HAQA-BAAS
Open in Telegram
Here we give U legal services free of Charge (Online free legal service 4 all) HB is for: ➾Law Students ➾Law Professionals ➾Gov't officials ➾Private Sectors ➾NGO's ➾Anybody... CEO➬ @HaqabaasHB 📧Here ➮ @imaltuumilkii ➮ @LeellisuudhaWaanOfii_bot
Show moreThe country is not specifiedLaw5 495
499
Subscribers
No data24 hours
+27 days
+1930 days
Posts Archive
499
OOLMAA DHADDACHAA
➭Guyyaa 17/06/2017
Sa'atii 9:43
➭L/O/Dh/Haqabaas: 15
Himatamtoonni wal-gargaaruun yakka Butii raawwatan hidhaan adabaman
Hmatamtoonni 1ffaa Bilaala Yuusuf , 2ffaa Taajuu SH/Amaan fi 3ffaa Kadiir Mahammad jedhaman himatamtoonni kuniin waliin ta’uun guyyaa 13/03/2017 namoota yeroof harki isaanii hin qabame namootni 6 waliin ta’uudhaan Aanaa Siree Ganda Gaasalaa Amuxaa jedhamu keessatti dubratii gaa’elaaf hin geenye umriin ishee waggaa 14-15 taate X jedhamtu naannoo sa’aa 9:00 tti himatamtoonni 1ffaa fi 2ffaa kuniin fi shakkamaan yeroof harki isaa hin qabamne Saadiqaa Jeeyiluu jedhamu waliin harka miidhamtuu qabuudhaan harkisuun yemmuu baasan, himatamaa 3ffaan fi namoota yeroof harki isaanii hin qabamni 5 waliin ta’uudhaan miidhamtuu dhuunfaa baargamoo keessaa bahanii yemmuu butuuf ta’an waan hanqataniif gocha buttaa raawwataniiru jechuun himannaa dhiyaatee fi gaafuma kana immoo ganda Hogisoo Boranoo jedhamutti naannoo sa’aa 11:00 tti miidhamtuu dhuunfaa Y jedhamtu umriin waggaa 15-16 taate himatamaa 1ffaa fi 2ffaa yemmuu harka qabanii harkisan namootin biroo yeroof harki isaanii hin qabamne yemmuu gargaaranii harkisan qaama seeraatiin too’annoo jala oolaniiru waan ta’eef yakka tumaa seera yakkaa kwt.32(1)A fi 590(2E) bira darbuun raawwataniin himatamanii jiru. Himatamtoonni dhaddacha irratti dhiyaatanii gocha yakkaa ittiin himataman jecha amantaa fi waakkii gaafatamaniin jecha kennaniin gocha yakkaa ittiin himataman guutumaan mirga isaanii eegachuudhaan waakkatanis Ragaaleen Abbaa Alanga kan namaa dhiyaatanii akkatuma himannaatiin kan ragaa bahanii fi himatamtootaan of irraa ittisaa jedhamanii ragoonni ittisaa dhiyaatanis irraa ittisuu waan hin dandeenyeef, himatamtoota 1ffaa-3ffaa himannaa 1ffaa jalatti s/y bara 1996 bahe 32(1)a fi 590(2e) balleessaa qaban jedhamee fi himatamaa 3ffaa himannaa 2ffaa jalatti s/y kwt.32(1)a fi 590(2e) jalatti balleessaa qaba jedhamee jira. Manni murtis himatamtoota kanaa fi fakkaatota isaan biroo ni barsiisa, ni akeekachiisa jechuun himatamaa 1ffaa fi 2ffaa adabbii hidhaa cimaa waggaa 14 fi himatamaa 3ffaa adabbii hidhaa cimaa waggaa 7 tiin akka adabaman murteessee jira. Maddi:Waajira Komnikeeshiinii Godinichaati.Kaayyoon keenya Sammuu olaantummaa seeraatti amanuu fi dhaloota Seeraaf sirnaan bulu horachuudha Haqabaas Team
499
Hubachiinsa: Namooni akkataa seeran ala bahatani Gibiira Nagahee malee hangaa barbaddan Sassabaan jirtaan itti Gaafatamummaa yakkaaf of qoppheesaa.Kaayyoon keenya Sammuu olaantummaa seeraatti amanuu fi dhaloota Seeraaf sirnaan bulu horachuudha Haqabaas Team
499
Guyyaa 17/6/2017
Sa'atii 7:13
➭ HBS Kutaa 22ffaa
➾Haqabaas team irraa
Haala Kafaltii Ittii Fayyadama Lafa Baaddiyaa Fi Gibiira Galii Qonnaa Labsii lakk. 255/2016 baheen
