en
Feedback
Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa

Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa

Open in Telegram

Garee Kominikeeshinii

Show more
3 493
Subscribers
No data24 hours
-77 days
-3330 days
Posts Archive
Hanqina Bishaan Dhugaatii Magaalaa Naqamtee furuuf tumsi qooda fudhattootaa barbaachisaadha. ====== #BBIO-Fulbaana 19/2017, Finfinnee)- Dhaabbanni Tajaajila Bishaan Dhugaatiifi Dhangala’aa Magaalaa Naqamtee Hanqina bishaan dhugaatii Magaalichaa furuuf tattaaffii guddaa taasisaa jiraatus baayyina ummataa garmalee dabalaa dhufeefi fedhii jiru guutuuf tumsi qooda fudhattootaa akkaan barbaachisa. Hoji-gaggeessaa Dhaabbata Tajaajila Bishaan dhugaatiifi Dhangala’aa Magaalaa Naqamtee Obbo Galaanaa Makonnin akka ibsanitti Dhaabbanni Tajaajila Bishaan Dhugaatiifi Dhangala’aa Magaalaa Naqamtee bara 1969 ALI tti hundaa’e. Yeroo sanitti humna namaa 9 qofaan madda bishaanii Magaalicharraa km 5 fagaatu ’Hadiyyaa’ jedhamu irraa hawaasa 1500 taajaajiluuf hojjetametu ture. Maddi sun hanga bara 2010tti tajaajila kennaa turee dhaabate. Baayyinni ummataa yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufuun hanqinni bishaanii waan muudateef Biiroon Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa Hidhi Caancoo jedhamu bara 2004 Dhaabbata OCC’n hojjisiise hanaga ammaatti tajjaila kennaa jira. Maddi bishaanii hidha Caancoorraa argamu kun yeroo sanitti hawaasa magaalaa Naqamtee kuma 68 ta’aniif waggoota 10f akka tajaajiluuf hojjetame. Baayyinni Maamila dhaabbatichaa yeroo sana kuma shan kan hin caalle ture yeroo ammaa kuma 30 olirra gaheera. Akka waliigalaatti Baayyinni ummataa yeroo sana jiru har’a dachaa 4 oliin dabalee kuma 274 ol ta’eera. Knaaf hanqinni bishaanii fedhii jiru guutuu hin danda’u. Dhaabbatichi yeroodhaa gara yerootti ummata dabalaa dhufe kanaaf bishaan dhiheessuuf humna qabuun hidha Caancoo cinatti maddoota bishaanii biroos babal’isuun tajaajilaa jiraatullee hanqinni bishaanii bal’aatu jira jedhu Hoji gaggeessaan Dhaabbatichaa. Dhaabbanni Tajaajila Bishaan Dhugaatiifi Dhangal’aa Magaalaa Naqamteefi Naannooshee gurmaa’insa haaraa bara 2013 gaggeeffamerratti hundaa’uun yeroo ammaa dameelee tajjajiloota bishaanii kan akka Damee Daaloo dabalatee tajaajiloota koreen bulaa turan magaalota 3 (Aanaa Diggaa Magaalaa Guuteetti kan argamu Damee ifaa, Magaalaa Jimaataafi Calalaqii of jalatti haammachuun hojjettoota 150n tajjajila kennaa jira. Maamiloota kuma 30 oliif tajaajila Manaa manatti kennaa jiru cinaatti Boonoowwan 120 Ol qabuunis hawaasaaf dabareen bishaan dhiheessaa jira. Sararoonni bishaanii yeroo dheeraaf tajaajila kennaa turan abbaa iinchii tokkoofi tokkoof walakkaa humna bishaanii ol dabale baachuu waan hin dandeenyeef gara abbaa iinchii 4tti olguddisuun KM 52 diriirseera. Gama Biraatiin Dhaabbata fannoo Diimaa Idila Addunyaa deggarsa Namoomaarratti hojjetu ’ICRC’ waliin hojii bal’aan hojjetamaa akka jiru Obbo Galaanaan himan. Dhaabbanni kun ummata sababa Nageenyaatiin Baadiyyaarraa buqqa’anii Magaalaa kanatti galanii jiraniif deggarsa adda addaa taasisaa jiara. Rakkoo hanqina bishaaniifi qulqullinaa waliin walqabatee Magaalichatti Mul’atu hiikuufis qorannoo bal’aa gaggeeffamee ture irratti hundaa’uudhaan ’ICRC’ dhaabbata Tajaajila Bishaanii kanaaf deggarsa adda addaa gochuurratti argama. Haaluma kanaan Eddoo Bishaan hidha Caancoorraa maddu itti qulqullaa’u/tiriitmant-Pilaantii babal’isuun, Paanpii bishaanii dhiheessuun, rakkoo ciccitiinsa humna ibsaa furuuf Jenereetaroota adda addaa dhiheessuun, humna bishaanii dabaluufi Keemikaalta bishaan ittiin qulqullaa’u kanneen akka Alumuniyeem salfeetifi Kiloorinii tooni 200 ol dhiheessuun deeggarsa guddaa taasisaafi jira. Gama biraatiin Magaalichatti sagantaa 2nd Urban WASHn hojiiwwan qulqullina magaalichaa eegsisan Mana fincaanii waliinii sadarkaansaa eegame 21 ijaaramee xumuramuun tajaajilaaf qophaa’eera. Tajaajila balfa dhangala’aa kan kennu Boottee tokko qabuun Magaalicharra darbee Magaalota Godinaalee Wallaggaa afraniifi dhaabbilee barnootaafi fayyaa naannawatti argamaniif tajaajila kennuun galii dabalataa argachaa jira. Kana malees Magaalichi Carraa Sagantaa 2nd Urban WASH baankii Addunyaatiin Magaalota Oromiyaa 6n keessatti eddoo balfi dhangala’aa itti qulqullaa’u argatteen lafa hek. 6 qopheessuun hojiitti galuuf qophiin xumuree jira.

