en
Feedback
Oromic Mindset 🧠

Oromic Mindset 🧠

Open in Telegram

Ilaalchakee jijjiiruun jireenyakee jijjiiruu ni dandeessa. Ilaalchi waan hundumaati. Carraa business fi leenjii ijaarsa namoomaa argachuuf👉 @keba41 Phone: 0912645484 0941787814 t.me/keba41 Gatii kee jiraatta! gatii ofiif laadhu!

Show more
664
Subscribers
+324 hours
+77 days
+2830 days

Data loading in progress...

Similar Channels
No data
Any problems? Please refresh the page or contact our support manager.
Tags Cloud
No data
Any problems? Please refresh the page or contact our support manager.
Incoming and Outgoing Mentions
---
---
---
---
---
---
Attracting Subscribers
June '26
June '26
+18
in 0 channels
May '26
+67
in 0 channels
Get PRO
April '26
+45
in 0 channels
Get PRO
March '26
+47
in 2 channels
Get PRO
February '26
+36
in 0 channels
Get PRO
January '26
+41
in 0 channels
Get PRO
December '25
+32
in 1 channels
Get PRO
November '25
+30
in 0 channels
Get PRO
October '25
+29
in 0 channels
Get PRO
September '25
+11
in 0 channels
Get PRO
August '25
+23
in 1 channels
Get PRO
July '25
+33
in 0 channels
Get PRO
June '25
+44
in 1 channels
Get PRO
May '25
+27
in 0 channels
Get PRO
April '25
+27
in 0 channels
Get PRO
March '25
+37
in 0 channels
Get PRO
February '25
+35
in 0 channels
Get PRO
January '25
+23
in 0 channels
Get PRO
December '24
+21
in 0 channels
Get PRO
November '24
+21
in 1 channels
Get PRO
October '24
+39
in 1 channels
Get PRO
September '24
+63
in 2 channels
Get PRO
August '24
+33
in 0 channels
Get PRO
July '24
+31
in 2 channels
Get PRO
June '24
+15
in 0 channels
Get PRO
May '24
+16
in 0 channels
Get PRO
April '24
+17
in 0 channels
Get PRO
March '24
+242
in 0 channels
Date
Subscriber Growth
Mentions
Channels
12 June+1
11 June+3
10 June+1
09 June0
08 June+2
07 June+3
06 June+1
05 June+2
04 June+2
03 June0
02 June+1
01 June+2
Channel Posts
2
Kophee, Uffataaf of miidhaksuuf qarshii kumaatama ni baasta. Leenjii ittiin sammuukee ijaartuuf garuu gatiin isaa qaaliidha j
Kophee, Uffataaf of miidhaksuuf qarshii kumaatama ni baasta. Leenjii ittiin sammuukee ijaartuuf garuu gatiin isaa qaaliidha jetta! Waan kana sihaa hubachiisu! Kophee, uffata, meeshaaleen of miidhagsuun bareeda ta'us kuni baasii jalatti ramadama. Sammuu ofii milkaa'ina borii ofiif leenjiidhaan ijaaruuf qarshii baasuun immoo investimentiidha. Investimentiin boru deebi'ee bu'aa siif kenna. Kuni galiidha. Baasii baay'isuumoo galii baay'isuutu siif furmaata? Dhugumatti galii akka ati jettu nan amana. Kanaaf leenjii galii naaf argamsiisu fudhachuuf qophiidha yoo jette Comment irratti qophiidha jedhii barreess! telegram: t.me/keba41 WhatsApp: 0912645484 Bilbila: 0912645484
133
3
🔥 Humna Kee Wanta Dandeessu Irratti Oolchi! 🔥 Namoonni baay’een yeroo isaanii wanta jijjiiruu hin dandeenye irratti gubu. G
🔥 Humna Kee Wanta Dandeessu Irratti Oolchi! 🔥 Namoonni baay’een yeroo isaanii wanta jijjiiruu hin dandeenye irratti gubu. Garuu milkaa’inni kan dhufu wanta to’achuu dandeessu irratti hojjechuudhaan. ✅ Xiyyeeffannaa kee jijjiiri ✅ Hojii xiqqoo har'a jalqabi ✅ Sodaa kee hojii irratti mo’i Yaadadhu: "Wanta jijjiiruu hin dandeenye irratti hin yaadda'iin; wanta jijjiiruu dandeessu irratti garuu humna kee guutuu fayyadami!" 💪 🚀 Abdii hin kutin! Har'a jalqabi, boru ni mo'atta! 👇 Komentii keessatti akkas jechuun barreessi: "Humna koon jalqabeera, nan mo'a! 🎯🔥"
88
4
No text...
