en
Feedback
Oduu durii

Oduu durii

Open in Telegram
718
Subscribers
No data24 hours
+127 days
+1830 days
Posts Archive
Gatii sitti ba'e beekii, iddoo xixiqqaa fi namoota si xiqqeessan irraa fagaadhu! ================================ Guyyaa tokko Kanniisa fi Tisiisatu buna wal waamee wajjin haasa'u jalqabe jedhan. Osomaa hasa'a ho'aa keessa jiranii Tisiisni kanniisan " Ani kan na dhibee na dhiisuu dide dhalli namaa ana maaf na jibba? Maalif akka isaanitti dhiyaadhu hin feene ? Si ammoo akka biraatti si jaallatu maalif akka keetitti na hin kunuunsan? Nyaata isaanirra yoon bu'e na ari'u. yoo dhugaatii isaanirra bu'es akkasuma. Wanta ani xuqe hin nyaatan ,hin dhugani inumaa ni gatu🤔. Na ajjeesuudhaaf na dhabamsiisuudhaaf qoricha baay'ee fayyadamu. Kan kee garuu faallaa kanaati . Icciitin isaa maaliidha? mee natti himi" jetten. 😁Kanniisnis haasa'a tiisiisa kanaa hundasaa gurra itti kennitee erga dhaggeeffattee booda, gaaffii gabaabaa Tisiisa sana gaafatte "Yaa Tisiisanana MEE IDDOON OOLMAA KEE EESSADHA?" Jetten jedhama. Atihoo Obboleessa Oolman kee eessadha? Amma iddoon ati jirtu kuni fi hojiin ati itti jirtu kun si madaalaree? Namni nama wajjin ooluu fi iddoo oolu fakkaata. Iddoo gurguddaa fi namoota yaada qajeelaa qaban wajjin oollaan ati nama guddaadha. Gatii sitti bahe beeki, iddoo xixiqqaa fi namoota si xiqqeessan irraa fagaadhu. Sumatu gatii kee mi'eessus busheessus danda'a kanaaf hamma kee isa Rabbii keessatti qabdu beeki. Nama Guddaa Ta'u Barbaaddaa? 👉Iddoo guddaa ooli 👉Nama guddaa wajjin ooli. 👉Yaada guddaa yaadi 👉Hoji guddaa hojjadhu. Har'uma kana iddoo OOLMAA KEE sirreessi. Nama wajjin ooltus beeki. Namni maal wajjin oolu maal bara jedhan... Akka tisiisaa raqa irra hin oolin of hin xiqqeessini. Akka kanniisaa iddoo urgooftuu keessa ooli. wanti minyaa'an si keessaa haa yaa'u! #Oduudurii

JAALALA HAADHA Mucaan xiqqoo tokkoo osoo haadh isaa irbaata tolchaa jirtuu waraqaa dachaase fidee haadha isaatti kennee. isheenis harkashee qoorfattee waraqaa sana gargar saaqxe dubbisuu eegalte. barreefamichi akkas jedha turee. Margoota dallaa keessaa jiran mummuruuf ( Qarshii 5 ). Mana qulqulleessuuf ( Qarshii 1 ). Gara Suuqi(mana gurgurtaa) deemuuf ( Qarshii 5 ). Yeroo ati mana hin jirreettii obbolessaakoo isa xiqqaa eeguf ( Qarshii 5 ). Kosii gatuuf ( Qarshii1 ). Ergaa namaa sittii himuuf ( Qarshii 5 ). Maasi qulqulleessuuf ( Qarshii 2 ). Walumaa galattii ( Qarshii 24 kaffaltaa ) jedheen. Harmeen isaas erga takkaa ittii yaade booda waraqaa fuute akkas jettee barreesiteef. Gatiin ji'a sagaliif garaa koo keessattii si baadheef. Hin kaffalamnee. Halkanoota ani si eegu fi si kunuunsuuf akkasumas siif kadhachuuf hirriba dhabeef. Hin kaffalamnee. Guyyoota akkaa ati miilakeen dhaabatuuf daaddee si adeemsiseef. Hin kaffalamnee. Guyyoota fi halkanoota mucaankoo maal na jalaa ta'a gara fuula duraattii maaltu isa eegata laata jedhee dhiphuun dabarseef. Hin kaffalamnee. Akkaa ati bareedduuf uffata, akkaa ati taphatuu meeshalee, akkasumas si qulqulleessuuf utuu hin nuffiin kan ani dabarseef. Hin kaffalamnee. Dabalataan mucaako gatiin jaalalakoo kaffaltii tokkollee hin qabuu jettee barreesiteef. Mucichis jechoota haadhi isaa barreesite yeroo dubbisettii imimaantu ijaa guute ol jedhee ija harmee isaa keessaa ilaalen "Ayyooko baayyeen si jaaladha" jedheen. Sanaan booda Waraqaa isaa fuudhe qubee gurguddaadhaan "HUNDINUU KAFFALAMEERA" Jedhee barreessee. Hubadhuu :- Jaalallii haadha kaffaltiin olii kanaafu haadhi hiyyoomtes, sooromtees, fokkistes, bareedes, maaliyyuu ha taatu haadhumaa yeroo hundaa oolma guddaa nu irraa qabdii. #Oduudurii

