en
Feedback
Office of The President - Oromia

Office of The President - Oromia

Open in Telegram

Oromia President’s Office — Official Channel

Show more
2 062
Subscribers
-124 hours
-47 days
+2330 days

Data loading in progress...

Similar Channels
No data
Any problems? Please refresh the page or contact our support manager.
Tags Cloud
No data
Any problems? Please refresh the page or contact our support manager.
Incoming and Outgoing Mentions
---
---
---
---
---
---
Attracting Subscribers
September '26
September '26
+2
in 0 channels
August '26
+52
in 0 channels
Get PRO
July '26
+24
in 0 channels
Get PRO
June '26
+10
in 0 channels
Get PRO
May '26
+12
in 0 channels
Get PRO
April '26
+45
in 0 channels
Get PRO
March '26
+87
in 0 channels
Get PRO
February '26
+69
in 0 channels
Get PRO
January '26
+129
in 0 channels
Get PRO
December '25
+82
in 0 channels
Get PRO
November '25
+205
in 0 channels
Get PRO
October '25
+348
in 0 channels
Get PRO
September '25
+315
in 0 channels
Get PRO
August '25
+1 028
in 1 channels
Date
Subscriber Growth
Mentions
Channels
09 September+1
08 September0
07 September0
06 September0
05 September0
04 September0
03 September+1
02 September0
01 September0
Channel Posts
Hubannoon kun Mootummaa Ida’amuu keessatti bu’uura yaadaadha. Mootummaan misooma mara ofiin raawwachuu irra, mootummaafi hawaasa walitti fiduun dandeettii hawaasaa gara hojii waloo bu’a qabeessaatti qajeelcha. Yeroo humni hawaasaa qindaa’u, wal-amantaan ni cimata; wal-amantaan yeroo cimu qindoominni ni guddata; qindoominni ammoo dandeettii taasisuu hawaasaa gara dandeettii oomishtummaatti jijjiira. Kanaaf, bu’aan mootummaa hojii mootummaa qofaatiin kan madaalamu osoo hintaane, hawaasa qindeessuun rakkoo isaa irratti furmaata ofii uumuu danda’uu isaatiin madaalamuu qaba. Mootummaan Naannoo Oromiyaa hubannoo kanaan, duudhaa oromummaatti deebi’uun, halkaniifi guyyaa hojjechuun, waan hundaan dorgomaa ta’uun, qulqullummaafi tumsa irratti dabaluun gara hojii qabatamaatti hikuuf hojji bal'aa hojjechaa jira. Kaayyoon, duudhaa deebisanii dhaabuu qofa miti; kaappitaala qaroominaa keessa jiru adda baasuun, sirna mootummaa ammayyaa keessatti hojii irra oolchuufi humna hawaasummaa gara humna misoomaatti jijjiiruudha. Kanaaf, Sirni Gadaa akka yaadannoo seenaa qofaatti osoo hin taane, kaappitaala qaroominaafi hawaasummaa dhaloota ammaafi dhufuuf ooluutti fudhatamee hojjetamaa jira. Bu’uuruma kanaan, Humnoonni Waloo dhaabbilee hawaas-mootummaa ammayyaa ta’anii kaappitaala qaroominaa gara hojii qabatamaatti ceesisuuf ijaaramaa jiru. Tajaajilli Lammummaa itti-gaafatamummaa hawaasaa gara humna hojii walootiitti qindeessa; Manneen Murtii Aadaa duudhaa haqaa, araaraafi nageenyaa gara sirna haqa ammayyaatti ceesisuuf tajaajilu. Buusaan Gonofaa sirna wal-deeggarsaa gara humna damdamannaafi nageenya hawaasaatti jijjiira; Gaachanni Sirnaa ammoo duudhaa nageenya hawaasummaa gara humna eegumsa sirnaafi nageenya walootti qindeessa. Isaan hundi kaayyoo tokko qabu: humna hawaasaa faca’ee jiru gara humna hawaas-mootummaa qindaa’eetti jijjiiruu. Kanaaf, kallattiin siyaasaafi misoomaa Oromiyaa qabeenya uumamaa qofa irratti hin hundaa’u. Qabeenyi guddaan ummataa lafa, bishaaniifi albuuda qofa osoo hin taane, kaappitaala qaroominaa, beekumsaa, duudhaa, wal-amantaafi dandeettii waloon hojjechuu hawaasa keessatti kuufameedha. Mootummaan gahee isaa sirnaan yoo ba’e, kaappitaalli kun gara dandeettii oomishtummaatti, dandeettiin oomishtummaa gara kaappitaala dinagdeetti, kaappitaalli dinagdee ammoo gara badhaadhina waaraatti jijjiirama. Kana jechuun, Mootummaan Ida’amuu mootummaa hawaasaaf hojjetu qofa osoo hin taane, mootummaa hawaasa waliin hojjetudha. Imalli Oromiyaa gara seenaa qofaatti deebi’uu miti; humna seenaa irraa dhalate gara sirna omishaa, hojii, oomishtummaa, dorgomtummaafi badhaadhina dhalootaatti hiikuudha. #Oromiapresidentoffice2026

2
Mootummaan Ida’amuu mootummaa hawaasaaf hojjetu qofa osoo hin taane, mootummaa hawaasa waliin hojjetudha! Shimallis Abdiisaa,
Mootummaan Ida’amuu mootummaa hawaasaaf hojjetu qofa osoo hin taane, mootummaa hawaasa waliin hojjetudha! Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii MNO Mootummaan cimaa hawaasaa bakka bu’ee hojii hunda ofiin raawwatu miti; humna hawaasa keessa jiru adda baasuun, sirneessuunfi gara dandeettii oomishtummaatti jijjiiruun eenyummaa mootummaa cimaa ta'a. Hawaasni kamuu mootummaa dura jiraataa ture. Qaroominni hawaasaa; beekumsa, wal-amantaa, wal-tumsa, itti-gaafatamummaafi dandeettii taasisuu dhalootaa irraa dhalootatti kuufame qaba. Gaheen mootummaa kana bakka bu’uu osoo hin taane, sirna keessatti qindeessuun gara humna misoomaafi badhaadhina waaraatti ceesisuudha.
