es
Feedback
Diinaa'ol Kumaa

Diinaa'ol Kumaa

Ir al canal en Telegram

Rakkina kee rakkisaa keetti hin himiin.

Mostrar más
El país no está especificadoLa categoría no está especificada
1 384
Suscriptores
Sin datos24 horas
+37 días
-1730 días
Archivo de publicaciones
Afan Oromo Grade TB Grade 10.pdf3.25 MB

+1
Afan Oromo TB Grade 9 body text.pdf1.85 MB

+5
G12-Agriculture-STB-2023-web.pdf39.23 MB

+4
G12-English-STB-2023-web.pdf15.38 MB

photo content

“Sababoota ogeessa seeraa ogummaa seeraa jibbisiisan” ??? 🌍 1. Sadarkaa Addunyaa (Global Level) Sababoota ijoo ogeessa seeraa ogummaa seeraa jibbisiisan: 👉👉👉👉👉👉 1. 👉Cimina hojii fi dhiibbaa sammuu (Workload & Stress): Ogeessonni seeraa hedduun yeroo dheeraa hojjetu, falmii cimaa, mirga namaa, ajjeechaa, fi yakka irratti hirmaatu. Kun garaa namaa natti dhukkuba fida. 2. 👉Qabeenya ol’aanaa kan hin argine (Low satisfaction vs. high effort): Hojii seeraa baay’een yeroo dheeraa fi dadhabbii guddaa barbaada, garuu bu’aa (faayidaa fi galata) gadi fageenyaan hin argamu. 3. 👉Sirna haqaa walsimuu dhabu (Corruption & injustice): Biyya hedduutti sirni seeraa madaalawaa miti; seerri nama hundaaf walqixa hin hojjatu. Kun ogeessa amanamummaa qabu ni niyyeessa. 4. 👉Gufuulee qabeenya amantii fi qajeelfama (Ethical dilemma): Yeroo tokko tokko ogeessi seeraa dhimmoota garaagarummaa qajeelfama amantii fi seeraa gidduutti ta’an keessa seena; kunis wal’aansoo sammuu fida. 5. 👉Hir’ina carraa guddinaa (Limited career satisfaction): Namni tokko ogummaa seeraa baratee gara bu’aa maallaqaa ykn guddina sadarkaa argachuu dadhabuun ni jilbeeffama. --- 🌍 2. Sadarkaa Afrikaa (African Context) Sababoota dabalataa Afrikaatti mul’atan: 👉👉👉👉👉👉👉 1. 👉Sirna haqaa sobaaf jilbeeffame (Politicization of justice): Biyyoota hedduu keessatti sirni haqaa mootummaa fi siyaasaa jalatti kufee jira. Seerri mirga namaa eegu osoo ta’u, siyaasaan ni tuffata. 2.👉 Hojii hin amanamne (Corruption of legal systems): Abbootii seeraa, abukaatota fi poolisii gidduutti malaammaltummaan babal’atee jira. Kun ogeessa seeraa amanamummaa qabu ni gaddisiisa. 3. 👉Fayyaa sammuu fi jireenya gahaa dhabuu: Ogeessonni seeraa hedduun jireenya gahaa (salaries, support system, health service) hin argatan. 4. 👉Dhiphina seera sirrii hojjechuu dhabu: Seerri hedduun yeroo kolonii irraa hafe; haala hawaasa ammaa waliin walsimuu dhabeera. --- 🇪🇹 3. Sadarkaa Itoophiyaa Sababoota Itoophiyaa keessatti: 👉👉👉👉👉👉 1. 👉Sirna haqaa haqa qabeessa ta’e dhabuu: Haqa argachuun yeroo heddu akka siyaasaa, maqaa fi humna qofatti ta’a. Kun ogeessa sirriitti hojjachuuf fedhii qabu ni jibbisiisa. 2. 👉Malaammaltummaa fi qunnamtii siyaasaa: Ogeessa seeraa tokko tokko akka tola hin hojjanne taasisa, sababni isaas “yoo sirrii hojjate, hojii dhabuu danda’a” jedhu. 3. 👉Mindaa xiqqaa fi carraa guddinaa dhabuu: Ogeessonni seeraa biyya keessatti mindaa gadi qabuu fi carraa guddina xixxiqqoo qabu. Kun ni abdachiisa. 4. 👉Madaallii hin jirre fi beekumsa xiqqaa hawaasa keessaatti: Hawaasni seeraa hin hubatu; ogeessa seeraa “nama sobdu” jedhee ilaaluu danda’a. Kun ogummaa keessatti boohicha uuma. 5.👉 Rakkoo afaanii fi hiika seeraa: Seerri hedduun Afaan Ingiliziin ykn Amaariffaan qophaa’a; ogeessonni afaan biraatiin hin bilchaatan ni quufuu dhabu. --- 🟢 4. Sadarkaa Oromiyaa Sababoota Oromiyaatti adda ta’an: 👉👉👉👉👉👉 1. 👉Seerri aadaa fi seerri mootummaa walitti hin dhufne: Sirna Gadaa fi aadaaleen Oromoo seera mootummaa waliin walsimuu dhabuun ogeessa seeraa rakkisa. 2. 👉Afaanii fi qabeenya barnootaa: Seerri hedduun Amaariffaan baratama; ogeessa Afaan Oromoo fayyadamuuf fedhii qabu ni danqama. 3. 👉Rakkoo carraa hojii fi deeggarsa: Ogeessonni seeraa Oromoo hedduun carraa gahaa argachuu dhabu; mootummaa keessa qunnamtiin siyaasaa jabaataa dha. 4. 👉Madaallii hawaasa irraa dhabu: Hawaasni ogeessa seeraa tokko tokkoan “nama mootummaa ti” ykn “nama sobdu” jechuun ilaaluu danda’a. 5. 👉Dhiibbaa siyaasaa fi bilisummaa dhabeessa: Ogeessa seeraa bilisummaa irratti dubbatu, yeroo tokko tokko sodaa fi doorsisaa keessa seena. 💡 Xumura: Mala furmaataa 1. Sirna haqaa walqixa ta’e ijaaruu. 2. Mindaa fi kabaja ogeessa seeraa olkaasuu. 3. Afaan, aadaa fi seera biyyaa waliin walsimsiisuu. 4. Leenjii amantaa, ethiics fi ilaalcha bilisummaa jabeessuu. 5. Qabxii “Professional satisfaction” guddisuu.

