en
Feedback
Waldaa Amantoota Hafuuraa fi Dhugaa Guyyaa 7ffaa Addunyaa

Waldaa Amantoota Hafuuraa fi Dhugaa Guyyaa 7ffaa Addunyaa

Open in Telegram

Chaanalii kana keessaan:- Barreeffamoota hafuuraa fi faarfannaawwan haaraa argattu. Yaada keessaniif: https://t.me/waldaadhugaa1 Karaa fb https://facebook.com/groups/556347502142760/

Show more
219
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days
Posts Archive
𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 Maqaan meeqa mogga'ee Dacheerra guute  Marti Amma tokkicha kankee Bareedee hin beeku natti Maqaan yeroo hunda waamu Malaalfadhee itti shoolee Har'as akkaakoo duriin Maqaakee waamaa oole Masoo dhibbaan ibsamtee Maqaan meeqas siif ba'u 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 utuun hin jedhin 𝐎olee buluu'n danda'u #𝐅aarsaa maqaa Yesuus qabu tokko tokko comment naa godhaamee @Waldaadhugaa1

𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 Maqaan meeqa mogga'ee Dacheerra guute  Marti Amma tokkicha kankee Bareedee hin beeku natti Maqaan yeroo hunda waamu Malaalfadhee itti shoolee Har'as akkaakoo duriin Maqaakee waamaa oole Masoo dhibbaan ibsamtee Maqaan meeqas siif ba'u 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 utuun hin jedhin 𝐎olee buluu'n danda'u #𝐅aarsaa maqaa Yesuus qabu tokko tokko comment naa godhaamee @Waldaadhugaa1

YIHUDAA 👉jaalala inni qarshiidhaaf qabu,jaalala inni kristoosiif qabu irra kan caalu ta'e.Shaakala gadhee ta'e tokkoof Bitamaa ta'uu isaatiin,seexana isa gara cubbuu guddaa isa hojjechiisutti dabarsee of kenne 👉amala yihudaa Addunyaan akka beektu sababni taassifameef akkuma isaa namoota himaanaan qulqulla'aan itti kenname hin kabajnee hundaaf akeekkachiisa akka ta'uufidha. 👉Amala gadhee ta'e jalqabumaa kaasanii yoo  ittiin moormuudhaafi irratti mo'icha qabaachuubaatan, seexanaan qoramuudhaaf waan mijatuuf garadhumaatti lubbuun garba seexanaa taati.

DEEBI'EEN SI FUDHADHA! @Yesuus_in_dhufaa Dursee iddoo qopheessuuf Akkaa dhaquu nati himee Dhiigaa isaan na bitaatee Waadaa lubbuu naa seenee Gorsa tokko na gorsee Akkas jedhe qajeelchee Hammeenya biyya lafaa Akkan beekuuf bareechee. Rakkina obsaan moo'i Si fudhaachuuf dafeen dhufaa Biyyi lafaa hamtuudhaa Gugee miti isheen Bofa. Abshaalummaa qabaadhu Sin gowwomsin waanti lafaa Dhaqeen iddoo sirreessa Hin turu dafeen dhufaa. Teessoo kee siin qopheessa Gonfoo kees siifan fidaa An abbaa keen siif ta'a Waanta gaariin siif yaada. Hanga dhufaatii kootti Amanamii jiraadhu Gonfoo ulfina keetii Siin fida sin dhowwadhu. Hin yaadda'in na jalaa Yaaddee waanta kan biraa Mana abbaa kootii keessa Iddoo baay'etu jira. Rakkoon kee nan dhokatuu Mucaa koo sin hubadhaa Akkan waadaa siif galetti Deebi'een si fudhadha. Join for more👇👇👇 https://t.me/waldaadhugaa1