467
3
Akka "Karoora Of-danda'uu" Naannoo Oromiyaatti, milkaa’inni dhaabbilee faayinaansii; keessumaa Baankii Siinqee, kuufama kaappitaalaa qofaan osoo hin taane, hangam kaappitaala sana gara oomishtummaa, intarpiraayizoota babal’isuu, carraa hojii uumuufi jireenya hawaasaa jijjiirutti ceesisuudhan kan madaalamudha. Bu'uurri tarsiimoo kanas, faayinaansii oomishaa (productive finance) dameewwan murteessoo dinagdee keessatti faayidaa olaanaa qabanirra oolchuudha. Tarsiimoon mootummaa kun qonnaan bultootaafi horsiisee bultootaa, akkasumas Interpiraayizoota xixxiqqaaf tajaajila liqiifi faayinaansii mijataa dhiyeessuudhaan oomishtummaa qonnaa ammayyeessuufi galii isaanii guddisuuf dursa kenna. Kana malees, dandeettiifi yaada dargaggootaafi dubartootaa gara intarpiraayizoota giddugaleessaafi xixiqqootti jijjiiruuf deeggarsa kaappitaalaa, liiziifi gorsa faayinaansii dhiyeessuun akka milkaa'an kan gargaarudha. Dabalataanis hirmaannaa faayinaansii walqixaafi hammataa ta’e lammiileef dhiyeessuuf, tajaajila faayinaansii dijitaalaa babal’isuun, keessumaa tajaajila dijitaalaa Wabii Baankii Siinqeen fayyadamummaa hawaasaa sadarkaa adda adaarra jiran mirkaneessurratti argama. Tarsiimoon faayinaansii kun imaammata dinagdee bal’aa Oromiyaa Soveriin Fandii (OSF) waliin walitti hidhata cimaa kan qabuudha. OSF’n qabeenya mootummaa tarsiimoon qindeessuun kaappitaala gara dameewwan oomishtummaa olaanaa qabaniitti gaggeessaa kan jiruudha. Kanaan walqabatee, Garee Siinqee keessatti tajaajila Baankii, Liizii, Inshuraansiifi Invastimantii walitti hidhuun sirna faayinaansii guutuufi wal-utubuu danda'u ijaaruun danda’ameera. Sirni faayinaansii walitti hidhame kun kuufama kaappitaalaa irraa kaasee hanga wabii inshuraansii, dhiyeessii liiziifi invastimantii tarsiimawaatti abbootii qabeenyaafi intarpiraayizoota gargaaruun imala sochii dinagdee naannicha kan ariifachiisudha. Bu'aan madaallii tarsiimoo kana kan safaramus oomisha galma’een, carraa hojii uumameen, galii maatii fooyya’eeniifi galma "Of-danda’uu Oromiyaa" dhugoomeeni. Mootummaan Naannoo Oromiyaa kaappitaala gara dameewwan oomishtummaa olaanaatti ceesisuuf invastimantii dhuunfaa dadammaksuu, faayinaansii dijitaalaa babal’isuufi qonna ceesisuu irratti kan xiyyeeffatu ta'a. Walumaagalaan, kaappitaalli kuufame gara oomishtummaatti, oomishtummaan gara invastimantiitti, invastimantiin gara carraa hojiitti, carraan hojii ammoo gara jireenya fooyya'aa ummata keenyatti yoo jijjiirame qofa imaammanni faayinaansii keenya galma kan gahu yoota'u, mootummaanis, Baankiin Siinqee dhaabbata faayinaansii ummataa ta’e akka guddattuufi ergama isaa guutumaan guutuutti akka bahatu deeggarsaafi hordoffii barbaachisaa kan gaggeessu ta'a.
773
4
Kaayyoon keenya hawaasa daawwatummaa irraa gara hirmaattummaa dinagdee, omishaafi invastimantiitti ceesisuudha! Shimallis Abd
Kaayyoon keenya hawaasa daawwatummaa irraa gara hirmaattummaa dinagdee, omishaafi invastimantiitti ceesisuudha! Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii MNO Mootummaan Naannoo Oromiyaa, kallattii tarsiimawaa jijjiirama dinagdee naannichaaf murteessaa ta'e bocuun sochii eegaleera. Innis hawaasa keenya daawwatummaa dinagdee irraa gara hirmaattummaa guutuu oomishaa, invastimantiifi qabeenya umuutti ceesisuudha. Murtoon tarsiimawaa kun kaayyoo siyaasaa qofa osoo hin taane, bu'uura tarsiimoo qabeenya mootummaafi hawaasaa gara sirna oomishtummaatti qajeelchuufi dhaabbilee faayinaansii naannichaa kan qajeelchudha.
