cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking ยซAccept allยป, you agree to the use of cookies.

avatar

ASOOSAMA

Barattoota biyyakoo afoola oromoo fi barnootaa gara garaa argachuuf Join join godhaa

Show more
The country is not specifiedEnglish100 067Education41 802
Advertising posts
2 768
Subscribers
No data24 hours
+197 days
+83830 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Wooow notcoin har'a haala adda ta'een dabalee Jira Warronni gurgurachuu barbaadan ykn dollar itti jijjiirirtan qabdan Keessaan nu qunnamuu dandeessu Gatii bareedaa fi Amanamummaa ol'aanaan isan irra binnaa ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ @beshiroro @beshiroro
Show all...
Show all...
Yescoin

Yes, It isโ€ฆ

Photo unavailableShow in Telegram
Online irratti qarshii hojjachuun salphaa ta'ee jira keessaattu telegram irratti Link gadi kanaan seenuun start gootu channel isiniif dhufu join gootu irraan hojjachuu eegaltu Hub channel isaan join gochuun dirqama
Show all...
Join
Preton join
Start
Worroonni nu filattan nu faanaa hojjataa jirtan hunduu galatooma ammas itti fuufna amanamumaan ๐Ÿ™๐Ÿ™ Notcoin warronni hojjatanii Baga gammaddan amma gara birri keenyaatti deebistanii gurguruu ni dandeessuu kanaaf Nuti notcoin ykn dollar itti jijjiirirtan yoo qabaatan isin irraa gatii bareedaan ni binnaa Hub โœ…Notcoin Nama qabu qofa โœ… Amanamummaa nama nutti gurguruu barbaaddu โœ… Nama ton space beta jelaa qabuuf mariin ni baafna Nuti nama tokko scam hin goonuu yoo hin taane dhiisuu ni dandeessuu Nu argachuuf Link gadii fayyadamaa ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ @Biyyakoo2 @Biyyakoo2 @Biyyakoo2
Show all...
Show all...
PRIVATE App

Get farm PRIVATE Coin

Hubannoofโœ… Notcoin irratti namonni sobamaa jiraniif๐Ÿ‘Œ Notcoin keessan biraan birri jiruun worroonni gurgurachaa jirtan sirrii miti gara dollar yoo deebi'e birri keessan Sanaa oli dhufa Ofeeggannoo godha๐Ÿ‘Œ Dabalataan warronni ton space beta jelaa qabdaan link argitan join hin godhinaa notcoin ykn dollar keessan isin jelaa baduu danda'a.๐Ÿ‘Œ Worroonni notcoin qabdan ykn dollar qabdan nama amantan dhabdan keessan na qunnamuu dandeessu ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ @Biyyakoo2 @Biyyakoo2
Show all...
๐Ÿ‘ 1๐Ÿ”ฅ 1
Hubannoofโœ… Notcoin irratti namonni sobamaa jiraniif๐Ÿ‘Œ Notcoin keessan biraan birri jiruun worroonni gurgurachaa jirtan sirrii miti gara dollar yoo deebi'e birri keessan Sanaa oli dhufa Ofeeggannoo godha๐Ÿ‘Œ Dabalataan warronni ton space beta jelaa qabdaan link argitan join hin godhinaa notcoin ykn dollar keessan isin jelaa baduu danda'a.๐Ÿ‘Œ Worroonni notcoin qabdan ykn dollar qabdan nama amantan dhabdan keessan na qunnamuu dandeessu ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ @Biyyakoo2 @Biyyakoo2
Show all...
๐Ÿ‘ 4
Show all...
IO. NET (IO) airdrop