Kaffaaltii itti Fayyadama Lafa Baaddiyaa Fi Gibiira Galii hojii qonnaa baal'ina lafa,oomishaa fi gosa oomishaa yookiin beeylaadaa fi gosa beeylaadaa irratii hundaa'ee dha. Hangaa kaffaaltii Roobaa qofaan oomishamuu 👉Hanga kaffaaltii lafa qonnan Bula Rooba qofaan omishaamuu kafaltii itti fayyadama lafa Hektaarra tokkotii Qarshii 250 fi galii Gibira lafa qonnaaf qarshii 150 waligaalatii qarshii 400 kafaluu qaba . 👉kaffaaltii lafa baddiiyyaa oomishaa baargamoof oluu kafaltii itti fayyadama lafa Hektaara tokkotii Qarshii 300 fi galii Gibira lafa qonnaaf qarshi 1000 waligaalatii qarshii 1300 kan kafaluu qaba . Hangaa kaffaaltii Rooba fi Jallisii yookin Jallisii qofaan oomishamuu 👉kaffaaltii lafa baddiiyyaa kan Rooba fi jallisi ykn Jallisii qofan omishaamuu qonna aaddaf kafaltii itti fayyadama lafa Hektaarri tokkotii Qarshii 250 fi galii Gibira lafa qonnaaf qarshi 400 waligaalatii qarshii 650 kan kafaluu qaba. 👉kaffaaltii lafa baddiiyyaa kan Rooba fi jallisi ykn Jallisii qofan omishaamuu qonna ammayyaatiif kafaltii itti fayyadama lafa Hektaarri tokkotii Qarshii 250 fi galii Gibira lafa qonnaaf qarshi 800 waligaalatii qarshii 1050 kan kafaluu ta'a. Hangaa kaffaaltii lafa baadiyyaa kan Oomishaalee Gabaaf oolanii 👉 kaffaaltii lafa baadiyyaa kan oomisha Mashoo , bunna fi jimma kafaltii itti fayyadama lafa Hektaarra tokkotii Qarshii 250 fi galii Gibira lafa qonnaaf qarshi 1000 waligaalatii qarshii 1250 kan kafaluu qaba. 👉kaffaaltii lafa baadiyyaa kan oomisha baala shaayii, mi'eessituu urgeessituu ,Paappaayaa Muuzii Fi oomishaalee kan fakkatana kafaltii itti fayyadama lafa Hektaara tokkoti Qarshii 250 fi galii Gibira lafa qonnaaf qarshi 850 waligaalatii qarshii 1100 kan kafaluu qaba . 👉 kaffaaltii lafa baadiyyaa oomisha dibataaf kafaltii itti fayyadama lafa Hektaarra tokkotii Qarshii 250 fi galii Gibira lafa qonnaaf qarshi 1200 waligaalatii qarshii 1450 kan kafaluu qaba . 👉 kaffaaltii lafa baadiyyaa kan oomisha agada shaankoraa kafaltii itti fayyadama lafa Hektaarra tokkotii Qarshii 250 fi galii Gibira lafa qonnaaf qarshi 800 waligaalatii qarshii 1050 kan kafaluu . Hangaa kagafaltii horsiisaa beeyladaa ✍️Qonnaan bulaan, horsiisee bulan yookiin gamisaa horsiisee bulan akkata baayi'inaa fi gosa beeylaadaa irratii hundaa'ee Hanga Gibiira Galii kan kafaluu horii gaafa baayi'inaa 10 ol qabu loon tokkotti Qarshii 50 kaffala, Hoolaa yookin re'ee baayi'inaa isaan 15 ol qabu tokkotti Qarshii 10 kaffala, Harree,Gaangee fi Farda baayi'inaa isaan 5 ol qabu tokkotti Qarshii 30 kaffala, Gaala baayi'inaa 5 ol qabu tokkotti Qarshii 100 kaffala. ✍️Dubartootni Mana bulchaniifi Qaama miidhamtootni Loon baayina 12 olitti kaffalu, Hoolaa fi re'ee walumatti 17 olitti kaffalu ,Harree ,Gaangee fi farda 7 olitti kaffalu akkuma olitii ibsame kanatii kafaluu. MIRGA KAFFALAA GIBIRAA 👉Kaffalaan Gibiraa,haala Raawwii kaffaltii raawwatuu irratti hubannoo ga'aa argachuu, 👉Hanga kaffaltii akka kaffaluuf itti murtaa'ee fi haala Ragaan itti sassabame irratti komii yoo qabate koree komiitti ragaa qabatamaa dhiyeessee komachuu ni danda'a. 👉Kaffaltii raawwateef naga'ee seera qabeessa fudhachuuf mirga qaba. Adabbii Bulchiinsaa 👉Qonnaan bulaan, horsiisee bulan yookiin gamisaa horsiisee bulan kaffaltii itti fayyadama lafaa yookiin Gibiira Galii qonna kaffaluuf dirqama qabu kamiiyyuu akkataa seeran daangaa yeroo kaa'ame dabarsee yoo argame Qarshii kaffaluu qabu irratti ji'a ji'aan qarshii paraasantii % 5 Hanga 25% Kan Adabbii ni kafalaa. Haa ta'uu malee adabbin 25% caalu hin qabuu. 👉 Kaffaaltii itti Fayyadama Lafa Baaddiyaa Fi Gibiira Galii hojii qonna akka sassabuuf bakka bu'ee daangaa yeroo Galii gochuu qabuu dabarsee argame yeroo itti dabarse irraa egaale ji'a ji'aan 5% Hanga 50% Kan Adabamu . Komishinii kaffaalamuufi qabus hin argaatu.