643
5
2. HALKANIIFI GUYYAA HOJJEECHUU Yeroo, qabeenyaafi carraa jiru sirnaan fayyadamuun hojii bu’a qabeessa saffisaafi itti-gaafatamummaa qabu hojjechuu. Karoorarraa gara raawwii, raawwiirraa gara bu’aa, bu’aarraa gara jijjiirama qabatamaatti ce’uu. 3. WAAN HUNDAAN DORGOMAA TA’UU Qonnaa, industirii, invastimantii, tajaajila, teknoolojii, daldalaafi damee hundaan oomishtummaa, kalaqa, qulqullinaafi dorgommummaa guddisuu. Qabeenya Oromiyaa gara gatii dabalataatti, carraa hojiifi galiitti jijjiiruu. 4. QULQULLUMMAA Qulqullina yaadaa, hojii, tajaajilaa, faayinaansiifi bulchiinsaa cimsuun amanamummaa, iftoomina, itti-gaafatamummaafi bu’a qabeessummaa mirkaneessuu. Qabeenya ummataa sirnaan fayyadamuun, rakkoofi xuruurama hojii irraa bilisa ta’e ijaaruu. 5. TUMSA Humna mootummaa, ummataa, dhuunfaa, dhaabbilee faayinaansii, invastaroota, ogeeyyii, dargaggootaafi qooda fudhattoota biroo kaayyoo waloo tokkoof walitti fiduu. Tumsa keessaa kaappitaala, beekumsa, teknoolojiifi carraa walitti hidhuun guddina waaraa uumu. Qajeeltowwan kunneen aadaa hojii haaraa, humna waloo cimaafi Oromiyaa of dandeette ijaaruuf kallattii nuuf kaa’u. Humna keenya walitti qabnee, duudhaa keenya bu’uureffannee, halkaniifi guyyaa hojjennee, waan hundaan dorgomaa taanee, qulqullummaa eegneefi tumsa keenya cimsuun Oromiyaa badhaate, of dandeessefi dhaloota dorgomaa ta’e ijaarra. Filannoowwan liinkii armaan gadii tuquun toora odeeffannoo waajjirichaa isa sirrii hordofaa. WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029VbAtskm0QearlRd2sD2V Telegram: https://t.me/oromipresident Website: https://www.oromia.gov.et/om Facebook: https://www.facebook.com/Oromiapresident.office
1 176
6
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, gahee seenaa, qabeenya jiruufi haala qabatamaa yeroo ammaa Oromiyaa bu’uureffachuun, humna mootu
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, gahee seenaa, qabeenya jiruufi haala qabatamaa yeroo ammaa Oromiyaa bu’uureffachuun, humna mootummaa, ummataafi dhuunfaa walitti fiduun jijjiirama waaraa, of danda’uufi badhaadhina mirkaneessuuf qajeeltowwan bu’uuraa shan kaa’eera. 1. DUUDHAA OROMUMMAATTI DEEBI’UU Eenyummaa, safuu, aantummaa, wal-gargaarsa, hojii waliin hojjechuufi itti-gaafatamummaa hawaasummaa Oromoo bu’uura hojii gochuu. Duudhaa irraa humna; eenyummaa irraa kaayyoo; kaayyoo irraa bu’aa uumuu.
876
7
Kaayyoon dhumaa isaa immoo ifaadha: qabeenya Oromiyaa akka bu'uura badhaadhina har'aafi dhaloota boruutti jijjiiruun, dandeettii dinagdee naannichaa cimsuufi Oromiyaa Of-dandmeesse ijaaruudha. #Oromiapresidentoffice2026
1 330
8
Oromiyaa Soveriin Fandii (OSF): Qabeenya Mootummaa Gara Badhaadhina Dhalootaatti Mootummaan Naannoo Oromiyaa qabeenya mootummaa akka meeshaa bulchiinsa yeroo gabaabaatti osoo hin taane, akka bu'uura badhaadhina dhalootaatti ilaala. Kanaafuu, bulchiinsa qabeenyaa baramaa irraa gara qabeenya sana tarsiimoon qindeessuu, invastimantii dursa qaban keessatti bobbaasuu, sona dabalataa umuufi bu'aa argamu gara misooma hawaas-dinagdee naannichaatti deebisuutti ce'uun kallattii imaammataa ijoodha. Bu'ruuma kanaan, Oromiyaa Soveriin Fandiin (OSF) dhaabbilee misoomaa mootummaa gara sirna bulchiinsa ammayyaa, dorgommiifi bu'a qabeessummaa irratti hundaa'etti ceesisuuf kan caaseffamedha. Caaseffamni kun qabeenya mootummaa dameewwan adda addaatti