HAQA-BAAS
Open in Telegram
Here we give U legal services free of Charge (Online free legal service 4 all) HB is for: ā¾Law Students ā¾Law Professionals ā¾Gov't officials ā¾Private Sectors ā¾NGO's ā¾Anybody... CEO⬠@HaqabaasHB š§Here ā® @imaltuumilkii ā® @LeellisuudhaWaanOfii_bot
Show moreThe country is not specifiedLaw5 495
499
Subscribers
No data24 hours
+27 days
+1930 days
Posts Archive
499
Guyyaa 19/05/2017
Sa'atii 4:57
āHBS Kutaa 21ffaa
ā¾ Haqabaas team irraa
Labsii Qabeenya Deebisiisuu
B1ffaa
Gaaffii Labsii Qabeenya Deebisiisuu Lakk.1364/2017 Haaraa Bahee Irratti Ka'aa Jiruuf Ilaalcha HAQABAAS TEAM! Namoonni hedduun labsiin qabeenya bu'aa yakkaa deebisiisuu waliin walqabatee bahe kana irratti gaaffiiwwan hedduu kaasaa turanii jiru. Keessa darbee namoonni tokko tokko immoo labsii kanaan walqabatee yeroo mootummaaan garee tokko miidhuuf baasee jedhanii hammeessan argaa jirra. Gaaffileen ka'an keessaa muraasni isaanii:- 1) Labsii kana baasuun maaliif barbaachisee? 2) Labsiin kuni duubatti deebi'ee hojjechuun isaa qajeeltoo heera fi seeraa biyya keenyaa seerri duubatti deebi'ee hin hojjetu jedhuu hin cabsinee? 3) Labsiin kuni mirga qabeenya horachuu waliin walqabatee mirga heeraan mirkanaa'ee kan cabsu mitii? 4) Labsiin kuni garee murtaa'ee tokko ittiin adabuuf kan kaayyeffate hin fakkaatuu? 5) Labsiin kuni yeroo hojiirra ooluu akka feeteedhaan akka qaamoleen labsii kana hojiirra oolchan nama fedhan ittiin miidhan karaa hin saaquu? 6) Sirni haqaa cimaan bilisummaa fi ittigaafatamummaa guddaadhaan karaa loogii irraa bilisa ta'een labsicha hojiirra oolchuu jiraa? 7) Labsiin kuni waggaa 10 duubatti deebi'ee akkasumas qabeenyi qarshii miliyoona 10 ol qofa akka ka'umsaatti qabatee akka hojiirra ooluuf kan murtaa'ee maal ka'umsa godhateeti? Kan jedhuu fi gaaffiiwwan biroon ka'aa turanii jiru. Anis akka ogeessa seeraa tokkootti gaaffiiwwan ka'an kana seera waliin walbira qabee ilaaluun gaarii ta'ee waan natti mul'ateef gaaffiiwwan kana irratti hanga danda'ame tokko tokkoon iftoomina uumuuf nan yaala. Gaaffii 1ffaa:-Labsii kana yeroo kana baasuun maaliif barbaachise gaaffii jedhu ilaalchisee? Namoonni gaafffii akkasii kaasan hedduun isaanii namoota hanqina hubannoo seeraa qaban ta'uun irraa mul'ata.Sababni isaa seerri qabeenya bu'aa yakkaa deebisiisuu kuni akka waan yeroo calqabaaf waanti duraan biyyicha keessa hin jirre seerri haaraan bahe tokkootti yaadaniitu gaaffii kana kaasuu. Haa ta'u malee dhimmi qabeenya maddi isaa hin beekamne qabatanii argamuu yakka ta'ee tumamuus ta'ee qabeenyi akkanaa akka dhaalamuu taasifamuun akka addunyaattis ta'ee akka biyya keenyaatti dhimma haaraa miti. Seenaa ka'umsa yakka qabeenya maddi isaa hin beekamne qabatanii argamuu yoo ilaallee sadarkaa addunyaatti calqabaaf beekamtii kan argate bara 1960 akka ta'etu himama. Biyyoonni jalqabaaf yakka taasisan Hindii fi Arjentiinaa yommuu ta'an innis bara 1964 akka ta'etti himama. Biyya keenyattis yeroo calqabaaf Seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 419 jalatti kan tumamee yommuu ta'uu, boodarra labsii yakkoota Malaammaltummaa tumuuf bahee labsii 881/2007,kewwata 21 jalatti tumameera.Kanarraa kaanee seenaa yakka kanaa yommuu ilaalluu sadarkaa Addunyaatti waggaa 64 oliif,sadarkaa biyya keenyaatti immoo waggaa 20 oliif yakka ta'ee hojiirra kan turee yommuu ta'uu yeroo ammaa biyyoonni addunyaa hedduun yakka taasisanii seera yakka isaanii keessatti hammachiisuun akkuma biyya keenyaa akka meeshaa qabsoo farra malaammaltummaa cimaa tokkootti ittifayyadamaa jiruu waan ta'eef akka seera haaraa amma dhalate tokkootti fudhachuun yaada sirrii natti hin fakkaatu. Erga kana jennee booda seericha yeroo ammaa baasuun maaliif akka barbaachisee ilaalchisee seerichumti mataan isaa seensa/preamble/ isaa irratti kaa'ee jira. Akkaataa ibsa seensa labsichaatti Labsiin kuni qabeenya bu'aa yakkaa deebisiisuu lakk.1364/2017 kuni kaayyoowwan armaan gadiitiif kan tumame dha.Isaanis:- namni kamiyyuu gocha seeraan alaa/yakka/ irraa faayidaa gosa kamiyyuu argachuu akka hin qabne daangessuuf; seeraa cimaa yakkoota dinagdee dinagdee biyyaa irratti miidhaa geessisan ittisuu fi to'achuu danda'uu qabaachuun waan barbaachiseef; seerota qabeenya bu'aa yakkaa deebisiisuu hunda galeessa/comprehensive/ ta'ee qabaachuun barbaachisaa waan ta'eef; .... HAQABAAS TEAM!! ITTI FUFA...
