cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

SEENAA TUBE

Channel kanaan: ❈ Kutaa Macaafa Qulqulluu ❈ Ergaa Ganamaa Ni argattu! ™ walalo Jalala fi 𝐣𝐞𝐜𝐡𝐨𝐭𝐚𝐚 baredaa Ni argattuu! ® 𝐛𝐚𝐫𝐨𝐧𝐭𝐚𝐚 𝐦𝐢𝐫𝐫𝐚 𝐧𝐚𝐦𝐚 𝐤𝐚𝐤𝐤𝐚𝐬𝐚𝐧𝐢 𝐧𝐢 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐮𝐮 https://t.me/Seenaa_Tube Join share taasisaa

Show more
Finland1 146The language is not specifiedReligion & Spirituality18 208
Advertising posts
5 159
Subscribers
+224 hours
-57 days
-1330 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

𝐘𝐨𝐡𝐚𝐧𝐢𝐬 20;1..... 𝐀𝐤𝐤𝐚𝐧 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐚𝐚 Yesus Du'aa Ka'uu Isaa (Mat 28:1-10; Mar 16:1-8; Luq 24:1-12) 20Guyyaa jalqaba torbaniitti, [gaafa Sanbata guddaa,] utuu dukkanaa'uutti jiruu obboroodhaan, Maariyaam isheen Magdalaa gara awwaalichaa dhuftee, dhagichi awwaalicha ittiin cufanii turan, awwaalicha irraa akka fuudhame argite. 2 Isheen fiigaa gara Simoon Phexrosii fi gara bartuu isa kaan, isa Yesus jaallatee dhuftee, “Goofticha awwaala keessaa fudhataniiru, eessa akka isa kaa'anis hin beeknu!” jettee isaanitti himte. *1 20:19; HoE 20:7 *2 13:23 3 Yommusumas Phexrosii fi bartuun inni kaan ba'anii, gara awwaalichaa dhaqan. 4 Isaan lamaan walii wajjin fiigan; bartuun inni kaan garuu Phexros dura darbee fiigee, dafee awwaalicha bira ga'e. 5 Innis gad jedhee kafanni achi akka jiru arge malee, keessa hin linne. 6 Simoon Phexrosis immoo isa booddeedhaan dhufee, achumaan awwaalichatti ol lixee, kafanichi achi kaa'amee arge. 7 Erbeen mataa Yesus irra ture garuu, kafanichaa wajjin hin kaa'amne, dachaafamee kophaatti iddoo tokko ture malee. 8 Kana booddee bartuun inni kaan, inni Phexros dura awwaala bira ga'ee ture, keessa lixee, kana argee amanes. 9 Macaafni, “Inni, warra du'an keessaa ka'uun in ta'aaf” in jedha, isaan garuu kana hamma ammaatti hin beekne. 10 Kana booddee bartoonni deebi'anii manatti galan.
Show all...
4
Repost from Getu Official
Faasikaa - Bira Darbuu ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➛ Du'a bira darbuu ➛ Dhiifama argachuu ➛ Araara Waaqayyoo qabaachuudha. Yesuus Kristos cubbuu dhala namaatiif fannoorratti altokkicha dhiphachuudhaan, du'uu isaatiin akkasumas du'a moo'ee ka'uu isaatiin aangoo du'aa caccabsee isatti kan amanan hundinuu jireenya bara baraa akka qabaataniif balbala araaraa baneera. Yoh. 3:16 Fayyini keenya kun tola yoo ta'eeyyu rakasa miti. Dhiigaan bitamne. ➲ Namni maqaa isaatti amanu hundinuu akka jiraatuuf ofii isaa dabarsee nuuf kennuudhaan jaalala du'aa garas jiru nutti argisiise! "Inni garuu balleessaa keenyaaf in waraaname, sababii yakka keenyaafis reebamee in caccabsame; nuyi nagaa akka argannuuf inni in adabame, madaa'uu isaatiinis fayyinni nuuf in argame." — Isaayaas. 53:5 "Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!" — Yohannis. 3:16 BAGA GEESSAN BAGA GAMMADDAN! @Getu_Official @Getu_Official
Show all...
