en
Feedback
Waldaa Amantoota Hafuuraa fi Dhugaa Guyyaa 7ffaa Addunyaa

Waldaa Amantoota Hafuuraa fi Dhugaa Guyyaa 7ffaa Addunyaa

Open in Telegram

Chaanalii kana keessaan:- Barreeffamoota hafuuraa fi faarfannaawwan haaraa argattu. Yaada keessaniif: https://t.me/waldaadhugaa1 Karaa fb https://facebook.com/groups/556347502142760/

Show more
219
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days
Posts Archive
✨️Akkas ta'e...✨️ Raajichi Saamu'el waan Waaqayyo Elii fi ijoollee isaa irratti gochuuf jedhu erga dhaga'ee booda wanti ta'uuf jedhu ulfaataa ta'uu isaa irraa kan ka'e Eliitti himuu hin sodaate. Garuu immoo ganamaan ka'ee waan Waaqayyo irraa dhaga'e Eliitti hime. Erga dhaga'ee boodaa deebiin Eeliin deebise nama ajaa'ibsiisa ture. Eliinis akkas jedhe, "Inni Waaqayyoo dha, waanuma gaarii ta'ee isatti mul'ate haa godhu!" jedhe.”   — 1Sam. 3:18 Yeroo haalonni rakkisoo ta'an jireenya keenya keessatti nu mudatan ykn immoo waantota amananii fudhachuun isaanii ulfaatan yeroo dhageenyu karoora Waaqayyo nuuf qabu gara shakkuutti dhufna. Garuu, deebiin Elii kutaa macaafa qulqulluu kana keessa jiru, karaa addaa ittiin gara yaada Waaqayyootti dhiyaannu nu agarsiisa. Kutaa kana irratti yeroo itti Eliin yaada Waaqayyoo mormuu fi gaaffii kaasuu dhiisee ofii isaa yaada Waaqayyoof bituun waaqummaa isaa amanatu argina. Mataa ofii akkasitti yaaada Waaqayyoof bituun garraamummaa fi Waaqayyo irratti of-gatuu nama gaafata. Namni Waaqayyootti dhimma isaa gatee dhiisu akkam gammadaadha. Har'as jireenya keenya irratti, wanti nuti yaadne hafee kan nuti hin yaadne yommuu ta'u, qormaati yeroo nutti baay'atu, fayyummaan obboloota keenyaa yommuu jeeqamu, namoota jaallannu yeroo of-biraa dhabnu, bitaa yeroo nutti galu, rakkina irra yommuu buunu, karoora keenyaan faallaa wanti ta'e yommuu raawwatu, fi haala kamiin iyyuu rakkina keessatti yeroo of-arginu amantiidhaan akkas haa jennu:- "Inni Waaqayyoo dha, waanuma gaarii ta'ee isatti mul'ate haa godhu!" Karoora, jireenya, barnootaa fi haalota keenya hundumaa irratti ''Inni waanuma gaarii ta'ee isatti mul'ate haa godhu!" haa jennu. Waaqayyo hojiin isaa sirriidha. Bara inni itti dogoggore hin jiru; hin dogoggorus. ✨️Obboloota ko mataa keesaan irratti ofii keessan muuddanii jirtu moo isin irratti Waaqayyotu muudamee jira laata? #article @https://t.me/waldaadhugaa1              📍  ••• JOIN US ••• 📍 •OMM • Message Us • Share

“Yaa Israa'el, ati gammadi! Eenyu sabni akka kee Waaqayyo oolche? Gaachanni kee fi kee gargaarsi kee isa; billaan kee inni ulfina-qabeessis, diinonni kee si dura in quphanu, ati immoo iddoo isaanii isa ol jedhaa irra in ejjetta" jedhe.”   — Kes. 33:29

