Diinaa'ol Kumaa
Ir al canal en Telegram
Rakkina kee rakkisaa keetti hin himiin.
Mostrar másEl país no está especificadoLa categoría no está especificada
1 384
Suscriptores
+124 horas
+17 días
-1730 días
Archivo de publicaciones
1 384
Repost from 𝐁𝐈𝐍𝐈𝐌𝐎𝐒 - 𝐋𝐀𝐖𝐘𝐄𝐑
Iddoo tokkotti Qindaawe.
Join 👉 https://t.me/binimoslawyer
Abukaatoo fi Gorsaa Seeraa
👉 0911932736 /0927795673
1 384
Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 10ffaa Lakkoofsa Galmee 43600 ta'e irratti "himatni qabeenya hin sochoone deebisiisuuf(petitory action) darbiinsa yerootiin hin daangeeffamu(hafaa hin ta'u)" jechuun hiikoo kennee ture.Qabeenyi kunis amala addaa waan qabuufidha.Garuu,darbiinsa yerootiin hin daangeeffamu jedhame qabeenya waliigaltee,kennaa,dhaalmaa fi waliigaltee biroo seera rogummaa qabuun hoogganaman hin ilaallatu,Seera hariiroo hawaasaa keewwattoota 1192,1206,1677 fi 1845 ilaalaa.
1 384
#KOROJOO_PILAASTIKII_YKN_FEESTAALII_FI_ADABBII_YAKKAA
Labsii Oomishtoota, Fayyadamtoota, fi Dhiyeessitoota Korojoo /Qabee Peestaalii/ to'achuuf bahee lakk. 1383/2017 keewwata 25 jalatti adabbii ibseeti jira
➡️ Namni kamiyyuu Korojoo Pilaastikii /Plastic Bag/ ykn Feestaalii fayyadame, ykn fayyadamuuf harkatti qabatee argame adabbii maal qarshii 2000- 5000 ta'ee ni Adabama.
➡️ Namni kamiyyuu Korojoo Pilaastikii /Plastic Bag/ ykn Feestaalii Oomishee, alarraa biyya keessa galche, gurguruuf kuusee argame, ykn gurgurtaaf dhiyeesse qarshii 50,000 hanga 100,000 fi Adabbii hidhaa cimaa hanga waggaa 5 ta'uun ni Adabama.
➡️ Dhaabbilleef gaafa ta'u adabbiin maallaqaa olitti ibsame dachaa sadi baayyifamee kan adabaman ta'a.
#Hub- Labsiin kun guyyaa mana mareetiin ragga'ee labsame irraa jalqabee Hojii irra, garuu Raawwachiisuuf sochiin laafaa ta'ullee jechuudha. kanaafuu, Naannoo keenya qulqulleessuuf pilaastikii fayyadamuu irraa of qusachuu qabna akkasumaas Adabbii yakkaa irraa of baraaruu qabna.
1 384
MEDIA WARFARE (WARAANA ODEEFFANNOO) –
HIIKOO LABSIILEE ADDUNYAA, AFRIKAA FI ITOOPHIYAA WALIN XINXALA SEERAA
👉👉👉👉
1. ✍️Hiikkoo Waliigalaa (Conceptual Legal Definition)
👉Media Warfare seeraan yoo hiikamu:- Odeeffannoo karaa miidiyaa fi teeknoolojii fayyadamuun qindoominaan yaada uummataa gowwoomsuu, jeequmsa kakaasuu, maqaa balleessuu, sirna haqaa fi nageenya biyyaa miidhuuf raawwatamu.
Kun:✔️ bilisummaa yaada (freedom of expression) irraa gara itti fayyadama mirgaa seeraan ala (abuse of rights)**tti ceesisu.
👉👉👉👉👉
2. LABSIILEE ADDUNYAA (INTERNATIONAL LEGAL FRAMEWORK)
✔️2.1. International Covenant on Civil and Political Rights (ICCPR)
Kwt. 19: Bilisummaa yaadaa fi ibsaa ni eeyyama
Garuu:
👉👉👉👉
👉maqaa namaa
👉nageenya biyyaa
👉sirna uummataa
eeguuf daangaa seeraan kaa’amuu ni eeyyama
✍️Kwt 20:
👉jecha jibbaa
👉kaka’umsa jeequmsaa
👉olola waraanaa ni dhorka.
👉👉👉👉👉👉👉
✔️2.2. UN Guiding Principles on Business and Human Rights
Hiikkoo:- Dhaabbileen miidiyaa fi platforms:- miidhaa mirga namaa akka hin uumneef itti gaafatamummaa qabaachuu qabu.