bittinnaa'ee jiru walitti qindeessuun, humna kaappitaalaa guddisuu, invastimantii dursa qabu adda baasuufi dameewwan dinagdee Oromiyaa keessatti gatii dabalataa uumuu danda'an irratti xiyyeeffata. Akkasumas dhaabbilee misoomaa mootummaa gareewwan invastimantii tarsiimawaa jalatti gurmeessuun bulchiinsa isaanii cimsaa jira; akkasumas raawwii isaanii safaruun kanneen dorgomaa ta'an babal'isuu, kanneen hanqina qaban immoo sirreessuu yookaan kallattii haaraa itti kennuuf sirna diriirseera. Kunis qabeenya mootummaa eeguu qofa osoo hin taane, qabeenya sana gara kaappitaala guddina dinagdee itti fufiinsa qabuutti jijjiiruuf tarkaanfii murteessaadha. Raawwiin bara 2018 bu'uura jijjiirama kanaa cimsuu keessatti bu'aa jajjabeessaa agarsiiseera. Galiin waliigalaa OSF'n walitti qabe Qarshii bil. 102.6 kan gahe yoota’u, bu'aan gibiraa duraa immoo Qarshii bil. 19.4 ta'uu danda'eera. Guddinni galiifi bu'aa kun, sirni bulchiinsa qabeenya mootummaa bu'a qabeessa ta'e yeroo gabaabaa keessatti galii mootummaa cimsuufi dandeettii invastimantii naannichaa guddisuu akka danda'u mirkaneessa. Haata'u malee, bu'aan argame kaayyoo xumuraa osoo hin taane, bu'uura ce'umsa itti aanuu qofa. Kanaafuu raawwii dhaabbilee adda addaatti madaaluu, hanqina raawwii sirreessuufi qabeenya gara bu'aa ol'aanaatti ceesisuun hojii xiyyeeffannoo itti aanu ta'a. Kallattii bara 2019 keessatti, xiyyeeffannoon mootummaa guddina lakkoofsa galii qofa irratti osoo hin taane, qulqullina invastimantii, dorgommummaa dhaabbilee, itti fayyadama teeknooloojii, bulchiinsa gaariifi uumama qabeenya yeroo dheeraa irratti kan xiyyeeffatedha. OSF'n bara 2019 keessa galii Qarshii bil. 157.9’fi bu'aa Qarshii bil. 30.8 galmeessuuf karoorfachuun, kaappitaala haaraa sassaabuu, invastimantii haaraa hojii irra oolchuufi dhaabbilee dadhabaa ta'an irratti tarkaanfii fooyya'iinsaa fudhachuuf kallattii kaa'eera. Kunis deeggarsa maallaqa mootummaa eeggachuu irraa gara qabeenya ofii sirnaan fayyadamuutti, akkasumas michoota dhuunfaafi invastaroota biyya keessaafi alaa hirmaachisuun guddina saffisaafi itti fufiinsa qabu uumuutti ce'uudha. Tarkaanfiin bal'aan kun "Karoora Of-danda'uu Oromiyaa" waliin walitti hidhata cimaa kan qabuudha. Qabeenya mootummaa irraa gatii dabalataa uumuu jechuun bu'aa dhaabbilee mootummaa qofa guddisuu miti; carraa hojii uumuu, oomishtummaa guddisuu, tekinooloojiifi beekumsa dabarsuu, dameewwan oomishaa cimsuu, galii mootummaa guddisuufi dandeettii ummataa dinagdeen of danda'uuf jiru babal'isuudha. Keessumaa qonnaafi agro-industirii, oomishaafi walitti qabaa, ijaarsaa, albuudaafi enerjii, faayinaansii, tajaajila dijitaalaafi tuurizimii keessatti invastimantii tarsiimawaa babal'isuun, qabeenya Oromiyaa keessaa gatii dabalataa guddaa kan umuudha. Walumaagalatti, ce'umsichi “dhaabbata mootummaa bulchuu” irraa gara “qabeenya mootummaa tarsiimoon invast gochuudhaan badhaadhina dhalootaa uumuutti” ce'uudha. Mootummaan Naannoo Oromiyaa qabeenya jiru eeguu qofa osoo hin taane, qabeenya jiru gara qabeenya haaraatti, qabeenya haaraa gara kaappitaalaatti, kaappitaala ammoo gara carraa hojii, oomisha, galiifi badhaadhina ummataatti jijjiiruuf sirna haaraa ijaaraa jira. Milkaa'inni sirna kanaa bulchiinsa gaarii, iftoomina, itti gaafatamummaa, raawwii irratti hundaa'e hoggansa, invastimantii sirriifi hirmaannaa waloo irratti hundaa'a.
