Gumii Afaan, Aadaa fi Hogbarruu Oromoo-Yunivarsiitii Salaalee ( GAAHO-YS)
Open in Telegram
Afaan, Aadaa fi seenaa akkasumas Hogbarruu Oromoo baroota dheeraaf qariffaa cunqursitootaa jala turee fi wareega lubbuu, dhiiga fi caba lafee ilmaan oromoon na qaqqabe dagaagsuu fi dhaloota dhaalchisuuf Anis Oromoo waanan ta'eef gahee koo nan bahadha!
Show more230
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days
Data loading in progress...
Similar Channels
No data
Any problems? Please refresh the page or contact our support manager.
Tags Cloud
No data
Any problems? Please refresh the page or contact our support manager.
Incoming and Outgoing Mentions
---
---
---
---
---
---
Attracting Subscribers
March '24
March '24
+17
in 0 channels
February '24
+219
in 0 channels
| Date | Subscriber Growth | Mentions | Channels | |
| 25 March | +1 | |||
| 24 March | 0 | |||
| 23 March | +2 | |||
| 22 March | +1 | |||
| 21 March | +1 | |||
| 20 March | 0 | |||
| 19 March | +1 | |||
| 18 March | +1 | |||
| 17 March | 0 | |||
| 16 March | 0 | |||
| 15 March | 0 | |||
| 14 March | +2 | |||
| 13 March | +1 | |||
| 12 March | +2 | |||
| 11 March | +1 | |||
| 10 March | 0 | |||
| 09 March | 0 | |||
| 08 March | +1 | |||
| 07 March | 0 | |||
| 06 March | +1 | |||
| 05 March | 0 | |||
| 04 March | +1 | |||
| 03 March | +1 | |||
| 02 March | 0 | |||
| 01 March | 0 |
Channel Posts
| 2 | SEENAA BALAY ZALLAQAA QILXUU
(Abbaa Koostir) Eenyu?
Akkuma beekamu seenaan Oromoo inni dhugaan dhufaatii dhalattoota qubee hordofee, awwala alagaan keessa dhokse diigee, xurii seenaa alagaan itti maxxanse ofirraa miiccaa dhalootaaf haqa ture qabatee asan jira jechaa jira. Kana fuudhanii dhalootaaf akka dandeetti ofiitti dabarsuun gahee eenyutiree? Deebiisaa isiinifan dhiisa.
Jaarraa 16ffaan Seenaa Oromootaa keessatti jaarraa sochii lafa babal’ifannaatiin beekama. Haaluma kanaan Oromoonni kallattii kaabaan hanga Laga Mormor ykn Abbayaatti babal’ifachuusaanii seenaan dhugaa ni baha. Kaaba Itiyoophiyaa ammaa Walloo, Tigiraayfi Gojjam keessa mootonni Oromoo akka turan ni addeessa.
Balay Zallaqaa Oromoo Walloo keessaa kan Booranaa jedhaman Damee Oromoo Tuulamaarraa dhalate. Abbaan gooticha kanaa Zallaqaa Qilxuu Aayyoo Galgalii Oromoota Walloorra dhiibbaa mootota Habashaatiin gara Gojjamitti godaanan keessaa tokko turan. Obbo Zallaqaa qilxuu loleewwan Lij Iyyaasuu Oromoo Walloo hortee Tuulamaa keessaa tokko. Erga Lij Iyyaasuun angoo gadhiseen booda baqachuun Walloo Booranaa gara Gojjam kan godaanan. Gojjamitti gooticha Balay Zallaqaa kan dhalfatan.
Balay abbaasaa Balay Zallaqaa Qilxuu Aayyoo Galgaliifi haadhasaa Xaayituu Aallanaa irraa bara 1910 A.L.A dhalate. Haati isaas Walloo Booranatti dhalatan. Balay tooftaa riphee loluun beekama. Tooftaa kanaan Itaaliyaanotaafi baandota ykn baasaasto isaanii boqonnaa dhoowwaa ture. Dirreewwan waraanaa garaa garaa irratti Itaaliyaanota mo’achuun gootummaasaa mirkaneesseera. Tooftaa waraanaa gooticha Oromoo Balay Zallaqaa Qilxuu irra aanuu kan dadhaban Itaaliyaanonni abdii kutatan. Jaabinaafi gootummaa goota kanaafi gootota Oromoo birootiin Itaaliyaanonni biyya gadhiisanii bahan.
