cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Dn Mr Demalesh Eshetu

Kaayyoo Ijoon Chaanaalii Kanaa Barsiisa M/K/Q/O/ Tawaahidootiin, Wangeela Gooftaa Keenya Fayyisaa Keenya Iyyasuus Kiristoos Labsuudha. “Wanta Waa’ee hin baasne irraa gara Waaqatti akka deebitaniif wangeela lallabna. HDB 15:14

Show more
Finland2 751The language is not specifiedReligion & Spirituality62 535
Advertising posts
1 192
Subscribers
+324 hours
+37 days
+2130 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Photo unavailableShow in Telegram
“Samii Irraa Kan Bu’een Alatti, Gara Samii Kan Ol Bahe Hin Jiru. Innis Samii Irra Kan Jiraatu Ilma Namaati.” Yoh. 3:13 Baga ol bahuu Gooftaa Keenyaan Isin Gahe!
Show all...
29🙏 3
Photo unavailableShow in Telegram
👏 9 7
me/+MG1_hW1sOI1lNjZk Sagalee Aleetiyaa WhatsApp https://whatsapp.com/channel/0029Va8cTnL2UPBAdmbnBx3O Aleetiyaa Tube https://youtube.com/@Dn-mhr_Demalesh1?si=3P8yCDW_C6O5dECS Damee Aleetiyaa 04/10/2016 B.A
Show all...

Namni tokko tokko “ Xinnoo dhumti na gaha. Baay’ateef miti. “ jechaa xabala fudhata. Tokko tokko immoo “ maal sassattaree? Muuuu… dhumeetu moo ilma koo? “ jechaa jeerikaanii baala ammistii sanatti guuttatu malee waan ta’uuf itti hin fakkaatu. Hubannoo dhumaaf amantiidha. Tokko tokko immoo garaatti dhugee waan fayyu itti hin fakkaatu. Harkarratti naqatee gadi nannaqaa fuulatti, mataatti, bakka barbaade hundumatti naqata. Amma amma keessumaa hiriirri sanbata sanbataa xabala fudhachuuf hiriiramu lafti isaa … waan namni hubboo cabaa bishaan yaasuun irra darbe fakkaata. Xaballi qiddaasee lafa miti, dhaqna irrayyuu bu’uu hin qabu keessatti dhugama malee! Otoo jennuu xaballi qiddaasee ulfinaan xabala isa kaan hunduma waan caaluuf ittiin cuuphamuun hin barbaachisu. Xiqqoo dhumti ni fayyisti. 🔑 Gara dubbii Koo jalqabaatti yoon deebi’u, dubartittiin fiixee uffata gooftaa qabattee fayyite. Nus ijaarsa mana qulqullummaa fi balbala qaqqabannee, ni diddibanna. Akkuma amannees nuuf ta’ee jiraachaa jirra. Achirra fiixee uffata gooftatu guutee jirakaa! “uffanni isaa mana qulqullummaa isaa guutee ture.” (Isa. 6:1) Dubbiin isaa dubbii sadarkaa amantaa lapheeti. 🔑🎤 Qamisiin Gooftaa humna qaba. Ni fayyisa. Guyyaa jimaataa garuu gurgurameera. Carraa itti buusaniiru. (Yoh. 19:24) Garuu kan nama dinqu, namoonni bitatan ittiin hin fayyine. Qamisichi otoo humna fayyisuu qabu maaliif gurgurame? Gooftaan humna isaa irraa kaasee ture. Ilaali! 