cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Roba Girma Law Office

Tajaajila Seeraa Bilisaa/Free legal service Abbaa Alangaa/public prosecutor. LLB & LLM

Show more
Ethiopia13 425The language is not specifiedLaw6 745
Advertising posts
222
Subscribers
-124 hours
-27 days
+1530 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Murtiilee dhaddacha ijibbaataa federaalaa gurgurtaa lafaa waliin walqabatan🙏
Show all...
4_5976718550281230192.pdf6.92 KB
Murtii "Yakka miti" Jedhu Kennuuf SDFY kwt 42(1) Raawwatiinsa Ni Qabaataa❓ ✅ Akkaataa Sdfy kwt 42(1) tiin himannaa dhiyeessuun kan hin danda'amne: 🅰️ A/Alangaa ragaa gahaan balleessaa taasisu kan hin jirre ta'uu yoo hubate. 🅱️ Nama shakkame argachuun kan hin danda'amne yoo ta'ee fi bakka hin jirretti himannaa ilaaluun kan hin danda'amne yoo ta'eedha C) Himannaan darbiinsa yerootiin adda kan citu yoo ta'e ykn yakkichi dhiifama ykn baraarsan hafaa kan ta'u yoo ta'e ykn D) Abbaan Alangaa Waliigalaa fedhii uummataaf jecha himanni akka hin hundoofne qajeelfama yoo kenne . ✅ Kanaan alatti Abbaan Alangaa himannaa hin hundeessu jechuu kan hin dandeenye ta'uu kwt 42(2) jalatti tumameera. ✅ Gaaleen hin himachiisu ykn yakka miti jedhu immoo kwt 42 (1) jalatti hammatamee hin jiru. ✅ Egaa Haala ijaarama tumaawwan SDFY kwt 42 [1{A , B, C fi D}]  irraa hubachuun akkuma danda'amu; tumaa xiqqaa  (a)' n ragaa gahaan jiraachuu fi dhabuu isaa waliin kan walqabatuudha. Tumaa xiqqaa (b)'n raawwatiinsa kan qabaatu galmeen qorannoo yeroo qoratamu gochi Yakkaa raawwachuu isaaf ragaa gahaan jiraachuu fi eenyummaan raawwataa yakkichaa ragaadhaan mirkanaa'ee garuu immoo raawwataa yakkichaa argachuuf kan hin danda'amne yoo ta'ee fi Himannicha bakka hin jirretti dhagahuun kan hin danda'amne yoo ta'eedha.Tumaa xiqqaa (C)'n immoo darbiinsa yerootiin kan walqabatuudha. Tumaa xiqqaa (D)'n immoo qajeelfama Abbaan Alangaa Waliigalaa himaannaan akka hin hundoofne kennuun walqabata. 👉  Kanaan alatti gaaleen "hin himachiisu ykn yakka miti " jedhu kwt 42 (1) jalatti hin hammatamne. ✅ Wixinee SDFY Haaraa keessatti kwt 157 jalatti mata duree "Galmee qorannoo cufuu" jedhu jalatti Abbaan Alangaa Galmee qorannoo kan cufu: ✅ Himatamaan kan du'e yoo ta'e. ✅  Shakkamaan yeroo yakka raawwatutti umuriin isaa waggaa 9(sagal) kan hin guunne yoo ta'e ✅ Yakki shakkamaan ittiin shakkame yakkaa yoo hin taane ✅ Yakki shakkamaan raawwate darbiinsa yerootiin kan daanga'e ykn dhiifamaan kan hafe yoo ta'e ✅ Kanaan dura himatamee kan itti murtaa'e ykn Murtiin Balleessummaa irratti kan kenname ykn dhimmichi Mana Murtiitti ilaalamaa kan jiru yoo ta'e ✅  Dhimmichi araaraan ykn mala filannoo birootin furmaata kan argate yoo ta'e dha. ✅ Abbaan Alangaa Waliigala Federaalaas ibsa dhimmoota falmisiisoo ta'an irratti kenneen Sdfy kwt 42(1) "yakka miti " kan jedhu kan hin hammanne ta'uu ibsuun Abbaan Alangaas Murtii yakka miti" jedhu bu'uura sy kwt 23(2) fi Labsii Lakk 943/08 kwt 6 (3)tiin kennuu akka qabu ibseera. 👍 Kana irraa kan hubatamu  Sdfy kwt 42(1) Murtii "yakka miti" jedhu kennuuf rogummaa kan hin qabne ta'uudha. 👍 Kanaafuu Abbaan Alangaa xumura Ulaagaawwan yakka taasisan hin guutu "yakka miti" jedhurra yoo gahe Sdfy kwt 42 (1) kana kan hin hammanne waan ta'eef galmee qorannoo  bu'uura Seera Yakkaa kwt 23(2) fi labsi Lakk 214/2011 kwt 7(26)tiin cufuu qaba.
