cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Xoofoo Qulqulluu Isxiifaanoos

Ergamni Chaanelii kanaa 👇 Barumsa Hafuurawoo Mana Kiristaanaa Ortoodoksii Tewaahidoo Barsiisuu dha 👉 Toora YouTube keenya 👇 https://youtube.com/@IsxifanostubeOfficialYouTube?si=svMJORSicHSMkgGt Yaada Qabdan immoo @DnGadisa irratti Ergaa !!!

Mostrar más
Finlandia1 176El idioma no está especificadoReligión y espiritualidad17 814
Publicaciones publicitarias
5 348
Suscriptores
+1524 horas
+697 días
+65730 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

✍ Baaheraan kun hundumttuu gargaarsa Ergamaa Mikaa'eliin akka tahe Mul'ataan argee hubatee Luba tahee Maqaa Q/Mikaa'eeliin Mana Qulqullummaa guddaa ijaarsise. ✍ Egaa walumaa galatti Waxabajjii 12 Guyyaa Xalayyaa Du'aa Isaatii jireenyaatti jijjiiramef Jedhamee beekama. 2) Guyyaa Yaadannoo Qulqulleettii #Afoomiyaati !!! ✍ Guyyaa itti Hangafi Ergamootaa Qulqulluu Mikaa'eliin Qulqulleettii Afoomiyaa Harka Diinarkaa oolchedha.!!! 3) Guyyaa Yaadannoo Qulqulluu #Laallibelaa ti Qulqulluun Lallibelaan Abbaan isaa Jaan Siyyum Haati isaa immoo kiriwarnaa jedhamu.kan dhalate immoo mudde 29 dha.yeroo dhalatutti kannisaan waan marfameef Haati isaa 《 Laalli Yibalaal 》jette.Afaan Agawuun Laal jechuun kannisa ,Yibalaa jechuun immoo Kanniisa irra qubatee hin nyaanne jechuudha.Asirraa kahee Laallibelaa jedhame. 👉 Hojii Dinqiisiisoofi Ajaa'ibsiisoo Ogummaa Waaqayyoo isaaf kennetiin Mootii kun hojjete kessaa Muraasa Kanneen armaan gadiiti :- ✍ Mootiin Laallibelaa akkuma waaqayyo samii kessatti itti agarsiiseefi akka Iyyerusaalemiin daawatee dhufeetti MagaalaaRohaatti Mana Kiristiyaanaa 11 Dhagaa Kattaa irraa Bocee ijaare. Isaaniis:- ☆ Beete Amanu'eel ☆ Beete Medanalem ☆ Beete Maariyaam ☆ Beete Mikaa'eel ☆ Beete Gebri'el ☆ Beete Mesqel ☆ Beete Goligootaa ☆ Beete Giyoorgis ☆ Beete Morqooriyoos ☆ Beete Libaanos ☆ Beete Dinaagiliidha 👉 Bataskaanota Kanaas yemmuu ijaaru gargaarsa ergamootaan Hojii Mana Mootummaa fi hojii kana haalan walsimsiisee bara qaroomni hin jirre keessa ogummaa waaqayyoo isaaf kennen ijaare. ✍ Manni qulqullummaan kun hundi isaanii hanga harŕatti jiru Addunyaa Maraa irraa dhufanii daawwachuudhaan Galii guddaa biyya keenyaaf argamsiisaa jiru !!! ✍ Galmee Dinqisiisoo Garaa garaa akka Addunyatti #Yuneeskoo irratti galmahee jira. ✍ Egaa walumaa galatti Mootichi Laallibelaan Mana Kiristiyaanaa kana Malee kan biroos Dhagaa kattaa irraa qirixee bataskaanota 23 ijaareera .Fknf Adaadii Maariyaamii ✍ dhuma irratti Duumessan waaqayyo itti Muldhatee waadaa seeneraaf :- Waadaan Kunis Kabajan kee akka warra wangeela barreessanii naannahanii laallabanii akka Pheexiroosii fi Phaawuloos kan wal gitu sifan taasisa.waadaa kee kanatti kan amanu lubbuu isaa nan Fayyisa iddoo Yaadannoo keetii kana kan dhufe dhungate kan itti