cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Kidane Law Office.

My Mission Is to Serve Justice.

Show more
Finland3 489The language is not specifiedLaw8 408
Advertising posts
277
Subscribers
No data24 hours
+17 days
+430 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

📎Murtii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Daddacha ijibaataa galmee lakk 208865. 📎Ijaarsa Waldaa Mana jireenyaatiif Iddoo ijaarsa manaa argachuuf miseensa waldaa ta’anii dabaree eegaa osoo jiranuu sababa hojiitiin gara iddoo hojii birootti jijjiramuun isaanii miseensa waldaa mana jireenyaa keessaa kan hin haqsiifne ta’uu hikkoo seeraa kenneera. 📎የፌደራል ጠቅላይ ፍርድ ቤት ሰበር ሰሚ ችሎት በመዝገብ ቁጥር 208865 📎በማኅበር ተደራጅቶ የቤት መሥሪያ ቦታ ለማግኘት በመጠባበቅ ላይ እያሉ በሥራ ወደ ሌላ ቦታ መዘዋወር ከመኖሪያ ቤት ኅብረት ሥራ ማኅበር አባልነት የሚያሰርዝ ስላለመሆኑ የሰጠው አስገዳጅ የሕግ ትርጉም፡፡
Show all...
Waldaa_Mana_jireenyaa_ilaalchisee_&_የማህበር_ቤት_በተመለከተ_208865.pdf6.09 KB
📎የፍትሐብሔር ጉዳዮችን የተመለከቱ የክስ፣ የመልስ፣ የይግባኝ፣ የአፈጻጸም፣ የሰበር፣ የውሳኔ እና የትዕዛዝ ፎርሞች፡፡ 📎Dhimma Hariiroo Hawaasaatiin wal-qabatee foormiilee himannaa, deebii, oliyyannoo, Raawwii, Murtii fi ajaja.
Show all...
የፍትሐብሔር_ጉዳዮችን_የሚመለከቱ_ፎርሞች.pdf6.26 MB
13_Qajeelfama_Bulchiinsa_Nagahee_Mootummaa_Lakk_FA_01_2005_Autosaved.pdf1.75 KB
Leenjii hammata Seeraa Bulchiinsa Faayinaansii Mootumaa.pptx6.22 KB
10. Gabaasaa odiitii.ppt2.02 MB
𝐋𝐚𝐰 𝐎𝐟 𝐂𝐫𝐢𝐦𝐢𝐧𝐚𝐥 𝐏𝐫𝐨𝐜𝐞𝐝𝐮𝐫𝐞 ✅𝗣𝗿𝗶𝗻𝗰𝗶𝗽𝗹𝗲,𝗥𝘂𝗹𝗲 𝗮𝗻𝗱 𝗣𝗿𝗮𝗰𝘁𝗶𝗰𝗲. By:𝘚𝘪𝘮𝘦𝘯𝘦𝘩 𝘒𝘪𝘳𝘰𝘴 𝘈𝘴𝘦𝘧𝘢. @musalawyer
Show all...
Simeneh Kiros Criminal Procedure.pdf2.17 MB
kafaltii abbaa seerummaa dhimma dhaalaa.pdf4.83 KB
Seera Ijaarsaa Keessatti Waraqaan Ragaa Walharkaa Fuudhinsa Dhumaa (Final Acceptance Certificate) Kontiraakteraaf Kennamuun Wabummaa Seeraa Hanqina Dhokataa (Latent Defect) Suphuuf (Sirreessuuf) Kennamu Irratti Dhiibbaa Ni Qabaataa? *$$*$$$$$$$$**$$* ........itti fuftee... Fakkeenyaaf, hojiin haala yaa'insi dhangala'aa ilaalchisee hojjetamuu qabu tokko bu’uura ijaarsichaa keessa seenee akka miidhaa hin dhaqqabsiisneef haala gahaa ta’een kan hin hojjetamne yoo ta’e, hanqinni hojii ijaarsaa akkasii kun battala qorannoonijaafi sakatta’iinsi jalqabaa taasifamutti haala salphaa ta’een argamuu dhiisuu mala. Hanqinni kun boodarraa deemsa keessa mul'achuufi tajaajila ijaarsichaa irratti dhiibbaa qabaachuudanda'a. Hanqina akkuma ijaarsi xumurameen battalatti hin mul'anne kun 'Latent defect' jedhamee kan beekamu yemmuu ta'u, hanqinni battaluma ijaarsi xunurametti qorannoo ijaa ykn sakatta'iinsa meeshaatiin mul'achuu danda'u garuu 'Apparent (Patent) defect' jedhama.Hanqinaalee dhokataan ykn hin mul'anne kun baasii suphaa guddaa baasisuu ykn qaamni ijaarsichaa tajaajila hojjetameef akka hin kennine taasisuudhaan ijaarsicha balaarra buusuu danda'u.Hanqinaaleen wabummaan taasifameefis kanneen akkanaa ilaallata jechuudha. .......itti fuftee dubbisuu yoo barbaadde PDF olii (👆👆) tuqi!              Desalegn B.