Injifatamuu Itaaliyaa booda H/Sillaaseen waggoota shaniif bakka baqatee tiru Ingilaandii yoo deebi’u, ummanniifi duuka buutonni Balay Zallaqaa Qilxuu maal badhaafama, aangoo akkamiitu kennamaaf jechuun eegaa turani. H/Sillaaseenis akkuma gootota Oromoo biroo aangoo isaaf waan shakkeef Balay akka qabamu taasise.
Aangoos badhaasas isaaf hin kennine. Biyya bilisa baasuun jibba H/Sillaasee jalaa isa hin baafne. Akkuma Abdiisaa Aaagaafi kanneen biroo hidhaa, reebichaafi gidiraatu isa mudate. Hidhaan umurii guutuu itti murtaa’e. Kanumaan otoo jiruu mana hidhaa Finfinneetii cabsee bahuun erga qabamee booda M/Murtiitti dhiyaatee murtiin du’aa itti murteeffame. Murtichas H/Sillaaseen mallattoon mirkaneessee bara 1945 A.L.A umuriisaa 35tti obboleeyyan isaa 2 waliin fannifame.
Goota akkasii kana kan Oromummaansaa alagootaan dhokfamee, hojiinsaas gatii dhabee alagaan fannifame. | 125 |
| 3 | Beeksisa
Guyyaa 24/06/2016
Miseensoota gumii GADAO yuunivarsitii salaalee, warreen kana dura miseensa hin taanee akkasumas ta'uu barbaaddan hundaafi barattoota remidiyaala haaraa gara mooraa dhuftan bagaa nagaan dhuftan! jechaa, barattoonni warroonni mooraa Keessa turtaniis Fresh hanga GC'ti jirtan maraaf
Kabajamtootafi jaalatamtoota miseensota gumii Aadaafi dagaagina afaan oromoo (GADAO) yuunivarsiitii salaalee hunda dura nageenyii keenya kan kabajaa isin haa qaqqabu jechaa itti aansuun bara kana gumiin GADAO torbee lama lamaan sagantaalee barsiisoofi bashannansiisoomarsaa 5f qopheesse turuun ni yaadatama. Maarre gumiin GADAO yuunivarsitii keenyaa ammas bifa adda ta'een Gurandhala gaafa 24/06/2016 sagantaa marsaa 6ffaan qophiilee barsiisoofi bashannansiisoo qopheessee isin ergaa jira. Kanaafuu barattoonni miseensa gumii kana ta'uu barbaaddan kamiyyuu guyyaa jedhame kana saganticha Irraatti argamtani dhangaalee gumichi qopheesse dhandhamachuun, isinis gara fuula duraatti dandeettiifi kennaa aartii qabdaniin gumicha akka utubsaniif waamicha oromummaafi obbolummaa isiniif dabarsuu barbaanna. Iddoon sagantichi itti gaggeeffamu galma siminaara (simenar hall) yuunivarsiitii salaalee yoo ta'u, sa'aatiin sagantichi itti gaggeeffamu 7:30-10:30tti.
√√√ Aadaafi afaan ufii beekun ufumaa ufi beekudha!
✓✓✓ Aadaafi afaan keenya nu malee maal qaba, aadaafi afaan keenya numatuu olii qaba!
Hub:- sa'aatii kabajjanii dhufuun, saganticha nuffii malee goolabuuf waan nu dandeessisuuf, sa'aatii jabajnee haa argamnu!!.
Nagaan koottaa !!.
Koree Gumii GADAO yuunivarsitii salaalee irraa!!. | 201 |
| 4 | Asoosama itti fuufa........jedha asoosanni keenya kutaa itti anuu sii egnaa jennerrra!. | 219 |
| 5 | B/SSAAN LAMMIIF ALAMUU
itti Seensi Asoosama Kanaa Bara~1977.A.L.I Ture.
Egaa Barri Kun Of-madaallii Beellii fi hoongeen Kutaalee Biyyaa Hedduu Akka Hoomacha Saamunaa fi Cabbii Addaachaa Goolee 4niin Noorii 1 Malee Ofiin Ol-seene.
Gorroo Mana Nama Hundumaatiis Akkuma dhimphuu Mana Citaarraa Xaaph Xaaph jedhe.
Abdiisaan Garuu Gaalee Sookoo qabuun Akkas jechuun Eegale.