1 260
9
Kaayyoon dhumaa isaa immoo ifaadha: qabeenya Oromiyaa akka bu'uura badhaadhina har'aafi dhaloota boruutti jijjiiruun, dandeettii dinagdee naannichaa cimsuufi Oromiyaa Of-dandmeesse ijaaruudha. #Oromiapresidentoffice2026
1
10
Oromiyaa Soveriin Fandii (OSF): Qabeenya Mootummaa Gara Badhaadhina Dhalootaatti Mootummaan Naannoo Oromiyaa qabeenya mootummaa akka meeshaa bulchiinsa yeroo gabaabaatti osoo hin taane, akka bu'uura badhaadhina dhalootaatti ilaala. Kanaafuu, bulchiinsa qabeenyaa baramaa irraa gara qabeenya sana tarsiimoon qindeessuu, invastimantii dursa qaban keessatti bobbaasuu, sona dabalataa umuufi bu'aa argamu gara misooma hawaas-dinagdee naannichaatti deebisuutti ce'uun kallattii imaammataa ijoodha. Bu'ruuma kanaan, Oromiyaa Soveriin Fandiin (OSF) dhaabbilee misoomaa mootummaa gara sirna bulchiinsa ammayyaa, dorgommiifi bu'a qabeessummaa irratti hundaa'etti ceesisuuf kan caaseffamedha. Caaseffamni kun qabeenya mootummaa dameewwan adda addaatti bittinnaa'ee jiru walitti qindeessuun, humna kaappitaalaa guddisuu, invastimantii dursa qabu adda baasuufi dameewwan dinagdee Oromiyaa keessatti gatii dabalataa uumuu danda'an irratti xiyyeeffata. Akkasumas dhaabbilee misoomaa mootummaa gareewwan invastimantii tarsiimawaa jalatti gurmeessuun bulchiinsa isaanii cimsaa jira; akkasumas raawwii isaanii safaruun kanneen dorgomaa ta'an babal'isuu, kanneen hanqina qaban immoo sirreessuu yookaan kallattii haaraa itti kennuuf sirna diriirseera. Kunis qabeenya mootummaa eeguu qofa osoo hin taane, qabeenya sana gara kaappitaala guddina dinagdee itti fufiinsa qabuutti jijjiiruuf tarkaanfii murteessaadha. Raawwiin bara 2018 bu'uura jijjiirama kanaa cimsuu keessatti bu'aa jajjabeessaa agarsiiseera. Galiin waliigalaa OSF'n walitti qabe Qarshii bil. 102.6 kan gahe yoota’u, bu'aan gibiraa duraa immoo Qarshii bil. 19.4 ta'uu danda'eera. Guddinni galiifi bu'aa kun, sirni bulchiinsa qabeenya mootummaa bu'a qabeessa ta'e yeroo gabaabaa keessatti galii mootummaa cimsuufi dandeettii invastimantii naannichaa guddisuu akka danda'u mirkaneessa. Haata'u malee, bu'aan argame kaayyoo xumuraa osoo hin taane, bu'uura ce'umsa itti aanuu qofa. Kanaafuu raawwii dhaabbilee adda addaatti madaaluu, hanqina raawwii sirreessuufi qabeenya gara bu'aa ol'aanaatti ceesisuun hojii xiyyeeffannoo itti aanu ta'a. Kallattii bara 2019 keessatti, xiyyeeffannoon mootummaa guddina lakkoofsa galii qofa irratti osoo hin taane, qulqullina invastimantii, dorgommummaa dhaabbilee, itti fayyadama teeknooloojii, bulchiinsa gaariifi uumama qabeenya yeroo dheeraa irratti kan xiyyeeffatedha. OSF'n bara 2019 keessa galii Qarshii bil. 157.9’fi bu'aa Qarshii bil. 30.8 galmeessuuf karoorfachuun, kaappitaala haaraa sassaabuu, invastimantii haaraa hojii irra oolchuufi dhaabbilee dadhabaa ta'an irratti tarkaanfii fooyya'iinsaa fudhachuuf kallattii kaa'eera. Kunis deeggarsa maallaqa mootummaa eeggachuu irraa gara qabeenya ofii sirnaan fayyadamuutti, akkasumas michoota dhuunfaafi invastaroota biyya keessaafi alaa hirmaachisuun guddina saffisaafi itti fufiinsa qabu uumuutti ce'uudha. Tarkaanfiin bal'aan kun "Karoora Of-danda'uu Oromiyaa" waliin walitti hidhata cimaa kan qabuudha. Qabeenya mootummaa irraa gatii dabalataa uumuu jechuun bu'aa dhaabbilee mootummaa qofa guddisuu miti; carraa hojii uumuu, oomishtummaa guddisuu, tekinooloojiifi beekumsa dabarsuu, dameewwan oomishaa cimsuu, galii mootummaa guddisuufi dandeettii ummataa dinagdeen of danda'uuf jiru babal'isuudha. Keessumaa qonnaafi agro-industirii, oomishaafi walitti qabaa, ijaarsaa, albuudaafi enerjii, faayinaansii, tajaajila dijitaalaafi tuurizimii keessatti invastimantii tarsiimawaa babal'isuun, qabeenya Oromiyaa keessaa gatii dabalataa guddaa kan umuudha. Walumaagalatti, ce'umsichi “dhaabbata mootummaa bulchuu” irraa gara “qabeenya mootummaa tarsiimoon invast gochuudhaan badhaadhina dhalootaa uumuutti” ce'uudha. Mootummaan Naannoo Oromiyaa qabeenya jiru eeguu qofa osoo hin taane, qabeenya jiru gara qabeenya haaraatti, qabeenya haaraa gara kaappitaalaatti, kaappitaala ammoo gara carraa hojii, oomisha, galiifi badhaadhina ummataatti jijjiiruuf sirna haaraa ijaaraa jira. Milkaa'inni sirna kanaa bulchiinsa gaarii, iftoomina, itti gaafatamummaa, raawwii irratti hundaa'e hoggansa, invastimantii sirriifi hirmaannaa waloo irratti hundaa'a.
1
11
No text...
