cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Good Leader

Sabaa guddaa waan taaneef ulfina guddaatuu nuu barbaachisaa!! ?ati dhalootaa kanaaf maal buufte? Dhaloonni maal sirraa argate? Marree isiinis nuu waliin hojjedha Nuu deegaraa nuu jajjabessaa! @Ilmaa_sabaa dubbisaa @Ilmaa_sabaa

Show more
Finland2 839The language is not specifiedEducation72 299
Advertising posts
1 008
Subscribers
No data24 hours
-77 days
-1930 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Barattoonni Itoophiyaa dorgommii ICT Tuunisiyaatti gaggeeffame sadarkaa 3ffaan xumuran. Dorgommii Teeknooloojii Quunnamtii Odeeffannoo (ICT) Huwaawwee Tuunisiyaatti gaggeeffame irratti Itoophiyaanonni sadarkaa 3ffaan xumuruun ibsame.
Show all...
Mee amala geggeesan tokko qabachuu qabu kan akkami ta'uu qaba yaadaa keessaan Comment naaf godhaa👇👇👇👇👇👇 dubbisaa gaarii Amala Gaggeessummaa Dhugaa ~Hojjetee itti agarsiisee, hojjechiisa. ~Jechaan osoo hin taane, Gochaan agarsiisa ~karaa kana deemaa jedhee taa'a osoo hin taane, imalee kallattii itti agarsiisa. ~Gaggeessaan dhugaa, inaaffaa qajeelaa isaaniif qaba:- kunis jijjiirama  karaa hunda galeessaan kan dhufu dha. ~Gaggeessaan dhugaafi milkaa'oon, warra isaan caalaa sabaaf ta'uu danda'an oomisha. ~Karaatti abjuu isaanii dhugoomsuu danda’an irratti isaan utubee, gara milkaa'inaatti isaan geessa. ~Na caaluu laata jedhee yaadda'aa osoo hin taane, akka isa caalaniif waan danda'u hundaan isaan gaggeessa, isaan gorsa. ~Mul'ata namaa "Copy" godhee itti kenna osoo hin taane, mul'ata akka qabaataniif, karaa mul’ata isaanii itti argachuu danda’an itti agarsiisa ~Waanan jedhu fudhadhaa jechuu qofa osoo hin taane, irra caalaa waan bu'aa fiduu danda’u irratti fuulleffata. ~Waan xiqqoo isaan hojjetaniif, beekamtii onnachiisoo kennaafi. ~Tokko olkaasee, tokko gad buusuun amala gaggeessaa hubatoofi bilchaatoo miti. ~Gaggeessaa Dhugaa fi milkaa'aan, of jaja, of faarsa osoo hin taane,  hojjettoota gaggeessuun of jaja. ~Jechaan arbaa'ee, qabatamaan yoo hin jiraanne, shimala qiinqanii nyaattee fixxe ta'a. ~Gaggeessummaa dhugaan bu'aa dhuunfaa isaa caalaa, bu'aa hojjettota gaggeessuu irratti xiyyeeffata. ~Gaggeessaa gahumsa gaggeessummaa qabu, waan hojjetaan isaa barbaadu hubata. ~Ogummaa fi hubannaadhaan ijaaramee, qarruu beekumaaan masakama. ~Gaggeessaa Dhugaan, hariiroo fayyaaleessa hojjettota gaggeessuu wajjin uumuun, amala madaqfamaa isaan barbaadaniifi galmichi barbaadu walitti kan hidhudha. ~Gaggeessummaa dhugaan, hiikaafi ergaawwan dhokatoo hedduu qaba. ~Gaggeessummaa amalaafi adeemsa guutuu, karaa of danda’een kan ijaaramu dha. fuula Facebook koo👇👇👇 #Culullee_Shaggar #governor Galatoomaa
Show all...
Akkam jirtuu hordoftoota koo mee yoo Waaqayyoo naa gargaare barnootaa geeggeessumma waliin wal qabatuufi geggeessaa gaariin tokko amaloota akkami qabachuu akka qabuu isiiniif qooda #channel koo isiin immoo hiriyoota keessaanif sharee naf godha Galatoomaa
Show all...
https://www.youtube.com/@galaadhaloota2016     kun link youtube keenyati seena sub...godha
Show all...