Elemoo! Gurbaa Ati Kan Asjirtu Kun Yeehi! Eebbisaa Moo Oliiqaadha Laata!
jedhee Sagalee dheebuu Bilisummaan Waame.
Bakkicha kanjiru Garuu Oliiqaa Waan ta'eef Oliiqaanis deebisee"Yeehi Eenyu "Abiisheemoo Taaddasaadha"jechaa Abdiisaa Jalaa Owwaate.
Abdiisaanis,"Maaltu Hin Dhaabbatuu? Eenyu Kan Kufemmoo? Silaas Waliima Keenya Yoota'e malee Humni Nu gitu Waan jiru Miti Uumaarraan Kan Hafe" jechaa Bifa Gaaffii fi deebiin Sagalee Guddaan gaafachaa Ofiinis deebise.
itti Dabalees Abdiisaan,"Yee Yaa Jamaa!"Wanti hin dhaabbanne hundee hin qabu.
balaa Itti dhufu Moo'achuuf hundeen murteessaadha.
Hundeen Wantoota dhaabbatan hundaaf Malee biqiltoota qofaaf hin jedhamne.
Hundeen Dhala Namaa Uumaa isaati.
Uumaan Bakka isaatii hin Socho'u Hundeen isaas jabaataadha.
Uumamni Uumaa Isaatti hin ijaaramne
Qilleensatu,bitaaf-mirga,Oliif-gadi,
Asiif-achi Kallattii Isaaf tolutti Oofa.
Qalbii fi Yaanni Namaas Hundee qabaachuun Dirqama.
Hundee irra dhaabbatus Ofiif jabeeffachuun Qooda isaa ta'ullee lilliin Xiqqoo taatee Akka Nama Umuriin fagaateetti Kan Isheen Xiinxaltu.
Abbaan ishee Obb Deebisaan Harmee ishee Aadde Mootuu Yommuu Fuudhe Qorumsis baruma Sana Heddummatee Itti bubbisaa Isa Quunname.
Innis Kanuuma Keessa Fuudhee Mucaa isaa Angafaa Ilillii Argate.
Egaa Bu'aa dhiiga isaa Kan taate Ililliidhaaf Eegumsaa fi kunuunsaa ishee barbaachisuun Yoo isaaniin hanqinni mudatellee Isheef guutuun Guddise. Bara harmee ishee Aadde Mootuu Waliin Wal Arge Sana Yeroo Ilillii Wajjin haasa'an Miira Adda ta'e keessa Seena.
Harmeen Ilillii Aadde Mootuunis Godina H/G/W/A/J/Gannatii Mgl/Shaambuu Keessatti Osoo isheen daandii Yeroo Sanaa Kan gara Magaalaa Naqamteetti geessu irra Hojjettoota Maandisii Waliin jirtuuti Kan Isheen ija Abbaa Ilillii Keessa buute.
Obseeraan Kan dhalatte Naannoo Oromiyaa Magaalaa finco'aatti taatullee Sababa Maatiiwwaan ishee Walitti Bu'insa Ollaatti Beelaa fi Hoongeen Uumameen Warra
gochaa Sirna duguuggaa Sanyii Gaggeessuu barbaadaniif Gara Magaalaa Finfinnee Kan Yeroo Amma Bulchiinsa magaalaa Furii jedhamuutti Baqattee achii booda Kan Isheen Magaalaa Adaamaatti dhuftee jireenya karaarraa eegaltes.
Obboleessa Ilillii Kan ta'e Boriifan Deebisaa Obseeraadhaan Daanduma irratti Argee Kan Inni Jaalala isheen Mucuca 1 Malees Kan Kufe.
Boriifan maatii Duuressa Oromiyaa irraa dhalate.
Amala isaa Kan ta'e Keessaas Goofaree Filachuu jaalata.
Rifeensa Mataa isaa Kana Olkaasee qeerransuma fakkaata.
Hidhanni qabattoo isaa Looti gurra Misirroo heerumaaf Kuulamteen adda miti.
Kaawwannaa fi hidhanni Maasaraa Kophee isaammoo Akka Loltuu Bir-geed Jeneraal Taaddasaa Birruu hidhatuutti Miidhagee Siidaan jigne fakkaata.
Boriifanis Hunda Kanaan miidhagee Obseeraa Karaa irra jirtu Garuu Kaartaa Laphee isaa Dirqama jaalalaan Mirkaneeeffachaa jirtutti Adeemee,"Hiy! Jechuun Miira Sodaan Harka fuudhe.
