cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking ยซAccept allยป, you agree to the use of cookies.

avatar

FAYYAA OROMOO ๐Ÿ‘จโ€โš•๏ธ

Odeeffannoo//Gorsaa // Barnoota Fayyaa. Yaadaaf gaaffii ๐Ÿ“ฉ ๐Ÿ‘‰ @gaaffiikoo_bot irratti naaf barreessaa! Garee ๐Ÿ‘‰ @drmoii JOIN godhaa!

Show more
Finland2 806The language is not specifiedMedicine12 630
Advertising posts
1 201
Subscribers
+224 hours
+37 days
+3430 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

KAANSARII FIIXEE GADAMEESSAA - Cervical cancer Kaansarii Talaalliin ittifamuu danda'u! kaansariin kun fiixee gadameessaa isa afaan Ingiliffaatiin 'cervix' jedhamee waamamu irraa kan maddu fi qaamolee biroottis kan tatamsa'uudha. Kaansarii kanaaf 90% ol kan sababa ta'u vaayirasii human papilloma virus (HPV) jedhamuufi kan walqunnamtii saalaa daddarbudha. Biyya keenya Itoophiyaa keessatti waggaatti dubartoonni 7,000 ol dhibee kanaan kan qabaman yoo taโ€™u, isaan keessaa kanneen 5000tti siiqan lubbuun isaanii darba. MALLATTOOLEE MULโ€™ACHUU MALAN: ๐Ÿ‘‰ walqunnamtii saalaa booda dhiigu. ๐Ÿ‘‰ Dhiigni marsaa laguu baayyachuu ykn marsaan laguu dheerachuu. ๐Ÿ‘‰ Dhangala'aa gadameessaa foolii addaa qabu ykn kan dhiiga of keessaa qabu. ๐Ÿ‘‰ Dhukkubbii yeroo walqunnamtii saalaa. ๐Ÿ‘‰ Laguun ergi dhaabatee booda(umuriidhaan) dhiiga qaama saalaa eegalu. ๐Ÿ‘‰ Dhukkubbii garaa gara gadii ๐Ÿ‘‰ Dadhabbii, fedhii nyaataa dhabuu fi ulfaatina qaamaa hir'isuu---kkf Dubartoota tokko tokko irratti mallattoo tokkollee osoo hin agarsiisin sadarkaa hamaatti guddachuu danda'a. Saaxil baastoota (risk factor) ๐Ÿ‘‰ Umurii dargaggummaatti walqunnamtii saalaa jalqabuu. Umurii 20 dura walqunnamtii saalaa jalqabuun carraa Kaanserii kanaan qabamuu ni dabala ๐Ÿ‘‰ Tamboo/Sigaaraa xuuxuu. Kunis Namoota tamboo xuuxan irratti infekshiniin HPV yeroo mudatu, infekshiniin kun yeroo dheeraa kan turuu fi carraan baduu xiqqaadha ๐Ÿ‘‰ Hiriyoota walqunnamtii saalaa baayyee qabaachuu ๐Ÿ‘‰ qorannoo kaansarii gadameessaa raawwachuu dhabuu. ๐Ÿ‘‰Wantoota sirna ittisa qaamaa laaffisan kanneen akka HIV AIDS, qorichoonni adda addaa sirna ittisa qaamaa hir'isan, dulloomuu, raadiyaashiniifi wal'aansa keemikaalaa farra kaansarii...kkf argamuu. ๐Ÿ‘‰ Diinagdee fi haala jireenyaa gadi aanaa (Haala hawaas-dinagdee gadi aanaa) ๐Ÿ‘‰ Dhukkuboota walqunnamtii saalaan daddarban kan birootiin qabamuu. ITTISA Carraa kaansarii gadameessaa hir'isuuf: ๐Ÿ‘‰ Talaallii Vaayiresii HPV fudhachuu. ๐Ÿ‘‰Qorannoo kaansarii duraa adda baasuu taasisuu. Kunis dubartoota umurii 21 olii ykn walqunnamtii saalaa erga jalqabanii waggaa 3 ol xumuraniif kan godhamu fi hospitaalota mootummaa kamittuu tolaan ni kennama. ๐Ÿ‘‰ Tamboo xuuxuu dhiisuu. YAALII Sadarkaa dhibeen kun irra jirurratti hundaaโ€™uun baqaqsanii yaaluu, keemooteeraappii fi carallaa tahuu dandaโ€™a Hub: dhibeen talaallii qabu kuniifii qorannoo yeroon gochuun yaala salphaan fayyamuu malu; yoo yeroon hin yaalamiin qaamolee birootti baballachuun yaalii isaa ulfaachuurra darbee lubbuu baayyees galaafataa jira. #talaallii fudhadhaa #qoratamaa Fayyaa hin dhabiinaa โœ @drmoii Gaafiif ๐Ÿ‘‰ @gaaffiikoo_bot
Show all...
๐Ÿ‘ 13โค 2
Photo unavailableShow in Telegram