499
Guyyaa 18/05/2017
Sa'atii 5:06
HB
ā YAADACHIISA
''Jaarmiyaalee haqaa fi nageenyaa gahumsaa fi bilisummaa qaban qabaachuun ijaarsa biyyaaf murteessaadha. Hojiin ijoon mootummaa qonna qotuu, daldaluu ykn warshaa ijaaruu miti. Hojiiwwan kun qaama kamiinuu raawwatamuu danda'u. Hojiin mootummaa kanaaf haala mijeessuudha. Haala kan mijeessu immoo seera kabachiisuudhani. Olaantummaa seeraa mirkaneessuudhani. Nageenya lammiilee eeguudhani. Hojiiwwan kun aangoo mootummaati. Qaama biraatiin raawwatamuu hin danda'an. Kanaaf mootummaan gara hojii ijoo isaatti xiyyeeffachuu qaba. Qaamolee mootummaa nageenya eegan, seera kabachiisanii fi olaantummaa seeraa mirkaneessan gahumsaa fi naamusaan cimsuu qaba. Bilisa ta'anii akka hojjatan taasisuu qaba. Deeggarsi olaanaan qaamolee kanaaf taasifamuuf qaba.'' āļø Sultan Abdo Uteš
499
Murtiiwwan MMWFDHI
HBS Seeraa:- 006
LAFA BAADIYYAA
Qabiyyee/Lafa baadiyyaa irratti wal falmii kaāu qaamni mootummaa Federaalaa keessatti hirmaatus ykn qabeenya mootummaa federaalaa taāus yookiin wal falmitoonni jiraattota naannolee garagaraa yoo taāanis dhimmicha sadarkaa jalqabaan ofitti simatee ilaaluun murtii kennuuf Aangoo hundee dubbii kan qabu Mana Murtii Aanaa qabiyyeen sun keessatti argamudha jechuun Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddachi Ijibbaataa galmee lakk 246305 taāe dhaddacha gaafa Mudde 25/2016 ooleen (kan hin maxanfamne) irratti murtii fi hiikoo seeraa dirqisiisaa kenneera. Akkaataa Labsii 1234/2013 kewt.5(1)(f,g,h) jalatti tumamee jiruun, falmii dhimmoota qaamni mootummaa federaalaa keessatti hirmaate yookiin qabeenya mootummaa federaalaa taāe yookiin qaama Mootummaa Federaalaatti galmaa'e, yookiin dhimmoota jiraattota Naannolee adda addaa jiraatan gidduutti wal falmii kaāu yookiin wal falmii jiraattota naannolee fi Magaalaa Finfinnee jiraatan gidduutti falmii kaāu ilaaluuf aangoo kan qabu Manneen Murtii Federaalaa akka ta'e tumamee jira. Dhimmi kun keessaawuu, dhimmi wal falmii jiraattota Naannoo Oromiyaa fi magaalaa Finfinnee gidduutti wal falmii kaāu ilaalchisee hiikkoo Heeraatiif qajeelfamee kan jiru fi murtii /fala xumuraa kan hin arganne taāuun ni beekkama. Haataāu malee, Dhimma MMWF/Dh/Ijibbaataa Galmee Lakk. 246305 taāe dhaddacha gaafa 25/4/2016 ooleen murtii fi hiikkoo seeraa dirqisiisaa kenname kanaan immoo dhimma wal falmii qabiyyee lafa baadiyyaa irratti kaāu ilaalchisee Manni Murtii dhimmicha sadarkaa jalqabaatiin ilaalee murtii kennuu dandaāu (Aangoo hundee dubbii kan qabu) Mana murtii Aanaa qabiyyee/lafti sun keessatti argamudha jechuun murtii kennee jira. Dhimmichi falmii lafa baadiyaa naannoo Amaaraatii ka'e ilaalchisee murtii kenname yoo taāu, akkaataa Heera Mootummaa kewt. 51(5) tiin Lafaa fi qabeenya uumamaa irratti seera baasuun aangoo Mootummaa Federaalaa akka taāe tumus, akkaataa Heericha kewt.52(2d) tiin Lafaa fi qabeenya uumamaa bulchuun aangoo naannoleef kenname akka ta'e, naannon immoo seera mootummaa federaalaan bahe irratti hundaa'uun seera lafaa fi qabeenya uumamaa ittiin bulchu baasee, seera ofii baaseen wal dhabbiin yeroo uumamu qaama dhimmicha ilaalee furmaata kennu hanga kaa'etti aangoon kan qaama seera naannotiin aangeffame ta'a malee sababa teesson wal falmitootaa naannoo gara garaa ta'eef ykn galmaa'aa ykn qaama mootummaa federaalaa ta'eef dhimmichi dhimma federaalaa kan ta'uu miti jechuun murtii kenneera. Credit to ELIYAAS KAASAA
