cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking ยซAccept allยป, you agree to the use of cookies.

avatar

๐ˆ๐…๐€ ๐๐Ž๐‘๐”๐”F

"Kan balleesseef gorsa , Kan jarjareef obsa"

Show more
Finland2 427The language is not specifiedEducation58 336
Advertising posts
1 650
Subscribers
+424 hours
+407 days
+19930 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Show all...
Hamster Kombat

Just for you, we have developed an unrealistically cool application in the clicker genre, and no hamster was harmed! Perform simple tasks that take very little time and get the opportunity to earn money!

Rakkoon keenya waa lama: 1. Rakkoon keenya rakkinicha miti, rakkoon keenya ilaalcha keenya waayee rakkinichaati. Addumaan adda. Ija keenya mirgaa fi bitaa tu ilaalee wal hin argu. 2. Rakkoon keenya guddina keenya. Guddinni keenya xiqqeenya keenya. Xiqqeenyi keenya guddaa taanee hamma geenyu wallaaluu keenya. Isa kana inni qabsaawaan, doofaa keenya gorfachaa, moofaa keenya hodhachaa bara baana. Fuulduree keenya danqaa fi, danqaraa cimaa gochuu dhiisnee daandii BAREEDAA gochuu qabna................................... @ifaboruuf
Show all...
๐Ÿ‘ 6
WALITTI HIRKISA Hin waraabaa mitii, laga tokko keessaa, Dhirsaa fi niitii fideet, walitti hirkisa, Hir'uu lama qabeet, wal-guutuu taasisa Bakka dhirsi gaarii nitin gaarii hin taatuu, Bakka niitin gaarii dhirsi ammoo yaraadhaa; Qooda niitii garuu dhiir-yaraan gaaridha Dhirsi yoo yarates keessi fooyyee taatii, Niitiin gaafa yaratte manni jiguu isaati! @ifaboruuf
Show all...
๐Ÿ‘ 5
=== Ija jabina (Courage) === . Ija jabinni dandeettii danqaan tokko gaafa nama mudatu ofitti amanamummaafi ofeeggannoodhaan danqaa nama mudate sanatti ba'aniidha. . Ija jabina (Courage) jechuun danqaa nama mudate hundumaatti dunuunfatanii adeemuu miti. Ija jabinni Yeroo itti danqaa nama mudatetti ba'anii falmataniifi yeroo itti dheessan ykn miliqanii darban beekanii, waan beekan sanammoo raawwachuudha! Gabaabumatti, lun'a (luqna) ta'aniis waan hunda dheessuu osoo hintaane, dunuunfataniis utuu itti hinyaadin waanuma arganitti deemuu osoo hintaane, yeroo itti dheessuu qabaniifi yeroo itti bahanii falmatan beekuudha. . @IFABORUUF (Bu'uurri yaadakoo falaasama Aristotili)
Show all...
๐Ÿ‘ 5
๐Ÿฆœ#Ilaamee #42 areed-qullo waa baddee-- dubbii fixxee keera dhadhabdee!? โ˜˜๏ธNama areeda hin qabneen, #areed_qullo jedhan, gara #Sikko kanatti, naan jedhan, har'a bakka boo'a Roorisaa Abdi-Waaq tti. Maal? jennaan, areed-qullo #araara hin teessu. Teessulle, dubbii fixxi malee dandeesse murtee biraa hin kaatu, naan jedhan. Hoodhi ka, araara, jaarsa mataa-harrii miti, jaarsa garaa harrii tu fixan siin jedhaa, dubbiin nagaa gabaabaa, kanumaan been...
Show all...
๐Ÿ‘ 5
๐Ÿ‘MILKAA'INA: Jechuun bilisummaa, of kabajuu,caalaatti gammadaa ta'uu fi kanneen naannawwaa kee jiraniif waan gaarii gochuu dandahu jechuudha. - Galma gahuu kaayyoo jireenyaati. @ifaboruuf