Isheenis,"Hiy! jettee Yeroo Harka Fuutu Akka Nama ipsaa qabatee taate!
Akka Nama Dhukkubni Busaa qabee Huurgufamuun Ni Daf-qite;Ni Rom'ites.
Egaa Obseeraanis Sababa Lola Hoongee fi Beelaan Nama Maatii ishee dhabee qofaa daandii irra jiraatu hin fakkaattu.
Ugum! Ya Seeqashee Addunyaa Ni raaja!
Gaafa Dubbattus Ofirraa Buuteeti Xiiqii fi Mil'ata Keessa ishee jiruun garuu Boqqolloo Waaddii Daandii irraa gurgurti.
Boriidhaanis "Yeeyi" Waaddii Kana Biti jetteen.
Innis Gammaduun Jechuma ifaadhaan Wow! tole jedhee ka'i! Laaqana Si affeeruu Jechuudhaan Yeroo ishee gaafatu, Ilkaan kaarruu Uumaan ishee badhaaseen
Qis! Qis! Qiis! jettee Osuma Keessishee Mararamuu Galatoomi! Nyaadhaa Ittiin Jette.
Innis Hayyee,"Boqqolloon Waaddii Kee Kun 1n isaa Qarshii Meeqaree jedhe?" isheenis Saantiba 5n qofa jetteen. | 199 |
| 6 | B/SSAAN LAMMIIF ALAMUU

Innis Hayyee,"Boqqolloon Waaddii Kee Kun 1n isaa Qarshii Meeqaree jedhe?" isheenis Saantiba 5n qofa jetteen. | 138 |
| 7 | Wolaloowwan sagantaa guyyaa 02/06/2016 | 132 |
| 8 | Guyyaa 01-06-2016
Beeksisa waamicha duula Hojii qulqulleessa mooraa
Miseensota gumii GADAOfi barattoota mooraa keenyaa hundaaf
Kabajamtootaafi jaalalatamtoota miseensota gumii Aadaafi dagaagina afaan oromoo(GADAO), mooraa Jeneraal Taaddasaa Birruufi barattootni mooraa keenyaa marti hunda dura nageenyi keenya kabajaa kan oromummaafi obbolummaa irraa madde isin haa gahu jechaa itti aansuun akkuma mata duree irratti ibsamuuf yaalame, guraandhala gaafa 02-06-2016 (boru) ganama keessaa sa’aatii 12:30 irraa eegalee hanga sa’aatii 3:00tti duula Hojii qulqulleessa mooraa keenyaa kan gumii GADAOtiin durfamu waan adeemsifamuuf isinis kanuma hubachuun miseensota gumichaas ta’ee, namoonni nu waliin taatanii Hojii kanarratti hirmaachuu barbaaddan kamiiyyuu guyyaafi sa’aatii jedhamee kanattii argamuun qulqullina iddoo ciisicha barattootaa(dorm) dabalatee qulqulina mooraa irratti akka waliin hirmaannu waamicha keenya isiniif dabarsuu barbaanna!
DHAADANNOO GUYYICHAA
Duulli qulqulinaa kun:-
~~~> gamtaan hojjachuun duudhaa oromummaa ta’uu kan ittiin mulisunufi
~~~> tokkummaan irree oromummaa ta’uu kan ittiin agarsiifnuudha
~~~>Aariin kan natti dhagahamu yeroon balfa arguufi yeroo namoonni wantoota itti fayyadamuu dandeenyu gatuun naannoo faalaniidha…Mother Teresa
Naannoo kunuunsinaan naannoon illee si kunuunsa….mammaksa warra Aborjiinotaa
Naannoon yoo gammade,namoonni ni kolfu, gadi isaanis ni bada……Sirnivas Mishra
Koree gumii GADAO yuunivarsiitii Salaalee irraa👈 | 201 |
| 9 | Haala ramaddii hooggansa duula qulqullinaa kan warra dhiiraa Block A, B, E fi O irratti.
