cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa

Traditional medicine

Show more
Finland1 870The language is not specifiedMedicine7 383
Advertising posts
2 681
Subscribers
+1024 hours
+657 days
+43630 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Photo unavailableShow in Telegram
👍 1 1
Dhukkuba Kintaarotii Garaa Keessaa(internal hemorrhoids) √▰√▰√▰√▰√√▰√▰√▰√▰√ Kintaarotiin alatti gadi bahee mudhatu mallattoo akkamii akka agarsiisu isiniif dhiheessinee turre. Amma dhukkubni kintaarotii garaa keessaa mallattoo akkam akkamii akka agarsiisu isiniif dhiheessina. Kintaarotiin garaa keessaa qaama namaa keessatti miira dhukkubaa uuma malee alatti gadi bahee hin mudhatu. Miirri dhukkubbiitis yeeroo hunda mudhatuu dhiisuu mala. Irra caalatti yeeroo hojii humnaa hojjatan, karaa dheeraa miilaan yoo deeman, nyaata garatti nama ulfaatu yoo nyaatanii fi dubartoota ulfaa irratti mudhata. ``````````````````````` Mallattoo Kintaarotii Garaa Keessaa 🔹Darbe darbee sagaraa wajjiin dhiigni bahuu 🔹Gogiinsa garaa. Haalli kun hanga sagaraan garatti gogee nama irraa bahuu didee ciniinsuu namatti uumutti gahuu dandanda'a. 🔹Dugdi dhukkubuu: Mudhii naannawa hidhata surreetti akka nama dugdi citeetti dhukkubuu. Keessumattuu halkan bakka ciisanitti hiini nama cituu 🔹Garaa bokoksuu: Nyaata booda garaan jeeqamuu, bokokuu, iyyuu fi garaan ciniinuu. 🔹Nyaata booda akka nama sagraan qabee jirutti garaan gadi harkisuu. Yeeroo mana fincaanee deeman wanti nama irraa bahu hin jiru. Yeeroo garii qilleensi qofti bahuu. 🔹Onnee irratti naasuu tasaa uumuu, miiraa aarii namatti baayyisuu fi mataa keessa gubuu. 🔹Qaamni yarachuu/huqqachuu, gogaan namaa daalachatuu fi dadhabbii qaamaa namatti uumuu 🔹Xuriin laguu dubartootaa akka itti baayyatu ykn tasuma akka badu/dhaabbatu gochuu ykn akka jeeqamu godha. Fiixxee gadaamessaa irratti yoo bahe dhala dhabuu dubartootaa fiduu danda'a. 🔹Qunnamtii saalaa irratti dadhabbiin namatti dhagayamuu. 🔹Luqqeettuu/luka keessa hadoochuu, luka keessa nyaachuu fi faana miilaa jala gubuu. 🔹Teessuma keessa gubuu, teessuma hoosisuu ykn teessuma keessa woraanuu fi kkf Falli Dhukkuba Kintaarotii Garaa Keessaa maal akka ta'e wolitti deebina. Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa #Follow Godhaa #Follow_Share_Like #WhatsApp 092 879 5750
Show all...