Happy Sabbath All family 🎶

Bilchina(Maturity) Bichinni (maturity) kiristaana tokkof baay'ee waan murteessadha, waan murteessa kanas kiristaanonni hundumtuu qabaachu waan qabaniidha. kanafu waan baay'ee barbaachisaa kana hiika isaa sirri macaafa qulqulluun hubachun dirqamadha. Kiristaanni bilchinni isaa kan hiikamu(define) godhamu eenyummaa tokko irra dhaabbateeti. Eenyummaa sunis Gooftaa keenya yesuus kiristoos dha.  kanaf hiika bilchina gaafa ilaalu dursine yesuus kiristoos bukkee dhaqun murteessadha, sababni isaa waanti hundumtu kan kiristaana kan ittin safaramu fi ilaalamu qabu yesuusin waan ta'ef. yeroo baay'ee bilchinni naannoo keenyaatti karaa gargaran hiikun yaadamu Nama baay'ee odeessuu, Nama baay'ee barumsan iddoo gudda ga'e, Dhageetti guddaa qabachu, Jaalala malee Inaafu, Waan hundumaa ana beeka, Gaggeessa ta'u, Duraa bu'aa namoota ta'u, Namoota hundumaa faanas yaadan walii galu fi kkf fakkeessanii yaadu garuu bilchinni kiristaana akkas miti. Bilchinni Yesuusin ilaalanii deemudha, yesuus kiristoos biyyaa lafa irraa gaafa daddeebi'e tajaajila ture:- 👉Nama baay'ee gad of deebisee 👉Oftuulummaa kan hin qabne 👉Jaalala kan agarsiisu 👉Dhugaa wangeela jaalalan kan barsiisu 👉Fedha abbaa isaaf kan jiraatu 👉Gara laafina guddaa kan qabu 👉Waan hundumaan mudaa tokko illee kan hin qabne ture. kanafuu nun namoota mudaa qaban taane namootuma akka keenya ilaalle deemna osoo hin taane yesuus kiristoosin ilaala jireenya keenyan isaan gaggeeffamna. Namoonni baay'een namootan gaggeeffamun "duumessaa bookka qabne, abdi jireenya hin qabne" keessa daddeebi'un  jireenyaan Yesuus Kiristoosin osoo hin taane namootumaa sana fakkatanii argina. Waamichi Waaqayyoo itti nu waame garuu miira keenya, namoota babbekamoo fi naannoo keenyaa, ilaala beekumsaa irratti warra beekumsa tuullatan qofa taane akka jiraannuf osoo hin taane ilmaa isaa fakkanne jireenya keenyan akka isaan gaggeeffannuf, kunis jireenyi kiristoos akka nu keessan mul'atuf dha. Keessumaa immoo "gad of deebisu" (humbleness)  jireenya kiristoos irraa jiru sirritti nu barbaachisa. Kiristaanummanis gad of deebisuun jireenya Ilmichi jiraate jiraachu waan ta'ef. keessattu kan yeroo kana nu barbaachisu:- 👉Suuta waantoota ilaalu  👉Arrabasuuf kaachurra 👉Cabsuuf yaadurra 👉Maqaa baleessuuf karoorsu irra 👉Jibbuuf ariifachu irraa, 👉Dhagaa obboleessa ofitti darbachu irra 👉 jibban ulfaa'un maqaa balleessu irraa Jaalala ittin jaallatamnen namoota hundumaa jaallachu. Kan qofas osoo hin taane wal jajjabeessu, obboleessa  dadhabee kan abdi kutaate, kan cubbuun mana isaa  godhatef kadhachuu, barbaadu fi gargaarun murteessadha. yeroo hundumaa warra arraaba keenyan dubbii akka dhagaatti namootatti darbannu yoo taane cabaa fi miidhama malee fayyidaa buusnu tokko hin jiru garuu maaliyyu haa ta'u dubbin keenya soogiddaa dubbii sagalee Waaqayyoon miyeeffame Sirreessuf, Qajeelchuf, Karaa agarsiisuf, harreessuf, dheekkamuf, balleessa hubachiisuf, dogoggora irraa deebisuuf, barsiisuf, jajjabeessufi fakkeenya ta'uf yeroo hundumaa dubbiin keenya Dhugaa fi Jaalalan haa ta'u yoos ija godhata. Gorsaa koo isa dhumaa  kiristaanummaan jireenya minyaawa, gammachuu fi boqonnaati, walitti dhufeenya dhuunfaa Waaqayyoo faana qabaachudha, yesuusin ulfeessanii garba ta'an bulufidha. Yaa obbolee jireenya miyooftun fi addaa taate kana utuu hin jiraatin, utuu itti gammadin, utuu itti boqotin darbuu irraa kan caale waan nama gaddisiisu tokko illee hin jiru kanafu macaafa kee dubbisuu, Yeroo hundumaa Waaqayyoo kee beekuf dhama'u, gooftaa kee  milla isaa jala teesse qooda maariyaam filachun tasgaboofte haala naannoo kee jiru dhiistee teesse barachu, sirritti yeroo kennufii, jaalalli kee hojiin haa mul'atu. kadhannatti jabaadhu, dubbiisun hareeffami, laphee kee bani macaafa qulqulluutti dhihaadhu,  tasgabayii jiraadhu, nagaha barii, oftuulummaa kee dhiisi ogummaa kadhadhu. Akka Yesuus jiraatetti jiraachun nuuf haa ta'u. liqimsuun dirqama natii fakkata💊              📍  ••• JOIN US ••• 📍

