en
Feedback
Biiroo Barnootaa Oromiyaa

Biiroo Barnootaa Oromiyaa

Open in Telegram
2 995
Subscribers
-124 hours
-187 days
-4130 days
Posts Archive
LBank New User Rewards Are Live Join and unlock a 30 day VIP2 trial, transfer rewards up to 200 USDT, and additional trading
LBank New User Rewards Are Live Join and unlock a 30 day VIP2 trial, transfer rewards up to 200 USDT, and additional trading bonuses. Limited time offer for new users. Sponsored By WaybienAds

LBank New User Rewards Are Live Join and unlock a 30 day VIP2 trial, transfer rewards up to 200 USDT, and additional trading
LBank New User Rewards Are Live Join and unlock a 30 day VIP2 trial, transfer rewards up to 200 USDT, and additional trading bonuses. Limited time offer for new users. Sponsored By WaybienAds

Akkam jirtan Barattoota keenya ? Boqonnaan kun boqonnaa isin frii ifaajjii bara dheeraa ittiin sasaabdanii dha .Bara kana Oromiyaa keessatti barattootni miliyoona 1.1 olitu qormaata kutaa 6,8fi 12 fudhata jedhamee eegama Kanaafuu gorsi xiqqoon armaan gadii yoo isin gargaare itti fayyadamaa [1] Yeroo qormaataa hojii keessan irratti xiyyeeffachuufi tasgabbooftanii qophaa’uun baay’ee barbaachisaa dha. [2] Karoora dubbisaa baafadhaatii yeroo keessan sirnaan qooduun barnoota hundaaf yeroo kennaa [ 3] Sammuufi yaadannoo cimsuuf halkan sa’aatii gahaa rafuun barbaachisaa dha. [ 4] Hanga danda'ametti nyaata fayya qabeessa nyaachuun humna fi xiyyeeffannoo dabala. [5] Gaaffilee duraanii hojjechuufi waan baratan irra deebi’anii ilaalufi shaakaluu qabdan [6] Billbilafi jeequmsa irraa fagaachuu qabdu .Waan akka miidiyaa hawaasaafi taphaa xiqqeessuu qabdu [7] Yeroo qormaataa gaaffii sirriitti dubbistanii eega hubattaniin booda deebisuu qabdu [ 8] Wanti qoramatan hedduun waanuma barattan waanta'eef sodaafi dhiphina hir’isuun gaafillee tasgabboftanii hojjechuu qabdu [9] Yeroo qormaataa sirnaan fayyadamuuf gaaffilee salphaa irraa jalqabanii gara jajjaboo deemuu qabdu [10] Waraqaa deebii keessan qulqullinaan qabuufi iddoo deebii of eegannoon dibuu qabdu . Milkii gaarii ijoollee koo እንዴት ናችሁ ውድ ተማሪዎች? ከረጅም የትምህርት ዓመታት በኋላ ውጤታችሁን ለማየት በወሳኝ ምዕራፍ ላይ ትገኛለችሁ ። በ2018 ዓ. ም በኦሮሚያ ከ1.1 ሚሊዮን በላይ ተማሪዎች የ6ኛ፣ 8ኛ እና12ኛ ክፍል ፈተና እንደሚወስዱ ይጠበቃል። ስለዚህ የሚከተሉት አነስተኛ ምክሮች ከረዱአችሁ ተጠቀሙባቸው። [1] በፈተና ጊዜ በትምህርታችሁ ላይ ማተኮርና በተረጋጋ ሁኔታ መዘጋጀት በጣም አስፈላጊ ነው። [ 2] የንባብ መርሃ ግብር አውጡና ጊዜያችሁን በአግባቡ በመከፋፈል ለእያንዳንዱ ትምህርት በቂ ጊዜ ስጡ። [ 3] አእምሮና የማስታወስ ችሎታን ለማጠናከር በሌሊት በቂ ሰዓት መተኛት አስፈላጊ ነው። [ 4] አቅም በፈቀደ መጠን ጤናማ ምግብ መመገብ ኃይልና ትኩረትን ያጨምራል። [ 5] ያለፉ ፈተናዎችን መስራትና የተማራችሁትን ደጋግማችሁ መከለስና መለማመድ ይኖርባችኋል። [ 6] ከሞባይል ስልክና ከሚያውኩ ነገሮች ራቁ። እንደ ማህበራዊ ሚዲያና ጨዋታዎች ያሉ ነገሮችን ቀንሱ። [ 7] በፈተና ጊዜ ጥያቄዎችን በጥንቃቄ አንብቡና ከተረዳችኋቸው በኋላ መልሱ። [ 8] አብዛኛው የፈተና ጥያቄ የተማራችሁት ስለሆነ ፍርሃትና ጭንቀትን በመቀነስ ጥያቄዎቹን በተረጋጋ ሁኔታ ሰስሩ። [ 9] የፈተና ጊዜያችሁን በአግባቡ ለመጠቀም ከቀላል ጥያቄዎች ጀምሩና ወደ ከባድ ጥያቄዎች ቀጥሉ። [10] የመልስ ወረቀታችሁን በንጽህና ያዙና መልሶቹ ለይ በጥንቃቄ ምልክት አድርጉ። መልካም ዕድል ልጆቼ። How are you, dear students? This is a very critical moment, as you are now expected to reap the rewards of many years of hard work and dedication. In Oromia, more than 1.1 million students are expected to sit for the Grade 6, 8, and 12 examinations in 2026. Therefore, if the following small pieces of advice help you, make use of them: [ 1] During examination time, it is very important to focus on your work and prepare calmly. [2 ] Prepare a study schedule and divide your time properly, giving enough time for every subject. [ 3] Sleeping enough hours at night is important to strengthen your mind and memory. [ 4] As much as possible, eating healthy food increases energy and concentration. [5 ] You should practice previous exam questions and review what you have learned repeatedly. [ 6] You should stay away from mobile phones and distractions. Reduce things such as social media and games. [ 7] During exams, you should read questions carefully and answer only after understanding them. [ 8] Most exam questions are based on what you have already learned, so reduce fear and stress and work calmly on the questions. [ 9] To use exam time properly, start with easy questions and then move to difficult ones. [ 10] Keep your answer sheet neat and mark answers carefully. Good luck, my children. Tolaa Bariisoo Gadaa 💠