awwaalame iddoo awwaalcha koo golgotaatti akka waan awwaalamee nan taasisa Jedhee waadaa seenee. ✍ Bara Mootummaa Laallibelaa ilaalchisee Mudde 29 bara 1120 dhalate bara 1160 Mootii tahee waggaa 40f bulchee Waxabajjii 12 bara 1207 Boqote Egumsi Ergamaa Guddichi Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa'eelii hunda keenya waliin haa tahu Eebbaafi kadhaannan ,Egumsifi Surrraan Ergamaa Qulqulluu Mikaa'eelii nu faana ha tahu !!! Waaqayyo Ayyaana kana kan Ebbaa fi kan itti Eebbifamnu nuhaa Taasisu !!! 🙏Galanni Waaqayyoof ,Deessuu Haadha waaqayyoof,Ergamoota waaqayyoof ,qulqulloota waaqayyoof Toloota waaqayyoof , Wareegamttoota waaqayyoof haa tahu. Madda : Kitaaba Abbaa Gammachiis (B/sa Hordofaa Dhinaa ) ✍ Deacon Gadisa Kasahun Waxabajjii 12/10/2013 👉 Toora armaan gadiitiin na Hordofaa dandeessu Telegram:@xoofooqulqulluuisxifaanos YouTube:Isxifanos Tube Page : Deacon Gadisa Kasahun page Ayyaana Gaarii !!!
Mostrar todo...
Baga Ayyaana Waggaadhaan Kabajame Oolu Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa'eliitiin Isiin Gahe !!! Waxabajjii 12 Ayyaana gurguddaa Sadiitu (3) Yaadatama Ykn Kabajama 1) Guyyaa Yaadannoo# Baayiraan ✍ Biyya Iskendiriyaa keessatti bara mooticha Barxilimiyos Gibtsii keessaa ziigol iddoo jedhamtutti Maqaa urjiidhaan manni waaqa tolfamaa ijaaramee waggaa waggaadhaan guyyaa kana Haarsaa dhiyeessaniifii isa irraa hafe immoo nyaatanii dhuganii sirbuudhaan ni kabajatu ture. Mirga mooticha Qosxonxiniyos mirga mana Kiristaanaaf inni kenne irra dhaabbatanii phaaphaasii Abbaa Illeskindiriyos jedhaman labsiidhan manni waaqa Tolfamaa sun diigamee iddoo isaa irratti immoo manni qulqullummaa ijaaramee Taabotni Mikaa'elii seenee waggaa waggaadhaan guyyaa kana akka kabajamu murteessan. ✍ Amantoota ayyaana kana kabajan keessaa Tokko Abbaa Baheraaniin ture. Abbaan kun utuu Haati warraa isaa mucaa kana ulfooftee jirtuu du'e. Guyyaa mucaan kun dhalatu Q/Mikaa'eli fi Gabri'eliin ol seenanii mucicha eebbisanii Raajii dubbatan raajiin dubbatanis qabeenyaa namicha badhaadhaa olla keessanii kana mucaa kanatu dhaala jedhanii deeman. Oolee bulee oduu kana namichi kun dhaga'ee maal godhu jedhee utuu yaadan dhiphatuu mucichi guddatee nama waggaa 10 ta'e. Harmeen mucaa kana immoo waan nyaattuu fi waan ittiin mucaa kana guddistu dhabdee akka rakkachaa jirtu argee warqee waqeeta 20 laateefii ati immoo mucaa kana naaf kenni nan guddifadhaa ittiin jedhe. ✍ Yeroo isheen tole jettee laattuf galaana qarqaratti geessee "saaxinii" keessa buusee itti qollofee galaana keessa buuse. Waaqayyo galaanicha keessatti eegee biyya fagoodhan ga'e. Namichi hoolaa tiksu saaxinicha argee manatti fudhatee galee gaafa banu mucaa bareedaa tokkoyyu kessa jira. Mucaa barbaadaa waan tureef fuudhee guddifate Maqaa isaas Baaheraan jedhee moggaase hiikni isaas