(Macaafa Faarfannaa 143 ) ------------ 8 Ani waanan si amanadheef, ganama bariidhaan gaarummaan kee akka anatti dhaga'amu godhi! Lubbuun koo ol gara kee waan yaadduufis, karaa irra adeemuun anaaf ta'u ana beeksisi! 9 Warra diina anatti ta'an jalaa na baasi, yaa Waaqayyo! Ani si jalatti nan baqadha. 10 Ati Waaqayyo koo ti, egaa fedha kee gochuu na barsiisi! Hafuurri kee inni gaariin, lafa wal qixxee irra ana haa geggeessu! 11 Maqaa keef jedhii lubbuu anatti deebisi, yaa Waaqayyo! Qajeelummaa keetiinis rakkina keessaa na baasi!

Baqachuunkeessan yeroo gannaa akka hintaanef kadhadhaa yammus rakkinni guddaan ta'uuf jira

Yoh. 14 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ¹ Yesus itti fufee bartoota isaatiin, "Garaan keessan hin raafamin, Waaqayyotti amanaa, anattis amanaa! ² Mana abbaa koo keessa iddoon jireenyaa baay'eetu jira; utuu inni hin jiru ta'ee, isinitti nan himan ture; iddoo jiru sana isiniif qopheessuudhaaf nan adeema. ³ Yommuun dhaqee iddoo sana isiniif qopheessus, iddoodhuma ani jiru isinis akka jiraattaniif deebi'ee dhufeetan gara ofii kootiitti isin fudhadha. 💁‍♂️ABDII QABDANITTI GAMMADAA