Okkotee Hurataa Biyyaa Hindi keessaa namicha bishaan gatiittii isaa irrattii baate deddeebisu tokko Okkoteewwan Bishaan ittiin goofta isaatiif deddeebisee guuru lama qaba turee. Okkoteewwan isaa keessaa inni tokkoo cabaa waan tureef ni dhimmisaa kanaafu yeroo mana gahuu hundumaa bishaan walakkaatu keesattii hafaa, innii fayyaan garuu guutu isaa fuudhe gala ture. Guyyoota namichichi goofta isaaf bishaan waraabe gessuuuf hundumattii Okkoteen innii hurataan bishaan walakkaa qofa of keesattii qabata, innii fayyaan garuu guutu of keesattii qabatee gara mana gooftasaattii dhufa turee. Sababa kanaafu Okkoteen innii fayyaan hojii isaa kanaan baayyee koora, inni hurataan immoo hojii isaattii baayye gadda. Okkoteen innii hurataan hojiisaa kanattii baayye waan gaddeef guyyaa tokkoo namicha bishaan deddeebisun sagalee gaddaatiin "An baayyeen ofittii qaana'e kanaafu dhiifama naaf godhii" jedheen. Namichis"Maalif?" jedheen. Okkotichis "Wanti ani ofittii qaana'eef waggoota lamman kana keesattii sababa hurataa qaama koo irra jiruu irraa kan ka'e bishaan hamman of keesattii baachuudha qabuu gadittii fuudheen gara manaattii dhufaa atis sababa kanaan gatiin ati gooftakee biraa argachuu qabduu gadi si jalaa bu'e" jedheen. Namichis jecha Okkotichaattii baayye gaddee garaas isa nyaatee akkas jedheen "Yeroo gara manaattii deebinuu karaa mana gooftaa koo geessuu irraa ababoowwan jiran sittiin agarsiisa" jedheen. Yemmuu gara manaattii deebi'anittiis abaabowwan baayyee miidhagoo nama hawwatan daawachiise. Erga daawannaa isaani fixaniiin booda ammas Okkotichi hojii isaa yaadatee gaddee namicha dhiifama gaafatee. Namichis Okkotichaan " Abaabowwan kana kallattii an irra isaan dhaabe hubattee ilaaltetta yoo ta'eef kallattii ani gatiittii koo irrattii si baadhuundha malee kan Okkotee isa kaani irraan mitii! sababni isaa immoo akkaa ati dhimmiistuu waanan beekuuf waggoota lamman kana carraa kanattii gargaaramuun abaabowwan koo bishaan obaasachaan turee utuu ati bishaan naaf hin obaasne ta'e har'a dallan gooftaako fi barcumni manaa isaa keessaa abaabowwan miidhagoon hin guuta turan" jedheen jedhama. Hubadhu:- Nuti hundumti keenya akkuma Okkoticha isa hurataa sanaa ciminaa nu keessaa dhimmisuu qabna. Akkuma okkotichaa dhimmisuun keenya dadhabinaa fakkaatee yoo nuttii mul'ateyyuu garuu dhalootaaf kan innii dhugee ittiin bareede guddatuu ta'uu danda'a. Yoo har'aaf nama waa'e hin baafne of seete iyyuu guyyaa tokkoo firii hojiikee argitee ittiin boonuuf jirtaa kanaafu abdii hin kutin jabaadhuu. Haala ati har'a keessaa jirtuu boriike hin madaalu! #Oduudurii

Utuu Hin Hubatin Hin Murteessin. Guyyaa tokkoo dargaggeessaa ganna 24 tokkotu baabura keessaa ta'e karaa foddaa ilaale sagalee isaa ol kaase "Abbaako argitaa karaan gara dugda-duubattii deema jiraa" jedhe. Abbaan mucichaas kolfee callise. Abba warra fi Haadhi warraa isaan cina ta'a turan "Maal guddaan akkaa Ijoollee kun" jedhanii ajaa'ibsiifatan. Dargaggesichi ammaas sagalee aja'ibsiifannaan " Abbaako argitaa duumessii immoo nu duuka fiiga jiraa" jedhe. Warri isaan cina turanis haala tuffiin guuteen "Namichoo mucaake gara ogeessaa fayyaattii geesitee maalif hin yaalsistuu" jedhaniin. Namichichis seeqe "Gara ogeessattii geessee mana yaalatii fuudhen deebi'a jira mucaanko dhaloota kaase qaro dhabeessaa turee guyyaa jalqabaaf har'a ifa arge" jedhee deebiseef. Hubadhuu:- Oromoon " Utuu hin hubatin qubaa hin gubatin" jedha. Namni kamiyyu seena keessaa darbee qabaa utuu hin hubatin hin murteessin. #Oduudurii

