en
Feedback
MILKOOMEEDAA

MILKOOMEEDAA

Open in Telegram

Show more
The country is not specifiedEducation102 095
273
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
+130 days
Posts Archive
Artificial intelligence (AI) Damee saayinsii koompiyuutaraa ta'ee maashinoota yeroo gabaabaa keessatti dalagaa hedduu hojjeta
Artificial intelligence (AI) Damee saayinsii koompiyuutaraa ta'ee maashinoota yeroo gabaabaa keessatti dalagaa hedduu hojjetan irratti kan xiyyeeffatudha. Haata'u malee kan saganteessu (program) kan godhu dhala namaati. Hojii irra ooluu erga jalqabee waggoota 60 ol lakkoofsiseera. AI kun kutaa lama kan "Machine learning" fi "Deep learning" jedhaman qaba. Machine learning: wanti tokko dandeettii duraan qabu (experience) irraa ka'ee osoo irra deebiin hinsaganteeffamin dandeettii ofii isaa ofiin of guddisuudha. Deep learning: Sammuu namaafi qamoolee miiraan adeemsa inni ittiin saganteeffamuufi gaaffii barbaadameef deebii kennudha. Akkuma beekamu dhalli namaa lafa irraa ka'ee Amma yoonaatti qaama hawaa inni irra qubachuu danda'e addeessa irra qofa. Haata'u malee sirna Soolaarii darbinee, Eegzoopilaaneetota, urjileefi gaalaaksota jiraachuu isaanii kan hubanne Rookeetotaafi Rooveroota gara garaa fayyaadamuun yoo ta'u isaanis kan saganteeffaman beekumsa Artificial intelligence fayyadamuuni.

🚀 Applications Open: Aerospace Engineering Postgraduate Programs The Space Science and Geospatial Institute (SSGI), in colla
+1
🚀 Applications Open: Aerospace Engineering Postgraduate Programs The Space Science and Geospatial Institute (SSGI), in collaboration with Addis Ababa Science and Technology University (AASTU), is now accepting applications for the 2018 E.C. academic year. 🎓 Programs available: Master’s & PhD in Aerospace Engineering 📅 Deadline: September 10, 2025 👉 Apply here: ssgi.gov.et/aerospace-engineering-postgraduate-program #SSGI #Opportunity #AerospaceEngineering

Software engineer Keessumaa python'n hojjechaa jirtan yoo jiraattan Username @Changelover irratti na dubbisaa dhimmaaf barbaadeeni🙏

Eerkiraafti koontirol sarfees (Aircraft control surface) Meeshaalee eerodaayinaamiiksii ta'anii eerkiraaftiin tokko jalqabbii balalliitii kaasee hanga xumura balalliitti meeshaalee balallii eerkiraaftii tokkoo ittiin to'achuuf gargaaranidha. Eerkiraaftiin koochoo ykn baallee (wing) isaa irratti hundaa'uun bakka lamatti qoodama. Isaanis: 1. Fiiksid Wiingi eerkiraafti (fixed wing aircraft): eerkiraaftii koochoon isaa hin sochoone. Fkn xiyyaara 2. Rootarii wiingi eerkiraafti (rotary wing aircraft): eerkiraaftii koochoon isaanii naanna'u jedhamu. Fkn Heelikooptarii Fiiksid Wiingi eerkiraafti yoo fudhanne, koontirol surface'n (meeshaaleen to'annoo balallii)  isaa Meeshaalee to'annoo balallii eerkiraaftii 1ffaa fi 2ffaa jedhamuun qoodamu. Meeshaalee to'annoo balallii eerkiraaftii 1ffaa (primary aircraft control surface) warreen jedhaman: 1. eleroonii (aileron): fiixee koochoo gara dhumaa irratti kan argamu ta'ee, koochoo lamaan eerkiraaftii irratti kan argamuufi waliif faallaa kan dalaganidha. Kana jechuun yeroo inni tokko ol ka'u inni hafe immoo gadi bu'a. Kunis eerkiraaftichi siiqqeen loongitiyudinaalii isaa akka naanna'u (roll) godha. Eerkiraaftii baay'een eleroonii 2 kan to qaban yoo ta'u, kan eleroonii 4 qabanis ni jiru. 2. raadarii (rudder): meeshaa to'annoo balallii ta'ee, qaama eerkiraaftii irraa eegee irratti ykn vertikaal istaabilaayizarii irratti kan argamuufi sosochiin bitaaf mirgaa siiqqee vertikaalii eerkiraaftiichaa irratti akka uumamu ykn  sochiin (yaw) akka uumamu godha. 3. illiveetarii (elevator): meeshaa to'annoo balallii ta'ee, qaama eerkiraaftii keessaa eegee ykn hoorizontaal istaabilaayizarii irratti kan argamuufi sochiin siiqqee laateraalii irratti akka uumamu godha. Sochiin Kunis sochii oliif gadii (pitch) dha. Meeshaalee to'annoo balallii eerkiraaftii 2ffaa warreen jedhaman immoo 1. Filaapsii (flaps): 2. Ispoo'ilarii (spoiler): 3. Islaatisii (slats) jedhamu © Leensee Wandimmuu

