🔉IBNU TEMIYAA OFFICAL
Ir al canal en Telegram
«Chaanalii Da'waa Fi Barnootaa @Keyralumma @Ibnutemiya6 Page FB👇 like follow gochuuf https://www.facebook.com/keyralumma Youtube 👇Channel Subscribe godhuuf https://youtu.be/N18nEwEcoZY Yaadaaf @Keyralumma_bot
Mostrar más3 301
Suscriptores
Sin datos24 horas
Sin datos7 días
Sin datos30 días
Archivo de publicaciones
https://t.me/ALBADR777
Zayitii motora haara baayyee bareedaa tahe gatii baayyii gadi buhaa taheen gatiin baayyinaa 280 baayyinaan Abbaan barbaaddan nuuf bilbilaa.
Lakk 0912041704
Lakk 0923343873
https://t.me/ALBADR777
🔔Habibi Do U know Who you are?.
::::::::
^^^^^^^
^^^^^^^
::::::::
Follow it We will tell you?.
🗡Obboleessa koo✅.
📌Ati Nama rabbiin filate.
📌Ati nama Rabbiin kabajedhaam.
📌Ati nama rabbiin Jannata sana qopheesseefiim.
📌Ati bar Kan bakka ergamaa rabbii ﷺ buutee ergaa isaanii baatte jirtu.
📌si'iim Kan Har'a Bakka Umari fii Hamzaa jirtu.
📌Si'iim Silaa kan har'a Akka mus'aab ibnu umeeyrii Biyya da3waadhaan jijjiirtu.
📌Si tureem silaa Kan rakkoo hawaasa muslimaa addunyaa kanaaf furmaata barbaadu.
📌si tureem silaa kan Aduwwii qur'aanaa,aduwwii masjiidaa,aduwwii hijaabaa, kan deebisuu qabu.
📌si tureem kan Adeemsa ittiin bulmaata shar'aatiif kan karaa mijeessuuf si'iim silaa kan shariaan addunyaa bulchuu qabu.
📌Ammallee suma kan ulamaa'ii keenya dhumaa jiran/kan umriin deeman kana irraa beekumsaa isaanii fuudhee dhaloota dhufutti dabarsu.
🔰Sidhaam, yaa akhii, yaa obboleessa Koo
dammaqqi ofbari
🔰Simalee kan biraa hin eegin.
👉 Kan maqaa muslimummaa qabdu hundi
💠Muradhuu ka'ii baha Galaana MODERNIZATIONII FII Fashioning keessaa.
💎Galaana Gowwummaa fii Dagamiinsa warra dhihaa keessa bahuuf Yoom deemsa jalqabda?.
With the third odd night, O Allah, do not close the month of Ramadan unless you have erased our sins, accepted our repentance, relieved our worries, corrected our conditions, strengthened our faith, made us happy in our lives, and made us free from the fire, Lord of the worlds.
Halkan odd sadaffaan yaa Rabbi cubbuu keenya haqxee, towba keenya fudhattee, yaaddoo keenya sirreessee, haala keenya sirreessitee, iimaana keenya cimsitee, jireenya keenya keessatti nu gammachiifte, ibidda irraa worra bilisoomsite nu goote malee ji’a Ramadaanaa hin cufin Yaa Gooftaa addunyaalee.
مع الليلة الوترية الثالث
اللهم لا تطوي شهر رمضان إلا وقد محوت ذنوبنا وقبلت توبتنا وفرجت همومنا وأصلحت أحوالنا وقويت إيماننا وأسعدتنا في حياتنا وكتبتنا من العتقاء من النار يارب العالمين
#Dalagaa teetiin galata akkamii barbaadda?
•Nama dalagaa isaatin addunyaa qofa argatuu fedhu, kan isii malee waan biraa hin barbaanne sun akka nama kuffaaratii, waan rabbiin isaa kennuu fedhu, isaa kenna, waan inni argatuu fedhee miti sanuu nama isaa kennuu feedheef, kuffaarri waa haddu hawwaa, garuu muraasa isaa malee hin argatu,
inumaa isaaniraa hedduun muraasa sanuu argatuu fedhaa, haa tayuu osoo hin argatin hafa, akkasitti hiyyummaan addunya'aa aakhira'aa isarratti walitti qabamti, eega waan addunya'arraa argateen xiqqo qanani'e aakhira'atti ibidda jahanm seena Isaa jibbama fi rahgmata Rabbirraa darbama ta'e.