Show all...
Murtii DhIMMWF Lakk.Galmee 220008 ta’e irratti gaafa 26/11/2014 kennamee (Murtii Hin Maxxanfamne). Adeemsa falmii dhimma yakkaa keessatti namni yakkaan himatamee jiru tokko ragaan Abbaa Alangaa dhagahamee jalli murtii/ajajni akka ofirraa ittisu erga kennameen booda jalli murtii/ajajni akka ofirraa ittisu kennamee jiru sun dogoggora illee kan qabu yoo ta’e manni murtii dhimmicha ilaalaa jiru sun ragaa abbaa alaangaa irra deebidhaan madaaluun eejjennoo haarawaa qabachu kan hin dandeenye ta’u isaa ykn himatamaan ragaa ittisaa otoo hin dhiyeeffatiin murtii bilisaan gadi lakkisu kan hin dandenye ta’u isaa. አንድ በወንጀል የተከሰሰ ሰው የዐቃቤ ህግ ማስረጃ ተሰምቶ የመከላከያ ማስረጃዉን እንዲያቀርብ ብይን/ትዕዛዝ ከተሰጠ በኋላ እንዲከላከል የተሰጠው ትዕዛዝ ስህተት ቢኖረዉም እንኳን ተከሳሹ ማስተባበያ ማስረጃ ባልቀረበበት ሁኔታ ከሱን በሚሰማው ፍርድ ቤት የዐቃቤ ህግ ማስረጃ በድጋሚ መዝኖ ቀደሞ ከተሰጠዉ ብይን/ትዕዛዝ የተለየ አቋም በመያዝ ተከሳሽን በነፃ እንዲሰናበት ሊወሰን የማይችል ስለመሆኑ፡፡ የሰ.መ.ቁ.220008 ሐምሌ 26/2014 ዓ.ም (ያልታተመ)
Show all...
220008.pdf6.74 KB
📎የትራፊክ ደምብን በመጣስ በቸልተኝነት በሰው ንብረት ላይ ጉዳት ማድረስ እና የወንጀል ተጠያቂነት ➡️ የወንጀል ሕግ አንቀፅ 59(2) ግልፅ ንባብ እንደምንረዳው በወንጀል ህጉ ላይ ያስቀጣል ተብሎ በግልፅ ካልተደነገገ በስተቀር በቸልተኝነት የሚፈፀም ማንኛውም ድርጊት በወንጀል አያስቀጣም። በመሆኑም አንድ በቸልተኝነት የተፈፀመ ድርጊት በወንጀል ሊያስጠይቅ የሚችለው በወንጀል ህጉ ልዩ ክፍል ውስጥ ድርጊቱ ወንጀል መሆኑ በግልፅ ተደንግጎ ሲገኝ ብቻ ነው። ሰለቸልተኝነት ይህን ካልን የትራፊክ ደምብን በመጣስ በቸልተኝነት በሰው ንብረት ላይ ጉዳት ማድረስ በወንጀል ያስጠይቃል ተብሎ በህጉ በግልጽ ተደንግጓል ወይስ አልተደነገገም የሚለውን እንመለከታለን። ➡️ የትራፊክ ደምብን በመጣስ በቸልተኝነት በሰው ንብረት ላይ ጉዳት በደረሰ ግዜ ጉዳቱን  ያደረሱ ሰዎች በወንጀል ሊጠየቁ ይገባል