#Aerospace_Engineering Aerospace engineering'n damee Engineering ta'ee, kan waa'ee jalqabbii yaad-rimee ijaarsaa hanga xumura ijaarsa aircraft fi spacecraft kan qo'atudha. Sadarkaa qaroomina dhalli namaa amma irra gaheen saayinsii Isa olaanaadha. Aerospace engineering damee gurguddaa lama kan qabu yoo ta'u, isaanis Aeronautical engineering fi Astronautical engineering jedhamu. Aeronautical engineering'n saayinsii waa'ee aircraft fi humnoota eerodaayinaamiiksii kan qo'atudha. Aircraft'n qaama jajjabaa harka namaan tolchamee atimoosfeerii lafaa keessa balali'uu fi boca eerodaayinaamiiksii kan qabudha. Kunis xiyyaara, heelikooptarii, diroonii fi kkf of keessatti haammata. Humnoota eerodaayinaamiiksii (aerodynamical force) Kanneen jedhaman immoo liiftii (lift), ulfaatina (weight), Tirastii (thrust) fi dirag (drag)dha. Qaamni jajjaboon qilleensa keessa ykn dhangala'oo (fluid) keessa socho'uuf humnoonni kunneen jiraachuun dirqama. Humnoota kanneen ibsuuf fakkeenya xiyyaara (airplane) haa fudhannu. 1. Ulfaatina (weight): xiyyaarri tokko yeroo lafarraa ol ba'u sababa hanga (mass) xiyyaarichaa fi humna harkisa dacheetiin humna uumamudha. Xiyyaara lafatti gad harkisa. 2. Liiftii (lift): sababa boca (aerodynamical shape) xiyyaarri qabuun humna uumamudha. Xiyyaarri lafarraa akka ka'uuf gargaara ykn faallaa ulfaatinaati. 3. Tirastii (thrust): sababa injiinii (engine) ykn sababa propulsion system xiyyaaraan humna argamudha. Kunis xiyyaarri fuulduraatti akka balali'uuf gargaara. 4. Diragii (drag force): kan uumamu yeroo xiyyaari qilleensa keessa deemu rigatni (frictional force) xiyyaaraa fi qilleensa gidduutti uumama. Rigatni Kunis diragii (drag force) jedhama. Kunis faallaa tirastiiti. Astronautical engineering immoo waa'ee saayinsii spacecraft kan qo'atudha. Spacecraft'n qaamolee jajjaboo harka namaan tolchamanii atimoosfeerii lafaan ala socho'anidha. Kunis rookeetii, satalaayitii, misaayelii fi kkf of keessatti haammata. Qorannoo hawaa fi waraana irratti meeshaaleen barbaachisan kan hojjetamanii fi qorataman baay'een isaanii as keessatti haammatamu. Herrega, fiiziksii fi beekumsi koompitaraa aerospace engineer tokkoof baay'ee murteessaadha. © Leensee Wandimmuu

Meettaafiiziksiin maali? Meettaafiiziksiin damee falaasamaa ta'ee kan waa'ee hiikaafi seerota uumamaa (Hawaafi hawaa keessatti argaman) kan ibsudha. Dhugummaa (reality) akkasumas carraa ta'umsaaf wantoonni qaban kan ibsudha. "Meettaafiiziksii" jechi jedhu jecha Giriikii irraa kan dhufe yoo ta'u, uumama dura, uumama booda, uumamaa ol ykn uumamaa gad jechuudha. Dameen saayinsii Kun damee barnoota hundaaf bu'uura haata'uyyuu malee yeroo duraa xiyyeeffannaa kan hinqabneefi yeroo ammaa namni fedhii inni wantoota uumamaa beekuuf qaburraa ka'uun dameelee saayinsii kan biraatti dabalamuun kennamaa Jira. Yeroo waa'ee meettaafiiziksii dubbannu ilaalcha saayinsiifi Ilaalcha amantiitu Jira. Abbaan kan fedhe filatee fudhachuu danda'a waa'ee carraa ta'umsaa (probability) qo'ata kan jedhameefis kanumaafi. (Hawaa keenya afaan keenyaan!) © Leensee Wandimmuu