499
OOLMAA DHADDACHAA
➭Guyyaa 13/06/2017
Sa'atii 3:13
➭L/O/Dh/Haqabaas: 15
Himatamaan osoo Aangoo hin qabaatin Nagaheewwan sobaa/Seeraan Alaatiin Gibira Galii sassabe hidhaa cimaa fi qarshiin Adabame.
Himatamaan maqaa isaa Abdulfattaa urddee daraaraa jedhamu badhaadhina isaaf hin malle argachuuf gaafa guyyaa 13/03/2017 guyyaa irraa tilmaamaan toora sa 'aa 10 :00 -11:00 jiddutti Godina Harargee Lixaa Aanaa daaroo Labuu arddaa Hamsiisoo bakka adda Cakkittii jedhamutti osoo qonnaan bulaa tahee jiruu aangoo tokkollee osoo hin qabaatin nagahee sobaa akka nagahee galii lafa baadiyyaa fi nagahee Dhabbata fannoo diimaa kan bara durii fi kan ammaa tajaajilaaf akka oolan taasisuun galii gibira lafa baadiyyaa nagahee seeraan alaa fayyadamuun gibira lafa baadiyyaa qonnaan bulaa nama 5 irraa waliigala taaksii 15,000 sassaabuun nagahee sobaa kana kenneefii waan argameef yakka nagaheewwan seeraan alaa ykn sobaa beekkamtti qaama aangoo hin qabnee fayyadamuun osoo aangoo hin qabaatin gibira sassaabuufii nagaheewwan seeraan alaa tajaajilaaf oolchuutiin himatame kan jedhu yoo tahu. Himatamaan dhihaatee jecha kenneen gocha kana hin raawwanne jechuun waan waakkateef ragoonni A/Alangaa dhaga'amanii irratti mirkaneessanii Ragoonni ittisaa himatamaarraa ittisuu hindendeenye waan taheef M/murtii himatamaan badii qaba jechuun dhaddacha gaafa guyyaa 12/6/2017 ooleen adabbii himatamaa fi fakkaatota isaa barsiisuu dandahu hidhaa cimaa waggaa 6 fi adabbii maallaqaa qarshii 50,000n akka adabamu murteessee jira. MADDI:= Waajira A/Alangaa Godina Harargee Lixaati.Kaayyoon keenya Sammuu olaantummaa seeraatti amanuu fi dhaloota Seeraaf sirnaan bulu horachuudha Haqabaas Team
499
Murtiiwwan MMWFDHI
HBS Hiikkoo Seeraa:-010
Daangaa aangoo Bakka-bu'ummaa addaa
➾ Abbaa Warraa fi haadha warraattu warraatu Bakka bu'aan isaanii mana isaanii bulchuu, gurguruu, jijjiiruu akka danda'uuf bu'uura SHH kewt. 2205tiin aangoo bakka bu'ummaa addaa kennaniif. Haa ta'u malee qabiyyee sanada aangoo Bakka bu'ummaa sana irratti bakka bu'aan manicha qabsiisee liqeeffachuu akka danda'u himni jedhu hin hammatamne/hin barreeffamne. Bakka bu'aan manicha qabsiisuudhaan Baankii daldalaa irraa qarshii 200,000 liqeeffate Bakka buufattoonni himannaa bakka bu'aa isaanii fi baankicha irratti dhiyeessaniin bakka bu'aan osoo aangoo qabsiisanii liqeeffachuu hin qabaatiin aangoo isaatii ol waan fayyadameef akkasumas baankichi aangoo Bakka bu'aan hin qabne bu'uura godhachuun manicha waan qabateef sanadoonni manicha ilaallatan akka deebi'uuf gaafatan #Dhaddachi_Ijibbaataa_Lakk_galmee_17320 ta'e irratti Hiikoo kenneen Bakka bu'ummaan kenname bakka bu'ummaa addaa ta'ee qabiyyee isaa keessatti qabsiisee liqeeffachuu himni jedhu barreeffamuu baatus bakka bu'aan qabsiisee liqeeffachuu ni danda'a jedheera.Kaayyoon keenya Sammuu olaantummaa seeraatti amanuu fi dhaloota Seeraaf sirnaan bulu horachuudha Haqabaas Team
499
Murtiiwwan MMWFDHI
HBS Hiikkoo Seeraa:- 009
1. DhIjMMWF LGMM 204922 ta’e irratti "Konkolaataa tokko keessatti iddoon meeshaan Kontirobaandii dhokfamu tolfamee achi keessatti meeshaa seeraan alaa fe'amee yoo argame, konkolaaticha dhaaluuf abbaan qabeenyaa dhimmicha beekuu fi beekuu dhabuun yaada keessa galuu hin qabu" jechuun hiikoo kenneera. 2. DhIjMMWF LGMM 211339 ta’e irratti: "Bakki meeshaalee dhokfamee fe'amu sun kan tolfame konkolaataa kan walharkisu gubbaarra yoo ta'eefi konkolaataa wal harkisu keessaa kan gara afoo jiru meeshaa kontirobaandii kan hin feene yoo ta'e, konkolaataa duuba irraa meeshaa seeraan alaa fe'etu dhaalamuu qaba" jechuun hiikoo kenneera. 3.DhIjMMWF LGMM 241787 ta’e irratti: "Konkolaataan tokko meeshaa waraanaa utuu geejjibsiisu yoo qabame,miiltoo ta'e dhiise abbaan qabeenyaa konkolaataa sanaa konkolaataan isaa meeshaa waraanaa geejjibsiisuu isaa beekees beekuu baates konkolaataan sun dhaalamuu qaba" jechuun hiikoo kenneera.Kaayyoon keenya Sammuu olaantummaa seeraatti amanuu fi dhaloota Seeraaf sirnaan bulu horachuudha Haqabaas Team
