ᴍᴀᴍᴍᴀᴀᴋsᴀ ᴏʀᴏᴍᴏ
- Subscribers
- Post coverage
- ER - engagement ratio
Data loading in progress...
Data loading in progress...
MAMMAAKSA AFAAN OROMOO •|• Mammaaksi dubbii fida. •|• Dubbii fixa. •|• Gorsa xinsammuu cimaa of keessaa qaba. Mammaaksa Oromoo kanneen baay'ee natti tolan keessaa muraasa isiniif dhiheesseera. ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➊. Akka hin cabne beekaaf bishaan dhagaatti bu'a. ➋. "Akkan itti dhales akkan itti arraabbadhus natu beeka," jette xaddeen. ➌. "Akkan ani jedhe fardatu dide akka fardi jedhe anatu dide kanatti karaa irraa maqne." ➍. Adurree barri qabe hantuutni eegee nyaate. ➎. "Anaafis rafuu hin taatu atiifis nyaachuu hin taatu osoo na dhiifte," jedhe namichi tafkiidhan. ➏. Anatu farda se'ee harreetti okoo haame. ➐. Baay'attee dallaa guutteef harreen loon hin taatu. ➑. Bofti qal'ateef eegee hin qaban. ➒. "Bishaantu afaan na jiraaf malee silaa waanan dubbaadhu baay'eedha," jette qurxummiin. ➓. Barcuma irra taa'anii muka hin hamatan. ➊➊. Barcumaa fi ulfina abbaatu of jalatti qanansiifata. ➊➋. "Cilee ta'uuf gubanne cilee taanees gubanne," jedhe mukti. ➊➌. Daa'imni hin boonye dugda haadhaa irratti du'a. ➊➍. "Deemi teenya…
Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.