Qaroominni dhala namaa guyyaa guyyaan kan dabalaa buludha. Teleskooppii Habil bakka kan bu'e, teleskooppiin jeemsi weeb beekumsa saayinsii hawaa ni tarkaanfachiisa akkasumas deebii baay'ee ni deebisa jedhamee akkuma yaadame gaalaaksii amma har'aatti sadarkaa teeknooloojii dhalli namaa irra gaheen fageenya irratti kan argamu JADES GS- z14-0 kan jedhamtu 2024 keessa ergee ture. Gaalaaksiin Kun big bang uumamee waggoota miliyoona 300 booda akka uumame ragaaleen achirraa argaman lafa kaa'u. Dhalli namaa yeroo du'aan boqotu lubbuun isaa eessa deemti gaaffiin jedhu nama baay'ee keessatti uumamus karaa amantii deebiin itti kennamu akka jirutti ta'ee, saayintistoonni kanaaf deebii ragaan mirkanaa'e lafa kaa'uu waan barbaadaniif yaalii irra kan jiranidha. Kanumarraa ka'uun saayintistoonni raashiyaa dhiyeenya kana namni erga du'ee eessa akka deemu barreerra jechaa jiru. Isaaniis yaalii kanaaf kan isaan gargaaru lubbuu namaaf identity code kennanii jiru. Koodiin Kunis ' soul identity code' jedhama. Koodiin Kun akkuma bilbilliifi koompiwutarri keenya program ta'an, program ta'ee sammuu namaa keessa akka faca'u godhama. Erga namni du'ee booda koodii sana fayyadamuun iddoo lubbuun namaa deemte argu jechuudha🙈 Saayintistoonni raashiyaa Kun utuu yaalii geggeessanii namichi fedhii isaatiin yaaliin irratti akka geggeeffamu godhe tokko lubbuun darbiti. Lubbuun sun saffisa isaan eeganiin olitti waan deemteef akkaataa deemsa ishee sirriitti arguu hin dandeenye. Ta'us code sammuu nama Sanaa keessa ka'an gargaaramuun iddoo isheen geesse arganneerra jedhu. Iddoo lubbuun namichaa geesseetti jedhame Kunis gaalaaksii nurraa fageenyarratti argamu JADES GS-z14-0 irra jedhu.😁 Kunis saayintistoota baay'ee gaaffii keessa galchaa kan jiruufi dhugummaa isaa mirkaneeffachuuf yaalii geggeessaa jiru. (Hawaa keenya Afaan keenyaan!) © Leensee Wandimmuu

Giraaviteeshinal taayim daayileshin (gravitational time dilation) Bara ayizaak niwutoon keessa yaada yeroon time of reference tokko utuu hin fudhatin iddoo hundattuu dhugaadha (time is absolute ) jedhutu fudhatamaa ture. Bara 1905 kaasee argamuun yaaxxinaalee birqabummaa waliigalaafi addaa (general and special relativity) yeroon time of reference irratti hundaa'uun birqabaan ibsama (time is relative) yaada jedhutu fudhatama argate. Kanarraa ka'uun Albert Inistaayin yaada gravitational time dilation jedhu maddisiise. Yaanni Kunis yeroofi giraaviitiin piroopporshinaalummaa alkallattii (inversely proportional) akka ta'an lafa kaa'e. Kunis kan hundaa'uu frame of reference ykn observer irratti. Kana yeroo jennu, iddoo giraaviitiin guddaan jiru yeroon suuta lakkaa'a. Fakkeenyaan yoo ilaalle: handhuurri lafaa (earth core) waggaa 2.5 irra lafaa (crust) irra ijoolleedha. Akkasumas qaama namaa yoo fudhanne miilli keenya qaamolee kaan irra ijoolleedha. Kana jechuun mataan keenya miilla keenya caalaa dulloomaadha. Kanarraa kan hubannu yeroofi giraaviitiin piroopporshinaalummaa alkallattii qabaachuu isaaniiti. Akka waliigalaatti hawaa yoo fudhanne curvature uumee Jira, iddoo curvature guddaan jiru giraaviitii guddaatu jira. Kana jechuun iddoo curvature guddaan jirutti yeroon suuta lakkaa'a. Fkn holqa gurraacha (black hole) fudhachuu dandeenya. (Hawaa keenya Afaan Keenyaan!) © Leensee Wandimmuu