#YAADACHIISA #Barattoota_Kutaa_12ffaa Bara 2018tiif ------------------- Liinkiin "exam1.ethernet.edu.et " Shaakala Qormaataa Kutaa 12ffaa Bara 2018 Yaadachiisuu Ta'a. ------------- BBO - Caamsaa 20/2018 Qormaatni Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa bara 2018 Kompitara Bu'uureeffamee (CBT) Marsariitiin (Online)'n kennamu sababeeffachuun Tajaajilli Madaallii Barnootaafi Qormaatilee Biyyoolessaa Qormaata Shaakalaa Caamsaa 07/2018 irraa eegalee marsariitii irratti liinkii "exam1.ethernet.edu.et " jedhuun barattoota Naannoo Oromiyaatiif gad-dhiiseera. #Faayidaan_Qormaata_Shaakalaa irra deddeebi'anii akka shaakalamu barbaadameef inni guddaan _ #hanqina_beekumsaafi dandeettii (knwoledge & skill) barattootaa kan guutu, - #sodaa_qormaataa kan hir'isuufi #ofitti_amanummaa kan guddisu ta'uu itti amanameera. Kanaafuu, Liinkicha yoo bantan fuulli "MoE - Exam Portal' argattu, Fuula baname kanarratti: - Iddoon #Username jedhurratti Lakkoofsota Kaardii Galmee(Admission Card) kee irra jiru galchi. - Iddoo #Password Jedhurratti immoo, Lakkoofsota 1234 jedhaman galchi. Itti aansuun "#Log in" kan jedhu tuqi. Kana booda, Gara Fuula Qormaata Shaakalaa galtee jirta jechaadha. Qormaatilee kanneen shaakaluuf iddoo 'Internet'n gahaan jirutti meeshaalee : - #Kompitara Deeskitooppii - #Laaptooppii - #Taableetii/Tablet/ - #Bilbila Harkaafi meeshaalee elektrooniksii walfakkaatanitti fayyadamuun iddoo isiniif mijatutti shaakaluu ni dandeessu.

