cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Barattoota Shaashee🔜🔝

Oromummaan Tan oromoo qofa Join and add gochuudhaan wol haa jajjabeessinuu!

Show more
Finland3 603The language is not specifiedEducation110 970
Advertising posts
204
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
+430 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

➡️Pirezedaantota_Oromiyaa bulchaa turan:- 1.✅Hasan Alii 1984-1987 E.C 2.✅kumaa Dammaqsaa 1987-1993 E.C 3.✅Junneedin Saaddoo 1994-1998 E.C 4.✅ Abbaaduulaa Gammadaa 1998-2002 E.C 5.✅Alamayyoo Atoomsaa 2002-2006 E.C 6.✅Muktaar Kadir 2006-2009 E.C 7.✅Lammaa Magarsaa 2009-2011 E.C 8.✅Shimaliis Abdiisaa 2011 hanga har'aatti! ✅Aangoo akkuma sirna gadaatti wal harkaa fuudhaa as geenye!
Show all...
Oduu Ammee!! Warri DV lootorii bara 2025 warri guuttanii turtan yeroon carraa keessan itti ilaallattan May 4, 2024 ta'uun beekkamee jira. Kana jachuun guyyaa afur qofaatu jachuudha. Warri guuttan hundi Confirmation Number keessan qopheeffadhaa ilaallachuuf qophaa'aa! Akkuma gadi dhiifameen link isiniif maxxansa! Rabbiin warra milkaa'e nuhaa godhuu wal dhageesisaa! Yeroo baay'ee namni keenya guutuu malee Yeroo ilaallatan irratti odeessa hin argatu waan ta'eef! Yaa Rabbi nu milkeessi!! Namonni mana Internet qabdanii ilaalu dandeessan keessan nu dubbisaa @Nuredin @nuredin_Adem
Show all...
Guyyaan Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa ifoomeera. Guyyaan qormaata kutaa 12ffaa bara barnootaa 2016 barattoota saayinsii Hawaasaaf Adoolessa 3 hanga Adoolessa 5tti, barattoota saayinsii uumamaaf Adoolessa 9 hanga Adoolessa 11/2016 yoo ta'u, qormaatichi toora interneetii fi waraqaan yuunivarsitiiwwan keessatti ni kennama. Qorattoonni saayinsii hawaasummaa waraqaan fudhatan Waxabajjii 30 hanga Adoolessa 01, 2016tti, saayinsii uumamaa ammoo Adoolessa 6 Adoolessa 7, 2016tti gara yuniversitii ni seenu jedhameera.
Show all...
Durba bara kanaa Fi mana kirraa kiyya jedhanii eegun 😀😀😀😀😀😀😀faffaaaaa
Show all...
👉𝗞𝗨𝗧𝗔𝗡𝗡𝗢𝗢 | Humna Kutannoo ✪ "Kutannoo yoo qabaatte xaxaa namoonni ittiin si xaxan ofirraa kukkuttee milkaa'uu dandeessa." √ Ati hin dandeessu!" √Ati gahaa miti!" √ Abaluuniyyuu ni dadhabe!" √Qarshii hin qabdu!" √Hin dandeessu!" √ Fira hin qabdu!" √ Haala kamiin sadarkaa kanarra geessa?" jedhanii dhagaa meeqa sitti darbatu! √ Milkaa'ina keetiif wanti akka kutannoo qabaachuu bakka bu'uu danda'u tokkoyyuu hin jiru. √Dandeettii ol'aanaa caalaa kutannootu barbaachiisaadha.
Show all...
Haga sadi jaaladhee Haatirikii hojjadhe, Adoo gaafas jabaadhee Intiraansii hojjadhe. 🤣🤣🤣🥱
Show all...
😁 1
Mucaa Facebook yeroo baayyee fayyadamuufi Abbaa isaa yammuu waliin haasawan... #Abbaa: "Adaraa ilmakoo akkaataan itti facebook gargaaramtu kun gaarii miti yoo sitti hafehoo...?" #Ilma: "Abbaa koo comment kee fudhadheera. Garuu yero mara online ta'uun maal rakkoo qaba." #Abbaa: "Rakkoo qaba malee, Yeroo dheeraa facebook gubbaatti dabarsuu keerraan kan ka'e Aadaa dagattee jirtaa beeki.." #Ilma: "Hin dogoggorin abbaa an aadaa sirriittiin beeka." #Abbaa: "Mee erga niin beeka jettee jalqabaa hamma dhumaatti akka hoolaan itti qalamu natti himuu ni dandeessaa?" #Ilma: "Abba kun cimeetiiree..? Jalqaba gabaa deemtee search goota.." #Abbaa: "Ni barbaadda," jechuu keetii? #Ilma: "Eeyyee abbaa." #Abbaa: "Tole achiihoo.." #Ilma: "achiin booda mana fiddee lafarratti 'download' goota."           Achiin boodaas morma isaa cut gootee, gogaa isaa irraa 'remove' goota.."           Achiin booda garaasaa 'open' gochuun applicationoota achi keessa jiran hunda gadi baasta." #Abbaa: "Ihii.. kee raajuma itti aanseehoo.." #Ilma: "Itti aanseemmoo application baasne sana Foldera keessa keenya." #Abbaa: "Gabataa gubbaa goona jechuu keetii.. achiihoo?" #Ilma: "Achiimmoo gosa foon #like goonee filannee garaa keenyatti posti gochuudhakaa abbaa.." . . . . . . .#Abbaa: "Waan tokko dagatte ilmakoo.. warri ollaa keenyaa share akka godhanitti invite gochuu qabna😂😍 ...... Aboo Maal eegdaree? Ollaa keef share Kaa channel kana atis✅✅✅✅
Show all...
"Qormaanni biyyooleessaa kutaa 12ffaa magaalota filataman keessatti toora interneetidhaan ni kennama" - Prof. Birhaanu Nagga Qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 magaalota filatamoo keessatti toora interneetii irratti akka kennamu Ministeerri Barnootaa beeksise. Ministirri Barnootaa Prof. Birhaanuu Naggaa, "Qormaanni kun guutummaan guutuutti toora interneetii irratti kennamuu kan hin dandeenye ta'us magaalota naannolee filataman keessatti akka kennamuuf hojjetamaa jira" jedhan. Barattoonni naannolee hunda keessatti filataman qormaata isaanii toora interneetii irratti akka fudhatan beeksifameera. Kanneen hafan qormaata isaanii haala idileetiin akka Fudhatan ibsaniiru. Daarektarri Madaallii Barnootaa fi Qormaata Doktar Ishetuu Kabbadaa akka jedhanitti; Qormaata kana toora interneetii irratti gaggeessuuf hojiin qophaa'inaa hojjetamaa aka jirus himaniiru. Barattoonni qormaata yaaliitiin akka shaakalan ni taasifamuu jedhaniiru. #MoE
Show all...
~ Gaarri Tulluu ta’e si duraa dhaabbatu waa lamaaf 1, yookiin si dhoksuuf 2, yookiin si mudhisuuf -tulluu gaara gubbaa dhaabbatte mul’atuuf yaada tulluu sana olii qabatee argamuudha . Addunyaa guutuu kunoo moone waan hundaa oduun osoo hin taane biyya keenya ijjaarre mul’achuuf wantoota hedduu dalagne argamne jira . ammaas biyya keenya ijaaruuf haasawaan osoo hin taane qabatamaan argisiifna . Daandii milkaa’ina karoora Bara 2016 ( karoora xiiqii ) Ariitiin,baay’inaan fi qulqullinaan hojjannee ni milkoofna.
Show all...