cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Pheeni'eel-ጴንኤል

🌹Ijoollee Tewaahidoo maraaf🌹 👉Chaanaalii keenya keessati:- 📚 Koorsii afuuraa baranna. ✉️ Gaaffilee sirnaafii barnota mana amantaa waliin deebisna. ⁉️ Gaaffilee afuuraa dargaggootaa ilaalla. 👉Gaaffii qabdaniif @amZwinner

Mostrar más
El país no está especificadoEl idioma no está especificadoLa categoría no está especificada
Publicaciones publicitarias
1 333
Suscriptores
Sin datos24 horas
Sin datos7 días
Sin datos30 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

Akkam jirtu jaalatamtoota maatii Waaqayyoo!! bakka jirtanitti nageenyi isiniif haa baay'atu! Waa'ee FIAS777 kana tarii dhageessanii jirtu ta'a. Namoonni heddu soba jedhanii haasa'u. Garuu anaan wantichi dhugaa ta'ee argeen jira. Isinumti link kanaan seenaatii galmaa'aa ilaalaa. Osoo mallaqa takka hin baasin ammaan tana qarshii heddu hojjechuu dandeessu. Link kanaan seenaa! https://fias777.com/#/pages/register?invite_code=FkFbPBs7&t=1653130141095 Yeroo galmooftan lakkoofsa bilbilaa 9 irraa eegalaa barreessaa. Password keessan hin dagatinaa! transaction code isa jedhu san irrattis password keessan galchuu dandeessu.
Mostrar todo...
#SafaricomEthiopia ሰላማዊት አበራ ከአዳማ የዚህ ሳምንት አይፎን 13 ፕሮ ማክስ ተሸላሚ ሆነች :: እርሶም የዚህ ልዩ እድል ተጠቃሚ ይሁኑ :: የማህበራዊ ሚዲያ ገፆቻችንን በመቀላቀል ብቻ ይሸለሙ :: ከዚህ በፊት ብዙዎችን ሸልመናል አሁን እርሶም የቴሌግራም ገፃችንን ጆይን በማድረግ እጅግ ዘመናዊ አይፎን 13 ፕሮ ማክስ ይሸለሙ :: በትንሹ ለ30 ሰዎች ሲያጋሩ ለሽልማቱ እጩ ይሆናሉ :: ለሁሉም የማህበራዊ ሚዲያ ተከተዮቻችን የቴሌኮም አገልግሎት በቅናሽ እንሰጣለን ጆይን እና ሼር ያድርጉ ይሸለሙ በዚህ ሊንክ ጆይን ያድርጉ https://t.me/+mdlD0Hgjq_ZlNmE0
Mostrar todo...
🌿'Koottuu Gugee koo'.. 🌿 🎤🎤🎤🎼 From fromiorto 🌷@Qabsuuraqulqullootaa
Mostrar todo...