499
OOLMAA DHADDACHAA
➭Guyyaa 11/06/2017
Sa'atii 12:23
➭L/O/Dh/Haqabaas: 14
Himatamtuun yakka Ragaa Sobaa raawwatte adabbii hidhaa salphaan adabamte
Himatamtuun Kariimaa Ibraahim Garaadaa jedhamtu gaafa guyyaa 30/1/2017 Go/Ha/Bahaa Aanaa Baddannoo Mana Murtii Aanaa Baddannoo iddoo dhaddacha qabeenyaa jedhamu keessatti sababa nama biroo wajjiin falmii qabaniif jecha xalayaa ajaja Mana Murtiitiin ogeessa irraa dhiyaate kan ibsu baasiin isheen baafte qarshii 400(dhibba afur) qofa ta'ee barraa'ee osoo jiruu ,ragaa barruu kana zeeroo tokko duubaan itti dabaluun qarshii 4000 jechuun dhugaa fakkeessuun dhiheessitee,Manni Murtii Murtii haqa qabeessa akka hin kennine ragaa sobaa dhiheessite jechuun eeruun dhiyaatee,Abbaan Alangaa fi Qorataan Poolisii dhimmicha erga qulqulleessan Booda,Abbaan Alangaa Himannaa banuun Mana Murtii Aanaa Baddannootiif dhiheesseera. Manni Murtichaas eenyummaa himatamtuu erga qulqulleesseen booda, himatamtuun himannaa ishee irratti dhiyaate guutumatti kan Amante waan ta'eef,bu'uura jecha amantaa isheetiin dhaddacha gaafa guyyaa 10/6/2017 ooleen,murtii balleessummaa erga kenneen booda,yaada adabbii bitaa fi mirgaa caqasuun,adabbii himatamtuu fi hawaasa barsiisuu danda'u hidhaa salphaa ji'a tokkoo tiin akka adabamtu murteessee jira. Hawaasni keenya yakka ragaa sobaa irraa akka of qusatuun Dhaamsa Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddannooti!Kaayyoon keenya Sammuu olaantummaa seeraatti amanuu fi dhaloota Seeraaf sirnaan bulu horachuudha Haqabaas Team
499
OOLMAA DHADDACHAA
➭Guyyaa 11/06/2017
Sa'atii 12:21
➭L/O/Dh/Haqabaas: 14
Himatamtuun yakka Ragaa Sobaa raawwatte adabbii hidhaa salphaan adabamte
Himatamtuun Kariimaa Ibraahim Garaadaa jedhamtu gaafa guyyaa 30/1/2017 Go/Ha/Bahaa Aanaa Baddannoo Mana Murtii Aanaa Baddannoo iddoo dhaddacha qabeenyaa jedhamu keessatti sababa nama biroo wajjiin falmii qabaniif jecha xalayaa ajaja Mana Murtiitiin ogeessa irraa dhiyaate kan ibsu baasiin isheen baafte qarshii 400(dhibba afur) qofa ta'ee barraa'ee osoo jiruu ,ragaa barruu kana zeeroo tokko duubaan itti dabaluun qarshii 4000 jechuun dhugaa fakkeessuun dhiheessitee,Manni Murtii Murtii haqa qabeessa akka hin kennine ragaa sobaa dhiheessite jechuun eeruun dhiyaatee,Abbaan Alangaa fi Qorataan Poolisii dhimmicha erga qulqulleessan Booda,Abbaan Alangaa Himannaa banuun Mana Murtii Aanaa Baddannootiif dhiheesseera. Manni Murtichaas eenyummaa himatamtuu erga qulqulleesseen booda, himatamtuun himannaa ishee irratti dhiyaate guutumatti kan Amante waan ta'eef,bu'uura jecha amantaa isheetiin dhaddacha gaafa guyyaa 10/6/2017 ooleen,murtii balleessummaa erga kenneen booda,yaada adabbii bitaa fi mirgaa caqasuun,adabbii himatamtuu fi hawaasa barsiisuu danda'u hidhaa salphaa ji'a tokkoo tiin akka adabamtu murteessee jira. Hawaasni keenya yakka ragaa sobaa irraa akka of qusatuun Dhaamsa Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddannooti!Haqaan haqaaf hojjanna! Haqabaas
499
Repost from Vacancy Posts
👉For Fresh Graduates
Abyssinia Bank SC
Job Position - Litigation.Trainee Legal
Education:LLB Degree in Law
Find More Details here
👇