499
Murtiiwwan MMWFDHI
HBS Hiikkoo Seeraa 005
āšš”šššššš”š¢ šš£š¢ššššššš ššš§š šš®š«šš¢š¢ ššš„š¢š¢š“š®š„š®š® š šššš«ššš„šš ššš¤š¤šØšØšš¬š ššš„š¦šš šššššš ta'e irratti "himannaan jeequmsi sagalee uumame haa dhaabatu yookiin fooliin badaa ollaa irraa na dhaqqabe jedhamee dhiyaatu,mirga abbaa qabeenyummaa seeraan ala fayyadamuu seera hariiroo hawaasaa keewwattoota 1225 fi 1226 kan ilaallatu waan ta'eef;iyyanni himannoos ta'e ibsi murtii keessatti kennamu yaad-rimee seera hariiroo hawaasaa keewwata 1149 jalatti tumamaniin osoo hin taane,tumaa rogummaa qabu adda baasuun ta'uu akka qabu" hiikoo kenneera.Haala kanaan miidhaan yoo dhaqqabe yookaan miidhaan dhaqqabuuf kan sodaachisu yoo ta'e,kisaaraa gaafachuu,bakka duraan turetti akka deebi'u yookiin tarkaanfiin of eeggannoo barbaachisaan akka taasifamu bu'uura shh keewwata 1225 fi 1226 himannaan dhiyeessuun akka danda'amu hiikoo Seeraa kana keessatti ibsameera.(šš¢š¢š¤šØšØ šššš«šš°š Jildiidhaan Hin Maxxanfamne).
499
OOLMAA DHADDACHAA
Guyyaa 13/5/2017
L/O/Dh/Haqabaas:- 08
Himatamaan Yakka Gowwomsuu Raawwate Hidhaa fi Maallaqaan Adabame
Himatamaan maqaan isaa Ismaail Abdallaa jedhamu badhaadhina isaaf hin malle argachuuf ta'e jedhee itti yaadee gaafa guyyaa 20/04/2017 tilmaamaan sa'aatii 05:00 yeroo ta'u G/I/A/Boor Aanaa yaayyoo Ganda Iluu Abbaa dinkaa iddoo addaa Geddaa jedhamuun beekamutti midhamtuu Dhunfaa maqaan Ishee Guddaayee Abdisaa jedhamtuuti jecha dogongorsaa itti dubachuun, qarshii Kuma kudha saddeet (18,000) osoo abbaan manaa Ishee isaaf hin Hayyamiin akka abbaan manaa hayyamee fakkeesse akkasumas Barsisa Amantii of fakkeessun Yakka gowwomsuu Raawwate Galmee Abbaan Alangaa fi qorataan poolisii waliin qulqullessanii Abbaan Alangaa Aanaa Yaayyoo himata Seera yakkaa kwt 692(1) jalatti mana murtii Aanaa yaayyoo dhiyeessee manni murtii Aanaa yaayyoo erga ragaa Abbaa Alangaa dhagahee booda ragaan Abbaa Alangaa guutumaatti waan irratti mirkaneesseef akka Himatamaan ofi irraa ittisu ajajus Himatamaan ragaa ittisaa waan hin dhiheeffanneef manni murtii keewwatuma Abbaan Alangaa dhiyeessee jalatti balleessaa qaba jechuun dhaddacha gaafa guyyaa 05/05/2017 oleen Himatamaa kana ni barsiisa kan jedhe Adabbii hidhaa salphaa waggaa lammaa fi baatii shanii fi Adabbii Maallaqaan qarshii dhibba shaniin Adabeera. Irraa haa baranuun ergaa waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Yaayyoo
499
OOLMAA DHADDACHAA
Guyyaa 10/05/2017
L/O/Dh/Haqabaas:- 07
Guyyaa-10/05/2017
Himatamaan Yakka Imaanaa Hirāisuu Cimaatiin Himatame,Hidhaa Cimaa fi Qarshiin Adabame.