+Dn_Gamme+++KOTTU_GUGEEKOO+++.mp35.93 MB
🌷Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen Muddee bulii 3 Guyyaa kana Waaqayyoon kan deesse haati teenya #qulqulleettii_durbee_Maariyamiin guyyaa gara mana kristaanaa itti galtetu yaadatamee oola. Qulqulloonni Iyyaaqeem fi Hannaan haga qulqulleettii durbee #Maariyaam argatanitti gaddaan jiraachaa akka turan qabsuurri isaanii ni ibsa. Isaanis yeroo hundaa Waaqayyotti bo'uu hin dhiisan ture. Hannaan " yaa Waaqayyo firii ati anaaf kennite anis deebiseen mana keetiif kenna" jettee wareega gootee turte. Booda Waaqayyo gooftaan kadhannaa isaanii dhagahee qulqulleettii durbee Maariyaamii kenneef. Isaanis akkuma wareega godhanii turan Maariyaamiin dhalattee gaafa waggaa 3 guuttu fuudhanii gara mana Kristaanaa fidanii luba Zakkaariyaasitti laatan. lubni Zakkaariyaas daa'ima xinnoo tana maal nyaachisnee guddisna kaa jedhee gaafa inni yaadda'u ergamaan Waaqayyoo Faanu'eel nyaata samii irraa fideefii yoo isheef laatu argan. Kana booda isaanis yaaddoo tokko malee mana qulqulluummaa keessatti ishee dhiisan. Boodarra guddattee gaafa waggaa 12 guuttu amma booda marsaan laguu isheetti dhufuu ni mala waan taheef Bataskaana keessa jiraachuu hin dandeessu jedhanii yaadan. Kanaafis nama amanamaa tahe tokko kan ishee eeguutti laanna jedhanii yaadan. Kanaafis kadhannaan Waaqayyoon gaafatan. Fedhaaf heyyama Waaqayyoo ta'ee fira ishee kan ta'e maanguddoon Yooseef akka ishee eeguuf filatame. Maanguddoon Yooseefis fira isaa kan taate qulquulleettii durbee #Maariyamii gara mana isaatti fuudhatee gale. Ergamaan Waaqayyoo qulqulluu Gabri'eeliin durbee #Maariyaamiitti mul'atee Waaqayyoon gooftaan akka isheerra dhalatu missiraachoo itti hime. Maariyaamiinis anoo kanaaf nama malu miti lakki jettee cal'iste. Booda gaafa inni irra deddeebiin missiraachoo kana itti himu durbeen Maariyaam "tole naaf haa ta'u "jetteen. Guyyaa sanaa kaastees durbeen Gooftaa garaatti baatte. Maanguddoon Yooseef gaafa qulqulleettii durbee Maariyaamiin ulfooftee argu rifatee dhokatee ishee dhiisee adeemuuf yaadee ture. Ergamaan Waaqayyoo qulqulluu Gabri'eeliin itti mul'atee ''dhiistee hin adeemin; isheenoo kan ulfooftee afuura qulqulluudhaani '' jechuun akka ishee eeguuf tasgabbeesse. Baga ittiin isin gahe !! Ameen #Waaqayyoof galanni haa ta'u. Deessuu isaa kan taate qulqulleettii durbee #Maariyamiifis galanni haa ta'u. Ulfaataa kan ta'e #Fannoo Kristoosifis galanni haa ta'u. Ameen!! Baga ittiin isin gahe!! Telegram https://t.me/Qabsuuraqulqullootaa/1023
Mostrar todo...
Photo unavailableShow in Telegram
