cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

DHANGAA OROMIYAA

Seenaa oromoo Dhaamsa oromummaa Foolii oromoofi oromiyaa Asitti argattu

Show more
Finland1 618The language is not specifiedMotivation & Quotes10 302
Advertising posts
3 349
Subscribers
+4724 hours
+1297 days
+91730 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Gaaffii salphaa fi Garuummoo nama mooksu kana yaalaamee? Bishaan Kiiloo tokko moo Bishaan Litirii tokkotu Caala? Itti yaadaa deebisaa!
Show all...
👍 1
Liitirii Tokko
Kiiloo Tokko
Deebii hin qabu
Sobaan hin beeksisnu Chaanaalota Afaan Oromoo Filatamoo ta'an bakka tokkotti argachuu feetuu? Chaanaalota mimmidhagoo itti fayyadamtan kanneen jabaa siniin jenneerra kunoo 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Show all...
Chaanaalota
Gaggaarii
Afaan Oromoo
Gaaffii salphaa fi Garuummoo nama mooksu kana yaalaamee? Bishaan Kiiloo tokko moo Bishaan Litirii tokkotu Caala? Itti yaadaa deebisaa!
Show all...
👍 1
Liitirii Tokko
Kiiloo Tokko
Deebii hin qabu
Photo unavailableShow in Telegram
😄😄Channel guddicha Qoosaa, Baacoo fi qophillee booharsoof barsiisoo ta'e dabarsaa jiru kana join gootee jirtaa??😀😀😃
Show all...
🥏🥏 DIRREE BOOHARTII 🛜🛜
😁😁 Qoosaa Oromoo🏓🏓
🛜🛜 Baacoo oromoo🛜🛜
✅✅ seenaa oromoo 🆗🆗
🥏🥏Join gochuuf🟥🟥
Asoosama adda addaa argachuuf Channel keenyaa haarawa join gochuun nu hordofuu dandeessu 👇👇👇👇👇👇👇 @asoosama_jaalalaa @asoosama_jaalalaa @asoosama_jaalalaa
Show all...
Qoosaa adda addaa argachuuf 👇👇👇👇👇 https://t.me/DirreeBoohartii/6203
Show all...
DIRREE BOOHARTII🟥🟦

Repost ✍️ Waliif qoodaa!