Daqiiga Dabalataa Shan. Guyyaa tokkoo naannnoo bakka taphaa ijoolleettii dubara tokkoo fi dhiirrii tokkoo wal-cina taa'u turan. Isheen dubaraa mucaa bareeda tapha furguggee taphachaa jiruuttii quba ishee qabdee "mucaan sun kan kooti" jettee namichattii himtee. Namichichis " mucaanke baayyee bareeda, kan koo immoo ishee uffata adii uffattee biskiliiti konkolaachisaa jirtu sanadhaa" jedheen. Namichis gara lakkooftu yeroo (sa'atii) harka isaa irraa qabu ilaale "Yeroon deemera yoo deemne nu hin wayyuu?" jedhee mucaa isaa gaafateen. Isheenis "Adaraa daqiiqa dabalataa shan qofan dabalee taphadha" jettee abbaa ishee kadhatteen. Innis "tolee daqiiqa shan qofaaf" jedhee deebiseef. Isheenis baayyee gammaddee miira gammachuun konkolaachisu eegalte. Daqiiqan shan yemmuu raawatettii abbaan ishee ofittii ishee waame "Ammaa yeroo ittii deemnudha" jedheen. Isheenis "Maali egaa abbaako daqiiqa dabalataa shan naaf dabalikaa" jetteen. Abbaan ishees kolfee "tole" jedheen. Dubarrii isheen isa cina teessee kana ilaala turtes gocha isaa ajaa'ibsiifattee " Nama dhiba obsikee ati abbaa gaari akkamiiti?" jetteen. Namichis seeqe "Obboleessii ishee inni hangafaa waggaa darbe balaa konkolaataatin lubbuun isaa darbite kan nama dhibu yemmuu isaa wajjin bakka kana dhufnuu yeroo dheeraa isaa wajjiin dabarsee hin beekun turee kanaafu dogoggora kana irra deebi'u hin barbaadu. Akka intallikoo yaaduttii waan ani akka ishee taphattuuf daqiiqa dabalataa kenneef ittii fakkaata, garuu daqiiqan dabalataa shanan kun daqiiqa ani dhalakoo osoo isheen gammadee taphattuu ilaale ittiin bohaarudha" jedheen. Hubadhu:- Jireenyi kun yeroo tokkoof qofa siif kennamee kanaafu akkaa hin gaabinettii wanta dura kennuufi qabduuf dursa kennii. #Oduudurii

Hiriyaa Dhugaa Mandara tokkoo keessaa hiriyoota Gammachuu fi Sooressaa jedhamantu turee. Gammachuun maatin isaa sooreyyii turan. Kan Sooressaa garuu harka qalleeessaa turan. Garaa garummaa maati isaani gidduu jiruuf osoo iddoo hin laatin hiriyaa gaari waliif turan. Haaluma kanaan waliin guddatan. Erga guddatanii booda garuu hojiittii ko'oomatanii akkaa durii yeroo isaani wal-wajjin taphachaa dabarsuuu hin dandeenye haala kanaan wal-irraa fagaatan. Yeroo tokkoo Sooressaa dhukkubaan qabame, Doctoriis yeroo muraasaf hojii dhaabe mana boqochuu akkaa qabu ittii himee. Hiriyaan isaa Gammachuun yeroo dhukkubsachuu hiriyaa isaa dhaga'ettii gara iddoo inni jiruuttii imalee qarshii laatefi gara hojii isaattii deebi'e. Sooressaanis baayyee miira aarin guutamee qarshii isaa akkaa deebisuuf waada ofiif seene. Sooressaanis akkuma fayyeen xiiqiidhan cimee hojjetee birrii birrii gahaa yeroo argatettii qarshii Gammachuu deebiseefi. Yeroo biraammoo dabaree isaa Gammachuun dhukkuba cimaan qabamee manaattii gale, Sooressaan akkuma dhukkubsachuu isaa dhagaheen hojii isaa dhiise gara hiriyaasa deeme hanga innii fayyutti bira ta'e gargaare. Gammachuunis yeroo fayyettii hiriyaa isaatiin "Maaloo dhiifama naaf godhii ati yeroo dhukkubsateettii qarshii qofa siif laadhen si dhiise gara hojiiko sokkee atis qarshicha hojjetee naaf deebistee, ati garuu hamman fayyuttii hojiike anaaf jettee dhiiste yerooke naaf laattee na jajjabeesite oolmaake maalinan deebisa" jedheen. Sooressaanis deebiseefi "Innii guddaan Qarshiin waan hunda bituu akkaa hin dandeenye baruukeeti inni kaan rakkoo hin qabu" jedheen. Hubadhu:- Namoota yerooke laatefi isaani wajjin akkaa ooltuuf si barbaadan meeqattii dugdakee ittii laattee laata? siifan dhiisa. Garuu addunyaa kana irrattii wanti si birattii hafuu yaadannoo qofa kanaafu namoota yerooke barbaadanittii dugda hin gatin guyyaan waan baate dhufuu hin beekamuuti. Wanta fudhachuu barbaadu dursa kennuu bari. #Oduudurii