☪Baga ayyaana Iid Al_Adha(Arafaa) kan bara hijraa 1447ffaa nagaan geessan! Ayyaanni kun kan gammachuu Kan badhaadhinaa kan milkii isiniif haa ta'u! Eid Mubarak!

Adaamaatti Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu 19 Tajaajilaaf Eebban Banaman. -------- BBO - 18/09/ 2018 Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa Pirojektota bara kana ijaaraman marsaa duraaf eebbisiisaa oolan keessaa Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu 19 hirmaannaa hawaasaan ijaaraman keessatti kan argaman ta'uu Kaantibaan Magaalichaa obbo Hayiluu Jaldee ibsaniiru. Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu har'a eebban banaman kunniin meeshaa barnootaa kan guuttate, qulqullinaafi adeemsa baruu barsiisuu daa'immaniif mijaa'ee kan ijaaraman yoo ta'an bara barnootaa 2019 daa'imman kuma tokkoo ol simatee kan barsiisu ta'uunis beekameera. #Barnoota_Ceesisuun_Dhaloota_Ceesisuudha! 💙Oromia Education Bureau 💠 💙Tolaa Bariisoo Gadaa 💠 | |📱Facebook | |📱 WhatsApp | |📱YouTube | |📱Telegram | | 🤖Bot | |

Manneen Barnootaa Sad. 1ffaa Moodeela Ta'an Aanaa Gursum, Haramayaafi Kurfaa Calleetti Ijaaraman Eebbifaman ------------ BBO- Caamsaa 16/2018 Godina Harargee Bahaa Aanaa Gursum, Haramayaafi Kurfaa Calleetti Manneen Barnootaa Sad. 1ffaa Moodeela ta'an Csamsaa 14-15/2018 walduraa duuban bakka hongasai Naannoo, Godinichaa, aanaaleefi hawaasni argamanitti eebbifamuun tajajaajilaaf bananiiru. Godina Harargee Bahaatti tibbana Pirojektoo tajaajila hawaasaaf oolan heddu eebbisiisaa kan jiran yoo ta'u, dhaabbilee tajaajila hawaasaaf oolan keessatti eebbi manneen barnootaa kan argamu ta'uun gabaasa argannerraa hubachuun danda'ameera. Eebba Pirojektoota Godinichaa irratti kan argaman Bulchituu Bulchiinsa Godina Harargee Bahaa Aadde Miskii Mahaammad, I/G Paartii Badhaadhinaa Godinichaa obbo Habtaamuu Tasfaayeefi I/A Bulchaa Godinichaa obb Mohammadiin Kabir Huseen dabalatee, Naannoorraa hoggantuu Biiroo Lafa Oromiyaa Aadde Masarat Asaffaa, hoggantuu I/A Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa Aadde Magartuu Mahaammad, Biiroo Investimeentii Oromiyaa irraafi hoggansi godinaafi aanaaleen argamanitti sirna eebba pirojektootaa gaggeessaa kan jiran ta'uun beekameera. Manneen Barnootaa Sad. 1ffaa Moodeelaafi Addaa aanaa Gursum, Aanaa Haramayaafi Aanaa Kurfaa Calleetti eebbifaman kunniin bara barnootaa 2019 barattootni qaxalee ta'an dorgommiin filatamanii kan keessatti baratan ta'uu sirna eebbaa irratti ibsameera. #Barnoota_Ceesisuun_Dhaloota_Ceesisuudha! 💙Oromia Education Bureau 💠 💙Tolaa Bariisoo Gadaa 💠 | |📱Facebook | |📱 WhatsApp | |📱YouTube | |📱Telegram | | 🤖Bot | |

ODUU GADDAA Hogganaa Waajjira Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Fiichee kan turan obbo Darajjee Danda'aa Araddoo du'aan tasaan Addunyaa kanarraa boqachuu isaaniin hoggansiifi hojjattootni BBO Gadda Guddaa nutti dhagahame ibsanneerra. Waaqni Lubbuu Isaanii Jeennatatti Haaqananiisu! Maatii, firootaafi hiriyoota isaaniif jajjabina hawwina! #RIP - Hoggantootaafi Hojjattoota BBO irraa. 14/09/2018 #Finfinnee 💙Oromia Education Bureau 💠 💙Tolaa Bariisoo Gadaa 💠 | |📱Facebook | |📱 WhatsApp | |📱YouTube | |📱Telegram | | 🤖Bot | |