2
2
Gaaftokko Kaannisaa fi Sinbirrootu waliin haasa'u turan. Sinbirroon, "isa ati itti dhamaatee dalagdu dammakee namni si jalaa yeroo hatee nyaatu sin aarsuu?" jettee gaafatte. Kaannisnis, "homaa waan tokko na hin aarsu. Sababni isaa namni dammakoo hata malee, ogummaa ani ittiin damma dammeessu na jalaa hatuu hin danda'u" jettee deebisteef. Egaa laafaas tahi cimaa hamma ati geessu sumatu of beeka. Dandeettiif gahumsa dhokataa keessa kee jiru eenyumtuu beekuu hin dandahu. Firii hojii kee hatanis ogummaa hojicha ittiin hojjettu hatuu hin danda'ani. Ati garuu gahumsa dhokataa keessa kee jiru isa eenyuyyuu si jalaa hatuu hin dandeenyetti hojjedhu. Ogummaa Rabbi siif kenne otuu itti hin fayyadamiin of keessatti dhoksitee awwaaltee wajjin awwaalamuu hin qabdu. Kun cubbuu dha. Beekumsaaf gahumsi dhokataan keessakee jiru addunyaa kanaaf dawaa tahuu danda'a, ati garuu beekumsakee sanaan addunyaa fayyadi. Waan dubbifteef ulfaadhu! 𝙳𝚞𝚋𝚋𝚒𝚜𝚎𝚎 𝚠𝚊𝚊𝚗 𝚗𝚊𝚝 𝚝𝚘𝚕𝚎𝚏 𝚜𝚑𝚊𝚛𝚎 𝚒𝚜𝚒𝚗𝚏 𝚐𝚘𝚍𝚑𝚎𝚎! 𝙳𝚞𝚋𝚋𝚒𝚜𝚞 𝚔𝚎𝚜𝚜𝚊𝚗𝚒𝚏 𝚐𝚞𝚍𝚍𝚊𝚊 𝚐𝚊𝚕𝚊𝚝𝚘𝚖𝚊𝚊❤️🙏 Yaada keessan naaf erguuf 💬👉 @BrakeIt @Seenaa_Tube @Seenaa_Tube
Show all...
🥰 2👍 1
Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa Maraaf baga guyyaa yaadannoo Fannoo Iyyesuus Kiristoosiin Nagaan geessan. 𝐀𝐦𝐞𝐞𝐧 𝐚𝐦𝐞𝐞𝐧 𝐚𝐦𝐞𝐞𝐧 🙏❤️ @Seenaa_Tube @Seenaa_Tube
Show all...
4
𝐾𝑈𝑇𝐴𝐴 2𝑓𝑓𝑎𝑎𝑎𝑎..... 𝐵𝐴𝑅𝐴 𝐵𝐴𝑅𝐴𝐴𝐹 𝐽𝐼𝑅𝐴𝐴𝐶𝐻𝑈𝑈 𝐾𝐴𝑁 𝐷𝐴𝑁𝐷𝐸𝐸𝑆𝑆𝑈 𝐴𝐾𝐾𝐴𝑀𝐼𝐼𝑇 ? 𝐾𝑎𝑛 𝑗𝑒𝑑ℎ𝑢𝑢 𝑖𝑟𝑟𝑎𝑎.......✔️ Waaqayyoo wajjin michummaa cimaa qabaadhu.  Waaqayyo akka isatti dhihaannuu fi michuu isa akka taanu barbaada. (𝐘𝐚𝐚𝐪𝐨𝐨𝐛 2;23_4;8  Waaqayyoo bara baraaf jiraata. Inni matumaa hin duʼu, michoonni isaas akkasuma bara baraaf akka jiraatan barbaada. Karaa Dubbii isaa warra isa barbaaddataniif wanta hawwu yommuu ibsu, “Baruma baraanis garaan keessan gammadee haa jiraatu” jedheera.—𝐅𝐚𝐫𝐟𝐚𝐧𝐧𝐚 22:26 Bara Baraaf Jiraachuu Ilaalchisee Ilaalcha Dogoggoraa Jiru  Ilaalcha Dogoggoraa: Carraaqqiin namoonni godhan jireenya bara baraa argamsiisuu ni dandaʼa.  Dhugaa jiru:  Malawwan yaalii fayyaa tokko tokko umurii namootaa akka dabalan kan abdachiisan taʼus, carraaqqiin akkasii kun jireenya bara baraa argamsiisuu hin dandeenye. Jireenya bara baraa nuuf kennuu kan dandaʼu Waaqayyo qofa dha. Sababiin isaas ‘burqaan jireenyaa’ isa qofa dha. (𝐅𝐚𝐫𝐟𝐚𝐧𝐧𝐚 36;9  Inni ‘raawwatee duʼa akka balleessuu’ fi namoota amanamoo taʼan hundaaf jireenya bara baraa akka kennu waadaa galeera.—𝐈𝐬𝐚𝐚𝐲𝐚𝐚𝐬 25;8/ 1𝐘𝐨𝐡𝐚𝐧𝐧𝐢𝐬 2:25  Ilaalcha Dogoggoraa: Namoota sanyiidhaan muraasa taʼan qofatu jireenya bara baraa argata.  Dhugaa jiru: Waaqayyoo loogii hin raawwatu. Kanaa mannaa, “saba hundumaa keessaa namni isa sodaatuu fi wanta sirrii taʼe hojjetu isa biratti fudhatama qaba.” (𝐇𝐨𝐣𝐢𝐢 𝐞𝐫𝐠𝐚𝐦𝐨𝐭𝐚 10;34/35 Namoonni sanyii hundumaa keessaa dhufanii fi aadaawwan gara garaa qaban Waaqayyoof kan ajajaman taanaan bara baraaf jiraachuu dandaʼu.  Ilaalcha Dogoggoraa: Jireenyi bara baraa nuffisiisaa dha.  