BBIO'n Pirojektoota Bishaanii hojjetamaa jiran qindoominaan xumuruuf qooda fudhattootasaa waliin mari'ate ======= #BBIO-(Fulbaana 14/2017)_ Biiroon Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa akkaataa Piroojektoota bishaan dhugaatii buleeyyii naannichatti hojjetamaa jiran bara kana keessa xumuruun tajaajilaaf qaqqabsiisuun danda’amurratti qooda fudhatoota waliin mari'ate. Mariin kun Piroojektoota Bishaanii abbummaan kan ijaarsisu Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa, Kontiraaktara/Dhabbata Ijaarsaa Korporeeshinii Ijaarsaawwanii Oromiyaafi Gorsaa Piroojektootaa Injinaringii Ijaarsaa Oromiyaa waliin geggeeffame. Marii kanarratti gabaasni raawwii hojii bara darbee dhihaatee hanqinaaleefi ciminoonni mul'atan adda bahaniiru. Harkifannaa Pirojektootaarratti qaamoleen sadenuu sababoonni adda addaa akka isaan muudate eeranii kallattii furmaataarratti gadi fageenyaan mari'atanii irratti waliigalaniiru. Keessumattuu harkifannaa Pirojektootaarratti dhiyeessii meeshaaleefi faayinaansii hanqina uumameefi Kontiraaktaroonni fi Gorsitoonnis sababoota adda addaa daheeffachuun yeroo karoorfame keessatti xumuramuu dhabuun Pirojektootaa akka rakkootti adda baheera. Marii Kanarratti argamuun kallattii kan kaa'aan Gorsaa Olaanaan Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Ambaasaaddar Alamaayyoo Taganuu qaamni hundi gahee irraa eegamu bahachuufi karoora waloo baafachuun qindoominaan hojjech akka qaban dubbataniiru. Ambaasaaddar Alamaayyoon bishaan dhimma yeroon itti kennamu waan hin taaneef qooda fudhattoonni hundi rakkoolee mudataan kamuu waliin hiikuun piroojektoonni hojjetamaa jiran ariitiin xumuramanii tajaajila hawaasaaf ooluu akka qaban hubachiisan.. Kanaafis, qooda fudhatoonni hojii kana keessatti hirmaachaa jiran yeroo osoo hin kennin hudhaalee jiranirratti waliin hojjechuun murteessaa ta’uus eeraniiru. Hogganaa Itti Aanaan Biirichaa Injiinar Kunuuz Ahimad gamasaanitiin akka jedhanitti jijjiiramaan as Biirichi Piroojektoota bishaan dhugaatii xumursiisuun tajaajila hawaasaaf oolchaa akka jiru kaasan. Biirichi qormaatilee adda addaa keessa dhaabatee Pirojektoota Bishaan dhugaatiif xiyyeeffannaa addaa itti kennuun hojjechchuurratti jijjiirama guddaan akka jiru ibsan. Bara kanas, piroojektoota hojjetamaa jiran xumuramanii tajaajilaaf akka ga’aniif qooda fudhattoota waliin qindoomina cimsuufi hordoffii cimaa taasisuun ni hojjetama jedhaniiru. Kaayyoo guddaan marii kanaas qooda fudhattoonni hunduu qaawwa jiru hubatanii piroojektootaa xumuruun tajaajila hawaasaaf akka ooluuf qoodasaanii akka gumachan taasisuufi jedhan. Biirichi gamasaatiin gahee irraa eegamuufi itti gaafatamummaasaa bahachuuf ni hojjeta jedhan Injiinar Kunuz. Qooda fudhatoonni marii kanarratti hirmaatanis rakkoolee adda bahan hiikuuf qindoomina cimaan hojjechuuf gaheesaanii kan bahan ta’uu dubbataniiru. #Bishaan_Lubbuudha! Odeeffannoolee adda addaatiif Marsaalee Hawaasaa keenya sirriitiin nu hordofaa 👇🏽 Telegram ➲ https://t.me/oromiawaterandenergy Facebook ➲ https://www.facebook.com/oromiawaterandenergy Twitter ➲ https://twitter.com/oromiawater_ YouTube ➲ https://www.youtube.com/@oromiawaterandenergy Instagram ➲ https://www.instagram.com/oromiawaterandenergy LinkedIn ➲ https://www.linkedin.com/company/oromiawaterandenergy Website ➲ https://oromiawaterandenergy.org