964
12
Raawwii bara hojii 2018 ilaalchisee gabaasni dhiyaate akka agarsiisutti, gama galii mootummaa guddisuutiin bu'aan hojii jajjabeessaan galmaa'eera. Galiin mootummaa gosa adda addaa irraa walitti qabame kan bara darbe caalaa dhibbeentaa 60 ol dabaluun, qarshii bil 312.6 walitti qabuuf karoorfame keessaa qarshii bil. 334.7 ol walitti qabamuun karoora ol raawwachuun danda'ameera. Buusaa Gonofaa Oromiyaatiin qarshii biiliyoona 1 ol walitti qabamuun kan danda'ame yoota'u, hojiiwwan tola ooltummaa qarshii biiliyoona 400'tti tilmaamamuun raawwatamaniiru. Gama bu'a qabeessummaa tajaajila mootummaa fi kenna tajaajilaa fooyyessuutiinis hojiiwwan bu'uuraa hedduun raawwatamanii jiru. Sirni mootummaa caasaa gandaa cimee hojiirra ooluun, tajaajilli Kenna Tajaajila Iddoo Tokkoo bal'inaan diriirfamuun, sirni bittaa mootummaa dijitaalomuufi tarkaanfileen mootummaa jijjiiramaan fudhataman kanneen biroo bu'a qabeessummaa tajaajila mootummaa daran dabalaa kan jiraniidha. Gamaaggamicha irratti kan argaman Pirezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii,  gamaaggama xumura waggaa qofa osoo hin taane, xumura marsaa mootummaa filannoo kanaa ta'uun adda akka isa taasisu ibsanii, ciminootaafi hanqinoota adda baasuun bu'uura karoora bara hojii itti aanufi marsaa mootummaa dhufuuf akka oolu himaniiru. Obbo Awwaluun milkaa'ina galmaa'eef bu'uura wantoonni ta'an keessaa hoggansa kutannoofi dandeettii qabu, karoora raawwii waliin hidhata cimaa qabu, hojii sirna hojimaataafi qajeelfamoota irratti hojjetame, akkasumas hirmaannaafi mootummaa irratti amantaa ummanni qabu ta'uu ibsaniiru. Milkaa'inni kunis caasaa mootummaa qofaan kan dhufe osoo hin taane, tumsa ummataafi qaamolee hundaatiin kan dhugoome ta'uu ibsan. Dhumarratti, hojii fuulduraaf kutannoo hoggansaa sadarkaa garaagaraa, dilbii naannichaa guutummaatti adda baasuufi fayyadamuu, harkifannaa hojii sirreessuu, bu'a qabeessummaa irratti caalaatti xiyyeeffachuu, imaammataafi tarsiimoo mootummaa hojii qabatamaatti hiikuun raawwachuu, akkasumas hordoffiifi deeggarsa pirojektootaa cimsuun xiyyeeffannoo adda kan barbaadu ta'u eeranii jiru. #oromiapresidentoffice2026
681
13
Gamaggamni raawwiin hojii bara 2018 Kilaastara Bulchiinsaafi Horataalee Mootummaa (Oromia Sovereign Fund) gaggeeffame. Gamaag+9
Gamaggamni raawwiin hojii bara 2018 Kilaastara Bulchiinsaafi Horataalee Mootummaa (Oromia Sovereign Fund) gaggeeffame. Gamaaggamni kun gabaasa raawwii waliigalaa Kilaastara Bulchiinsaafi Horataalee Mootummaa irratti kan xiyyeeffate yoota'u, bu'aawwan galmaa'an, hanqinoota mul'atanfi kallattii hojii gara fuulduraa irratti qorannoon taasifameera.
601
14
Gama biraatiin, sagantaan dhiyeessa nyaata barattootaa bu'aa gaarii galmeessuu danda'eera. Karoora kuntaala mil. 2.35 keessaa kuntaalli miiliyoona 2.65 ol dhiyaachuun karooraa ol raawwatameera. Gama qonna Buusaa Gonofaatiin ammoo lafti hkt. 3,160 qotamuun baasii mootummaa qarshii mil. 23 ol qusachuun danda'ameera. Akkasumas, hojiiwwan bu'uuraalee misoomaa cimsan akka ijaarsa manneen kuusaa, bittaa tiraaktarootaa, kombaayinarootaafi konkolaattota hojii Buusaa Gonofaaf oolan bitamuun fayidaa dhaabatichaaf oolaa jiru. Gamaaggama raawwii kana irratti haasaa kan taasisan Pirezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii, raawwiin hojii Buusaa Gonofaa Oromiyaa bu'aa jajjabeessaa ta'uu ibsanii, bu'aan argame itti fufiinsa akka qabaatuuf qulqullina raawwiifi bu'a qabeessummaa irratti caalaatti hojjechuun barbaachisaa ta'uu hubachiisaniiru. Obbo Awwaluun Buusaa Gonofaa Oromiyaa mootummaafi ummata gidduutti bu'uura wal-amantaafi wal-gargaarsaa cimaa ta'uun ijaarame jechuun ibsanii, sirni kun deeggarsa yeroo qofa osoo hin taane wabii nageenya nyaataa, of-danda'uu hawaasaafi bu'uura misooma waaraa ta'uu qaba jedhaniiru. Akkasumas, hojiiwwan akka sassaabbii buusii, deeggartoota sirnaan adda baasuu, buqqaattoota deebisanii qubachiisuufi invastimantii irraa galii maddisiisuu irratti hojii gaariin hojjetame jechuun dinqisiifatanii, gama biraatiin sirna odiitii cimsuu, qabeenya eegsisuufi to'annoo ammayyaa teknolojiin deeggarame kan akka GPS, moosaajiifi kaameraa nageenyaa fayyadamuun hojii hordoffiifi to'annoo caalaatti cimsuun barbaachisaa ta'uu himan. Dhumarratti, ummanni keenyaa Buusaa Gonofaa ijaaruun aadaa wal-gargaarsaa duudhaa irraa madde gara humna hawaas-diinagdeefi wabii misoomaatti jijjiire jechuun galateeffatanii, Gadisa Buusaa Gonofaa, hoggansi mootummaa sadarkaan jiruufi hojjettoonni hundi amanamummaa ummanni isaanirra kaa'e hojii qabatamaan deebisuu akka qabanis dhaamanii jiru. #oromiapresidentoffice2026