Sirni baayโ€™ina ofumaan EU ofumaan gatii gurgurtaa maallaqa dijitaalaa kan akka BTC, ETH, USDT isa gadi aanaa taโ€™e jijjiirraa irratti barbaada, sekondii muraasa keessattis ni bita. 1. Galmaa'aatii 9999 USDT argadhaa, deebiin guddaan %10 kuufama. 2. USDT quantification, maallaqni ofumaan galfamee baafama. 3. Baayโ€™ina VIP1-VIP8, galii baayโ€™inaan 3%-13% . 4. Maallaqa hedduu deeggaru, lakkoofsa idilee 1.5%-6.0% . 5. Quantification sa'aatii 24 keessatti al tokko reset kan godhamu yoo ta'u,quantification ammoo guyyaatti al tokko ta'a. 6. Ergamtoota daldalaa baayโ€™inaan sadarkaa sadii (A5%+B2%+C1%=8% badhaasa) guddisuu . Tajaajila maamiltootaa Telegiraamii: https://t.me/eu_online_service1 Hidhaa galmee miseensotaa: https://euexchange.cc/#/register?i=413187 Chaanaalii ofiisaa Gamtaa Awurooppaa: https://t.me/EUExchangevip Gareen ofiisaa Gamtaa Awurooppaa: https://t.me/EUExchangeVipGroup
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
Sirni baayโ€™ina ofumaan EU ofumaan gatii gurgurtaa maallaqa dijitaalaa kan akka BTC, ETH, USDT isa gadi aanaa taโ€™e jijjiirraa irratti barbaada, sekondii muraasa keessattis ni bita. 1. Galmaa'aatii 9999 USDT argadhaa, deebiin guddaan %10 kuufama. 2. USDT quantification, maallaqni ofumaan galfamee baafama. 3. Baayโ€™ina VIP1-VIP8, galii baayโ€™inaan 3%-13% . 4. Maallaqa hedduu deeggaru, lakkoofsa idilee 1.5%-6.0% . 5. Quantification sa'aatii 24 keessatti al tokko reset kan godhamu yoo ta'u,quantification ammoo guyyaatti al tokko ta'a. 6. Ergamtoota daldalaa baayโ€™inaan sadarkaa sadii (A5%+B2%+C1%=8% badhaasa) guddisuu . Tajaajila maamiltootaa Telegiraamii: https://t.me/eu_online_service1 Hidhaa galmee miseensotaa: https://euexchange.cc/#/register?i=413187 Chaanaalii ofiisaa Gamtaa Awurooppaa: https://t.me/EUExchangevip Gareen ofiisaa Gamtaa Awurooppaa: https://t.me/EUExchangeVipGroup
Show all...
Baakteeriyaan "foon nyaatu" Jaappaan keessatti haala yaaddessaan babal'achaa jira Baakteeriyaan foon nyaatu kun Group A hemolytic streptococcus kan jedhamu yoo ta'u, kunis gogaa keessa seenun, foon kan nyaatuu fi tishuu kan ajjeesuun qaamni namaa akka dadhabu taasisa. Baakteeriyaan kun dhibee kanaan ala bal'inaan dhukkuba tonsilii fiduudhaan kan beekamudha. Jalqaba bara 2024 irraa eegalee namoonni baakteeriyaa kanaan qabaman 977 yoo ta'u, rikoordii bara darbe ji'oota jaha keessatti namoota 941 qabaman cabseera.
Show all...
๐Ÿ‘ 11
Repost fromย Bohaartii Media
Kan suura isaa asiin gaditti argamu Walter summerfold jedhama. Yeroo waraana addunyaa 1ffaa qondaala waraana Biriteyin ta'ee tajaajileera. Akka seenaa isaa himutti namni kun irra deddeebiin Bakakkaadhaan rukutamuu isaa agarsiisa. Kan jalqabaa bara 1918 biyya Beeljiyeem keessatti fardaan osoo adeemuu bakakkaan isa dhahuun mudhii isaatii gaditti laamsha'e. Sababa kanaanis loltummaa keessaa hir'ifamee ture. Dhibee kanaaf yaalii taasifamaafii tureenis dandamatee deebi'ee miilla isaan adeemuu danda'ee ture. Haa ta'uu garuu hireen jalqabaa sun waggaa 6 booda isa mudattee bara 1924tti si'a lammaffaa osoo qurxummii kiyyeessuu boqonnaaf muka jala boqote jalatti Bakakkaan rukutamee qaamni isaa gara mirgaa guutuutti laamsha'e. Kanaan osoo hin dhaabatiin; balaa isa lammaffaa booda waggaa 6ffaa isaatti ammas balaan wal fakkaata isa mudachuun haala hamtuun miidhamee, qamni guutuun laamsha'e sireetti gale. Waggaa lamaaf yaaliirra turus sababa dhibee kanaan lubbuun isaa dabarteetti. Kanaan hin xumuramne erga du'een booda waggaa 4tti, jechuunis bakakkaan si'a sadaffaa isa rukutee waggaa 6ffaatti ammallee balaan isa mudateera. Yeroo kana garuu siidaa awwaalchasaarra ture kan bu'e. Seenaa kana yeroo ilaalluu irra deddeebiin balaa walfakkaataan hubamuu isaa qofa osoo hin tahiin turtiin taateewwan sana gidduu jiru walqixxaachuun (waggaa 6) yaada namaa kan hatudha. Odeeffannoo bohaarsaniif barsiisan argachuuf.... ๐Ÿ‘‰ t.me//Jechama1 Gorsa fayyaaf ๐Ÿ‘‰ t.me//fayyaaoromoo
Show all...
Bohaartii Media

