cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Balbala Fayyinaa

"Wangeela yoon lallabuu dhabaadhe anaaf wayyoo " 1ffaa Qor 9÷16 Kaayyoon channel keenyaa:- 1👉 walaloo 2 👉Faarfannaa 3👉 Barumsa 💐Waa'ee Amantaa keenya Ortodoksii Tawaahidoo wajjiin baranna 📚📖 Sagalee fi barreeffamaan isin biraan geenya! 💚💛❤️💚

Mostrar más
Finlandia1 320El idioma no está especificadoReligión y espiritualidad20 170
Publicaciones publicitarias
4 640
Suscriptores
+924 horas
+807 días
+61430 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

Photo unavailableShow in Telegram
Waaqayyo gooftaan sagalee gammachuutiin, sagalee fiinootiinis ol ba'eera;” — Far. 47:5 “አምላክ በእልልታ፥ እግዚአብሔር በመለከት ድምፅ ዐረገ።” — መዝሙር 47፥5 Baga guyyaa ol ba'uu Gooftaa kenya Fayyisaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin nagaan nuu gahe. Ayyaana Gaarii
Mostrar todo...
Repost from Nehemiah Promotion
Ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo hundaaf! Channel Afaan Oromoo Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo kunneen join taasisaa! ⛪ Faaruuwwan Ortodoksii Tawaahidoo ⛪ Koorsiiwwan Ortodoksii Tawaahidoo ⛪ Barnoota Amantaa ⛪ Walaloowwan Afuurawaa ⛪ Seenessa Afuurawaa fi k.k.f ni argattu. Join Join Join
Mostrar todo...
Koorsiiwwan EOTC
Faaruuwwan EOTC
Join ✔️
Photo unavailableShow in Telegram
Baga Ayyaana Giiftii keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin isin gahe./ Kiristaanonni waggaa waggaan guyyaa kana kan kabajan Durbee Maariyaam Caamsaa 21 hanga 25tti Masrii keessatti maqaa Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin ijaarame golee mana kiristaanaa Debre Matmak irratti mul’atteetti
Mostrar todo...
Baga Ayyaana Giiftii keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin isin gahe./ Kiristaanonni waggaa waggaan guyyaa kana kan kabajan Durbee Maariyaam Caamsaa 21 hanga 25tti Masrii keessatti maqaa Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin ijaarame golee mana kiristaanaa Debre Matmak irratti mul’atteetti
Mostrar todo...
Repost from Nehemiah Promotion
Ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo hundaaf! Channel Afaan Oromoo Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo kunneen join taasisaa! ⛪ Faaruuwwan Ortodoksii Tawaahidoo ⛪ Koorsiiwwan Ortodoksii Tawaahidoo ⛪ Barnoota Amantaa ⛪ Walaloowwan Afuurawaa ⛪ Seenessa Afuurawaa fi k.k.f ni argattu. Join Join Join
Mostrar todo...
Koorsiiwwan EOTC
Faaruuwwan EOTC
Join ✔️
Repost from Nehemiah Promotion
Mostrar todo...
