Jechoota Hayyootaa
Open in Telegram
❤️ Welcome To Jechoota Hayyootaa Channel ❤️ Gorsa, Jechoota jaalalaa fi kkf Guyya Guyyaan Argachuuf Channel Kanaaf Maatii Ta'aa.
Show more1 906
Subscribers
No data24 hours
-17 days
-2130 days
Posts Archive
1 906
9 Seerota Bu’uuraa Jireenyaa!
1. Suuta Jedhii Haasa'i.
2. Caalaatti ilaalaa.
3. Xiqqoo dubbadhaa.
4. Nama tokkollee hin amaninaa.
5. Yeroo hunda fayyaa keef dursa kenni.
6. Of barsiisuu gonkumaa hin dhiisinaa.
7. Ego kee, fi aarii kee to'adhu.
8. Caalaatti kolfuu Akkasumaas yaadda'uu dhiisaa.
9. Maatii kee waan hundumaa olitti dursi.
Youtube Keenya Subscribe Godhaa 👇👇
https://youtube.com/@jechoota
https://youtube.com/@jechoota
1 906
“Jireenya milkaa'aa jiraachuuf qajeeltoowwan jireenyaa sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaadha!”......jedhu hayyoonni.
1) Inni jalqabaa of simachuu /self acceptance / seenaafi muuxxannoo gaarii qofa osoo hin taane seenaafi mudannoo jireenyaa gaarii hin taanellee simachuun barbaachisaadha.
2) kaayyoo jireenyaaf jiraachuu dha/ Living for life purpose/ jedhu hayyoonni.
3) Dorgommii hin taaneerraa fagaachuun /Avoiding competition/ barbaachisaa ta'uu hayyoonni ni gorsu.
4) Ilaalchaafi yaada qajeelaa/ positive thinking/ qabaachuudha. Yeroo hunda hamaa yookiin jallina yaadda yoo ta'e gammachuu argachuu hin dandeessu.
5) Yeroo hunda barachuuf eeyyamamoo / Being Willing to learn / Yeroo hunda dubbisuu, gaafachuu, hubachuun sirraa eegama.
6) Qaroominaan fuula duratti imaluu / walking with Wisdom/ Qaroominni /wisdom/ beekumsarraa adda ta’uu hubadhu. Akkamitti akka jiraattu, akkamiin rakkoo akka furtu, hojii milkaa'aa akkamitti hojjechuu akka dandeessu si barsiisa.
7) Dandeettii yookiin beekumsa addaa / Being intelligent / qabaachuunis gaariidha. Dandeettii miira ofii to'achuu /emotional intelligent/ qabaachuun barbaachisaadha.
8) Beekmsa saayinsawaa, amantaafi aadaa qabaachuu dandeessa, miirakee hin to'attu taanaan beekumsa qabaachuunkee gatii hin qabu jedhu beektoonni.
9) Miira ofii to'achuun murteessaadha jedhu hayyoonni.
10) Haala salphaan namatti qabamuufi aaruun /Taking no offence easily / barbaachisaa miti jedhu hayyoonni.
11) Jireenya galateeffannaa qabu / Leading life with gratitude / jiraachuunis murteessaadha.
Fayyaafi nageenya qabaannaan isaatti gammaddi, waan of harkaa qabdutti, ooltee buluukeetti galateeffadhu.
12) Jireenyakee keessatti waan gaarii /Going for the best/ barbaadi jedhu hayyoonni. Waaqa yoo kadhatu waanuma xiqqaa hin kadhatiin. Isa guddaa eenyuuf dhiista? Addunyaan kun waa hedduu of keessaa qabdi, fageessii yaadi, mul'ata fagoo, karoora hiixataa qabaadhu.
13) Jireenyakee keessatti yeroo eeggadhu /Understand the timing / jedhu hayyoonni. Dursuunis, boodatti hafuunis gaarii miti. Yeroodhumsaatti waa raawwachuun gaariidha.
14) Waan jijjiiruu yookiin sirreessuu hin dandeenye tokko ittiin hin falmiin, amanii fudhu/ accept what you can't change/ jedhu hayyoonni. Namoonni tokko tokko waan jijjiiruufi sirreessuu hin dandeenyeen waggaa dheeraa of dhiphisaa, gaddaa jiraatu.