- Oduu haaraa. - Jecha namoota beekamoo - Makmaaksa . - Qoosaa kofalchiisoo - Seenaa gaggabaaboo fi barsiisoo ta'an argachuuf nu hordofaa! Isinis @jechabot irratti nuuf ergaa. Garee @oromiyaaharmee Join godhaa

๐Ÿ‘ 8
Repost fromย Bohaartii Media
Fuula nama baratee! Caamsaa 20 guyyaa yaadannoo sirni Dargii itti kufee wayyaaneen aangoo itti qabate sababeeffachuun waajjiraaleen mootummaa danuu cufaa turan. Akka har'aa kabajamamoo hin kabajamuun shakkii keessa otuu hin galiin; waggoota 25nii oliif walitti fufee kabajameera. Guyyaa kana turee egaa akka hojjetaa mootummaa tokkotti boqonnaakoo dabarsuuf akkasumaas laaqanakoo nyaachuuf  mana nyaataa kanaan seene. Namoota danuutu  ture. kaan nyaachuuf eeggata, Kaan nyaataa jiraa, kaan nyaatee taa'ee boqota. Kaan yaadaan badee kan darbeef kan dhufu gidduutti cinqama. Kaan hunda dagatee haasaa fi kolfaan of wal'aana. Kana keessa ture kan ijikoo waa irra bu'e, fuula nama baratee. Namni baratee danuun hojjetaa mootummaati jechuunis qacarameetu mana mootummaa ykn dhuunfaa keessaa dalaga. Fuulli nama baratee ifee kan ibsuu qabu, kolfee gammachiisuu kan qabu, bareedee hawwatamuu kan qabu ture. Tureen garuu ta'ee miti. Tureen garuu tureen hafe. Kan kolfee taphatu keessaa, kan gammadee dhichiisu, keessaa fuula nama barateen dhabe. Fuulli nama baratee mana nyaataa sana keessaa gara hin mul'anneen dhokatee, keenyaan manichaatti siiqeetu jira. Nyaarri akka foo'aa harkifameetti guduunfamee, iji akka dubartii dhabduu keessatti cabee, maddiin coligee simboo dhabee, hiidhiinis silaa nyaatee hin dhugnee, yookaan nyaatee yookaan dhugee, kan irraa yoo jiidhe kan jala goge fakkaatee ta'aa nama gadda dhaqe. Qaamni itti tolee kan dhiichisu, nyaanni garaa guutee, dhugaatiin kan deefachisuu, keessaa fuulli nama baratee darbee darbee qofa argama. qubaan lakkaa'ama. Barumsamoo kan barateetu gatii dhabe, essatti barnoonni kan cabe? Biyya beekaa fi beekumsi keessa hin jirre dhabbattee ni turtiiree? Dhaloota keessatti fedha barnoota ajjeesaa essa gahama? @jechama1 tti dabalamuun bashannanaa baradhaa! Yaada qabdan ๐Ÿ‘‰๐Ÿ“ฉ @jechabot
Show all...
๐Ÿ‘ 6
Photo unavailableShow in Telegram