Qormaatni Naannoo Kutaa 6ffaafi 8ffaa Qabiyyeen Barnootaa Keessaa Qophaa'e Beekameera. ---------------- BBO- Caamsaa 13/2018
+1
Qormaatni Naannoo Kutaa 6ffaafi 8ffaa Qabiyyeen Barnootaa Keessaa Qophaa'e Beekameera. ---------------- BBO- Caamsaa 13/2018 Qormaatni Naannoo Kutaa 6ffaa qabiyyee barnootaa gosoota barnootaa kutaa 6ffaa keessaa qofa kan qophaa'e yoo ta'u, kan kutaa 8ffaa immoo qabiyyee barnootaa gosoota barnootaa kutaa 7ffaafi 8ffaa keessaa kan qophaa'e ta'uun beekameera. Walumaagalatti, qormaatni kutaa 6ffaa Waxabajjii 8-9/2018 yoo, kutaa 8ffaa immoo Waxabajjii 11-12/2018 ta'uu hubachuun; -Barattootni guyyoota muraasa hafan kanarratti hundaa'uun qo'annaa keessaniif xiyyeeffannoo akka kennitan, - Barsiisotnis deeggarsa barattootaaf taasisaa turtaniif galata qabdu jechaa, deeggarsi keessan hanga xumuraatti daran cimee akka itti fufu yaboo jenneerra. - Maatiin barattootaas ijoollee keessan haala mijeessuufi jajjabeessun cinaa akka dhaabbattan dhaamsa keenya ta'a. Dhumarrratti, #Sagantaa_Qormaataa_Kutaa_6ffaafi_8ffaa walduraa duuban maxxansineerra.