•Ammoo namni mu'minni durummaa Aakhiraa filatee, yoo addunyarraa waa argate tolte ammoo yoon argatin, wanni inni yaadu akka hiyyummaan inni keessa jiru durummarra isaa caaltu Rabbi biratti.
*Namni Aakhiraa maraxatee, Dalagaa aakhiran maltu dalage, amanee waan aakhiraan malu dalage, Dalagaan isaanii waan galata qabaati kan Rabbiin iraa qeebalee, sawaaba isaanii kennu.
Yaa rabbi nu milkeessi.
📜🖌. Ji'a Ramadaanaa keessa Carraa 1350 ol kan Diliilee Dabarte irraa Araarama Namaaf argamsiisuutu jira.
✍🏻. Ramadaanni Ji'a Kheeyriilee ji'a barakaaleeti. Yeroo itti isa keessatti duaaiin namaaf qeebalamtu kan ji'oota biraa hunda irra caaltuudha. Sababni ittiin ajriin dacha dachaa namaaf godhamtu ji'oota biraatirra kan ji'a ramadaanaa ni caalti. Barakaa jiini kun qabu irraa Carraa diliileen dabarte namaaf dhiifamuu kan isa keessa jiru yeroo 1350 caala. Wallaahi kuni tola guddaadha. Mu'umintootaa fii qalbiin isaanii kanaan akka malee gammaddi.
📜🖌. Carraallee kanneen Dubbachuun Dura Ragaalee shari'aa isaan irratti nama qajeelchitu dubbachuun dirqama.
1. " Namni ji'a ramadaanaa haala amanaa fii rabbirratti hisaabbataa ta'een soommane Dilii isaatirraa wanti dabarte isaaf araarame, Namni ji'a ramadaanaa haala amanaa fii rabbirratti hisaabbataa ta'ee Dhaabbate Dilii isaatirraa wanti darbe isaaf araarame, Namni halkan leeylatul qadrii haala amanaa fii rabbirratti hisaabbataa ta'een Dhaabbate ,Dilii isaatirraa wanti dabarte isaaf araaramni godhame" Bukhaarii fii Muslimtu Gabaase.
2. " yeroo imaamni Aamiin jedhe isiniis Aamiin jedhaa; Namni aamiiniin isaa aammiinii malaa'ikaatii wajjiin walsimate ; Ma'siyaa isaatirraa kan dabarte Araaramni isaaf godhame". Bukhaarii fii Muslim.
3. " Yeroo imaamni " Sami'allaahu liman hamidahu" jedhe " Allaahumma Rabbanaa walakal hamdu" jedhaa, Namni jechi isaa jecha Malaa'ikaatiin wal simate; Dilii isaatirraa wanta dabre araaramni isaaf godhame". Bukhaarii fii Muslim.
📜🖌. Hadiisoota kanarratti hundooynee Carraalee Ramadaana keessa lakkaawuuf yeroo kaanu inumaa carraa 1350 ol taati. Suniis akka armaan gadiiti.
📓. Soomanuun, Halkan hunda dhaabbachuu fii Halkan leeylatul qadrii dhaabbachuun walitti carraa=3.
📓. Salaanni Shanan isii keessaa:-.
🪷Guyyatti Raka'aa olfuudhanii qara'an 6 tu jira. Akkana Jechuun Namni tokko imaamatti hidhachuun yeroo 6 aamiin jedha jechuudha. 6*30=180.
🪷Guyyatti Raka'aa 17 kan Namni tokko eega imaamni " Sami'allaahu limanhamidah" jedhe inni immoo " allaahumma Rabbanaa walakal hamdu" keessatti jedhuutu jira. Kana jechuun 17*30=510.
📓. Salaata taraawiihaa keessa :-.