#Boosatitti dhibee koleeraan lubbuun namootaa darbe Tamsaโ€™ina dhibee koleera godina #Shawaa_Bahaa aanaa Boosat keessatti mudateen lubbuun namoota sadii yammuu darbu, namoota 200 ol irratti argamuusaa BBCn gabaaseera. Itti Gaafatamaan Waajjira Fayyaa Aanaa Boosat Obbo Mokonnin Asaffaa dhibichi ALI Caamsaa 14, 2016 aanicha keessatti mulโ€™achuu eeruun, namoota 240 irratti argamuusaafii isaan keessaa 179 fayyanii manatti deebiโ€™uu himaniiru. Adaadaan isaanii dhibee koleeraan qabamanii yeroo ammaatti buufata fayyaa magaalaa #Boolee keessatti yaalamaa akka jiran kan himan jiraataan tokko, hanga ammaa daaโ€™imman afur dhibichaan lubbuun darbuu dubbatan. โ€œOlluma kiyyaayyuu ijoolleen afur lubbuun dabartee jirti. Daaโ€™imman kun waggaa tokko hanga kudhanii gidduu kan jiranidhaโ€ jedhan. Haataโ€™u malee, Itti Gaafatamaan Waajjira Fayyaa Aanaa Boosat Obbo Mokonnin daaโ€™ima tokko kan umriin wagga saddeet taโ€™en ala kan lubbuun darbe umuriin wagga 15 fi 23 akka taโ€™an eeran. https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/c4nnry62k67o
Show all...
๐Ÿ‘ 3
Photo unavailableShow in Telegram
Amaloota ONNEE keenya miidhan Kudhan (10) !! 1. Yeroo dheeraaf taa'uu ( fknf. TV ilaaluudhaan, fiilmiiwwan adda addaa irraa taa'aa oolu). 2. Yeroo halkan rafan kurruufuu cimaa (qoquu) (snoring) osoo qabanii yaalamuu ykn ilaalamuu dhiisuu. 3. Sababoota adda addaan hirriba ga'aa raguu dhabuu. 4. Ilkaan keenyaa sirriitti qulqulleeffachuu dhiisuu. 5. Sammuun baay'ee dhiphachuu (Stress). 6. Araada akka tamboo fi alkoolii fayyadamuu. 7. Nyaata cooma hedduu of keessaa qabu nyaachuu. 8. Nyaata ashaaboo itti guddisanii nyaachuu. 9. Dhiibbaa dhiigaa osoo qabanii (osoo akka qaban hin beekiinis ta'uu mala) yaalamuu dhiisuu. 10. Ulfaatina qaamaa olka'aa qabaachuu. Fayyaan Faaya Dr. Gurmeessaa (Speeshaalistii Dhibee Keessaa)
Show all...
๐Ÿ‘ 11โค 3
Repost fromย Bohaartii Media
Photo unavailableShow in Telegram
Dhukkubsataan jalqabaa sammuu isaa keessatti chiip Neuralink qabu jireenyi isaa akkamitti akka jijjiirame ibse. Noland Arbaugh, ganna 29, guyyaa hundumaa chippii kana akka fayyadamu ni dubbata. Marsaa hawaasaa irratti ergaa akka barreessu, iimeelii akka deebisu, tapha viidiyoo akka taphatu, barruulee qoosaa akka dubbisu fi afaan Jaappaan akka baratu isa dandeessiseera. Chippiin kun karaa Bleutooth kompiitara waliin wal qunnamsiisa. Baatiriin meeshaa kanaa sa'aatii muraasa qofa kan turu yoo ta'u, sana booda chaarjii gochuuf barcuma addaa irra ciisuu qaba. Gara fuulduraattis dandeettiin baatirii ni dabala jedhama jira. Insider news
Show all...
๐Ÿ‘ 4
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.