Dorgommii Quurroo Guyyaa tokkoo Quurroowwan lamatu wal-dorfomuu barbaadan. Dorgommichis eenyutu marga ulfaatina wal-qixaa qabu baate caala barrisuu danda'a kan jedhu turee. Quurroon iddii duraa Qalqalloo isaattii Marga guute. Innii lammaffaa garuu Amoolee baayyee ulfaatu Qalqalloo isaattii guutate. Quurroon innii duraa " Maal quurroon gowwaa akkasii ba'a ulfaata ofittii fe'e naan dorgomuu yaala" jedhee ittii kolfee. Yeroo Bokkaan roobu eegalettii garuu Amooleen Quurroo isa lammaffaa baqee salphachuu eegale, Margi isa duraa garuu bishaan of keesattii xuuxe baayyee ulfaachu eegale. Yeroo kanattii Quurroon innii duraa ol-ka'e barrisuun mitii lafaa iyyuu qalqallocha kaasu hin dandeenye gatiin kanaafu mo'aamuuf harka laate. Hubadhu:- Namoonnii naannookee jiran yoo kaayyookee isa guddaa ati karoorfattettii yoo sittii kolfan iyyuu gaafa ati kaayyookee galmaan geessuu afaan qabatanii si ilaaluuf jiruu. Guddaa abjoodhu, abjuuke galmaan ga'uuf abdii osoo hin kutin hojjeedhuu. #Oduudurii

Dhiphinna Of irraa fageessuu Guyyaa tokkoo professarra psychology tokkotu Buddusee tokkottii bishaan walakeessee qabatee daree ol seene. Barattoonnii yemmuu kana argannittii gaaffii baratamaa " Budduseen kun bishaan guutu qabamoo walakkaadha?" jedhee nu gaafata jedhanii eega turan. Garuu gaaffii nama dhibuu " Budduseen kun hangam ulfaata" jedhee gaafateen. Deebin barattoota gidduu galeessaan 7 oz fi 25 oz turee. professarichi dhimmii isaa hammamtaa ulfaatina buddusee fi bishaani osoo hin taane hangam harka keenya irrattii baannee turuu dandeenya kan jedhudha. Yeroo turtii daqiiqa tokkoof harka irrattii baannuu ulfaatina muraasa dabalaa yoo daqiiqa 10f baannee isa duraara caala dabalaa yoo sa'atii 1f baannee baayyee cimaa. Yoo guyyaa guutu baannee garuu harki keenya ni hollata. Akkuma kana yoo waa'e wanta nu dhiphisuu daqiiqa murtaa'ef of yaadne sanaan booda dagannee rakkoo tokko illee nu irraan hin gahu, yoo sa'atii muraasaf of bira tursinee gara rakkoottii jijjiiramaa deema, of keesattii qabannee rafnaan garuu gara rakkoo yaadessaattii jijjiiramaa. Hubadhu:- Yoomiyyuu wanta si dhiphisu of keesattii qabaattee hin rafin. yoo rakkookeef furmaata fiduu dandeessaa ta'eef furii kanaan achuttii dagadhuuti dhiisi gara kaayyookeettii imali. Dhiphinni gufuu kaayyooti. #Oduudurii

Nama sirrii addunyaa kanaa. Guyyaa tokkoo Doctora, Abbaa seera, Luba(Qeesi)fi mucaa xiqqoo tokkoo ta'anii imalaaf xiyyaara dhuunfa yaabatanii adeemsa eegalani. Erga sa'atii muraasa deemanii booda akka tasaa mootorrii xiyyaarichaa ho'e aara baasu eegalee sanaan booda haala haammaataa irraa ga'e. Balaliisaan xiyyaarichaa xiyyaarichi to'annaa ala akkaa ta'e yemmuu barettii imaltootan keessaa utaala lubbuu keessaan oolfadhaa jedhee ofii isaa parachute qabatee keessaa utaale. Haala nama gaddisiisuun parachutin achi keessaa turee sadii qofa. Doctorichi "Ani doctora gatiin ta'eef lubbuu nama baayyeef nan barbaachisa kanaafu jiraachun qaba" jedhee parachute tokkoo qabatee keessaa utaale. Abbaan seera "Abboonnii seera addunyaa kana irrattii Namoota baayyee barbaachisoodha kanaafu jiraachun qaba" jedhee parachute tokkoo qabatee keessaa utaale. Lubichi garuu gara mucichaa ilaalun " ilmakoo ani umurii dheeraaf jiraadheera ati garuu ammayyuu daa'ima kanaafu jiraachun siif mala ati parachute Isa hafe fudhadhuu utaali nagaan jiraadhu" jedheen. Mucichis deebiseefi "Abbaakoo Namni sirriin addunyaa kanaa isini, rakkoo hin qabuu Borsaa dugdakoo keessaa parachute biroo qaba keesan fuudhadha isin ittii gargaarama" jedheen. Hubadhu:- Sadarkaan barumsa fi gosi ati barattee eenyumaake hin ibsuu hojiin gaari ati hojjetutu si ibsa malee. Nama dhalootaaf bu'aa buusu ta'i. #Oduudurii