🌷 Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen Sinkisaara Sadaasa 27 ✞ Guyyaa kana biyya Faars (yeroo ammaa Iraan) jedhamtu keessatti kan dhalate qulqulluu Aabbaa Yaa'iqoob Zagimmud ni yaadatamu. Yeroo sanatti biyya Faars keessa akkuma kristaanoonni jajjaboon jiran warroonni xaa'ootii waqeessan kanneen kristaanota dararaa turanis jiru turan. Yaa'iiqoob yeroo sanatti nama soomaa fi sagadaan jabaatee foon isaa dadhabsiisee lubbuu isaa jabeessuun Waaqayyo waliin jiraachaa tureedha. Mootichi biyya kanaa Yaa'iqoob waan jaalatuuf masaraa mootummaatti galchee aangoo laateefii ture. Jireenyi masara mootichaa kun suutuma suuta soomaa fi sagada isa dagachiisaa dhufe. Yaa'iiqoob jireenya biyya lafaan liqimsamee Waaqayyoon dagachaa dhufe. Takka turee Yaa'iiqoob Kristoos ganee mootota waliin xaa'otiif sagaduu jalqabe. Kennaan afuura qulqulluus isarraa fagaate. Yaa'iiqoob akka xaa'otiif sagaduu jalqabe kan dhagahan maatiin isaa gaddaan liqimfamanii Yaa'iiqoobiif xalayaa barreessanii erganiif. Xalayichis "Akka ati Kristoos gante dhageenyee jirra; baay'ees sitti gaddinee jirra. Kanaafis ijaan si arguu waan hin barbaanneef naannoo kanaas baqannee jirra" jedha ture. Yaa'iqoob xalayaa kana fuudhee gaafa dubbisu baay'ee rifate. Xinnoo tasgabbaa'ees maalirra akka jiru of gamaggame. Laphee isaa of ilaalee duwwaa tahuu of bare. Maatii isaa dhabuu caalaa immoo Kristoos ganuun isaa isa gaddisiise.e Fiigee gara Bataskaana duraan deemuu sana dhaqe. Abbootii jalatti kufee imimmaan lolaasaa gaabbii gale. Yeroon booda mootichi kun Yaa'iqoob akka deebi'ee gara masaraa mootummaa dhufu itti erge. Inni garuu lammataa achitti hin deebi'u jedhee dide. Booda mootichi kun akka barbaadanii isa fidaniif loltuu isaa ajaje. Loltuun isaatis humnaan qabanii fidanii dhufan. Kana booda mootichi kun akka inni kristaanummaa dhiisee gara xaa'ootii deebi'uuf waan gara garaatiin isa gowwoomsuuf yaale. Garuu hin milkoofneef. Booda mootichi kun mukatti hidhanii akka isa reeban taasise. Qaamni isaa haga ciccitutti dabaree dabareedhaan isa reeban. Booda achumatti lubbuu isaatis darbee wareegamummaan boqateera. Kabaja wareegamummaas Waaqayyoon biraa argateera. Gooftaan keenya Iyyasuus Kristoosis waadaa heddu galeeraaf. Eebbi wareegamaa qulqulluu Yaa'iqoob Zagimmud nurra oolee haa bulu. Ameen ✞ Dabalataan guyyaa kana qulqulluu Aabbaa Takla Hawaariyaat fi duuka bu'aan Filimoonaa ni yaadatamu. Eebbi qulqulloota kanaas nurra haa bulu!! Ameen!! Waaqayyoof galanni haa ta'u!! Fayyisaan Addunyaa akka arjummaa isaatti hunduma keenya nu haa eegu !! Telegram https://t.me/Qabsuuraqulqullootaa/1013
Mostrar todo...
🌷Waaqa tokko kan ta'an Abbaa Ilmaa fi Afuura Qulqulluutti ni amanna!! Sinkisaara Sadaasa 26 ✞ Guyyaa kana asuma biyya keenya Itiyoophiyaa keessatti dhalatanii kan guddatan qulqulluun Aabbaa Iyyasuus Mo'aan boqataniiru. Aabbaa Iyyasuus mo'aan hamma umriin isaanii waggaa 30 guutuutti maatii isaaniif ergamaa guddatan. Sana booda garuu jireenya addunyaa kanaa dhiisanii gara Gadaamii guddicha #Dabra_Daamootti galuun tajaajilatti jabaatanii jiraachuu