Osoo Namni tokko imaamaa wajjiin Raka'aa 11 salaata jennee fudhannee; Isii keessatti yeroo 11 aamiin jedha, yeroo 11 " Allaahumma rabbanaa walakal hamdu" jedha. Walitti kan halkan tokko 22 jechuudha. Kana jechuun carraan Diliin isaa dabarte isaaf araaramuu salaata taraawiihaa keessati hedduu deddebiti jechuudha. Kuniis 22*30=660 ta'a.
📜. Waliigalli Carraa kanaa = 3+180+510+660=1353 ta'a jechuudha.
📜🖌. Carraan guddaan kun Tahajjuda kurnan boodaa maleedha. Inumaa Sababoonni biraa kan Namni Muslimaa dalaguu qabu kan Ji'a kana keessa Diliilee isarraa argamtee dabarte akka isaaf araaramni godhamu taasistu hedduudha.
Tolli rabbiin akkaan bal'aadha. Kennaan isaa ji'a kana keessa hedduu guddoodha.
✍🏻. الشيخ الدكتور سلطان العميري
أستاذ العقيدة بجامعة أمّ القرى
⚠Yaadachiisa Jecha tokkoonii miti kan Hiikame, Akka hubachuuf Mijatuttiidha malee.
🗝 ❂fazzakkir/yaadachiisi❂ 🗝
▣▬▬▬❁▬▬◤◢▬▬❁▬▬▬
▣Kanuma ruuhiin nama keessa jirtu qalbiin namaa ni duutii beeki: waan isii irraa eeggamu gochuu dadhabdee dhukkuba gaflaatiin duutii, Namni waan rabbiitiin gorfamu, Namni waan aakiraatiifi diiniin gorfamu nama qalbii fayyaa qabu nama qalbiin isaa ma'asiyaan/shirkiin/jallinaan/bid'aadhaan hin du'ini.
▣ beekkumsi hadiisaa fi qur'aanaa ta'e tun qalbii nama jiraachifti waan fokkatarraa qalbiin fagaattee akka haala bareeda qabaattu taasifti soba →dhugaa, dadhabbii→jabeenyaa, daguu →dammaqqii, laafinsarra →ciminaa. Haalota badaa irraa gama guddinaa akka namni bahu ilmii nama barsiifti ilmiin islaamaa tun.
▣Namni waa beekuu fi hin beekne way wal qixxaataa? jedhe rabbiin keenya s.w Wal hin qixxaatu. Namni gorfamu, warra aqlii yookaa lubbuu qabu.
↑Faayidan barnoota diin kan fa'a jechuudha, yaa rabbi barachuu nuu laaffisi.
« قل هل يستوي الذين يعلمون والذين لا يعلمون إنما يتذكر أولو الألباب »
▣▬▬▬❁▬▬◤◢▬▬❁▬▬▬▣
Repost from 🔊KEYRAL-UMMA-TUBE
مشاهدة "١٩ يناير ٢٠٢٣" على YouTube
https://youtube.com/shorts/2T8dWpKEaMQ?feature=share
🗝 ❂fazzakkir/yaadachiisi❂ 🗝
▣▬▬▬❁▬▬◤◢▬▬❁▬▬▬
▣Kanuma ruuhiin nama keessa jirtu qalbiin namaa ni duutii beeki: waan isii irraa eeggamu gochuu dadhabdee dhukkuba gaflaatiin duutii, Namni waan rabbiitiin gorfamu, Namni waan aakiraatiifi diiniin gorfamu nama qalbii fayyaa qabu nama qalbiin isaa ma'asiyaan/shirkiin/jallinaan/bid'aadhaan hin du'ini.
▣ beekkumsi hadiisaa fi qur'aanaa ta'e tun qalbii nama jiraachifti waan fokkatarraa qalbiin fagaattee akka haala bareeda qabaattu taasifti soba →dhugaa, dadhabbii→jabeenyaa, daguu →dammaqqii, laafinsarra →ciminaa. Haalota badaa irraa gama guddinaa akka namni bahu ilmii nama barsiifti ilmiin islaamaa tun.