+5
Labsii Lak 177 Bara 2005.pdf7.80 MB

✍️labsii Alaabaa lakk.654/2009  irratti barreeffama gabaabaa #WAAA/S/Sooddootiin qopha'eedha. Labsii kana kewwata.23 fi kewwata.24 jalatti tumamee haa ilaaluu! #Gochoota_dhoorkaalee 1.Alaabaa Asxaa hin qabnee fayyadamuun dhorkaadha. 2.Alaabaa irratti barreessuu, Mallattoo biroo ykn Asxaa biroo ykn suraalee maxxansuun dhorkaadha 3.Alaabaa dulloome,haalluun/bifti isii gadhisee yookiin kan tarsa'aan fayyadamuun dhorkaadha. 4. Alaabaafi iddoo alaabaan itti fannifamee irratti beeksisaa maxxansuu dhorkaadha. 5. Haala adda addaatiin kanneen akka barreefamaan,  jechaan , gochaan ykn haala biroo kaminiyyuu alaabaa salphisuu ykn miidhaa irraan gahuun dhorkaadha. 6.Alaabaa biyyattii boca ykn tartiiba isii osoo hin eegiin qopheessuu dhorkaadha. 7. Alaabaan yeroo turuu qabduu ol tursiisuu dhorkaadha. 8.Alaabaa gamoowwan ykn meeshalee biroo irratti uwwisuu dhorkaadha. 9. Yeroo walgahii fi yeroo kamittuu teessoleefi minjaala uwwisu dhorkaadha. 10. Beeksisa daldalaa kamirattuu fayyadamu dhorkaadha. 11. Alaabaan yeroo faarfaamu kabajaa kennuufi dhabuu dhorkaadha. ✍️ #Adabbii_Dhorkawwaan_kana 1. Adabbii hidhaa Cimaa waggaa tokko hin caallee ykn Adabbii maallaqa qarshii 3000(kuma sadi)adabama.(dhorkawwaan olitti ibsamee keessa 2ffaa hanga 11ffa jiranif) 2.Dhorkaa olitti ibsamee keessa  1ffaa irra jiruf immoo Adabbii hidhaa Cimaa hanga waggaa tokkofi baati jaha gahuu danda'u fi adabbii maallaqaa hanga qarshii kuma shan(5000) gahuu danda'un kan adabamu ta'a. 3. Jaarmiyaalee qaama seerummaan qaban gocha dhoorkalee olitti ibsamee keessa kan 1ffaa fi adabbii jalatti 2ffaa irratti ibsamee raawwataani yeroo argaman adabbii maallaqaa dachaa lama gad hin taane ni adabama.