15) Iddoo itti loltu filadhu / Chose your wars/ jedhu hayyoonni. Jireenyakee keessatti, bakka hojiitti yookiin hawaasa waliin jiraattu keessatti yeroo hunda waldhabaa, walwaraanaa jiraachuu hin qabdu.
16) Dhiifama godhi, haaloo hin qabatiin/ Forgiving all and avoiding vengeance/jedhu hayyoonni. Haaloo qabdee jiraatta, dhiifama hin gootu taanaan carraa dhibeewwan garaa garaatiin qabamuu babal'ifataa akka jirtu hin dagatiin
17) Jireenyi qormaataan waan guutamteef qormaata addaa addaa dandamadhu/ perserve in suffering /jiraadhu, gammachuufi boqonnaa qulqulluu/pure joy and rest/ filadhu.
18) Miidhagina keessoof/ Value inner beauty / gatii olaanaa kenni, namoonni miidhagina keessoof osoo hin taane miidhagina alaa mul'atuuf maallaqa hedduu akka dhangalaasan hin dagatiin. Miidhaginni dhugaan keessoo namaa jira. Miidhaginni kunis naamusa gaarii qabaachuudha jedhu hayyoonni.
19) Nama hin tuffatiin, ofis hin tuuliin, amalaafi naamuusa gaarii qabaadhu, / being humble and not despising others/.
20) Jireenyakee hunda naamusaan hooggani. Kennuufi fudhachuu/ Giving and receiving / bari, wanti si biratti gatii hin qabne isa kaaniin akkanni gammachiisu hubadhu.
21) Keessookee dhaggeeffadhu, Follow your heart/ Nama kabajni maluuf kabaja kenni, /Give due honor /angafakee, maatiikee, dursaakeefi nama hunda kabaji, yeroo hunda waaqakee kadhu/ pray seriously / akka amantaakeetiitti yeroo hunda kadhadhu.
22) seenaa gaarii hojjedhu,/ Make history leave legacy / biyya keetiif, maatii keetiif, dhaloota itti aanuuf seenaa hojjechuu yoo dadhabdellee dhalakeetiif seenaa gaarii kaa'i jedhu hayyoonni.
@jechootaa
1 906
Oromo Motivation ✨️ Jechoota Hayyootaa #Motivation #lifequotes #fyp #oromotiktok #inspiration #kakuush
1 906
Oromo Motivation ✨️ Jechoota Hayyootaa #Motivation #lifequotes #fyp #oromotiktok #inspiration #kakuush
1 906
नवीनतम क्वांटम माइनिंग प्लेटफ़ॉर्म 2024 में लॉन्च किया जाएगा! और हर दिन आसानी से 2~12800USDT कमाएँ।
चैनल से जुड़ने और पैसे कमाना शुरू करने के लिए यहाँ क्लिक करें👉: https://t.me/+_J7L-0QPaIAwZjNh
चैनल से जुड़ने और पैसे कमाना शुरू करने के लिए यहाँ क्लिक करें👉: https://t.me/+_J7L-0QPaIAwZjNh
प्लेटफ़ॉर्म से जुड़ने और पैसे कमाना शुरू करने के लिए यहाँ क्लिक करें👉: https://ferrarimall.cc/#/register?i=373985
1 906
Gorsa Of Eeggadhu- Tips Be careful - Inspirational Video - Motivational Quote #shortvideo #usefultips
https://youtube.com/shorts/BGAQzlsji0c?feature=share
1 906
Of Hin Gatin Nama Koo Dubbisaa Isin Fayyadaa ✨️✨️
Nama Sin Jaalanneef Yookiin Nama Ati Filannoo Isaa Hin Ta'iniif Jettee Yeroon Ati Miidhamtee, Boochee, Garmalee Gaddaan Dabarsaa Jirtu Kun Gaafa Tokko Yeroo Of Duuba Deebitee Of Yaadatte Ofitti Qaanfatta, Ofitti Kolfuuf Teessa Dhugaa.
Jaalala Jaalala Jettee Of Rakkita. Akka Waan Nama San Yoo Dhabde Jiraachuu Hin Dandeenye Of Seeta, Ykn Akka Waan Duutuu Sitti Fakkaachuudhaan Kan Nama San Dhabuun Garmalee Sitti Ulfaatee Ammallee Ofii Kee Namaaf Jettee Gaddaan Rakkaa Jirtu Kun...