jalqaban. Achittis bartuu Aabbaa Yohaannii ta'anii barumsa amantaa baratan. Guyyaa guyyaa abbootiidhaaf ergamaa oolu. Galgala galgala immoo sagaduun dabarsu turan. Ergamaaan Waaqayyoo qulqulluu Gabri'eel yeroo tokko itti mul'atee "ka'ii gara wallootti adeemi ;achittis tajaajila baay'eetu si eeggaata'' jedheen. Ergamaan qulqulluu Gabri'eeliin Gadaamii Dabra Daamootii isa fuudhee gara wallootti isa fideera. Yeroon boodas Abbootiin tajaajila isaa arganii itti gammaduun Aabamineetii godhanii isa muudan. Kana booda ijji isaa osoo hirriiba hin argin tajaajilaaf of kennee tajaajiluu jalqabe. Bara sana immoo mootittii Yoodit gudiit miidhaa hamaa mana Kristaanaa irraan geessee waan tureef tajaajilli wangeelaa laafee ture. Yeroo kana Aabbaa Iyyasuus Mo'aan kristaanota 800 ta'an walitti qabanii barsiisuun tajaajila wangeelaaf kallattii hundaan bobbaasaniiru. Kana booda tajaajilli mana Kristaanaa jabaatee akka ibiddaattis laboobee argame. Qulqulloonni akka Aabbaa Takla Haymaanoot fi Aabbaa Giyoorgiis Zagaasiccaan bartoota isaanii turan. Aabbaa Iyyasuus Mo'aa gaafa guyyaan boqonnaa isaanii gahu Waaqayyo dhufee waadaa heddu galeeraaf. Dhalatanii waggaa 82 tti guyyaa dilbataa nagaan boqataniiru. Eebbi isaanii nurra haa bulu!! Waaqayyo Gooftaan waadaa isaaniif galeen nu haa yaadatu. Ameen!! @qabsuuraqulqullootaa ✞ Akkasuma guyyaa kana biyya keenya shawaa keessatti kan dhalatanii guddatan qulqulluun Aabbaa #Haabta_Maariyaam yaadatamanii oolu. Aabbaan Haabta Maariyaam maatii kristaanota toloota turan, haadha isaa qulqulleettii Yoostiinaa fi abbaa isaa Fireebiruuk irraa dhalate. Haati isaa yeroo gara mana kristaanaa adeemtu hundumaa mucaa kana fuutee adeemte kadhannaa gooti ture. Haabta Maariyaam daa'ima waggaa shanii ta'ee osoo jiruu kadhannaa abbootiin mana kristaanaatti "Yaa Kristoos nu fayyisi" jedhanii kadhatan qabatee manatti galee innis "Yaa Kristoos nu fayyisi, Yaa Kristoos nu maari" jechaa halkan ka'ee sagadaa kadhataa ture. Haabta Maariyaam erga guddatee boodas kadhannaatti jabaatee foonif dhiiga Gooftaas yeroo yeroon fudhachuun qabsuura jabaa gaggeessuu itti fufe. Kennaan Afuura Qulqulluus isaaf baay'atee raajii gara gara heddus hojjechaa ture. Guyyaa tokko gurbaan loon tiksu tokko yeroo maqaa Waaqayyootti qoosu argee aabbaan Haabta Maariyaam gurbaan kun akka qilleensa irratti ol fannifamee turu taasiseera. Namoonni raajii kana arganis Waaqayyoon galateeffataniiru. Qulqulluun Aabbaa Haabta Maariyaam guyyaan boqannaa isaa gaafa gahu Waaqayyo ergamoota isaa waliin dhufee waadaa heddu galeefii jira. Lubbuu isaatis ergamoonni faarfachaa gammachuudhaan ol fudhataniiru. Waaqayyoo kadhanaa qulqulloota kanaaf jedhee nuunis amantaa keenyatti jabaannee dhaaltuu mootummaa isaa akka taanu nu haa taasisu!! Telegram https://t.me/Qabsuuraqulqullootaa/1010
Mostrar todo...