Show all...
โค 3๐Ÿ‘ 2
โ˜˜๏ธbor yoomii ! Har'aa gurbaa ! aduun nurraan dhiitee Dharraa ulfaa ulfa durbaa Yaa ulfa hullufaa ! Hin dhalu, in lufaa ! Doomii har'aan bor jettaa ? bor yoomii?!
Show all...
๐Ÿ‘ 2
โ€œPeople and time will teach you more than the books.โ€ ๐…๐ฎ๐ฎ๐ฅ๐ฅ๐ข ๐ง๐š๐ฆ๐š๐š ๐ค๐ข๐ญ๐š๐š๐›๐š ๐๐ฎ๐›๐›๐ข๐Ÿ๐š๐ฆ๐ž๐ž ๐ก๐ข๐ง ๐๐ก๐ฎ๐ฆ๐ง๐ž,๐€๐ฆ๐š๐ฅ๐ฅ๐ข ๐ข๐ฌ๐š๐š ๐ข๐ฆ๐ฆ๐จ๐จ ๐ช๐ข๐ฅ๐ž๐ž/๐‡๐š๐ฅ๐ฅ๐š๐ฒ๐ฒ๐š๐š ๐ค๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐ข ๐ข๐ฌ๐ข๐ข ๐ก๐ข๐ง ๐ฆ๐ฎ๐ฅ'๐š๐ง๐ง๐ž. ๐‰๐ข๐ฃ๐ฃ๐ข๐ข๐ซ๐ซ๐š๐š ๐ฒ๐ž๐ซ๐จ๐จ๐ญ๐ข๐ข๐Ÿ ๐ฌ๐š๐›๐š๐›๐ง๐ข ๐ฃ๐ข๐ฃ๐ฃ๐ข๐ข๐ซ๐š๐ฆ๐ฎ ๐ข๐ฅ๐ฆ๐š ๐ง๐š๐ฆ๐š๐š๐ญ๐ข. ๐๐ซ๐จ ๐›๐ฎ๐ฅ๐ญ๐ž๐ž ๐ ๐š๐š๐ซ๐š๐ซ๐ซ๐š๐š ๐ก๐ข๐ง ๐ญ๐š๐ก๐ข๐ง.!! @ifaboruuf
Show all...
๐Ÿ‘ 4
๐Ÿฆ#Ilaamee Adamoo (hunting) didhaa ykn xiiqii, morka, matooma tu nama geessa (a swear). Mirga galuuf, faachoo fiduuf (trophy) adamoo dhaqan. Tuttuqaa tu adamoo nama geessa, malee bineensa laga galurraa maal qaban? ...tuttuqaan nama kaasa tuqaan kanniisa kaasa tuqanii nu kaasanii biyyaa nu calaasani jedha. Baqqo adamoo dhaqee isa sodaatee godoo ciisaa ooluun, manaa Baqqo jirti, Baqqoo godoo jirti, jedhan, ittiin jedhan. ...inni adamoo Baqqo bu'e Boongaa ba'e ykn Baloo, arba ajjeesee gafarsa ajjeesee tu, dib! godheen lafaan dhaye akka ba'aa qalqalaa naannayeen itti sirbe akka daaraa masqalaa gooba-fuudhii galgalaa Jennaan, inni qotu immoo, an hin barbaadu arbaa qonna kootu na darbaa an xaafii koon afarsaa hin barbaadu gafarsaa dilbiin koo dilbii hagaa kolbaa gafarsa keetii andaaqoot' yaabee itti hagaa Jennaan, inni gafrsa ajjeesee dibateefi arba ajjeesee himate aaran. Qotanii dilbii hin galchine (resource), godhanii ilmoo hin dhalchine (offspring), baranii ilmii hin balchine (education/wisdom). Jennaan, Kumee Dooree fi Dafaa Boxoo immoo qub-lamee qabatanii yo taahan, akkas of himan: ...bara barri baraa, bara ijoolleen Kuusaa lamaan wal faana niitii fuute san, ani bookan buuse (daadhii), ati cooma murte, hirte, abalu farsoo buuse, abaluufi abalummoo bishaan harkaa buusan...hhhhhhhhh! bara barri baraa! kufeen oolee yaa Kumee Dooree ...hhhhhhhhh ...jedhanii of baanan, bara barri baraa Dhalooti, gadaa dhufaa darbaa keessa, wadoo / wagee--waan ittiin of baanuufi gosa baanu, waan himatu, waan dhaadhatu qaba. Jennaan, ...isaan akka durdurii #Aesop san, kan akka Waangoo baddeessa bilchaate ol ilaaltee itti utaaltee itti utaaltee qabuu dhabnaan, qaqqabuu dhadhabnaan, silaafuu tortoraa jettee biraa boolla galte, jedhan san, #kaawoo qabna! kaawoo qabna! jecha #irbuu of naqan, ammoo, akka andaaqqoo ganafattee qooxiirraa harcaatuu san, garuu fagoo hin geenyee, ala, oobdii keessa ooltee yo dhiyu qooxii galtuu san, kaawoon turraan, milkiin tutturraan, karaa hin fixanii galaa fixanii, dubbii hin fixnee, faachoo malee mirga malee qooxii tti ol dachahan