cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Karaa isa Dhugaa(The truth way)

“Warra gara du'aatti geeffaman oolchi, warra ajjeefamuuf hollachaa adeemanis deebisi!” 📖Fak. 24:11

Show more
Finland3 385The language is not specifiedReligion & Spirituality107 617
Advertising posts
360
Subscribers
+324 hours
+47 days
+130 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Nabiyyi or ergamaa rabbii Mahaammad ergamaa rabbiti jennee sababoota fudhachuu hin dandeenye ragaa gamaa lamaanuu jiru yeroo dhiyootti... 𝘑𝘰𝘪𝘯:https://t.me/KaraaIsaDhugaaa
Show all...
Yedalo_For_Jesus_Choir_Galataaf_Sababa_Hin_Dhabu_New_Live_Worship.mp38.81 MB
3
Waaqayyootti Qoosuu?(Si barsiisa) ==========================/ 1. Madonna Louise Barressituu walaloo fi sirbituu beekamtuu biyya Ameerikaati. Gaanfa Lucifer(Satanic horn) ofitti keessee bineensichaaf shubbisti. Waaqayyoo fi gooftaa keenya Yesus Kiristoositti yeroo baay'ee yoo qoostu ni mul'atti. Guyyaa tokko garuu gooftichi mootii waaqaa fi lafaa ta'uusaa isheetti agarsiisuuf milikkita xiqqoo isheetti agarsiise. Bara 2015 sirna badhaasa "Brits Award" jedhamurratti gaanfa daabiloos mataatti baattee waltajjii irratti namoota ishee waliin ol baate. Daqiiqaa gara jalqaba toorumaan osoo sirbituu gidduutti ta'iin dugda ishee gadi kute ishee mudaate. Humni tokko battalumatti ishee fi garee ishee waltajjii irraa lafatti isaan darbate. Mataan ishee lafatti rukutame. Waan sirbitu walii wallaalte. Isa beektu yaadachuu dadhabde. Qaanii fi salphinni waltajjii guddaa isaan jedhan sanarratti isheetti haguuggate. Afgaaffii gazexeessaa tokko waliin taasisteen waa'ee guyyichaa yoo dubbattu "Namni tokko ija koo irratti ibsaa yoo ibsuun arge. Kana booda akka daakuutti lafatti nam'ine. Waanti hundinuu toora gallakkise. Waa yaadachuu nan dadhabe. Guyyaa garmalee rifaasisaa ture. Waaqayyoo of eggannoo akka anatti kennaa turen hubadhe" jechuun ibsite. 2. Hazan Bitmez Gaggeessaa siyaasaa biyya Turkiiti. Wal ga'ii guddaa irratti saba Israa'el fi Waaqayyo gooftaa Israa'el irratti gaa'ise. Waaqni isaanii(Allaan) akka isaan adabu dubbate. Battala jecha kana dubbateen waltajjii irratti kufee gadi diriire. Guyaa lammafaatti hospitaala keessatti du'e. 3. Deonty Wilder Shaampiyoona ispoortii bunyaati(boxing). Nama kabajaa fi ulfina guddaa qabu ture. Haa ta'u malee guyyaa tokko morkataa isaa kan Yesus Kiristoositti amanu, Tayson Fury wajjiin wal morkachuuf qophaa'aa osoo jiruu lamaan isaanii afgaaffiin dhiyaateef. Waaqayyoo irratti garmalee qoose. Ni baace. Waaqni koo fi waaqni kee guyyaa waldorgommii sana wajjiin argina jechuun of dhaadhesse. Tayson Fury garuu anaaf humni koo gooftaa koo Yesus Kiristoos biraa anaaf dhufa, inni ana wajjiin jiraannaan humni ana dura hin dhaabbatu jechuun deebiseef. Guyyaa morkii sana Deonty Wilder fuula Tayson Fury duratti daakuu ta'e. Waaroon salphinaa isatti uffatte. Inni gooftaa isaa amanate immoo mo'ichaan gale. “Waaqayyo kan itti ga'isan miti'o, hin gowwoominaa! Namni immoo waanuma facaase in galfata.” (Gal. 6:7). Arraba Keenya haa eeggannu. Waaqayyoon haa sodaannu. Qoosaa hin taane irraa of haa qusannu. Afaan Oromootti kan hiikamee dha.
Show all...