▣Namni waa beekuu fi hin beekne way wal qixxaataa? jedhe rabbiin keenya s.w Wal hin qixxaatu. Namni gorfamu, warra aqlii yookaa lubbuu qabu.
↑Faayidan barnoota diin kan fa'a jechuudha, yaa rabbi barachuu nuu laaffisi.
« قل هل يستوي الذين يعلمون والذين لا يعلمون إنما يتذكر أولو الألباب »
▣▬▬▬❁▬▬◤◢▬▬❁▬▬▬▣
🌹🌷⚘ QANANII RABBII ⚘🌷🌹
Yaa nama sammuun fayyaa si qabu , yaa khan ijaan arkitu , yaa khan gurraan dhageeysu qananiin rabbiin rabbiin siif oole qananii gurguddoo akka tahe beekhi...
Mataan qananii hundaa Islaamummaa akka tahes hin dagatin !!!
Namni qananii addunyaa hunda qabaatee islaamummaa dhabe qananii 1llee hin arkanne khan qananii hunda dhabee islaamummaa arkate addunyaarraa qananiin isaaf hin hafne...
Yaa RAHMAAN atummaan nu qananiisi...
Aamiin allaahumma aamiin...
♡الحمد لله♡
Seenaa Ajaa'ibaa, Gorsa irraa fudhanne, Aadaa taasifannu boru ittiin milkoofnu.
■Dubbisii obboleeyyan keetif share godhi.
☆Guyyaa Tokko Manguddoon umriin isaa waggaa 78 ta'e dhukkubsatee dadhabiin kufee isa fuudhani gara hospitaalaa deeman, hospitaala Yoo gahu Haakimtichi baayye waan dadhabee jiruuf oksijiini saati 24f fudhachu qaba jechuun oksijiini itti godhan.
Saatii 1 booda itti wayyaa'e of bare, sana booda Haakimtichi dhufee Naga'e kaffaltii itti kenne manguddicha kanatti.
Nagahee san harkaa fuudhee laalee mataa isaa lafatti gadi qabee imimmaan ija isaa irraa gadi roobse, Haakimtichi rifatee maal taatee kafaluu hin dandeessu ? Jechuun gaafaten.
Manguddichis lakkii ani kana kafaluu dadhabeeti miti kan boo'e, kan kanaa olii kafalu nan danda'a, Kan ana boochise Tola rabbiin koo natti ooleedha, Waggaa 78 Hafuura nagaa baafataa qilleensa qulqullu fudhataa Homaa nan kafalchiisne jedheen.
Haakimtichis Haasaa manguddoo kanaatiin ijji isaa imimmaan roobsuu eegalte Waliin bo'e.
Qilleensa qulqulluu argattu kana itti kafalta osoo nuun jedhamee akkam taana?
Tola rabbiin nutti oolee lakkoofne hin fixnu osoo beeknee silaa arrabni keenya isa faarsuuf galata galchuu irraa yeroo tokko hin dhaabbattu.
"الحمدلله والشكر لله"
Share Gochuu hin dagatin.
KUTAA 2️⃣1️⃣FFAA
WALLAANSA DADHABINA
IIMAANAA
Kutaa 20ffaa dubbisuu Hubadhaa
waa’ee hojii gaarii ilaalchisee Muslimni wantoota armaan gadii guutuu qaba:
✺ GARA ISHEETTI ARIIFACHUU:
◉ Rabbiin ol ta’e ni jedhe:
“Gara araarama Gooftaa keessan irraa ta’ee fi gara jannata warra Rabbiin sodaataniif qophooftee kan bal’inni ishee akka samii fi dachii taateetti arifadhdaa.” (Aali Imraan: 133).
• Ammas Rabbiin ol ta’e ni jedhe:
“Gara araarama Gooftaa keessan irraa ta’ee fi jannata bal’inni ishee akka bal’ina samii fi dachii ta’eetti wal dorgomaa. Isaan Rabbii fi ergamtoota Isaatti
amananiif qophoofte. Kun tola Rabbii kan Inni nama fedheef kennuu dha. Rabbiin abbaa tola guddaati.”
(Alhadiid: 21).
Wantoonni aayatoonni kun sahaabota biratti akeekan gara hojiitti ariifachuudhaaf bareechee kakaasa.
