Walaloof jechoota mimidhaago loqoda Boorana😍
Open in Telegram
Afaan keenna waliin ha guddisinu❤️💚❤️
Show moreThe country is not specifiedThe category is not specified
587
Subscribers
+124 hours
+17 days
+130 days
Posts Archive
Itti fufaa.😇
● Aguma feete akka qabamte yoo argitelle.
● Yoo aguma feete sitti hammaatelle.
● Guyyaa agami boo'aan dabarsitullee.
● Aguma feete abdii kutattee yoo dhiphattellee.
● Guyyaa agami "adoo wanni addaa tokko naa taate!" jette dharraate dhabdullee.
Ammallee ittum fufaa!
━━━━━━━━━━━
🖋️🖌️
Namii gatii ufii hin beenne, gatii nami dhibiin kenneef himata.
Namii gatii isaa hin beenne, yoo namii ati "lallaafaa!" jedheen, gatii Isaa waan hin beenneef "dhugama baanta Ani dadhabaa!" jedhee jireenya dadhabaa jiraata.
Namii gatii Isaa beeku garuu, yoo namii tokko dhufee "ati dadhabaa!" jedhuun; akkan jedhaan, "fulaa tanteetti na qabdee aga keetiin na himtee! ...Ani ammoo qalbii tiyyaan waan yaaduuf, qalbiin tiyya ammoo akaa Ani nama jajjabaa ta'e waan natti himtuuf... jechi ati Amma naan jette Kun na hin fakkaatu!" jedhee deebisaaf.
Gatiin tantee aga nami afaaniin dubbatuu ol Akka taate qaraa fiixe ati amani.
Namii gatii Isaa hin beenne karoora ormii baaseef keessa jiraata, karaa ormii cireef gula deema. ufii isaatii karooraaf karaalle waan baafachuu hin dandeenne itti fakkaata. qalbii isaatiin yaadee rakkinna ufirraa tindhisuu hin danda'u. jireenni ammoo warra gatii ufii beekutti fuula tola. warraa cancana keessa jiraachu fedhuuf ammo fulaa hin qabu! warra fulaa dansaatti naa mala jedhani jireennaan falmaniif ammo harkaa guutatee gumaachaaf! warra gatii tantee Akka wiilkii gabayaa irraatti gurguranii yoo fedhan gad buusanii yoo fedhan ammoo ol kaasan irraatti ufii hin dhiisin!
ufi ta'ii aga gatii teetii jiraadhi; Qubaa kankeetiin seenaa jajjabaa barreessi! hujjii dubbattuu hojjadhu, hujjii dubbifamuu midhaassi ol kaayi! Akka waan herredde hojjachuu dandeettu ufitti himi!
Gatii teenna wallaaluun balbalaa cufaa hin qabnee waan isiin hin banamnee nutti fakkeesiti. goromsaa maseena hin taatin maseena nutti fakkeessiti, Qalbii maseenteen sanyii hin maseenin yoo laalte, sanyiin sun maaseena sitti fakkaatti... Ammallee irra deebi'ee sitti himaa; qabeenna ufi keessaa keettee iyyeessa taatee hin jiraatin! waan guddoo ufii keessaatti Awwaaltee nama mala hin qabne taatee hin jiraatin. Gatii tantee beekii... sunitti Akka ati sanyii hin maseenin taate raga sii ba'aa!🙏
Yoo'i Kun ammallee dabruuf, waan yoo cufaa godhuu feetuu sun godhi. kaayyoof fedhii teetiin deemi, ufi hin dhabin. hardhaa jalqabdullee ykn ammo Wagga Shan dhibii eegattullee yoo'i sun adoo ati hin argini dabra. deemii... yoo'i Kun Akka si duraa hin bannee godhadhi.