Show all...
𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐖𝐚𝐥𝐢𝐢𝐠𝐚𝐥𝐚 𝐅𝐞𝐝𝐞𝐫𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐚 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐠𝐚𝐥𝐦𝐞𝐞 𝐥𝐚𝐤𝐤 235419 𝐭𝐚'𝐞 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐊𝐞𝐧𝐧𝐚𝐦𝐞 ( 𝐇𝐢𝐧 𝐌𝐚𝐱𝐱𝐚𝐧𝐟𝐚𝐦𝐧𝐞). 🔰Dhaddachi Ijibaataa galmee kana irratti namni waldaa dhunfaa itti gaafatamummaan isaa murtaa'e keessaa qooda (share) qabuu fi akkasumaas walduma kana keessa hojjatu sababa waldicha keessaa qooda (share) qabuuf mirgoota hojjataan tokko akkaataa labsii hojjataa fi hojjachiisaa labsii lakk 1156/2011 ttiin argachuu qabuu fi labsicha jalatti tumamee jiru hin dhabu yokiin hin dhoorkamu jechuun labsii kana keewwata 3(2) waliin walqabsiisuun murteesee jira. ✅Akkaataa labsii hojjataa fi hojjachiisaa keewwata 3(2,F) jalatti tumamee jirutti dhimmoota labsichi irratti raawwatamu keessa hariiroo hojjataa fi hojjachiisaa waliigaltee dhunfaa namni kafaltaan hojii daldalaa yokiin hojii itti gaafatamummaa ogummaa mataa isaatiin raawwatuu dha. ✅Hojjataan tokko hariiroon inni akka nama qooda (share) waldaa sana keessaa qabuu tokkoti walidicha waliin qabuu fi hariiroon inni akka nama waldicha keessa hojjatuu fi hojjataa waldaa kanaati waldichaa waliin qabu adda adda tahuun isaa hubatamuu qaba jechuun dhaddachi ijibaataa murtii galmee kana irratti kanneen bal'inan ibseera. ✍By @musalawyer 🔰𝘽𝙖𝙧𝙣𝙤𝙤𝙩𝙖 𝙎𝙚𝙚𝙧𝙖𝙖 𝙛𝙞 𝙤𝙙𝙚𝙚𝙛𝙖𝙣𝙣𝙤𝙤 𝙙𝙝𝙞𝙢𝙢𝙤𝙤𝙩𝙖 𝙨𝙚𝙚𝙧𝙖𝙖𝙩𝙞𝙣 𝙬𝙖𝙡𝙦𝙖𝙗𝙖𝙩𝙖𝙣 𝙠𝙖𝙢𝙞𝙮𝙮𝙪𝙪 𝙞𝙩𝙩𝙞 𝙛𝙪𝙛𝙞𝙣𝙨𝙖𝙖𝙣 𝙖𝙧𝙜𝙖𝙘𝙝𝙪𝙪𝙛 𝙛𝙪𝙪𝙡𝙖 𝙩𝙚𝙡𝙚𝙜𝙞𝙧𝙖𝙖𝙢𝙞𝙞 𝙠𝙚𝙚𝙣𝙮𝙖𝙖 𝙡𝙞𝙞𝙣𝙠𝙞𝙞 𝙖𝙧𝙢𝙖𝙖𝙣 𝙜𝙖𝙙𝙞 𝙠𝙖𝙣𝙖 𝙟𝙤𝙞𝙣 𝙜𝙤𝙘𝙝𝙪𝙣 𝙝𝙤𝙧𝙙𝙖𝙛𝙖𝙖. 👉https://t.me/musalawyer
Show all...
