cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

ASOOSAMA FI JAALALA

Barattoota biyyakoo afoola oromoo fi barnootaa gara garaa argachuuf Join join godhaa

Show more
The country is not specifiedEnglish94 896Education45 228
Advertising posts
2 294
Subscribers
+1224 hours
+3667 days
+1 94030 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Wooow Asoosama Burtukaan 31ffaan deebi'ee Jira Link gadiin seenuun dubbisuu dandeessu 👇👇👇👇👇👇 @Dirreeboohartii @Dirreeboohartii
Show all...
15
Asoosama Bareeda akka Burtukaan tokko har'a irraa eegallee Itti fuufna mee react gochaa nu eegaa Big respect 💪
Show all...
👍 37 14🤝 4👎 2👏 2🙏 2🖕 2
Dirree boohartii join gochuun booharuu dandeessu 👇👇👇👇👇👇👇 https://t.me/DirreeBoohartii/6251
Show all...
DIRREE BOOHARTII🟥🟦

Seenaa gabaabaa Aadde shiroo -Aadde shiroon Godina Oromia Magaalaa Lafa Oromia jedhamtutti Abbaa Isaanii Obbo Baaqelaa fi Harmee isaanii Aadde Atara irraa Bara durii keessa dhalatan. Aadde shiroon Akkuma Umriin isaanii Baruumsaaf gaheen Iddoma dhaloota isaanii kanatti Mana Baruumsa midhaan Haamaa jedhamtutti Haamamuun Baruumsa Sadarkaa 1ffaa achumatti akka xumuran seenaan isaanii kaasa. -Aadde shiroon Erga Tuullaa midhaanii keessatti Qorraaf Aduun waxalamanii turtii ji’oota Muraasaa keessatti Gara Mana Baruumsa Sadarkaa 2ffaa Dirree midhaanii jedhamtutti dabarfamtee,guyyoota Lamaaf Sadi giddutti Wanbadeedhaan Dirree midhaanii irratti baayyee dhaanamte. tumaa Saniin Qolola Dugda isheerra ture Kan Qorraaf Hoo’a itti dandamataa turte Mulqamte. Sababa Kanaafis Hospitaala Gootaraa Midhaanii jamutti Geeffamte. Hospitaalli Xiqqaan Gootaraa jedhamu yaala gahaa kennuufii waan dadhabeef,Gara Mana Wafcoo Yookaan Baabura midhaan daakutti rifar yookaan Akka Dabarfamtu ajaje. Achitti Dhukkubni Irraa Fayyuu waan dideef Hospitaala…