2. Waaqayyo yeroo hundumaa akka nu danda'u beekuudhaan. “Akki jireenya keessanii horiidhaaf sassataa hin ta'in, wanta argattaniin "Nu ga'a" jedhaa! Waaqayyo, "Ani matumaa si hin dadhabu, si hin buusus!" jedheera.” Ibr 13:5 ↪️Namni har'a si gargaaree borimmoo nan dadhabe jedhee si yaaddessuu danda'a. Waaqayyo garuu hundumaaf danda'aa keeti. 3. Wanta nu barbaachisu Waaqayyo akka beeku hubachuudhaan. Mat 6:31-34 ³¹ "Kanaafis isin 'Maal nyaanna?' yookiis 'Maal dhugna?' yookiis 'Maal uffanna?' jettanii hin yaadda'inaa! ³² Warri saba Waaqayyoo hin ta'in yaada isaanii isaan kanatti hidhanii jiru'o; isaan kun hundinuu isiniif barbaachisoo akka ta'an garuu abbaan keessan inni waaqa irraa in beeka. ³³ Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa! Kana malees kan barbaachisu hundinuu immoo isiniif in kennama. ³⁴ Waa'ee boriifis hin yaadda'inaa, guyyaan borii ofii isaatiif iyyuu in yaadda'atao; rakkinni guyyaa sanaa duwwaan iyyuu guyyichaaf in ga'a" jedhe. ➡️Guyyoonnikee hafan sin sodaachisin. Waaqayyo akkas siin jedha; “Egaa ani sii wajjin waanan jiruuf hin sodaatin! Ani Waaqayyo kee ti hin na'in! Ani sin jabeessa, ani sin gargaaras; irree qajeelummaa koo isa mirgaatiin ol sin qaba.” Isa 41:10 “Anatti qabamtanii nagaa akka qabaattaniif ani kana hundumaa isinitti hime; biyya lafaatti rakkina qabdu, garuu jabaadhaa! Ani biyya lafaa mo'eera" jedhe.” Yoh 16:33 ➡️https://t.me/waldaadhugaa1