+7
Diriba Tirfesa 2015 #6 0915610350 @ Yisakor Ambo 0913111050.mp37.62 MB

Nagaan hunda keessaniif haa baay'atu jechaa!Haala maxxansa dhimma H/W/Efreem M boqochuu ilaalchisee call conference waliif goonee galgala kana irratti waliif gallee waam gochuu qabnu qarshii hanga dandeettii buufnee yeroo gabaabaatti Maatii nama kanaaf birmachuu murteessineerra.kanaafis acc.no pr Yaadasaa irratti dabarsinee screen shoot gochuun page kanarra keenyee animmoo maqaa keessan Seera qabeessaan akkan galmeessuuf karaa bilb 0910706946/0917699340 na dubbisaa nama gargaaruuf nama ta'uun qofti ga'aadha akkuma jedhamu utuu Hin tuffatin gumaachinee Maatii gaddan kanaaf birmanna. Dabalee ijaarsi kun comes koree Seera qabeessa godhatee fuulduraaf raklataa gargaaruu irraa hamga Waldaa haaraa dhaabuufi tamsaasa wangeelaaf hundeen ijaarsa keenyaa cimuu akka qabu waliigalleerra.keessumaa namni waaqayyo lapheekeetti dubbatu ergaa kana jalaa Hin callisin.call confrence isin qaqqaba kana garuu nu deggeraa! Eebbifamaa Maatiwoos Tashoomaatu isiniif barreesse. Ydchsa mucaan isaanii barumsa waan jiruuf dhoksaa adaraa......  Kan Pr. Yaadasaa waakgaariiti 1000334034538 bankii daldalaa

Rajoota sobdu irraa ofii eeggadha √√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√√ Barsiisonni sobduun karicha isa dhiphaa irraa isan kaachisuuf ni ka'u. Isaan irraa of eeggadhaa; Isaan raroo hoolaa yoo uffatan iyyuu keessi isaanii Yeeyyii butatani dha. Yesuus waan ittiin raajota dhugaa fi sobaa qorani ilaalan kenne, "ija isaaniitiin isaan ni beektu, ija wayinii balaan waraanteettii, arbuus kosorruuttii ciruu dandeessuuree?"Kan nuti isaan qorru waan namatti tolu dubbachuu isaaniitiin miti. Dubbii Waaqayyootiin isaanitti faradama. "Warra akka abboommii kanaa fi akka dhugaa kanaatti hin dubbanneef, lafti hin bari'u." "Yaa ilma koo gorsa dubbii beekumsaa irraa si kaachisu dhaggeeffachu dhiisi." Isa. 8:20; Fkn 19:27. Barsiisonni kun ergaa akkamii fidu? Gara Waaqayyoon sodaachuu fi kabajuutti isin geessaa? Seera isaaf abboomamuudhaan ulfina isaaf kennuutti isin kabajuus? Yoo namootni barbaachisummaa seeraatti hin amanan ta'e; yoo yaada Waaqayyoo ni salphisu ta'e; abboommii isaa keessaa isa xiqqaadha jedhamu tokko ni cabsu yoo ta'e, akkasittis namoota ni barsiisu yoo ta'e, Waaqayyo biratti hundee hin qabaatan. Waanti isaan godhan