👎 2
Repost from N/a
Karaalee sasalphoo ittiin qarshii argatan kana ni beektuu Linkii start gochuu qofaan qarshii 50 hanga 500 guyyaatti hojjechuu ni dandeessu 1ffaa. Akkasumas linkii hojii 👇👇👇👇👇👇👇👇 https://t.me/Donearnbot?start=r04989312774 Nama 1 irratti qarshii 2 kaffala 2ffaa. 👇👇👇👇👇👇 https://t.me/tapela_bot?start=cidAbduu_kingref5681220703 Nama 1 irratti qarshii 3 kaffala Kanaaf irratti hojjechuun kaardii mobaayila keessanii of danda'aa
Show all...
ASOOSAMA KUTAA DARBAN DUBBISUU KEE ADDA BAASI! AMMA KUTAA ISIN EEGAA JIRTAN DHUFAA JIRA! DUBBISA GAARI!! ASOOSAMA MADAA LAAGAA ★KUTAA_14FFAA:- Hawwiin Bilbila cuftee gara adaadaa isheetti deebite. Hawwiin akka isheen obboleessummaatti, Ifaan immoo akka obboleettiitti wal jaallatan beeku malee daangaa obbolummaa cabsanii dirree jaalalaa keessa jiraachuu isaanii namni hubate hin jiru. Adaadaan Hawwii eenyu akka bilbile Hawwii yeroo gaafattu, Hawwiinis eessatti akka wal baranii fi jireenya maatii ishee keessaa iddoo guddaa akka inni qabu adaadaa isheetti himte. Obbo Hundumaan akka inni nama gaarii ta’e fi oolmaa inni guyyaa sana isaaniif ooleef dagachuu akka hin dandeenye cimsanii dubbatan. Harmeen Hawwiis Ifaan nama imaanaa itti kennan sirriitti ba’uudha jedhanii gaarummaa Ifaa dubbatan. Hawwiinis isa maqaan jaalallee ishee kabajaan haasaa’amu dhageessee baay’ee gammade. Galgalli yeroo ga’u Ifaan bilbilee jennaan, akka isa ajaa’ibsiifatan itti himte. Onnee Cabde Feeneetiin galgala baay’ee dhukkube, yeroo Abbaan Feeneet mana yaalaattin si geessa jedhan; Feeneet borin Hawwii waliin deema, jettee didde. Abbaan Feeneet, Feeneetiin eeguuf jecha bira taa’aa bulan. Yeroo lafti bariitu Abbaan Feeneet qarshii kennaniifi akka isheen mana yaalaa deemtuuf akeekkachiisan. Abbaan Feeneet mana Hawwiifaatti goranii akka Hawwiin Feeneetiin mana yaalaatti geessitu itti himan. Hawwiinis naatee mana Feeneet faa deemte. Hawwii: Feenookoo sitti hammaatemoo dhukkubni kee? Jettee, Feeneetiin gaafatte. Feeneet: Eeyyee na dhukkubaa bule, Hawwii ko. Hawwii: Ka’iitii uffatakee uffadhu! Mana yaalaa deemnaa, ittiin jette. Feeneet: tole jettee, uffata ishee uffattee waliin gara mana yaalaatti imala jalqaban. Dhaqanii Kaardii baafatanii dabaree isaanii eeggachaa jiru. Ogeessi fayyaa yommuu ishee waamu Feeneet ol seentee bakka ishee dhibe itti himte. Ogeessichis kutaa Laaboraatooriitti erge. Kutaa Laaboraatooriitii dhiiga, sagaraa fi fincaan fuudhanii gad baatee ala teessee firii akka eeggattu itti himan. Feeneetis, tole jettee gadi baatee eeguurra jirti. Abbaan Feeneet hojii isaanii sirriitti hojjechuu hin dandeenye. Ammas ammas” mucaankoo maal taate? Yoona kana akkam taati?” jedhanii biiroo keessa taa'anii dhiphachaa turan. Ogeessi fayyaa waamnaan yeroo lammaffaaf ol seente. Ogeessichis akkana jedhee gaafateen,” jaalallee qabdaa?” Feeneet qaban ture garuu amma wal dhabnee addaan baanee jirra, jetteen. Ogeessichis wal dhabdee keessaniif sababa kan ta’e maali? Feeneet ani hin beeku; garuu guyyaa Sanbataa nagaa waliin oollee Dafinoo ganama gaafan bilbiluuf bilbila narraa kaasee jechoota ani irraa hin eegne naan jedheera; sanaan booda wal arginee hin beeknu, jettee itti himte. Ogeessichis, Feeneet amma garuu walitti haasa’uu qabdu; waliin taatanii waan tokko murteessuu qabdu, ittiin jedhe. Feeneetis waa’ee maalii? Jettee, lafa teessuu ol-kaatee isa gaafatte. Tasgabbaa’i! Feeneet, jedhee gadi teessisee, suuta jedhee gurra isheetti siqee ati ulfaam ittiin jedhe. Osoo Ogeessichi dubbatee hin xumurin, ta’uu hin qabu jettee iyyitee boosse. Hawwiin iyya Feeneetiin yommuu dhageessu, bakka teessuu kaatee fiigdee iddoo Feeneet jirtutti deemte; yeroo isheen ilaaltu, Feeneet ta’uu hin qabu! Jettee, lafatti of-tumti. Hawwiin” maaltu maal ta’e?” Jettee ogeessicha gaafatte. Ogeessichis jajjabeessi jedhee Hawwiitti hime. Hawwiinis yommuu kana dhageessu isheen immoo Feeneetiin caalte. Ogeessichis Hawwii lafaa kaasee ati immoo hin sossobda jennaan, ishee caaltaa? Ishee ofitti qabii fuudhii galii jajjabeessi ittiin jedhe. Hawwiin akkuma isaatti Feeneetiin sossobdee manatti galchite.Hawwiin manatti galtee waa’ee hiriyyaa ishee yaaduu eegalte; sammuun ishee jeeqamaa waan jiruuf waan tokko murteessuu hin dandeenye. Feeneet isa manatti galte garaan siree ishee irratti gombifamtee ni boossi. Abbaan ishee dhokatee yommu dhaggeeffatu, hirqinfattee boo’uu ishee dhaga’e. Wayyoo! Gaafa rakkinaa dafee hin bari’u, jette halkan itti dheerannaan.
Show all...
👍 1
Halkan dheerateef bari’uun isaa hin oolu waan ta’eef lafti bariinaan Feeneetis kaatee abbaa isheetiin natti fooyya’eera, homaa hin yaadda’in gara hojii keetii dhaqi! Anis mana barumsaan dhaqaa, jettee huccuu seeraa ishee uffattee, barruulee ishee immoo fudhattee sagantaa barnootaa isheellee utuu hin ilaalin daftee baate. Hawwiin mana barumsaa deemna jettee mana Feeneetfaa deemaa utuu jirtuu karaatti walitti dhufanii waliin mana barumsaa deeman. Feeneet akka raatuu fajja’aa deemti. Hawwiin Feeneetiin ofitti qabdee Ifaa bira deemtee furtuu mana Ifaa fuutee gara mana isaa deemanii balbala bananii ol seenanii taa’an. Feeneet ni boossi, ni harqiti, iji ishee barbadaa ibiddaa fakkaateera. Hawwiin garuu....ITTI_FUFA! 🤜Ariifatee Guyyaa Guyyaadhaan Akka Isiiniif Maxxanfamuu Yoo Feete Hiriyyaa Kee Tokkoo affaari!! Dabalataan Like(👍) godhi, yaada keessanis naan gahaa!! kutaa biraan hanga wal agarrutti nagaan turaa !.
Show all...
👍 16 9👏 4👎 3
Photo unavailableShow in Telegram
Gaaffiilee badhaasaa bifa addaatiin Jalqabuuf qophiidha isinoo Qophooftanii? React 20 yoo guute Gaaffii badhaasaa Qarshii 50 qopheessinee jirra Kanaaf hirmaachuun jajjabaadhaa.
Show all...
Ammuma hirmaachuuf
✅Seenuuf✅
✅Join✅
Madaa laagaa kutaa 14 ffaa Yeroo muraasa booddee React bareechisaa mee❤️🙏👍
Show all...
👍 22 5🥱 3👏 2🔥 1