An Kan Siif Himu, Yeroo Dhufaa Jiru Tokko Keessatti Of Duuba Deebitee Gaafa Waan Ati Har'a Dabarsaa Jirtu Kana Of Yaadattetti, Ofitti Kolfita, Ni Qaanfatta. Qoy An Gaafa San Maaluman Ta'e? Jettee Of Taajjabda.
Kun Waan Namaa Hunda Qunnamuu Danda'uu dha Jedheen Yaada. Sababni Isaas Yeroo Keenya Keessaa Baay'een Kan Gubatu Wantoota Nuuf Hin Barbaachifne Tokko Tokko Akka Nu Barbaachisu Mirkaneessuuf Jennee Oliif Gadi Osoo Fiignu Kan Gubnuu dha. Keessattuu Yeroo Ijoollummaa Qabnutti Miidhama Hamaa Akka Malee Nama Dhukkubsu, Kan Akkaataan Nuti Wantoota Itti Of Hubachiifnu Garmalee Xiinsammuu fi Miira Keenyaa Irratti Miidhaa Fidu Baay'ee Keessa Darbina.
Garuu Gaafa Bilchaatte Ykn Umrii fi Hubannaan Kee Yeroo Dabalaa Dhufeetti Wantoota Jireenya Kee Keessatti Si Barbaachisuu Fi Si Hin Barbaachifne Addaan Baaftee Beekta. Waan Akka Si hin Barbaachifne Sammuu Kee Amansiifte Tokko isa Kamuu Haa Ta'uu, Hammamuu Haa Miidhaguu, Garuu Salphiftee Laaltee Bira Darbuu Dandeessa. Kan Si Barbaachisu Immoo Qaamaa Fi Qalbiin Akkasumaas Adeemsa Tasgabbii Qabuun Hordofta.
Ati Har'a Filannoo Nama Tokkoo Ta'uu Dhabuun Kee Kun
Si Aarse, Si Dhukkubse, Of Si Jibbisiisaa Jira,
Miira Gad Aantummaatu Sitti Dhaga'amaa Jira.
Obboleessa Kiyya Obboleetti Tiyya Inumaa Namni Filannoo Isaa Isin hin Godhatin Xaaxumaahu / Dararaa Isinirraa Buusee Bar. Akka Of Dhaggeeffattan, Akka Waa'ee Jireenya Dhuunfaa Keessanii Teessanii Yaaddan, Jireenya Kee Karaa Kam akka Fooyyeessitu, Of Guddisuu, Of Ijaaruu Keetirratti xiyyeeffachuuf Daran Akka Yeroo Argattee Nama Cimaa taatuuf, Yeroo fi Tasgabbii Siif Laachaa Jira Bar. Kanaafuu Namni Kun Galatoomfamuu Qabaa. 👈 Kun Warra Hubataniif Qofa Gala.
Wantootni Hubannoodhaan Hordofanii Fi Wantootni Akkuma Guyyaan Namatti Fidetti Jala Deeman Garaa Garummaa Guddaatu Jira.
Orginal Kitaabaan Barreessaa Jiru keessaa kan fudhatamee dha. Akkamitti Ilaaltan?
Yaada Keessan Nuuf Qoodaa.
Barreessan ©️ Kakuush Kakuush
@jechootaa
1 906
Takka kana jechuufan jira.
Hanga qeenxee taatee xumurtutti gonkumaa hariiroo cimaa keessa hin seenin.
Jireenya kee keessatti jalqaba irratti bakka isaaf ta'u yoo hin qabaanne gonkumaa nama tokko jireenya kee keessatti hin afeeriin.
Nama yeroo jaalalaan Siif kufe qabachuuf Qophii hin ta'in onnee isaa gonkumaa hin banin.
Yeroo ammaa kana addunyaa jaalalaa keessatti namoonni dhugaa gaariin nama erga yaadachuu danda’anii kaasee hawwan waliin hariiroo tasgabbaa’aa fi fayya qabeessa ta’e qabaachuuf waan barbaadan hunda kennuudhaaf fedhii qaban jiru.
Gorsa koo fudhadhu yoo gara sanaatti ol ba'uuf qophii hin taane harka kee egeree nama biraa irraa kaasi.