#Hin_Yaadda'in Filp 4:6-7 ⁶ Waan hundumaatti, kadhataa fi himataan galataa wajjin wanti is in barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa malee, waanuma tokkotti yaaddoo hin qabaatinaa! ⁷ Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaa hundumaa irra caalus, karaa Kristos Yesus garaa keessanii fi yaada keessan in eega. ↪️Yaaddoon karaa hedduu jireenya namaatti dhufuu danda'a. Yaaddoo jechuun waa'ee waan ta'uuf jiruu yookiin waan ta'ee darbe tokkoo akkasumas waan amma keessa jiranii sodaachuuti. Wantoonni hedduun akka yaaddoofnuuf karaa nuuf ta'uu danda'u. Haalli jireenyaa, haalli siyaasaa, dhukkubni fi kkf nu yaaddeessuu danda'u. Abbaa fi Haati waa'ee ijoolleesaanii yaadda'uu danda'u. Dargaggoonni jireenya isaanii gara fuula duraa sodaatanii yaadda'u ta'a. Ani garuu har'a ergaan siif qaba. HIN YAADDA'IN. ↪️Yaaddoon bu'aa miidhama kaleessaa fi sodaa boriiti. Namni kaleessa miidhamee, boriisaa immoo sodaatu, har'a yaaddoo jiraata. ↪️Namni kaleessa jabaa tures har'a yeroonni jireenya yaaddoo jiraatu ni argina. Fakkeenyaaf macaafa qulqulluu keenya keessaa Eliyaasiin arguu dandeenya. Eliyaas raajii waaqayyo dubbii afaansaatii kabajuudha. Raajota Ba'aal erga fixee booda garuu jecha Izaabel sodaatee baqatee Waaqayyoon du'a kadhate. 1Mot 18:36-40 ³⁶ Yeroo aarsaa galgalaatti, Eliyaas raajichi gara iddoo aarsaatti dhi'aatee, "Yaa Waaqayyo gooftaa isa kan Abrahaam, kan Yisihaq, kan Yaaqoobis ati Waaqayyo isa kan Israa'el akka taate, ani garbicha kee akkan ta'e, wanta kana hundumaas abboommii keetiin akkan godhe har'a akka beekamu godhi! ³⁷ Jarri kun ati Waaqayyo gooftaa akka taate, yaada isaanii gara ofii keetti deebisuuf akka jirtu akka beekanitti anaaf dhaga'i! Yaa Waaqayyo, anaaf dhaga'i!" jedhee in kadhate. ³⁸ Yommus ibiddi waaqa irraa bu'ee qalmicha gubamu, qoraanicha, dhagaa fi biyyoo gubee, bishaan boollicha keessa tures arraabee in gogse. ³⁹ Jarri hundinuu kana yommuu argan, adda isaaniitiin gombifamanii sagalee guddaadhaan, "Gooftichi kun Waaqayyoo dha! Gooftichi kun Waaqayyoo dha!" jedhan. ⁴⁰ Yommus Eliyaas, "Raajota Ba'aal qabaa! Isaan keessaa namni tokko illee akka ba'u hin godhinaa!" jedhee isaan in abboome; jarri sunis raajota sana in qaban; Eliyaas immoo gara laga Qiisonitti geessee achitti isaan in fixe. 1Mot 19:2-4 ² Kana irratti Iizaabel gara Eliyaasitti nama ergitee, "Akkuma ati raajota Ba'aal fixxe, bor yowwana yoon si ajjeesuu dhabaadhe, waaqayyoliin ana haa ajjeesan!" jette. ³ Yommus Eliyaas sodaatee lubbuu isaa oolfachuuf ka'ee in baqate; Yihudaa keessaa mandara Bersheebaa yommuu ga'e, naa'oo isaa achitti dhiisee, ⁴ ofii isaatii lafa onaa keessa adeemsa guyyaa tokkoo erga adeemee booddee, muka akka dhandhansaa tokko jala in taa'e; achittis, "Ani abboota koo irra waanan hin wayyineef, amma na ga'aatii yaa Waaqayyo na ajjeesi!" jedhee in kadhate. ↪️Har'as tarii mana yaalaatii, hawaasa keessa jiraattu keessaa wantoonni siin jedhaman si yaaddessaa jiraachuu danda'u. Waaqayyo garuu hin yaadda'in siin jedha. ↪️Yaaddoon humna dadhabbiitti gadi nama harkisuudha. “yaaddoon garaa namaa keessa yoo jiraate, gad nama qaba; dubbii gaariin garuu nama gammachiisa.” Fak 12:25 Akkamitti yaadda'uu dhiisna? 1. Yaaddoo keenya Waaqayyotti gatuudhaan. “Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa Waaqayyotti gataatii dhiisaa!” 1Phe 5:7 ➡️Waaqayyo keenya dhagaa jiraataadha. Inni kattaadha. Waan yaaddoo nutti ta'u kattaa kanarratti yeroo gatnu, kattichi yaaddoo keenya bulleessee balleessa. Gatuu jechuun immoo suuta jedhanii irra kaa'uu miti. Irratti darbachuudha. Wanti kattaa kanatti bu'e hin ofkalu. 2Sam 22:2-3 ² Inni, "Waaqayyo kattaa koo, masaraa koo, oolchaa koo tis; ³ Waaqayyo koo da'oo dhagaa, isa ani kooluu itti galuu dha; inni gaachana koo, isa akka gaanfaa fayyina koof faccisu, inni iddoo dhokannaa koo isa ol jedhaa dha; inni anaaf iddoo kooluu itti galanii dha; yaa fayyisaa ko, ati namoota humnaan nama irratti ka'an ana in oolchita.

Hiikkaa maqaawwan macaafa qulqulluu keessaa beekuu barbaaddanii isin rakkisee jiraa laata? Yoo akkas ta'e, kitaaba armaan gadii fayyadamaatii dheebuu hiikkaa jechoota macaafa qulqulluu keessaa qabdanii bahadhaa!!!