653
15
Gabaasni raawwii hojii bara 2018 Gadisa Buusaa Gonofaa bakka Pirezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu+4
Gabaasni raawwii hojii bara 2018 Gadisa Buusaa Gonofaa bakka Pirezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii argamanitti dhiyaachuun qorannoon irratti gaggeeffame. Raawwii dhiyaateen miseensota Buusaa Gonofaa namoota dhuunfaafi jaarmiyaalee adda addaa irraa horachuuf karoorfame mil. 1 ta'us, hojii jajjabeessaa dalagameen miseensonni miiliyoona 2.ol ta'an horatamuu danda'aniiru. Gama buusii miseensotaatiin birrii bil. 3 walitti qabuuf karoorfamee, birrii bil. 2.9 raawwii dhibbeentaa 98 galmaa'eera. Akkasumas gama Gumaataatiin birrii biiliyoona 2.4 karoorfamee, birrii biiliyoona 2 walitti qabamuun raawwiin dhibbeentaa 82 galmaa'uu danda'eera. Gama kaayyoo dursaa dhaabbatichaatiin hawaasa balaan garaagaraa mudate deebisanii bayyanachiisuutiin namoonni kuma 43'fi 450 gara qe'ee isaanii deebisuuf karoorfame keessaa namoonni kuma 39'fi 560 raawwiin dhibbeentaa 90 galmaa'uun jireenyi isaanii akka deebi'ee dandamatu taasifameera.
641
16
Bu'uura kanaan, bara 2011 irraa eegalee, Labsii Naqamteetiin Inisheetiviin Misooma Bunaa hojii irra oolchuun sirna omisha bunaa guutuu haaromseera. Kunis, gosoota bunaa filatamoo babal'isuu, mala qabiinsaafi funaansaa ammayyeessuu, sadarkeessuufi qulqullina bunaa dabaluu, akkasumas cancaala omishaa oyiruu irraa hanga gabaa giddugaleessaafi idil-addunyaatti jiru hordoffiifi deeggarsa garaagaraa taasisuu hammata. Hojiileen kunneen waggoota muraasa booda bu'aa qabatamaa argamsiisuu eegalaniiru. Omishni bunaa naannichaafi qulqullinni isaa waggaa irraa gara waggaatti dabaluu qofa osoo hintaane qulqullinniifi fayyadamummaan qote bulaa keenyaa dabalaa dhufeera. Qoonni Oromiyaan al-ergii bunaa biyyaa keessatti qabu adadaan dabalaa kan dhufe yoota'u, bara 2018 raawwii ji'oota 10'tiin toonii 183,557.39 gabaa idil-addunyaa qaqqabuun galiin doolara biliyoona 1.232 ol irraa argamuu danda'eera. Akkasumas milkaa'inni akka biyyaatti shara alaa galii bunaarraa argameen galmaa’e, jalqabbiin mootummaan jijjiiramaa inisheetivii bunaa irratti xiyyeeffatee raawwachaa ture milkaa'aa jiraachuu kan ragaa bahuudha. Fuuldurattis omisha bunaa saayinsii, teknoolojiifi kalaqaan deeggaruun, qulqullina isaa daran guddisuun, gabaa idil-addunyaatti dorgomtummaa isaa cimsuun, fayyadamummaa qonnaan bulaafi guddina dinagdee naannichaa daran saffisiisuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojii isaa cimsee kan ittifufu ta'a. #oromiapresidentoffice2026
1 079
17
Inisheetivii Bunaa: Bu'uura Utaalchoo Al-ergii Biyyaa Keenyaa Itiyoophiyaan yeroo jalqabaaf al-ergii bunaatiin galii doolaara+4
Inisheetivii Bunaa: Bu'uura Utaalchoo Al-ergii Biyyaa Keenyaa Itiyoophiyaan yeroo jalqabaaf al-ergii bunaatiin galii doolaara Ameerikaa biiliyoona 3 ol argachuun seenaa haaraa galmeessite. Milkaa'inni kun carraa tasaa osoo hintaane, bu’aa imaammataa sirrii, cimina qonnaan bulaafi hoggansa tarsiima’oo mootummaa jijjiiramaati. Naannoon Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa, qooda olaanaa omisha bunaa biyyattii keessaatti qabu hubachuun, oomishtummaafi dorgomtummaa idil-addunyaa omisha bunaa dabaluuf tarkaanfiilee tarsiima'oo fudhachaa tureera. Kaayyoon isaa baay'ina omishaa qofa dabaluu osoo hintaane, qulqullina bunaa guddisuun, galii qonnaan bulaa fooyyessuu akkasumas sharafa alaa dabaluun ce'uumsa dinagdee mirkaneessudha.