#Dhimmoota_Yakkaa_Jaarsummaadhaan_Yookiin_Araaraan_Xumuramuu_Danda'an: ✔️Maqaa gaarii nama biroo irratti miidhaa dhaqqabsiisuun yakka raawwatamu,seera yakkaa keewwata 717(1); ✔️Yakka ibsootaa fi beeksisoota amala gaariif faallaa ta'an seera yakkaa keewwata 643 bira darbuun raawwatamu; ✔️Yakka sagaagalummaa,Seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 652(1) bira darbuun raawwatamu; ✔️Himannaa yakka arrabsoo fi salphisuu,seera yakkaa keewwata 615 irra darbuun raawwatamu; ✔️Yakka arrabsoo fi sobaan maqaa balleessuu fi salphisuu hojjataa mootummaa yookiin jaarmiyaa mootummaa irratti raawwatamu,keewwata 618; ✔️Yakka kabaja namoota badanii yookiin du'anii tuquu raawwatamu,Seera yakkaa keewwata 619; ✔️Yakka maqa balleessuu fi hamii sobaa,keewwata 613; ✔️Yakka mirga dhuunfaa walii barreessuu ykn qunnamtii sarbuu,Seera yakkaa keewwata 606(1); ✔️Yakka sanadoota balleessuu raawwatamu,seera yakkaa keewwata 380(1); ✔️Iccitii Sababa ogummaa yookiin hojiin beekame ibsuu,yakka seera yakkaa keewwata 399 bira darbuun raawwatamu; ✔️Yakka doorsisa himachuu yookiin salphisuu,seera yakkaa keewwata 581 bira darbuun raawwatamu; ✔️Yakka harka darbuu,keewwata 560; ✔️Yakka nama sodaachisuun raawwatamu,seera yakkaa keewwata 580; ✔️Yakka meeshaa osoo hin fayyadamin miidhaa qaamaa salphaa itti yaadamee seera yakkaa keewwata 556(1) bira darbuun raawwatamu; ✔️Haala hin malleen kasaaruu ilaalchisee abbaa idaa galmee daldalaa irratti hin galmoofne irratti himannaa dhihaatu,seera yakkaa keewwata 726(3); ✔️Himannaa dorgommii daldalaa hin malle,seera yakkaa keewwata 719; ✔️Yakka waliin dhahuun idaa kanfaluu dadhabuu,seera yakkaa keewwata 725; ✔️Amantaa ummataatti fayyadamuun Jinniin siif harkisa yookiin falfala sirraa kuffisa,hiree kee sitti hima,Urjii siif lakkaa'a,hiree kee fuulduraa siif ibsa,ekeraa siif dubbisa fi kkf jechuun gowwoomsuu yakka raawwatamu,seera yakkaa keewwata 700; ✔️Ibsaawwan sobaa miidhaa geessisan raawwachuu,keewwata 718; ✔️Faayidaa argatta jechuun sossobuun nama biroo kakaasuun yakka raawwatamu,seera yakkaa keewwata 704(1); ✔️Namoota dandeettii hin qabne hojii qabeenya isaanii miidhu akka raawwatan kakaasuun yakki raawwatamu,seera yakkaa keewwata 705; ✔️Gocha rakkoo ol'aanaa yookiin hirkattummaa dubartiin tokko qabdu sababa godhachuun yakki raawwatamu,seera yakkaa keewwata 625; ✔️Qabeenya nama biroo irratti miidhaa salphaa geessisuu,yakka seera yakkaa keewwata 689 bira darbuun raawwatamu; ✔️Fuudhaa fi heeruma dabaan yookiin gowwoomsuun raawwatamu,yakka seera yakkaa keewwata 646(2) bira darbuun raawwatamu; ✔️Yakka qabeenya namaa irratti jeequmsa raawwachuu,seera yakkaa keewwata 686(1).👉Jeequmsi yeroo raawwatamu humnii fi doorsisni yoo jiraate immoo yakka haala kanaan raawwatameef araarri hin danda'amu,seera yakkaa keewwata 686(2); ✔️Hojii karra tokkoon qabeenya nama biroo irratti miidhaa geessisuu,yakka seera yakkaa keewwata 685(1) bira darbuun raawwatamu; ✔️Qabeenya badee argame kan ofii taasisuun yakka raawwatamu,seera yakkaa keewwata 680(1); ✔️Qabeenya nama biroo argatanii dhoksuu,seera yakkaa keewwata 679; ✔️Seeraan ala qabeenya nama birootti tajaajilamuu,yakka seera yakkaa keewwata 678 bira darbuun raawwatamu; ✔️Meeshaalee qabeenya waliinii ta'an hatuu,yakka seera yakkaa keewwata 667 bira darbuun raawwatamu; ✔️Miseensa maatii jidduutti yakki raawwatamu himannaa dhihaatu,seera yakkaa keewwata 664(1); ✔️Dirqama qallaba kennuu raawwachuu dhabuu,yakka keewwata 658 bira darbuun raawwatamu; ✔️Nama biroo fedhii isaatiin ala Alkoolii ykn Baalawwan Sammuu adoochan ykn qoricha kennuu ykn mala biroo kamiyyuu fajajeessuun dandeettii yaaduu ykn murteessuu nama sanaa dhorkuu,yakka seera yakkaa keewwata 583 bira darbuun kan raawwatamanii fi kkf fa'aadha. ✍️Dhimmootni kunneen iyyannoo dhuunfaan kan dhihaatan(crime punishable up on formal complaint) waan ta'aniif,dhimmoota sadarkaa kamittuu murtiin dura araaraan xumuramuu kan danda'aniidha.