🔊 Qamisichi warra amananii tuqaniif humna qaba. Ni fayyisa. Warra gananii hirataniif uffatuma akkasumaaniti. Taabonnis akkanuma. Qamisii Gooftaa Kabajamtuu sana warri amanes, warri hin amannees tuqeera. Lachaniifiyyuu qabamteetti. Taabotas kan amananii aangoo lubummaa qabanii fi kan hin amanne, amananii aangoo lubummaa kan hin qabnes ni tuqu. Akkuma gooftaan qamisii isaa yeroo warra gananii qooddatan bira geessu humna isaa irraa fudhatedha. 🔔 Taabonni taabota ta’ee hin tolfamu. Erga tolfamee booda, maqaan Waaqayyoo “Aalfaa fi Omergaa” jedhamu erga irratti barreeffamee, “ … samii fi lafa irra, lafa jalas kan jiran hundi Maqaa IYYASUUSiif akka Jilbeenffataniif. “ ( Fil. 2:10) kan jedhu erga irratti barreeffamee, Ephiisqoophoosiin kadhannaa “ Kadhannaa taabota irratti kadhatamu” mata duree jedhu kan qabu erga kadhatee, dibata Qulqulluu Meeroonii erga dibee eebbisee booda taabota ta’a. 👇 Warri hin qalbeeffanne tokko tokko, miidiyaa hawaasaa irratti bahanii, iccitii Ortodoksii baasne, ilaa taabonni waan fakkaatu, kunoo mukadha! … jedhanii wacaa oolu. Eenyutu sibiila jedheen garuu? Kkk Iccitii baasne jedhuum! Ugum. Mee, nama na dhaggeeffadhu iccitii guddaa tokkon sitti hima siin jedhee, “ aduun mee bahaan baatee dhihaan lixxi “ sin jedhu maraataa moo fayyaa jettaan? Keessatti maraate jetteema callista mitiiree? Kkk Kitaaba Qulqulluudhaan lafaa fi samii wal irraa ta’aniitu malee iccitii miti. TAABONNI MUKA. Kun dhugaa aduu addunyaa hoo’ifateedha. Akkaatan itti hojjatamus iccitii miti. S. Ba’u. 25:10-22 dubbisuu qofa. Taabota irratti iccitiin hin jiru. Yoo hatamee gales kallattii dhumaan tajaajila hin keennu. Akkuma jalqaba eebbifametti sirna guutuudhaan eebbifama malee. Taabota hatamee, booji’amees ture dubbisi. 1Sam. 4:17 - xum. Taabotumti hatame sun akkamitti Filisxeemota dha’ichaan akka rukute, Daagonii waaqa tolfamaas akka caccabsee fi moo’ates, jarreenis wawwaachisee, nurraa fudhadhaa akka jechisiisees dubbisi. 1Sam. 5:1-xum. Ulfina isaaf malu wajjiin akkamitti akka gara Israa’eel deebi’es dubbisi. 1Sam 6-7 guutuu Samiirras ulfina Waaqayyoof mana qulqullummaa Ishee moo’attuu keessa taa’ee akka jirus qalbeeffadhu. Mul. 11:19 Garuu mee? Warruma akkana jedhan kanatu, gatiin isaa mi’aa waan ta’eef taabota keenya lafa hanqise natti fakkaata. Warri kaleessa Kiristoos gurguran Yihuudaan fa’i har’a taabota Kiristoos gurgurachaa jiraatu. Kiristoos, Ifa, Taabota, qajeelummaa fi amantoonni gartuu tokko. Beelhoor (diyaabiloos), dukkana, Xaa’otiin, hammeenyi fi shakkitoonni gartuu tokko jedhee har’as Phaawuloos sitti dubbata. 2Qor. 6:14-16 Itti fufa. Sagalee Aleetiyaa Telegram https://t.
Show all...