Irbaata Abbaa waliin. Guyyaa tokkoo mucaan abbaa isaa waliin irbaata nyaachuuf gara hoteela imalan. Hoteela erga ga'aniin booda irbaata nyaachuuf fedhan ajajatan. Abbaan mucichaa maanguddoo lafa guuran waan ta'aniif yemmuu nyaata nyaatan afaan isaani keessaa uffata isaani irrattii firfirsaa nyaatu turan . Namoonnii hoteela sana keessaattii irbaata fayyadamaa turan ilaalcha badaadhan abbaa mucichaa fi mucichaa ilaalu eegalan. Mucichi garuu ilaalcha isaani homaattuu hin lakkoofne. Isaanis yemmuu nyaata isaani raawatanittii mucichi abbaa isaa suuta jedhee teessuma irraa harka qabee kaase gara kutaa qulqullinattii geessee. Sanaan booda nyaata wayyaa abbaa isaa irraa turee hundumaa irraa qulqulleessee rifeensa isaa babbareecheefi harka qabatee gara iddoo teessuma isaanittii deebi'e namoonnii hoteelicha keessaa turanis fajajanii isaan ilaalurraa kan hafe waan tokkoo illee dubbachuu hin dandeenye. mucichis kaffaltii nagahee irraa jiruu erga kaffalee booda gara manaattii galuuf abbaa isaa harka qabatee ka"e gara balbala hoteelattii imalee. Utuu hoteela keessaa gad ba'a jiranii maanguddoon akkaa abbaa isaa lafa guuran dugda duuba isaati isa waamanii akkas ittiin jedhan "Ilmakoo waan keessee dagattee kaate hin qabduu?" jedhan. Mucichis "Lakkii waan tokkollee hin keenye Obboo" jedheen. Maanguddochis haasa miiraan guuteen sagalee ol-kaasanii " Waan keessee deemte qabdaa ilmakoo! Ijoollee akkakeef fakkeenyummaa fi barumsa, warra abbootii akkakoof immoo abdii guddaa" jedhaniin jedhama. Hubadhu:- Namoota nu gargaaran deebisnee gargaaruun kabaja guddaadha. maati nuttii dadhabanii nu eeganii nu guddisan kabajuu fi harka qabuun waan guddaadha. Maatin keenya dureessaas ta'e harka qalleessaa nuuf maatidhuma keenya haadhas ta'e abbaa lammaffaa hin argannuu kan nuti qabnu tokkuma kanaafu jaalachuuni, kabajuuni qabna. #Oduudurii

Iddoon Hin Ga'amne Tokkoyyuu Hin Jiruu. Addunyaa kana irraa iddoon hin ga'amne tokkoyyuu hin jiruu. garuu iddoo gahuuf feetu addaa baafachuun dirqamaa. Mee fakkeenya tokkoon siif kaasa, namni biyyaa ta'e tokkoo dhaquu fedhuu jalqaba irrattii maqaa biyyichaa baruu akkasumas waan biyyichaa keessaa jiruu, biyyichaa irraa maal akkaa argachuu danda'u erga baree booda ittii ansuun haala teessuma iddoo ammaa jiruu fi biyya dhaquu fedhu gidduu jiruu addaa dabalataanis fageenya isaa qorachuun dirqamaa. Erga kana hunda qorateen booda gara baasii hammamii akkaa isa gaafatu xiinxaluuttii deebi'a. Kana hundaa karoorsee raawatee jennaan akkaa innii biyyaa fedhe sana hin geenyeef wanti isa dhorku hin jiruu. kanaafu atis waa'e galmakee odeefannoo gahaa yoo qabaattee, rakkoowwaan si mudatan hunda damdamachuuf yoo murteessitee fi karoora sirrii yoo karoorsite na amanii ati bakkaa abjuuke ni geessaa.

Baaca fi Abdii Yeroo tokkoo hiriyaa Baaca👩‍🦲 fi Abdii👲 jedhaman kan kutaa tokkoo baratantu turan. Guyyaa tokko 👩‍🦲Baacaan mana Abdiifaa👲 kitaaba ergifachuu deeme. Yeroo karra ol seenettii Saree 🐕 balbala dura dhaabatuun walittii bahe. Sarichis osoo wal-irraa hin kutin Baacattii dutuuttii ka'e. Baacaan sodaan liqimfame waan godhu wallaale. Abdiin sagalee Saree yemmuu dhaga'ettii fiiga gadi bahe. Yemmuu Baaca bira ga'ettii Baacaan waan bayyee naheef osoo wal-irraa hin kutin hafuura baafata turee. Abdiin Baacadhaan "Sareen duttuu nama hin ciniintuum!" jedheen. Baacaan deebiseefi "Mammaaksa akkas jedhu anaaf situ beeka malee Sareen keesan hin beeku jedheen jedhama. 😜😁🤪🤪🤪

Arabaa fi Saree Bara tokkoo keessa Arbaa fi Sareetu yeroo wal-fakkaatattii rimaa ta'an. Yeroo muraasa booda sareen ilmoole baayyee dhalte, Arbi garuu amayyuu ulfa turtee. Yeroo lammataaf Sareettiin rimaa taatee yeroo muraasa booda dhaltee. Sanaan booda Arbaa akkas jettee gaafateen" Yaa Arbaa anoo utuu ati garaattii baattuu si'a lama rimaa ta'en dhalee ati garuu dhuguma rimaadha? anoo nan shakkee" jetteen. Arbis akkas jechuun deebisteef" Mee yaa Saree kottumee waa'ee wanta ani garaattii baadhe jiruun siif ibsaa,yoon waggaa lamatti dhalee iyyuu innii garaako keessaa jiru kun yemmuu innii lafa dhiitu lafti kan rom'itu, yemmuu innii karaa qaxxaamuru namoonnii ajaa'ibsiifatanii kan ilaalanidha kanaafu tokkoon isaa akkaa dhibbaati" jetteen jedhama. Hubadhu:- Yeroo kakuunke bubbuluu wanta ati yaadees yemmuu dafee fiixaan siif ba'uu diduu, yemmuu namoota naannookee jiraniif kadhannaan isaani dafee deebi argatu kan kee immoo lafa irraa harkifatuu ollaakee ilaate abdii kuttee ifaaju hin dhiisin kankee yoo tureyyuu gatiinsaa guddaa ta'a.