108
5
No text...
118
6
Mee herrega kana haa hojjennu! Nama mana barumsaa galu: Gara mana barnootaa deema. Yoo xiqqaate Waggoota 13f barnootaan dabarsa. Ni qacarama. Gidduu galeessaan miindaa ji'aa 12,000 qacarama. Waggaatti 120,000 ni argata! Baasii jiru(Mana kiraa, asbeezaa, uffata, qulqullina, fayyaaf, transportf,) baasee kan irraa hafu hangam qusachuu danda'a? haa jennuuti waggaatti qarshii qarshii 40,000 haa qusatu. Waggaa 10tti qarshii 400,000 qusata. Kanayyuu baasii hamaan qala'iinsi jireenyaa gidduutti dhufee daaraa botoroo gochuu danda'a mitiiree? jenneema kanuma haa qusatu. Namni kuni mana bitachuu yookaan ijaarrachuu barbaada. Mana tokko bituufis ta'e ijaaruuf yoo xiqqaate qarshii miiliyoona tokko isa gaafata. Salphisneetudha. Waggaa 10tti 400,000 yoo qusate milliona tokko qusachuuf waggaa 25 itti ni fudhata. Waggaa digdamii shanan kana qarshii milliona tokkoon manni ni jiraawoo? Tole haa jiraatus yerichatti keessatti awwaalamuuf moo keessa jiraachuuf ijaarrataa? Wanti gidduutti daganne namni kun gaa'ela dhaabbatee yookaan dhaabbattee maatii horataniiru. Mana barumsaa galchuu, ijoollee guddisuun jira! Kanaafuu maal wayyaree? Namni tokko guyyaatti sa'atii 24 qabu keessaa 8 hojjetee 16 lafa kaa'ee of jijjiiruun hin danda'amu. Tarii Gaggeessaa, NGO galuu jedhanii yaadu ta'a. Kuni harka 100 keessaa nama 5 qofaadha kan kanaan milkaa'u! Sa'atii dabalataa hojjechuu, madda galii yoo xiqqaate 2 qabaachuu qabu. Warri madda galii 1 qofaa qabdan 2ffaa ni barbaadduu? warri madda galii hin qabnehoo? warri madda galii 2, 3 qabdanihoo waan barbaaddan argataa jirtuu? Dubbii jabduu dhangaa qabdu kana irratti waliin haa mari'annu waliin haa furru. Mariin maraatan qabu! t.me/keba4
100
7
No text...