✍️Social media companies
fayyadamee miidhaa uume → responsibility without excuse
✍️✍️✍️✍️
✍️3. LABSIILEE AFRIKAA (AFRICAN LEGAL FRAMEWORK)
3.1. African Charter on Human and Peoples’ Rights
Hiikkoo: kwt 9: bilisummaa yaadaa ni eeyyama
✍️Garuu:- seera jalatti jecha jibbaa fi walitti bu’iinsa kakaasu dhorka.
✍️✍️✍️✍️
✍️3.2. Declaration of Principles on Freedom of Expression and Access to Information in Africa (ACHPR)
Hiikkoo:- Bilisummaa yaadaa dhugaa irratti hundaa’uu qaba.
✍️Odeeffannoo sobaa:- miidhaa uumu yoo danda’u
seeraan ni daangeffamu.
✍️✍️✍️✍️✍️✍️
✍️4. LABSIILEE ITOOPHIYAA (NATIONAL LEGAL FRAMEWORK)
4.1. Heera RFDRE –kwt. 29
Hiikkoo:- Bilisummaa yaadaa fi ibsaa mirga bu’uuraa dha.
✍️Garuu:
👉maqaa gaarii
👉nageenya biyyaa
👉sirna dimokraasii
eeguuf daangaa qaba.
👉👉👉👉👉👉
👉4.2. Labsii To’annoo Jecha Jibbaa fi Odeeffannoo Soba lakk. 1185/2020
👉Hiikkoo:- Odeeffannoo sobaa tamsaasuu ni dhorka.
👉Jecha jibbaa miidiyaa fayyadamuun adabbii yakkaa hordofsisa.
👉👉👉👉👉
👉4.3. Labsii Miidiyaa – 1238/2021
👉Hiikkoo: Miidiyaan dhugaa mirkaneessuu fi madaalawaa ta’uu qaba.
👉Miidiyaa soba tamsaase itti-gaafatamummaa seeraa qaba.
👉👉👉👉👉
4.4. Labsii Yakka Kompiyuutaraa – 958/2016
👉Hiikkoo:- Odeeffannoo sobaa online tamsaasuun miidhaa uumu ni dhorka.
👉👉👉👉👉👉👉
“Bilisummaan yaada ofii ibsachuu mirga bu’uuraati, garuu daangaa seeraa fi kabaja namoota biroo eegu qaba.”
1 384
#Waliigalteen bittaa fi gurgurtaa qabeenya hin sochoonee;
☑️Taassifamee kan jeedhamu qabu gaafa guyyaa waliigalteen mallatteffamee sana malee, sababa qaama waajjira bulchiinsa aangoo galmeessu qabun wantoota tokko tokko qulqulleefachuuf turuun guyyaa chaapaan itti goodhamee irraa miti.
MMFDHI. Lakk.galmee 36740, lakk.jiildii 8, H.H kwt.2015(A)
1 384
#DhIjMMWO Jildii 10ffaa Lakk.Galmee 376946 ta'e irratti "Rasaasni akka Meeshaa waraanaatti lakkaa'amu ta'u illee Rasaasni walfakkaatan lamaa fi isaa ol harka himatamaatti qabamu illee sababa walfakkaataa ta'eef akka Meeshaa Waraanaa heddummina qabutti kan hin lakkaa'amne ta'uu" Labsii Meeshaa Waraanaa Bulchuu Fi Too'achuuf Bahe Lakk.1177/2012 keewwata 22(3) waliin wal qabsiisuun hiikoo dirqisiisaa kennee turee.
1 384
"Ani nagaa nan filadha. Garuu rakkoon dhufuu qaba yoo ta'e yeroo kootti haa dhufu, ijoolleen koo nagaadhaan akka jiraataniif."
- Toomaas Peen
1 384
“Dhukkubbiin yoo sitti dhaga’ame lubbuun jirta.
Garuu, dhukkubbiin namoota biroo yoo sitti dhaga'ame, ati nama." - Leo Tolstoy
1 384
Bilisummaa_qaamaa_eegsifachuuf_iyyannaa_dhihaatu
Guyyaa --------------
Mana murtii---------------------------- tiif
---------------------
Buuura S/D/F/HH/Kwt 177 tiin bilisummaa qaamaa naaf/nuuf haa kabajamuuf iyyannaa dhihaateedha.
Iyyataa/tuu/toota
1-------------
2-------------
3---------------
Teessoo:--------------
D/Kennaa ---------------------
✍️ #Tarree_iyyannaa
Ani/nuti iyyataan/tuun/tootni yakka------------------ tiin shakkamee/nee guyyaa gaafa ------------------------ iddoo ------------------- jedhamutti poolisii/qaama nageeyaa -----------------------tiin qabamee/qabamnee yeroo ammaa ------------------ keessatti argaman/argamna. Yakka itti shakkamee/shakkamneef himannaan na/nu qaqqabe hin jiru.