hundee kan hin qabne ta'uu isaa ni beekna. Isaan hojii mootii dukkanaa fi diina Waaqayyoo isa ta'e sanaa hojjechaa jiru.Namootni maqaadhaan itti waamaman hundi kan Kiristoos miti. Warri maqaa kootiin barsiisan baayyeen dhuma irratti hir'atanii ni argamu jedhe Yesuus. "Baayyonni yeroos, Yaa gooftaa, yaa gooftaa maqaa keetiin raajii dubbanneerra mitiiree? Maqaa keetiin hafuurota hamaa baafneerra mitiiree? Maqaa keetiin hojii dinqisiisaa baayyee hojjenneerra mitiiree? Ni jedhu, Ani garuu ani isin hin beeku; isin hamootanana anattii fagaadhaa! Isaaniinan jedha."Namootni dogoggoroo ta'anii utuma jiranii sirrii of se'an baayyeetu jiru. Baayyonni nuti kan Kiristoos jechaa maqaa Isaatiin hojii gurguddaa utuma hojjetanii hojjettoota jal'inaa ta'u. "Afaan isaaniitiin waa'ee jaalalaa baayyee ni dubbatu; garaan isaanii garuu bu'aa jal'inaa duukaa ni bu'a. Ati isaan biratti akka nama sagalee miidhagaadhaan weedduu jaalalaa weeddisuu fi akka nama mi'a faarfannaatiin ba'eessa godhee sagalee dhageessisuuti. Isaan dubbii kee ni dhaga'u, garuu hojii irra hin oolchan" Hiz. 33:31, 32.Maqaadhaan qofa bartuu ta'uun gatii hin qabu. Amantiin Kiristoos inni nama fayyisu akka baayyonni itti dhiyeessan miti. "Amani! Amani! Seera eeguun si hin barbaachisu" jedhu. Haa ta'u malee amantiin abbomamuutti hin geessine amantii sobaati. Yohaannis bartuun akkas jedha, "namni ani isa beeka jedhee abboommii isaa immoo hin eegne sobduu dha. Dhugaanis isa keessa hin jiru. 1 Yoh. 2:4. Namni kam iyyuu dubbii guddisuu ykn dinqii mul'isuu akka waan ittiin dhugaa mirkaneessanitti hin ilaalin. Yeroo namootni dubbii Waaqayyoo salphisanii dubbachuudhaan miira ofii isaanii mul'isan akka ifni Waaqayyoo isaan keessa hin jirre sanaan beekna.Bartuu ta'uun kan ittiin qoramu abboomamuudhaan dha. Abboommii eeguudhaan jaalala dhugaa qabnu mul'ifha. Yeroo barsiisi barsiifamne cubbuu nu keessatti ajjeesee, lubbuu keenya xuriittii qulleessee, ija qullaa'ummaa naqatu dubbiin sun dubbii dhugaa isa kan Waaqayyoo ta'uu isaa ni beekna. Yeroo jaalalli, gaarummaan, ho'i, gara laafummaan jireenya keenya keessaa mul'atu; waan qajeelaa gochuutti yeroo onneen keenya gammadu; yeroo anummaa utuu hin taane Kiristoosiin ol qabnu; amantiin keenya sirrii ta'uu isaa ni mirkaneeffanna. "Abboommii isaa eeguudhaan isa beekuu keenya ni hubanna." 1 Yoh. 2:3