Magaalaan Amboo  damee Magaalaa Guddar osoo hin dabalatin maamila kuma 23 ol qabdi, baayyina ummataafi lakkoofsa hawaasa bishaan galfatee yeroo walbira qabnee ilaalu wal hinsimu kunimoo seera dambii haaraa baheen namni bishaan galfachuu danda’u nama kaartaaf pilaanii qabu qofa waan ta’eefi. Kanneen ulaagaa guutaniifi kaartaaf pilaanii manaa qaban hundi bishaan galfatanii jiru. Bara darbe keessatti lakkooftuu haaraa gosa adda addaa,  dijitaalaa fi manuuwaala ta’an deggersaan 400 biyya ’Netherlaand’ irraa galchuun namoota harka qaleeyyii dabalatee bishaan galchatan itti tajaajilamaa jiru. Lakkooftuuwwan kanneen 100 ta’an dijitaala. Isaan keessaa 60 walta’iinsa Chaayinaa waliin taasifameen Sim-kaardiin kan hojjetan yaaliif namoota 4 galanii itti tajaajilamaa jiru. Muuxannoon kun eddoo adda addaattis osoo babal’atee gaariidha jenna. Horaa bulaa! Odeeffannoolee adda addaatiif Marsaalee Hawaasaa keenya sirriitiin nu hordofaa 👇🏽 Telegram ➲ https://t.me/oromiawaterandenergy Facebook ➲ https://www.facebook.com/oromiawaterandenergy Twitter ➲ https://twitter.com/oromiawater_ YouTube ➲ https://www.youtube.com/@oromiawaterandenergy Instagram ➲  https://www.instagram.com/oromiawaterandenergy LinkedIn ➲ https://www.linkedin.com/company/oromiawaterandenergy Website ➲ https://oromiawaterandenergy.org