"time is relative according to observer." Bara 1905 dura yaaxxina Ayizaak Niwutoon kan "time is absolute" jedhamutu fudhatamaa ture. Bara 1905 kaasee erga Alberti Inistaayin yaaxxinaalee birqabummaa waliigalaafi addaa (general & special relativity) Ibsee booda yaada "time is relative" jedhutu fudhatama qaba. Hawaan (space time) curve Akka ta'e saayintistoonni itti waliigalu. Kunis kan ta'eef sababa giraviitiitiif akka ta'e ni ibsu. Iddoo giraaviitii guddaan jiru curvature guddaatu Jira. Iddoo kanatti yeroon suuta lakkaa'a. Kunis Yaada "Gravitational time dilation" jedhamuun ibsama. Time dilation giraavitiifi yeroon inversely proportional akka ta'an nutti hima. Remember "Time is relative according to Observer." (Hawaa keenya Afaan keenyaan!) © Leensee Wandimmuu

Yaada kuwaantam makaaniksiifi bita galuu Alberti Inistaayin Kuwaantam makaaniksiin waa'ee suudoowwan cita atoomawaa keessumaa Kanneen akka: pirootoonii, elektirooniifi suudoowwan kanaa gaditti argaman kan qo'atu yoo ta'u, faallaa kanaa immoo tiyooriin Alberti Inistaayin "General relativity" jedhu qaamolee gurguddoo hawaa keenya keessatti argaman Kanneen akka pilaaneetota, Urjiilee, holqa gurraacha, Gaalaaksiiwwaniifi Kanneen biroo qo'ata. Yaadolee lamaan (Quantum mechanics & General relativity) wantoota xixiqqoof wantoota gurguddoo qo'atanillee lamaan isaaniiyyuu Maatarii qo'atu. Akka yaada kuwaantam makaaniksiitti wantoonni kan argaman carraa (probability) irratti hundaa'uuni. Fknf atoomii keessatti iddoo elektirooniin itti argamu beekuun hindanda'amu. Haa ta'u malee iddoo kamitti argamuu akka danda'u tilmaamuun ni danda'ama. Kunis yaada "Superposition" jedhamuun deggarama. Akka ibsa Saayintistootaatti elektirooniin iddoo hundatti argamuu danda'a. Kana jechuun fknf hiriyaan keessan tokko Yeroo tokkotti Mattuu, Jimmaa, Finfinnee, Adaamaafi kkf.argamuu danda'a akka jechuuti. Namni tokko dhufee hiriyaan Kee eessa jira jedhee osoo sin gaafatee deebiin keessan maal ta'a? 20% Mattuu, 20% Adaamaa, 20% finfinnee jettanii deebistuu? Iddoon argama elektiroonii saayintistootas akkasuma bita gale. Yeroo kana jedhamu iddoo hiriyaan keessan itti irra caalaa hojii hojjetu himuu dandeessu garuu iddoo sana hiriyaan keessan jiraachuu dhabuu mala. Yaada kuwaantam makaaniksii kana gara wantoota gurguddaatti Yeroo fidnu hiriyaan keessan Yeroo tokkotti iddoo hundatti argamuu danda'a akka jechuuti. Kun haala Amma keessa jirruun waan hinfakkaannedha. Alberti Inistaayin yaada kuwaantam makaaniksii kanaan ni morma. Hiriyaa keessan Yeroo tokkotti iddoo tokkotti qofa argattu Akka jechuuti. Iddoo argama wantoota carraa irratti hunda'a yaada jedhu Yeroo qeequ "God doesn't play dice on the universe" "Waaqayyo uumama irratti qumaara hintaphatu" jedha. Mormii isaas ragaalee adda addaan utuu ibsuu hojii isaa osoo hinxumurin lubbuun dabarte. Yaadolee lamaan kanas saayintistoonni walittii araarsuuf yaada "grand unification" jedhu irratti hojjechaa turaniifi jiranidha. (Hawaa keenya Afaan Keenyaan!) © Leensee Wandimmuu

Nagaan waaqayyoo isiniif haa baay'atu. Karaan channel kanaa waa'ee saayinsii hawaa, kitaabilee saayinsii hawaafi teeknooloojii waliin walqabatan kan isiniif qoodamu ta'a!