9👍 2
“Taabonni keessan maaliif gurgurama? Erga humna qabaatee maaliif hatama?” Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen! Gaafichi #Inbox gaafatame. Akkuman dubbiseen deebii salphaan tokko sammuu kootti dhufee ture. “ waan gatiin isaa mi’aa ta’eef ” Kan jedhu. Haala gaafichaa inuma madaala jedheen yaada. “ለራሱ ጠቢብ የሆነ እንዳይመስለው ለሰነፍ እንደ ስንፍናው መልስለት።” ( ምሳ 26:5 )… ofii isaatiif beekaa akka of hin seeneef, dhibaa’adhaaf akkuma dhibaa’ummaa isaatti deebisi. (Fakk. 26:5) kan jedhu na yaadachiise. Otoo aduun baatu maaliif rooba? Kkkk Kana booda garuu, Mandara Ogummaa gaafiwwan Inbox 41 ol tartiiba galfattee akka barbaachisummaa isaatti deebii laachaa itti fufti. #Follow_like_share taasisuudhaan maatii ta’aa! Gaafiwwan keessan #Inbox gochuudhaan dabaree qabsiifadhaa! #Dirree_Deebii_Gaaffii_Keessanii_Mandara_Ogummaa! ……………………………………… 🔑 Garuu “ atis isuma akka hin fakkaanneef dhibaa’adhaaf akka dhibaa’ina isaatti hin deebisin.” (Fakk. 26:4) kan jedhus kitaabuma waan ta’eef waa jechuuf dirqameera. Wanti na marare kan biraas namni kun taabonni hin barbaachisu! jechuu dhiisee ol guddachaa kan jiru waan ta’eef, kun gaafii xumuraa ta’uu isaati. Kanaaf kichuu citee hin hafin jedheen barreesse. 🖌️ Dursee garaagarummaa taabota kakuu durii fi haaraa, taabotaa fi tsillaatii… yoon itti hime daa’ima ilkaan hin baasnetti lafee kennuu ta’a. Lafichatu cabsa. … kanaaf hiikoo irra keessaa qofan hubachiisa. 🔑 Taabota jechuun bultoo jechuudha. Bultoo sagalee Waaqayyoo, humna Waaqayyoo fi maqaa Waaqayyoo. Bultoon waan keessa fi irra kaa’an baata. Sababni guddaan taabota kabajnuuf bultoo maqaa fi humna Waaqayyoo ta’ee ulfaataan foonii fi Qulqulluun dhiiga Kiristoos irratti waan kabajamuufi. Taabonni maaliif gurguramaree? Jetta mitii? Kiristoos Qr. 30 tti maaliif gurgurame? Humna dhabeetii? Goonkayyuu. Warra qabuuf dhufan achumatti fixuu dadhabee? Lakki! Kun yaada kakuu duriiti. Taabonni humna mataa isaa hin qabu. Humna Waaqayyo kennuufiin kabajama. Ulfinaa fi humna waaqummaa irra kan bulchu, kan irraa fudhatus Waaqayyo. Akkuma Kiristoos humna dhabee hin gurguramne, taabonnis akkasuma. Erga humna qabaatee hattuu achumatti maaliif dha’ichaan hin rukunneree? Kun yaada kakuu duriiti. Oozaa akka ajjeese hin dubbistuu? ( 1Sam. 14:10) Ummata lafa qonnaa Saamiis keessa jiran akka fixe hin dubbistuu? (1Sam. 6:29) Baranni garuu, kakuu haaraa bara dhiifamni baay’ateedha. 🖌️ Mee Fkn tokko haa fudhadhu. Qamisii Gooftaa yaadattaa? Fayyisaa turte. Garuu humna mataa ishee hin qabdu. Humna Gooftaan isheef laatuun fayyisti. Dubartittiin sana ilaali. Fiixee qamisii sanaa otoon tuqee nan fayya jettee amante. Akkuma amante tuqxees fayyite. Mar. 5:25-34 Mee Ilaali Sadarkaa Amantii namootaa! ✍️ Jarri lamxiidhaan rukutaman sun “ nu qaqqabadhu “ jedhanii itti boo’an. Isaanitti yoo isan qaqqabe qofa akka fayyantu itti mul’ata. Hoogganaan ayihuudotaa Iyyaa’iroos illee “ koottuu harka kee irra kaa’itii mucaa koo ishee du’uuf jirtu naaf fayyisi “ jedhee kadhate. (Mar. 5:22-23) ✍️ Kan isaan caaltu immoo dubartii waggaa 12 dhiigni ishee roobe sana ilaali. Dhukkuba waggaa Kudha lama warra abbaa qorichaa biratti qarshii qabdu itti fixxe irraa fayyuu dadhabde sana irraa fayyuuf; nan tuqinis, nan ilaalinis… fiixee dhuma uffatasaa yoon tuqe na fayyisa, nan fayya jettee turte. (Mar. 5:28) mee ilaali amantii! ✍️ Kan ishees caalu ammoo jira. Ajajaa dhibbaa Qifrinaahoomitti daa’ima koo naaf fayyisi jedhee Kiristoos kadhate sana. ( Mat. 8:5-8 ) Gooftaan “ Dhufeen siif fayyisa “ jennaaniin illee, hin tuqin, of duuba haa ta’u fuulduratti hin ilaaliin, uffata isaas tuquun hin barnaachisu, naannawa inni jiruttis dhiyeessuun hin barbaachisu, ara gara mana koo dhufuunis hin barbaachisu, baaxii mana koo gad jettee seenunis barbaachisaa miti jedhee ; “ Sagalee kee qofa dubbadhu mucaan koo ni fayya. “ jedheen. Yaa amantiisaa! Gooftaanis “ dhuguma isiniin jedha, Israa’eel keessatti amantii akkanaa hin arganne “ ( Mat. 8:10 ) hamma jedhutti dinqisiifate. 👉 Manuma keenyattis waatu nu rakkisa. Mee diyaaqonoonni xabala yoo Kennitan yaadadhaa.
