoosu osoo hin taane, yeroo foon namaa uffatee dubree Maariyaam irraa dhalatee biyya lafaa irra deeddeebi’ee barsiisus warroota haadhaa fi abbaa isaanii hin kabajne “, “Safuu keessan eeguuf jecha seeraa Waaqayyoo tuffattanii jirtu, Muuseen abbaa kee fi haadha kee kabaji, dabalataan, abbaa isaa yookiin haadha isaa kan arrabse sirumaa yaa du’u jedhee jira, Isin garuu ni jettan, namni abbaa isaan yookiin haadha isaan ana irraa wanti fayyadamtu, qurbaanadha, kennaaddha yoo jedhe, abbaa isaa fi haadha isaaf gara fuulduraatti maalumaa akka gootaniif hin heeyyamtaniif. Safuu murteeffataneef sagalee Waaqayyoo jijjiirtu. Akkasumas kana kan fakkaatu waan baay’ee raawwattu” (Luq. 7÷9-13) jechuun Fariisotaa fi Ayihuudoota haadhaa fi abbaa isaanii hin kabajne, mormuun komatee jira. Dhugaan Kitaaba qulqulluu irra jiru kana osoo ta’ee jiruu, shakkitoonni Kiristoos akka haadha isa tuffatee fi qoosetti haasawuun Iyyasuus akka cubbamaatti lakkaa’udha malee kabaja isaaf kennuu miti. Sababni isaa namni nama tuffatu, arrabsuu fi qoosu cubbamaadha. Ammas dhugaan jiru Iyyasuus Kiristoos waaqa yakkaa fi cubbuu irraa bilisa ta’eedha. Ilmi Waaqayyoo jiraataa mataa isaan Waaqa qulqulluu kan ta’e Iyyasuus Kiristoos yaadan, dubbiin fi gochaan cubbuu fi yakka, badii akka hin hojjenne kitaabni qulqulluun ragaa baha. Yaadan:- Yoh.14÷30, “Amma booda isin waliin baay’ee hin haasawu, bitaan addunyaa kanaa ni dhufa, ana irratti homaa iyyuu hin qabu” jechuun yaadan cubbuu akka hin hojjenne afaan isaan dubbatee jira. Dubbiin:- 1Phex. 2÷22-23, “Innis cubbuu hin hojjenne dabnis afaan isaa keessaa hin argamne” jechuun qulqulluun Pheexiroos ragaa bahee jira. Hojiin:- Yoh. 8÷46, “Isin gidduudha waa’ee cubbuuf kan ana komatu eenyu?” jechuun cubbuu akka hin hojjenne afaan isaan dubbatee jira. Dabalataan ifni mana Kiristiyaanaa qulqulluu Phaawuloos, “Cubbuu malee waan hundaan akka keenyaa kan qorameedha” (Ibro. 4÷5) jechuun Iyyasuus Kiristoos foon namaa uffatee akka nama kamiyyuu lafa irratti qoramuus cubbuu akka hin hojjenne barreessee jira. Walumaagalatti Kitaaba qulqulluu keessattis ta’ee kitaaba kamiyyuu keessatti Iyyasuus Kiristoos haadha isaa kan tufatee fi qoose jedhu tasumaa hin argamu. Iyyasuus Kiristoos akka shakkitoonni jedhan wangeellichi Luqaas “ Isaan waliin bu’ee gara Naazireet dhufe, ni ajajamaafis ture” (Luq. 2÷51) jechuun haadha isaatiif kabajaan akka ajajamu isaa ibsee jira. Kana irraa kan hafe warri Iyyasuus haadha isaa qoose tuffate ykn arrabse jedhan Iyyasuus biraa yoo ta’e malee Iyyasuus Kiristoos ilma dubree Maariyaam kan raajiin raajameef miti. Sababni isaas Iyyasuus inni waaqa jiraata haadha isaa miti diinota isaatu akka jaalachaa ture kitaaba qulqulluu kakuu moofaa fi kakuu haaraa keessaa kaafnee ilaalle jira.
Mostrar todo...
፡፡ Share godhi Iyyasuus Waaqa haadha isaa Tuffatuudhaa ????? ©B/saa Guutamaa M. (Walda Mikaa'el) https://t.me/Hi21Mar share Join Shakkitoonni fi gantuun hedduun sagalee Kitaaba qulqulluu Iccitii fi fakkeenyan barreeffame hubachuu dadhabuun Iyyasuus Kiristoos haadha isaa qulqulleetti Maariyaam akka qoosee fi arrabseetti kanneen barsiisan ni jiru. Ilaalcha isaanii fi gowwummaa isaanii yoo ilaallu jibba haadha isaatiif qaban irraa kan ka’e isaanii gooftaa qulqulluu cubbuu fi yakka kamiyyuu hin hojjenne osoo hin beekne akka cubbummaatti Iyyasuus saaxilaa fi komachaa jiru. Yaada fi ilaalcha isaanii kanaaf ragaa Kitaaba qulqulluu malee namni kamiyyuu deebii quubsaa kennuu danda’a. Sababni isaas Waaqayyoon diinoota keessan jaalladha nuun jechuun ofii isaaf jaalatee agarsiise haadha isaa qulqulleetti Maariyaam tuffatee fi arrabse