Block A
1. Oliyaad Abduljowaad
2. Iyyoob Taarikuu
3. Jamaal Hiikaa
4Eermiyaas Tashomaa
5. Baacaa Faxxanaa
6. Birboo Guddee
Block B
1. Oliiqaa Mulaatuu
2. Dassaalenyi Gammachuu
3. Abdii Silashii
4. Milkeessaa Humneessaa
5. Haabtaamuu Fiqaaduu
Block E
1. Furii Higguu
2. Barakat Simee
3. Daawwit Kaffaaloo
4. Gaaddisaa Ayyaanoo
5. Waaqumaa Gizaa
Block O
1. Seenessaa Darajjee
2. Jabaa Xeneshuu
3. Deebisaa Katamaa
4. Alamuddiin Amiin
5. Yaadataa Amanuu
6. Beekaa Annisaa
7. Dastaa Dhugaasaa
Haala ramaddii duula qulqullinaa kan warra shamaraa Block G, L fi K irratti.
Block G
1. Lalisee Raggaasaa
2. Galaanee Fayyisaa
Block L
1. Birrituu Birruu
2. Taaddasuu Girmaa
Block K
1. Jamaayinesh Miidhaksaa
2. Sooromee Waaqtolee | 164 |
| 10 | OOFKALTII!!
Kabajamtootaa fi jaalatamtoota miseensota gumii Aadaafi Dagaagina afaan oromoo dogoggora uumameef nu oofkalchaa isiniin jechaa sababa guyyaan jijjiiraa doormiifi sagantaan duula qulqulleessa mooraa walirra ooleef duulli qulqulleessa mooraa sanbata xiqqaatti qabamee ture ammaaf kan hafe ta'uu beektanii akka wal beeksistan jechaa, guyyaa sagantichi itti gaggeefamu immoo yeroo biraa kan isin beeksifnu ta'a. | 138 |
| 11 | Santuu seera!. | 170 |
| 12 | Guyyaa 22-05-2016
Beeksisa Waamicha duula Hojii qulqulleessa mooraa
Miseensota gumii GADAO fi barattoota Yuunivarsitii keenyaa hundaaf
Kabajamtootafi jaalatamtoota miseensota gumii Aadaafi Dagaagina afaan oromoo Yuunivarsitii salaalee(GADAO), mooraa Jeneraal Taaddasaa Birruu marti keessan hunda dura nageenyi keenya kabajaa kan Oromummaafi obbolummaa irraa madde isin haa gahu. Akkuma mata duree irratti ibsamuuf yaalame Amajjii gaafa 25-05-2016 (sanbata xiqqaa) ganama keessaa sa'aatii 12:30 irraa eegalee hanga sa'aatii 3:00 tti duulli hojii qulqulleessa mooraa Yuunivarsitii keenyaa gumii GADAO tiin durfamu waan adeemsifamuuf isinis Kanuma hubachuun miseensota gumichaas ta'ee namoonni nu waliin taatanii hojii kanarratti hirmaachuu barbaaddan kamiyyuu guyyaafi sa'aatii jedhame kanatti argamuun qulqullina iddoo ciisicha barattootaa (dorm) dabalatee qulqulina mooraa irratti waliin akka hirmaannu waamicha keenya isiniif dabarsuu barbaanna!
~~>Gamtaan hojjachuun duudhaa Oromummaati!
~~~>Tokkummaan irree Oromummaati
~~~>Fayyaa buleessa akka taanuuf mooraa keenya haa qulqulleessinu!
Koree Gumii GADAO yunivarsiitii salaalee irraa | 140 |
| 13 | Jaalala miiraan guutame.
Maqaa taatotaa
, mootii, Falmataa, Bilisummaa, Abbaa falmataa , haadha Falmataa.
Ibsa diraamichaa
Falmataafi Mootiin obbolaanidha.
Falmataa fi Bilisummaan immoo jaalallee waliidha.
kutaa tokkoffaa
Bilisummaan Falmataadhaan: Ati yoomiyyu in jijjiiramtu nama ta'i si jedheen dadhabe.
ani si duukaa yerooko gubuu in barbaadu falmataako! Ati anaan barbaadda otoo in taane : caatii, sigaaraa, dhugaatii haalkooliifi hanna suusii godhatteetta.
Ana bilisummaa argachuuf jalqaba nama ta'i! jijjiirami! kaayyoo qabaadhu! Amma kana in taanetti sin beeku na hin beektu chawoo yeroo gaarii.
Falmataa: Sitti imaa Biiliiko ani yoomiyyu si dhabuu in fedhu. garuu waanta ati naan jedhaa jirtu matumaa in dhaga'u.
Garuu ati kan beekuu qabdu ati kan nama biraa taatee si harguu in fedhu
Bilisummaa: Ati barbaades dhiistes na in ilaallatu. xummureera ani. jettee biraa deemte.