Welcome to the io .net Airdrop Official bot

Asoosama Gabaabaa # Ciniinsuu Jaalalaa #kutaa_11ffaa Akkan dubbii tokko tokko dhagahutti akka jireenya dhuunfaa ishii eegaltedha. Garuu dubbiin akkas miti ishiin heerumteetu narraa dheessite. Anis erga gaafa sanaa hin agarre jedhee xummure. Isaanis baay'ee nama gaddisiisa seenaa baay'ee garaa nama nyaatu qabda. Homaa miti akka muuxannootti si gargaara jabaadhu jedhanii jajjabeessan. Boonsaan Atinaafi fi Sabboontuu walitti dhiise gara magaalaatti achi bahe. Yeroo walakkaa magaalaa gahu, namoota waca sagalee guddaa fi namoota karaa gubbaa baqachaa jiran argee waan ta'e walii wallaale. Innis gara namoonni baqataa jiranitti otoo hin taane waanta sana baruuf faallaa namoota hedduu deemaa jira. Namnis maal ta'e namichi Kun maraatuudha? moo maraatuu sanatu fira isaati, nuti hin baqannaa inni itti fiigaa? Magan! jechaa raajeffatan. Yeroo achi gahus dubartii dhagaan nama ari'aa jirtu tokko arge. Akka hin amanneef fuuldura isaatti ta'aa jira Amanuuf akkamitti akka ishiin maraatte wallaalee fajajee dhabbatee ishii ilaalaa boo'a. Ilaalaa jira malee eessa akka jiruu fi maaltu akka ta'aa jiru dagatee sammuun isaa jaanja'ee jira. Maraatuun kunis yeroo Isa of fuulduratti agartutti dhagaa lafaa fuutee mataa isaa rukuttee dhiiga isaa dhangalaaste. Isatti garuu hammayyuu waanti ta'aa jiru homaa itti fakkaachaa hin jiru. Dhiigni qaama isaa mara wal gahee Ilaaluuf baay'ee kan nama jibbisiisudha. Inni hammallee dhiigas ta'e akka miidhame of irratti hin agarre. Hammas dhaabbatetuma ija ishii keessa ilaala. Namoonnis isaan lamaanuu maraatuu se'anii fagootti irraa dheessu. Atinaafi fi Sabboontuutti turuun Boonsaa gaaffii guddaa itti uumee waan inni ta'e wallaalan. Atinaafis sabboontuudhaan taa'i manumatti turi baheen ilaala eessa akka inni jiru jedhee bahe Oliif gadi fiigee dhabus dhuma irratti gara manaatti deebi'uuf yeroo of duuba garagalu Boonsaan dallaa namaa jala ciisa jira. Namni achii kaasus dhabamee yeroo dheeraa achi ture. dhiigni irra jirus akkuma duraati. Atinaafis baay'ee na'ee gara buufata fayyaatti ittiin fiige. Akkuma achi gaheenis dandamatee of bareera. Atinaafis waan ta'e hunda irraa adda baafachuuf sardame. Keessaa isaatti akka waan Boonsaa dhugaatii Alkoolii dhugee machaa'ee namaan reebameetti yaade. Maal taate Boonsaa? Hamma nu biraa baate mitii kana gidduutti maaltu si argate? jedhee itti haaduu eegale. Boonsaanis boo'uu malee deebii deebisuuf tokko dhabee jira. Atinaaf irra deddeebi'ee yeroo gaafatutti, Koo Kun dubbachuun isaa otoo natti hafee. Yakkan hojjedhe hin beeku cubbuun dalage hin qabu ergan gaafa dhaladhee rakkina, gadadoo, fi hammina qofatu karaa gubbaa taa'ee na eega. Ergan nama ta'ee dhaladhee maaliifan akka namaatti jiraachuu dadhabe? Moo waaqni kunis anaan galmee isaa irraa nan beekuu? Atii Koo waantisaa naaf galuu dide. Jedhee Atinaaf miira gaddaatti galchee durii kaasee Kan qofaa isaa itti miidhamaa dhufe hiriyyaa isaatti qooddachuuf jedha. Innis maali maaf akkas jettee sammuu kee dhiphistaa? Ati nama, nama keessaayyu nama Isa gati jabeessa. maaliif hamma kee gadi buustee ilaaltaa? Waanti darbe darbeera isatti maaf dhimma laattaa egeree kees yoo qajeelina ol keewwatte siif wayya. Mee inni haa hafuuti maaltu akkas si godhe? Jedhee gaafate. Atii Koo yeroon sin biraa bahu kanatti namoonni baay'een karaa gubbaa baqatu ture.animmoo waanta sana baruuf itti deemeen ture yeroon achi gahu waanan dubbadhun wallaale. Hiriyyaa Koo Kan turte Biliseedha. Anis lafan lixu wallaalee, akka nama maraatee achuma fajajee dhabbadhe.yeroo kana ture dhuftee dhagaan mataa na falaxxe jedhee boo'uusaa isa duraa caala itti fufe. Atinaafis dhiisi hin gaddiin, carraan nama hundaa garaagarii. Carraan Isa tokkoof..kutaa 12ffaa itti fufa
Show all...
๐Ÿ‘ 13๐Ÿค” 1๐Ÿ™ˆ 1