━━━━━━━━━━━
🖋️#Waliif_hubachaa🖌️
Kharaa keenna irraatti gufuu guurani, qoraattiin akka dhoqqee keessaa nu waraantuu godhan. Koree nurratti jaarani qoraattii nutti ta’ani nu waraanan. Madaa teenna dhossanii, qoonqoo teenna biyyatti ba’uu dhowwan. Madaan teenna hin fayyine. Cilee bishaan buute taanee fulaa nu itti cophne dhaban. Nu sanyii wal hamnattee jiraachuu barattee, wal nu hamachiisan. Sobanii nutti koblanii dhossaan boolla nuu qotan. Bara ancufaa liqimsuun sodaa taate. Baraa mirga namoomaa nama irraa mulqan. Gadadoon nutti hammaattee, gadaan abbaa tokko akka kudha(10) nu jiraachifte. Baraa dhossaa garaa keetii si gaafatani yoo ati namatti himuu diddu, du’a hamtuu si ijjeesan. bara dootee aadaa awwaalaa hin qabne. Baraa yoo dhukkuba nama kankeetii dhukkubsattu carraan kankee du’aa. Cittoo nutti kaasanii, akka nu hin hooqannee harkaa walitti nu hidhan. Ila teennaa boochuuf jedhani funnaan keessaa nu dhaanani. Ardaa cufaa keessa deemani jabaa keenna dhossaan fixan. Silaafu dhukkubii funnaan qabate takkaa hidhi hin anqanne. Abbaa hirreetiif barii tole. Mata ol qabannee jiraachuun gaara caala nutti ulfaatte. Ajajamuu malee ajajuu sodaanne. Baraa haasaa namaa keessaa mammaassi kuni hin dhabamne “baraaf furguggoo gadi jedhanii dabarsani!”. baraa acuucaan fula nutti dabarte. Dhaanichi fulaa nutti dabree dirrii gaarre nu fakkeesse. Baraa adoo ati caphxee meelattee, irreen si hidhachiisan. Bara barsiisaa daree baranootaa keessaan fuudhani hidhan… baraa akkanaa Khan keessaa jiraachuu jibbe.
Moo'achuu yoo barbaadde, warra dirree keessa waliin jirtu irraatti xiyyeeffadhuu, Malee iyyannaa warra dhaattuu harkaa dhaanuu hin caqasin! Muuxannoo duraan qabduu, Akka meeshaa waraanaatti itti fayyadami(Nama waan dabree irraa hin barannee jechii 'WALLAALAA' Jedhuu hin ibsu.)🙏
Addunyaan maal Akka taatee
Obboleessa anattuu siif himaa
Hiikkaan isii Wal xaxaadha
Diqqoo tokko namatti cimaa
Addunyaan buburreedha
gara itti qabatan hin qabduu
Nama irraa mixiixamtii
jiituuf goggoddu hin qabduu
Hiikkaa guutuu hin qabduu
jooree barbaade dhabee
boolla meeqaa itti seenee
dachee tana hundayyu labee
Hiikkaan isii waan diqqaa
Addunyaan Akka feetee
Waan biraa hin barbaadin
Hiikkaan akkumaa ati seetee
...
Adoo si taatee maan goota? Kha deemtuu jettee dhiifta moo, gad dhiisu diddee fudhattee boollaan seenta?