Himatamaan Miftaahii A/Zinaab A/Saambii jedhamu Godina Jimmaa Aanaa Qarsaatti Itti Gaafatamaa Mana Kuusaa Waldaa Hojii Gamtaa (WHG) Qonna Maraa Xuqur Abbulluu taāee Waliigalteen (Kontiraatan) Qacaramee Yommuu hojjechaa turetti Imaanaa isatti kenname cinaatti dhiisuun Badhaadhina isaaf hin malle argachuuf yookiin nama biroof argamsiisuuf yaadee, Gurgurtaa xaaāoo fi callaa guddistuu taasisaa ture irratti, Odiitii marsaa lamaan Daangaa odiitii gaafa 11/02/2011 hanga 17/03/2015 giddutti taasifaameen Xaaāoo Gosa NPSB kuntaala 4306 galii taāee keessaa hirāinni Kuntaala 141, qarshiidhaan 363,551.275, Xaaāoo Gosa UREA(Yuuriyaa) Kuntaala 1037 galii taāe keessaa hirāinni Kuntaala 20, qarshiidhaan 56,416.2 fi Sanyii Boqqolloo BH-661 kuntaala 170.5 galii taāe keessaa hirāinni Kuntaala 4.5, qarshiidhaan 19,973.13, Walumaagalatti Xaa'oo fi callaa guddistuu tilmaama qarshii 439,940.605 hirāisuun faayidaa dhuunfaa isaatiif oolfateera jedhamuun Labsii Yakkoota Malaammaltummaa Lakk. 881/2007, Keew.31(2) jalatti Abbaan Alangaa Godina Jimmaa Yakka Imaanaa hirāisuu Cimaatiin Himannaa Mana Murtii Olāaanaa Godina Jimmaatiif dhiyeessuun falmiin gaggeeffamaa kan ture taāee, Dhaddacha Gaafa Guyyaa 08/05/2017 ooleen Himatamaan Addabbii Hidhaa Cimaa Waggaa 4(Afurii) fi qarshii 1000 (Kuma tokkoo)ān adabameera. Imaanaa Namatti kenname cinaatti dhiisuun Faayidaa ofiif ykn Nama biroof hojjechuun Aad-Male! WAAJIRA A/A GODINA JIMMAA! Haqabaas TeamOlaantummaan Seeraa wabii hunda keenyaati! Haqaan hojjannee haqaan ha jiraannu! Lafa Nagaa Oolaaš
499
OOLMAA DHADDACHAA
Guyyaa 05/05/2017
L/O/Dh/haqabaas:- 06
Himatamaan Lafa Magaalaa Qabiyyee Mootummaa ta'e seeraan ala qabate Adabbii Hidhaa cimaa waggaa1 fi Adabbii Maallaqaa Qarshii 5,000niin adabame.
Himatamaan Ramadaan Alii jedhamu, Lafa Magaalaa Qabiyyee Mootummaa ta'e Seeraan ala Lafa Qabiyyee isaatti Makuun lafa Kaaree Meetiraa kuma kudha saddeetiif dhibba torbaa fi afurtama(18,740M²) ta'e, Qabiyyee bara1984 irraa eegalee hanga bara 2007 tti Aadde Zeeynabaa H/Ahimed fi ijoollee ishee turuun, ergasii Mootummaan Faayidaa ummataa fi Misooma Ummataaf jecha Gaafa Guyyaa 25/10/2007 Addee Zeeyinabaa H/Ahimad fi Ijoollee ishee Namoota 10 ( kudhaan) taahaaniif beenyaa tokkon tokkon isaaniif Qarshii kuma 62,575.95 (Kuma jaatamii lamaaf dhibba shaniif torbaatamii shanii fi santima sagaltamii shan) kaffaluun, Waliigalaa beenyaa Namoota 11 (kudha tokkoof) qarshii 688,335.45 (Kuma dhibba jahaa fi kuma saddeettamii saddeetii fi dhibba sadii fi soddomii shanii fi santimaa afurtamii shan) ta'e erga kaffalee booda Baankii lafatti Galchee bulchaa jiru, Himatamaan kun karaa faallaa seeraa ta'een Lafa Mootummaan beenyaa itti kaffalee kaaree Meetirii 18,740M² keessaa, Lafa Kaaree kuma kudha Lamaaf dhibba tokkoo fi Saddeettamii torba (12,187M2) ta'e, Osoo waajjirri lafaa seeraan dhorkuu diduun, Gaafa Guyyaa 19/11/2014 irraa eegalee karaa kibbaatiin itti seenuun lafa Qabiyyee isaatti Makuun itti Fayyadamaa waan jiruuf seeraan akka gaafatamuu jechuun eeruun kan dhiyaate yommuu ta'u, Abbaan alangaa himannaa Bu'uura Labsii Liizii lafa Magaalaa lakk.721/2004 kew 5(2)fi kew 35(1) (B) jalatti hundeessuun Ragaan namaa fi kan barreeffamaa akkasumas Ragaan Ogeessaa dhiyaatee mana murtiitti erga dhaga'amee booda, Manni murtii himatamaa kana akka ofirraa ittisu ajajuun, Himatamaan ragaaa ittisaa dhiyeeffatus Ragoonni dhiyaatan kan irraa hin ittisne waan ta'eef, bu'uuramaa himannaa Abbaa Alangaatiin Manni murtii Dhaddacha Gaafa Guyyaa 22/04/2017 ooleen Adabbii hidhaa cimaa waggaa1 fi Adabbii Maallaqaa Qr 5,000 itti murteessee jira. Haqabaas Team
499
Paarlaamaan labsii qabeenya deebisiisuu hanga waggaa 10 duubatti deebiāee hojjetu raggaasise
Manni Maree Bakka Buāoota Ummataa walgaāii idilee 14ffaa kaleessa gaggeesseen labsii qabeenya deebisiisuu raggaasiseera. Labsiin kaleessa Amajjii 09, 2025 raggaasifame kun mootummaan qabeenya madda isaanii hin ibsamne akka toāatuufi deebisiisuuf aangoo kenna.
Seerri haaraan kun liqii baankii, aksiyoonaa, boondii fi qabiinsa diinagdee qaban biroo dabalatee qabeenya waggoota kurnan darban keessatti argaman tilmaani isaanii Birrii miiliyoona 10 ol taāan irratti xiyyeeffata.
Odeefannoo fi barnoota dhimmoota seeraa itti fufinsaan argachuuf liinkii fuula teligiraamii keenyaa join gochun hordafaa.