Kanaaf kabajamaan mana murtii kun dhimma kana naaf/nuuf hubatee bilisummaan qaama kiyya/keenya naaf/nuuf kabajamee akka i toannoo seeraa jalaa ba`u/baanuuf kabajaan iyyannaa kanaan gaafadha/nna.
Mallattoo
1 ----------------------------------
2 ----------------------------------
3 -----------------
1 384
Mirga Wabii SY Kwt 543(3) Irratti Dhihaatu;
Manneen Murtii keenya keessatti dhimmoonni SY Kwt 543(3) dhihaachuu malan ykn dhihaatan mirga wabii ni eegsisu moo hin eegsisan? kan jedhu darbee darbee akka dhimmoota falmisiisootti ka'aa jiru. Dhimmoota murteessoo akkanaa irratti hubannoo wal fakkaataa ykn walitti dhihaatu qabaachu qabna, hiikoo wal fakkaatas kennuu qabna. Yoo kana hin taane murtii wal fakkaataa fi tilmaamaa kennuun hin danda'amu. Abjuu dha!
Seerri yakkaa Kwt 534(3) waa'ee ajjeechaa dagannoo balaa konkolaataatiin dhaqqabu dubbata. Adabbiin isaas hidhaa cimaa waggaa 5 hanga 15ti dha. Tumaan kuni mirga wabii ni heeyyama moo ni dhorka kan jedhuuf SDFY kwt 63 ilaaluun murteessa dha. SDFY Kwt 63 gochaan yakkaa shakkamaan ittiin shakkame ajjeechaa lubbuu kan dhaqqabsiisee fi hidhaa cimaa hanga waggaa 15 kan adabsiisu yoo ta'e mirga wabii akka hin eegsisne ifaan ni kaa'a. Kanaafuu, himanni SY 543(3) jalatti dhihaatu ykn dhihaachuu malu gonkumaa mirga wabii eegsisuu hin danda'u.
Dhimma kanarratti DhIjMMWF aangoo murtii dirqisiisoo murteessuu qabuun Jiildii 9ffaa Lak.Gal 35695 ta'erratti gaaffiin mirga wabii dhihaatu fudhatama akka hin qabne murteessera.
Gaaffii mirga wabii tumaa kana jalatti dhihaatun wal qabatee shakkamaan dhukkubsachaa jiraachuu namoonni akka ijoo falmiitti kaasanii falman ni jiru. Inni Kunis hundee seeraa kan qabu miti. Shakkamaan yoo kan dhukkubsatu ta'e Manni Sirreessa qabiinsaa fi haala yaalsisa isaa xiyyeeffannoon akka hordofu ajaja kennuun ni danda'ama. Kanaan alatti shakkamaan dhukkubsachaa jiraachuu seerri keenya akka sababoota mirga wabii eegsisaniitti waan kaa'e hin qabu!
Horaa Bulaa!
1 384
Murtiin qajeeltoo madaallii ragaa isa bu’uraa osoo hin hordafin kenname murtii dogongora bu’uraa seeraa qabu tahuu isaa (#Jildii 17ffaa lakk G.89676)
💟Himatamtoota baayyee waliin himataman keessaa inni tokko himannaa abbaa alangaa kan amanu yoo ta’e jechi amantaa inni kanne himatamtoota kanneen biroo irratti bu’aa seeraa kan hin qabne ta’uu isaa (#Jildii 17ffaa lakk G. 96310)
💟Himataman gocha yakkaa tokkoof itti gaafatamummaa ni qaba jedhamee adabamuu kan danda'u yakkichi raawwatamuu isaa fi yakki raawwatame kun himatamaadhaan raawwatamuu isaa haala gahaa fi amansiisaa ta'een mirkanaa'uu qaba (#Jildii 18ffaa lakk G.104923)
💟Namoonni yakkaan himatamaan ragaa isaan irratti dhiyaate kamiyyuu ilaaluu,addaan baafachuu, ragaa ittisaa isaanii dhiyeefachuuf mirga kan qaban tahuu isaa (#Jildii 18ffaa lakkG 104220)
💟Ragaaleen naannoo yakka raawwatame tokko mirkaneessuudhaaf gahumsa qabaachuu kan danda'an osoo yakkichi hin raawwatamin duraa fi eega raawwatamee booda haalota turan irratti wanti (firiin dubbii) ragaan mirkaneesse akkaataa himannaa abbaa alangaatiin haala amansiisaa ta'een guduunfaa himatamaan yakkicha raawwateera jechuu dandeessisu irra nama geessu qabaachuu qaba (#Jildii 19ffaa lakk.G109441)
✅Dabalataan ragaaleen naannoo kan wal deeggaranii fi gidduu isaaniitti qaawa kan hin uumne (wal hin faallessine) ta'uu kan qaban yoo ta'an himatamaan yakkicha raawwachuu isaa kan mirkaneessan ta'uu qabu malee guduunfaa (logical conclusion) himatamaan yakkicha hin raawwanne jedhu irra kan hin geessine ta'uu akka qabu ibseera.
