cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking ยซAccept allยป, you agree to the use of cookies.

avatar

Oshoo Official

kaayyoon chaanelii kanaa Sammuun dhaloota kanaa akka xiinxalu taasisuudha.Yaada keessaniif @Wakjirabraham link:https://t.me/+F29iJnDKops5Y2Fk Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=61557676583508

Show more
Finland798The language is not specifiedReligion & Spirituality11 293
Advertising posts
8 447
Subscribers
+4924 hours
+7157 days
+81530 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Jaalala chaanelii kanaaf qabdan like na agarsiisaa!
Show all...
๐Ÿ‘ 61โค 15๐Ÿ˜ 5๐Ÿค” 3๐Ÿฅฐ 2๐Ÿ˜˜ 2
Namni keenya Mataa malee Lukaan deemaa jira.Dhugaa dubbachuuf Luka malee nama Mataadhaan deemu argee hin beeku.Garuu Lukni keenya garam akka deemuu qabu kan ajaju Mataadha.Mataan Marii Konkolaataa yoo tahu,Lukni Goommaa konkolaataa jedhama.Kana dhiifnee gara dubbii keenyatti haa deebinu. Namni hundi Mataa ofii qaba. Namni hundi yeroo eddoo tokkotti waamamu ummata jennan.Ummanni kuni walitti Mataa tokko qaba.Mataan ummataa kanaa maal jedhama? Ani hin beeku.Garuu ummanni tokko nama moodeela godhatu qabaachu qaba.Gara kootiin nama moodela jedhamu sanaan ummata kana keessaa dhabe.Hundi keenya wal fakkaanneetin rakkadhe.Maal naaf wayya? Jedheetin waan wayyaa tahe dhabee,wal fakkaadhee hafe.๐Ÿ™†
Show all...
โค 11๐Ÿ‘ 2๐Ÿ‘ 2๐Ÿ’ฏ 1
Akka nama Maraatee,Daandii walakkaa deemaan jira.Tasa sagalee wayii dhaga'een gara mirgaa ilaale.Gara Mooraa namoonni Maraatan itti yaalamanitti.Mee seeneen daawwadha jedheen ol seene. Mooraa guutuun caq jettee jirti.Haala kanaan,Namni fayyaa qabu,alatti hin hafne jedheen yaade.Maaltu Maraattoota akkanatti nuuf baayyise? Jedheen keessa kootti guungume. Baayyachuu jaraatti hin gaddine.Nan gammade malee.Warra Mooraa kanaan ala jiran caalaa,jarri kun gammachuu qabu jedheen gammachuu jaraatiif gammade. Maraataa jechuun jecha ๐Ÿ‘‰" Mara-ta'aa!" Jedhamu irraa akka dhufe nan beeka.Kanaafuu! Wanti akka "Mara-ta'uu" gammachuu waan jiru natti hin fakkaatu.Garuu, baayyinni Maraattoota kanaa gaaffii natti ta'e.Itti siqeen maraataa, maraatuu keessa jiru bira dhaqeen gaafadhe. "Si waliin Maraataa hagamtu mooraa kana keessa jira?" Innis erga xiqqoo kolfee booda."Mooraa kanaan ala,si waliin Maraatร a hagamtu jira?" Jechuun gaaffii koo,gaaffii isaatiin naaf deebise.Anis ol ka'een deeme.Gara maraattoota akka koo,mooraa kanaan ala jiraniitti.๐Ÿƒโ€โ™€๏ธ๐Ÿƒโ€โ™€๏ธ
Show all...
๐Ÿ‘ 45โค 16๐Ÿ˜ 13๐Ÿค” 6๐Ÿ’” 3
Osoo mataa kee hin injifatin kan biraa irratti hin duulin.Obsuun mataa ofiitiif yeroo kennuudha. Dallansuun rakkooleef furmaata osoo hin tain ka'umsa.Hiriyyaan dallanaan diina tasgabbaayaadha. Dawaan dallansuu caldhisuudha. Amantii jechuun walakkaan Isaa obsa ennaa ta'u walakkaan isaa Galata galchuudha.Diinonni kee gara kee yoo dhufan gara duubaa hin dheessin, gara isaanillee hin gatantarin, bakka jirtutti Itti qophaa'i eegi.
Show all...