Reettii Gowwaa Guyyaa tokkoo Reettii tokkootu galaana ce'uu barbaadde qarqara galaana dhaabattii turtee. Osoo dhaabacha jirtuu Mukti diriiran tokkoo Dha'i galaanicha irraa bu'e osoo darbuu argatee utaalte qabattee ittiin ce'uu eegaltee. Utuu galaanarraa jirtuu Reettiin biraa karaa faallaa isheedhan Galaanicha daaka gara isheetii dhuftee muka isheen qabattee turte qabattee. Sanaan booda Reettii isheen duraa ishee lammaffaadhaan "Dursa an nan ce'a sanaan booda ati ce'i" jetteen. Reettiin isheen lammaffaa deebisteefi "Lakkii an duran ce'a ati immoo nattii aani ce'i jetteen" sababa kanaaf walii galuu didani waliin mormuu eegalan. Usoo waliin mormanii utuu hin beekin galaanni isaan irraa turan finca'a gadi roobu waan tureef finca'aan isaa gadi isaan darbatee bishaaniin nyaatamanii du'an jedhama. Hubadhu:- Walii galteen hin jiru taanaan nagaan hin jiruu nagaan hin jiru taanaan jijjiirammni hin jiruu kanaafu hubadhu hammaa dandeessu namaan walii galuuf yaali "Walii galan alaa galan" jedha Oromoo.

Leenca Dullooma Dur Dur Leenca bayyee dulloome kan bineensa adamsee qabachuu hin dandeenye tokkotu turee. Sababa bineensa ari'ee adamsuu hin dandeenyef mala wayii uumatee akkaa nyaata tolfatuu yaaduttii ka'e. Yeroo dheeraaf irraa deddeebi'ee erga yaaden booda dhuma irrattii mallii tokkoo gara sammiusa seente. Innis gara holqa kattaattii gadi bu'e akkaa nama dhukkubsateettii ciise sanaan booda bineensota isaa gaafachuuf dhufan nyaachuuf murteessee. Leencichi dulloomaan yaada isaa Isa dhadhanaa kana hojiirraa oolche, yaadni isaas hojjechuufi eegale. Garuu wanti hamaan umurii hin qabu. Guyyoota keessaa guyyaa tokkoo Jeedallii isa gaafachuuf gara holqichaa dhuftee. Jeedallii uumamumaan haxxee waan turteef gara holqichaattii osoo hin seenin dura haala leencichi irraa jiruuhundumaa ala dhaabattee hubattee ilaalte. Sanaan booda ala dhaabattee sagalee ishee ol fudhattee "Obboo Leenco nagaa keessanii" jettee gaafateen. Leenichis deebiseefi "Baayyee na dhukkubaa jiraa maalif ol seente na hin gaafattuu?" jedheen. Jeedalittiinis "Utuun ol seene illee nattii tola turee garuu faana bineensa ol seene malee faani bineensa gadi ba'e nattii hin mul'atu kanaafu gowwaa keessaan barbaadadhaa" jettee achi baate deemte. Gara bosonaa deemtee wa'ee leencichaa hundumattii himtee. Hubadhu:- Osoo waan tokkoo keessaa hin seenin dura hubadhuu addaa baafadhu. Booddee gaabbuu irraa dursanii of eegachuun baheessaa.