Dhugaa jiru: Kennaan jireenya bara baraa Waaqa isa nu jaallatuu fi gammadoo akka taanu barbaadu irraa kan argamu dha. (𝐘𝐚𝐚𝐪𝐨𝐨𝐛 1:17, 1𝐘𝐨𝐡𝐚𝐧𝐧𝐢𝐬 4:8 Gammadoo taanee jiraachuuf hojii gaarii hojjechuu akka barbaannu beeka. (𝐋𝐚𝐥𝐥𝐚𝐛𝐚 3;12 Waaqayyo namoonni bara baraaf lafa irra jiraatan hojii gammachiisaa fi gaarii isaaniinis taʼee warra kaan fayyadu akka qabaatan abdii kenneera.—𝐈𝐬𝐚𝐚𝐲𝐚𝐚𝐬 65:22/23  Hunda caalaa immoo, namoonni bara baraaf jiraatan wanta haaraa waaʼee Uumaa isaanii fi hojiiwwan uumama isaa warra guguddaa taʼan barachuu isaanii itti fufu. Inni ilmaan namootaa fedhii bara baraaf jiraachuu fi waaʼee isaa beekuu akka qabaatan godhee kan uume taʼus, ‘wanta Waaqayyo jalqabaa jalqabee hamma dhumaatti hojjete, beekuu hin dandaʼan.’ ( 𝐥𝐚𝐥𝐥𝐚𝐛𝐚 3:10/11 Kanaafuu, warri bara baraaf jiraatan yeroo hunda wanta gammachiisaa baratanii fi raawwatan qabaatu... 𝐸𝑏𝑏𝑖𝑓𝑎𝑚𝑎𝑎🙏❤️ @Seenaa_Tube @Seenaa_Tube
Show all...
2👍 1
1𝐪𝐨𝐫𝐭𝐞𝐬 6;12. 𝐀𝐤𝐤𝐚𝐧 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐚𝐚 Dhagna Ofii Galata Waaqayyoof Hojjechiisuu 12 Namni, “Anaaf wanti hundinuu dhowwaa hin qabu” jedhu jira; garuu wanti hundinuu immoo isa hin gargaaru; anis, “Wanti hundinuu dhowwaa hin qabu” nan jedha, garuu waan tokko ana irratti gooftummaa hin godhatu. 13 Namni tokkos, “Nyaanni garaachaaf kenname, garaachis nyaataaf kenname” in jedha; Waaqayyo immoo isa kanas isa sanas, lafatti in dabala. Dhagni garuu hojii halalummaatiif namaaf hin kennamne; inni gooftaadhaaf hojjechuuf kenname, gooftaanis dhagna namaatiif in yaada. 14 Waaqayyo immoo goofticha kana du'aa kaaseera; nus akkasuma humna isaatiin du'aa nu kaasa.
Show all...
3
Waaqayyo yoo jedhe wanti toora gadhiise iddootti deebi'a...✍            ┈┈┈••✿••┈┈ Wanti siif dadhabame isaaf ni danda'ama. Furmaanni hin jiru jettee bira kan darbite isa biratti fala argata. Turanii, obsanii, waaqayyoon eeggachuun ulfina. Wanti har'a mul'atu, haalli walxaxaan darbee ifni haaraan akka ba'u amanuun abdii dhaan eeggachuu dabalatee raawwii isaa ariifachiisuuf wanta eeggachuun ta'u irraa of qabuunis barbaachisaa dha. Wanta hundumaa ulfaataa gootee akka gaaraatti yoo ilaalte, bu'aa ba'ii jireenyaa moo'achuuf dandeettiin amanuu sammuu keetii in hir'ata. Maal Gochuu Barbaachisaree❓ ➊. Abdii kee Waaqayyo irra kaa'i! ➋. Humna qabdu hundumaan hojjedhu! ➌. Jiruu kee kaleessaa irraa baradhu! Milkaa'ina fuuldura keetiif caalchisii dhimmi! ➍. Waa'ee keetiif Waaqayyo karoora gaarii akka qabu amani! ➎. Hammam dukkana'aa haa fakkaatu iyyuu malee hammuma dukkanaa'e immoo ifni inni guddaan bakka bu'uuf ni ariifata. @Seenaa_Tube @Seenaa_Tube
Show all...
3
Matewos 6:16 akkan jedha 16 Yesus, “Yeroodhuma soomtanitti immoo, akka warra of argisiiftuu nyaara keessan hin guurinaa! Isaan soomuun isaanii namootatti akka mul'atutti, fuula isaanii in boosomsu; dhuguman isinitti hima, isaan gatii isaanii fudhataniiru. 17 Ati garuu yeroodhuma soomtutti, mataa kee dibadhu, fuula kees dhiqadhu! 18 Soomuun kee abbaa kee isa wanta dhoksaatti hojjetamu hundumaa argutti malee, namoota duratti akka hin mul'anne godhi! Abbaan kee inni wanta dhoksaatti hojjetamu hundumaa argu immoo gatii siif in kenna” jedhe. @Seenaa_Tube @Seenaa_Tube
Show all...
5👍 1