Oromia Water and Energy Bureau - OWEB: Imala Dhaabbata Tajaajila Bishaan Dhugaatiifi Dhangala’aa Magaalaa Amboo-Gudar =======(Kutaa 2ffaa) #BBIO-(Fulbaana 8/2017)- Dhaabbanni tajaajila Bishaan Dhugaatii fi Dhangala’aa Magaalaa Amboo-Gudar  rakkoo bishaan dhugaatii qulqulluu Magaalichi qabu hiikuudhaaf waggoota torban darban keessa hojiilee gurguddaa hojjechaa akka ture hoji geggeessaan dhaabbatichaa Obbo Dhaabaa himaniiru. Baajata liqaa baankii Adunyaa, kan deggerttoota Dhaabbatichaarraa argame, bajata dhaabbatichaafi hirmaannaa hawwaasaa dabalatee walumatti qarshii miiliyoona 264 oliin pirojektoota adda adda babbal’isuufi fooyyessuun danda’ameera. Kennni tajaajila bishaan dhugaatii Magaalaa Amboo keessatti harka 100 irra gahee kan ture yeroo ammaa baayyina ummataafi haala jijjiirama qileensaatiin kan ka’e gara %89tti gadi bu’ee jira jedhu Inj. Dhaabaan. Haa ta’u malee ammas Magaalicha keessatti yeroo rakkoowwan xixxiqqoon mudatan, yeroo roobaa fi bakka tabba ta’an irratti darbee darbee ciccitiinsi mudaturraan kan hafe ummanni magaalichaa yoo xiqqaate fageenya meetira 200 irratti guutummaan guutuutti bishaan yeroo hunda argataa jiru. Akka Inj Dhaaban jedhanitti bara 2015 darbe keessatti bishaan iddoo hundatti dhaqqabamaa akka ta’uuf km 3 kan ta’u hojiin fooyyessuufi babbal’isuu hojjetamee ture. Bara kanas(2017) deggersa qarshii miliyoona 23 biyya alaa irraa argameen sarara bishaanii km 9 ol diriirsuun, maamiloota harka qalleeyyii 1200f bishaan galchuufi namoota 10f mana fincaanii qotuuf caalbaasiin isaa xumuramee, bitaan meeshaalee adda addaa geggeefamaa jira. Akkuma baayyinni ummataa guyyaadhaa gara guyyaatti dabalaa jiru hojiin bu’uuraalee misoomaa adda addaas magaalattii keessatti baabbal’achaa waan jiruuf rakkoon bishaan dhugaatii gara fuula duraatti akka hin mudanneef dhaabbatichi karoora hiixataa baafatee hojjechaa jira. Bara 2016 keessatti bool’a lama qotuuf dhaabbata ijaarsaa OCC waliin qarshii miiliyoona 56 walii galamee hanga ammaatti qarshiin miliyoona 17 kaffaltiin duraa kaffalameefii isaanis bool’a tokko qotanii bishaan per sekondiitti  leetira 60 ol kennaa jira. Bool’a lammataas roobni yeroo caamutti kan hojjetamu ta’a. Kaayyoon pirojektii qotiinsa bool’aa kun waa lama akka furuu danda’us kaasan Inj. Dhaabaan. Inni duraa ciccitiinsa bishaan dhugaatii yeroo Gannaa akka magaalaatti mudatu hanbisuufi bakka tabbaatti bishaan ol ba’uu diduun hanqina mul’atu furuufi. Inni lammaffaa qorannoon akka adda bahetti Magaalaan Guddar bishaan persentaa 20 argachaa waan jirtuuf  bara 2015 irraa kaasee magaallii Guddar saatalaayitii tokko ta’ee magaalaa Amboo jalatti akka dabalamu taasisuun rakkoo bishaan dhugaatii magaalaa kanaa furuufis xiyyeeffannaa addaatiin kan hojjetamaa jirudha. Hawaasni Magaalichaa tajaajila dhaabbatichi kennaafii jirutti baayyee gammadoodha. Hawaasni Magaala Gudaris Akkuma hawaasa magaalaa Amboo rakkoo hanqina bishaan dhugaatii qabau akka furamuuf abdii horatanii eeggachaa jiru. #Muuxxannoo_gaarii Dhaabbata Tajaajila Bishaan Dhugaatiifi Dhangala’aa Magaalaa Amboo-Gudar -------- Biiroon Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa hawaasa hirmaachisuun Bishaan dhugaatii qulqulluu waliin gahuudhaaf hojiiwwan gurguddoo iddoowwan gara garaatti hojjechaa jira. Tajaajiloonni bishaaniis galii argataniin pirojektoota adda addaa hojjechuun jiraattonni magaalaafi naannawasaanii jiran tajaajila bishaan dhugaatii dhiheenyatti argachuu akka qaban sirna diriirsee hojiirra oolchaa jiru. Bu’uuruma kanaan Tajaajilli Bishaan dhugaatiifi dhangala'aa Magaalaa Amboo-Gudaris hojii muuxannoo gaarii ta'an magaalicha keessatti hojjechuun hawaasa magaalichaaf tajaajila gahaa kennaa jira. Kana malees hojii dhaabbilee walfakkaatoo biroof muuxannoo ta’uu danda’u raawwatee jira. Magaalaa Ambootti hawaasni bishaan dhugaatii sirnaan akka argatuuf Teekinoloojii ’Global Information Sestem(GIS)’ mala iddoo tokkoo ykn waajjira keessa taa'anii sarara bishaanii ittiin to'atan hojiirra oolee tajaajilli guutuun itiin kennamaa jira.

Haaluma kanaan  Ministeeronni Nezerlaand dhufanii pirojekticha eebbisiisuun ’The Miracale Project Of Afrika’ jedhanii  Dinqisiifachuun pirojektii biroon akka hojjetamuu fi deggersa kan biraas akka taasisaniif waadaa galan jedhu Inj. Dhaabaan. Ergasii as dhaabbanni taj.bish.dhug.fi dhangala’aa magaalaa Amboo  ’World bank’ irraa liqaa akka argatuuf Dhiibbaa uuman. Kanaan pirojektii guddaa akka hojjennuuf ’Action plane qophaa’ee mirkanaa’uun pirojektiin Guddaan qarshii Miiliyoona 142 liqaan argame.  Liqaan sunis haqameera. Pirojektichis yeroo ammaa adeemsa irra jiraachuu hoji geggeessaan kun ibsan. Kutaa 2ffaan itti fufa....... Odeeffannoolee adda addaatiif Marsaalee Hawaasaa keenya sirriitiin nu hordofaa  Telegram ➲ https://t.me/oromiawaterandenergy Facebook Oromia Water and Energy Bureaugy Twitter ➲ https://twitter.com/oromiawater_ YouTube ➲ https://www.youtube.com/@oromiawaterandenergy Instagram ➲ https://www.instagram.com/oromiawaterandenergy LinkedIn ➲ https://www.linkedin.com/company/oromiawaterandenergy Website ➲ https://oromiawaterandenergy.org