Akka yabbii gannaa ta aada irra gad dhiisanii na dura burraaqaa, dudda natti galtee akkan naan jette; “”adoo wal jaalatanu kha wal hin fuudhin ani nama hedduu argee beeka!” khun tiyaatira kankeetiin?” jettee fuulaa gara kiyya deeffatte. Fuula kiyya irra sodaaf rifuun waan itti mullatte natti fakkataa, rifattee fuulaa guurtee; "maan? Waan ani asi dhufeef ati gammachuu hin qabduu, ani asi dhufuun sin gammachiifnee?” jette na gaafatte. Deebiin tiyya ammoo; “Onneen tantee waan na dhiifte natti fakkaatti, goddo sodaadhe!” jedheen. Rifattee mata gad qabatte; “maan jette?” naan jette. “Dhugaa dubbachuun bitta sirraa midhaaddii! Ani akki ani siin beekuu; kha ati waan hin feene “hin fedhuu” jette tittifattee didduu beekaa, hardha maan taatee, hin sodaattee?” jedhee gaafadhe. “Waaqolee atilleen ya dubbi nama caqasuu jalqabdee?” jette na gaafatte. Ani ammoo deebiin tiyya; “Ol jedhii ila keessa na laali! Na dhiifte deemuu feetaani, kophaatti na hambsuuf akkan taataa?” jedhe adoo ani hin obbaafatin. “Abbaan kiyya akka ani muca jaali isaatti heerumee biyya alaa ba’uu fedha!” jettee ilaa isii ta gumaa saddeeqaa fakkaattu suni keessa imimmaan arcaafte. maddi isii ta asheeda gannaa fakkaattu suni imimmaanin miicite. Sodaadhee rifadhee, waan dubbadhuu wallaalee akkumaa ejjuutti gogee hafe. Diqqoo ejjee eegii sodaa nafa narraatti ejjeefte suni keessaa dammaqeen duubaatti; harka isii ol fuudhee laphee tiyya irratti qabadhee “Ati waan akkasii hin gootuun? Onnee tiyya keessaa jaalala gudoo qabda, ani sirra fagaadhee jiraachuun guddo natti ulfaatti, jijjiiramuu hin dandeenna, bori hojjannee fulaa guddoon baana, tanaafu na dhiifte hin deemin!” jedhee adoo ani gara isi gula dhaanuu, harkaa isii narra harkifatte dudda natti galte...
Deebii tantee comment jala naaf kaa'ii🙏
1
Dubbachuufis ni cimaa
Dubbii keenya hawwalani
Deemuufis yaalle turee
Miilaa keenya sakaalani
Hireetti addaan nu baase
Akka hin mallee nu goote
Garbummaatti nu caccabse
barumaan nurratti moote
Gootaa baayye nurra fixxe
Ajjeefte biyyootti galchite
Lammii heddu biyya baafte
biyya ormaatti dararsite
Jabaa baayyee nu qabnu
Nurra afaan qabachiifte
Dhiiraa onne jabdu qabdu
Dhiigaaf lafeen kakachiifte
Harmeen kabajaan in teenye
Ilmoo baatte bosona jirtii
Jarrii dhiigaa keenya barte
Hardha kuno kichuu nu cirtii
Heddu dubbachuuf jedhee
Dubbachuufis natti cimee
Yeroo biraa nan dubbadha
Jechoota Koo walitti sime
#Waliif-Hubachaa
💔 my feeling
Hiriyaa tiyya ta ani durii guddo jaaladhu, ta ani nama hundaa ol Amanu, isi ani guddo mararfadhu, isi ani yoo diqqoofille ija duraa dhabuu hin dandeenne. Isi guyyaa isa waliin hin haasofne hafuurri kiyya achitti waan dhaabbatu natti fakkaatu. Isi guyyaan isi malee Anaaf guyyaa baha aduu malee oole fakkaatu. Isi halkan isi malee halkan hirriba malee natti fakkaatu. Isi gaafa isiin na dhiiftee deemtu addunyaan guutuun waan balbala jireenyaa natti cufte Natti fakkaatu. Isi jaalalli isii na jaamsee, isi malee hunda na dagachiise, isi jaalalli isii addunyaa guutuu natti fakkaattee Objuuf Karoora kiyya, mul'ata kiyya, qabeenya ani argachuuf hawwu guddaa taate.
Simalee waan jiraadhu natti hin fakkaanne har'a garuu jiraachuu jira, Atilleen akkuma kiyya natti fakkaacha turte. Nami akkakee na jaalatu waan jiru natti hin fakkaatu ture. Nami akkakee na mararfatu, naaf dhukkubsatu, naaf dhimmamu, ta miidhamni kiyya isi dhukkubsu, ta dhukkubni kiyya isi yaachiisu, ta cabni kiyya isi okkolchu. Simalee waan jiru natti hin fakkaatu ture.