Kadhannaan Filanno Utuu Hin Tane Dirqama Kiristiyaanati! Mee Macaafni Maal Jedha? =============================== 👉" Qoramatti akka hin galleef dammaqaa, kadhadhaa! Hafuurri illee dhimmaa dha, foon garuu dadhabaa dha" jedhe." (Maarqos 14: 38) 👉" Warra isin abaaran eebbisaa, warra isin arrabsaniifis kadhadhaa! " (Luqaas 6: 28) 👉" Inni isaaniin, "Midhaan sassaabamu danuu dha; hojjetoonni sassaaban garuu muraasa. Kanaafis hojjetoota midhaan sassaaban itti haa yaafatuuf, abbaa midhaanichaa kadhadhaa." (Luqaas 10: 2) 👉 "Egaa isinittan hima, kadhadhaa isiniif in kennamaa, barbaadaa in argattuu, balbala rukutaa isiniif in banama." (Luqaas 11: 9) 👉" Yeroo hundumaa dammaqaa, wanta ta'uuf jedhu kana hundumaa jalaa ba'uudhaaf, ilma namaa duras dhaabachuudhaaf humna akka argattaiif kadhadhaa" jedhe." (Luqaas 21: 36) 👉" Inni immoo, "Attamitti rafuu dandeessu? Ka'aa, qoramatti akka hin galleef kadhadhaa!" ittiin jedhe." (Luqaas 22: 46) " Hamma ammaatti isin maqaa kootiin waan tokko illee hin kadhanne; egaa gammachuun keessan guutuu akka ta'uuf kadhadhaa, in fudhattus!" isaaniin jedhe." (Yohannis 16: 24) 👉" Kadhataa fi himata keessan hundumaa keessatti yeroo hundumaa hafuuraan geggeeffamaatii kadhadhaa! Egaa kadhachuutti dammaqaa, obsaanis itti jabaadhaa, warra Waaqayyoof qulqullaa'an hundumaafis kadhadhaa! " (Efesoon 6: 18) 👉" Obboloota ko, nuufis kadhadhaa! " (1 Tasaloniiqee 5: 25) 👉" Yoos dhukkubattii akka fayyifamtanitti cubbuu keessan walitti himadhaa, waliifis kadhadhaa! Kadhannaan nama qajeelaa waan baay'ee hojjechuu in danda'a. " (Yaaqoob 5: 16) 👉" Isin garuu michoota ko, amantii keessan isa hundumaa caalaa qulqulluu irratti dhaabamaatii cimaa! Hafuura qulqulluudhaan geggeeffamaatii kadhadhaa! " (Yihudaan Erge 1: 20) =============================== 🙏Yaa Kiristiyaanaa Seexanni Hojiirra Jira In Rafiniitii Kadhadhu! Hafuurri Qulqulluun Humna Kadhannaa Eenyummaa keetti haa hidhu! ============