👍 7 5
👍 4
Foolii badaa qaamaaf Furmaata (unpleasent body odor) `````````````````````````````````````````` Ajaawuun qaamaa kan dhufu dafqa qaama keessaa dhufuufi baakteriyaa gogaa keessan irratti argamuun yoo wal maku kan dhufudha. Fooliin qaama keetii sababa hormoonii, nyaata nyaattu, infekshinii, qoricha ykn sababa qaamni namaa dhukkuboota adda addaan kan akka dhukkuba sukkaaraa, Taayifiyidifi summii ijaa/budaa irraa kan ka’e jijjiiramuu danda’a. Rakkoon foolii badaa qaamaa rakkoo xinsammuufi rakkoo hawaasummaa fiduu danda'a. Namoonni sababa kanaatiin hariiroon isaanii laafus hedduudha. Kanaaf waan furmaata manumatti argachuu dandeettaniin dhiphachuu hin qabdan. Furmaanni isaa kanneen armaan gadhiiti. Maloota tarraayan keessa isa isiniif salphatu fayyadamuun salphamatti rakkoo kana furuu dandeettu. Mala 1. Baking soda: Maankaa shorbaa tokko Loomii: maankaa shoorbaa 2. Waan kana lamaan sirritti wilitti makuun bobaa harkaa jala dibachuu. Daqiiqaa 15 booda qaama dhiqachuu. Mala 2. Loomii: loomii hamma jiddu galeessaa qabu tokko bakka lamatti baqaqsanii bobaa jalatti dibachuu. Mala 3. Cuunfaa Applilii(Apple venager) bobaa harkaa jalatti dibachuu. Mala 4. Alkoolii hafuura hin qabne bobaa jalatti dibachuu. Mala 5. Muka Miimmii(neem tree): baala muka miimmii tumtanii erga bummeessitanii cuunfaa isaa bobaa harkaa jalatti dibachuu. Yeeroo tokkoof maankaan shoorbaa tokko ni gaya. Mala 6. shaayii: zayitii muka shaayii ykn shaayii matuma ishii bobaa jalatti dibachuu. Daqiiqaa 30 booda ofirraa dhiquu. Mala 7. Baking sidaafi zayita kokunat Baking soda maankaa tokko fi zayita cocunut maankaa shukkaaraa 1 wolitti makaa dibadhaa. Daqiiqaa 20 booda ofirraa dhiqaa. Mana Qoricha Aadaa Hikmaa #share Mana Qoricha Aadaa Hikmaa #follow_share_like godhaa #Galatoomaa #whatsapp 092 879 5750
Show all...
👍 5
Photo unavailableShow in Telegram
QORICHA MALEE DHUKKUBA IRRAA FAYUUF Dhukkuba baay’eef qoricha hin barbaachisu. Qaamni keenya dhukkuba akka of irraa dhorkuu fi akka dhukkuba  injifatu uumamaan waan kennameef qaba. Qaamni keenya kan dhukkuba  lolee injifatu dhalootaan of keessaa qaba. Qorichi dhukkuboota hamaa irratti loltuu qaama keenyaa kan uumaan nuuf kenne gargaaruuf itti dabalama malee, hojii guddaa kan hojjetu qaamuma keenya.   Bakka qorichi hin jirre kan jiraattan iyyuu yoo ta'e, akkaataa dhukkuba of irraa ittisan yoo beektan dhukkuba baay’ee of irraa qolachuu ni dandeessan Akka qaamni keenya dhukkuba of irraa faccisuu fi injifatugochuu akka danda'uuf waan shanan kana gochuu nu barbaachisa. 1   Qulqullina dhuunfaa keenyaa fi naannoo keenyaa sirritti eeggachuu. Kana jechuun: ◦Qulqullinna soorataa, qulqullina qaamaa, uffataa, eddoo ciisichaa fi Qulqullina yaadaatis ni dabalata. Naannoo keessa jiraannuu fi qulqullinna hariiroo hawaasummaas eeggachuuni 2 Boqonnaa gahaa argachuu. Kunis hirriba gahaa rafuu, boqanna hojii fi boqannaa yaadaa gahaa barbaachisa. 3   Akka dansaatti nyaachuu fi bishaan baay’ee gahaa dhuguu. Soorata yeeroo fi sirna soorataa eeggate yoo kan nyaannu ta'e qaamni keenya dhukkuba lolee ofirraa qolata. Karaa sirrii ta’een akkaataa bishaan itti fayyadamtan yoo barattan bishaanumti qofaan dhukkuba hedduu irraa nama hambisa, nama fayyisas.  4. Araada adda addaa irraa bilisa ta'uu. Tamboo xuuxuu, Alkoolii dhuguu, Caatii qaamuu fi kkf irraa bilisa yoo taane qaamni keenya qoricha malee dhukkuba irraa fayyuu danda'a. 5. Hariiroo gidduu keenyaa fi gudduu Rabbii jiru tolchuu: Kunis dhukkuboota hafuuraa(sheyxaana, jinnootaa fi tolcha adda addaa) irraa akka dandamannuuf ciminni amantii(iimaanni) akkaan barbaachisaa waan ta'eefi. Rabbiin Dhukkuba Hamaa irraa Isin Haa Oolchu Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa #follow_like_share_comment #WhatsApp 092 879 5750
Show all...