102
8
Kun abdii qofa miti. Seera dha. 🔥
118
9
"Akkuma namni yaada garaa isaa keessaa qabu taʼe, inni akkuma sana." (Fakkeenya 23:7) Waaqayyo hafuura sodaa utuu hin taane, hafuura humnaa, jaalalaa fi of-qabuu siif kenneera. Gaaffiin kun yeroo baay’ee namoota biratti ka’a: “Maalif sooressoonni sooresa ta’an?” “Maalif hiyyeeyyiin hiyyeeyyii ta’an?” Namoonni hedduun deebii isaa alaan barbaadu — carraa, maatii, mootummaa ykn haala jireenyaa komatu. Garuu dhugaan isaa gadi fageenya qaba; keessaa maddu dha. Soorummaan ofiin dhugaa miti. Hiyyummaanis ofiin dhugaa miti. Lamaan isaanii iyyuu yaada nuti amannee fudhanne gara jireenyaatti dhufe qofa. Mee fakkeenya haa ilaallu. Namoonni lama maatii tokko keessatti dhalatan. Magaalaa tokko, mana barumsaa tokko fi haala wal fakkaataa keessatti guddatani. Tokko sooressa ta’e. Tokko hiyyeessa ta’e. Garaagarummaan isaanii maal ture? Garaagarummaan isaanii waa’ee soorummaa, waa’ee ofii isaanii fi waa’ee jireenyaa maal akka amanan ture. Tokkoon, “Aniis sooressa ta’uu nan danda’a” jedhee amane. Kan biraan, “Nuti gonkumaa sooressa hin taanu” jedhee amane. Lamaan isaanii iyyuu akka amantii isaanii ta’eef. 95% jireenyi keenya eessaa dhufa? Qorannoon saayinsii dhugaa ajaa’ibaa tokko mirkaneesseera; sammuun namaa keessaa 5% qofa beekumsa guutuun hojii irra oola. 95% garuu osoo hin beekin, osoo hin yaadin, sammuu keessaa (subconscious mind) keessatti waan kuufame irraa maddu. Har’a waan si mudatu, soorummaa ykn hanqina ati qabdu, jaalala ykn kophaa ta’uu ati keessa jirtu, fayyaa ykn dhukkuba ati qabdu — kun hundi baay’inaan sammuu kee keessaa keessatti waan amantii ta’ee kuufame irraa maddu. 👉 Oduu gammachiisaan garuu kana: Hireen namaa harka isaa keessa jira. Jireenya kee jijjiiruuf haala alaa jijjiiruun dirqama miti. Yaadaa fi amantii kee sirreessuun qofti ga’a. Hanqinniis ta’e badhaadhinni dhugaa kee miti; amantii kee dha. Namni “Maallaqa hin qabu” jedhu baay’ee yeroo maallaqa dhabuu isaa qofaaf miti. Rakkoon isaa: “Yeroo hunda na jalaa bada,” “Anaaf hin ta’u,” “Soorummaan kan namoota biraati” jedhee amanuu isaa ti. Amantiin kun sammuu isaa keessa guuteera. Sammuun keessaa immoo waan amane hojii irra oolcha. Badhaadhinni nama badhaadhina amanuuf haala uumamaa ta’a. Maaliif? “Soorummaan anaaf uumamaa dha” jedhee amana. Yoo yeroo muraasaaf dhabes, “Deebi’ee ni dhufa” jedhee amana. Waan amanuuf ni ta’aaf. Jaalallis ta’e jibbi, namoota biroo irraa qofa hin dhufu. Baay’een keenya jaalala alaan barbaanna — nama biraa irraa, haala irraa ykn carraa irraa. Garuu dhugaan isaa, jaalalli keessaa burqa. Jibbis keessaa burqa. ✅ Addunyaan akka daawwitii dha; waan keessa kee jiru siif agarsiisti. Iyyesuus Kiristoos waggoota 2,000 dura jechuun: “Wanti nama keessa galu nama