Show all...
👍 4
https://moneyeasilyozo.buzz/87331938605401 Carraa Keessan Fayyadamaa! Click Sign Invite
Show all...
🌹Earn Easily in Two Hours a Day 🌹

DameeEshetu invites you to make money with your mobile phone, no investment, no requirements.

1
“ jedhanii ibsaniiru. ( Hiikoo Simaa Mat. 4:15 ) 🤌Kanaafuu ayihuudonni Naazreet fi Galiilaa kan tuffatan, kan qeeqaniif biyyummaa isaanitiin otoo hin ta’in alagoonni Galiilaa Israa’eloonni keessa jiraatanitti makamanii jiraachuu isaanitiifi. Garuu Naazreetii gaariin ni baha! 🔑 Gooftaan keenya duuka bu’oota Galiiladhaa filate. 🔑 Wayta Gooftaan keenya ol bahu, ergamoonni duuka bu’ootaan “ Yaa namoota Galiilaa, gara samii ol ilaalaa maaliif dhaabbattan?” jechaa amantoota ol bahuu arganii ragaa bahuu danda’an ta’uu mirkaneessaniiruuf. (HDB 1:10-11) Egaa Gooftaan keenya mandaraa fi biyya “ amma dhuguma as keessaa waan gaariin nu bahaa?” jedhaniin tuffatanii fi qeeqan Galiilaa keessaa duuka bu’oota filachuun isaa; namoota biratti kan tuffatame #Waaqayyo_biratti_kan_kabajame ta’uu mul’isuufidha. Duuka bu’oonni Galiilaa tuffatamtuu fi salphattuu jedhamtee yaadamtu keessaa bahan #Addunyaa_guutuu_wangeelaan_misoomsan_kabachiisanis! NB; namoonni Sadi; 1. Warra Iyyasuus Kiristoos amanutti hin guddanne ayihuudota, barreessitoota fi Fariisota 2. Gantoota 3. Haftee Jarreen lakk. 1ffaa irratti eeramanii ( otoo Kiristoositti amanne jedhan kennaa guutummaa Iyyasuus irraa arganne caalaa olaantummaa, beekumsaa fi aangoo ofii labsachaa kan jiraatan, sanyummaan operation dhaan kan hodhatan… waa’ee biyya, saba, naannoo fi mandara Naazreet fi Galiilaa dha jedhanii yaadanii “ … keessaa yaadni gaariin, namni gaariin… ni bahaa?” jedhanii gaafachaa jiru, jiraatus. Nuti garuu #miidhaginni_ulfinni_fi_fayyinni_addunyaa_Naazreet_fi_Galiilaa_keessayi jennee deebii dhuma Gooftaa deebisaafii jiraanna! NAAZREETII GAARIIN NI BAHA! Galanni Waaqayyoof haa ta’u! Xumurame! Eliyas L Desalegn Ermias Feyisa Kesis Oftaanaa Badhaasaa Addunyaa Iccitii Wangeelaa ifatti akkan beeksisuuf, afaan koo banee, sirreessee jecha isaa akka naaf kennuuf naaf kadhadhachaa (Efe.6:19) liinkiwwan armaan gadii fayyadamuun toora miidiyaa hawaasummaa koo hordofaa. Sagalee Aleetiyaa Telegram https://t.me/+MG1_hW1sOI1lNjZk Sagalee Aleetiyaa WhatsApp https://whatsapp.com/channel/0029Va8cTnL2UPBAdmbnBx3O Aleetiyaa Tube https://youtube.com/@Dn-mhr_Demalesh1?si=3P8yCDW_C6O5dECS Damee Aleetiyaa 28/09/2016 B.A
Show all...