Kitaaba Qulqulluu
Kitaabolee Koorsii
Kitaabolee Kadhannaa
Sirna Mana Kiristaanaa
Hunda iddoo tokkotti
Caamsaa_14 Maqaa abbaa ilmaa afuuraa qulqulluu waaqa tokko ameen. ✅MISIRROO GABRA KIRISTOOS. Guyyaa kana misirrichi qulqullu gabra kiristoos misirroo dhiise kophumman(የመነነበት)jiraachu jalqabe. Misirroon Gabra kiristoos mooti Qusxinxiniyaa kan tahan Tewodiyoosfi harmee isaani mootitti markeeza irraa wareegan ilmaa tokkicha argame. Maatin misirroo Gabra kiristoos barumsa m/kirstaana sirnan barsisani guddisan. maatiin misirroo kana Aangoo abbaa isaa dhaalee biyya quxinxiniyaa akka bulchuuf yeroo umriin isaa gahu intaala mooti Rooman akka fuudhu godha. Qulqulluu misirroo Gabra kirstoos garu addunyaa tana tuffaachun gaafa cidha isaani galgala dubrumma(qulqullummaa)kan isaas,kan haadhaa mana isaas osoo hin balleessin dhiise halkan bidiruun gara biyya biraa deeme.harka qalleeyyi wajjin kadhaacha,isaa argatan irraa kenna kennaa waggaa 15 turan. Guyyaa tokko dubree maariyamin tajaajaila mana kiristaana tokkoti mul'ate waa'ee" qajeelumma isaa"akka dubbatu goote,yeroo kana dubbin kun biyya guututti dhagahe,abbaan keenya qulqulluun Gabra kiristoos"Hojiin koo beekame"kun qorumsati na galcha jedhani ammas gara biyya biraati osoo bidiruun imala irraa jiru fedha waaqa tahe bidiruti kallati jijjirrte gara qe'ee abbaa isaati fudhatte.achitis balbala abbaa isaa duraa kadhaata fakkaatani wagga 15 guutuu tahani kadhaacha turan. Hojjettonni abbaa isaa balfaa,xurri,lafee fa'a irraatti darba duran,saroonni madaa qaama isaa wajjin akka nyaatuu fa'a godhan,garu maatin walaalee saroonni abbaa isaa isaa beeekan. Walumagalati misirroon Gabrakiristoos waggaa 30 guutuu kadhaacha ,isaa argatan kenna,hojii qulqullumma hojjecha turan. Dhumarratti Gooftaan I/kirstoos,dubree maariyaami,Ergamoonni qulqulluu hundii,qulqulluu Gabra kiristoos duraa kan turan Raajoonni hundii,wareegamonii,duka bu'oonni,dhugoomtoni hundaa duka waaqayyoo hordofani waada kan galanif kabajamtu lubbuu Misirroo Gabra kiristoos qoomatti qabatani galataafi leelloon gara samiti olfudhata Angaafni phaaphasi Qusxinxiniyaa Abbaa Tewoofiloos osoo qidaase irraa jiranu sagaleen waaqayyoo samiidha deemi foon misirroo Gabra kiristoos fudhii jedhu dhagahame.yeroo kana deemani fuudhuf jedhan foon misirroo Gabrakirisoos balbala abbaa isaani duraati kufe argan.yeroo foon isaa kaasuf jedhan harka isaaniti xalaaya argan,xalaayicha fudhani yeroo dubbisuf jedhan,harka qulqullicha lakkiffamu didde,kadhanna,Igzoota yeroo godhan xalaayichi harka isaani lakkiffamu danda'ee. Xalaayichis akkas kan jedhu ture"🌹Gabra kiristoos Jaalala waaqayyof🌹jecha wagga 30 guutuu qabsuura,rakkoo,daraara,gocha sukkaneessa simate , balbala abbaa isaa duraati gidiraa heddu akka argee kan ibsuu ture. Yeroo xalaayichi dubbiffamu abbaan isaa mootichifi harmeen isaa mootitin dhagahani waan godhan dhaban,ni gaddan,ni boo'an,gadameessi dhala akkamin harmee isaaf ciisaa?isaa wareegan argameef akkamin imimaan dhiise dhiiga hin boonye? keesuma immoo haatifi abbaan isaani kan fuudhanif intaalli mootii Rooman abbaan mana koo ni deebi'a jette obsaan waggaa 30 guutuu kan eega turte,yeroo xalaayan kun dubbiffamu dhageessu akkamin garaan ishee ciisaa,ni boose,ni gaddite,wan qabanifi dhiisan waalalan.hunduu hayyama waaqa tahe. Foon misirroo Gabra kiristsoos fuudhani mana kitsitaaana kabaaja boqaachisan. Waaqayyos waada guddaa misirroo Gabra kiristoosif gale jira:waada isaaf galame keessa muraasa; maqaa keen harka qalleeyyi kan nyaachise,kan bishaan qorraa obaase gatin isaa hin badu anis guyyaa rakkina nan nyaachisa jedhen. maqaa keen mana kiristaana kan ijaarsise anis mootummaa samiti mana bara baraa nan qopheessaf jedhe. maqaa keen qabsuraa kan barreesse,kan dubbise,kan dhageeffate gatin isaa guddadha,guyyaa rakkina ani nan oolcha jedhen. maqaa keen isaa dhukkubsate namni gaafate gatin isaa hin badu guyyaa rakkina anis nan gaafadha jedhen. Galanni waaqayyoof haa tahu,nunis kadhanna qulqullotan nu haa fayyisu!! Eebbii,sugni misirroo Gabra kiristoos bara baraaf nu wajjin haa tahu ameen! Madda:Qabsuura Misirroo Gabra kiristoos irraa kan fudhatani. @fayyinaaf @fayyinaaf
Mostrar todo...