8
Photo unavailableShow in Telegram
👍 4 2
Sihrii, gosa 3ffaa. Falfala/Sihrii Gurzaa./ Sihr Al-Hawatif Gosti sihirii kanaa kan dalagamu, dhukkubsataan hirriba isaa keessatti boqannaa akka dhabuuf kan dalagamuudha. Keessumatti namni falfalli irratti dalagamu kun mana ofii akka jibbuufi baqatu gochuu yaadamee kan dalgamuudha. Dhukkubsataan falfala gosa 3ffaa kun mana isaa irraa bahee eddoo biraa yoo bulu xiqqoo kan boqatu waan ta'eef, mana ofii isaa buluu irra mana biroo buluu filata. Mallattoolee falfala gosa 3ffaa. 1. Abjuu sodaachisaa waan akka Jawwee, Saree, adurree fi raammolee sodaachisoo aabjuun sitti ori'uu. 2. Hirriba keessa sagalee yaamsaa dhagayuu. Hirriba keessa Maqaadhaan (Abaluu) jedhanii kan siyaaman dhagayu. Hirriba keessa awwaatuu ykn Owwaataa manaa gara alaatti bahuu. 3. Usuu hin rafin sagalee sitti dubbatu dhagayuu. Garuu eessaa akka sitti dubbatamu beekuu dhabuu. 4. Tasa Fiiquu ykn Hasaassii dhagayuu. Onneen kee hargufamuu/woswaasaa sitti ta'uu. 5. Abjuudhaan Tabba ykn gaara irra kan kuftu of arguu. Afaan qilee irraa si naannessu. 6. Bineensonni gaafa dheedheeroo qaban abjuun si woraanuu. Bineensonni qarriffaa dhedheeroo abjuun si ari'achuu. 7. Hiriyyaa kee, jaalallee kee ykn fira aantee kee shakkuu baayyisuu. Namni dura jaalataa turte tasuma waan simiidhaa jiru sitti fakkaachuu. 8. Sa'aatii hirriba kee hirriba dhabuu, sa'aatii hirribaa hin fedhinitti ammoo hirribni sitti baayyatuu..... Hubannoo Sihrii dabalataafi furmaata isaa akka isin bira dhaqqabuuf #Follow godhaa. Namoota biroof #share godhaa. Yoo isinitti tole #like godhaa. Odeeffannonnoo dabalataaf. 0928795750 Rabbiin isin haa Tiksu.
Show all...
👍 13👎 3 3👏 3
2😢 2
Chaankorooyidii/ከርክር/القرحة اللينة/Chancroid ```````````````````````````````````````````````` Chaankorooyidiin dhukkuba qaama saalaa madeessuun hanga sadarkaa qaamni saalaa dhiiraa cituutti geessuu danda'udha. Dhukkubni kun dhiira qofa miti dubartis ni qabata. Garuu dhiirota irratti ni cima. Dhukkubni kun karaa walqunnamtii saalaatiin daddarba. Dhukkubni kun baakteeriyaa Haemophilus ducreyi (H. ducreyi) jedhamuun kan dhufu. Chaankrooyidiin jalqaba qaama saalaa madeessa. Madaan sun kulkulee wal-jalaa ciccita. Madaan sun dhukkubbii cimaa, qaamni saalaa laalatuu/gubatuu, hoosisu, dhiita'uu fi mudaamuddii iitessuu danda'a. Chaankorooyidiin dhukkuba malee madaa qofa miti. Madaa diimaa dhukkubbii qabu, malaa/dhangala'aa kan qabuu, qunnamtii saalaa raawwachuu kan dhooggu, yoo hammaate qaama saalaa kutuus kan danda'uudha. Dhukkubni chaankirooyidii yeeroon yoo yaalaman fayyuun ni danda'ama. Usuu hin yaalamin turraan qaama saalaa bira darbee naannawa hidhii, arraba, harkaa fi qaamota biroottis babadhachuu danda'a. Dhukkubni chaankirooyidii dhukkuba qunnamtii saalaatiin daddarban(STDs) keessaa isa tokko. Balaa dhukkubni kun qaqqabsiisu irraa nagaya bayuu namni barbaadu jaartii ofii wajjiin malee qunnamtii saalaa gochuu dhiisuu qofa. Rabbiin Dhukkuba Hamaa Isin Irraa Haa Qabu Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa #Follow_Share_Like #WhatsAppNo 092 879 5750 #TelegramChannel
Show all...