DAWAA_LUBBUU_Lidiya_Deresse_New_Gospel_music_video_2022_DZ8bt1_y5jM.mp32.79 MB
Rom. 8 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ³¹ Kana hundumaa irratti Waaqayyo gara keenya erga ta'ee, eenyutu nu irratti ka'a jenna ree? ³² Waaqayyo ilma isaa utuu hin mararsiifatin hunduma keenyaaf dabarsee erga kennee, waan hundumaas immoo ilma isaa wajjin tola nuuf hin kennuu ree? ³³ Warra Waaqayyo fo'ate eenyutu hadheessa ree? Erga Waaqayyo akka waan balleessaa hin qabneetti isaan lakkaa'ee, kan hadheessu hin jiru. ³⁴ Eenyutu itti farada ree? Erga Kristos Yesus du'ee kaafamee immoo gara mirga Waaqayyootti argamee Waaqayyoon nuuf kadhatee, kan itti faradu hin jiru. ³⁵ Eenyutu jaalala Kiristosittii gargar nu baasa? Gidiraan yookiis muddamni, ari'atamuun, beelli yookiis qullaa ta'uun, sodaachifamuun yookiis billaan gargar nu baasuu danda'aa ree? ³⁶ "Sababii keetiif namoonni guyyaa guyyaatti nu keessaa in ajjeefamu, akka hoolota qalamuuf jedhaniitti lakkaa'amnee jirra" kan jedhu caafameera. ³⁷ Waan nu irra ga'e hundumaatti garuu, karaa isa nu jaallatee mo'icha guddaa arganna. ³⁸ Duuni, jireenyi, ergamoonni waaqa irraa, warri bantii waaqaa keessatti aboo qabu jedhamanii sodaataman, wanti amma jiru, wanti dhufuuf jirus hundinuu, wanti humna argisiisuu danda'us, jaalala Waaqayyoottii gargar akka nu hin baafne ani beeka. ³⁹ Wanti ol ka'ee jiru, wanti gad fagaatee jirus, uumama keessaa wanti biraas, jaalala Waaqayyoo isa karaa gooftaa keenyaa Kristos Yesus nuuf dhufettii, danda'ee gargar nu hin baasu. https://zoebible.page.link/ob
Show all...
Rom. 8 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ¹ Egaa amma firdiin, warra Kristos Yesusitti qabamanii jiraatanitti faradamu tokko illee hin jiru. ² Seerri hafuuraa inni karaa Kristos Yesus nama jiraachisu, seera cubbuu isa du'atti nama geessu jalaa si baaseera. ³ Sababii nama fooniitiif seerri hojii isaa hojjechuu dadhabe, Waaqayyo ilma ofii isaatii ergee, cubbuu isa nama foonii keessaatti farade; ilmi isaa kun foon isa namni cubbamaan uffatu uffatee, cubbuu balleessuu dhufe. ⁴ Wanti seerri nu irraa gaafatu, nuyi warra akka fedha hafuuraatti malee fedha fooniitti hin jiraanne keessatti, akka raawwatamuuf Waaqayyo kana godhe. ⁵ Warri akka fedha fooniitti jiraatan, yaada isaanii fedha foonii irra dhaabaniiru; warri akka fedha hafuuraatti jiraatan garuu, waa'ee waan hafuuraa in yaadu. ⁶ Yaada ofii fedha fooniitti hidhuun du'a in fida; yaada ofii fedha hafuuraatti hidhuun garuu, jireenya, nagaas in fida. ⁷ Akka fedha fooniitti yaaduun diina Waaqayyoo nama godha; yaadni akkasii seera Waaqayyootii wajjin walii hin galu; isaaf abboomamuus hin danda'u. ⁸ Warri akka fedha fooniitti jiraatan,Waaqayyoon garaa ciibsuu hin danda'an. ⁹ Hafuurri Waaqayyoo yoo dhuguma isin keessa jiraate, isin akka fedha hafuuraatti malee akka fedha fooniitti hin jiraattan; namni hafuura Kristos of keessaa hin qabne, kan Kristos miti. ¹⁰ Kristos isin keessa erga jiraatee, dhagni keessan sababii cubbuutiif du'aa yoo ta'e iyyuu, sababii qajeelummaa argattaniif hafuurichi jireenya isiniif ta'a. ¹¹ Hafuurri Waaqayyoo inni Yesusin warra du'an keessaa kaase, isin keessa yoo jiraate, inni Kristosin warra du'an keessaa kaase, hafuura isaa isa isin keessa jiraatuun, dhagna keessan isa du'us immoo in jiraachisa. https://zoebible.page.link/ob
Show all...
ብቻውን_ሞተልኝ_Bechawin_Motelign_Abenezer_Legese_2024_Protestant_Song.mp38.04 MB
“Namni ilma Waaqayyootti amanu, jireenya bara baraa qaba; ilma Waaqayyoof kan hin abboomamne garuu jireenya hin argatu, dheekkamsa Waaqayyootu isa irratti hafa malee" jedhe.” — Yoh. 3:36 “በወልድ የሚያምን ሁሉ የዘላለም ሕይወት አለው፤ በወልድ የማያምን ግን የእግዚአብሔር ቊጣ በላዩ ይሆናል እንጂ ሕይወትን አያይም።”” — ዮሐንስ 3:36 (አዲሱ መ.ት)
Show all...
👍 3
መስከረም_ጌቱ_አማላጄ_lyrics_Meskerem_Getu256k.mp33.71 MB
4