bishaan keessaa kanan argadhe jechuudha. ✍ Waggaa Hedduu booddee namichi Sooressichi bishaanitti gate sun daldalaaf osoo deemuu Aduun itti dhiinaan gara mana kanatti goree bule. ✍ Yemmuu mucaan kun as fi achi deemee ergamu argee Baheraan Yemmuu jedhan dhagahe qoratee jennaan jarsichis Seenaa jiru hunda itti hime.yeroo kana Namtichi mucaan kun ammayyu hin duunee jedhee yaadee Ganama yeroo lafti barihu Manattan waa irraanfadhee dhufee Adaraa gatii dadhabbii keetii siifan kaffalaa dhaqii naaf fidi jennaan tole jedhe.yeroo kana Namtichi sooressi kun xalayyaa akkas jedhu barreessee itti kenne Xalayyichis akka mucaan kun isiin Bira gaheen ajjeesaa jedhee itti chaaphessee itti kenne. Akka nama tokkotti hin lanne jedhee immoo qoqqobate. ✍ Tole jedhe adeemsa guyyaa sagaalii adeemee guyyaan Tokko gaafa isa hafatu Q/Mikaa'eliin Farda isaa Yaabbatee Nama Fakkaatee itti dhufee ati Eenyudha ,Eessaa Deemtta? Jedhee gaafate .inii akka Ergaa dhaqaa jiru itti himi . Xalayyaa kana kenni nan ilaalaa jedhe.hin Kennu nama tokkotti hin kenniin naan jedheera Gooftaankoo jedhee deebiseef. ✍ Haa tahu hin banu kenni ilaaleen sitti deebisaa jedhee harkaa Fudhee Hafuura itti baafatee itti deebise .yerooma kana jechi Du'aa isaaf Barreeffame jijjiiramee jecha jireenyaa isaaf tahe Xalayyaa sana fuudhee Haadha warraa isaaf hojjettaa isaatti gaafa laatu Mucaa koo itti heerumsisaa qabeenya koo hundumaa immoo dhaalchisaa waan hundumttuu immoo isaaf ha bitamu kan jedheetu dubbifame. Chaappaa waan qabuuf tole jedhanii mirkanessaan. ✍ Waan Ergamaan waaqayyoo sun dubbate raawwatee guyyaa 40f gammachuun tahee guyyaa 40 booda Namtichi sooreessi bakka turee yeroo deebihee dhufu sagalee gammachuu gaafa dhagahu waan tahes gaafa itti himan farda Isarraa lafa dhahee duhe Haati manaa isaas duha Abbaa manaa ishee dhagessee Naatee dute.
Mostrar todo...
Mostrar todo...
" Faaruu " H/F/ Firaanol Moosisaa lakk-1 Bakka Tokkotti

👉 Faaruu Obboleessa keenya Jaallatamaa Hangafa Farfattootaa Dn Firaanol Moosisaa Bakka tokkotti kan qindaa'edha wan taheef Dhaggeeffadhaan Ergaa Kooti Yo isiin Gammachiise Obboloota keessaniif #Share gochuu hin dagatiinaa 👉 Channela kanaaf Haaraa kan tatan #subscribe Taasisuudhan Miseensa Channela keenya ta'uu hin dagatiinaa #subscribe #Share #like #Comment #faarfannaa_ortodoksii #mezmurorthodox #ethiopianorthodoxtewahedochurch #orthodox #faaruuortodoksii #henok_haile #ortodoxmezmur #youtubeshorts #youtube #youtuber #youtubevideos #youtubechannel #አባ_ገብረኪዳን_ግርማ #አባ_ገብረኪዳን_ስብከት #አባ_ገብረ_ኪዳን #ምህረተአብ #መምህር_ምሕረተአብ_አሰፋ #መምህርምሕረተአብአሰፋ #ኦርቶዶክ_ተዋህዶ_መዝሙር #ኦርቶዶክስ #ኦርቶዶክስ #abagebrekidan #eotc_tv #eotc #eotcmk #eotctv #ጣና_ቅዱስ_ቂርቆስ #axumtubetoday #ethiopia #ethiopian #seifuonebs #seifu #zemari #tech #media #medianews #donkey #dog #amharic #amharicnews #dinqlejoch

Mostrar todo...