๐Ÿ‘ 48โค 17๐Ÿ‘ 4
Photo unavailable
Yeroo uumaan addunyaa uumu namni ragaa ture hin jiru. Amantaaleen turan hunduu kan isaan hundeeffaman, sirna amantaa murtaa'e irrattidha. Amantaan isaan kunneen Asoosama bareedaa waan ta'aniif "uumaan akkamitti addunyaa uumee?" Jettanii gaafachuu hin dandeessani. Yeroo uumaan Addunyaa uumu ragaan homtuu hin turre. Ofii isaatiin sababii uumamaatiin jiraachuu hin danda'u. Sababni isaa osoo yeroo addunyaan uumamu ragaan jiraatee, kun kan jalqabaa addunyaa hin ta'u ture. Gara fageenya keessan isa ragaa duuba jiruutti deebi'uun isin irra jiraata. Dacheen turteetti, amanaanis tureera. Amanaan kun addunyaan dursitee jiraachuu ishee mirkaneessuudhaaf, gahaa ta'a ture. Kanaafuu yeroo uumaan addunyaa uumu, Namni ragaa ture hin jiru jechuudha. Haa ta'uyyuu malee,  amantaaleen hundi kana ni fudhatu. HUBADHAA:- Amantaa baayyeen isaanii Sodaa isin si'ooliif qabdaniifi hawwii isin gannataatiif qabdanitti fayyadamaa jiru.Sammuu dhala namaa kan isaan to'atan kallattii kanaaniidha! #Oshoo
Show all...
๐Ÿ‘ 34โค 5๐Ÿ‘ 2
Chaanelii kana irraa barumsa argachaa jirtuu? Isin barsiisaa jiraa?Anonymous voting
  • A.Eeyee
  • B.Lakki
0 votes
๐Ÿ‘ 50๐Ÿ™‰ 4๐Ÿ”ฅ 2โค 1
Guyyaa tokko Eenyutu barbaachisaa akka ta'e na gafaatta? Jireenya kooti  moo keeti jettee? Anis kan kooti siin jedha. Garuu ati na baqatta osoo atumti jireenya koo ta'uun isaa siif hin galin. #Khalil_Gibran
Show all...
๐Ÿ‘ 23๐Ÿฅฐ 6โค 2
Gaafa deemuu barbaadde deemi. Garuu yoomiyyuu hin deebi'in, deemuu keef amanamaa ta'i. Tarii nutis si dagachuuf amanamaa ta'uu dandeenya. #Mahmoud_Darwis
Show all...
๐Ÿ‘ 21โค 11๐Ÿ˜ 4๐Ÿ† 1
"Namni waa beeku homaa hin beeku" jechuun maal jechuudha?๐Ÿ˜Ž
Show all...
๐Ÿ‘ 49โค 11๐Ÿ˜ 10
Namoonni tokko tokko akkamitti dubartiin Jalloodha! Jetta jechuun na komatu. Dhugaa qabu.Mirgaas qabu. Waa'ee jallina jaraa itti deebina. Yoo lubbuun jiraanne nama hubatuuf,Jallinni dubartii ilma dhiiraatif faayidaa guddaa qaba. Miidhama guddaas qaba.Waan lama qofa.Milkaahuu yookaan Maraachuu.Garaagarummaa kana kan fidu ciminaa fi dadhabina Dhiiraati.Yoo jallina ishee dandamachuu dandeesse Dhiira jabaa taatee baata.Garuu Carraa xiqqoo qabda.Waaqni jabina siif haa laatu.Akkasuma yoo jallina ishee dadhabde,Sammuun kee nyaatameeti,maraattuu nuuf taata.Yoo jabaattee jalaa baate,jallinni Dubartii akka Aduutti guddisee si muldhisa.Harka yoo kannite immoo kophaa haasawaa of argita.Kanaafuu jabaadhu.Afaan isheetis baradhu.Adabaas goradhu.Ishee waliinis morkii hin galin.Jallina isheetiis amaniiti waliin jiraadhu.Sossobaa horadhuun.Dubartiin ati jalloo miti jettee quba natti qabdu,kan ishee uumeetu "Lafee jalloo" irraa uumamuu ishee siif hime.Anarraa bu'i.Dhugaa qeebali.Dubartiin akka Lafee jajalloo cinaachaati.Amma yaa'ii dhiisi.Naaf qajeelchi jetteetis hin kadhatin.Waan hin qajeelle hin gaafatin.Ati qajeeliif.Anaas qajeelchiif jedhii karadhu.๐Ÿƒ๐Ÿ™†
Show all...
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.