خرج رسول الله ﷺ فتكلم فقال: إن لنا طلبة فمن كان ظهره حاضرا فليركب معنا فجعل رجال يستأذنونه في ظهرانهم في علو المدينة فقال:لا إلا من كان ظهره حاضرا، فانطلق وأصحابه حتى سبقوا المشركين إلى بدر وجاء المشركون فقال رسول الله: ﷺ لا يقدمن أحد منكم إلى شيء حتى أكون أنا دونه فدنا لمشركون فقال رسول الله ﷺ
: قوموا إلى جنة عرضها السموات والأرض قال يقول عمير بن الحمام ألنصاري:
يا رسول الله جنة عرضها السموات والأرض نعم، قال: بخ بخ، فقال رسول الله: ما يحملك على قولك بخ بخ؟ قال: لا والله يا رسول الله إلا رجاءة أن أكون من أهلها، قال فإنك من أهلها فأخرج تمرات من قرنه فجعل يأكل منهن ثم قال: لئن أنا حييت حتى آكل
.تمراتي هذه إنها لحياة طويلة، قال: فرمى بما كان معه من التمر ثم قاتلهم حتى قتل
• Hadiisa Muslim gabaase keessatti Anas bin Maalik irraa odeeffamee waa’ee lola Badrii keessatti ni jedhe: yeroma Mushrikoonni dhihaatan Ergamaan Rabbii ni jedhan: “gara jannata ballinni ishee samiifi dachii ta’eetti ka’aa dhaabadhaa.” Umeer bin Alhammaam Al-ansaariin ni jedhe: ‘yaa Ergamaa Rabbii jannata ballinni ishee samiifi ardiin qixxaattumoo?’ “Eeyyee” jedhan. ‘Tole! Tole!’ jedhe. Ergamaan Rabbii ﷺ “jecha kee tole! Tole! Jedhu kana irratti maaltu si kaase?” jedhan. Innis “homaa miti wallaahii yaa Ergamaa Rabbii! Warra ishee irraa ta’uu kajeellaadha malee homaa miti.” Muslimtu gabaase.
᯽ ISHEERRA TURUU:
• Ergamaan Rabbii ﷺ hadiis Alqudsii keessatti Rabbii isaanii irraa fuudhanii ni jedhan: “gabrichi koo sunnaadhaan natti
siqannaan isa jaaladhu malee hin hafu.” Bukhaariitu gabaase.
Jechi kana irraa hin dabne irra turuu akeeka. Ammas Nabiyyiin ﷺ: “hajjiifi umraa wal hordofsiisaa.” Tirmiziitu gabaase. Inni Silsilaa Sahiihaa keessas ni jira.
• Wal hordofsiisuunis irra turuu agarsiisa. Bu’uurri kun iimaana jabeessuu keessatti hundeedha. Waan xiqqoo turutu baay’ee ciccitu caala. Hojii gaarii irra turuun iimaana ni jabeessa. Nabiyyiin ﷺ ‘hojii irraa isa kamtu gama Rabbiitti irra jaallatamaa’ gaafataman.
“Isheen hojii turteedha; odoma xiqqaatteeyyuu” jedhan. Bukhaariitu gabaase.
Nabiyyiin ﷺ yeroo hojii wahii hojjatan ishee irra ni turu. Muslimtu gabaase.
Kutaa 22ffaan itti fufa insha'allaah.....
Assalamu 'Aleykum
Muhammad Nabina ﷺ
50 Million Views 💛 ✨
thank you so much!