" Mezmur Ze Orthodox "

#subscribe #Share #like #mezmurorthodox #faarfannaa_ortodoksii #ethiopianorthodoxtewahedochurch #orthodox #henok_haile #ኦርቶዶክስ #abagebrekidan #aba #daniel #dance #dancer #dancecover #dancemusic #dangdut #dancechallenge #tewahdomezmur #tech #trending #tiktok #trendingshorts #trend #travel #tranding #comedy #cute #cricket #cat #funny #freefire #fyp #fyp #foryou #funnyvideo #fortnite #sibket #sigma #ኦርቶዶክ_ተዋህዶ_መዝሙር #ኦርቶዶክስ_ተዋህዶ #ምህረተአብ #ተክለሃይማኖት #ተዋሕዶ #ዘመድኩን #ዘማሪ #መምህር_ምሕረተአብ_አሰፋ #memes #media #media #memesdaily #memories #messi #medianews #mahitot #eotc #eotc_tv #eotcmk #meditation #kendil #best #bestplayer #bestmoments #beauty #bgmi #breakingnews #tiger #tigraynews #amharic #amharicmusic #amharic_mezmur #keşfet #komedi #comedyvideo #eshetumelese #henok #henovelofficial #henokdinku #tew #mezmur_orthodox_ethiopian_ethiopian_orthodox_mezmur_ethiopian_drama_adey_drama #drama #drawing #draw #gaming #gamingcommunity #cooking #best

Amala Mana Kiristaanaa 4n 1. Duukaabu'uutudha . 2. Kan Hundaati . 3. Qulqulleettiidha . 4. Tokkittidha . Manni Kiristaanaa keenyi Addunyaa kana irra jirtu Amalli Wal Fakkessu warroota kana 4niidha !!! Manni Kiristaanaa Hundaa Oliidha ! Kan ishee utube Kiristoosiidha Kan ishee hundeesse kiristoosiidha Kan ishee qulqulleesse kiristoosiidha Kan ishee tokkomsee kiristoosiidha ! Nan Ilaale Mana Kiristaanaa koo 🏰 Nan Jaalladhe Mana Amantaakoo 🏰
Mostrar todo...
Repost from Nehemiah Promotion
Ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo hundaaf! Channel Afaan Oromoo Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo kunneen join taasisaa! ⛪ Faaruuwwan Ortodoksii Tawaahidoo ⛪ Koorsiiwwan Ortodoksii Tawaahidoo ⛪ Barnoota Amantaa ⛪ Walaloowwan Afuurawaa ⛪ Seenessa Afuurawaa fi k.k.f ni argattu. Join Join Join
Mostrar todo...
Koorsiiwwan EOTC
Faaruuwwan EOTC
Join ✔️
Repost from Nehemiah Promotion
Ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo hundaaf! Channel Afaan Oromoo Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo kunneen join taasisaa! ⛪ Faaruuwwan Ortodoksii Tawaahidoo ⛪ Koorsiiwwan Ortodoksii Tawaahidoo ⛪ Barnoota Amantaa ⛪ Walaloowwan Afuurawaa ⛪ Seenessa Afuurawaa fi k.k.f ni argattu. Join Join Join
Mostrar todo...
