cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

IMIMMAAN JAALALAA

Xalayaa Jaalalaafii ergaalee jaalalaan wal qabatan gaggabaaboo as jalaa argattu Sher walif godhaa

Show more
Advertising posts
2 215
Subscribers
-124 hours
-107 days
+28530 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Photo unavailableShow in Telegram
Show all...
👍 7
Photo unavailableShow in Telegram
Dameen kee damee kootii Kan latu kan mirgisuu Rakkoon kee rakkoo kootii Nan ciibsu nan raffisuu ~ Madaa kee qaqqabadhee Ittumaa ballisuun koo Imaanaa kan kee baadhee Si jalaa callisuun koo ~ Rakkina kee furuudhaaf Xiqqoo turus si jalaa Abdiin kutiin dhiiga koo Dhugaan galgala galaa ~ Jaalalaan si kunuunsee Akkan si baasuuf dharraa Haqa keen falmaa jiraa Abdiin kutatiin narraa......!💥🫶
Show all...
👍 7 3
Photo unavailableShow in Telegram
Show all...
👍 8
Photo unavailableShow in Telegram
Dugugguruu duydaa Gaaddisa gaaf aduu Oolman kee guddaadha Na duraa hin badu " Riqicha naaf taatee Laga na ceesifta Qorra hamaa jalaa Dahoo na teessifta " Anaa kee sassatta Akka garaa dhalaa Eegumsa naaf gootee Na oolfatta balaa " Hedduun si booji'a Jaalala nammummaa Hir'uu tokko malees Naaf qabda gaarummaa " Barbaadee hin dhabu Sirraa dawaaf qorsa Dogoggora kan koo Si-t irraa na gorsa " Gammachuu naaf laatta Oolmaa guyyaa hundaa Sammuu koof onneerraa Qabda bakka guddaa " Sin qabaafan boona Gaaf keen nyaadhes dhuga Baga wal qabaanne Yaa hiriyaa dhugaa🫶🤍 #Weeduu_Orommoo
Show all...
👍 11
Photo unavailableShow in Telegram
Ishee: Hello , Maali walirraa fagaanneem! Ana: Eeyyee sirriidha walirraa fagaanneerra. Ishee: Maali kuni waan gaariidha jettee yaaddaaree? Ana: Eeyyeekaa! Ishee: Maali maa jechuudha?🤔 Ana: Lafa gatiikoo baasun oolaa jira. Atis akkasuma mitiiree? Ishee: Gatii gaafa jettu maal jechuudha? Ana: Gaaffii bareedaadha. Dooktarri tokko tajaajilli inni kennuu fi Dhukkubsataan bira deemuu danda'u mana yaalaatti yoo argamedha malee iddoo mana ijaarsaa yookaan mana hoteelaa yoo oole gatiin qabu. Dhukkubsataanis dhukkuba isaaf mana yaalaa dhiisee Suuqii yookaan iddoo ijaarsa manaa yoo deeme qoricha barbaadu argachuu hin danda'u. Anii fi atis akkasi. Lafa rakasaa yoo oolte homtuu garagalee sin ilaalu. Lafa si ilaallatu fi Gatii qabu yoo oolte garuu koppii ofii waan hin qabneef qaalii yookaan gatii qabeessa jabaa taatee argamta.  Kanatu gargar nu fageesse! Namoonni dammaqani Gatii isaanii Kabachiifatu. Iddoo isaaniif malu oolu. Atis akka duriitti nan eegiin. Atilleen Lafa gatiikee barbaaddadhu! Via kaba
Show all...
13👍 4
Photo unavailableShow in Telegram
Na dhukkuba ###$$$$ Isan jiruu koo dhiisee Kan ormaatiif jiraadhuu Isan ba'aa koo dhiisee Ba'aa alagaa baadhuu Isan kaayyoo koo onsee Kan ormaa miicaa ooluu Isan ofii koof mala dhabee Halagaaf mala maluu Isan osoo hin barbaadin Kolfa irra keessa kolfuu Isa madaa koo sanaa Diinni kiyya na horfuu Isan ormaan dhaanamee Dirmammammuun koo mul'atu Isan firaan haalamee Keessi kiyya gubatu Isan baadhee socho'u Kulkula madaa kootii Isan iyyee caraanee dhabu Gargaarsa of biraatii Isan ilkaan koo cabee Alanfadhee sirreessuu Isan jooree jaawwaree Mul'ata koo jiitessuu Eenyutu hubatee beekaa? Madaa koo bara dheeraa Eenyutu na gaafatee? Rakkoo koo naa fureeraa? Kana hunda ilaalee Hirriba hin qabu tasaa Qofa kiyya of gaafadhee Nan dhabe furmaatasaa Silaa akka garaa kootiif An of ta'een jiraadhaa Har'a kun hunduu hin taanee Waanjoo halagaan baadhaa Kanumaaf keessi kiyyaa Yeroo hundaa na guggubaa Keessi koo fayyee hin beekuu Har'allee na dhukkubaa Hiree hiraarfame.
Show all...
👍 15 5
Photo unavailableShow in Telegram
#Wallaggaa Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balallii gara Naqamtee eegaluufi Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Waxabajjii 10 bara 2016 eegalee torbetti guyyaa 4 balallii gara godina Wallagga Bahaa, magaalaa Naqamteetti akka taasisu beeksise.
Show all...
👏 5 1
Photo unavailableShow in Telegram
#Weeduu_Orommoo Heddun si jaaladhe siiffin qabu lubbuu yoonan sisossobe natti ha ta'u cubbuu ========== Si argachuun hawwa abjuu fakkaatullee si argachuu dhiisus sin jibbu yoomillee ========= Nama jaalatan yaadani Qalbiin hawwee dharr'aa yaadaanis yoo badanii garaan nama boora'aa ========== jechuma kamiin ibsuu miidhaginni kee addaa osoo kiyyaa ta'uu baattee silaalleen baayyeen gaddaa =========== simalee homaan qabuu dadhabbi narraa balleessii gubadhee bee waan ofii koottuu na qabbaneessii ============ Garaan kee yoo naa nahe jaalalaan naa wallanii sumaaf jedheen ta'ee miidhama naa baraarii ============ Karaatti dadhabdee muugdee najalaa rafinii erga na dhuunfattee eenyuunuu nan caalchisiin Duutu na fudhuu du'i malee homaa nan dhaalchisin.☑️
Show all...
👍 10 5
#Weeduu_Orommoo
Show all...
#Weeduu_Orommoo Mittikkuu yaa biroolee shaabutan dhahee wayaakee hirqinfuun akkam sitii oole rakkadheen dhahee maqaake Abban bantii dur hammadha karra Kam baatee yaa biiftuu lammaatiti lukka daaraa kan milla oolteen gadciistuu yaa guddatuu warra biibi hidhaan harree waddaroodha na dhugaadhu gad na dhiisii biyya Barre madaqoodha jaarsi hin beela'ee yaa jaarti yoo qursii gad fidee maalee natii dheeratee marmaarsii yoo qurxii natimtee malii hagaada mukka mukaa sadiime wallakka qunchifaatu nafudhuu tasaa badeeme nama ormaa hingudiifatu yoo jaldeesi Wal loleeme kootan giduu daadisaa jiruu waraa keenya hin dhumuume Beneen dhaqnee teenya gaaddisa qamalee gamma sabuume hiyeesi watii baree saagale gad qabumee qilleesi baalti baree
Show all...
👍 8