ወይስ አይገባም በሚለው ጉዳይ ላይ በህግ ባለሞያዎች መካከል ልዩነት የሚስተዋል ሲሆን ከዚህ ጋር በተያያዘ ሊነሳ የሚችለው ድንጋጌ የወንጀል ህግ አንቀጽ 572 ስር የተመለከተው ነው። ➡️ አንዳንድ የህግ ባለሞያዎች የትራፊክ ደምብን በመጣስ በቸልተኝነት በሰው ንብረት ላይ ጉዳት ያደረሱ ሰዎች በወንጀል ህግ አንቀጽ 572(1) ስር ሊጠየቁ ይገባል ሲሉ ሌሎቹ ደግሞ የወንጀል ህግ አንቀጽ 572 የሚደነግገው የትራፊክ ደምብን በመጣስ ሌሎችን ለ አደጋ ስለሚያጋልጡ ሰዎች እንጂ የትራፊክ ደምብን በመጣስ በቸልተኝነት በሰው ንብረት ላይ ጉዳት ስለሚያደርሱ ሰዎች አደለም ስለዚህ በደምብ መተላለፍ አንቀጽ 856  ሰር ካልሆነ በስተቀር የወንጀል ህግ አንቀጽ 572 ስር በወንጀል ሊጠየቁ አይገባም በማለት ይከራከራሉ። ➡️ የፌ/ጠ/ፍ/ቤ/ሰ/ሰ/ችሎት የትራፊክ ደምብን በመጣስ በቸልተኝነት በሰው ንብረት ላይ ጉዳት ማድረስ በወንጀል ህጉ ያስቀጣል ተብሎ በግልፅ አለተደነገገም። የወንጀል ህግ አንቀፅ 572 የተደነገገው የትራፊክ ደምብን በመጣስ የሰዎችን ህይወት፣ አካል ወይም ንብረት ለአደጋ የሚጋልጡትን ለመቅጣት እንጁ የትራፊክ ደምብን በመጣስ በሰው ንብረት ላይ በቸልተኝነት ጉዳት የሚያደርሱትን ለመቅጣት አይደለም በማለት በመ/ቁ/194880 ላይ አስገዳጅ ውሳኔ ሰጥቷል። እንዲሁም በመ/ቁ.200948 /ያልታተመ/ ለይም በተመሳሳይ መልኩ ውሳኔ ሰጥቷል። ➡️ ለምሳሌ (A) እግረኛ ነው ብንል ለእግረኞች ባልተፈቀደ በኩል መንገድ በሚያቋርጥበት ግዜ (B) ባልተገባ ፍጥነት እያሽከረከረ ስለነበረ (A) ላይ ጉዳት እንደይደርስ በማሰብ መሪውን ወደሌላ አቅጣጫ ለማዞር በሚሞክርበት ሰዓት መኪናው ከቁጥጥር ውጪ ስለሆነበት (C) እያሽከረከረ ከነበረው መኪና ጋር ይጋጭና ከፍተኛ ጉዳት ያደርሳል። በፌ/ጠ/ፍ/ቤ/ሰ/ሰ/ችሎት ውሳኔ መሠረት ከላይ ባነሳነው ምሳሌ ላይ የወንጀል ህግ አንቀፅ 572 የተፈፃሚነት ወሰን ሲታይ (C) እያሽከረከረ በነበረው መኪና ላይ በቸልተኝነት ጉዳት ያደረሰውን (B)'ን ለመቅጣት የተደነገገ ሳይሆን ለእግረኞች ባልተፈቀደ ቦታ ላይ ሲያቋርጥ B እና C ለ አደጋ እንዲጋለጡና ግጭት እንዲፈጥሩ ያደረገው (A)'ን ለመቅጣት ነው። ➡️ እንደሚታወቀው የፌ/ጠ/ፍ/ቤ/ሰ/ሰ/ችሎት የሚሰጣቸው ውሳኔዎች በማንኛውም የሀገሪቱ ፍርድ ቤት አስገዳጅነታቸው የማያጠያይቅ ቢሆንም ችሎቱ የወንጀል ህግ አንቀጽ 572 ን የተረጎመበት አግባብ ህግ አውጪው ሊደስበት ያሰበውን አላማ የሚያሳካ መስሎ በኛ በኩል አልታየንም። አንዳንድ የህግ አካላትም ይህንን የሰበር ውሳኔ የተቀበሉት