917
18
Galmi Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa invastimantii hawwatuu qofa miti; omisha keenya gabaa baldhaan walqabsiisuu, dorgommummaa c
Galmi Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa invastimantii hawwatuu qofa miti; omisha keenya gabaa baldhaan walqabsiisuu, dorgommummaa cimsuufi sharafa alaa maddisiisuudha.  Gadaan bakka invastimantiin itti qubatu qofa osoo hintaane, karra oomishni gara gabaa idil-addunyaatti itti ba’u ta’uuf socho’aa jira- Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii MNO WhatsApp Channel Prz'tii MNO Ob. Shimallis Abdiisaa hordofaa: https://whatsapp.com/channel/0029Vb8Bdwb2Jl8DO0bjWF0h
1 131
19
Magaaloonni Oromiyaa inisheetivoota kanaan dilbii magaalonni qaban sirnaan fayyadamuun, galmoota kan akka wabii nyaataa mirkaneessuu, carraa hojii umuufi galii lammiilee guddisuu milkeessuuf hojjii bal’aa hojjachaa jiru. Kilaastaroonni adda addaa akka horsiisa lukkuu, loon aannanii, furdisa sangaafi omisha biroo irratti xiyyeeffachuun qajeeltoo “ariitii, qulqullinaafi baay’ina” jedhuun hogganamuun milkaa'aa jiru. Tarkaanfiwwaan kun magaalaa keessatti illee aadaa hojii jijjiiruurratti  argamu. Hojiiwwan eegalaman kunneen humna godhachuun akka sirnoomaniifi galma qabamaniif ga'aniif immoo dhaabbileen qorannoofi leenjii akka Kolleejjii Ogummaa Teekinikaa Qonna Ardaayitaa hirmaachisuun, teekinolojii ammayyaa babal’isuufi dandeettii oomishtummaa cimsuurratti hojjatamaa jira. Agarsiisa muraasaan jijjiirama dhufe yoo ibsame: bara 2016, yeroo jalqabaaf Oromiyaatti kilaastaroota horsiisa lukkuu 9,328 ijaaruun lukkuu mil. 37 galchuun, fayyadamtoota kuma 374fi 556'n jalqabame. Hanga bara 2018 kurmaana sadaffaatti immoo, lakkoofsi kilaastaraa gara kuma 82fi 916'tti, lakkoofsi lukkuu gara mil. 139.6 oliitti guddachuun namoota mil. 1.158 ol fayyadamaa taasisaa jira. Gama furdisa loonitiin, bara 2016 keessa kilaastaroota 2,784 ijaaruun loon kuma 244 ol kan furdifamaa ture yoota'u, fayyadamtoota kuma 117fi 708 inisheetivii kana keessatti hirmaachaa turan. Hanga bara 2018 kurmaana sadaffaatti, lakkoofsi kilaastaraa gara 69fi 158'tti, loon foonii gara mil.2 oliitti fayyadamtoota kuma 660fi 732 qaqqabuu danda’ameera. Gama biraan, bu'aawwan gama horsiisa loon aannanii, booyyee, akkasumas ijaarsa poondii qurxummiitiin galma'aa jiranis galmoota mootummaa qabate milkeessuu cinaatti ummata kallattiidhaan fayyadamaa kan taasiseedha. Walumaagalatti, hojiiwwan gama biraatiin magaalonni hojjatan heddu ta'us, gama inisheetivoota misooma magaalatiin, magaalonni Oromiyaa omisha baadiyyaa eeggachuu irraa gara ofii isaanii omishanii gabaaf dhiyeessuutti ce’aa jiru. Kunis magaalota gara wiirtuu carraa, omishaafi badhaadhinaatti ceesisuu keessatti bu’uura cimaa kaa’eera. Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojii eegale kana itti fufsiisuun, dilbii jiru duguugee fayyadamuuf, akkasumas galma gama dinagdeen qabame dhugoomsuuf libsuu malee xiyyeeffannoo caaluun kan hojjatu ta'a. Suuraa: Ijaarsa kilaastara magaalaafi hojii qonna magaalaa Magaalaa Roobeefi Magaalaa Amboo #OromiaPresidentOffice
994
20
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, ce'umsa dinagdee dhugoomsuuf dursee rakkoo caasawaa turan hundeerraa furuu irratti argama. Bu'uu+4
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, ce'umsa dinagdee dhugoomsuuf dursee rakkoo caasawaa turan hundeerraa furuu irratti argama. Bu'uuruma kanaan, imaammataafi tarsiimoo ifa ta’e diriirsuun magaalota gara wiirtuu omishaa, ogummaafi daldalatti ceesisuuf hojii bal’aa hojjachaa jira. Tarkaanfiwwan kana keessaa inni ijoon, inisheetivoota misooma magaalaa keessatti hammataman yoota’u, bara 2016 eegaluun bu’aawwan fayyadamummaa ummataa mirkaneessan galmeessaa jira.
722