Download/Watch : ayisha.lnk.to/MuhammadNabina
#ayishaabdulbasith #indian #hijabi #peace #love #nasheed #50million #50mviews #Youtube #muhammadﷺ
Abu Ubeeydaa Binu jarrah
Sahaboota warra jannataan
gammachiifaman keessaa
Tokko Kan tahe Seenaa
⊱Abu Ubeeydaa Binu jarrah⊱
Kutaa 5️⃣ffaa✍
Kuta 4fa dubisu hubadha
Erga Rasuulli s.a.w darbees Abuu Bakriin baallame isa wajjinis amaanaa Rasuulaa s.a.w bakkan gahufi diinii rabbii babaldhisuuf kufaa ka’aa, bu’aa bahii hedduu keessa cehee jira. Erga Abu Bakar addunyaarraa godaanee Umar bulchaa tahes babaldhiinsa diinii islaamaa fi baniinsa magaalota hedduutif humna qabuu fi hin qabneen, tattaafatee aarsaa baay’ee godhee jira. Ajaja bulchitootaas gaaf tokkollee jarri bulchitootaa miti jedhee, kan didu ykn akka murtaddootaa, ajaja ergamaa Nabi Mohammad s.a.w lubbuun hin jiru jedhee, arkaana islaamaa kan hirdhisu hin turre.
Abu Ubeeydan bara bulchiinsa Umar keessatti hogganaa waraanaa tahun gara suuriyaa (shaamii) deemun biyya sham bahaan hanga laga Furaatitti, bitaan hanga aasiyatti qabatee, Osoo babaldhisaa jiruu dhukkubni Xaa’un (koleeraa) biyya inni itti duule seenee, ummata akka konkolaataa midhaan hamutti haame.
Bulchaan yeroo sanii Amiirri mu’mintootaa Umar waahee dhukkuba kanaa dhageennaan hatattamaan xalayaa barressee itti erge.
Qabiyyeen Xalayaa sanii.
“Hajaa guddoo sirraa duroomuu hin dandeenne takkattu na qabee; yoo xalayaan tiyya tun galgala si geette yaabbattu malee akka hin bariisifne, yoo ganama si geette immoo yabattu male akka aduu siratti hin seenne, sirratti kakadhe jira.”
Abu Ubeeydaanis akkuma xalayaa dubbiseen akka Umar waan hin olle (du’arra) isa oolchuu fedhe, beekee miilli tiyya na haa baastu jedhee waraana isaa gatee lubbu isaa baraaruu hin deemne.
“yaa Amiira mu’mintootaa hajaa ati narraa qabdu dhugumaan beekee jira. ajaja kee diduuf immoo dhiifama guddaan si gaafadha ani waraana koo asitti dhiisee, kophaa biraa deemuu hin fedhu. Quufa sammuu naaf hin kennu, Boqonnaa naaf hin horu, hanga Rabbiin murtii isaa fidutti waan jarri ta’an wajjiin ta’uu fedha. Yoo barreesasan tiyya tun si geette atis kakuu kee akka narraa kaaftuufi, hajaa tee na malee akka hikkattu fedha.” jechuun xalayaa quuqa isaa ibsituuf barreessee waraanuma wajjiin duularratti du’uuf haafe.
Umaris akkuma xalayaa isaa dubbiseen sagalee funyaaniin facaatuun hiqqifatae boohe. Warronni jabeenna booyinsa Umar xinxallanis “Abu Ubeeydattu du’ee?.” jedhanii gaafataniin. Innis “hin dune. garuu du’atti kaluu jira.” jedhen.
Abu Ubeeydanis yeroo muraasa keessatti dhibee xaa’uniin qabamee itillee du’aa tan nu hunduu irra ciisuuf deemnu irra ciise.
Kutaan 6ffaan itti fufa inshaa'llaah.....
Assalamualyeekum Worahamtullaahi wobarakaatuhu kabajamtootaa hordoftoota keenya worroonni seenaan Abuu bakir siddiiq isin darbe kunoo kutaa 1ffaa rraa kaastanii amma kutaa 10ffaa tti argachuu dandeessu Liink gadii kana tuqaa
KUTAA 1️⃣FFAA
KUTAA 2⃣FFAA
KUTAA 3⃣FFAA
KUTAA 4️⃣FFAA
KUTAA 5️⃣FFAA
WALLAANSA DADHABINA
IIMAANAA
KUTAA 2️⃣0️⃣FFAA
Kuta 19fa dubisu Hubadha
04 WAL GA’II BEEKUMSAA KEESSA TAA’UU: INNI IMMOO IIMAANA DABALCHIISA.
Kunis sababni isaa hedduudha Tokko zikrii Rabbiitu achi keessatti argama Rahmatatu taa’ichicha haguuga Tasgabbii qalbiitu itti buufama Maleylkaan warra zikrii jedhan ni marsiti Rabbiin maleykaa ol aanoo keessatti isaan dubbata.