Ati garuu akkan an yaadeef iddoo ani itti si eege hin turre...! Diina kiyya guddaa taatee argamte, ani waan hunda kiyya siif laadhe atimmoo natti taphatte, onnee kiyya qulqulluu siif kenne atimmoo akka lafaa irra deemte, lubbuu kiyya siif kenne atimmoo guyyaa guyyaan na ijjeefte.
Ani nama Simalee orma hin beenne ka siin duratti barnoota hin qabne irraa fayyadamtee miira kiyyaan taphatte. Imaanaa jaalalaa ani sitti kenne hunda balleessitee, jireenya shakkiif gaabbitti na galchitee deemte! Keessa keetitti summii baattee afaan damma dibattee onnee tiyya ta barnoota hin qabne galaafatte, gaafa ati natti dubbattu jechi kee dhugaa natti fakkaata, nami dhugaatif nami qajeelan addunyaa tanarra si qofa natti fakkaata, dhugaa nami dhibiin natti dubbatu irra waan ati afaan damma dibattee natti fakkeessituu dhugaa se'a!
Kanaan achi garuu si hin jaaladhu, ya sirraa fagaadhee, ya sirraa cite, in beeka ati ammayyuu onnee tiyya ta kopheen irra ejjattee madeessitee, lubbuu tiyya ta guyya guyyaan ijjeeftee, sun irraa dhiifama barbaadda. sun hin eegin kanaan achii, sun gaafasuma obbaate.
Onneen tiyya ta ati miilaan irra deemtee madeessite sitti hin fayyitu, lubbuun tiyya ta ati guyyaa guyyaan ajjeefte du'aa sii hin kaatu.
Ya si deedhe, ya si lagadhee. Yaadannoo kee hunda dhiisee, kanaan achii wanni ani yaadu waaan kankee Yookaan waan keennaa adoo hin taane, waan kiyya qofa. Waan guddoo jireenna kiyya keessaa balleessitee deemte, kanaan achii deebisee ofi jaaree waan sun hunda akka deeffadhu irratti hojjachuu qaba, deebi'inii ofi jaaruu immoo guddo ulfaatti.
Amanamummaa waan jedhaan jireenna kiyya keessa balleessite.
Eega ati na cabsitee fayyuu dadhabe. Dhali namaa hundi akkuma kankee waan natti taphatu natti fakkaata, Namii dhugaalleen sababa keetti sobduu natti fakkaachu jira, gaabbi hamtuu na keessaa bahuun ulfaatu na keessatti uumte. Jaalala waan jedhan na jibisiifte kanaan achii waanni akka ani jaalalatti amanu na godhaa waan jirtu natti fakkaachuutti hin jirtu. "Nami Boofan iddamee beeku raammoo dootee baqata" jedhaan ree Oromoon? 💔😿
Kanaaf anilleen shakkiif sodaa ati na keessa keette tana keessaa bahee akkamiin ofi argadha? Asoosama wal xaxaa ati itti na galchite kana keessaa bahee akkamittin tarkaanfadha? Akkamiin rakkinna kana obbaafadha? Yoo'i natti hammaate kun akkamiin narra dabra? waan jedha rratti hojjadhee, Sammuu kiyya jaaree cabsee keessaa bahuu fedha. jireenna bilisaaf Sammuu bilisaan jiraachu barbaada. Guyyaan dukkanichi kun akka naa ibsu Guyyaan jajjabaan kun akka narra dabru Abdiin qaba.🖤
Guyyaa Kun Akka narra dabruuf garuu... jedhee adoo Ani barreesse hin obbaasin ijoolleen doormii teennaa hirriiba keessaa na dammanse. 💔💔🔪❤️
🥀°•Dhukkubbiin gosa Lama💔 qaba
Tokko kan si miidhuu fi...
Kan biraa immoo kan Si jijjiiruu dha!