āHaqabaas/įįį£įµā
HAQABAAS TEAM
499
+2
Labsii Boba'aa Haaraa
====================
Gatii gurgurtaa mootummaan kaaāeen ala oomisha bobaāaa daldaluu, akkasumas oomishaalee bobaāaa wantoota badaa waliin walitti makuun hidhaa cimaa waggaa 3 hanga 5fi maallaqa birrii kuma 300 hanga kuma 500 akka adabsiisu labsicha keessatti eerame. Akkasumas namni oomishaalee bobaāaa bakka hayyamameen alatti kuuse, bakkaafi sirna daldalaa itti gurguramuu qabun alatti gurgure, ykn meeshaa balaa qaba jedhameen kan gurgure kamiyyuu qabeenya bobaāaa irraa dhaalamuun hidhaa waggaa 3 hin caalleeniifi adabbii birrii kuma 350 hanga kuma 500 ni adabama.
499
OOLMAA DHADDACHAA
Guyyaa 30/4/2017
L/O/Dh/haqabaas:- 05
Himatamtuun yakka namaan daldaluu fi seeraan ala nama daangaa Ceesisuu raawwatte hidhaa cimaa waggaa 11 fi qarshii 3000n adabamtee jirti.
Himannaa Abbaan Alangaa Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee gaafa guyyaa 20/10/2016 dhiyeesseen himatamtuu * jedhamtu labsii namaan daldaluu fi seeraan ala daangaa ceesisuu to'achuu fi dhoorkuuf bahe lakk. 1178/2012 kewt.4(2c) irra darbuudhaan ta'e jettee gaafa guyyaa 06/08/2016 halkan keessaa tilmaamaan sa'aati 3:00 yoo ta'u Bulchiinsa Magaalaa Shaashamanneetti kutaa Magaalaa M/Sirbaa Aanaa B/Fillichaa iddoo addaa Nook jedhamee beekkamutti Midhamtuu * jedhamtuu umriin isii waggaa 10 taate hojjattuu mana gootee fudhattee hojjachisaa osoo jirtu sababa Warqii mormaa najalaa dhoksite jedhuun Maankaa ibidda keessa gootee oo'isuudhaan qaama isii iddoo adda gubuudhaani fi mukaan dhooftee ilkaan tokko irra kan cabsiten miidhaa irran geetten eeruu kennameen to'atamtee yakka seeraan ala namaan daldaluu fi daangaa nama ceesisuu raawwatte jechuun Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaashamanneetti himatamtee. Himanni idileedhaan banamuun himatamtuu erga dhaqqabeen booda dhaddachatti erga dhihaatees mirgi isiin qabdu itti himamuun himanni irra deebiin himatamtuuf dubbifamee naaf galeera erga jetteen booda mormii sadarkaa duraa ni qaba jedhamee dhihaate kufaa gochuudhaan jecha amantaa fi waakkii isii irratti himatamtuun tun gocha kiyyaa miti sobaan narratti qindaaāe jechuun guutummaa guutuutti waan haalteef ragoota qabna nuuf yaa dhagahaman jechuun ijoo dubbii ragooleen keenyaa nuuf beekan qabsiifannee ragooleenis dhaddachatti dhihachuun eenyuummaan isaanii erga adda baheen booda buāuura amantaa isaaniin kakuu raawwatanii jecha ragummaa isaanii kennanii jiru. Manni Murtiis ragaa A/A erga dhaggeeffatee booda buāuura himannaa fi ijoo isaan beeku jedhamee qabsiifamee osoo hin faallessin ragaa bahanii jiru. Kanaanis Manni Murtii jecha ragummaa ragoota A/Alangaa erga xinxaleen booda galmee qoratee himatamtuun keewwatuma labsii ittiin himatamte jalatti ofirraa yaa ittistuu jedhamuun himatamtunis ragaa ittisaa ni qaba jechuun ragoota ittisaa nama 3 dhiheefatee jecha isaanii kennaniin jecha gara gara kan kennaniif jecha Himatamtoonni gaafa jecha amantaafi waakki kennanii faalla kan taāe waan taāeefi Manni murtii ragaa Abbaa Alangaa kan namaa fi barreefamaa dhihaate himatamaan yakka ittiin himatame kana raawwachuu isaa haala shakkiin ala taāeen kan irratti mirakaneesse yoo taāu himatamtuun raga ittisaa dhiheefatteen kan irra hin ittifne waan taāeef Himannaa keewwatuma himannaan dhihaate jalatti balleessa jedhamteerti. manni murtii sababa adabbii salphisu lama waan isaaniif fudhateef Himatamtuu fi Fakkaatota isaanii ni barsiisa jedhee guyyaa tooāanna jala ooltee kaasee adabbii hidhaa cimaa waggaa Kudha tokkootiin (11)tiin fi adabbii qarshii kuma sadii (3000)tiin akka adabamtu buāuura s/d/f/y keewwata 149(5) tiin Murtii Adabbii kennee jira. DHAAMSA KEENYA ---------------------------- Yakki daa'imman irratti raawwatamu yakka xiyyeeffannaan itti kennamuu qabu keessaa isa tokko akka taāe yeroo adda addaatti maxxansaa turree jirra. Yakkootni safuu hawaasaa cabsuudhaan raawwataman kanneen miseensota maatii, keessumaayyuu namoota miidhamtootaaf eegumsa taasisu jadhamanii abdatamaniin yeroo raawwatamu garajabummaan isaa baayāee olaanaadha. Hawaasni keenya kunis jiraachuu beekee of eeggannoo akka taasisu dhaamsa keenya dabarsina. ---- āHaqaan haqaaf Hojjenna!ā WAABMSH/NNEE Shaashamannee HAQABAAS TEAM
499
Repost from Vacancy Posts
VACANCY POSTS
For Law graduates(with experience)
Hagbes Private Limited Company
āŖļø Job Position 1 - Foreign Procurement and Logistics Manager
āŖļøJob Position 2 - Senior Attorney
āŖļøJob Position 3 - Factory Manager
āŖļøFind More Details here
š§š§š§š§
https://kebenajobs.com/job/hagbes-private-limited-company-jan-4-25/
ā®Deadline: Different
499
Guyyaa 26/4/2017
Sa'atii 4:25
ā®HBS Kutaa 20ffaa
ā¾ Haqabaas team irraa
Dhimmoota malaammaltummaa fi Aangoo mirga wabii ilaaluu
Kutaa darberraa kan itti fufe...