Milkoomeedaa akkamitti argattan😊

Repost from MILKOOMEEDAA
Qabiyyeen kitaaba kanaa ✨Dhaha Oromo ✨Maalummaafi Gosoota Astiroonoomii ✨Sirna Soolaarii ✨Urjiilee ✨Holqa Gurraacha ✨Eegzoopilaaneetii (Exoplanet) ✨Gaalaaksota ✨Hawaa ✨Uumama Alagaa (Aliens) ✨Seenaa Beektotaa 📝Barreessitoota ✨Leensee Wandimmuu ✨Feeneet Firomsaa      Dubbisa Gaarii🥰

Repost from AstroCode & Beyond
📚✨ Our Book Is Finally Here! ✨📚 We’re truly sorry for the delay  your patience means the world to us ❤️.                             After years of dedication, late-night brainstorming, and countless edits, I’m beyond excited to announce the release of our book "MILKOOMEEDAA". This book is more than just pages filled with words it’s a journey, a dream, and a reminder that age is never a limit. I co-authored it with my dear friend Lense Wondimmu, and together we poured our hearts and minds into every chapter. It all began when we were just 10th graders  two friends with a shared dream and a burning desire to create something meaningful. Many might think that age is a limitation, that big dreams are for “later.” But we believed otherwise. Our story is living proof that you are never too young to achieve something great. Every page is a reflection of our teamwork from deciding the flow, writing each word, to carefully reviewing and polishing until it felt just right. It wasn’t always easy. There were moments of doubt, nights with little sleep, and times we had to rewrite entire sections to make them more clear and impactful. But those challenges made the end result even more meaningful. We owe a heartfelt thank you to everyone who supported us on this journey our friends, family, teachers, mentors, and all the incredible people who encouraged us when the road was tough. You believed in us even before we fully believed in ourselves, and for that, we are forever grateful ❤️. 🙏 And to everyone reading this never let your age, your circumstances, or your doubts stop you from chasing your dreams. Happy reading ✨

Qabiyyeen kitaaba kanaa ✨Dhaha Oromo ✨Maalummaafi Gosoota Astiroonoomii ✨Sirna Soolaarii ✨Urjiilee ✨Holqa Gurraacha ✨Eegzoopilaaneetii (Exoplanet) ✨Gaalaaksota ✨Hawaa ✨Uumama Alagaa (Aliens) ✨Seenaa Beektotaa 📝Barreessitoota ✨Leensee Wandimmuu ✨Feeneet Firomsaa      Dubbisa Gaarii🥰

Nagaan waaqayyoo hunduma keesaaniif haa baay'atu jechaa barfachuu keenyaaf irra deebiin dhiifama sin gaafanna. Jalqaba irratti waaqayyo guddaa karaa hundumaan nu gargaareef galanni haata'u! Itti aansuun maatii koo karaa hundumaan murtoon murteesse hundumaatti na bira dhaabbatan galateeffachuun barbaada. Itti aansuun Hiriyaa akka obboleettii Feeneet Firomsaa galatoomi. Gulaaltonni kitaaba keenyaa, Hiriyoonni koo, barsiisonni koofi namoonni karaa gara garaan nu cina dhaabbachaa turtan jecha isiniif hin qabu. Kitaaba kana barreessinee asiin gahuuf halkan dadhabsiisaafi nuffisiisaa garuu namatti tolu baay'ee dabarsine. Kaayyoon kitaabichaa hawaa keenya afaan keenyaan afaan saayinsiif teeknooloojii ta'uu beeksisuu kan jedhu qabatee, dhaloota nu booda jiru keessumaa fedhii saayinsii hawaa kan qabaniif furmaata ta'uufi. Kitaaba saayinsii hawaa Afaan Oromoon barreeffaman dhabamuun, waan beeknu irraa saba keenya gargaaruuf kitaaba kana barreessineerra. Itti dhiyaadhaa dubbisaa gaaffiifi yaada qabdan nuuf qoodaa. Dubbisa gaarii! Galatoomaa🙏

Nagaan waaqayyoo siniif haata'u! Barfachuu keenyaaf dhiifama sin gaafachaa kitaaba keenya upload gochuuf connection waan nu dideef akka connection hojjeteen kan gad lakkisnu ta'a. Hangasitti obsaan nu eegaa🙏

Share gochuun nu cina dhaabadhaa....nama Afaan Oromoo dubbisu kamiifuu🙏

MILKOOMEEDAA'n Bor gad lakkifama😊

Nama bira gahuu qaba jettanii yaaddan kamiifuu share godhaa!🙏