cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Maasii Gabri'eel

Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tewaahidoo Kutaa Lallaba Salaalee mana lubummaa Dagamitti Mana Kiristaanaa Maasii Gabri’eel

Show more
Finland3 532The language is not specifiedReligion & Spirituality123 301
Advertising posts
245
Subscribers
No data24 hours
+17 days
+1130 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Maa, idoot
Show all...
DILBATA DU'AA KA'UMSAA BOODA HANGA TORBEE ISAATTI GUYYOONNI JIRAAN MOGGAASA MAAL JEDHAMU QABU??? 👉Wiixata:- Maa'idoot kan jedhamu yoo ta'u hiikaan isaas Ce'umsa ykn Darbuu jechuudha . 🔹 Guyyaa kana Faasigaatti Du'aa ka'umsa kiristoosiin Dukkaana gara ifaatti, du'arraa gara jireenyaatti, Si'ool irraa gara Gannataatti fi salphina irraa gara kabajaatti darbuu keenya ni yaadanna. 👉Kibxata:-Toomaas jedhama Guyyaa kanas Toomaas gooftaa keenya du'a isaa waan hin amaneef guyyaa kanatti yeroo ija isaan argee amanee fi gooftaa koo waaqa koo jedhee yeroo itti ragaa bahee ta'uusa yaadachuufiidha yoh 20:27-29. 👉 Roobii:- Alaazaar jedhama Guyyaa kanattis Du'aaf jireenya kan kennu gooftaan keenya kiristoos Alazaar guyyaa du'aa itti kase ni yaadanna . 🔹 kiristoos angoo du'aa kan jijjiru, mataa jireenyaa kan ta'e , sirna awwaalaa du'aa ka'umsaan kan balleessu fi injifannoodhaanis kan olbahe ta'uusaa guyyaa itti yaadannuudha. 👉Kamisa:- Kamisa Addaam jedhama .guyyaa kanatti Addaamiif Abdiin kan kennameefi waadaan galameefi turees kan itti raawwate akkasumas Addaamii fi ijoolleen isaa guyyaa itti bilisa baane kan itti yaadannudha. 👉 Jimaata:- Qulqulleetti mana kiristaanaa jedhama 🔹 Sababni isaas manni kiristaanaa keenya du'aa fi ka'umsa kiristoosiin kan hundeeffamte ta'uushee kan lallabamuu kiristoos waa'ee isheef dabarsee of kennuun aarsaa ta'ee dhiiga isaan qulqulleesse , du'aa ka'umsaa ammoo aangoo isheef laatee akka ishee kabaje kan itti dubbatamuudha. 👉Asirratti mana kiristaanaa jechuun gamoo osoo hin taane Amantootadha sababni isaa kiristoos kan du'eef gamoof waan hin taaneefidha . 👉 Sanbata xiqqaa/Qidaamee/ guyyaa kun guyyaa Bineeldota qulqulluu jedhama sababni isaas:-🔹 Bineeldotni qulqulluun qaama kiristoos urgooftuu dibuuf dukkana qaxxaamuranii gara awwaalchaa deemuu isaanii fi du'aa ka'umsa dursanii arguu isaani ni barsiifama. 👉 Dilbata :- Du'aa ka'umsa 2ffaa jedhama 🔹 kunis kiristoos yeroo 3ffaaf bartoota isaatti muldhate nagaa lallabuu isaa fi aangoo isaaniif laachuu isaa ni barsiifama . Irraa deebiidhaa baga ifa du'aa ka'umsa gooftaa geessan Share waliif taasisaa 👇👇👇 t.me/MaasiiGabrieel