Milkaa’inni bu’aa amaleeffannaa guyyaa guyyaati malee jijjiirama jireenya keessatti al tokko qofa dhufu miti.
Dhaga'ii obboleessa kiyya! sadarkaa waan jaalallee teetii dubbachuu ceertuu irra yoo jiraatte, Ani waan isiin na marartuuf malee isii hin jaaladhu jetta yoo taate, maanti si rakkisee? yoo ufirraa dhiifte hoo? beekaa bilbilaa isii kaasuu dhiiftee, miskoola isii hiriyyoota tanteetti garsiifta yoo taate, ati nama jaalaltii hin galiniif ufirraa dhiisi. yeroo kennuuf dhabu, boochisuuf hinaafsisuun faan yoo dhiirummaa sitti fakkaatte, ati gana dheedhii aga bilchaattuti dubra irraa fagaadhi. suuraa isiin qullaa jirtuu ergisiiftee, nama garsiisuuf darkaa Media irraatti maxxansuu irra yoo jiraatte, ati nama qalbiin duwwaati maqa jaalalaa hin dha'in.
Waan dansaa ta'eef nu qopheessuu jira!
Wanni nu barbaannu gara barbaannuu yoo deemuu dide ufi dhiphisuu hin malle. Garuu karaa barbaanne akka deemtu godhuuf itti gamuu malle.
Akkas goonee Yoo dadhabne ammoo jecha kana kha yaadannu. "Kadhannaa nuu deebi diddeefille kha galateeffannu" sababi isaa nu caalaa waan nuu male Waaqatti beekaWaan taateef. Yookaan yohi wanni sun itti taatu hin geenne. Yookaan ammoo waan nu barbaannu caalaa waan dansaa nuu kennuu waan fedheef taati.
👇👇👇👇👇
Bineensi hamaan namaa!
Afaan dansaa dubbatee
Si ijjeesuuf si gaadaa
Adoo waliin jiraattuu
Ammeenyaa sitti yaadaa
Gaarii fakkaate dhufee
Hundee jiruu Kee diigaa
Kalee namaan miidhamee
Hardhayyuu taa'e dhiigaa
Yoo dubbatuu namumaa
Khan jechii Isaa cufa sirrii
Afaan qofaatti bareedaa
Keessaan Khan guute shirrii
Rakkinna sitti dheetee
Si ammoo rakkoof laataa
Qoodaa uumaan siif kenne
Shiraan fudhatee nyaataa
Afaan dansaa dubbatee
Garaan du'a tantee fedhaa
Adoo silaa ati gaafattee
Anilleen nama siin jedhaa
Yoo laalan tokko fakkaata
Warrii gamasiif gamanaa
Bineensi bineensaa caalu
Bineensi hamaan namaa!!!🥲
Barreessaan Walaloo;- Anumaa
DHALOOTA QUBEE
1. Dhaloota Qubee jechuun dhaloota waa dubbisu.
2. Dhaloota Qubee jechuun dhaloota waa barreessu.
3.Dhaloota Qubee jechuun dhaloota taatee hundarraa waa baratu.
4. Dhaloota Qubee jechuun dhaloota waa baratee barsiisu
5. Dhaloota Qubee jechuun dhaloota seenaa dabre baratee, seenaa haaraa galmeessee dhaloota itti aanu dhaalchisu.
6. Dhaloota qubee jechuun hiikkaa baayyee qaba
7. Kanaafu bara dhaloonni qubee itti dagaage kana keessatti seenaa gadhee hin hojjetin;
8. Bara dhaloonni seenaa galmeessu guute kanatti atimmoo seenaa hin balleessin
✊Nu dhaloota qubeeti
Waaqolee kankee irraa❤️🙏
✅ Dubbisi
Yeroo ati danfitee, dadhabdee, raffaaddeee hojjatutti Nami si laaluu dhabuu danda'a. Bakka namni si hin agaretti ati gadi jette bori keetif yoo hojjatte, bakka namii hundi si argutti ol jette badhaafamta.