ļ Sababni kun barbaachisummaa ragaa sana waliinis kan deemudha. Himaatamaan hidhamu malee ragaa sana sirnaan argachuu kan hin dandaāamne taāuu hubachisuun barbaachisaadha. ļ¼Himatamaan dandeetti ragaa sana balleessu qabaachu isaas adda baasuun barbaachisaadha. Fakkeenyaaf Aangoo, dandeetti maallaqaa, ragoonnis sodaachuu kan dandaāan taāuu.. ļ¼Ummama yakkicha ilaaluu. ļ Yakkoota ragaa balleessuuf carraa uuman fknf ragaa sanada qofan mirkanaaāuu fi mirkanaaāuu dhabuu isaa Ragaa balleessuuf carraan shakkamaan/himatamaan qabu. ļ MM himatamaan ragaa jedhame akka hin balleessine furmaata biroo yoo jiraate ilaaluu qaba. Fakkeenyaf ragaa sanadaa mana galmee keessa jiru baasuu dandaāa yoo jedhame garuu mana galmee sana cufuu ykn himatamaan biiroo sana akka hin deemne dhoorkuun yoo dandaāame mirga wabii dhoorkuun sirrii hin taāu.(sy kwt 141) Kaayyoon guddaa tumaa kanaa ragaa sanaaf ofeeggannoo gochuudha. ļ Dhimma qabatamaa Himatamaan S/Y kwt 580 jalatti himatame. Mirga wabii gaafatee jira. A/A yaada kenneen himatamaan ragaa balleessuu dandaāa jechuun morme. ļ MMA: Ragaa balleessuu dandaāa waan taāeef mirgi wabii kufaadha jechuun ajaja kennee jira. ļ MMO: Ragaa balleessuu dandaāa kan jedhu amansiisaa miti jechuun mirga wabii heyyameera. Issue ļ¶AA mana murtii jalaatti yeroo mirga wabii falmuu buāuura sdfy kwt 63(1) tiin mormaa turee, sadarkaa olāiyyannoottii dabalataan buāuura sdfy kwt 67 tiin yoo mormee MMO sababa kana fudhatee murtii kennuu qabaa? Sadarkaa MMO tii sababa haaraa dhiyeessee mormuu dandaāaa? Like SDFHH 329(1) not allowed to raise new argument and facts at appeal (dhimmoota HH) Remark ļ¶Ergamni MMO hirāina yookiin doggongora seeraa yookiin ijoo dubbii, walumatti hirāina murtiin Mana Murtii jalaa qabu olāiyyannoodhaan ilaalee sirreessuufiidha.(Labsii 216/2011 kwt 23(2)) ļ¶Mirgii wabii haala addaatiin qofa dhoorkama. Narrowly interpreted. ļ¶Falmii haarawaa sadarkaa olāiyyanootiin kaasuun mirga himatamaa daangeessuudha. ļ¼Jildii 24 L.G 182266- dhimma haaraa sadarkaa olāiyyannootti kaasuun hin dandaāaamu jedheera. ļ Dabalataan L.G 199786(gaafa 28/5/2013) sababni mirga wabii dhoorkuu mana murtii jalatti hin dhiyaanne sadarkaa olāiyyannootti AA dhiyeessuu hin dandaāu. ļ¶Final Remark: ļ¶SDFY kwt 67 āni bada ragaa balleessa kan jedhu qofti gahaa miti. ļ Dhimmoota kan dhugoomsuu dandaāan hubachisuuf AA dirqama qaba. Cass.Vol 7 file 31734- tilmaama kana dhugoomsuu dandaāu haalli gahaan jiraachuu qaba. SDFY kwt 67 baliāifame hiikamuu kan hin qabnee fi yeroo wabiin hayyamamu dirqamoota biroo waliin walfaana murteessuun ni dandaāama. ļ Fknf biyya alaa bahu taanaan akka hin baanee dhoorkuu,sanada balleessuu taanaan iddoo sanadni jiru akka hin geenye gochuu,cheekii gogaa kennuun yoo taāe yoo bahan ajaja akkanaa akka hin kennine dhoorkuun etc ādirqamootni akkasii filatamaadha. Haqabaas teamMata duree biraa qindeessinee wabannee deebina. Nagayaan nuuf turaa
499
ļ AA mirga wabii sana yeroo ilaaluu mirga wabii sana irratti qaama rogummaa qabu ajaju qaba. Qaamni rogummaa sun yakkicha himachuu fi qorachuuf aangoo qabuudha... itti fufa.... HAQABAAS TEAMBarreeffama gabaabaa hubannoof akka tolutti Kabajamoo A/A Keenboon Dhugumaa tiin qophaa'e keessaa kan fudhatamedha! Haqabaas irraa
499
Guyyaa 24/04/2017
Sa'atii 3:22
ā®HBS Kutaa 19ffaa
ā¾Haqabaas team irraa
Dhimmoota Malaammaltummaa fi Aangoo Mirga Wabii ilaaluu