Asoosama Gabaabaa Ciniinsuu Jaalalaa #Kutaa_10ffaa sababa dhiibbaa dhiigaa dhukkubsattuuf gatii dadhabbii ishee argachuu mitii An galma gahuu kooyyuu otoon argiin du'aan nu gidduu deemte. Aniif Abbaan koos jireenya dukkanaatti hafne. Nama nuuf birmatuu fi nama nuuf gaddu tokko of biraa dhabne. Abbaan koos dabaree isaa halkanii guyyaa otoo hin ciisiin kaayyoo harmeen Koo eegalte bakkaan gahuuf ana ifatti baasee ofii isaaf akkuma harmee kooti dukkaana keessa taa'uuf umurii isaa malee Mana namaatti galee qoraan falaxee nu jiraachisuu eegale. Otooma haala kanaan jirruu an barataa kutaa saddeetii kaadhima barnoota ol-aanaa (highschool) ta'e jira. Guyyoon akkuma yeroo kaanii anaan gara Mana barnootaa kootti na gaggeessee ofiisaaf bosona Mukaa namaaf jiksuu deeme. Namoonni qabaniif waan achi hin jirreef qofaa isaa akka jiksu murteesse, mukichi humna isaa ol waan ta'eef gara Abbaan Koo jirutti qajeele. Innis jalaa bahuuf baay'ee yaalus waan dadhabeef yerooma sanatti Addunyaa kanatti nagaa dhaammatee irriba Isa dhumaa rafe. Anis guyyaan natti dukkanooftee waan jedhu wallaalee jireenya humna sadiin dhiibnee as geenye qofaa Koo dhiibee jiksun natti mul'ate. Akkanaan otoon jiraadhuu Abbaa fi Haadha hin qabu jedhee jireenya hin dhiisne. Guyyaa gaaf kaanii gochi sukkannessaan karaa finxaaleyyoota Amaaraa narratti ta'uu eegale. lafti isin irra jiraattan Kan keenya jechuun, lafa keenya irraa qonnaan bulaa naannoo sana waliin nu buqqisan. Anis carraa biraa waantan hin arganneef magaalaatti badee akkan daandii gubbaa jiraadhee ba'aa baadhee barnoota Koo xummurun murteesse. Akkuman yaades humna kootiin bulaa barnoota kiyya kutaa kudha lamaan gahe. Xiyyeeffannoon barataa waanan tureef barnoota koottis milkaa'ee akka carraa barataa seeraa ta'ee yuuniversiitii Hawaasaa gale. Seenaan jireenya Koo kana fakkaata yeroo inni jedhu Atinaafi fi Sabboontuun ija isaanii keessaa imimmaan lakkuu dhangalaasaa akka nama diraamaa taa'ee ilaaluu waanta inni itti odeessa ture, akkuma nama dheebotee dhugan. Itti fufi mudannoo kee nutti himi jechaa fajajaniima taa'uu itti fufan. Innis Mudannoon ani isinitti himuuf jedhus waanta mooraa yuuniversiitii kana keessatti na mudataa turedha. Akkuma namni kamuu hariiroo jaalalaa fi mi'aa jaalalaa keessa lixee yeroo gaarii waliin dabarsuuf jedhe ani hariiroo jaalalaa dhamdhamuuf mucaa durbaa bareedduu tokko waliin wal bare. Akkuma maqaa ishii gaafadheenis Bilisee jettee yeroo natti himtu jaalalan ishiif qabu irratti oromoo ta'uunshee baay'ee na gammachiise. Erga ji'oota muraasa na dhamaastee tole naaf jette kichuu jaalala Koo qooddattee toora an qabeef irratti hirmaattee tokko lama jettee jaalala hiriyyummaa na waliin eegalte. Biliseen akka naaf ibsitetti baay'ee akka na jaalattuu fi yeroo Mara eenyuun sin madaalu naan jetti turte. Anis baay'een ishii jaalladha ishii irrattis durboota biraa hin simadhu ture, jaalalli keenya daraaree ifee Kan mul'atuufi namoonni hedduun Kan jaalala keenya dheebotanidha. Akkanaan otoo jirruu waggaa tokko waliin dabarsine hanga waliin turretti mufiin nu gidduu hin jiru ture. Garuu gaaf kaanii deemee deemee haalonni Biliseen itti jirtu naaf galuu didaa dhufe. Yeroo kaan Kan turtii ishiirraa qisaassessitee na waliin yeroo gaarii dabarsitu narraa fagaachaa dhufte. silumaa guuyyaan isaa gaaf dheerataa deemu bilbila irra deddeebi'ee yaalufis narraa kaasuu didde. Anis baay'ee dhiphadhee waan ishiin taate waliisaa wallaalee jaalala na eegalchiistee #miixuu_jaalalaatti na rakkistee miilla narraa fageeffattee deemte. Hiriyyoota ishii gaggaafadhus namni naaf himu tokkollee hin argamne. Anis gaabbiin quba of nyaataa xurree miidhamaa eegaluuf qarqara maraatummaa irra gaheen ture. Akkan dubbii tokko tokko dhagahutti....... Kutaa 11ffaa itti fufaa....
Show all...
๐Ÿ‘ 4๐Ÿ”ฅ 2โค 1