Kadhannaa humna guddaa qabu Kim fi Ray hiriyaa baayyee walitti siqan turan. Haala nama ajaa'ibuun manni isaani wal-bira akkasumas mana barnootattiillee daree tokkoo keessaa taa'ani baratu. Guyyaa tokkoo bishaan irraa imalanii lafa haara kan namni irra hin jirannee barbaadanii qorachuuf murteessan. Isaanis doonii yaabatanii imala isaani eegalan,galaanarraas baaye fagaatani imalan. Osoo imala isaanirraa jiranii qillensi hamaan doonii isaani rukutee,dooniin isaanis walakkaa galaana irattii caccabde. Imaltooni baayenis ni du'an. Kim fi Roy garuu bishaanicha daakudhaan gara odola naannoo bishaanichattii ba'ani lubbuu isaani oolfatan. Odolicha kessaa namnis ta'e mukti tokkollee irraa hin turree. Kim fi Ray yoo gara Waaqayyottii iyyatan malee akka lubbuudhan akkaa oolu hin dandeenye hubatan,Waaqayyon kadhachuuf murteessan. Kadhannan kan eenyu caala akka cimaa ta'e baruu barbaadanii,Kem qarqara galaana karaa kallattii bahaa jiruu deeme jilbeenfatee kadhachuu eegale, Ray immo karaa qarqara dhihaarraan deeme kadhachuu eegale. Kim akkaa Waaqayyo nyaata isaaf laatuf kadhate. Haala nama ajaa'ibuun kuduraa fi muduraa walittii qabamee jiru argatee. Guyyaa lammataatti immo haadha manaa bareedu argachuuf kadhatee sababni isaas odola sana keesattii kophummaatu itti dhaga'ame. sa'aatii muraasa booda dooniin tokkoo nannoo isaan jiran geessee caccabde namni balaa kanarraa hafes intala bareedduu tokkoo qofa ture Kemis ishe intalittii fuudhe. Wanti Keem kadhate kamiyyuu ni raawatameef. Erga dooniin isaani caccabde ji'a tokkoo booda Kem gara biyya isaattii galuuf murteessee, Waaqayyooonis ni kadhate Waaqayyoos markabni Kem fi haadha warraa isaa akkaa fuudhe biyyaattii deebisuuf ni ergeef. Osoo lama ta'anii gara markabaattii ol seena jirani Kem sagalee ta'e wayii dhaga'e. Sagalee akkas jedhus turee "Hiriyaake asittii dhiisee deemufimoo?'' Kemis aja'ibsiifatee ''Eenyu akka nattii dubbachaa jiru baruun danda'a? ano haadha warraa ko wajjinan jiraa!'' jedhee deebisef. Sagalichis akkas jedhee deebisef, "An isa ati waan hundumaa na kadhannaan siif kennedha" jedheen Kimis jilbaan lafatti kufee ''Yaa Waaqayyo galatoomi!'' jedhe. Kem akkaa Rayin Dagate reefu ittii dhagahamee baaye ofitti gaddee. Waaqayyos Kemin akkas jedhee 'An kadhatakee dhagahee siif hin deebisnee kan an dhagahee deebise kan Ray ture innis kan innii na kadhate akkan waan ati na kadhattuu hundumaa siif guutu turee'' jedhee deebisef. Kem yeroo kana dhaga'ettii boo'a gara qarqara galaana Ram jirutti sokkee sammusattia akka hiriyaasa dhiise qofaasa bashannanaa ture yaadamee baaye gaddaan guutame. #Oduudurii

Funyoo Guyyaa tokkoo namichatu gaara irra deema turee. osoo deemu aduun itti dhiite. Baaye dukkan'a turee waan tokkollee arguuf kan ulfaatu turee. Sababni isaas Ji'i fi Urjiiwwan duumessaa cimaadhan haguugamanii turan. Namichis Iddoo innii dhaabbatee fiixee gaara irra turee. Dukkana waan tureef eessaa akkaa dhaabatee jirullee beeku hin dandeenye. Yemmuu tarkaanfachuuf miila isaa kaasettis gaaricha irraa gad furguggifamee. gaarichi baay'ee ol ka'aa waan tureef qilleensaarra saffisaan gad kaachuu eegalee. Qilleensa irrattis kan itti mul'atu waan tokkoyyuu hin turree. Qilleensis baaye waan isa ukkamse tureef abdii kutee ''kun guyyaa dhumaakoti'' jedhee murteessee. Yaadonnii abdii kutannaas toora tooraan sammuussaa dhiphisanii. Osoo akkasittiin du'aaf jireenya gidduu jiruu akkaa tasaa haala nama ajaa'ibuun funyoo xaxamee ture irrattii kufee. Garuu ammas waan hamaatu isa mudatee. Funyoon innii irratti kufe kun garaasaf dugda isaattii waan xaxameef hudhee qabee qilleensaa irrattii hambisee. Ammas namichi baaye muddame. Naannoo eessaa akka jiruu maal akka jirus waan tokkoyyuu itti hin mul'atu turee. Namni inni ittii iyyatee gargaarsa irraa argatus tokkollee hin turre. Filannoon innii qabu gara Waaqayyottii iyyuu qofa ture. Innis irra deddeebi'ee yaa ''Waaqayyo na gargaari'' jedhee iyyee. Akka tasaasa sagaleen waaqarra dhagahamee, Waaqayyos akkas jedheeni. Waaqayyo:-" Maal akkan sii godhu barbaadaa?'' Namicha:-"Na oolchi" Waaqayyo:-" Akkan si oolchu ni amantaa?" Namicha:-" Eeyyee nan amana" Waaqayyo:-"Yoos funyoo si hidhee jiru ofirraa kutii." Namichis xiqqoo erga callisee yoon ofirraa kutee nan du'a jedhee yaada'e finyochaan hudhamee hanga bari'uttii turuuf murteesse. Borumtaa namoonnii gaara irraa yaabuf deeman osoo darbaa jiranii namicha funyoon hudhee rarra'e du'ee jiruu argani. olka'iinsi namichi irrattii fannifames lafarra faana tokkoo qofa turee. Egaa nutis harra maaliin hidhamnee jirraa laata? Ofirraa kutuu ni dandeenya? Wanta Waaqayyo nu irratti ilaalu jibbee of irraa kutuu dadhabuu keenyan akka hin duuneef of ha ilaalluu. Bara jiraattuu keesattii jecha Waaqayyo hin shakkiin. Yoo gowummaa fakkaateyyuu Waaqayyo akka funyoottii kan jireenyake hidhee jiruu ofirraa kutii yoo siin jedhe shakkii tokkoo malee ofirraa kutii. #Oduudurii