Hogganaan BBO "Foramii Barnootaa Idil Addunyaa 2026" Magaalaa Landanitti Gaggeeffamaa Jiru Irratti Hirmaatan. ----------- BBO- Caamsaa 11/2018 Foramii Barnootaa Idil Addunyaa 2026 Biyya Ingiliz Magaalaa Landanitti mata duree - " Waloo Egereef Barsiisuu: (Educating For A Shared Future)" jedhuun guyyoota 4 gaggeeffamu irratti Ministira Ministeera Barnootaa Prof. Birahaanuu Naggaafi Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo hirmaataa kan jiran ta'uun beekameera. Kaayyoon Foramichaa, #Siistamni_barnootaa qophaa'u hunda hammataa qulqullina olaanaa kan qabuufi egeree dhalootaa mijeessuu danda'u,,kalaqaafi miira itti gaafatamummaa waloo egeree idil addunyaa guddisuufi ijaaruu keessatti hoggantoota barnootaa deeggaruuf ta'uun ibsameera. Foramii Barnootaa Idil Addunyaa kanarratti #Ajandaawwan_gurguddoon_afur ta'an bal'inaan irratti mari'atamaa kan jiran yoo ta'u, isaanis, mata dure Foramichaan walqabatee - " #Educating_For_A_Shared_Future: Peace, Planet,Purpose and Pathways" jedhuun, gahee #Barnootni_Nageenya idil addunyaa dhugoomsuu irratti qabu, aadaa walii kabajuu, hawaasummaa cimsuu, hubannoo walfakkaatuufi kkf hawaasa idil addunyaa jiddutti uumuun walitti bu'insa, waraanaafi jeequmsa hambisuu keessatti barnootni nageenyaaf bu'uura akka ta'e, #Barnootni_Pilaaneetii_dhalli namaa irra jiraatu tana rakkoowwan jijjiirama qilleensaa, qabeenya uumamaa mancaasuufi kkf walqabatee uumamu hambisuuf dhaloota beekumsa, dandeettiifi gahumsa qabu barnootasn horachuu keessatti barnootni qulqullina qabu murteessaa ta'uu, #Barnootni_galma /#kaayyoo/ barbaadamu akka gahu barnoota nama jiddu gala taasise. teeknooloojiin deeggarame kennuun yoo ta'u, gahumsa barsiisotaa guddisuun barattoota waa kalaquu danda'an, teeknooloojiitti fayyadamuufi rakkoo furuu danda'an horachuuf galmi barnootaa bu'aa barnootaa irratti xiyyeeffate kenuu irratti kan mari'atamuufi #Barnootni_daandii_jijjiiramaa ta'uu ilaalchisee, yeroon keessa jirru kun haalli jijjiirama addunyaa ammayyaa walxaxaafi saffisaa ta'e kana keessatti barattoota keenya akka dandeettiifi fedhii isaaniitti barsiisuun, walgitiinsaafi hammattummaa barnoota keenyaa mirkaneessuun dhaloota jijjiirama saffisaafi walxaxaa ta'e kana keessatti hirmaachisuu akkaataa danda'amurratti Foramiin Barnootaa Idil Addunyaa 26 irratti hirmaataa jiran kan irratti mari'ataa jiran ta'uu sagantaa Foramichaa agqrsiiseera. Kanaafuu, Foramiin Barnootaa Idil Addunyaa 26 gaggeeffamaa jiru kun #muuxannoo_tarsiimoo_imaammataafi_sirna barnootaa biyyoota garaagaraa argamaniin barnootni sadarkaa addunyaatti haala walfakkaatun #nageenya idil addunyaa, #eegumsaafi_kunuunsa_pilaaneetii/lafa teenyaa, bu'aa barachuu barnootaa mirkaneessuufi #addunyaa_saffisaafi_haala_walxaxaa ta'een #teeknooloojiin_jijjiirama_jirtu keessatti dhaloota gahumsa qabu horachuuf #barnoota_hunda_hammataafi_walgitiinsa_eeggate akka #fedhiifi_dandeettii isaaniitti dhiheessuudha. Kunis gshumsa barsiisotaa irratti waan hundaa'uf leenjii gahumsa ijaaru kennuun akka ta'e marii gaggeeffamaa jiru irraa hubatamuun danda'ameera. 💙Oromia Education Bureau 💠 💙Tolaa Bariisoo Gadaa 💠 | |📱Facebook | |📱 WhatsApp | |📱YouTube | |📱Telegram | | 📱 Instagram / / 🤖 Bot | |

#Beeksisa 08/09/2018 Qormaatni Kutaa 6ffaa, 8ffaafi Moodeelaa Kutaa 12ffaa #Guyyaan_Fooyya'e. ---------------- Haaluma kanaan
#Beeksisa 08/09/2018 Qormaatni Kutaa 6ffaa, 8ffaafi Moodeelaa Kutaa 12ffaa #Guyyaan_Fooyya'e. ---------------- Haaluma kanaan; Qormaatni Kutaa 6ffaa #Waxabajjii 8-9/ 2018 , Qormaatni Kutaa 8ffaa #Waxabajjii 11-12/2018 fi Qormaatni Moodeelaa Kutaa 12ffaa immoo, #Caamsaa 13 -17/2018 tti fooyya'uunsaa beekameera. Dhumarratti, Haala Waliigalaa Qormaata Kutaa 6ffaafi 8ffaa bal'ina isaa qabannee kan dhihaannu ta'a. #Yeroo_Qophiifi_Carraa_Gaarii_Barattoota_Keenyaaf_Haata'u.