SAGALEE ALEETIYAA (ድምፀ አሌቲያ)

Kun dirree hiikni dhugaa Wangeelaa barsiisa sirna Mana Kiristiyaanaa Ortodoksii Tawaahidoo eeggatee karaa amala gaarii Kiristiyaanummaa eeggateen itti tamsa'uudha./ይህ በእ/ኦ/ተ/ቤ/ክ ሥርዓት መሰረት እዉነተኛዉ የወንጌል አስተምህሮ ዓዉድ ነዉ። Well Come✋

16👍 3
Naazreetii waan Gaariin ni bahaa? Yoh.1:47 Sirritti dubbisaatii #share taasisaa! Kun gaafii Naatnaa’eli. Kiristoos duuka otoo hin bu’in gaafate. Duuboon seenaa isaa akkana. 🖌️ Bara gooftaan ifatti bartoota waamee of duuka buusuu jalqabe tibba sanatti; magaalaa Indiriyaas fi Pheexroos jiraatan Beetasaayidaa jiraachaa kan ture, barii sadaffaa jedhamee kan ibsame guyyaa raajii Qaanaa Ishee Galiilatti raawwate gaafa Kiibxataa Iyyasuus gara Galiilaa wayta dhufe Filiphoos argatee na duuka bu’i jedheenii innis duuka bu’eera. Filiphoosiis Naatnaa’eel argee “ Museen seeraan (oriitiidhaan jechuudhaaf), raajonnis waa’ee isaa kan barreessan Ilma Yooseef (kan guddisees Abbaa waan jedhamuuf) Iyyasuus isa Naazreet argineerra jedheen. Yooggus Naatnaa’eel deebisee, ‘ Naazreetii waan gariin ni bahaa? ‘ jedheen. Filiphoosiis ‘koottuutii ilaali’ jedheen. (Yoh. 1:44-47) Otoo Kiristoos duuka hin bu’in, erga duuka buutanis kan duuka hin buune… Naazreetii namni, yaadni … gaariin ni bahaa? Kan jettan koottaa dhagahaa, ilaalas! 🔑 Dubbiin Naatnaa’eel kun Naazreet magaala tuffatamte ta’uu nutti agarsiisa. Magaalli Naazreet galaana galiilaa irraa gara dhiyaatti 15km fagaattee argamti. Magaalota lafa tulluuwwanii irratti hundeeffaman keessaa ishee tokkodha. Qarqara (daangaa) biyyattii irratti waan argamtuuf tilmaama gadi aanatu laatamaaf ture. (Galmee Kitaaba Qulqulluu Afaan Amaaraa Fuula 125) 🖌️ Naazreet magaalaa Galiilaati. Luq. 1:26 Kitaabni Qulqulluunis Ayihuudonni Galiilaa akka tuffatan ni dubbata. 🔑 Guyyaa Gooftaan Keenya fannifamuuf qabame #halkan sana ayihuudonni Pheexroosiin “ Ati nama Galiilaati. Haalli dubbii kee si ibsaatii dhugumatti atis gartuu isaanii keessayi. “ jedhaniiniiru. ;Mat. 25:73, Marq. 15:70, Luq. 22:59) Haasaa hin dandeessu, dubbii qajeelchitee, bareecchitee dubbachuu hin dandeessu ( አንደበተ ርቱዕ አይደላህም) jechuuniifiidha. 🔑 Ayyaana guyyaa shantammaffaatti Afuurri Qulqulluun duuka bu’ootaaf wayta itti bu’etti afaan adda addaatiin qaaquu (haasawuu) isaanii yeroo arganitti Ayihuudonni “ kunoo kanneen haasawan kun hundiyyuu namoota Galiilaa mitii?” jedhaniin. (HDB 2:7) Hayyoonni Hiikoos “ Jarreen Galiilaa kunniin Afaan nama biroo mitiitii kan isaaniyyuu seeran jara hin haasofneedha.” Jechuunii isaaniti jedhanii hiikaniiru. 