Dhimma Qabatamaa MMA: dhimma malaammaltummaa qaamni roggummaa qabu yeroo beellama akka kennuuf dhiyyeesse ture erga ilaalee booda, yeroo beellama ilaalchisee gahaadha jedhe cufe jira. ļ Haa taāu malee sana booda waaāee mirga shakkamaa ilaaluuf aangoo hin qabu jedheera. MMO: MMA dhimma yeroo beellamaa erga ilaalee booda mirga wabii ilaaluu hin dandaāu jechuun isaa sirrii miti. Mirgi wabii mana murtii dhiyoo jirutti ilaalamu kan qabu waan taāeef ilaaluuf aangoo qaba jechuun diigeera. ļ Labsiin lakk.434/97 (kan fooyyaāe) kwt.7 jalatti qaamolee aangoo abbaa seerummaa qaban kaaāeera. Kunis dhimma Yakka Malaammaltummaa Naannoo ilaaluuf aangoon Hundee Dubbii kan eegaluu MMO irra akka taāe kaaāameera. ļ Dhimmoonni ajaja Qabiinsaa, Sakataāiinsaa,Yeroo Beellamaa,Buufata Poolisii tursiisuu,mirga wabii, dhoorkaa ykn uggurri akkasumas, dhimmoonni biroo qorannaan wal qabatan kan ilaalaman M/Murtii yakka malaammaltummaa dhagahuuf aangoon kennameef Mana Murtii olāaanaa akka taāe labsiin lakk.434/97 kwt 9(4) jalatti tumeera ļ Manneen Murtii Aanaa yookiin Manni Murtii Federaalaa Sadarkaa jalqabaa dhimmoota kanneen ilaaluuf aangoo hin qaban. ļ Kun dhaqqabamummaa waliin gaaffii kaasaa ture. MMWN tii dhimma ilaalamu yoo taāe Magaala Finfinnee ykn dhaddachoota dhaabbii deemuun akka gaafatan taasifamaa ture. ļ Haa taāu malee Labsiin haaraan lakk.882/2007 labsii lakk.434/97 kwt. 7 fooyyessuun citaa xiqqaa tokko dabaluun kwt.7/5/ jalatti fala kaaāeera. ļ Kuniis qaamni rogummaa qabu falmiilee adeemsaa Yakka Malaammaltummaa Mana Murtii aangoo qabutti dhiyaachuun isaa mirga himatamaa kan hubu, ragaan kan baduu fi dhamaatii hin malleef kan saaxilu taāuu yoo itti amane Mana Murtii Sadarkaa duraatti dhiyeessuu ni dandaāa jechuun tumeera. ļ Qaamni rogummaa qabus qaama aangoo yakka Malaammaltummaa qorachuu ykn himachuu dandaāu akka taāe 434/97 kwt.2/3/ jalatti hiikkoon kennameera. ļ Gaaffiin asitti kaāuu dandaāu aangoo maneen murtii dhimma tokko ilaaluu fi dhabuu qaama dhimmi ilaallatuuf kennuu hin taāuu? Kun dhimma labsiin murtaaāu ykn seera baaftuun murtaaāu taāuu hin qabu turee? A/A f kennuun mirga himatamaa waliin akkamitti ilaalama? Qaamni dhimmicha qoratu akka murteessu hayyamuun himatamaa irratti dhiibbaa hin fiduu? ļ Kanaafuu, falmiilee adeemsaa yakka Malaammaltummaa fi dhimmoonni qorannaan walqabatan ilaalchisee aangoon M/M Aanaaf kennamee hayyama qaama rogummaa qabu irratti kan buāuureffatee fi ulaagaalee olitti tarreeffaman jiddu galeessa kan godhateedha. ļ Haa taāu malee mirga wabii walqabatee Manni Murtii Aanaa ilaaluu dandaāa moo? hin dandaāu? yoo dandaāa taāe haala kamiin hayyama kanaan aangoo sana argataa? kan jedhu ilaaluun gaariidha. Hayyamni kun haala kamiin argama? 1ffaa Iyyannoota kakaāumsa Qaamni roggummaa qabu yeroo dhiyeessuu kanneen akka iyyannaa ajaja Qabiinsaa, Sakattaāiinsaa, Yeroo Beellamaa, dhoorkaa qabeenyaa yoo taāan qaamni kun ofii isaa mana murtiif dhiyeessa waan taāeef hayyama kennuu isaa achi irraa hubatama. 2ffaa Kakaāumsa Shakkamaatiin gaaffii dhiyaatu. Fknf mirga wabii taāu dandaāa. ļ Yeroo akkanaa hayyamni qaama rogummaa qabu argamu kan dandaāu yeroo yaada mirga wabii irratti kennu aangoo hin mormine taanaan akka fudhateetti lakkaawwama. (concept of establishing jurisdiction under civil case) ļ Dabalataan AA yeroo beellamaa dhiyyeessuun dhimmicha ilaalchisaa ture yeroo galmeen cufamuā¦gaaffiin mirga wabii yeroo ilaalamu immoo aangoo hin qabdan jechu hin dandaāu.