Eebbo Best shu: Imala Dhaabbata Tajaajila Bishaan Dhugaatii fi Dhangala’aa Magaalaa Amboo- ======-(Kutaa 1ffaa) #BBIO-Fulbaana 6/2017 Magaalaan  Amboo teessoo Bulchiinsa Godina Shawaa Lixaati.  Finfinnee irraa km 106  gara lixaatti faggaattee argamti. Baayyinni uummata magaala Amboo akka ragaan Waajjira Karooraafi Misoom Dinagdee Bulchiinsa Magaalaa Amboo irraa argame mul’isutti  guddina giddu galaan “ growth rate ‘ tti deemaa jiruun 2.4  yoo ta’u bara 2016 tti 166,103  akka ta’u tilmaamama. Dhaabbanni tajaajila bishaan dhugaatii Magaalaa Amboo bara 1944 yeroo Mootummaan bara sanaa Masaraa mootummaa Magaalaa kana keessatti dhaabbatee turetti, bishaan waan hin jirreef laga Talttallee jedhamu irraa bo’oodhaan jallifamee akka jallisiitti Masaraa Mootii yeroo sanaatti bishaan gale. Sababa kanaaf jecha  Bara 1945  Dhaabbanni taj. bish. dhug. fi dhangala’aa Magaalaa Amboo hundeefame. Bara 1946 biyyoota akka xaaliyaaniifi Ingilizii irraa keessummoonni masaraa mootummaa yeroo sanaa daawwachuuf gara Amboo dhufan. Yeroo sana keessummooni alarraa dhufan kunneen bishaan Jallisiidhaan Masaraatti galee jiru argan. Yeroo sana teekinoloojiin Masaraa mootummaa kessatti hin babbalanne waan ta’eef arganii sarara Ujummoo bishaanii galchuuf waadaa galaniifii gara biyyasaanii galan. Waadaa galan sanas kabajuun Ogeessa ujummoo bishaan diriisrsuufi baasii barbaachisu hunda guutuun laga Taltallee irraa sarari km 3 hojjechuun tajaajiluu eegale jedhu Hoji Gaggeessaan Dhaabbatichaa Inj. Dhaabaa Araarsaa. Akka Inj. Dhaabaan himanitti, bara 1946 irraa eegalee hanga bara 1950 tti uummanni bishaan bilisaan akka dhugu Mootii yerosii irraa ajaji darbe. Erga uummanni xiqqoo irraa fayyadamee booda suphaa meeshaalee bishaanitiif baasiin waan barbaachisuuf ummanni bishaan fayyadamu meetirkuubii tokkotti saantima digdamii shan(sumuunii) akka kaffalu murtaa’e. Ummanni bishaan keenya kan uumamaa waaqni nuuf kennetti gatii hin kaffalu jedhaniii mormii kaasan; Mootiin Haayila Silaasee ummata walitti qabee kaffaltiin kaffaltan bishaanuma keessantu ittiin isiniif suphama; waan haaraatti ittiin isinii ceesifna jedhee amansiisee tole jechisiise. Bara 1960 bishaan hojjetame akka qulqulleefamu taasifame hanga bara 1970tti  boonoowwan 2n ummata kuma 5 hin caalleef tajaajilaa ture. Yeros namni boombaatti waan hin madaqneef kadhatamanii boonoo akka fayyadaman taasifama ture. Yeroo sana bishaan galchuuf qarshii 15 qofa kaffalamee manatti galchama. Bara 1970 irraa eegalee ’Bartaa konistraction’ (GTZ)kan jedhamuun akka haaraatti pirojektii bishaanii dhugaatii liqaa baankii biyya Jarman irraa argameen qarshii miliyoona 5n boolli bishaanii tokko hojjetame. Kunis  hanga 1980 tti tajaajilee rakkoo adda addaaf saaxilame. Sana booda bara 1990 keessa Biiroon Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa bool’a 1 qote.  Sunis erga qotamee baayinni uummataas dabalaa fedhiin namni bishaan galchachuuf qabus dabalaa waan dhufeef hanqinni bishaanii muudataa dhufe. Rakkoo bishaanii kana hiikuuf tajaajilli bishaan dhugaatii fi dhangala’aa Magaalaa Amboo bara 2000 keessa dabalataan boolla tokko qotee itti dabaluun uummanni irraa fayyadamuu eegale. Fedhiin namoonni bishaan manaa manattiu galchachuuf qaban daran waan dabaleef karoora barkumee galmaan gahuuf jedhamee qabameen dhaabbatichi karaa interneetiin biyyoota Bishaan irratti deggersa godhu jedhaman kanneen akka Nezerlaandii, Engliz, Suweden deggersa akka kennaniif xalayaadhaan gaafataman. Kanneen gaafataman keessaa Nezerlaand hanqina bishaanii jiru irratti deggersa akka godhan fedhii agarsiisuun dhufanii magaalattii keessa rakkoo bishaanii jiru adda baasanii qarshii miliyoona 5 rammadaniin turtii ji’a 1 hin caale keessatti bool’i 1 qotamee, sarari Km.10 babballifame, Boonoon 12 hojjetame bishaan uumataaf kennamuu eegale. Biyyi Nezerlandis deggersa  taasisaniin pirojektiin ji’a 1 gidduutti xumurame waan isaan raajeef, gaazexeessaa tokkoo fi ogeessa isaanii tokko erganii ilaalchisan. Isaanis ilaalanii pirjektichi sirnaan yeroo jedhametti xumuramuu isaa erga itti himanii booda, yeroo eebba isaa irratti nama 200 akka dhufan afeeraman.