yoo jedhamu soba sangaan waatii dhalee jira jedhuun wal fakkaata. Namni Waaqummaa Iyyasuus Kiristoos amanu jecha kana dubbachuuf miti akka hin yaadne ifa kan ta’eedha. Sagaleewwan namoonni kunneen kitaaba qulqulluu keessaa baasanii akka arrabsee fi tuffateetti barsiisan yoo ilaalle, Maat. 12÷46-50, Maar. 3÷31-35, Luq. 8÷19-21, Haati koo eenyu?..... Heeyyama abbaa koo koo samii irra jiru kan raawwatan hundi, inni obboleessa koo, obboleetti koo haadha kootis” jedhe” ( jechuun kan barreeffame Yoh. 2÷2 Ati yaa dubartii kana si waliin maalan qaba? Yeroon koo hin geenye. Sagaleewwan Wangeelaa kunneen qoosaa fi tuffii qulqulleetti Maariyaam kan ibsuu osoo hin taane kabajaa ishii kan ibsu yoo ta’u, Iyyasuus Kiristoos \maalif akka dubbate mata duree isaanii jalatti haala gahaan ibsamee jira. Jalqaba Muuseef, “Waaqayyoon kee Waaqni akka si ajajetti, Abbaa kee fi Haadha kee kabaji, Waaqayyoon kee waaqni siif kennu lafa irratti umriin kee akka dheeratuuf gaarummaas akka siif ta’u” (Se. Ke. De. 5÷16, Se. Ba. 20÷12” jechuun ajaja kan kennee Waaqayyoodha. Iyyasuus Kiristoos immoo ilma Waaqayyoo jiraataa kan ta’e, seera Ooritii ykn Muusee jajjabeessuuf akka dhufe, “Ani seeraa fi raajoota jijjiiruuf kanan dhufe isinitti hin fakkaatin, raawwachuuf malee jijjiiruuf hin dhufne” (Maat. 5÷17) jechuun afaan isaan dubbatee jira. Gooftaan keenya Iyyasuus seera Ooritii kan caalu seera Wangeelaan, “Obboleessa isaa irratti gatii malee kan lolu hundi itti murtaa’a obboleessa isaan uffattuu huccuu kan jedhu dirree irratti itti murtaa’a, doofaa kan jedhu hundi ibidda Si’ooliin itti murtaa’a… Hiriyaa kee jaaladhu, diina kee jibbi kan jedhame dhageessanii jirtu, ani garuu isiniin jedha, diinoota keessan jaaladha, kanneen isin abaaran eebbisaa, kanneen isin jibbaniif waan gaarii raawwadhaa, kanneen isin yakkanii fi ari’ataniif kadhadhaa. Abbaa keessan samii irra jiruuf ijoollee akka taataniif inni hamoota fi gaggaariiwwaniif aduu baasa qajeeltootaa fi cubbamtootaaf rooba roobsa, kan isin jaalatan yoon jaalattan gatiin keessan maalidha?” (Maat. 5÷21-22, Maat. 5÷43-46) jechuun hiriyaa fi nama nu jaalatan qofa osoo hin taanee diina keenyas akka jaalannu nutti himee jira. Dursee hangafti raajoota qulqulluu Isayaas, “Dhugumaan inni dhibee keenya, dhukkubbii keenyas baate, waa’ee keenyaaf dhukkubsate, nutis akka dhukkubsate, akka rukutameetti lakkoofne, Inni garuu waa’ee cubbuu keenyaf madaa’e, waa’ee badii keenyaf dhukkubsate, gorsi nageenyaa isa irra ture, madaa’uu isaan nuti fayyine, Hundi keenyaa akka hoollata ni facaanee badne, nu keessaa tokko tokkoon gara karaa ofiitti gore, Waaqayyoos waa’ee cubbuu keenyaaf du’aaf dabarsee kenne, Inni garuu yeroo gidiraa afaan hin banne, akka hoola gara iddoo qalamuu deeme, korpheesse (tumaaleessi) hoolaa nama rifeensa irraa haadan fuulduratti akkuma callisu, akkasuma afaan isaa hin banne, salphina isaatiif murteen isaa dhoorkame, jireenyi isaa lafaa irraa dhoorkamee jira dhaloota isaa eenyutu dubbata? Waa’ee cubbuu uummata kootif du’aaf kenname, cubbuu hin hojjenne waan ta’eef afaan isaa sobni hin argamne” (Isa. 53÷4-9) jechuun Iyyasuus cubbuu akka hin hojjennee fi namoota isaa ajjeessan durattis afaan isaatiin hamaa akka hin dubbanne raajee jira.
Mostrar todo...
Harmee Ortodooksii Tewaahidoo 21

Chaanaalii Barumsi Bataskaana Otoodoksii Tewaahidoo kan irratti darbuu fi gaaffii shakkitootaa fi gantoota irraa ka'aniif deebiin abboota keenyaa itti deebi'uudha. Kitaabbilleen garagaraas kan itti upload ta'uudha.

Elige un Plan Diferente

Tu plan actual sólo permite el análisis de 5 canales. Para obtener más, elige otro plan.