Photo unavailableShow in Telegram
FILSATII LAFEE ABBAA TAKLA HAYIMAANOT """"""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""'"""''" Caamsaa 12 guyyaa lafeen Abbaa keenya Abuna Taklahaymaanot dabra Asboo irraa gara iddoo ammaa manni Kiristaanaa isaanii itti ijaaramee jiru kanatti itti dhufeedha. Kunis kan ta'e ega boqotanii waggaa 57tti. Waaqayyoon jalqaba guyyaa boqonnaa isaanitti akkuma isaanitti dubbatetti guyyaan kun yeroo ga'uuf jedhu Gurraandhala 19 duuka bu'oota isaanii iddoo gara garaa jiranitti ergaan akka himamu ta'eera. Akkuma jedhamanittis walitti qabamuun Caagalitti guyyaa 7f suba'ee galaniiru. Sana boodas Gadaamichatti caamsaa 6 subaa'ee galanii guyyaa 12tti lafeen isaanii dabra Asboo irraa gara gadaamii iddoo amma jiru kanatti gadi bu'ee manni amantaa akka irratti ijaaramu ta'eera. Eebbi fi sugni Abbaa keenyaa hunda keenya waliin haa ta'u!!!
Mostrar todo...
Photo unavailableShow in Telegram
Sillaaseen Ajaa’iba (ሥላሴ ትትረመም) Sillaaseen ajaa’iba hin qoratamu/2/ Sillaaseen ajaa’iba hin qoratamu Sillaaseen Ajaa’iba hin qoramu      @Ceesisa Galanni ni ta'af weedduun ni ta'aafi Hunduma kan uume sillaasee uumaafi Baroota durasi isumatuu turee Ummama marasi kabajasaaf uume      @Ceesisa Halleeluyaa jedhe kirubeel fakkaadhe Deemsa galataani Yaaredin hordofee Galatan dhiheessa akka Suraafeelini Weedduuf galata hundarraa ol-aanuni       @Ceesisa Maqaafi qaamanii waaqayyo sadiidha Tasa wal hin maku gochaanis addadha Uume jiraachisuun mootummaasatini Gonka sadi mitii Waaqa tokko inni         @Ceesisa Dugda Kirubeeliitti teessoosaa diriirse Akkeenyumaa isaas uumama calchise Baraan jiraatadha mootummaan isaatini(2)       @Ceesisa Yordaanos raggaasuun Taaboris dubbadhu Gooftummaa waaqayyo kabaja Sillaasee Kunoo yordaanositti ilmi kan mul'ate Afuurri gad bu'e Abbaaniis dubbate            
Mostrar todo...
Repost from Nehemiah Promotion
Kitaabolee Afuurawaa kanneen keessaa isa kam barbaaddu? 💠 Kitaaba Qulqulluu Abbaa 81 💠 Kitaaba Qulqulluu Abbaa 66 💠 Kitaaba Sirna Qiddaasee 💠 Raajii Maariyaam 💠 Kitaaba Hiikoo Andimtaa 💠 Sirna Mana Kiristaanaa 💠 Seenaa Mana Kiristaanaa 💠 Kitaaba Aksimaaroos 💠 Kitaabolee Kadhannaa 💠 Dubbii Maariyaam 💠 Seenaa Mana Kiristaanaa Itoophiyaa 💠 Qabsuura Duuka Bu'ootaa fi k.k.f mobile kanaa gadi jiru keessaa argadhaa! 👇👇👇
Mostrar todo...
Kitaaba Qulqulluu
Kitaabolee Koorsii
Kitaabolee Andimtaa
Kitaabolee Kadhannaa