Koorsiiwwan EOTC
Faaruuwwan EOTC
Join ✔️
Wantoota dhufanis gonka gadi of qabuun simatti turte. Uffata haalluu uumamaa qaban uffatti ture.Kunis sirriitti ishee waliin kan deemuu fi mataa ishee irratti uffanni Qulqulluu kaawwattu dhugaa kana ibsuu kan danda'udha. Daandii hunda irrattis kennaa Waaqayyoon kan guutamte turte.» jechuun waa'ee haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam ibseera. Kitaaba Malka'a Maariyaam kan barresse haadha Waaqayyoo kan taate Dubroo Maariyaam fuula ishee arguuf hawwee «Aduu guyyaa hunda ifu faaya isaa kan taasifate bifa keetiif nageenyi ni ta'a. Jaalala kan filattuuf (jaalala kan jalqaba taasifattuuf) ati Maariyaam kan biraatiif kan hin himne akkan sitti himuuf altokko fuula kee naaf ibsi» jechuun kadhateera. Kadhannaa fi eebbi haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam nu waliin haa ta'u! Galanni Waaqayyoof haa ta'u! Toora social Media kanan na hordofuu dandeessu Akkasumas obboloota kessan bira akka gahuf '#Share gochuu hin Dagatinaa Deacon Gadisa Kasahun page @xoofooqulqulluuisxifaanos Isxifanos Tube Official YouTube Group: Xoofoo qulqulluu isxifaanos ✍ Dn Gadisa K Tulluu Qaraniyoo jela 21 -10-2016 B.A
Mostrar todo...
Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam osoo adda hin kutiin Caamsaa 21-25 tti Ergamootaa waliin, Hangafoota Ergamootaa waliin, Raajota waliin, Duuka Bu'oota waliin, Qulqulloota waliin Wareegamtoota waliin, Durbootaa fi Monoksoota waliin ta'uun isaanitti muldhatti ture. Kan amanes, kan hin amannes ishee arga ture. Kiristaanonni amanan amantaan isaanii yeroo cimuuf, kanneen hin amanne ammoo ilma ishee Iyyesuus Kiristoositti amanuun kennaa ilmaa fi maqaa Kiristaanummaa ni argatu ture. Gullilaatii sana irrattis yeroo ibsamtu ykn muldhattu, yaadaan, lubbuun, fooniin Qulqulleettii kan taate haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam miidhaginni fuula ishee fi ifti bareedina ishee garmalee ajaa'ibaa waan tureef Luboonnis uummannis akkuma Elsaabeet «Haadha Gooftaa keenyaa nuuf ibsamuu ykn muldhachuu keetiif nuti akkam carra qabeessotaa» jechuun ni iyyu ture. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaamis isaan eebbisti ture. Jaalalli haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam sirriitti kan baay'ateef Abbaan Tsiggee Dingilis Dabra Mixmaaqitti kabaja guddaan ibsamtee Kiristaanota tti kan muldhatte haati Waaqayyoo isaafis akka ibsamtuuf Kitaaba isaa Mahileeta Tsiggee irratti «Bifa fuula keetii ilaaluuf kan namni du'e amma ka'uutti guyyoota Shaniif Dabra Mixmaaqitti ibsamtee ykn muldhattee yeroo turtetti Yaa Maariyaam! hangam nama gammachiista ture! guyyaadhaan kan si arge mitiitii halkaniyyuu abjuu isaatiksn kan si arge kan eebbifamedha.» jechuun kadhateera. Namni amanamaan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Abbaan Tsiggee Dingil temesxoo dhaan ta'uun garmalee ajaa'iba kan taate Si'ilii haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam erga ilaaleen booda jechoota galataa kana isheef dhiyeessa «Maariyaam Si'iliin kee Addunyaatti kan akkasitti ibsitu yoo ta'e, Samii irratti fuulli kee hangam haa ifu hangam haa bareedu? si arguu irraa gammachuu argamu akkan quufuuf abjuudhaan naaf ibsami! » jedheera. Hayyuu