san... Nami nama hin caalu, booree wal caala, seexaa, hamilee...cichuu, dandamachuu (#resilience) wal caala, kufee ka'uu, caba dufachuu... Nami, nama #nama taatu #bara nami #akamuu taatu! Jennaan, Akkamiin nama yaadatan? jennaan, akka 2n, jedhan: tokko, gocha isaa tadhuu didan (tolaa ykn hamaa tahus), tokko jecha isaan maqaa dhahan (tolus hammaatus) Jennaan, ...ilaayii! tolaa tahu illee, yaraa tahu illee wadoo ykn wagee (hima jechaafi gocha) dhaloota sanii seenaa tu seecca'a, gingilcha... abshaala diftii, raafuu dhimmiftii, bishaan hambiftii, akka jedhan san yoo hin tahin, seenaan. Seenaan, sheenaa taate, yoos, gaabbii!....itti fufa barii ganama wolta marra.
Show all...
๐Ÿ‘ 4โค 1
Hinjirtu 1. Wantii haga kiyyibaa Nama Salphisaa. Sunuu yoo adduma jabaatanii itti fufan. Yoo irraa hin baranne. Yoo itti hinqaanomne. Yoo kaleessaa akkasi jedhee hanqattee namii maan naan jedha jedhanii ofiitti hingaddine. 2. Wantii haga cubbuu Nama Xureessaa. Sunuu yoo itti hingaabbine. Yoo keessii namaa hinmadoomne. Keessumatti yoo Dhiiga namaatin walqabatte. Immimmaan Hiyyeesatin walqabatte. Uummata kee Kan sii abdattu abdii isaa Fayidaa dhuunfatiin jijjiirte. Sunuu yoo gochaan kun ciminna sitti fakkaate. 3. Wantii haga Tuffii sii takaalu. Sunuu yoo dandeettiin Adoo hintaane carraa argatteen ykn namii siif kenneen nama tuffatte. Ilmeen namaa beelallee hin obsiti. Dhukkuballee hin obsiti. Garuu yoo rakkoon hin tolchin Tuffii hin obsitu. 4. Wantii haga morkaa waballeessaa. Sunuu yoo Diinan Adoo hintaanee namuma keetin morkite. Manuma Warra keetitti cufanaa malee Bula malee Mana Ormaa cufuu yoo hindandeenne. Sunuu yoo adoo injifatellee injifannoon tee warruma kankee kuffifte. 5. Wantii haga hamachuu gatii namaa gadbuusaa. Sunuu yoo maquma namaa balleessuu qofaaf goote. Sunuu yoo carraa tokkoo cuftee carraa hamaan banachuuf goote. Sunuu yoo nama hamattu sun guyyaa tokkoofillee Adoo hingorsinuu goote. Sunuu yoo Orma Adoo hintaanee warruma kee Ormatti hamatte. Sunuu yoo angafaa taatee gad deebitee maandhaa hamatte. 6. Wantii haga Dhiibbii fi Inaaffaa hirriiba nama dhowwaa. Sunuu yoo qabeennaf Dandeettii Waaqii namaaf kenneen nama jibbite/inaafte. Sunuu yoo dadhabbinna kankee fooyyefachuu dhiiftee woma nama biraa hordofaa oolte. 7. Wantii haga Beekkumsa/Qaroominna waballeessaa. Sunuu yoo ati Beekkumsa qofatti amantte. Sunuu yoo ati ulaagaa Dhugaa tarkkaaffatte. Dhugaan waan beekkumsaa qofaan argattan waan hintaaneef. Sunuu yoo ati meeshaa daldalaa goote. Sunuu yoo ati Dhalootan dogongorsite. Sunuu yoo ati safuun cabsite. Sunuu yoo ati kabajamuuf itti fayyadamte. Hundaa oli yoo ati Dhugaan dhoksite, haqaan awwaaltte 8. Namummaan kanaan gadii. Yoo waan armaan olitti barreefama kana afaanumaan jedhanii hujiin bira hinjirre.
Show all...
๐Ÿ‘ 2
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.