cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Dr.Naafyaad Geetuu

Show more
The country is not specifiedThe language is not specifiedMedicine16 007
Advertising posts
727
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Repost from Dr Nafyad Getu
Infeekshinii kalee fi afuuffee fincaanii Infeekshiniin kalee fi afuuffee fincaanii kan namatti dhufu baakteeriyaa ykn vaayirasiin karaa dhiigaas ta’e naannoo gogaa keenyaarraan ykn naannoo sagaraa (buubbuu) irraa ka’uun gara kuustuu fincaaniif kalee keenyatti ol seenuu irraan kan ka’e kan dhufudha. Wantoota infeekshinii kalee fi kuustuu fincaanii /afuuffee fincaaniif nu saaxilan: 1. Fincaan yeroo dheeraaf utuu hin fincaaniin qabatanii turuu. Namoonni baay’een sababa garaagaraa irraan kan ka’e fincaan yommuu isaan muddu ykn qabu dafanii hin fincaa’an. Fincaanni kalee keenyaan gara alaatti dhabamsiifamu kun xuraa’aa waan taheef qaama keenya keesa turuu hin qabu. Fincaanni xuraa’aa waan ta’eef baay’inaan yommuu afuuffee fincaanii keessa turu, baakteriyaan akka keessatti wal horan gochuun infeekshiniif nu saaxila. 2. Cirracha kalee. Kunis cirrachi kun ujummoo fincaanii cufuun fincaanni akka gara alaatti hin baane gochuun fincaanni kuufamuun baakteriiyaan akka keessatti wal horee infeekshiniif nu saaxilu godha 3. Erga sagaraa bobbaatanii booda yeroo haxaawwattan ykn qulqulleeffattan dug-duubaa gara fuulduraatti haxaawachuun baakteeriyaan sagaraa ykn udaan keesa jiru salphaadhumatti akka gara ujummoo fincaanii seenan godha. Gochi akkasii kun baay’inaan warra shammarraniifi daa’immanii huba. 4. Ijoollee dhiiraaf dhaqna qabachuu dhabuun carraa infeekshinii kaleefi afuuffee fincaaniin qabamuu daraan dabala. Gogaa fiixee qaama saalaa jala baakteriyaan waan baay’inaan jiraataniif, dhiironni dhaqna hin qabanne carraan infeekshinii kaleefi afuuffee fincaaniin qabamuu isaanii dacha 8’n dabala. 5. Yeroo ulfaas carraan infeekshinii kalee fi afuuffee fincaaniif qabamuu olaanaadha. 6. Dhibee sukkaaraa 7. Uffata jalaa ykn paantii baay’ee nama qabu ykn baay’ee thight ta’e uffachuu 8. Qulqullina naannoo buubbuu fi qaama saalaa eeggachuu dhabuu, keessattuu warra shammarraniif. Mallattoon isaa maali? -Dhukkubbii kalee keenyaa (mudhii keenya gara walakkaa) ykn dhukkubbii handhuura keenyaan gadii (suprapubic pain) -Gubuu qaama saalaa yeroo fincaan fincaa’an -Fincaan dafee dafee nama jarjarsuu -Ho’inni qaamaa dabaluu -Nama hoqqisiisuu ykn ol nama xuquu -Fincaan isin fincooftan diimachuu ykn foolii kennuu -Hammi fincaanii hir’achuu fa’a Kanaaf, mallattoowwan akkasii yoo ofirratti argitan mana yaalaa deemtanii qoratamuun qoricha isaa fudhadhaa. Sababni isaas, infeekshiniin kalee ykn afuuffee fincaanii yoo namarra ture dadhabbii kaleef nu saaxiluu danda’a. Fayyaa Hin Dhabinaa @DrNafYadGetu @DrNafYadGetu
Show all...
👍 45 15
Repost from Dr Nafyad Getu
Photo unavailableShow in Telegram
Infeekshinii Kalee Fi Affuuffee Fincaanii 👇
Show all...
Repost from Dr Nafyad Getu
Photo unavailableShow in Telegram
Sochii Qaamaa Yeroo Ulfaa 👇
Show all...
Repost from Dr Nafyad Getu
Yeroo ulfaa Sochii qaamaa hojjechuun faayidaa akkamii Dubartootaaf qaba? - Dhukkubbii dugdaa ni hir’isa - Gogiinsa garaa yeroo ulfaa ni hir’isa -Si’aaina fi anniisaa dubartootaa ni dabala -Hirriba qulqulluu tahe akka rafan godha -Ulfaatina qaamaa garmalee ni hir’isa -Maashaa jabeessuun cimina kennaaf. -Dhibee sukkaaraa ulfaan wal qabatee dhufu (Gestational diabetus mellitus) ni hir’isa -Dhiibbaaa dhiigaa olkahaaf akka hin saaxilamneef gahee guddaa qaba Sochiin qaamaa yeroo ulfaa godhamu hedduu jira. Sochiiwwan kunniin sochii akkamii akka tahe ogeessota fayyaa mariisiisuun akkasumas Viidiyoowwan ogeessota Ispoortiin kennaman kanneen akka Yoga, kegels exercise fi kkf ilaaluun hojjechuun ni gorfama.
Show all...
2👍 1
Namoota Garee Keenyatti Miseensa Dabalaniif Badhaasa Qarshii Qopheessineerra.Kana ilaalchisuun... Namoota 10 Qarshii 1000 Namoota 50 Qarshii 2500 Namoota 100 Qarshii 5000 ni Badhaafamu. Hirmaadhaa Badhaafamaa. Fayyaan Qabeenya. GALATOOMAA 🙏🙏🙏 @DrNaafyaadgeetuu
Show all...
👍 45 23👏 15🥰 8
Go to the archive of posts
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.