ykn beekaan Mana Kiristaanaa Itoophiyaa Abbaan Giyoorgiis inni Gaasiccaas Dabra Mixmaaqitti ibsamuu ykn muldhachuu haadha keenya join Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kana Kitaaba Galataa Inziiraa isaa irratti «Yaa Mootittii! Mootonni siif ni tajaajilu, mootonni si'i ni galateffatu, si'is ni jaju, maqaa keetiifis gadi jedhu, kennaa keetiifis sagada ni sagadu, kabaja keetiifis galata ni dhiyeessu. Xiiroos fi Siidoonaa, namoonni Gibtsii fi Itoophiyaa, Fiinqee fi Roomiyaa, Maaroon fi Armaaniyaa miidhagina bifa keetiin itti tola. Naatoo keetiinis ni gammadu» jechuun ibseera. Lapheen isaanii guutummaatti waan gaariin kan guutame, iccitiin sirriitti kan ifeef, jechaanis galatoodhaanis kan isheennm gitu kan hin arganneef, ogummaadhaan kan guutaman beektonni Mana Kiristaanaa kanneen yeroo durii turan waa'ee haadha Waaqayyoo baldhinaan barreessaniiru. Hangafni Phaaphaasotaa Qoophiroos Qulqulluun Ephifaaniyoosis «Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam karaa hundaanuu kan kabajamtee fi cimtuu turte, kan dubbattus baay'ee xiqqoo kan ta'eefii innis raawwachuudhaaf barbaachisaa yeroo itti ta'uttidha. Garmalee qophooftuu taatee kan dhageesssuu fi salphaatti haasaa taasisuu kan dandeessudha. Namoota tokkoon tokkoon isaaniitiif kabaja ykn nageenya ni kenniti. Hojjaan ishee giddu galeessadha, namoonni tokko tokko garuu hojjasn ishee dheeraa akka ta'e ni dubbatu, nama tokkoon tokkoon waliin sodaa malee ifatti kolfaa fi iyya tokko malee ni dubbatti. Keessattuu gonkumayyuu aariidhaaf nama hin affeertu ture. Bifti ishees akka Oomisha Qamadii gahee kan bareede, rifeensi ishee gara diimaatti kan siqu, iji ishee ifoo fi gara laafessoota kan ta'aan bifti iisaaniis gara 'Bunnaammaa' tti kan siqu, baalleewwan ija ishees Magariisa - Zayitaa fakkaata, nyaarri ija isheetiis gartokkeen nannawaa fi haalluu Gurracha ifaa qabu. Funyaan ishees dheeraa yoo ta'u, hidhiiwwan ishee Diimaa fi guutuu ture. Fuulli ishees geengon isa boca Hanqaaquu kan qabu yoo ta'u, harki ishee dheeraa fi qubni ishee baay'ee dhedheeroo turan. Oftuulummaa kamirraayyuu bilisa kan taate yoo ta'u, maal na dhibdeen ishee bira gonkumaa hin jiru ture.
Mostrar todo...
Baga Gessan! Dabra Mixmaaqitti ibsamuu ykn muldhachuu haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin Caamsaa 21-25 (Dabra Mixmaaq) Gibtsitti kan argamtu maqaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin kan ijaaramte Gullilaatii Mana Kiristaanaa Dabra Mixmaaq irratti Dubroon Maariyaam Caamsaa 21-25 tti walitti fufiinsaan ibsamuu ykn muldhachuu isheetiin, Sabni Kiristaanaa Ayyaana yaaadannoo ishee ni kabaju. Haati keenya Qulqulleettiim Dubroo Maariyaam ilma ishee Iyyesuus Kiristoos waliin gara dachee Gibtsiifi Itoophiyaatti yeroo godaantee turtetti iddoo yeroo ammaa kana «Dabra Mixmaaq» jedhamutti boqotanii ture. Gooftaa keenyas bakkicha eebbisee iddoo isheen itti ibsamtu ykn muldhattu akka ta'uuf Waadaa galeefii waan tureef, yeroon isaa yeroo gahetti Dabra Mixmaaq Gaddamamee (Kawaala ta'ee) iddoo buufannaa Monoksoota hedduu ta'e. Dabra Mixmaaqittis haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam ifa uffattee, raayyaan Ergamootaa isheetti marsayetoo yeroo sanattis Suraafeel