🌹Waaqa tokko kan ta'an Abbaa Ilmaa fi Afuura Qulqulluutti ni amanna!! Sinkisaara Sadaasa 14 ✞ Guyyaa kana guyyaa boqonnaa Eephis qoophosii biyya Xaraakiyaa jedhamtuu kan turan qulqulluu Aabbaa #Maartiyaanoos tu yaadatamee oola. Aabbaan Maartiyaanoos iddoo dhaloota isaanii kan turte biyya Sooriyaatti warroota shakkitootaatiin sababa amantaa isaatiif dhiibbaa jabaan irra gahaa akka ture seenaan isaa ni dubbata. Shakkitoonni yeroo inni karaa adeemus eeganii isa arrabsu turan. Kana bira darbees lafarra harkisaniis reebaa turaniiru. Booda Aabbaa Maartiyaanoos biyya Sooriyaatii baqatee naannoo galaana Eertiraatti waashaa(goda) tokko keessaa jiraachuu jalqabe. Jireenya qulqulluummaadhaan waggoota hedduuf waashaa kana keessaa jiraatee boodarra heyyama Waaqayyootiin biyya Xaraakiyaatti Eephis qophosii ta'ee muudame. Aangoo kanatti erga dhufee booda Aabbaan Maartiyaanoos jabaatee daandii qulqullumaa irraa adeemuun hoolota Kristoos kan ta'an amantoota tiksaa turee jira. Kennaan Afuura Qulqulluu isaaf baay'achuun raajii garagaraas hojjeteera. Guyyaa tokko Aabbaan Maartiyaanoos yeroo karaa adeemu namoota nama du'e tokko awwaaluuf bo'aa adeemanitti dhufe. Warra bo'aa adeeman kana keessaa namichi tokko garuu sagalee ol kaasee "mallaqa koo osoo naaf hin deebisin du'e waan taheef maatiin isaa maallaqa koo naaf deebisaa " jedhee yeroo dubbatu dhaga'ame. Namni kun irra deddeebi'ee dubbachuun maatii isaa jeequutti ka'e. "Mallaqa ani isarraa qabu yoo naaf kanfaltan malee hin awwaaltan " jedhee fuldura dhaabbatee akka hin awwaalles ittise. Yeruma kana Aabbaan Maartiyaanoos karaa irraa isaanitti goran. Namicha jeeqaa jiru kana ofitti waamanii ''ilaamee tasgabbaa'i; dursa kan du'es haa boqatuu'' jedhaniin. Inni garuu dhagahuu dide. Aabbaan Maartiyaanoos achuma dhaabbatanii kadhannaadhaan Waaqayyoon gaafatan. Battalumatti namichi du'e (reeffi) sun du'aa ka'ee akkas jechuun dubbate "Yaa jamaa namni kun mallaqa homaatuu narraa hin qabu ; sobaan mallaqa sassaabachuuf ta'a'' jedhee sagalee ol kaasee dubbate. Namoonni achi jiran dinqisiifatanii ilaalaa turan. Aabbaan Maartiyaanoos namicha sobaan mallaqan irraa qaba jedhee jeeqaa ture kanaan ''maali ati Waaqayyoon hin sodaattuu? Akkamii gochaa akkasii raawwatta?''jedhaniin. Namichi sobaan dubbate kun osoo namoonni ilaalanii battalumatti achitti du'e. Inni du'aa ka'e immoo nagaan gara mana isaa gale. Namoonni raaji kana arganis Waaqayyoon galateeffatan. Aabbaan Maartiyaanoos tajaajila qulqullumaa kanaan jiraatee Waaqayyoon gammachiisee guyyaa akka har'aa kana nagaan boqateera. Ameen galanni Waaqayyoof haa ta'u!! nuunis kadhannaa Aabbaa Maartiyaanoosif jedhee nutti haa araaramu!! Biyya keenyaas nagaa nu haa taasisu!! Telegram https://t.me/Qabsuuraqulqullootaa/1002
Mostrar todo...