#Beeksisa #Barattoota_Kutaa_12ffaa Bara 2018 Qormaata Biyyoolessaa Fudhachuuf Qophiirra Jiran Hundaaf --------- BBO- Caamsaa
#Beeksisa #Barattoota_Kutaa_12ffaa Bara 2018  Qormaata Biyyoolessaa  Fudhachuuf Qophiirra Jiran Hundaaf --------- BBO- Caamsaa 07/2018 Qormaatni Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Bara 2018 kompitararratti hundaa'e (Computer Based Test) #CBT (#Online)'n  kennamuuf qophiin olaanan taasifamaa kan jiru ta'uun ni beekama. Kanuma bu'uura gochuun barattootni duraan daursanii qormaaticha kompitararratti shaakaluun barbaachisaadha. Kanaafuu, guyyaa har'aa irraa eegalamee marsariitii Ministeerri barnootaa beeksise "exam1.ethernet.edu.et"  jedhu irratti  shaakaluu akka jalqabdan isin beeksifna. #URL_Address : exam1.ethernet.edu.et #Banaa; Qormaata Shaakalaa! Kan banamu:- - Bakka #User_Name jedhu Lakk. Kaardii Galmee(#Admission_Card ) keessan irra jiru galchaa! - Bakka #Passward jedhu immoo, Lakk. 1234 galchaa! #Tajaajila_kana_kan_argattan:- Bakka Internet'n gahaa ta'e jirutti Kompitara Laptop, Desktop ,Tablet fi Bilbilaan fayyadamuu ni dandeessu. #Carraa_Gaarii ! @BirooBarnotaaOromiya

Qormaatni Naannoofi Biyyoolessaa Bara 2018 Waxabajjii keessa kennama jedhame. ----------------- BBO- Ebla 16/2018 Qormaatni Naannoo kutaa 6ffaa. 8ffaafi Biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2018 ji'a Waxabajjii/2018 jalqabaafi walakkaa irraa eegalee kan kennamu ta'uu Biiroo Barnootaa Oromiyaatti Daayirektarri Daayirektoreetii Qormaataafi Iyyaafannoo Barnootaa obbo Huseen Qaasim ibsaniiru. Qormaatni Naannoo kutaa 6ffaafi kutaa 8ffaa ji'a Waxabajjii guyyoota hojii jalqabarraa kennamuu kan jalqabu yoo ta'u, qormaatni biyyoolessaa kutaa 12ffaa immoo ji'a Waxabajjii walakkaa irraa eegalee kan kennamu ta'uu himaniiru. Barattootni qormaata biyyoolessaafi naannoo fudhachuuf qophiirra jiranis daran qophii isaanii akka cimsan jajjabeessaniiru. Haaluma walfakkaatun, hoggansiifi barsiisotni manneen barnootaa fooyya'insi qabxii barattootaa harka keessan waan jiruuf abdiin keenyaafi maatii barattootaa akka dhugoomsitan jechuun kan dhaaman yoo ta'u, maatiin barattootaa. GTBfi caasaan mootummaa godinaa hanga gandaa jiranis deeggarsa kanaan dura barattoota keenyaa taasisaa turtan caalaa milkaa'ina olaanaa galmeessisuuf akka hojjattan jechuun dhaamsa dabarsaniiru. Dhimarratti, Qormaatni Naannoo kutaa 6ffaafi 8ffaa guuyyootni 45 qofa kan hafan yoo ta'u, Qormaatni Biyyoolessaa kutaa 12ffaa immoo, guyyoota 55 kan hafan waan ta'eef barattootnifi barsiisotni keenya yeroo muraasa hafte tanatti fayyadamuun qabxii olaanaa galmeessuuf akka hojjattan dhaamsa keenya ta'a. - #Yeroo qo'annoo Gaarii Barattoota keenyaaf, -#Ifaajjii Barsiisota keenyaaf firii Gaarii hawwina. #Barri kan milkii haata'u! #Carraa_Gaarii

Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa Hundaaf: Baga Guyyaa Du'aa Ka'uu Iyyasuus Kiristoos Nagaan Geessan! ለክርስትና እምነት ተከታዮች በሙሉ፡ እን
Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa Hundaaf: Baga Guyyaa Du'aa Ka'uu Iyyasuus Kiristoos Nagaan Geessan! ለክርስትና እምነት ተከታዮች በሙሉ፡ እንኳን ለኢየሱስ ክርስቶስ የትንሳኤ በዓል በሰላም አደረሳችሁ! Ayyaana Gaarii! መልካም በዓል #Biiroo_Barnootaa_Oromiyaa : ==//// === 💙Oromia Education Bureau 💠 💙Tolaa Bariisoo Gadaa 💠 | |📱Facebook | |📱 WhatsApp | |📱YouTube | |📱Telegram | | 🤖Bot | |