አይመስልም። ለምሳሌ ይህ የሰበር ውሳኔ (ቁ.194880) ታትሞ ከወጣ በኋላ የኦሮሚያ ጠቅላይ ዐቃቤ ሕግ ቢሮ የትራፊክ ደምብን በመተላለፍ በቸልተኝነት በሰው ንብረት ላይ ጉዳት የሚያደርሱ ሰዎች ላይ የወንጀል ህግ አንቀፅ 572 ስር ክስ እንዲመሠርቱ በስሩ ላሉት ዐቃቤ ህጎች መመርያ ሰጥቷል። ➡️ የወንጀለኛ መቅጫ ሕግ ማብራራው (ሐተታ_ዘምክንያት) ላይ የወንጀል ህግ አንቀጽ 572 የተቀረፀበት ዋና ምክንያት እንደሚከተለው ሰፍሯል "ድንጋጌው ከዚህ በፊት በነበረው የወንጀል ህግ ያልነበረ አዲስ ድንጋጌ ሲሆን፣ ብዙን ግዜ ተሽከርካሪ በሚንቀሳቀስባቸው መንገዶች ላይ እግረኞች ግራ ቀኙን ሳያዩ ሲያቋርጡ ወይም ትክክለኛ መስመራቸውን ትተው ሲጓዙ የተሽከርካሪዎችን እንቅስቃሴ ከመግታትም በላይ ተሽከርካሪዎች እርስ በእርስ ሊጋጩ ወይም በዕግረኞች ላይ አደጋ ሊያደርሱ የሚችሉበት ሁኔታ ይከሰታል። በሌላ በኩል ተሽከርካሪዎች በትራፊክ ደምቦች ላይ የተሰጠውን ልዩ ልዩ ምልክት በመጣስ እና ትክክለኛ መስመራቸውን ባለመያዝ አንዳንድ ግዜም በግረኛ መንገድ ላይ በመውጣት በሰው ሕይወት ፣ አካል ወይም ንብረት ላይ ጉዳት ለማስከተል የሚችሉበት ሁኔታ ሲፈጠር ይታያል። ይህ አንቀፅ የተቀረፀው የዚህ አይነቱን ድርጊት ለመከላከል ነው።" ➡️ ከማብራሪያው የምንረዳው ድንጋጌው በ አድስ መልኩ የተጨመረበት ዋናው ምክንያ የትራፊክ አደጋ አስከፊ እየሆነ በመምጣቱ እግረኞችም ሆኑ አሽከርካሪዎች በሰው ህይወት፣ አካል ወይም ንብረት ላይ ጉዳት እንዳያደርሱ ለመከላከል ሲሆን ጉዳት ደርሶ ቢገኝ ደግሞ አጥፊዎችን መቅጣት የህግ አውጪው ሀሳብ መሆኑን ይጠቁማል። ➡️ ስለዚህ በድንጋጌው ላይ "የትራፊክ ደምብን በመጣስ ለአደጋ ማጋለጥ " የሚለው ህግ አውጪው ሊደርስበት ካሰበው አላማ ጋር  በሚጣጣም መልኩ መተርጎም ይኖርበታል፣ በተለይ የትራፊክ አደጋ ከቀን ወደ ቀን በሰው ህይወት, አካል እና ንብረት ላይ እያደረሰ ያለው ጉዳት አስከፊነት እየጨመረ በመምጣቱ ድንጋጌው ይህንን አደጋ መከላከል በሚያስችል መልኩ ስራ ላይ መዋል ይኖርበታል። ➡️ በመሆኑም የወንጀል ሕግ አንቀፅ 572 ላይ "የትራፊክ ደምብን በመጣስ የሰውን ሕይወት ፣ አካል ወይም ንብረት ለአደጋ ማጋለጥ" በሚል የተገለፀው በቸልተኛነት የትራፊክ ደንብን በመጣስ በሌላ ሰው ንብረት ላይ ጉዳት የሚያደርሱትን ጭምር ለመቅጣት የተደነገገ አንቀፅ ነው ባይ ነን። ➡️ ነገር ግን የፌ/ጠ/ፍ/ቤ/ሰ/ሰ/ችሎት በመ/ቁ.194880 እና 200948 ላይ የሰጠው ውሳኔ በሌላ ውሳኔ እስከሚሻር ድረስ አስገዳጅ መሆኑ የማያጠያይቅ ጉዳይ ነው።
Show all...