Show all...
3
Kiristoos du'aa ka'ee, Humnaa fi aangoo isaatin ,seexana hidhe,Addam bilisa bahee,kana boodas nagaaf gammachuutu ta'e . Jiraata maaf warra du'an gidduu barbaaddu ? Inni ka'eera as hin jiru Luqaas 24:5 Baga ifa du'aa ka'umsa gooftaa keenya fayyisa keenya Iyesuus kiristoosiin geessan. Ayyaani kun kan nagaa ,kan jaalalaa fi kan tokkummaa nuuf haa ta'u ameen.‌‌ Christ rose from the dead, By His power and authority, He bound Satan, Adam was set free, and there was peace and joy. Why seek ye the living among the dead ? He is risen, he is not here Luke 24:5 Happy light of the resurrection of our Lord and Savior Jesus Christ. May this holiday be a holiday of peace ,love and unity for us amen.‌‌
Show all...
👏 2 1
GALANNI KIRSTOOSIIF Galanni kiristoosiif (3) isa du'a moo'ee ka'eefi Namni osoo hin xuqin dhigacha harka isaanii Boollichi baname raajii waaqummaani Dhugaan ukkamamee hin hafne gaditti Du'a moo'ee ka'e akka dubbatetti Dhagahame oboroon aduu dinqisiisaa Hin jiru ka'eera warra du'an keessaa Hin milkoofneef beeka dabaan hojii isaani Afaan qabachiise warreen ajjeesani Inni hin duune du'ee ka'e aangoo isaani Ka'umsaaf hangafa Iyysuus gooftaani Balballi si'oolii galmi isaa diigamee Bittaa diinaa jalaa lubbuun bilisoome Ifni ka'umsi isaa hundumaaf ifeera Gugungumuunis Barri isaa darbeera Duuni bara baraa humni isaa moo'ame Gara boqonnaattis galataan deebine F/ttuu Tigist Laggasaa 👇👇👇 t.me/MaasiiGabrieel
Show all...
👍 2👏 1
Durbee maariyaam qulqulleetti mi'ooftu yaa haadha mootii Mi'ooftu (2) yaa haadha mooti Ummamni hunduu si waammata waaqayyoo situ kadhata (2) Waaqayyoon(2)situ kadhata Mallattodha biyya keenyaTewaahidoon amanataa dhugaadha(2) Tewahidoon (2) amantaa dhugaa Fuula waaqa ni dhaabbata Gabri'eer nu'iif kadhata Gabri'eer (2) nu'iif kadhata Kan gargaarte izraa'eeli kootti araarani Mikaa'eel (2) koottu araarani Kiristoosiin amanamtee arseemaan kunoo nuuf dhuftee Arseemaan (2) kuno nuuf dhuftee Lafarraatti kan dhalatte yohaannis eenyuu Akki kee Yohaannis (2) eenyuu Akki kee Wareegamaa Giyoorgis nuuf koottu maaloo haar'asi Nuuf koottu (2) maaloo har'asii Kan kabaje qulqulloota ni argata gatii toloota Ni argaata (2) gatii toloota F/taa yoobsan 👇👇👇 t.me/MaasiiGabrieel @OrtoOroKoon
Show all...
Maasii Gabri'eel

Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tewaahidoo Kutaa Lallaba Salaalee mana lubummaa Dagamitti Mana Kiristaanaa Maasii Gabri’eel

DU'EE DU'A KOO Du'ee du'a koo kan hanbise magaa naaf laabse @OrtoOroKoon Aarsaa Abrahaamin eyyeen Nuti hin fayyine Jaalala waaqayyoo Kan ijaan arginee Guyyaansaa yoo gahu Dubreerra dhalatee Fannoorra kan oole Faayina nuuf laate Fannotti ol bahe nuuf dhiphate nu fayyifate Akka umamaatti Eyyee Gooftaan ilaalamee Dhiiga isaan na bitee Nagaan naaf labasamee Gidiraan waaqa koo Anatti mudhata Daandiin jireenya koo Isaan naaf mijata Uumamni hindumtuu si faarfataa nuuf dhiiste gooftaa Duraan kan yaadamte Eyyeen Yaada abbaa keessatti Haati Amaanu'eel Naafis haadha kooti At miidhagina koo Yaa dubree haadha koo Akka jedhan miti Naaf kadhu gooftaa koo Uumamni hindumtuu si faarf ataa nuuf dhiiste gooftaa Du'ee du'a koo kan hanbise magaa naaf laabse
Show all...
DU'AA KA'UMSA GOOFTAA BAGA IFA AYYAANA DU'AA KA'UMASA GOOFTAA FI FAYYISAA ADDUNYAA IYASUUS KIRISTOOS GEESSAN 🔹 Gooftaa fi fayyisaan keenya iyysuus kiristoos erga fannifamee du'ee halkan sadii fi guyyaa sadi booddee akkuma dubbate ni ka'e . 🔹Kunis sanbanni erga darbee jalqaba torbaniitti barii gaafa sanbata guddaa Maariyaam ishee Maqdalaa fi Maariyaam isheen biraa Awwaalcha ilaaluu dhaqan . 🔹Kuno ergamaan waaqayyoo samiirraa dhufee dhagicha balbala awwaalchaa irraa gargalchee waan irra taa'eef sochiin lafaa guddaan ni ta'e. 🔹Bifti isaa akkaa bakakkaa ,uffanni isaa akka Cabbii adii ture. 🔹Ergamaan sun garuu warra dubartootaan isin Iyysuus isa fannifame akka barbaaddan nan beeka hin sodaatinaa inni as hin jiru akkuma jedhe ka'eera ,koottaa iddoo reeffi isaa kaa'ame ilaala jedheen. Maat 28:1‌‌ THE RESURRECTION OF THE LORD HAPPY EASTER OF THE RESURRECTION OF THE LORD AND SAVIOR OF THE WORLD JESUS ​​CHRIST 🔹 Our Lord and Savior Jesus Christ rose from the dead three nights and three days after His crucifixion 🔹Now late on the sabbath day, as it began to dawn toward the first day of the week, came Mary Magdalene and the other Mary to see the sepulchre 🔹And there was a great earthquake: for an angel of the Lord descended from heaven, and came and rolled back the stone from the door, and sat upon it. 🔹His appearance was like rain ,and his clothes were white as snow. 🔹The angel said to the women, "I know that you seek Jesus who was crucified. Do not be afraid. He is not here. He has risen. Come and see the place where His body was laid. Matthew 28:1‌‌ 👇👇👇 t.me/MaasiiGabrieel

GUYYAA DHUMAA SOOMA GUDDAA MAAL JEDHAMA ??? 🔹Guyyaan dhuma sooma guddaa sanbatni duraa moggaasawwaan adda addaa qaba isaanis:- 👉moggaasa 1ffaa Dursee kan dhokate/sanbata jijjirame jeddhama. 🔹kunis guyyaa kana yeroo biroo irraa adda kan isa taasisu gidiraa gooftaa keenya yaadachuun waan soomamuuf sanbata jijjirramte jedhame. 🔹sanbatni soomamee waan hin beeknee fi guyyaa kun ammoo addatti waan somamteef sanbata jijjirramte/ye teshare qidame/ jedhamti. 👉moggasa 2ffaan sanbata lalistuu jedhamte 🔹kunis amantoonni hanga guyyaa barii du'aa ka'umsa gooftatti baala dhallaadu/qeexamaa/ mata isaanitti ni hidhatu 🔹Luboonni fi Daaqonoonni gooftaan fannoon nagaa akka nuuf kenne du'aa ka'umsi akka nuuf ife dhallaadu cabsuun amantootaaf ni kennu. 🔹Dhalladuu mataa keenyarratti hidhachuun kaanya kan inni agarsiisu 👉Yihudoonni gooftaa keenya gidiraa guddaa agarsiisuun yeroo fannisanitti qoree mataa isarratti hidhaa turan kunis yaadannoo isaatifiidha. 👉seenaa qeexama seena noohi keessatti mallattoo nageenyaa akkuma ta'e bara kakuu haaraa keessatti badiinsi bishaani hafuu mallattoo cubburra itti fayyinu akkuma ta'e walabummaan du'aarra adda bahu keenyaa dhallaaduu qabatanii luboonni ni lallabama jechuudha. 🔹Moggaasa 3ffaa sanbata qulqulluu jedhame. 👉kunis Sillaaseen umamtoota 22n umee guyyaa itti boqote waan ta'eefi guyyaa kanas eebbise . 👉kakuu haaratti ammoo hojiiwwaan hunda xumuruun guyyaa foonin itti boqote, lubbuudhaan ammoo si'ool bu'uun bara dheeraaf du'a jala kan turan lubbuwwaan hunda bilisa waan baaseef qulqulluu jedhamte. Galanni waaqayyoof haa ta'u ameen 🙏🙏🙏 👇👇👇 t.me/MaasiiGabrieel
Show all...
Maasii Gabri'eel

Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tewaahidoo Kutaa Lallaba Salaalee mana lubummaa Dagamitti Mana Kiristaanaa Maasii Gabri’eel