photo content
+6

Biiroon Barnootaa Oromiyaa, Biiroon Barnootaa Finfinneefi Yunivarsiitin Finfinnee Barsiisota Waliin Leenjisuuf Atooma Hojii Waliif Mallatteessan ------------ BBO- 25/07/2018 Biiroon Barnootaa Oromiyaafi Finfinnee barsiisota Afaan Chaayinaa Barsiisan Yunivarsiitiin Finfinnee akka barsiisuufi baasiiwwan adeemsa baruu barsiisuu immoo biirooleen lamaan danda'un waliin hojjachuuf bakka hoggantootni I/Aantota biiroo lamaaniifi Yunivarsiitichaa argamanitti Atooma hojii har'a waliif mallatteessaniiru. Atooma hojii kan mallatteessan gara BBOtin hogganaa Biirichaa Dr. Tolaa Bariisoo. gara BBF irraa, hogganaa BBF Dr. Zalaalam Mulaatuu yoo ta'an, Yunivarsiitii Finfinnee irraa immoo, Eeggataa Pirezidaantii Yunivarsiitichaa Dr. Saamu'el Kiflee ta'uun beekameera. Hoggantootni sadanuu yaada kennaniin, dhaloota abdii egeree biyya keenyaa ta'an, afaanota hedduu danda'aniifi teeknooloojii jaarraa 21ffaa fayyadamuu danda'an horachuu gahumsi barsiisaa murteessaa ta'uu ibsuun, dhaloota barnootaan ceesisuuf cimanii waliin hojjachuu akka qaban himaniiru. Atoomni hojii har'a mallattaa'e kun kan marsaa 2ffaa yoo ta'u marsaa 1ffaan barsiisota 27 leenjisuun yeroo dhihoo keessatti leenjicha xumuranii gara hojii kan galan ta'uun beekameera. Barnootni Afaan Chaayinaa kan kennamu Manneen Barnootaa Bultii Addaa Sad. 2ffaa keessatti kennamaa kan jiru yoo ta'u, fuuldura gara manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa hundatti babal'achuu kan danda'u ta'uun beekameera. 💙Oromia Education Bureau 💠 💙Tolaa Bariisoo Gadaa 💠 | |📱Facebook | |📱 WhatsApp | |📱YouTube | |📱Telegram | | 🤖Bot | |

Sagantaan Egzibiishinii Biirooleefi Dhaabbilee MNO Guyyoota Sadiif Gaggeeffamaa Ture Goolabame. -------------------- BBO- Bitootessa 25/2018 Sagantaan Egzibiishinii Biirooleefi Dhaabbilee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Bitootessa 23 -25/2018 Finfinnee Giddu Gala Aadaa Oromootti gaggeeffamaa ture har'a sirna ho'aan goolabameera. Egzibiishinii/Agarsiisa seektaraalee mootummaa naannoo keenyaa kana irratti kan hirmaatan hojii mootummaa waggoottan shanan darban keessatti raawwachaa turan, misooma, tajaajila, kalaqafi beekumsaa hawaasaa keenyaaf gumaachaa turan maxxansa adda addaan, suur-sagaleen, viidiyoofi meeshaalee dhiheessun guyyoota sadiif hawaasa daawwachiisaniiru. Haluma kana bu'uureeffachuun Biiroon keenyas hojiiwwan misooma barnootaa keessatti waggoota shanan darban raawwataman milkaa'ina isaanii suuraan, suur- sagaleefi viidiyoon dhiheessun hawaasa daawwachiiseera. Qulqullina barnootaa rakkoo biyya keenyaa ta'e bu'uura irraa furuuf manneen barnootaa bu'uura boruu(MBBB) 20, 000 ol ijaarun qe'ee ummata keenyaa biraan gahun, yeroo ammaa daa'imman miliyoona 2.4 ol ta'an carraa barnootaa argachuu suuraafi giraafin daawwachiisuun danda'ameera. -Adeemsa Milkaa'ina Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaafi Manneen Barnootaa Addaa Sad. 2ffaa dhaloota qaxalee horachuuf taasifamu, - Leenjii Barsiisotaa, Supparvaayizarota Barnootaa Hoggansa Barnootaa barnoota keenya ceesisuuf hojjataman, - Teeknooloojii fayyadamuun barnootaafi bulchiinsa barnootaa keenya irratti ogummaa jaarraa 21ffaan walgitu irratti hojjatamaa jiruufi haala walii galaa bu'aa barachuu barattoota keenyaa dhugomsu hojii ijoowwan ta'an Egzibiishinicharratti qabannee hirmaanneerra. Sagantaa Egzibiishinii kanarraa bu'aa guddaa argannees jirra. -Muuxannoo gaggaarii seektaroota biroo irraa arganneerra. - Hariiroo seektaroota waliin qabnu cimsanneerra. - Haala qabannaa ragaa sadarkaa olaanan horanneerra. - Yaadaafi gaaffii daawwattootarraa ka'u hubachuun karoora fuulduraa keessa akka galfannu nu gargaareera. #Sirna_Egzibiishinichaa_Suuraan 💙Oromia Education Bureau 💠 💙Tolaa Bariisoo Gadaa 💠 | |📱Facebook | |📱 WhatsApp | |📱YouTube | |📱Telegram | | 🤖Bot | |