Ergaa Baga Geessanii ===== Hoggantuun Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa Inj. Miliyoon Baqqalaa Ummata Oromoofi lammiilee Itoophiyaa biyya keessaafi biyya ormaa jiran maraan, ergaa baga nagayaan geessanii kan bara haaraa 2017 dabarsanii jiru. ======== Inj. Miliyoon ergaa dabarsaniin Ummata Oromoo fi lammiilee biyyattiifi guutuu Addunyaa irratti argamaniif Ayyaana bara haaraa sababeeffachuun ergaa dabarsaniin akka jedhanitti, Birraan mallattoo Abdii,ifaafi injifannoo waan ta'eef, Oromoon bara durii eegalee, Birraan yoo bari'u waaqa bacaqii gannaa isa ceesise galateeffataa, Karooraafi imala jireenya isaa kan darbe irraa barachaafi bara haaraaf waan addaa hojjachuuf of qopheessaa akkasumas firaafi aantee isaatif abdii fi hawwii qabu kan ittiin waliif ibsuudha. Kanaafuu barri dhufaa jiru kun kan karoora keenya itti haareffannu, waan eegalle kan ittiin xumurru, waadaa ummataaf galle kan itti milkeessinu,hojii caalmaafi tajaajila hawaasaa fooyya'e kan itti galmeessinu, badhaadhina Maatiifi biyyaa eegalamee kan ittiin lafa qabsiifnu akkasumas haaluma Mootummaan Naannoo keenyaa gadi fageenyaan irratti hojjachaa jiruun, araaraafi nagaya buusuun qe'ee Oromoo rakkoofi gadadoo irraa kan ittiin fageessinu akka ta'uufi walumaagalatti barri haaraan 2017, bara nagayaa,jaalalaa,gammachuufi badhaadhinaa akka ta'u hawwii isaanii dabarsanii jiru. Odeeffannoolee adda addaatiif Marsaalee Hawaasaa keenya sirriitiin nu hordofaa  Telegram ➲ https://t.me/oromiawaterandenergy Facebook Oromia Water and Energy Bureaugy Twitter ➲ https://twitter.com/oromiawater_ YouTube ➲ https://www.youtube.com/@oromiawaterandenergy Instagram ➲ https://www.instagram.com/oromiawaterandenergy LinkedIn ➲ https://www.linkedin.com/company/oromiawaterandenergy Website ➲ https://oromiawaterandenergy.org

selection creteria.pdf

Riifoormiin Tajaajila Caalmaaf! ===== #BBIO- Qaammee 2/2016 Finfinnee)-Hoggansiifi Hojjettoonni Biiroo Bishaaniifi Inarjii Guyyaa Riifoormii Qaammee 2 gaafa Sanbata Xiqqaa har'aa tajaajila kennaa jiru. Guyyaan kun Paabliik-Sarviisiin adeemsa guddina biyyaa keessatti gahee murteessaa qabu waggaa waggaan yaadachuufi tajaajila kennu jajjabeessuuf kabajama. Bu'uuruma kanaan Hoggantoonniifi Hojjettoonni Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa guyyaa kana ergaa Ijoo "Riifoormii Tajaajila Caalmaaf" jedhuun hojiidhaan kabajaa jiru. Odeeffannoolee adda addaatiif Marsaalee Hawaasaa keenya sirriitiin nu hordofaa  Telegram ➲ https://t.me/oromiawaterandenergy Facebook Oromia Water and Energy Bureaugy Twitter ➲ https://twitter.com/oromiawater_ YouTube ➲ https://www.youtube.com/@oromiawaterandenergy Instagram ➲ https://www.instagram.com/oromiawaterandenergy LinkedIn ➲ https://www.linkedin.com/company/oromiawaterandenergy Website ➲ https://oromiawaterandenergy.org