hin xureessu; wanti nama keessaa ba’u isa xureessa.” — Maarqoos 7:15 Wanti hundi keessaa ba’a. “Kanaaf isinitti nan hima; waan kadhattan hundumaa akka argattanitti amanaa, isinis ni argattu.” — Maarqoos 11:24 Utuu hin taane dura akka ta’eetti amanaa. Kun jechuun “Assumption” dha — waan barbaadde akka siif raawwatameetti guutummaatti yaaduu. “Amantiin kee si fayyiseera.” — Luqaas 17:19 Yesuus, “Dinagdeen si fayyiseera” hin jenne. “Kadhannaan si fayyiseera” hin jenne. “Amantiin kee si fayyiseera” jedhe. Sababni isaa amantiin bakka wanti hundi irraa jalqabu dha. Kanaaf jireenya kee jijjiiruuf furtuun: 🌅 Ganama yeroo dammaqxu: “Har’a yaada akkamii nan filadha?” jedhii of gaafadhu. Sammuun kee akka lafa qonnaa ti; waan itti facaafte siif biqilcha. 🔁 Deddeebisii dubbadhu. Waan amantu ta’utti hamma geessu dubbadhu. Jechi sun yeroo dheeraaf sammuu kee keessaa keessa seenee qubata. Yeroo sammuun keessaa fudhatu, jireenyi kee jijjiirama. 👉 Utuu hin rafin dura: Kun yeroo murteessaa dha. Yeroo hirribni si qabutti sammuun kee keessatti yaadni salphaatti fudhatama. Yeroo sana waan barbaaddu akka argatteetti yaadi. Galateeffadhu. Rafi. Halkan guutuu sammuun kee yaada sana irratti hojjetti. Haala jiru jijjiiruu eeguu irra, amantii kee waa’ee haala sanaa jijjiiri. Sababni isaa: Yaadni kee yoo jijjiirame, addunyaan kees ni jijjiiramti.
130
10
No text...
108
11
Torban kana maaliin dabarsuuf? Galii hangamii argachuuf? Socila media fayyadamtanii bu'aa buusuuf maal karoorfattan? Qaamaan hojjettanii galii akkamii argachuuf jirtu? Bilbilaan galii akkamii hojjechuuf jirtu? Iddoo kamiyyuu teessanii kan hojjechuun danda'amu argachuu ni dandeessu! Kutannoo cimaa nama qabuuf nama 4f carraa kana nan kenna! Bilbila: 0912645484 Telegram: t.me/keba41
134
12
Ati isa kam?
Ati isa kam?
101
13
Maaliif Wiixata Sodaatta? 🧠 Baay’een keenya yeroo boqonnaa keessa jirru kanatti yeroo boruu yaadnu, miira dhiphinaa tokko nutti dhaga’ama. “Bor Wiixata dha” jennee yeroo yaadnu, ol'aantummaan keenya gadi ni bu’a; dhiphinni keenya ni dabala. Garuu yeroo tokko dhaabbattee of gaafatteettaa? Kan ati sodaattu Wiixata mataa isaa moo jireenya Wiixata keessa jiraattu sana? Dhugaan isaa kana: Wiixata kan ati jibbitu hojii baay’ee waan qabduuf miti; fedhiin keessaa kee (passion) fi hojiin ati hojjechaa jirtu waan wal hin simneefi. Yoo bakka sanaaf hin uumamne ta’e, hojiin sun hojii osoo hin taane “mana hidhaa” siif ta’a. 1️⃣ Dogoggorri guddaan “mindaa” qofa hordofuu dha Yoo sammuun kee waan itti gammadu hin hojjenne, maallaqni dhuma torbee ykn ji’a irratti argattu duwwaa kee guutuu hin danda’u. Namoonni milkaa’an Wiixata kan hawwan, guyyaan sun guyyaa abjuu isaanii itti mul’atan waan ta’eef. Garuu siif Wiixanni mallattoo dhiphinaa yoo ta’e, yeroon karaa kee irra deebitee ilaaltu amma dha. 