#Beeksisa #Barattoota_kutaa_12ffaatiif Qormaatni Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Bara 2018 Gosootni Barnootaa Qorataman Beekame. --------------- BBO- Bitootessa 25/2018 Barattootni Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Fudhachuuf Qophiirra Jiran Gosoota Barnootaa; #A_Dameen_Barnootaa Saayinsii Uumamaan: 1- Afaan Ingilizii, 2- Herreega, 3- Scholastic Aptitude, 4- Baayoloojii, 5- Kemistiriifi 6- Fiiziksiidha. #B_Damee_Barnootaa Saayinsii Hawaasaa: 1- Afaan Ingilizii, 2-:Herreega, 3- Scholastic Aptitude . 4- Seenaa, 5- Ji'ograafii fi 6- Ikkoonomksii yoo ta'an; #C_Qormaatni_Sadarkaa Irraa Qophaa'u: Qormaatni kan qophaa'u gosa barnootaa qoraman hunda kutaa 9ffaa - 12ffaa boqonnaalee hunda kan hammatu ta'uu, #D_Haala_Qophii_Qormaataa - #Qormaatni_kutaa_9ffaa keessa qophaa'u, sirna barnootaa haaraafi sirna barnootaa moofaa keessa jiru (#kan_waloo ta'e/ kitaaba lachuu keessa jiru) keessaa fudhachuun qophaa'a. - #Kutaa_10ffaa - 12ffaa Sirna Barnootaa Haaraa keessaa qophaa'a. - #Barnootni_Ikoonomiksii Sirna Barnootaa Haaraa Keessaa ta'ee kutaa 10ffaa - 12ffaatti kan jiru keessaa kan qophaa'uu ta'uu Tajaajilli Madaallii Barnootaafi Qormaatilee Biyyoolessaa beeksiseera. Kanaafuu, Barattootni keenya haaluma kana hubachuun humna qo'annoof qabdan cuunfitanii akka itti fayyadamtan dhaamsa keenya dabarsaa, barsiisotni keenyas deeggarsaafi sagantaa tutooriyaalii kennaa jirtan daran cimsitanii akka itti deemtan dhaamsa keenya ta'a. Barattoota keenyaaf: Carraa Gaarii Hawwina! Barri Kan Milkii Haata'u! 💙Oromia Education Bureau 💠 💙Tolaa Bariisoo Gadaa 💠 | |📱Facebook | |📱 WhatsApp | |📱YouTube | |📱Telegram | | 🤖Bot | |

VLX Tunnel VPN has been a game-changer for my online security and freedom. 💻 Fast and stable connections 🔒 Robust encryption for data protection 🌎 Access to global servers Get VLX Tunnel VPN now and unlock a safer internet! 💡
Ad | #AdsteloAds

👋 Listen! - XsBets is the best Crypto Casino with No Geo Restrictions, No KYC, Instant Withdrawals. Try it Now and thank me later.
Ad | #AdsteloAds