Adeemsa Dhagaya Dhimma Yakkaa Keessatti Hafiinsa Himatamaafi Tarkaanfiiwwan Fudhatamuu Danda’an Ilaalchisee Murtiilee Dirqisiisoo Dhaddacha Ijibbaataa MMWFtiin Kennaman =======//=======//=======//== 1👉Adeemsa dhagaya dhimma yakkaa keessatti tarkaanfilee manneen murtii fudhachuu danada’an ilaalchisee Dhaddachi Ijibbaataa MMWF murtiilee garaagaraa kan kenne yammuu ta’u, isaan keessaa kan jalqabaa murtii dhaddachichi dhaddacha gaafa 10/09/2004 ooleen #Lakk_Ga_76909_ta'e (Jildii #13ffaa) irratti kennedha. Bu’uura murtii kanaatiin, adeemsa dhagaya dhimma yakkaa keessatti ragaan namaa abbaa alangaafi himatamaa erga dhagahamee xumuramee booda guyyaa galmeen murtii kennuuf bule irratti himatamaan beellama isaa kabajee dhiyaachuu dhiisee yoo hafe manni murtii #bakka_himatamaan_hin_jirretti ilaalee murtii balleessummaafi adabbii kennuu qaba malee eeguu hin qabu, guyyaa yaadni adabbii dhiyaachuu qabutti himatamaan beellama irraa hafee murtiin adabbii waan kennameef qofa dhimmichi bakka hin jirretti ilaalame hin jechisiisu jechuun Heera Mootummaa FDRI kwt 20(4) fi tumaalee seera deemsa falmii yakkaa adda addaa bu’uura godhachuun xiinxaleera. 2👉Dhimmi kan biroon murtii dirqisiisaa dhaddacha gaafa 22/01/2010 ooleen #Lakk.Ga.127313 (Jildii #22ffaa) ta’e irratti kenname yammuu ta’u, dhimma kana keessatti immoo dhaddachichi; himatamaan guyyaa ragaan abbaa alangaa dhagahamu dhiyaatee, dhaggeeffatee, gaaffii qaxxaamuraa gaafatee, ragaa ittisaa dhiyeeffadhu jedhamee guyyaa beellamame irratti beellama irraa yoo bade manni murtii bakka inni hin jirretti itti fufee ragaa madaalee murtii kennuu qaba jedheera. Dhimma kana keessatti ragaa ittisaa eeguuf beellamni irra deddeebiidhaan kennamaa turuus ibseera. 3👉Kana malees, dhaddachichi murtii dirqisiisaa dhaddacha gaafa 30/05/2014 ooleen Galmee Lakk. 211518 ta'e irratti ( kan hin maxxanfamne) kenneen; Ragaan abbaa alangaa dhagahamee, guyyaa dhimmichi qoratamee jal-murtiin kennamuuf beellamametti himatamaan beellamarra hafees taanan.

Qajeelfama Qorannoo Pooteenshaalaa, Simannaa, Xiinxala, Waliigaltee fi Kenna Hayyama Piroojektii Investimentii Murteessuuf Bahe Lakk. 02/2016 Follow👉https://t.me/musalawyer

Bakka bu'aan tokko bu'uura SHH'n aangoo bakka bu'ummaan qabeenya bakka buufataa bulchuu fudhatee, qabeenyicha deebisuuf heyyamamaa yoo hin taane, bu'uura aaangoo bakka bu'ummaa fudhateen qabeenya deebisuu dhiisuun isaa amantaa hir'isuu isaa akka ta'e tumaan S/Yakkaa keew. 676(2) waan ibsuuf, aangoon b/bu'ummaa dhimma hariiroo hawaasaati jedhamee yakkaan hin gaafachiisu jechuun kan hin danda'amne ta'uu isaa DhIMMWF Jildii 13ffaa Galmee Lakk. 67408 irratti murtii dirqisiisaa kennee jira.

Qajeelfama_Durgoo_Oolmaa_Hojjatoota_Mootummaa_Haarawa_lakkoofsa.pdf2.52 MB

Repost from Diinaa'ol Kumaa
📎Dambii Kafaltii Abbaa Seerummaa Mannee Murtii Naannoo Oromiyaa Murteessuuf bahe lakk 8/2016 pdf

+2
Maalummaa Murtii-1.pptx2.86 KB

+9
የደሞዝ_እስኬል_ማሻሻያ_አፈፃፀም_መመሪያ.pdf9.77 KB

Global Politics .pdf7.21 MB

The Miracle Morning (1).pdf1.15 MB

Globalization_and_National_Security_by_Jonathan_Kirshner_z_lib_org.pdf5.96 MB