✅ Ati Calliftee jabaattee yoo hojjatte milkaa'inni kankee qoonqoo ol fudhatee sii dubbata.
Callisii hojjadhuu milkaa'inna keetiin nyaaphii kankee akka raafamu godhi!
✅ Warra "hin dandeettu hin milkooftu" siin jedhan caalaa nami hirriiba si kaasu hin jiru.
::::::::
Dabsatamuu kiyya dharraatanillee dabsachaan harka kiyya irra jirti.🔥🔥🔥🔥
✅ Dubbisi
Yo'ii rakkisaan cuftii ballinatti si geessa; Yoo hojiin tantee sirraa hammaatte, yoo siif nama ati walitti dhiyaattuun(jaalallee) jidduutti rakkoon dhalatte, yoo wanni gosa gosaa sitti dhufte, yoosi Akka dansa hidhaana hidhadhii, borii tantee midhaaffachuuf yo'ii Kun Akka dansaa si qarqaaraa.
🔥🔥🔥
✅ Oolii tantee nama wa irra barattuuf nama fulaa ati jirtuu ol si guddisuu waliin godhadhi.
🤝
Gaafa Waan Haaretti Jalqabdu,...!
✪ Dhugaan ati beekuu qabdu, yoo ati waan haaretti jalqabdu, namii si deeggaru waan diqqaa yookaan hin jiruyyuu. wanni kun oma sii hin baatu, guddo si dhibdi, si rakkifti, karaan Kun qajeelaaniti, Fulaan baasuu hin dandeettu jedhanii sitti iyyan! sababii Isaa ammoo; waan ati itti keeyyatte kana hojjiitti jijjiiruu lakkisii, warrii takkaayyu waan akkanaa hin yaanne. waan Akka ufiitti si yaadaniif ufii waan hin dandeenneef waan atilleen hin dandeenne se'an.
✪ Sababii dhibiin ammoo waan kalee ati taatee laalanii, Horiif fiixaa ati qabduu laalanii waan ati omaa godhuu hin dandeenne se'anii si tuffatani. yoo ati waan haarettii jalqabduu wanni akkana Kun yoo sitti hin dhufin ati waan haarettii jala hin qabne.
✪ Wanni haarettiin gaafa jalqabamtu, namii diqqaan tokko si hubatee, irra guddaan si jalaa callisa. Warri dhibiin ammoo si qeeqa, abdii si kutachiisuuf carraaqan.
✪ Maarree sammuun tantee gabrummaa jala yoo jiraatte wallaalan namaa tokko dhufee "hin dandeettu!" jedhee qalbii si cabsa. yoo harka marattee teette akkamiin waan haaretti hojjatta? karaa kamiin gulantaa fi ejjata gara mul'ata keetiitti si geessu gula deemta? Akkamiin kaayoo tantee fulaan geette seenaa kee midhaaffatta?
✪ Lafa tana irratti waan ufiin yaadde isiin dansaaf jaqeeltuu taanaan nami ni dandeettaaf hin dandeettu siin jedheef adoo hin taane, waan ufii keeti in danda'aa jette qofa godhi. Waan kanketiif ragaan si caalu hin jiru. Waan ati hojjachuu dandeettu ollaa kankee adoo hin taatin si qofatti beeka. Eeyyee ati fulaan bahuuf murtee tantee malee iyyanti nama dhibii omaa si hin baatu. Tanaafuu harka namaa laaltee raafamuu irra kutannoon gara yaaddetti deemuu sii wayya.
✪ Warri gaafa ati waa jalqabdu si tuffatanii fi si jalaa callisan warra si deeggaran caalaa si hordofan! Yoo ati jidde sitti kobluuf afaan bananii si eegan. Gaafa ati waan yaadde sun goote, warri calliselleen, warri hin dandeettu jedhelleen, warri jabaadhu in dandeettaa jedhelleen, cufti harka sii dhaana.
Gaafasi qayeen tantee faaruuf saaduun guutamti.