👉.  Haaluma walfakkaatuun hojii tola ooltummaafi kenna tajaajilaa hojjatameen hojiiwwan adda addaa, qarshii 253, 901,114 tti tilmaamamu kan raawwatame yoo ta'u, gama carraa hojii uumuutiins lammiileen 116, 964 carraa hojii dhaabbiifi yeroon argatanii jiru. 👉  Walumaagalatti hojii seektara bishaaniifi inarjii milkeessuuf baajata maddoota garaa garaa irraa argame qarshii  bil.30.5 ol hojii irra oolchuun ummata naannichaa miliyoona  13.6  ol tajaajila akka argatan taasifamuu Inj. Miliyoon yaadachiisan. Biirichi bishaan dhugaatii qulqulluu, gahaafi  itti fufiinsa qabu hawaasaaf dhiyeessuu, sirna bulchiinsa iskiimotaa hammayyeessuu akkasumas misooma inarjii haaromfamaa babal’isuun guddina hawaas-dinagdee naannichaa mirkaneessuun ce'umsa gara badhaadhinaatti taasifamu dhugoomsuuf cimsee kan itti fufu ta'uu irra deebiin mirkaneessan. Odeeffannoolee adda addaatiif Marsaalee Hawaasaa keenya sirriitiin nu hordofaa  Telegram ➲ https://t.me/oromiawaterandenergy Facebook Oromia Water and Energy Bureaugy Twitter ➲ https://twitter.com/oromiawater_ YouTube ➲ https://www.youtube.com/@oromiawaterandenergy Instagram ➲ https://www.instagram.com/oromiawaterandenergy LinkedIn ➲ https://www.linkedin.com/company/oromiawaterandenergy Website ➲ https://oromiawaterandenergy.org

Qaammee 1-"Guyyaa Ce'umsaa" ====== Guyyaan Ce'umsaa Qaammeen 1/2016 dhaadannoo "Waggaa irraa gara waggaatti abdiin akkuma ceenu, hiyyummaarraa gara badhaadhinaattis ni ceena!" Jedhuun Magaalaa  Bishooftuutti sirna garaagaraatiin kabajame. Sagantaan kun walta'iinsa Biiroolee Qonnaa, Invastimintiifi Industirii, Bishaaniifi Inarjii, Komishinii Karooraafi Misoomaafi Komishinii Turiizimii Oromiyaatiin kan kabajame yoo ta'u, daawwannaa garaagarra fi Marii paanaaliitiin kabajame. Marii Paanaalii gaggeeffamerratti Milkaa'inoota waggootaan jahan darban keesaa gama hawaas-dinagdeetiin galmaa'an dhihaatee irratti mari'atameera. Riifoormiin booda qormaatileefi Milkaa'inootaa gama Sektaroota kanneenitiin galmaa'an bal'aa ta'uu hirmaattonni waltajjicharratti ibsaniiru. Biiroon Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa Aangoofi gahee hojii isaaf kenname irratti hundaa'uun hojiiwwan bulchiinsa qabeenya bishaanii, dhiyeessa bishaan dhugaatii qulqulluu, bulchiinsa dhangala'aa akkasumas hojiiwwan misooma inarjii haaromfamaa karoora waggaa dheeraa, giddu galeessaafi gabaabaa hojii irra oolchuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf hojjechaa ture gurguddoo dhiheesseera. Keessattuu waggoottan shanan(2012-2016)  darban Milkaa'inoota akka seektaraatti galmaa'an daran cimsuufi hanqinoota hojii keessa turan fooyyeessuun yeroo kamiiyyuu caalaa bu'aap gurguddoon kan itti galmaa'edha. Hoggantuun Biirichaa Inj. Miliyoon Baqqalaa marii Paanaalii kanarratti argamuun hojiiwwan Sektarichaan hojjetamaa turan keessaa gurguddoo akka armaan gadiitti hirmaattotaaf ibsaniiru. Bajata mootummaa, hirmaannaa hawaasaafi qooda fudhattootaa qindeessuun hojiin dhiyeessa bishaaniifi misooma inarjii heddu xumuramanii ummanni miliyoonaan lakkaa'aman fayyadamoo ta'aniiru. Gama biraatin pirojektoota rakkoo bulchiinsa gaarii ta'anii waggoota hedduuf ummata komachiisaa turan xumuruufi rakkoo bulchiinsa iskiimii keessatti hidda gadi fageeffate hundeerraa hiikuuf seerotaafi hojimaata hojii heddu diriirsuun kenna tajaajilaa fooyyessuun danda’ameera, ammas itti fufiinsaan cimsee hojjechaa jira. Kana malees riiformii akka seektaraatti geggeeffameen qaamolee raawwii hojii irratti harcaatii uuman irratti tarkaanfiin bulchiinsaa, gara garaa fudhatamee jira. Hojiilee gama tajaajila lammummaafi carraa hojii uumuutiinis hojiin boonsaan lammiileen irraa fayyadaman  hojjatamee jira. Haaluma kanaan waggoota shanan darban keessatti:-👇 👉 Bajata Mootummaa, sagantaaleefi hirmaannaa uummataatiin Pirojektoonni Bishaan Dhugaatii Qulqulluu ijaaraman bara 2011 kuma afuriifi 966 irra ture bara 2012-2016tti Pirojektoota 47,764 irraan gahuun danda'ameera. 👉 Rakkoo Qulqullina Qorannoo fi Dizaayinii keessa ture sirreessuufi karoora hojii ijaarsaa hojii irra oolchuuf hojii hojjatameen Qorannoo fi Dizaayinii 582 taasifameen iskiimota bishaanii kumootaan lakkaa'aman  haala istaandaardii eeggateen hojjechuun danda’amee jira. 👉 Gama biraatin hojii bulchiinsa iskiimii hammayyeessuu fi hojimaata badaa achi keessa ture sirreessuf hojiin heddu kan hojjatame yoo ta'u, [  ] Oomisha Bishaanii kan Waggaa Afur (2013-2016) Meetir-kubbii  537,090,476.47 [  ] Raabsa bishaanii  M3= 447,696,291.50 [  ] Galii Qar. 7, 806,622, 811.83 walitti kan qabame yoo ta'u, hojiiwwan bulchiinsa iskiimiifi ijaarsa piroojektoota adda addaatiif Qar. Biliyoona 6.3tti siqu baasii ta’ee hojiirra oolee jira. 👉 Hojjiiwwan misooma Inarjiitin hojjatameenis cirama bosonaa Toonii 2,386,407 hanbisuun, Sicoo baayoo gaazii/Kompoostii kuntaala 1,768, 000 oomishuun, 'Carbon dioxide' qilleensatti gadi dhiifamuu danda'an toonii 3,541,559 ittisuufi 'carbon trade' irraa sadarkaa biyyaatti  galii guddaan irraa argameera. 👉. Dabalataan misooma inarjii haaromfamaa ijaaruu fi babal’isuun  bu'aa ol'aanan kan galmaa'e yoo ta'u, walumaagalatti raabsaa geemoo qoraan qusatan 3,736,871 Soolaarii gosa adda addaa 353,689  fi ijaarsa baayoo gaazii 6,800 xumuruudhaan ummata naannoo keenyaa  abbaa warraa 2,228,924 fayyadamaa taasisuun danda’ameera.