Haala Itti Adeemsa Faayidaa Uummataaf Lafa Gadi Lakkisiisuu (Expropriation) Keessatti Manni Murtii Idilee Aangeffame =====//=====//=====//======//===== "Naannoleen, Bulchiinsi Magaalaa Finfinneefi Diree Dhawaa qaama iyyannoo dhagahuufi Gumii Oliyyannoo Dhagahu yoo hin hundeessine ta'e kaafamaan komii qabu iyyannoo isaa mana murtii aangoo qabutti dhiyeeffachuu ni danda'a" (Dambii Faayidaa Uummataaf Wayita Lafti Gadi Lakkifamu Haala Beenyaan Itti Kaffalamufi Kaafamtoota Deebisanii Itti Dhaaban Murteessuuf bahe, Dambii Lakk.472/2014 kwt 39(6)) "ክልሎች አዲስ አበባና ድሬደዋ ከተማ አስተዳደሮች አቤቱታ ሰሚ አካል እና የይግባኝ ሰሚ ጉባኤ ካላቋቋሙ አቤቱታ ያለው ተነሺ አቤቱታውን ስረ ነገር ስልጣን ላለው ፍርድ ቤት ሊያቀርብ ይችላል። (ለህዝብ ጥቅም ሲባል መሬት ሲለቀቅ ስለሚከፈል ካሳ አና | ፤ ተነሺ ስለማቋቋም የወጣ የሚኒስትሮች ምክር ቤት ፤ደንብ ቁጥር 472/2012 አንቀጽ 39(6)) "Where Regional States, or Addis Ababa, or Dire dawa City Administrations have not established grievance hearing first instance and appellate bodies, displaced persons who are aggrieved may file their applications with regular courts that have jurisdiction on the case" (Article 39(6) of Expropriation and Valuation, Compensation and Resettlement Council of Ministers Regulation No. 472/2020) Desalegn B.
Show all...
Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 220119 ta'een "namni waliigalteen bittaa fi gurgurtaa qabeenya hin sochoone irratti raawwatu qabeenyichi maqaa eenyuutiin akka galmaa'e,idaa fi dhoorgii garagaraa irraa bilisa ta'uu qaama aangoo qabu irraa qulqulleeffatee waliigaltee akkanaa raawwate dirqama of eeggannoo isa irraa eegamu godheera waan ta'eef seerichi eegumsa ni taasisaafi.Namni qabeenya hin sochoone bitu kun of eeggannoo maqaa eenyuutiin akka galmaa'e,idaa fi dhoorkii irraa bilisa ta'uu isaa mirkaneeffatee itti gaafatamummaa qabu bahateera waan ta'eef waliigalteen haalli itti diigamu bu'uurri seeraa hin jiru" jechuun hiikoo kenneera. ሰበር መ.ቁ 220119 "የማይንቃሳቀስ ንብረት ገዥ ስመ ንብረቱ በሻጭ የተመዘገበና ከእዳና እገዳ ነጻ መሆኑን ከሚመለከተዉ አስተዳደር አካል በማረጋገጥ የተዋዋለ እንደሆነ አንድ ጠንቃቃ ሰዉ ማድረግ የሚጠበቅበት ጥንቃቄ እንዳደረገ ግምት ተወስዶ ሕጉ ጥበቃ ያደርግለታል፡፡የማይንቃሳቀስ ንብረት ላይ በዉል መብት ለማቋቋም የፈለገ ሰዉ እንደ አንድ ጠንቃቃ ገዥ ይህንኑ ስርዓት ተከትሎ ማለትም ስመ ንብረቱ በሻጭ ስም የተመዘገበና ንብረቱ ከእዳና እገዳ ነጻ መሆኑን የማረጋገጥ ሃላፊነት አለበት፡፡በዚህ ረገድ ተገቢ ጥንቃቄ ማድረጉ ከተረጋገጠ ዉሉ የሚፈርስበት ህጋዊ ምክንያት አይኖርም"፡፡
Show all...
Abbaan Seeraa tokko dhimma Mana Murtii jalaatti ilaalee murteesse Mana Murtii sadarkaa ol'aanuu irratti ol'iyyannoo Abbootiin Seeraa sadii irratti moggaafaman irratti moggaafamuun ilaalee kan murteesse yoo ta'e murtichi fudhatama kan hin qabne ta'uu Dhaddachi Ijibbaataa MMWF murtii haaraa tibba kana kenne keessatti ibseera. Maal jechuuf jedheen seetan? Abbootiin Seeraa MM irra hojjatanii gara MM gulantaa itti aanutti guddattan dhimma MM duraan keessa turtanitti ilaaltanii murteessitan MM itti guddattanitti yoo isinitti dhiyaate hin ilaalinaa jechuu kooti. Kun murticha gatii dahbsiisuun gamatti itti gaafatamummaa naamusaallee...
Show all...