Ultuu ykn Maa'ixantii isaanii qabatanii sagadaniif, akkas jechaas ishee galateeffatan «Abbaan Samii irraa ilaalee kan akka kee hin arganne, sirraas nama ta'e» (Kitaaba Sinkisaaraa, Caamsaa 21) Wareegamtoonnis akka aangoo kabaja isaaniitti haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiif sagaduuf icciitawaa kan ta'aan fardeen isaaniin irra ta'aanii gara isheetti dhiyaatan. Jalqaba irrttis hangafni Wareegamtootaa Qulqulluun Giyoorgiis hunda dursee ni sagadeef, boodarras warreen kaan bifa walfakkaataan sagadaniif. Kana boodas Qulqulluun Marqooriyoos farda isaa irra taa'ee gara isheetti dhufuun ni sagadeef. Qulqulloonnis kabaja isheef itti dhiyaatanii ni sagadaniif, itti aansuunis Mootiin Heeroods kan isaan ajjeesise Daa'imman Beeteliheem ni sagadaniif, jaalalaa fi gammachuudhaanis ni taphatan. Namoonni naannoo sana turan Kiristaanonnis, warreen hin amannes kana yeroo arganitti gammachuudhaan Addunyaa biraa keessa waan jiran itti fakkaata ture. (Kitaaba Sinkisaaraa, Caamsaa 21) Namoota Dabra Mixmaaqitti walitti qabaman keessaa Abbaa fi haati isaanii, firoonni isaanii, akkasumas hiriyoonni isaanii namoonni jalaa du'an Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam akka itti agarsiistu namoonni yeroo ishee kadhatan akka bifa isaanii duriitti itti agarsiisti ture. Namoonni tokko tokko ammoo huccuu citaa isaanii (Mahaarrabii) isaanii ol itti darbatu ture, isheenis kan jaallatte yoo ta'e harka isheetiin qabdee deebistee kennitiif ture. Yeroo kanas namoonni hundi eebbaaf addaan hiratu ture. Isaanis yerootti gara Mana isaaniitti deemuu barbaadanitti nagaa itti dhaammatanii fi eebbifamanii deemu ture. Namoonni Dabra Mixmaaq fi naannawaa ishee guyyaa itti Dubroo Maariyaam arganitti warreen hin amanne kan itti amanan, kan balleessan araarsummaa isheetiin araaraa fi dhiifama kan itti argatan, kanneen amananis guyyaa itti eebbifaman ture. Uummannis ishee kadhatanii wanti dhaban hin jiru ture. Raajonni, Duuka bu'oonni, Qulqulloonni, Wareegamtoonni, Durboonni, Monoksoonni, Ergamoonni, Hangafoonni Ergamootaa Dubroo Maariyaamiif yeroo sagadanis ni muldhatu ture. Raajichi Waaqayyoo Daawwit «Sooressonni biyya lafaa, Ahizaabonni hundis fuuldura keetti ni deddeebi'u» Faar. 44/45:12. jedhee Raajii kan dubbateef, Qulqulleettiin Qulqullootaa Dubroo Maariyaam ibsamteefii, itti muldhattee, arguuf hawwaniiru. Kadhannaan isaaniis dhaga'aameefii, haati Waaqayyoo ibsamteefii ykn itti muldhattee bifa ishee ajaa'ibaa arganiiru. Kanneen keessas Dabra Mixmaaq namoonni turan, kanneen biroos Qulqulloonni hedduu keessatti argamu. Ilmi ishee Gooftaan keenya, Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos dursee bara Sigaawweetti Dabra Mixmaaqitti akka ibsamtu bu'uura waadaa inni galeefiitiis Itoophiyaa irraa, Gibtsii irraa, Armaniyaa irraa, Sooriyaa irraa, Room irraa, Tsirii irraa ykn Griikii irraa, Faars irraa dachee ykn iddoo Dabra Mixmaaqitti dunkaana dhaabanii ykn dunkaana buufatanii Caamsaa 21 jalqabee hanga Caamsaa 25 tti gammachuu guddaadhaan ayyaana Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kabajuu ni jalqabu.
Mostrar todo...
Elige un Plan Diferente

Tu plan actual sólo permite el análisis de 5 canales. Para obtener más, elige otro plan.