Show all...
𝐒𝐚𝐛𝐚𝐚'𝐢𝐟 𝐆𝐮𝐲𝐲𝐚𝐚𝐬𝐚𝐚 𝐇𝐮𝐧𝐝𝐚𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐋𝐚𝐰 𝐑𝐨𝐨𝐦 (𝐎𝐫𝐨𝐦𝐢𝐚 ,𝐄𝐭𝐡𝐢𝐨𝐩𝐢𝐚 & 𝐖𝐨𝐫𝐥𝐝)

𝐀𝐛𝐨𝐮𝐭-𝐋𝐚𝐰 𝐢s a 𝐋eading 𝐄-𝐋egal 𝐒ervice 𝐏odium, 𝐖hich 𝐢s 𝐒et 𝐔p 𝐛y 𝐒𝐚𝐛𝐚𝐚'𝐢𝐟 𝐆𝐮𝐲𝐲𝐚𝐚𝐬𝐚𝐚 𝐇𝐮𝐧𝐝𝐚𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐭o 𝐏rovide 𝐕arious 𝐋egal 𝐒ervices! (𝐎𝐑𝐎𝐌𝐈𝐀,𝐄𝐓𝐇𝐈𝐎𝐏𝐈𝐀 & 𝐖𝐎𝐑𝐋𝐃) Contact Us:- 𝐅𝐚𝐜𝐞𝐛𝐨𝐨𝐤:

𝗛𝗶𝗺𝗮𝗻𝗻𝗮𝗮 𝘁𝗼𝗸𝗸𝗼 𝗶𝗿𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗼𝘀𝗼𝗼 𝗷𝗶𝗱𝗱𝘂 𝗹𝗶𝘅𝗮𝗮𝗻 𝗙𝗮𝗹𝗺𝗶𝗶 𝗝𝗶𝗱𝗱𝘂𝘂 𝗹𝗶𝘅𝗲𝗲 𝗳𝗮𝗹𝗺𝗮𝗮 𝗷𝗶𝗿𝘂𝘂 𝗵𝗶𝗺𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗳𝗶 𝗵𝗶𝗺𝗮𝘁𝗮𝗺𝗮𝗮𝗻 𝗱𝗵𝗶𝗺𝗺𝗮 𝘄𝗮𝗹𝗱𝗵𝗮𝗯𝗱𝗲𝗲 𝗶𝘀𝗮𝗮𝗻𝗶𝗶 𝗮𝗿𝗮𝗮𝗿𝗮𝗻 𝘅𝘂𝗺𝘂𝗿𝗮𝘁𝗮𝗻𝗶𝗶 𝗵𝗶𝗺𝗮𝘁𝗮𝗮𝗻 𝗵𝗶𝗺𝗮𝗻𝗻𝗮𝗮 𝘆𝗼𝗼 𝗸𝗮𝗮𝘀𝗲 𝗝𝗶𝗱𝗱𝘂 𝗹𝗶𝘅𝗮𝗮𝗻 𝗮𝗸𝗸𝗮𝗺 𝘁𝗮𝗵𝗮? 🔰Jiddi lixummaan sirna gareen sadaffaan miseensaa falmii bu'ura hin tahin garuu falmicha irraa mirga yokiin dantaa ni qabna jedhan dantaa yokiin mirga sana kabaachiifachuuf murtiin dura hayyama mana murtiitin falmii keessa itti seenaniidha. 📌Kanaan dura waa'ee jiddu lixummaa fi ulaagaa isii bal'inaan barreefama qophesine maxxansine waan ta'eef bal'inaan isa keessa hin seenu. 📌sababni bu'ura inni guddaan jiddu lixaan tokko falmicha irraa dantaa yokiin mirgaan qaba jedhe jidduu lixee falmatuuf jidduu lixaan murtii dhimmicha irratti kennamuun kan miidhamuu danda’u yoo ta’e, Murtii kennamuun jiddu lixati itti gaafatamummaan tokko kan itti dhufu yoo ta'e fi akkasumaas murtichi kallattiin jiddu lixaa irratti kan raawwatamu yoo ta’ee fi jiddu lixaa himata biraa dhiheessuu kan isa daangeessu yoo ta’e dha. ✅Jiddu lixaan himannaa biraa dhiyeefachuun mirga isaa kabachiifachuu yoo danda'e sabani falmii nama lama jidduti ademsifamaa jiru keessa seenee falmuuf hin jiru jechudha. 👉Dhaddachi ijibaataatis jildii 16ffaa irratti haala kanaan kan murteese ture tahu isaa barreefama kanaan dura waa'ee jiddu lixummaa irratti barresine keessatti ibsine turuun keenya ni yaadatama. 📌Giddu lixaan falmii jidduu seenee kan falmatuuf abbaa mirgaa ta’uuf osoo hin taane falmii mirga yokiin dantaa isaa miidhuu danda’u ofirraa dhaabuuf qofa jechuudha. 📌Amma asiratti wanti hubatamuu qabu akkaataa jiddu lixaan dantaa yokiin mirga isaa falmii jiddu seenee itti kabachiifatu kana. 👉jiddu lixaan yoo barbaade qabeenyi falmii kaase himataa waliin qabna jechuun himataa faana galuun dhimmicha irratti falmii gaggeessee mirga isaa kabachiifata. 👉Jiddu lixaan qabeenyi falmii kaase himatamaa walin qabna jechuun himatamaa faana tahuun dhimmicha irratti falmii gaggeessee mirga isaa kabachiifata. 