https://kebenajobs.com/job/abyssinia-bank-sc-feb-17-25/
➭Deadline:February 21/25
499
Murtiiwwan MMWFDHI
HBS Hiikkoo Seeraa:-008
LabsiiYakkoota Malaammaltummaa Lakk.881/2007 keewwata 31(2) jalatti yakki malaammaltummaa amantaa hir’isuu cimaa faayidaan argame yookiin miidhaan dhaqqabe olaanaa dha jechuuf qajeelfama adabbii Lakk.2/2006 bu’uura godhachuun hiikkamuu hin qabu, Guddina dinagdee fi gatii bittaa maallaqaa akkasumas kaayyoo seera yakkaa bu’uureffachuu qaba jedhame.Guutuun isaa👇
Yakkoota Malaammaltummaa ilaalchisee, Qajeelfama Adabbii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatiin bahe Lakk.2/2006 keewwata 11(4) jalatti Miidhaan dhaqqabe ykn faayidaan argame: Daran Olaanaa: qarshii 500,000 ol yoo ta’e, Olaanaa: Qarshii 100,001 hanga 500,000 Gidduugaleessa: Qarshii 25001 hanga 100,000 Gadaanaa: Qarshii 1,001 hanga 25,000 Daran Gadaanaa: Hanga Qarshii 1,000 tti sadarkaan qophaa’eefii itti hojjetamaa tureera. Ka’umsi dhimmichaa: Mana Murtii Olaanaa Godina Shawaa Lixaa Galmee Lakk. 42798 irratti Himatamaan Hojjetaa Mana Kuusaa Waldaa Hojii Gamtaa Qonnaan bultoota Aanaa Cobii Kilaastera Cobii Sirbaa jedhamu yeroo hojjechaa turetti daangaa odiitii Amajjii 1/2011 hanga Amajjii 25/2014 gidduutti odiitii taasifameen maallaqa qarshii 3,235,839.28 ol waan hir’iseef Labsii Lakk.881/2007 kewt.31(2) jalatti yakka malaammaltummaa amantaa hir’isuu cimaa raawwateera jedhamee himannaan dhiyaate. Himatamaan yakkicha raawwachuu waan waakkateef odiitiin akka irra deebiin taasifamu ajajamee himatamaan maallaqa qarshii 203,022.81 kan hir’ise ta’uun mirkanaa’eera. Kanumaan Mana Murtii Olaanaa GSHL faayidaan argame yookiin miidhaan gahe olaanaadha jechuun sadarkaa fi gulantaa baasee himatamaan adabbii hidhaa cimaa waggaa 11 fi qarshii 2000 akka adabamu murteesse. Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa murtii kana ni cimse, Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa immoo himatamaan maallaqa qarshii Miliyoona 3 ol hir’isuun isaa mirkanaa’eera, kun immoo miidhaan gahe olaanaa ta’uu agarsiisa waan ta’eef Labsii Lakk.881/2007 kewt.31(2) jalatti balleessaa jedhamuun sirriidha jedhee, yakkichaaf sadarkaan yoo bahu garuu keewwatichi cimsee osoo jiruu irra deebiin sadarkaa olaanaa jedhamuu hin qabu jechuun yakkicha sadarkaa Gidduugaleessa jedhee qabachuun adabbii shallagee adabbii kenname gara adabbii hidhaa cimaa waggaa 7 fi baatii 8 tti fooyyessee jira. Murtii kana irraa ol iyyachuun Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddachi Ijibbaataa immoo Galmee Lakk.258571 dhaddacha gaafa Amajjii 29/2017 ooleen Miidhaan gahe yookiin faayidaan argame Qarshii 203,022.81 gatii maallaqaa yeroo ammaatiin faayidaa ykn miidhaa olaanaa jedhamuu hin danda’u jechuun Himannaa Labsii Yakkoota Malaammaltummaa Lakk.881/2007 kewt.31(2) jalatti dhiyaate akkaataa s/d/f/y/kewt.113(2)tiin gara Labsicha kewt.31(1)tti jijjiiree, Adabbii hidhaa cimaa waggaa 3 fi qarshii 2000 akka adabamu murteessee jira. Labsii Lakk.881/2007 keewwata 31(2) jalatti yakki malaammaltummaa amantaa hir’isuu cimaa faayidaan argame yookiin miidhaan dhaqqabe olaanaa dha jechuuf qajeelfama adabbii Lakk.2/2006 bu’uura godhachuun hiikkamuu hin qabu, Guddina dinagdee fi dandeettii gatii bittaa maallaqaa akkasumas kaayyoo seera yakkaa bu’uureffachuu qaba jedhee jira.Kaayyoon keenya Sammuu olaantummaa seeraatti amanuu fi dhaloota Seeraaf sirnaan bulu horachuudha Haqabaas Team
499
OOLMAA DHADDACHAA
➭Guyyaa 28/05/2017
Sa'atii 2:36
➭L/O/Dh/Haqabaas: 13
Himatamtoonni daa'ima ugguruun Maatii irraa qarshii miliyoona 1.5 fudhatan hidhaan adabamaan .
Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu kutaa Magaalaa Dhibaayyuu Aanaa Horaa bakka addaa Hulagab jedhamutti gaafa guyyaa 03/08/2016 Daa'imaa umuriin isaa waggaa 14 ta'e ukkamsanii baajaajii keessa galchuu dhaan fudhatanii deemanii booda maatii irraa qarshii miliyoona tokko fi kuma dhibba shan /1.5/ fudhatanii daa'imaa gadii lakkiisani. Himatamtoonni kun baduuf yaalanilee hordooffii poolisii kutaa Magaalaa Dhibaayyuu fi hirmaannaa hawaasaattin Himatamaan 1ffaa Abbii /Salamoon/Birahanuu 2ffaa Taadee Guutaa 3ffaa Lataa Soorii 4ffaa Daani'eel /Oliiqaa/Taganuu kan jedhaman gaafa guyyaa 17/08/2016 qarshii maatii irraa fudhatan keessaa motor saayikilii tokkoo bitanii qarshii hafee fi meeshaa waraanaa shuguxxii tokkoo waliin to'annaa jalaa Oolan. Himatamtoota kana irratti kutaa Olaanaan Qorannaa yakkaa kutaa Magaalaa Dhibaayyuu fi Abbaa Alangaa kutaa magaalaa waliin ta'uu dhaan galmee himannaa banamee ragaa barbaachisuu hunda xumuruun galmee isaanii gara Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Bishooftuu Ergamee ilaalamee booddee himatamtoonni kun balleesaa ta'uu isaanii waan mirkanaa'ef Dhadacha gaafa guyyaa 26/05/2017 ooleen Himatamaa 1ffaa hanga 3ffaa irratti tokkon tokko isaanii hidhaa cimaa waggaa 9 yoo adabaman himatamaan 4ffaa hidhaa cimaa waggaa 10 nin adabamee jira jechuun Kominikeeshinii Qajeelcha Olaanaa Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuutu gabaase.
499
OOLMAA DHADDACHAA
➭Guyyaa 23/05/2017
Sa'atii 12:08
➭L/O/Dh/Haqabaas: 12
Luba Balaay Mokonniin hidhaa waggaa 5 fi birrii 10,000n akka adabaman itti murtaa’e
Lakkoofsa Herreega Gamtaa Afrikaa irraa Doolaara miiliyoona 6 fi kuma 50 waliin dhahuuf yaaluun yakka malaammaltummaan kan himataman Luba Balaay Mokonniin adabbii hidhaa waggaa shanii fi birrii 10,000 irratti murtaa’e. Shakkamtoonni shan galmee Luba Balaay Mokonniin jalatti himataman Gamtaa Afrikaa irraa kaffaltiin akka raawwatamuuf ajajni tokkooyyuu osoo hin jiraatiin Doolaarri miiliyoonni 6 fi kumni 50 akka kaffalamuuf sanada sobaa baankiif dhiyeessuun kaffaltii gaafachuu isaaniin yakka waliin dhahuu cimaan himatamuun kan yaadatamuudha. Haaluma kanaan mana murtiin dhaddacha kaleessa Amajjii 31, 2025 ooleen himatamaan 1ffaa Luba Balaay Mokonniin hidhaa cimaa waggaa shanii fi birrii 10,000n, himatamtoonni 2ffaa fi 3ffaa tokkoon tokko isaanii hidhaa waggaa 3 fi ji’a 3 fi birrii 3000 itti murteesseera.Haqabaas Team
499
Yaada, qeeqa akkasumas gaaffii fi akeeka sagantaawwan keenyaafi miidiyaa keenyaaf qabdan kamiifuu karaa armaan gadiitiin nu dhaqqabsiisuu dandeessan
1. @HaqabaasHB
2. @imaltuumilkii