💡 2️⃣ Wiixanni diina kee miti Wiixanni namoota mo’ataniif carraa haaraa dha; namoota mo’amaniif ammoo sababaa haaraa dha. Yoo wantoonni akka jijjiiraman barbaadde, Wiixanni akka jijjiiramu hin eegin; ilaalcha Wiixata irratti qabdu jijjiiri. Kophee siif hin taane kaawwattee fiigicha hin jalqabin; hojii sammuun kee jaallatu filadhu. Yeroo san torbeen guutuun akka Dilbataatti siif ta’a. 3️⃣ Boruu hafuura haaraan simadhu Ati waan guddaadhaaf uumamte. Bor yeroo Wiixanni ta’u, “Maaliif dhufte?” hin jedhin; “Maal irratti hojjedhee fayyadamu?” jedhii ka’i. Jijjiiramni murtee irraa jalqaba. Har’a galgala Dilbataa ofii keetiif waadaa gali. Hin sodaatin, hin baqatiin... isa qunnami, itti fufi! ✨ Ati hoo? Bor Wiixata akkamitti eegda? A. Gammachuudhaan (hojii ani jaalladhu waan hojjedhuuf) B. Dhiphinaan (hojiin natti ulfaata waan ta’eef) C. Dirqamaan (mindaa qofaaf waan hojjedhuuf) Yaada keessan nuuf qoodaa. 👇 📌 Yaadachiisa: Hiriyoota jijjiirama barbaadaniif qoodaa (share godhaa). Wal jajjabeessinee hawaasa keenya abdii fi kaka’umsaatiin haa guunnu. t.me/keba41 Waliin hojjennee waliin haa jijjiiramnu! Barri bara hojiiti! Ka'i!💪 Guyyaakee injifadhu🚀🛡
137
14
No text...
112
15
No text...
106
16
Har'aa fi murtee waggaa 5 duraan murteesse yoon ilaalu gammachuu guddaadha. Utuu yeroo sana kanan kiisaa qabu qarshii 5 qofa. Kan akkaawontii koo irraa immoo qarshii 1 fi saantima 33 ture ilaalee osoon ofirra dabarseera ta'ee har'a nama of ijaaree kaayyoo fi mul'ata isaaf cichee hojjetu hin ta'un ture! Garuu hojiin waaqayyoo dinqiidha! Tasuma tasa si barsiifata malee sin miidhu. Amma wanta inni na uumeef argachuukoo caalaa maaltu na gammachiisa. Argadhees ittiin jiraachuu! Namni namaaf akka uumame hubadheera! Namni nama keessaan akka jiraatu! Waaqni tasuma hiyyummaaf dhabisa carraa godhee namaaf hin laanne. Sammuu ittiin hiyyeessas sooressas ta'uu dandeenyu nuuf kenne malee! Inumaayyuu Qabeessa malee dhabaa akka taanu hin barbaadu! Akkuma abbaan ijoolleesaaf yaadu Uumaan ofii gaaruma namaaf yaada! Gaarummaa Waaqayyoo arguuf immoo Ija keenya banuun nurra jiraata. Ija jijjiiramaa, Ija guddinaa, Ija Obsaa, Ija kutannoo, Ija murteessuu! Nama godhee nu uumeetu Akka nama taanummoo Daawwitiin nu gorse. Daawwit akka irraan kaanneef akka yaadannu nutti hime. Yaa mucaakoo nama ta'i= Isa uumamteef, Gatii sirra jiru jiraadhuudha! Guduunfa: Madda jijjiiramaaf ta'an hedduutu nu marsee jira. Luka keenya haa sochoosnu itti haa deemnu. Jijjiiramatti deemu malee jijjiiramni namatti hin deemu! Waaqni harka jijjiiramaaf luka jijjiiramaati kan nuuf kenne! Sammuu hojjetu erga nuuf kennee ittiin haa hojjennu! Isinis ni dandeessu! Murteessuu qofa! t.me/keba41 0912645484
251
17
No text...