👉Jiddu lixaan qabeenyi gareen lameen irratti wal falman kun kan dhunfaa kiyyaati yoo jedhees dhunfaan mataa isaatin garee lameen falleessuun falmatee mirga yokiin dantaa isaa kana kabachiifata jechuudha. 👉Jiddu lixaa murtiin kennamu akkaataa birootiin kan mirga isaa miidhu yoo ta'ees akkaatuma saniin falmatee kan mirga isaa kabachiifatu taha jechuudha. 🔰Gama dhimma gaaffii kaaseti yeroo deebinu gaaffiin ka'e dhimma falmii kaase irratti himataa fi himatamaan araaran xumuratani himataan himannaa isaa yoo kaase jiddu lixaan akkam taha? Manni murtii dantaa yokiin mirga jiddu lixaatiif jecha dhimmicha itti fufee iaaluun murtii kennu ni danda'a? Kan jedhuudha. ♦️Qabxiileen olitti kaasun barreesine kunis dhimma gaaffii ta'e kana siritti hubachuuf ka'umsa akka nuuf ta'uufi. ✡Dhimma gaaffii kaase kana irratti Manni Murtii Waliigala federaalaa dhaddachi ijibaataa lakk galmee 211506 ta'e irratti dhaddacha gaafa 4/2/2015 ooleen Murtii manneen murtii jalaa sababa himataa fi himatamaan araaramaniif jiddu lixaan himannaa biraa dhiyeefate mirga isaa kabachiifachuu qaba malee sababni galmee kana itti fufne murtii kenninuuf hin jiru jechuun murteessan dhaddachi ijibaataa murtiin kun kaayyoo seera adeemsa falmii kan faalleessu waan taheef manni murtii jalqaba dhimmicha ilaale galmee sochoosee falmii iddoo dhaabee itti fufuun gaaffii jiddu lixaan gaafate irratti murtii itti fakkaate haa kennuu jechuun bu'ura SDFHH keewwat 341 ttiin murtii jalqaba kenname diiguun galmee qajeelfamaan gadi deebiseera. 🔰Murtii dhaddacha ijibaataa kana kaayyoo SDFHHH fi sirna jiddu lixummaa faana walbira qabuun yoo xinxaaltan akkamitti hubatan? ♦️Kaayyoo sirna jiddu lixummaa fi SDFHH waliin yoo ilaaltan sababni guddaan dhaddachi ijibaataa manni murtii jalaa falmii iddoo dhaabee itti fufee murtii itti fakkaate haa kennu jechuun galmee gadi deebiseef maali?
Show all...
Leenjii yakkoota Diinagdee.pptx2.40 KB
Leenjii Yakka Malaammaltummaa Irratti.ppt1.52 MB
Leenjii_sirna_dhagahaa_oliyyannoo_By_Elias_K_final_3_2.pptx4.31 MB
Leenjii naamuusaa.pptx4.71 KB
Leenjii Odiitii Maltee (Odiitii addaa)-1.pptx1.46 KB
Leenjii MMA Lafa Magaala Fi SDFHH by Elias Kasa (7).pptx1.23 MB
Proclamation No. 3/1995 Federal Negarit Gazeta Establishment Proclamation( Labsii Gazeexaa Nagaariit Hundeessuuf bahe Lakk. 3/1995)
Show all...
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.