Hattoota Waldaa Kiristaanaa .pdf41.99 MB

hattoota waldaa kiristiyaanaa.pdf4.97 KB

..................Jalqaba Qottokee Qari................ ***share with your friends***** ........................................................................ Gaf tokko namicha mukaa muruudhan bayyee cimaa ta'e tokkotu dhaabbata hojii mukaa hojjetu tokko hojiidhaf gaafate. Kaffaltiin isaanis bayye bareeda wan ta'ef namichichi kun isaan wajjin hojechu barbaadee geggeessaa dhabbaticha itti deddeebi'ee kadhatee guyya muraasa boddee mindeeffame. Sana booda geggeesichi namicha wajjira isaatti wamee "guyyatti muka 15 murtee dhiyessuu qabda"jedhen namichichi deebise" goftako ani akka biyya kanaatti nama muka muruudhan gita hin qabnedha isaaf hin yaadda'in" jedhen. Sana booda geggesichi qottoo itti kennee lafa mukti muramuu itti agarsise. Namichichis guyya isa jalqabatti muka 20 muree fide. Geggessan isaas bayye gammadee "dhuguma ati nama cimaadha amma harratti namonnin ani mindesse hundi muka 15 gadi murani fidaa turani.ati garuu guyyaa tokkon muka 20 murte bayye dinqiidha jabaadhu" jedhen. Namichichis jajuu aragatetti bayyee gammadee guyya lamaffaa hojii isaatti bobba'e. Harramma isa kalessaa caalan muruu qaba jedhee guyya gutuu muraa ole.garuu muka 15 qofa muree fidee dhufe. Guyyaa sadaffatis hojii kalessa hojetetti bayyee aaree humnasaa jabeefatee hojii isaatti bobba'e .garuu humna bayyee dhangalasee guyya gutuu muraa olee muka 10 qofa muree gale. Ammas guyya 4ffaa tti muka xiqqo mure gale. Guyyaadha guyyaatti hammi inni muru xiqqacha xiqqachaa dhufe. Bayyee aaree gadde gara geggeessa isaa bira dhaqee "Gooftako guyyadha guyyatti humnakoo fixeen yero hojikoo maleyyu muraa olee garuu hammin ani muru guyyuma guyyan najala xiqqaacha dhufe malodha wansa naf hin galle?" Jedhe gaafate. Geggeesichis deebisee " yoomidha kan ati qottokee yeroo dhumaatif qarte?" jedhen. namichichis deebisee"gooftako ergan hoji kana jalqabe qaree hin beeku guyya gutuun muraa oola wan ta'ef qaruudhafis yeroo hin arganne " jedhen.yeroo kana geggessichi " isa jalqaba gochu qabdu gochuu dhiisu keetin akkasumaan humnakee fixxee dhaabbata keenyas kasaarsiteetta" jedhe namichicha hojirra geggeesse jedhama. ************ Obbolakoo nutoo harra meeqan keenyatu wan jalqaba gochu qabnu dhiisne akkasumaan humna keenya fixne kassaraa jirra laata? .......................Fakkeenyaf............................ -Faarfataa ta'un dura ayyaanatti dabalate wantoota faarfannaadhaf barbaachisan yoo guuttanne qottoo keenya qarannerra jechuudha. faarfannan keenyas baredaa simboo qabachaa isa kalessaa irra nama fayyisaa deema. -Muziqeessan guyya guyyadhan wanta haraa hordafe shaakalaa barumsa muuziqaadhan wal qabate barachaa dandeettisa guddifatee gaafa hojiisa itti fufu qottosaa qarateera jechuudha. Yeroo kamiyyu hojin isaa dabalaa deema. -Abban wangeelaa ayyaana isaatti dabalatee utu barumsa theology faa baratee hubannaa macaafa qulqullu dabalatee humna kadhanna isaa guyya guyyadhan dabalatee, qottosaa qarateera jechuudha.namni kun gaafa akkas godhu bara hunduma dhaloota kam kessattuu lallabaa hafa. -Raajin ayyana isaatti dabalatee barumsa macaafa qulqullu yoo barate qottosaa qarateera jechuudha -Geggessitonni waldaa kiristayanaa akkataa geggessummaa ilaalchise leenji yero yerotti yoo fudhatan. Macaafa qulqullu sirritti dubbisani kadhanna isaani guyya guyyatti yoo dabalaa deeman, qotto isaani qaratan jechuudha.kanaf waldaan isaan geggeessitu yero kamiyyu hin kuftu. -Barataan yoo barumsa isaa seeran qayyabatee yerosa lafa hin taaneti fi wan hin taanetti qisaasessu dhiise qottosaa qarateera jechuudha. Kanaf qormaata kamiyyu akka salphaatti darbu danda'a. - Daldaalan daldaala isaa daldaalatuma yoo akkataa horii amma argatu caala ittin argatu ta'e yoo yaade akkasumas Barumsa business dhan walqabate tokko tokko yoo barate qottosaa qarateera jechuudha.yeroo kamiyyu kasaruu hin danda'u. KANAAF KOTTAA JALQABA QOTTOO KEENYA QARANNA! Wan dubbistanif horaa bulaa! ************ ......