247153+እና+245689.pdf9.08 KB
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF galmee lakk. 230493 ta'e irratti dhaddacha gaafa Onk. 2/2016 ooleen murtii kenneen abbaan qabeenyaa konkolaataa tokko konkolaataa isaa kana nama biraaf kan kireesse yoo ta'ee fi konkolaataan kun nama kireeffate harka osoo jiruu balaa kan gaggeessise yoo ta'e, miidhaa gaheef itti gaafatamummaa kan qabu abbaa konkolaataa osoo hin taane nama kireeffatee fayyadamaa ture sanaati jechuun murteessee jira. Murtichis SHH kwt 2082 fi 2083 akkasumas murtii dirqisiisaa kana dura dhaddachumti kun galmee lakk. 55228 (jildii 11ffaa) ta'e irratti kenne kan bu'uureffatee dha. Guutuun murtichaa kunooti, dubbifadhaa!!
Show all...
230493.pdf8.82 KB
Murtii DhIMMWF galmee lakk.isaa 219862  ta’e irraati gaafa 26/9/2014 kennameen “gocha reebichaa namni tokko nama biro irratti raawwateen midhaan qaamaa cabinsa lafee gahuun isaa mirkanaahee garu immoo lafeen cabee jiru sun kan fayyee jiru ta'un isaa yoo mirkanaahee murtiin balleessumaa kan kennamu qabu yakka midhaa qaamaa cimaan sykwt.555 jalati otoo hin taane yakka midhaa qaamaa salphaa sykwt.556(2) jalati dha.Yakka midhaa qaamaa cimaa raawwatamu irratti murtii balleessumaa kennuuf  xiyyeefannoon kan ilaalamu qabu hanga midhaa qaamaa yeroo gochi sun raawwatamu gahee jiru otoo hin taane sababa reebicha sanaan bu’aa midhaa qaamaa dhuma irratti gahu irratti hundaahun ta'u akka qabu. ከባድ vs ቀላል የአካል ጉዳት የሰ.መ.ቁ 219862 ግንቦት 26 ቀን 2014 ዓ/ም አንድ ሰው በሌላ ሰው ላይ በፈፀመው የድብደባ ድርጊት የአጥንት ስብራት መድረሱ ቢረጋገጥና ቆይቶ ስብራቱ መዳኑ ቢረጋገጥ ጉዳት ያደረሰው ሰው ጥፋተኛ ሊባል የሚገባው በከባድ የአካል ጉዳት ማድረስ ወንጀል ሳይሆን በቀላል የአካል ጉዳት ማድረስ ወንጀል ነው። በከባድ የአካል ጉዳት ማድረስ ወንጀል ጥፋተኛ ለማለት ታሳቢ ሊደረግ የሚገባው ወንጀሉ ሲፈፀም የደረሰውን የጉዳት መጠን ሳይሆን በድብደባው ምክንያት የደረሰውን የመጨረሻ የጉዳት ውጤት ነው
Show all...
219862 miidhaa qaamaa(seera yakkaa keewwta 555B fi 556).pdf8.26 KB
Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa galmee lakk. 437085 ta’e irratti dhaddacha gaafa 02/04/2016 ooleen sirna gaaffiin mirga wabii yakka shororkeessummaa itti keessummaa’uu qabu ilaalchisee murtii tokko kenneera. Haaluma kanaan namni yakka shorkeessummaan shakkamuun to’atame gaaffii mirga wabii mana murtii sadarkaa kamittuu dhiyeeffachuu kan danda’u ta’uu akkasumas Manneen Murtii Aanaa fi Manneen Murtii Ol’aanaa dhimma akkasii ofitti fuunee hin keessummeessinu kan jedhan bu’uura seeraa hin qabu xinxaala jedhu kenneera. Dhaddachachi murtichaaf ka’uumsa kan godhate Seerri Deemsa Falmii Yakkaa keewwati 64 (3) gaaffiin mirga wabii Mana Murtii kamittuu dhiyaachuu kan danda’u ta’uu fi labsiin yakka shororkeessummaa ittisuuf bahe lakk. 1176/2012 keewwata 39 jalatti aangoon Mana Murtii Ol’aanaa Federaalaa fi Mana Murtii Waliigalaa Naannoof addatti kenname keessatti gaaffii mirga wabii dhiyaatu keessummeessuun kan hin hammatamne ta’uun isaa aangoon dhimmicha keessummeessuu kan Mana Murtii sadarkaa kamiituu agarsiisa kan jedhuu dha. Dabalataanis qabiinsa nama yakka shororkeessummaan to’atamee jiruu eegsisuu keessatti shoorri Manneen Murtii taphachuu qaban labsicha keewwata 39 (3) jalatti tumamuunis kanuma cimsa ejjannoo jedhu qabateera, dhaddachichi. •••
Show all...
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.