214
18
“Ogummaa of haaromsuu!” – Ilaalcha Sammuu kee durii caccabsi 🧠✨ Namoonni baay’een, “Ani akkanuma amala dhaabbataan qaba; jijjiiramuu hin danda’u” jechuun of amansiisu. Garuu saayinsichi yaada kana soba ta’uu isaa mirkaneesseera! Niuroopilaastiisitiin (Neuroplasticity) jedhamu, amala dinqisiisaa sammuu keetiiti; sammuu kee akkuma “laastikaa” ykn “dhoqqee” ta’ee jijjiiramuu akka danda’u nutti hima. 💡 Iccitii “karaa sammuu kee”: Sammuu kee keessatti niuroonoota kan jedhaman, biliyoonaan lakkaa’aman, walitti hidhamanii jiru. Waan tokko irra deddeebitee yoo goote (fkn: of tuffachuu, sodaachuu, yookaan gaddaan jiraachuu), karaan sun akka daandii asfaaltii ta’ee cimaa deema. Waan haaraa yoo eegalte immoo, karaan sun jalqaba akka bosona cufaa fakkaata; yeroo irra deemtutti garuu suuta suuta qulqullaa’ee daandii ta’a. Amala durii jijjiiruuf tarkaanfii 3n kana fudhadhu: 1. Waan si hin mijanne keessatti hojiitti seeni: Sammuun kee yeroo hunda tasgabbii fi mijannaa barbaada. Ati garuu yaada ta’ee qormaata haaraa yoo kenniteef, karaa niuroonoota haaraa ijaaruu ni jalqaba. (Fkn: ganama barii ka’uu) 2. Guyyaa 21 obsii ce’i: Amala haaraa (habit) tokko ijaaruuf sammuu keetiin yoo xiqqaate guyyaa 21 ni barbaachisa. Yeroo kana keessatti sagalee “hin danda’u” jedhu ni dhaga’ama; sun eenyummaa durii keeti. Hin dhaggeeffatiin! 3. Sammuu kee nyaachisi: Viidiyoon ati ilaaltu, kitaabni ati dubbistu, haasawni ati dhaga’u hundi ijaarsa sammuu keetiif meeshaa dha. Qurxummii yoo galchite, mana qurxummii ni ijaarta; milkaa’ina yoo galchite immoo milkaa’ina ni ijaarta. Gabaabumatti: Amalli kee qooda kee (carraa kee) miti. Ati injineera sammuu keeti. Har’a irraa eegalii daandii durii caccabsi; daandii haaraa kan milkaa’inaa qopheessi! 💡 Har’a irraa kaaseen, amala badaa tokko “jijjiiruu barbaada” jettu maalidha? Yaada kee komentiirra barreessi; har’uma karaa jijjiiramaa jalqabi! 👇 “Yaada Sammuu kee duraanii yoo hin jijjiirne, jireenyi kee hin jijjiiramu!” 🚀🔥
105
19
No text...
82
20
🧠 Yaadaa jirtaa... Moo yaada keessatti cuuphamtee jirtaa? Namoonni hedduun yaadni sammuu isaanii keessa deddeebi’u waan jiruuf “yaadaa jirra” jedhu. Garuu lamaan isaanii tokko miti. 🔹 Yaaduu → Dammaqinaan ta’a → Kaayyoo qaba → Furmaata rakkoo argamsiisa 🔹 Yaada keessatti cuuphamuu (overthinking) → Yeroo hunda yaadda’uu → Waan darbe irra deddeebiin yaaduu → Waan hin uumamne yaaduu → Of komachuu → Namoota biro irratti murteessuu Sammuun yeroo hunda ni hojjetti... garuu yaaduun dhugaa ta’e yeroo hunda hin jiraatu. 🚗 Akkuma konkolaataa mootorri isaa ibsamee guyyaa guutuu hojjetu garuu iddoo isaa irraa hin sochoonee dha. ━━━━━━━━━━━━━━━ Namoonni hedduun kan dadhaban: ❌ Baay’ee waan yaadaniif miti ✅ Yaadota hedduu hin barbaachisne waan isaan harkisaniifidha! ━━━━━━━━━━━━━━━
176