Seenaan yoo barreeffamee taa'e irraa baratama. Kan armaan gadii kun Tartiiba Abbotii Gadaa Gadaa Gujii ti. Maddi fuula feesbukii Addis Standard Afaan Oromoo ti. "Gadaan #Gujii Abbaa Gadaa 75ffaa argateera; ofii Abbootii #Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota 600 oliif dhaloota irraa gara dhalootaatti Baallii dabarsaa asiin kan gahe Gadaan Oromoo Gujii, Abbaa Gadaa 75ffaa isaa har’a argateera. Har’a ganama Abbaan Gadaa Jaarsoo Dhugoo Abbaa Gadaa Gujii 75ffaa ta’uun Abbaa Gadaa Jiloo Mandhoo irraa baallii fudhataniiru. Ofii Abbootii Gadaa 74 kanaan dura gaggeessan ni beektu? Maqaa Abbootii Gadaa bara ALI bara 1424 irraa kaasee hanga ammaa gaggeessaa turan waajjira Aadaa fi Turizimii Godina Gujii wabeeffachuun akka armaan gadiitti qindeessineerra. 1.Jaajee Gobbaa (1424-1431) 2.Jiloo Wolaagoo (1432-1439) 3.Jirruu Utaa (1440-1447) 4.Guluu Gaararroo (1448-1455) 5.Heebanuu Jaldoo (1456-1463) 6.Biilaa Mannakkoo (1464-1471) 7.Bariisoo Gumii (1472-1479) 8.Adoolaa Aanolee (1480-1487) 9.Gobbuu Shaaroo (1488-1495) 10.Goluu Subbaa (1496-1503) 11.Cirrii Galoo (1504-1511) 12.Buurcisaa Shaabuu (1512-1519) 13.Aagaa Kallachaa (1520-1527) 14.Jiloo Bidoo (1528-1535) 15.Gannaalee Roobee (1536-1543) 16.Duuba Adii (1544-1551) 17.Aboo Rasoo (1552-1559) 18.Halakee Lulee (1560-1567) 19.Gobbuu Daayyee (1568-1575) 20.Gannaalee Lolee (1576-1583) 21.Qandhashoo Aanolee (1584-1591) 22.Jaboo Sibuu (1592-1599) 23.Qalqalcha Tukashoo (1600-1607) 24.Gololcha Sharuu (1608-1615) 25.Abbaa Doolaa (1616-1623) 26.Aagaa Saqoo (1624-1631) 27.Jiloo Bansaa (1632-1639) 28.Haroo Shotee (1640-1647) 29.Jaarsoo Dhugoo (1648-1655) 30.Ushoo Waaree (1656-1663) 31.Gannaalee Dambalaa (1664-1672) 32.Godaanaa Aagaa (1672-1679) 33.Godoree Bokkoo (1680-1687) 34.Jaarsoo Soree (1688-1695) 35.Aagaa Buudee (1696-1703) 36.Tukee Shifaa (1704-1711) 37.Jiloo Badhaa (1712-1719) 38.Aagaa Waaree (1720-1727) 39.Birraa Lukee (1728-1735) 40.Jiloo Xuulloo (1736-1743) 41.Balakkoo Jiloo (1744-1751) 42.Budhushoo Halakee (1752-1759) 43.Soraa Bulultaa (1760-1767) 44.Ijuu Gallabee (1768-1775) 45.Surroo Cekoo (1776-1783) 46.Jiloo Waaree (1784-1791) 47.Galchuu Kemaa (1792-1799) 48.Miidhee Niitii (1800-1807) 49.Daadaa Kuraa (1808-1815) 50.Xiloo Soolee (1816-1823) 51.Bunoo Dhaa’ee (1824-1831) 52.Dasee Halakee (1832-1839) 53.Bunee Boruu (1840-1847) 54.Aagaa Kallachaa (1848-1855) 55.Adulaa Karaa (1856-1863) 56.Waaqoo Gaararroo (1864-1871) 57.Birraa Cuqqee (1872-1879) 58.Aanolee Badhaa (1880-1887) 59.Roobaa Boruu. (1888-1895) 60.Jiloo Kendhoo (1896-1903) 61.Galchuu Curruuqoo (1904-1911) 62.Jiloo Bokkoo (1912-1919) 63.Jiloo Sayee (1920-1927) 64.Aagaa Adii (1928-1935) 65.Ushoo Jiloo (1936-1943) 66.Tukee Guyyee (1944-1951) 67.Jiloo Mixoo (1952-1959) 68.Adoolaa Jiloo (1960-1967) 69.Girjaa Jiloo (1968-1975) 70.Adoolaa Aagaa (1976-1983) 71.Godaanaa Kattaa (1984-1991) 72.Aagaa Xeenxanoo (1992-1999) 73.Waaqoo Duubee (2000-2007) 74.Jiloo Maandhoo (2008-2016)"
Show all...