Isaaniin maleykotatti dhaaddata Dilii isaanii isaaniif araarama Kun immoo hadiisowwan sahiiha keessatti dhufeera Ergamaan Rabbii ﷺ ni jedhan: “ummanni wahii taa’anii Rabbiin zakkarraan maleykaan isaan marsitee rahmanni isaan haguugdee tasgabbiin qalbii isaan irratti buutuufi Rabbiin warra Isa biraatti isaan dubbatu malee hin hafu.” Muslimtu gabaase.
Sahl bin Alhanzalaa irraa odeeffamee ni jedhe Ergamaan Rabbii ﷺ ni jedhan: “ummanni wahii zikrii Rabbii irratti
walitti qabamanii yeroo irraa adda bahan ‘haala isiniif araaramameen ka’aa’ jedhaman malee hin hafanu” Sahiih Aljaami’iin keessa jira Ibn Hajar Rabbiin isa haa mararfatuu ni jedhe “zikrii Rabbii jedhamee dubbatamee waan inni dirqama godheen yookiin itti kakaaseen hojjachuu akka Qur’aana qara’uu hadiisa
qara’uu ilmii barachuu fa’i” Fat-hul baarii keessa jira. Akka bakka barnoota sharii’aa iimaana dabalu kan akeeku hadiisa imaamu Muslim gabaaseedha
Hanzalaa Al-asadii irraa odeeffamee ni jedhe: Abuu Hanzalaan munaafi qoomeera Nabiyyiin ﷺ jedhe. Rabbiin qulqullaa’e! maal jettabboo?’ jedhe. Nan jedhe: ‘Ergamaa Rabbii ﷺ bira yeroo jirru jannataafi ibiddaan nu yaadachiisa. Oggas akka waan nuti ishee argaarruu
fakkaata Yeroma Ergamaa Rabbii ﷺ biraa baanu niitolii ilmaaniifi jireenyaan wal makannee hedduu isaa daganna’ Abuu Bakriinis ‘wallaahii nutis waanuma
akka kanaatu nu qunnama’ jedhe. Aniifi Abuu Bakriin deemnee Ergamaa Rabbii ﷺ irra seenne. Nan jedheen: “yaa Ergamaa Rabbii Hanzalaan munaafi qoomeera.” Ergamaan Rabbiis ﷺ “maaliif inni?” jedhan. Nan jedhe: “yaa Ergamaa Rabbii ﷺ yeroo si bira jirru
jannataafi ibiddaan nu yaadachiifta. Oggas akka waan nuti ishee argaarruu fakkaata. Yeroma si biraa baanu niitolii ilmaaniifi jireenyaan wal makannee hedduu isaa daganna” Ergamaan Rabbii ﷺ ni jedhan “Isa lubbuun kiyya harka Isaa jiruun kakadhee! Odoo akka yeroo
na bira jirtanu taatanuurraafi zikrii irra turtanii silaa maleykaan firaasha keessan irrattiifi karaa keessan keessatti harka isin fuuti ture. Garuu yaa Hanzalaa
yeroo yeroodha. Si’a sadi jedhan.” Muslimtu gabaase.
Sahaabonni zikriidhaaf jecha taa’uu irratti baay’ee xiyyeeffatu. Iimaana jedhanii isa waamus. Mu’aaz nama
wahiitiin ni jedhe: “nuun taa’i mee yeroo tokko amannaa.” Sanadni isaa sahiiha.