Baayyee haartee boo'aa otuu deemtuu, mootii wajjin walitti dhufan . motiin gara laafessa waan ta'eef maal taate siister maali maal taatee boossa jedhee arka ishee qabee dhaabe.
bilisummaa; waayyu in taane
Mootii; Otuu boossuu waayyu in taane naan jettaa ? Akka obboleessa keetti na hilaali! Rakkoo ofii yoo namatti iman namarraa salphata rakkoo in qabu na in sodaatiin jedhee, karaarraa maqanii karaa bukkee ta'an .
Maqaa isaanii erga walitti imaniin booda isheenis: rakkoo ishee itti imtee ati nama gaarii fakkaatta baayyee galatoomi! akkuma ati jette dhugaamayyu natti salphate amma jettee bilbila ishee laatteefii wal bira kutan.
__________________________________________
Kutaa lammaffaa
Mootiinis yeroo ishee argee kaasee miira itti dhagaa'amee in beeknetu itti dhagahame. bareedinni ishee akkaataan dubbannaa ishee akkaataan deemsa ishee, waanti hundishee sammuu isaa keessaa baduu in dandeenye.
bilbiluufii? moo dhiisu? jedhee erga of gaafachaa turee booda. sossodaachaa bilbileefi. akkas ittiin jedhe: eloo anadha mootiidha. mucaa arra guyyaa otuu ati boossuu si hargee bilbila wal jijjiirredha. ________________ jedhee erga haasofsiiseen booda wal beellamanii wal argan.
kutaa sadaffaa
otuusaan wal duukaa taa'anii haasa'anii falmataan dhufee isaan harge.
baayyee haare guutummaan qaama isaa akka ibsaan isa qabee in hollate. baayyee haaree waan tureef isaan dhiisee gara dhugaatiitti sokke.
dhaqee araqee dhugaa erga tureen booda ija isaa diddiimeffatee araqee isaa ayilaandiitti qabatee jiru abbuuqqachaa karaa gara mana isaaniitti geessu irra taa'ee mootii heeguutti jira.
mootiinis bilisummaa biraa akka deebi'een galuuf karaa isaarra bu'e.
mootiin otuu inni galaa jiruu falmataan mootiidhaan waan humna caaluuf kuffiisee akka nama uffata miicuu cuunfee akka inni lammataa bilisummaa bira in geenye akeekkachiisee bira kute.
mootiinis iddoo kufee jiruu ka'ee okkolaa gara manaatti gale.
bilisummaanis erga galtee bilbilteefii galtee mooti ittiin jette innis sagalee isaa irruudhaan eeyyeeni galeera ittiin jedhe isheenis maali maal taate rakkootu jiramoo sagaleenkeewoo sirrii mittii ittiin jette.
erga wal duukaa haasa'aa turaanii booda iddoo boor itti wal argan wal beellamanii bilbila addaan kutan.
_______________________
Boorumtiisaa akkuma wal beellamanitti waliif bilbilanii heessatti akka wal argan wal beeksisan.
kanaan booda mootiin dursee achitti argamee miira haariin guutameen anaan akkaasitti na reebaa? yoon isa in maraachiin ani nama miti jedhee taa'ee ofii isaatti odeessa. amma akka inni anaan na reebee dhaqna koo akka fooniitti na waade animmoo kanaa olitti jireenyasaa waaduun qaba. jedhe. otuu inni taa'ee haasa'aa jiruu bilisummaan dhuftee maali maadha qofaake teesee haasofta ittiin jette . isa dhiisiiti baga nagaan naaf dhufte baayyeen si yaade animmoo ittiin jedhee ishii haammatee erga dubbisee booda . waliin taa'anii hasaa jaalalaa haasa'uu jalqaban. isheen baayyee waan isa jaallatteef daftee isarratti of gatte. isa amante. inni immoo jaalala osoo in taane kan isa qabe xiiqiidha. otoo isaan galaana jaalalaa daakaa jiranii falmataan araqee isaa abbuuqqachaa isaanitti ba'e. iji isaa ijoollee soorata jaalalaa dhandhamataa ji | 170 |