👍 2
Obsaan naaf dubbisaa! Comedian Lij Yared (Yaared Zalaalam Baalchaa) Waggaa torban ammaa ture obboleessa koo Artist Haacaaluu Hundeessaan wal arguuf wal beellamne. Comedian Lij Yaared waliin dhufanii wal argine. Sana dura ani Lij Yaared hojii comedy isaa hedduu jaaladhus eenyummaa isaa gadi fageenyaan hin beekun ture. Haaceen “Ittoo mucaa kanaan wal baraa ilma Oromooti Finfinneetti dhalatee guddate nama cimaadha jajjabeeffachuu qabna” naan jedhe. Anis hojii comedy isaa akkan hedduu jaaladhu itti himee guyyaa sana waliin turre. erga guyyaa sanaatii deddeebinee wal arginee hedduu walitti dhihaanne. Lij Yaared nama naamusa qabu, gara laafessa, nama nama kabaju, nama eenyummaa isaan boonu, abbaa ogummaa Comedy, ogummaa Fakkii, Bobboca, Muuziqaa, bineensota bosonaa namni ijaan arguullee sodaatu akkasumas bineensota waliif diinaa mana tokko keessa mitii naannoo tokkoyyuu jiraachuu hin dandeenye ofitti madaqsee, walittis madaqsee qabeenya uumamaa naannoo irratti hojjechuun nama kennaa addaa qabu akka ta’es kanan bare yeroo sana ture. hedduu walitti dhihaanne. haasaan isaa hundi qoosaa haa fakkaatanii nama kolfisiisan malee ergaa guddaa of keessaa qabu. Hojii aartii inni hojjetu ilmaan habashootaa akka malee isa dinqisiifatan biyya keessaa fi biyya alaatti iddoo gurguddaatti agarsiisa adda addaa hojjetaa biyya Ameerikaatti hojii comedytiif deemee fakkii kaasuun dorgomee injifatee badhaafamuu fi biyya keessattis badhaasota garaa garaa Muummicha Ministeeraa fi Pirezedaantii biyyattii duraanii harkaa nama fudhachuu danda’e kennaa addaan uumaan badhaasedha. Lij Yaared haala kanaan ogummaa isaan osoo hojjechaa jiruu ilmaan alagaa Oromoo ta’uu isaa gaafa baran jechoota arrabsoo adda addaa eenyummaa isaa xiqqeessu itti darbachuu eegalan. Sagantaa adda addaa irratti ilmaan alagaa warruma Yaared harka qabee ogummaa isaan leenjise dabalatee warri jibbiinsa Oromoo qaban dhiibbaa hamilee isaa buusu heddu irratti raawwatan. Erga haala isaanii hubatee booda xumura bara 2017tti gaaffiif deebii JTV irratti dhihaatee Odaa guddaa morma isaatti kaawwatee dhaqe. “Kan morma keetti kaawwatte kuni maali” jedhanii gaafannaan “Ani ilma Oromooti kan morma koo irraa Odaadha ibsituu eenyummaa kootii”jechuun deebiseefii ture. Lij Yaaredis Itoophiyaawinnatiin isaan jedhan Oromoo fi Oromummaa akka hadheeffatu caalatti yeroo sana kan hubate. Innis Itoophiyaawinnatii isin leellistan Oromoo fi Oromummaa balaaleffattu fudhadhaa qilee seenaa Anis Saban qaba, anis biyyan qaba jedhee kan dugda isaanitti laatee isa durii caalaa gara Oromoo fi Oromiyaatti fuula isaa guutumatti naanneffate. Yaared alagaa biraa kabajaa fi maallaqa guddaa argachuuf jecha eenyummaa isaa hin osoo hin dhoksin faayidaa isaan biraa argamtu cinaatti dhiisee eenyummaa isaaf dabarsee of laate. hojiiwwan isaa sana booda waan Oromoo fi Oromiyaa ibsu hedduu hojjechuun sagantaa Oromoo hedduu bareechee jira. Bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti lafa Heektaara 40 ol ta’u iddoo duraan xuraawaa adda addaa itti gatamu qulqulleessuun parkii ajaa’ibaa hojjetee Bineensota garaa garaa walitti madaqsee akka iddoo daawwannaa ta’uuf hojjetaa ture. Warri mataa ol qabachuu isaa hin jaalanne ilmaan alagaa irraa adabachuu hin dandeenye. Miidiyaa hawaasaa garaa garaa irratti arrabsoo hedduun itti duulan. Innis arrabsoo arrabsumaan deebisaa ture. Wanti kuni dhawaata hammaachaa dhufe. isa dhuunfadhaan arrabsuu bira darbanii uummata bal’aatti darbanii eenyummaa isaan arrabsaa turan. Maatii isaa faanas walitti dhihaanna waan ta’eef na waamanii irra deddeebinee arrabsoo isaaniif akka deebii hin laanne gaafanne. Tole jedhee dhiise. oolee bulees yeroo inni miidiyaa hawaasaa facebook fi TikTok irratti live seene arrabsoon itti cime obsee yeroo dadhabe deebii wal fakkaataa deebisaaf. Anis irra deebi’een dhuunfadhaan ofitti waamee ati osoo isaan caaluu baattee jarri kun sin arrabsanii dhiisi waan isaan ittiin caaltu hedduu qabdaa ogummaa keen iddoo guddaa geessee inaafsisuu dandeessaa hojii eegaltetti xiyyeeffadhun jedheen.