05 HOJII GAARII BAAY’ISUU
Sababa iimaana jabeessu keessaa kan biroo immoo hojii gaarii baay’isuu yeroo isheedhaan fixuudha:
Kun immoo irra guddaa wallaansaati. Inni akkaan guddaadha. Bu’aan isaas iimaana jabeessuu keessatti akkaan guddaadha. Siddiiq kana keessatti fakkeenya guddaa ta’eera. Yeroo
Ergamaan Rabbii ﷺ sahaabota isaanii gaafatan “isin irra har’a eenyutu soomaa ka’e?” Abuu Bakriin ‘ana’ jedhe. ‘Isin irraa har’a eenyutu janaazaa hordofe?’ jedhan. Abuu Bakriin ‘ana’ jedhe. ‘har’a isin irraa eenyutu hiyyeessa nyaachise?’ jedhan. Abuu Bakriin ‘ana’ jedhe. ‘Har’a isin
irraa eenyutu dhukkubsataa gaafate?’ jedhan. Abuu Bakriin ‘ana’ jedhe. Ergamaan Rabbii ﷺ ni jedhan: “wantoonni kun namoota keessatti walitti qabamanii jannata seenu malee hin hafu.” Muslimtu gabaase.
Seenattiin kun akka Abuu Bakriin gosa hojii kamuu booji’achuu fi ibaadaa heddummeeffachuuf ariifatu akeeka. Yeroma gaaffiin akka tasaa Ergamaa Rabbii ﷺ irraa dhufu Abuu Bakriin kana hunda deebisuun yeroo isaa hojii khayriitiin guutameera jechuudha. Salafoonni hojii khayrii dabalachuufi yeroo isaanii ittiin fixuu keessatti sadarkaa guddaa ga’aniiru. Fakkeenyi sanaa kan waa’ee Hammaad bin Salamaa irraa odeeffamuudha. Abdurrahmaan bin Mahdii ni jedhe: ‘odoo Hammaad bin Salamaatiin bor duuta jedhamee hojiirraa homaayyuu ida’uu hin danda’u.’
Siyaru A’alamunnubalaa’i waa’ee hojii gaarii ilaalchisee Muslimni wantoota armaan gadii guutuu qaba
Kuta 21fan iti fufa i.allaah....
🌸🌸🌸🌸Asslaamualaykum warahmatullaahi wabarakaatu.
🌹Channala bareeda kan sagantaalee adda addaa fi qophiilee adda addaa isiniif dhiheessan argachuuf waan barbadan gadi tuquun «JOIN» taasisaa!
♻️BOQONNAA SAMMUU🧠
〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️
Sadaqaah
Ergamaan Allaahaa (S.A.W) akkana jedhan:-
➯Namni cinqiiwwan addunyaa tanaa keessaa Mu'imina tokko irraa cinqii takkattii fure, Allaahaan (S.W) cinqiiwwan addunyaa dhufuu keessaa cinqii takka irraa fura.
➯Nama rakkateef kan laaffise Allaahaa (S.W) addunyaa tanattis ta'ee addunyaa dhufutti isaa laaffisa.
➯Namni dogoggora (hanqinna) Muslimaa dhokseef Allaahaan (S.W) addunyaa tanattis ta'ee Aakirattis dogoggora isaa ni dhoksaaf.
➯Allaahaan (S.W) gabricha Isaa gargaaruu irraa duubatti hin deebii'u, yoo gabrichi Isaa Obboleessa isaa gargaaruu irraa duubatti deebi'uu baate. Beekumsa barbaacha karaa kan deeme Allaahaa (S.W) gocha isaa kanaan karaa gara Jannataa fidu isaa laaffisa.
Namootni manneen Allaahaa (S.W) keessaa tokko keessatti kitaaba (Qur'aana) Allaahaa (S.W) dubbisaa tokko kan biroo irraa barataa hin taa'anii:-
➧Isaan irratti tasgabbiin kan bu'e.
➧Rahmatni Allaahaa (S.W) kan isaan marse.
➧Malaa'ikootni kanneen isaan marsan.
➧Allaahaan (S.W) Isa bira kanneen jiran (jiraattota Samiiwwanii) wajjiin isaan kan faarsu yoo ta'e malee❞.
➯❝Nama gochi isaa duubatti isa harkise, sanyiin isaa (sanyii beekamaa irraa ta'uun isaa) isa hin ariifachiisu (gara fuul-duraa isa hin tarkaanfachiisu)❞ jechuu isaanii Abuu Hurayraan (R.A) dabarsanii jiru. [Muslimtu Gabaase].