3. @LeellisuudhaWaanOfii_bot
Nagaan nuuf turaa
Isin jaalanna.....!😍
499
Murtiiwwan MMWFDHI
HBS Hiikkoo Seeraa:- 007
Miidhaa Qaamaa Cimaa ~ mi.qaamaa salphaa
Murtii DhIjMMWF LGMM 219862 ta’e irraatti dhaddacha gaafa guyyaa 26/9/2014 ooleen kenneen “Gocha reebichaa namni tokko nama biro irratti raawwateen midhaan qaamaa cabinsa lafee gahuun isaa mirkanaahee, garuu immoo lafeen cabee jiru sun kan fayyee jiru ta'uun isaa yoo mirkanaahe murtiin balleessumaa kan kennamu qabu yakka midhaa qaamaa cimaan sy kwt. 555 jalati osoo hin taane yakka midhaa qaamaa salphaa SY kwt. 556(2) jalati dha." Yakka midhaa qaamaa cimaa raawwatamu irratti murtii balleessummaa kennuuf xiyyeeffannoon kan ilaalamu qabu hanga midhaa qaamaa yeroo gochi sun raawwatamu gahee jiru osoo hin taane; sababa reebicha sanaan bu’aa miidhaa qaamaa dhuma irratti gahu irratti hundaahuun ta'u akka qabu dhaddachi ijibbaataa Mana murtii waliigala federaalaa lakk g. 219862 ta'e irratti hiikoo dirqisiisaa kennee ture. ከባድ vs ቀላል የአካል ጉዳት የሰ.መ.ቁ 219862 ግንቦት 26 ቀን 2014 ዓ/ልHaqabaas Team
499
OOLMAA DHADDACHAA
➭Guyyaa 22/05/2017
Sa'atii 3:57
➭L/O/Dh/Haqabaas: 11
Himatamtuun Daa'ima deesse darbitee qabamte adabamtee jirti.
Godiina Boorana Bahaa Aanaa Walaabuu lixaa Ganda Liqimsaatti himatamtuu Daa'imma ofii isheetii deessee darbite murtiin Adabbii itti kennamee jira. Himatamtuu Maqaan isii Jamiilaa Xunaa Gobbuu jedhamtu Daa'imma Ofii isiitii deessee gaafa guyyaa 22/4/2017 darbitee Ganda Liqimsaa iddoo addaa Buri ( Obruu obb Nagaasaa Xunaa) keessatti Qalqalloo (Madaabaraan ) Martee darbite ganamaa keessaa Sa'aatii 5:00 darbitee gaafa guyyaa 23/4/2017 darbitee argamtee Seera yakkaa kan bara 1996 foyya'ee baheen Yakka balaaf nama Saaxilu waan raawwateef murtii itti kennamee jira. Hordoffii Waajjirri Poolisii Aanaa Walaabuu Lixaa shakkamtu tana to’annaa seeraa jala erga oolcheen booda Abbaan Alangaa fi qorataan Poolisii Aanichaa waliin ta’uudhaan galmee shakkamtuu tanaa qoratanii xumuruun gara Mana murtii Aanichaatti erguun, galmee ergameef kana erga ilaalaa turanii booda shakkamtuun tun seera yakka keewwata 574/2 ajajuun Adabbii barsiisaa ta'e hidhaa Salphaa waggaa tokkoo Adabamtee jirti. Manni murtii Yakka isii kana erga mirkaneeffatanii booda Dhaddacha yakkaa gaafa guyyaa 21/5/2017 ooleen yakkamtuu tanaa fi fakkaattota isii ni barsiisa kan jedhuun Adabbii hiidhaa waggaa 1 tiin akka adabamtuu Manni Murtii Aanaa Walaabuu Lixaa Murteessee jira.HAQABAAS TEAM
499
OOLMAA DHADDACHAA
➭Guyyaa 21/05/2017
Sa'atii 3:08
➭L/O/Dh/Haqabaas: 10
Himatamtootni Yakka Qabeenya uummataa Mancaasuu Raawwatan Adabaman!