Show all...
“Kana booda live hin seenu yoon seenes deebii isaanif hin laadhu”jedhee waadaa naaf galee guyyoota muraasaf online irraa fagaate. Waa bubbulee itti deebi’e. waadaa waan nuuf galeef nu dhokatee seenee waan ta’e dudubbatee baha. isaanis itti duulan, innis isa duraatii olitti deebii laachufii eegale. Inni beekamaadha maqaa isaa sirriin dubbata. isaan dhokatanii account sobaa (fake account)n dubbatanii isa aarsu. hiriyaa koo akka obboleessaatti jaaladhuu fi waan kamiiyyuu yoon jedheen maatii isaa caalaa na dhagahu dhimma kana irratti garuu of too’achuu fi na dhagahuuf humna dhabe. Oromoon safuu qabaa arrabsoo hin beeku ani arrabsoo isinuma irraayin baree hoodhaa waan keessan fudhadhaa jechaa ture. Dubbiin jabaachaa dhufee arrabsoon gara amantaatti ce’aa dhufe. gaafa sana egaa kaayyoon ilmaan alagaa kan galma gaheef. Oromoo inni itti dheeffetu amantaa koo tuqxe jedhee warra alagaa caalaa itti duule. Yaared amantaa arrabsuun alagaaf missiraachoo ta’e. jaalala amantaaf miti. nama eenyummaa isaa jibban saba isaa itti duulchifatan, ogummaa isaa irraayis gufachiisan. Agartanii?! amantaan Oromoof amantaa qofa. alagaaf immoo qa*wee ittiin Oromoo wal rukuchiistudha. isaan xiyyeeffannoon isaanii guddaan kaayyoo isaa irraa gufachiisuu fi sabni ati itti dheeffite kuni wabii siif hin ta’u isa jechaanii turan hojiin agarsiisan. Lij Yaared miira keessa galchanii arrabsoo amantaa dubbate Oromoon itti duullaan dhiifama gaafate. Alagaa caalaa Oromootu dhiifamni siif hin malu jedheen. gaafa amantii namaa xiqqeessan homaa itti fakkaachus baatu namni hedduun biyya keenyaa dhimma amantaa irratti dhiifama hin beeku. Amantaan dhiifama hin lallabne garuu hin jiru. Amantaa dahoo godhattee ykn amantaa wabeeffattee ilmaan alagaa akka feete yoo taate namni gaafatu hin jiru. gaafa Oromoo ta’e garuu lafatu garagla. seerris gaafasuma olaantummaa isaa agarsiisa. Lij Yaared amantaa arrabse jedhameef dhiifama gaafatee ture. ni didame. dhiifamni yoo hin godhamneef garuu yakkamaa ta’ee argamnaan seeraan gaafatama malee sababni hammeenyi adda addaa irratti raawwatamuuf hin jiru. Yaared waraanni mootummaa hedduun mana jireenyaa isaa cabsanii seenun erga too’annoo jala oolchanii booda reebicha daangaa hin qabne irratti raawwatan. Konkolaataa gubbaatti erga fe’anii reebuu qofa osoo hin taane rifeensa isaa irraa cicciran. du’uu qabda jedhanii itti dhaadatan. kuni ajaja eenyutiini. hundi isaanii saba biraati. aangoon isaanii nama shakkame too’anoo jala oolchuu bira hin darbu. tarkaanfiin fudhatame garuu jibbiinsa eenyummaa isaa irratti kan xiyyeeffateedha. Mana hidhaa keessatti gaafachuuf deemee guyyaa sadi dubbisuu hin dandeessu jedhameen guyyaa 4ffaatti gargaarsa namaan argadhe. Lij Yaared amma murtii tokko malee mana hidhaa keessatti ji’a 5ffaa dabarsaa jira. Nutis isa jarri Oromoon wabii siif hin ta’u jedhanii arrabsaa turan isatti dugda laannee ragaa baanefii jirra. “Dhimma isaa namoota fala ta’uu laata jedhee gaafadhe hundi dhimma isaa warra oliitu qabatee jira” jedhu. Yaa warra olii! warra ol hin ilaalle, mee isa gadi isin ilaaluuf jedhaa obboleessa keenya fi fakkaattota isaa shiraan kiyyeeffaman quba nuuf qabaadhaa!