Photo unavailableShow in Telegram
🌹Waaqa tokko kan ta'an Abbaa Ilmaa fi Afuura Qulqulluutti ni amanna Sinkisaara Sadaasa 7 ✞ Qulqulluu #Giyoorgiis_Liidaawii Mana kristaanaa keenya keessatti maqaa #Giyoorgiis kanaan kan waamaman qulqulloota heddutu jiru. Har'a kan yaadatamanii oolan Giyoorgis isa hangafa kan hundi keenya beeknu; wareegamaa Qulqulluu Giyoorgisii isa Liidaawii fi Giyoorgiis isa biyya Iskindiriyaati. Guyyaan kun guyyaa Bataskaanni qulqulluu Giyoorgiis Liidaawii itti kabajameedha. Akkasumas guyyaa kana raajii Gooftaan keenya achitti hojjeteef yaadannoon ni taasifama. Kunis bara mooticha diyooqilxiyaanoos namni tokko akka bataskaana qulqulluu Giyoorgiis diiguuf ergamee ture. Namni kunis gara bataskaanaa dhufee suuraa qulqulluu Giyoorgiis isa uwwifamee jiru rukutee cabse. Cabaa isaa irraa waan xinnoon takka dhuftee mataa isaa rukuttee kuffiste. Namoonnis baatanii gara mana isaa geessanii Yeroon boodas du'a hin taane du'e. Yeroo kana dhaga'u mootichi Diyooqilxiyaanoos aaree ofii kootiin deemee bataskaanicha kana diiga jedhee adeeme. Yeroo inni achi gahu ergamaan Waaqayyoo tokko dhufee ija isaa lachuu jaamse. Mootichi kun Waggaa 7 guutuu jaamaa tahee jiraatee boodarra du'e. Waaqayyoof galanni haa ta'u!! Eebbi Wareegamaa qulqulluu Giyoorgis hunduma keenya waliin haa ta'u!! Ameen!! ✞ Akkasuma Guyyaa kana qulqulluun #Giyoorgiis inni biyya Iskindiriyaa wareegamumaan boqateera. Haati fi Abbaan isaa dafanii dhala hin godhanne ture. Abbaan isaa gaafa sadaasa bulii 7 guyyaa ayyaana waggaa qulqulluu Giyoorgisii gara Bataskaana Giyoorgisii dhaqee akka Waaqayyo ilma isaaf kennuuf kadhannaa godhe. Waaqayyo Gooftaanis kadhannaa isaa dhagahee ilma tokko kenneef. Maqaa isaatis Giyoorgiis jedhanii maqaa wareegamaa Qulqulluu Giyoorgisii itti moggaasan. Qulqulluun Giyoorgiis gaafa guddatee umrii 25 guutu harka qalleeyyii kan gargaaru ta'e. Yeroo hundaa gara Bataskaanatti deddeebi'uun kadhanaatti cimee tajaajilaa ture. Guyyaa tokko mucaan mootichaa takka qilleensa fudhachuuf jettee osoo adeemtu Dabra Qusqaamirraa sagalee kadhannaa fi farfaannaa dhageessee lapheen ishee cabe. Faaruu kana dhageenyaan keessi ishee ni gammade. Isheeniis battaluma sanatti kaatee Giyoorgiis bira dhaqxee waa'ee kadhannaa fi farfaannaa abbootii kanaa akka isheetti himu gaafatte. Innis taa'ee waan hundumaa tokko tokkoon barsiise. Isheeniis amantee cuuphamtee kristaana taate. Mootichi kun akka mucaan isaa kun kristaana taate gaafa baru ofitti ishee waamee'' yaa mucaa koo Kristoositti amanuu dhiisi; dafii ammuma Kristoos gani; yoo didde garuu ajjeefamuuf jirta'' jedheen. Isheen garuu jaalala Kristoos irraa kan adda na baasu hin jiru jettee didde. Mootichi kunis aaree akka ishee ajjeesan ajaje. Morma ishee irraa kutanii wareegamummaan boqattee jirti. Boodarra Qulqulluu Giyoorgiisiis qabanii gidiraa heddu erga irraan gahaniin booda guyyaa akka har'aa kana morma isaa irraa muranii wareegamummaan boqateera. Akliilii wareegamummaas argateera. Eebbi isaa nurra haa bulu !! Waaqayyoof galanni haa ta'u!! Ameen!! Telegram https://t.me/Qabsuuraqulqullootaa/985
Mostrar todo...
Elige un Plan Diferente

Tu plan actual sólo permite el análisis de 5 canales. Para obtener más, elige otro plan.