Himatamtootni maqaan isaanii 1) Jihaad Abaadir 2) Razzee Abaadir 3) Kariimuu Abaadir 4) Uzeefii Faaris 5) Imraan Jihaad 6) Maashar Dagaa jedhaman teessoon isaanii Godina Jimmaa, Aanaa Sigimoo, Ganda Subaa kan ta'e, ta'e jedhanii qabeenya mootummaafi uummataa mancaasuuf yaaduun guyyaa gaafa 30/03/2016 guyyaa keessaa tilmaamaan sa'a 5:00 yommuu ta'u qabeenya mana barumsaa Guduruu kan ta'e Godina Jimmaa, Aanaa Sigimoo Gamda Subaa bakka addaa Cirgochaa jedhamutti kan argamu dallaa qarshii 100,500 (Kuma Dhibba Tokkoo fi Dhibba Shan)'tti tilmaamamu kan mancaasan yoo ta'u, eeruu dhihaate irratti hundaa'uun Abbaan Alangaa fi Poolisiin waliin ta'uun qorachuun Abbaan Alangaa Aanaa Sigimoos himatamtootni kun Seera Yakkaa Riiphabilika Diimokiraatawaa Federaalawaa Iti'oophiyaa Keewwata 32(1/A) fi 690 (1/A) bira darbuun yakka qabeenya uummataa mancaasuu raawwataniiru jechuun Mana Murtii Aanaa Sigimootti hima dhiheessee jira. Manni murtii himanni dhihaateef bitaaf mirga wal-falmisiisaa eerga tureen booda dhaddacha guyyaa gaafa 16/05/2017 ooleen himatamtoota kana ni barsiisa fakkaattota isaanii ni akeekkachiisa jechuun kan itti amane guyyaa murtiin kun kenname irraa kaasee kan lakkaa'amu tokkoon tokkoo himatamtoota kanaa Adabbii hidhaa Cimaa waggaa tokko fi adabbii maallaqaa qarshii Kuma Tokkoon akka adabaman murteessee jira! Qabeenyi Uummataa qabeenya waliinii hawaasni hundu itti fayyadamu waan ta'eef namni kamuu yakka irratti raawwachuu irraa of-eegu qaama yakka raawwatu ammoo seeratti akka dhihaatuuf dirqama irraa eegamu haa bahatuun dhaamsa Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Sigimooti!Haqabaas Team
499
OOLMAA DHADDACHAA
➭ Guyyaa 20/05/2017
Sa'atii:- 1:07 L.T
➭ L/O/Dh/Haqabaas:- 09
Himatamaan Yakka Imaanaa Hir’isuu Cimaatiin Himataman Hidhaa Cimaa fi Qarshiin Adabame.
Himatamaan Miftaa A/Boor A/Mattoo jedhamu gaafa guyyaa 01/04/2014 irraa eegalee Yuuniyeenii Waldaalee Hojii Gamtaa Qonna Maraa Qonnaan Bultoota Godina Jimmaatti Itti Gaafatamaa Mana Kuusaa Xaa’oo Buufata Sokorruu ta’ee yommuu hojjechaa turetti Imaanaa isatti kenname cinaatti dhiisuun Badhaadhina (faayidaa) isaaf hin malle argachuuf yookiin nama biroof argamsiisuuf yaadee,Daangaa Odiitii 01/02/2015 hanga 30/07/2016 ta’een Odiitii hojii mana kuusaa fi gurgurtaa Xaa’oo Buufata Sokorruu irratti geggeeffameen, Xaa’oon NPS kuntaala 6,tilmaama qarshii 30,356.82, Xaa’oo NPSB kuntaala 107.5, Tilmaama qarshii 428,308.13, Xaa’oo UREA kuntaala 46, tilmaama qarshii 177,693.40 hir’isee waan argameef, Walumaagalatti Gurgurtaa calla guddistuu taasisaa tureef qarshiidhaan 636,358.35 (kuma dhibba jahaa fi kuma soddomii jahaa fi dhibba sadii fi shantamii saddeet fi saantima 35/100) hir’isuun faayidaa dhuunfaa isaatiif oolfateera jedhamuun Labsii Yakkoota Malaammaltummaa Lakk. 881/2007, Keew.31(2) jalatti Abbaan Alangaa Godina Jimmaa Yakka Imaanaa hir’isuu Cimaatiin Himannaa Mana Murtii Ol’aanaa Godina Jimmaatiif dhiyeessuun falmiin gaggeeffamaa kan ture ta’ee, Dhaddacha Gaafa Guyyaa 19/05/2017 ooleen Himatamaan Adabbii Hidhaa Cimaa Waggaa 4(Afurii) fi Baatii 5 (shanii) fi qarshii 3000.00 (Kuma sadiin)’n adabameera. 👉Imaanaa Namatti kenname cinaatti dhiisuun Faayidaa ofii fi Nama biroof hojjechuun Aad-Male! MADDI:- WAAJIRA ABBAA ALANGAA GODINA JIMMAATTI ADEEMSA YAKKOOTA MALAAMMALTUMMAAFI TAAKSIIHaqabaas Team
499
Qajeelfama Haarawa Faayidaa Abbootii seeraa fi muudamtoota Naannoo Kibbaa Murteessuuf Gumiin bulchiinsa Abboottii seeraa Naannoo Kibbaa Baase. (2017)
Faayidaan Kiraa mana fi uffataa (protokoola) kan taksiin irraa hin muramne ajaa'iba.