Show all...
👍 1
#NamagubaKichuucabuun isaa...! (#Seenaa_gabaabaa_Ambassaa_Dhugumaa) Shawaa Lixaa Aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Baddeessaa Caandoo iddoo addaa #Mukarbaa jedhamutti dhalatee guddate. Ijoollee naannoo waliin walitti dhufee dhoqqee borcee hiibboo taphatee guddate. Dandeettii waa hubachuufi qalbeeffachuu kennaa adda ta'een kennameefi. Sammuun isaa beekumsa guddaan badhaadhee mucaa guddate ture. Abbaafi haadha isaaf akka gaariitti ajajamaa Re'oota, jabbilootaafi loon tiksaa hiriyyoota isaa waliin kan guddatedha. Umuriin isaa yeroo barumsaaf ga'u mana barumsaa sadarkaa 1ffaa #Harootti barnoota isaa kutaa 1ffaa eegale. Amala qabeessa dubbatee nama hin quuqne gara laafeessa mucaati. Gaariis ta'ee hamaa callisee ilaala. Kutaa (1-8) Mana barumsaa hayyoonni gurguddoo keessaa ba'an Harootti xumure. Bara 2001 qorumsa naannoo kutaa 8ffaa fudhatee qabxii gaarii fiduun gara kutaa 9ffaatti darbe. Hiriyyoota isaa waliin jaalala cimaa qaba. Obbo Dhugumaa Fufaa ilmaa isaanii hedduu jaalatu. Kunuunsa barbaachisu mara taasisaafii turan. Wanti adda isa godhu tokko yoo jiraate Obboleessa abbaa isaa kan ta'e Dassaalany Fufaa waliin taa'ee barnoota barachuu isaati. Wasiilli isaa Dassaalany Fufaa barataa cimaa ture. Akkuma kutaa 8ffaa xumureen gara kutaa 9ffaatti darbuun #Mana_barumsaa_sadarkaa_2ffaa_Abuunaa_Gindabaratiitti barachuu itti fufe. Obboleessa abbaa isaa #Dassaalany_Fufaa waliin Mana kireeffatanii waliin taa'anii barnoota isaanii barachaa turan. Kutaa (9-10) achumatti barate. Qorumsa Biyyooleessa bara 2003 yoo fudhatu qabxii gaarii firaaf hiriyyoota isaa gammachiisu (4:00) fiduun kutaa 11ffaatti muummee Saayinsii uumamaa barachuu itti fufe. Sadarkaa 2ffaa barachuu yeroo eegalu barnoota isaan daran cimaa dhufe. Firii isaa ammoo qabxii gaarii fiduun mirkaneesse! Maatii isaa irraa adda bahee yoo jiraatu illee, wasiila isaa waliin jireenya waan dabarsuuf akkasumas abbaan isaa baay'ee isa jaalatu sunis waan haalan gargaaruuf rakkoo barattootni keessummeessan san hin keessummeessine. Qorumsa biyyoolessaa wasiilli isaa milkaa'uu hin dandeenye. #Mana_barumsaa_Qophaa'ina_Gindabaratitti hiriyyoota isaa waliin maatii irraa fagaatee barnoota isaa itti fufe! kutaa (11-12) achumatti barachuun bara 2005 qorumsa seensa yuunibarsiitii fudhachuun ammas qabxii gaarii galmeessee Yuunibarsiitii Madda Walaabuu deeme. Turtii waggaa 5'n booda barnoota isaa Injiinaran xumuruun qabxii guddaa waan fideef barsiisaa #YuunibarsiitiiMaddaWalaabuu ta'uun otoo barsiisaa jiruu #Ayyaana_Qillee Obboleessa isaa biratti kabajuuf deemaa otoo jiruu balaa Konkolaataan iddoo addaa #Dheeraa jedhamutti #Mudde 27,2016 du'aan dachee kanarraa godaane. Maatiif hiriyyoota isaaf jajjabina hawwina! Obboleessa isaa ijaan arguu dadhabe! Maatii isaan baga geessan jechuu hin dandeenye. #Ambassaan ilma waan hundumtuu irra bareedu balaa tasaan du'ee hiriyyoota isaafi maatii isaarraa adda bahe! #KichuuttiCabe! Haacaaluu Dhugaasaatiin
Show all...