Qoosa Ogeessaa Namni Ogeessii tokkoo namoota waan tokkoo irrattii yeroo baayyee irraa deddeebi'anii waliin morman hubatee jecha isaanii dhaggeefata turee. Guyyaa biraa ammas osoo isaan waliin mormanii argee jecha isaani dhageefachuu dhiise qoosa tokkoo isaanittii himee, hundi isaaniyyuu baayyee kolfan ammas lammata qoosicha isaanittii himee, namoota muraasa qofatu kolfee yeroo sadaffaaf qoosicha dabalee isaanittii himee namni tokkoyyuu hin kolfine. Sanaan booda erga xiqqoo qasa'e akkas jedheen " Qoosa wal-fakkaatu si'a sadiif irraa deebi'e isinittii himnaan sadaffaa irrattii kolfuu siddanii garuu dhimma keessan irrattii yeroo hundaa wal-falmaa ooltuu" kanaafu wal-falmuun waa'e hin baase hojiidhan furaa jedhe jedhama. Hubadhu:-Dukkana keessaa dhaabattee waa'e ifaaf namaan murmuu irraa dungoo qabsiifte hojiin agarsiisuke wayyaa. Nama oduu osoo hin taane nama hojii ta'i. #Oduudurii

Gatii Guyyaa tokkoo barsiisaan barattoota isaa walitti qabee gidduu isaanitti qarshii abbaa dhibbaa Koroojoo isaa keessaa ol baasee"Eenyutu qarshii kana fudhachuu fedha" jechuun gaafate. Barattoonni hundinuu wal-saamanii "Ana! Ana!" jechuun wacan. Sanaan booda barsiisichi qarshicha harka isaa keessatti cunqursee micciire,"Ammaho eenyutu fudhachuu fedha" jedhe, baratoonnii ammas "Ana!" jechuun wacan. Barsiisichi sadaffaa irratti qarshicha lafa buuse Kophee isaan lafattii rirriite, lafaa ol fuudhe gaafidhuma dura sana isaaniif dhiheessee, deebin isaani isuma duraa ture. Sanaan booda "hubadhaa yaa ijoollee haallii kamiyyuu gatii qarshii kanaa gadi buusuu hin dandeenye, barbaachisummaan isaas gadi hin buune kanaaf isiniinis rakkinni,dhabuun,argachuun yookin haallii kamiyyuu akkaa gatii keessaan gad buusuuf hin heyyeminaafi" jedhe jedhama. Hubadhu:-Haallii ati keessaa jirtuu haala rakkisaa ta'u danda'a haa ta'u malee garuu gatiikee haala keessaa jirtuun hin madalamu. Argatteef namaa olitti of hin lakka'in dhabdeefis namaa gadittii of hin lakkaa'in. Hammamtaa gatiikee kan siif baasu danda'u haala keessaa jirtu utuu hin taane si'uma mataakeedha kanafu ilaalcha ofiif qabdu sirreessii. #Oduudurii

Gorsa Guyyaa tokkoo mucaa araada Sukkaara nyaachu qabu tokkotu ture. Kana irraa kan ka'e haadhi isaa akka inni Sukkaara nyaachuu dhiisuuf baayyee gorsitu illee dhiisuu didee rakkisaan ture. Haadhi mucichaa fayyaa mucaa isheef waan baayyee yaadofteef murtoo tokkoo murteessite. Ogeessii naannoo isaanitti beekamaa ta'ee, kan namni baayyee kabajuu tokkotu ture. Isheenis gara isaa deemudhaan mucaa ishee akkaa gorsuuf gaafachuuf murteessite. Guyyaa tokkoo obboroodhaan mucaa ishee qabattee gara mana ogeesichaattii imaltee. Akkuma mana ogeesichaa geesseen wa'ee mucaa ishee ittii himtee, akka innii gorsuuf gaafateen. Ogeesichi garuu mucaa ishee gorsuuf heyyamamaa hin turree, ji'a tokkoo booda akka deebitu ittii himee. Isheenis ogeesichi maalif akkaa innii dide gaaffii utuu ittii ta'u, "Tole" jettee mana isaati baate. Ji'i tokkoo yemmuu guutettii mucaa ishee wajjin gara mana ogeesichaattii imalan, akkuma achi galaniin ammas ilma ishee akkaa gorsuuf gaafateen. Ogeesichis ilma ishee harka qabatee ishee biraa fuudhe sokkee. Erga tarkaanfii muraasa adeemanii "Yaa ilma koo Sukkaara hin nyaatin jedheen", sanaan booda gara haadha isaattii deebise. Ji'oota muraasa booda haadhi mucichaa mana ogeesichaa dhiiftee mucaan ishee araadicha akkaa dhiise ittii himtee galateefateen garuu ji'a jalqabaa maalif akkaa ilma ishee gorsuu didee lammata irrattii gorseef gaafateen. Ogeessiichis xiqqoo erga kolfee booda akkas jedheen "Yemmuu ati jalqaba dhufte anis araada Sukkaara nyaachudhaan qabameen turee kanaaf mucaa kee gorsuuf mirga hin qabu, ji'a isa lammaffaatti garuu ofiikoos dhaabeen turee kanaafidha" jedheen jedhama. Hubadhu:- Waan gaarii nama gorsuun dura ofiikee gaarii hojjechuun dirqama. Yeroo hundumaa jechi kee fi gochi kee wal-madaaluu qaba. #Oduudurii