Seera moo sanbata mormaa jirtu? Kakuu haaraatti seerri hin barbaachisu, nuti bilisaa, seerri fannootti cinqaarsameera, ... kan jedhu waca namoota baay'eeti. Garuu waanti kun kan inni dhagahamu yeroo mata dureen "hin hatiin" jedhu dubbatamu miti. Yeroo mata dureen waaqa tolfamaaf hin sagadiin jedhu ka'u miti. Abboommii kurnan keessaa yeroo dhimmi sanbataa ka'u rifeensi nama baay'ee ni dhaabbata. Seerri hin barbaachisu taanaan hundumasaa walumatti daaraa gochuu dha. Sana booda akkuma sanbata qulqulleessuu dhiistanii hojii keessan hojjettan sanitti hannas, sobas, ejjas, ajjeesuus, waaqa tolfamaaf sagaduus, maqaa Waaqayyoo akkasumaan dhahuus, haadhaa fi abbaa ofii salphisuus, itti fufuu dha. Sababnisaa kurnan isaanii ergan takkaa dhagaa lama irratti harka Waaqayyootiin barreeffamanii museetti kennaman waan ta'eef. Seeronni kakuu haaraatiin iddoo buufaman ni jiru. Isaan ammoo adeemsa cubbuuf furmaata gochuu keessatti waan gaaddidduu ta'uun yesuusiin agarsiisani dha. Sanbanni ammoo otoo cubbuun dachee keenyatti hin seeniin kenname. Itti yaaduu dha. Fknf phaawuloos akkana jedha. “Inni nagaa buusuudhaan qooda gosa lamaanii namummaa haaraa isatti argamu tokko akka uumuuf #abboommotaa fi #toora_seera sanaa namoota irraa kaase.” Efe. 2:15 Hima isa "..abboommotaa fi #toora_seera sanaa namoota irraa kaase." Jedhu qofa yoo fudhannee fiigne ni kufna. Sababnisaa hundeen dubbii kanaa maal akka ta'e beekuu waan qabnuuf. Gaaffilee gadii kana lamaan sirriitti deebisuu qabna. 1. Gosoonni lamaan gargar bahanii turan kan yesuus nagaa buuse eenyuuf eenyu dha? "Inni nagaa buusuudhaan qooda gosa lamaanii.." 2. Abboommonnii fi toorri seeraa jara kana adda baasee ture kan amma kaafame maali? Deebiin kanaa salphaa dha. Fagoo otoo hin deemne Efesoon boqonnaan lama deebiisaa sirriitti nuuf kenna. 1.. kan gar gar bahe saba Waaqayyoo fi ormoota “Kristos nagaa keenya; inni keenyan diinummaa isa gidduu ture diigee, warra Yihudoota hin ta'in Yihudootas, lamaanuu tokko godheera.” — Efe. 2:14 Saba Waaqayyoo warra hin ta'iin fi warra kakuu dhaqna qabaatiin saba Waaqayyoo jedhaman gidduu garaagarummaatu ture jechuu dha. Jechuunis yihudootaa fi ormoota gidduu. 2. Kan gar gar isaan baase ammoo seera dhaqna qabaa fi bakka birootti ammoo seerota ayyaanaati dha. Phaawuloos ergaa isaa kana keessatti takkumallee abboommiin kurnan gargar bahumsa fideera jedhee hin dubbanne. Abboommiin kurnan namoota irraa kaafamaniirus hin jenne. Inni waa'ee dhaqna qabaa dubbataa jira. Kanas akkaataa itti phaawuloos ibsu ilaali. “Isin warri saba Waaqayyoo hin ta'in, "Warra dhagna qabatan" waan harkaan dhagna namaa irratti hojjetamuun warra of waaman biratti, "Warra dhagna hin qabatin" jedhamtanii akka waamamaa turtan yaadadhaa!” Efe. 2:11 Kanaafuu maddi gargar bahumsaa maal akka ta'e ifaa dha. Egaa abboommiin kaafameera otoo hin jedhiin Abboommii kaafame beekuun barbaachisaa dha. Waa'ee seerota kaafaman kanneen gaaddidduu turanii immoo ibroota keessattis ifatti ibsameera. “#Seerichi garuu #gaadidduu wanta gaggaarii dhufuuf jiran sanaa ti malee, bifa dhugaa isa isaan ittiin mul'atan miti; inni karaa #aarsaa waggaa waggaadhaan utuu gargar hin citin dhi'eeffaman sanaa, warra dhi'aatan fiixaan kan ba'an gochuu matumaa hin dandeenye.” Ibr. 10:1 Seerri gaaddidduu jedhame kun seerota ayyaanaa kan cubbuu ofiif jecha sabni aarsaa waliin gara Waaqayyoo dhufu dha. Kanadha karaa du'a yesuus kan kaafame. “Akka jaalala Waaqayyoo sanatti, dhagni Yesus Kristos yeroo hundumaaf akka ta'utti, al tokkicha aarsaa ta'ee dhi'eeffamuudhaan nuyi Waaqayyoof qulqulleeffamneerra.” Ibr. 10:10 Seera seera jechaa garaa garummaa abboommii kurnanii fi seerota ayyaanaa hin beeknu taanaan dogongora guddaa keessa buuna. Waaqayyo hubannaa nuuf haa kennu. Share gochuudhaan gahee keessan bahaa. Eebbifamaa! https://t.me/waldaadhugaa1