| 14 | Dhugaa gammachuu guddatuu naatii dhagahamee isiin jaaladha ❤️💯 Isiin hundaa miseensoota irraa hangaa koree gurguddattii naaf jiraadha. ummaata jaalalaa!. | 140 |
| 15 | NAGAA (1).docx | 162 |
| 16 | 30-03.docx | 174 |
| 17 | Beeksisa
Guyyaa 19-05-2016
Miseensota gumii GADAO Yuunivarsitii salaalee, Warreen kana dura miseensa hin taanee akkasumas barattoota haaraa gara mooraa dhuftani hanga ammaatti miseensa gumii GADAO hin ta'anii fi ta'uu barbaaddan maraaf
Kabajamtoota fi jaalatamtoota miseensota gumii Aadaafi Dagaagina Afaan Oromoo (GADAO) yunivarsiitii salaalee hunda dura nageenyi keenya kabajaa isin haa qaqqabu jechaa itti aansuun bara kana gumiin GADAO torbee lama lamaan sagantaalee barsiisoofi bashannansiisoo marsaa 3f qopheesse turuun ni yaadatama. Maarre gumiin GADAO Yuunivarsitii keenyaa ammas bifa adda ta'een Amajjii gaafa 19-05-2016 sagantaa marsaa 4ffaan qophiilee barsiisoofi bashannansiisoo qopheessee isin eegaa jira.Kanaafuu barattoonni kana dura miseensa gumichaa taatanis ta'ee, barattoota haaraa dabalatee, barattoonni miseensa gumii kanaa ta'uu barbaaddan kamiyyuu guyyaa jedhame kana saganticha irratti argamtanii Dhangaalee gumichi qopheesse dhandhamachuun, isinis gara fuula duraatti dandeettiifi kennaa aartii qabdaniin gumicha akka utubdaniif waamicha oromummaafi obbolummaa isiniif dabarsuu barbaanna. Iddoon sagantichi itti gaggeeffamu galma Siminaaraa(simenar hall) Yunivarsiitii Salaalee yoo ta'u, sa'aatiin sagantichi itti gaggeeffamu 7:30-10:30tti.
~~>Aadaafi Afaan eenyummadha
eenyummaa kee situ beeksifata.
~~>Aadaan nafa, nafa abbaattu jabeeffata kanaafuu Koottaa!! Nu waliin ta'uun aadaa teessaan jabeessaa.❤❤
Hub:- Sa'aatii kabajjanii dhufuun, saganticha nuffii malee goolabuuf waan nu dandeessisuuf, hanga danda'ametti sa'aatii kabajnee haa argamnu!!!
Nagaan koottaa!!!
Koree Gumii GADAO Yuunivarsitii Salaalee irraa!!! | 198 |
| 18 | Yooyyaa babaaroo faffayyaaaa
Jirra jirtuu Uummata qashtii
"Kana beektuu laata!"
➛oggummaa guddaan dhala namaa kabajuu fi uumaa sodaachuu ta'uusaa!
➛Dadhabinni guddaan nama tuffachuu ta'uusaa!
➛Maalummaa guddaan amanamummaa ta'uusaa.
➛Hiyyummaa guddaan wallaalummaa ta'uusaa.
➛Eenyummaa guddaan sabbonummaa ta'uusaa .
➛Gootummaa guddaan obsa qabaachuu ta'uusaa .
➛Qaroominni guddaan wal hubachuu ta'uusaa .
➛Dhibee guddaan tokkummaa dhabuu ta'uusaa.
➛Kufaati guddaan garbummaa ta'uusaa.
➛Qabeenyi guddaan fayyaafi amaantii ta'uusaa.
➛Aangoo guddaan of danda'uu ta'uusaa.
➛Badhaasni guddaan jaalala ta'uusaa.
➛Kennaa guddaan gorsa beekaa dhaggeeffachuufi qalbeeffachuu ta'uusaa ni beektuu laata!
Horaa bulaa Deebanaa, walitti deebina ❤🥰🙏 | 268 |
| 19 | 🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄
Kabajamtootaafi jaalatamtoo Miseensota gumii"GADAO" yunivarsiitii keenyaa Hordoftoonni amantii Kiristaanaa hundi baga ayyaana qillee ykn Dhalachuu gooftaa nagaan geessan. Ayyaanni Kun ayyaana nagaa, tokkummaa, jaalalaa, waldanda'uu kan dhiifamaa fi araaraa isiniif haa ta'u! Nuuf haa tahu.
🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄
"GADAO" wishes Merry-Christmas to all Christian Followers. May this holiday bring peace, unity, love and harmony for all of us
🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲 | 246 |
| 20 | No text... | 290 |