Dhibee namuu sii hin beekne hammattee,rakkoo namni argee sii furuu hin dandeenye qabattee,obsa guddaa horattee,imala kee galma yaaddeen gahuu caalaa ciminni hinjiruu argi. ila Akkam bultee firatu namaan jedhaa,akka itti bule abbamatu beeka jedha Oromoon. Eeee Taateen biyya lafaa hundi si fakkaattii laali,dhibamuun rakkachuun,miidhamuun,hamatamuun,komatamuun, cubbamuun,hiyyoomuun,beelawuun,dheebotuun, daaruun,dararamuun hundi waan kophaa sitti buute sitti fakkaataa xiinxalli. Obbolaa Namni seeqatu hundi gammadaa mitii beeki,namni kolfu hundi carraawaa mitii argi,namni gammachuu labsu hundi,isa guutteefii bira darbe qofa mitii laali, irra caalaan namaa,waan alatti baasuufi waan garatti qabatee waliin aadu,waan adda baafateef nagaan oolee bula sitti fakkaataa hubadhu. Jaaloo Namni ati fakkeenya kee godhattee hordofaa jirtu eenyu laata uf gaafadhu,akka eenyuutti jiraachuu barbaadda uf sakatta’i,dhuma dubbii eenyu tahuu feeta ufitti himi. Namana Olii gadi naannawuu dhiisii,atuu fakkeenna namaa tahuu yaali,hordofuu qofa osoo hin taane,hirdofamuu barsiisi,mana ormaa laaluu dhiisii,mataa mormaa olitti si fannifame hojjachiisi. Hey Cimina kee hin tuffatin,bilchina kee hin qisaasin,obsa kee hin ukkaamsin,jaalala kee hin asaasin,gochaafi jecha kee hin bubbutinii,eenyummaa sirrii qabatte irra gadi dhaabbadhu. Yes Ati cimaa tahuu kee ufitti himnaan,namni alaa sitti himuun hin barbaachisuu,uf dhagahi. Ohhhh Yoo nama si dinqisiifatu dhabde,ufumaa uf affeerii uf dinqisiifadhu malee,ollaa deemtee,biddeena qorsoon jijjiirachuuf hin raatawin! Ya! “Surprise yourself everyday with your own courage.” @Dirreeboohartii @Dirreeboohartii
Show all...
👍 11 2
Dirree boohartii faanaa bashannana Link gadii kanaan seenuun 👇👇👇👇👇👇👇 @Dirreeboohartii @Dirreeboohartii
Show all...
3
Haacaaluunis naa haa oofkaclhuutii anin nan jedha. A). ''Laal Galoo too ,Gullalleen kan Tufaa, gaarri abbichuut turii Galaan Finfinnee marsee laal Galoo too,silaa akka jaalaalaa walirraa hin fagaannuu jaratu nufageesse.'' Galoon maqaa dhiiras dubartiitis taha, Galaan Ilmaan Daaccii keessaa isa guddaa dha, warra Galaan, 'Caaltuu warra Galaan...' kan Tesfaye G/aab jedhe san daran... Galaan maqaa dhiiraati,Galoo, namni dhiiras dhalaas yoo qanaansiisiisee waamuu.' hee Galoo too, hee Galoo koo...' faa waliin jedhu, addooyyeen,michuun,hiriyaan,ee waliin jedhu sirriitti. Gulalleen Ijoollee Torban Oboo keessaa isa hangafaati natti fakkaata. Abbaa Gadaa Tufaa Munaatu bulchaa ture bara san bara Haacaaluun erga addaan nu baasanii barrisaa bubbule jedhe san keessaa waggoota 130 dura jechuu kiyya Ilmaan Galaan akkuma ilmaan Wasiilaa isaanii ijoollee Oboo Shaggaritti marsaniit marsaa sanaan Hora Finfinneefaa waliin dhugaa,Caffee Tumaa waliin taahaa,Tulluu saddeettan Waaqaa waliin bahanii irreenfachaa, Hara jahan Galaan waliin dhugaa,obaasaa,itti bahanii irreenfachaa,Hora hadhoo fi Kilooleerraas,Odaa Nabee fi Tulluu Cuqqaalaa irraas hamma tulluu Hococaa,Erer,Furiitti walitti lallabaa,loona Qarsaa fi Daalatittii yaasaa,Boolerraa xaafii fi qamadii dilbiin galchaa....bara sana, bara hunduu hin hafne san jechuudhakaa kan akkas waliin turan,Hangafaa maandhaan(quxusuun wal duuba qubachaa) jiraachaa turan. Warri Abbichuu,warri Galaan, Warri Gumbichuu,warri Mooruu Sandaafaa,Waai Bakkee,Warri Yaayyaa,...warri abbaa qe.ee walirraa fagaatanii gargar bahuun siruma fedhii keenya malee dha jechuu isaati Haceen. 😎. ''DIIGANII GAARA SANA GAARA DIIGAMUU HIN MALLEE NUU BAASAN NU ADDAAN BAANEE NU ADDAAN BAHUU HIN MALLEE!'' Galma Qaalluu-Qaallittii,Galma guddaa Oromoo,Galma ayyaantoota keenyaa..., Duubaa gabrumnmaatti haa hammaattutii warri Minilik,warri Mashashaafaan gargar nu babbaasan. Isaanitti haa haammaattutii ,OROMUMMAA,ICCITII KEENYA WALJALA DEEMMII,TOKKUMMAA KEENYA TOKKUMMAA AKKA HIRIIRA GAALAA,BIYYA TEENYA OROMBIYYAA.... cabsan,diigan . ''Tulluu diiggamuu hin mallee'' san itti bu'an,TULLUU ULFAA QABDU TULLUU KEENYA QULQULLUU... oromummaa,sirna keenya Gadaa,duudhaa keenya Bareedaa... maal isa qofa kunooti dallayyaa nutti ijaaraa jiru miiree hardhayyuu maqaa ''MASTER PLAN (MASTER KILLER) nutti baafatanii gargar nu baasuf daranuu. Kana nutti himaa jira natti fakkaate Haceen! Eyyeen tulluu sanatti bu'anii diddiigan,nu cabsaan silaa cabuu hin malle ..jedhee kan sirbe natti fakkaate. Horii buli sanyii koo! C) ''Sooreettii haadha Sooree irbaanni irra buusaa qabaa seeqanii sesseeqanii, kan gargar nu baasee jaraa!'' Oromiyaan sooreettii dhaa,Finfinneenis Sooreetti dha hundumaa qabdi.Ijoolleesheetu irratti dheebote malee ormi booka una, ijoollee isheetu irratti daaraaf daakuu tahe malee ormi goobeet,damboobee cooma murata, hamma qabduu ol eebba irratti qabdi,nyaachistee uwwistee,keessummeessitee,akka haa dhaatti,garuu haadha Ormaa godhataniit irraa nyaatanii dhiitanii bitan,ni tuffatan,Finfinneen guyyuu seeqaa ooltifakkaatti nama ija qofaan laalef. Nama qalbiin laalef garuu Finfinnee miti kan seequ,warra ishiirraa nyaatee lummee baase,warra ishiitti baqatee ilmaanshii ajjeesee,hidhee,buqqisetu seeqa ilkaaniin gubbaarraa nutti..... eyyeen Dur humnaa fi qawween nu cabsanii walirraa nu fageessan,Oromummaa fi kudhaama Oromummaa ciranii diiganii walirraa nu fageessan.Hardhammoo sin misoomsina jedhanii nutti kolfaatii gargar nubaasaan,sichis nu baasuf karoora nutti baafataa jiran. Hacee tiruu koo maaluma siif tahu laata? Si kanatu siif galee waan ofii! D) "Koot Galaanee tiyyaa, qotiyyoo abbaan Didaa Yaa didaa harqota keessaa Koot Galaanee tiyyaa, Qorra baraan dadhabee, morma kee jalattan dheessaa" Anaaf ammas hiikaa biraat naaf kenne, Dhugumatti hiikaa qajeelaa tahee tahuu baatee anaafin jedhe maölee keessan hin beekum ani. ,.... Itti fuufa @Hunduu_jira
Show all...
11👍 4👏 2