✅Ragaaleen naannoo madaallii sammuu kamiinuu carraa fi haalli yakkichi himatamaan osoo hin taane nama biraatiin raawwatamuu danda'a nama jechisiisu kan hin jiraanne ta'uu haala gahumsa qabuu fi amansiisaa ta'een hubachiisuu yoo danda'an qofa fudhatama argachuu akka qaban dhaddachi ijibaataa murtii jildi kana irratti bal’inaan kanneen murteesseera.
1 384
Eeyyama Konkolaachistummaa otuu Harkaa Hinqabaatin Konkolaalchisuun Balaa Lubbuu Namaa Irra Gahuuf SY kwt 543(3) Jalatti Ni Adabsiisaa ?
==================================
SY kwt 543(3) fi Murtii Dhaddacha Ijbta MMWF glme Lkk 191629 ta’erratti gaafa 26/01/2013 kenname
=================
Gochaan ogummaa konkolaachistummaa irraa eegamu darbuun balaa konkolaataan lubbuu namaa irra miidhaa du’aa geessuu yakka dagannoo ajjeechaa lubbuu namaan kan gaafachiisu ta’uun SY kwt 543 jalatti tumamee jira.
Akkasumas gochichi kan raawwatame lubbuu namoota lamaa fi sanaa ol kan ajjeese ykn dambii tiraafiikaa ifa ta’e cabsuun yoo ta’e SY kwt 543(3) jalatti kan adabsiisu ta’uunis tumamee jira.
Dhaddachi Ijbt MMWF galmee Lkk 191629 ta’erratti murtii gaafa 26/01/2013 kenneen balaan kan dhaqqabe sababa humnaa olii ta’uun mirkanaa’ee bakka jirutti eeyyama konkolaachisummaa qabachuu dhabuun bu’ura dambii tiraafiikaa rogummaa qabu cabsuutiin kan adabsiisu ta’uun alatti qofaa isaatti balaa dhaqqabe waliin walitti dhufeenya gochaa yakkaa SY kwt 543 jalatti gaafachiisu hinqabu jechuun hiikkoo dirqisiisaa kennee jira.
Kana jechuun 1)eeyyama malee konkolaachisuun dhoorkaa ta’us balaan kan dhaqqabe sababa eeyyama malee konkolaachisuutiin eega hintaane yakka dagannoo ajjeechaa SY kwt 543 jalatti adabsiisuu miti.
2) eeyyama qabachuu dhabuun tumaa dambii tiraafiikaa rogummaa qabu jalatti tarkaanfii adabbii tumame kan fudhachiisu malee SY kwt 543 waliin walitti fiduun dogongora bu’uraa ijoo seeraa akka ta’edha hiikkoo Ijbt kun kan agarsiisu.
1 384
🚐🛻🚗#Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 175578 ta'e irratti " hayyama konkolaachisummaa yookiin ogummaa konkolaachistummaa waan hin qabneef Seera yakkaa keewwata 543(3) jalatti itti gaafatamuu hin qabu Seera yakkaa keewwata 543(1) jalatti itti gaafatamuu qaba jedhamee falmiin ka'u fudhatama akka hin qabne" hiikoo kennee ture.
Seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 543(3) jalatti himannaa hundeessuuf ulaagaa akka filannootti guutamuu qabu,balaa konkolaataatiin:
1.Namni lama yookiin isaa ol yoo du'e,yookiin
2.Dambii yookiin Qajeelfamni ifa ta'e yoo cabe,yookiin
3.Ajjeechaan daguu dhugaatiin kan wal qabatu yoo ta'e qofaadha.Ulaagaa kana guute taanaan himatamaan Seera yakkaa keewwata 543(3) jalatti adabamuu kan qabuu fi falmiin armaan olitti himatamaan kaase deeggarsa seeraa hin qabu.
#Seerri_yakkaa keewwatni 543(3) adabbii hidhaa cimaa waggaa 5(shan) hanga hidhaa cimaa waggaa 15(kudha shan) gahuun fi adabbii maallaqaa qarshii 10,000_15,000 gahuun kan adabsiisuudha