🔑 Faarisonnis wayta Niqoodimoos Waa’ee Gooftaa isaaniin falmetti “ Raajaan Galiilaa keessaa akka hin kaane/baane qoradhuutii ilaali.” jedhaniiruun. ( Yoh. 7:52 ) Caqasniwwan kunniin hundi Naazreet fi Galiilaan ayihuudota biratti tilmaama gadi aanaa akka qaban nu hubachiisu. Naatnaa’eelis asumaan yaad-ilaalcha gad aanaa Galiilaadhaaf qabu ibsatee ture. 🔑 Hayyichi Maar Yisihaaq Gooftaan keenya “ Naazrettitti hin dhalanne, kanan dhaladhe Beetaliheemittidha” jechuun Naatnaa’eelitti dubbatee waan kamiifuu sababa dhoorkateera Jedha. Sababoota Galiilaa fi Naazreet itti tuffatamaniif 🔑 Galmeen kitaaba qulqulluu daangaa biyyattii irratti argamuu isaanitiin #baadiyyaa ta’anii akka tuffataman ibsa. Hayyoonni hiikoos “ Naazreet biyya saamtotaati. #Tokkos Naazreet jechuun “ ኀሥርት” jechuun kan tuffatamte, kan jibbamte… jechuudha. Ibsi kunis Naazreet baadiyyaa qarqara irra jirtu ta’uu mul’isa. (Hiikoo Simaa Mat.2:23) 🔑 Hiikoo Gi’iizii gara Gi’iizii irratti hayyuun tokko akkana jedhee hiike. “ Naazreet biyyi jedhamte kun ayihuudota biratti kan tuffatamte hin turre. Dur Naazreet keessa jiraachaa namoonni turan gosa warra hin amanne(alagootaa) waan turaniifi.” Raajichi Isaayyaasiis “ Galiilaa warra hin amannee” jechuudhaan alagoonni galiilaa keessa jiraachaa akka turan dubbateera. (Isa. 9:1, Mat. 4:14-16) Hayyoonni Hiikoo Simaa hiikanis, sababa Isaayyas Galiilaa warra hin amannee jedheeniif yemmuu ibsan “ wayta salomoon mana qulqullummaa hojjatutti, mootiin alagootaa #Kiraam jedhamu mukkeen bocee erguufiidhaan gargaaree ture. Salomooniis sababa kanaaf mooticha Kiraamiif naannawa Galiilaatii biyyoota diigdama (20) kenneefii ture. (1Mot. 9:10-14) Kiraamis naannawa Galiilaa alagoota #qubachiiseera. Alagoonni Kiraam qubachiisee fi Israa’eloonni walumaan Galiilaa kan jiraatan ta’aniiru.
Show all...
SAGALEE ALEETIYAA (ድምፀ አሌቲያ)

Kun dirree hiikni dhugaa Wangeelaa barsiisa sirna Mana Kiristiyaanaa Ortodoksii Tawaahidoo eeggatee karaa amala gaarii Kiristiyaanummaa eeggateen itti tamsa'uudha./ይህ በእ/ኦ/ተ/ቤ/ክ ሥርዓት መሰረት እዉነተኛዉ የወንጌል አስተምህሮ ዓዉድ ነዉ። Well Come✋

5👏 1
Photo unavailableShow in Telegram
3
Photo unavailableShow in Telegram
2