Kanaafuu mirga wabii irratti Manneen Murtii tacitly aangoo argatu jechuudha. Kunis Manneen Murtii hanga Aangoon isaanii hanga hin mormamneetti gaaffii mirga wabii duuchumaan malaamaltummaa waan jedhameef qofa aangoo hin qabnu jechuun dhoorkuu hin qabani. Garuu ifatti yoo morman aangoo hin qabani.
499
Murtiiwwan MMWFDHI
HBS Gabaabaa 004
Murtii haaraa (MMWFDH L.G 269430 gaafa 29/2/2017 fi 233903(hin maxxa.)- Haala Raawwii dhoorkaa mirga wabii SdFY kwt 67(a) Lak.gal.233903 ta'erratti Sababa iddoo garaagaraa jiraachuu himatamaa/Shakkamaa ilaalchisee"Himatamaan/Shakkamaan teessoo dhaabbataa waan hin qabneef dirqama wabii kabajee hin dhiyaatu jechuun Mirga wabii dhorkachuun "Mirga lammiileen daangaa biyyatti keessatti filatanii jiraachuu Heera Mootummaa Rippaabilika Federaalaa Itoophiyaa keeyyata 32,Mirga walqixxummaa lammiilee seera fuuldurattii Keeyyata 25 fi Mirga shakkamaan wabiin to'annaa jalaa ba'ee dhimma isaa hordofachuu keeyyata 19(6) bu'uura godhachuun dhimmi teessoo mirga wabii gaafataa irraa mulquuf sababa ga'aa akka hin taane asgadajii wissaanee Kenneera! #Dabalataanis Lak.gal.269430 ta'errattis šManneen Murtii bu'uura SDFY kwt 67(a) tiin himatamaan mirga wabiidhaan yoo bahan dirqama wabummaa isaanii eeganii hin dhiyaatan jechuuf sababoota seera qabeessaa fi gahaa ta'e haaloota naannoo sana jiruun hubachisuun dirqama. Haa ta'u malee manneen murtii haala raawwii yakkicha itti raawwatanii fi ulfaatina isaa caqasuuun bu'uura SdFY kwt 67(a) mirga wabii dhoorkuun sirrii miti. šSababni isaas murtiin balleessummaa osoo isaan irratti hin kennamin dura akka nama qulqulluutti tilmaamamuu isaanii kan tuqu waan ta'eef tilmaamni mana murtichaa sababa seera qabeessa ta'e irratti kan hundaa'e miti jechuun mirga wabii heyyameera..š HAQABAASāMurtii mana murtii waliigala federaalaa dhaddacha ijibbaataa akka barbaachisummaa isaatti kan afaan oromootti hiikame qabannee walitti deebina Nagayaan nuuf turaa! Team Haqabaas
499
Murtiiwwan MMWFDHI
HBS Gabaabaa 003
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF Galmee Lakk.208197 (Jildii 26ffaa) ta'e irratti: "āļøQarshii 500 ol liqeeffachuuf ykn liqeessuuf ykn nama biroodhaaf wabii ta'uuf dirqama seerri waliigaltee walfuutotaatu barbaachisa jedhu kabajuu dhabuudhaan walfuutota keessaa inni tokko waliigaltee raawwatee yoo argame, walfuutota keessaa inni biroon waliigaltichi akka diigamuuf himannaa yemmuu dhiyeessu, waliigalteen walfuutota keessaa isa tokkoon raawwatamuu isaa walfuutota keessaa inni biroon ni beeka jechuun mormii darbiinsa yeroo ji'a ja'aa bu'uura Seera Maatii kwt 69(2)tiin tumame yoo kaase, walfuutota keessaa inni himannaa dhiyeesse haala kamiin akka beekefi yoom akka beeke mirkaneessuuf dirqama qaba. āļøWalfuutota keessaa gareen waliigalticha keessatti hin hirmaanne, himannaa waliigalteen naaf haa diigamu jedhu dhiyeessuu haala dandeessisuun waa'ee jiraachuu waliigaltichaa hubannoo guutuu qabaachuu waan qabuuf, waliigalteen liqii maallaqaa walfuutota keessaa isa tokkoon raawwatame jiraachuu ni beeka jedhamuuf yoo xiqqaate; waliigaltichi eenyu waliin akka raawwatame, waliigaltee liqii maallaqaa hagamii akka ta'e, waliigaltee liqii maallaqaa yoom raawwatame akka ta'e yoo beekuu danda'edha" jedheera. Hubachiisa: šDhaddachi Ijibbaataa kun murtii kana keessatti, darbiinsi yeroo waggaa lamaa kun 'Absolute Period of Limitation' taāuu ibseera. šTumaan Seera Maatii Mootummaa Federaalaa kwt 69(2)fi Kan Seera Maatii Oromiyaa Kwt 85(2) jalatti ibsame Wal fakkaataadha. Kan Afaan Oromootti hiike DASSAALENY B., ILQSO HAQABAAS TEAM
499
Repost from Vacancy Posts
VACANCY POSTS
š“Amhara Bank S.Cš“
For Law Graduates
āŖļøJob Position 1 - Junior Attorney
āŖļøJob Position 2 - Senior Attorney
āŖļøFind More Details here
š§š§š§š§
https://kebenajobs.com/job/amhara-bank-s-c-dec-30-24/
āŖļøDeadline: January 3,2025