Aanaa Mayyuutti  Pirojektiin bishaan dhugaatii qulqulluu Ummata kuma 177 ol fayyadamaa taasisuuf qar. Mil. 383 oliin hojjetamaa ture xumurame. ===== #BBIO- (Hagayya 30/2016, Finfinnee)- Biiroon Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa Godina Harargee Bahaa Aanaa Mayyuutti Pirojektii bishaan dhugaatii qulqulluu qarshii  Miliyoona 383 oliin ijaarsisaa ture xumuramuusaa Waajjirri  Bishaanii fi Inarjii Godinichaa beeksise. Pirojektichi Boolla Bishaanii gadi fagoo lamaafi Boonoo 31,Naanniga Loonii 23, Sarara bishaanii maddrraa kaasee hanga kuusaa bishaaniifi Boonoo keessa keessaa walqunnamsiisu dabalatee km 75 fagaatu kan qabu ta’uu Biirichatti Ogeessi Bishaanii kan ta’an Inj. Turaa Wandimmuu himan. Pirojektiin kun sababa adda addaatiin waggoota dheeraaf adda citee turullee xiyyeeffannoo Biiroon Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa kenneen waggaa lama dura bifa haaraan kan jalqabsiisedha. Ummanni aanichaa Xumuramuun Pirojektii kanaa rakkoo hawaas-dinagdee  bara dheeraa nurra ture nuu fureera,  gaaffiin keenyas nuuf deebi'eera jechuun mootummaa galateeffateera. Pirojektichi Korporeeshinii Ijaarsaawwan Oromiyaa/ OCC fi dhaabbata gorsaa Injinaringii Oromiyaa/ECO’n hojjetamaa ture.   Pirojektiin Bishaan dhugaatii baasii mootummaa qar. Mil. 383 oliin jijaarame kun Yeroo ammaa guutumaan guututti xumuramee walharkaa fuudhinsaaf qophaa’aa kan jiru ta’uu Itti gaafatamaan Waajjira Bishaaniifi Inarjii Godina  Harargee bahaa Obbo Jamaal Hassan himaniiru. Godinichatti  Pirojektoonni bishaan dhugaatii buleeyyiIn saddeet qarshii biliyoona 1 fi miiliyoona 700 oliin hojjatamaa jiraachuus ibsan. Odeeffannoolee adda addaatiif Marsaalee Hawaasaa keenya sirriitiin nu hordofaa  Telegram ➲ https://t.me/oromiawaterandenergy Facebook Oromia Water and Energy Bureaugy Twitter ➲ https://twitter.com/oromiawater_ YouTube ➲ https://www.youtube.com/@oromiawaterandenergy Instagram ➲ https://www.instagram.com/oromiawaterandenergy LinkedIn ➲ https://www.linkedin.com/company/oromiawaterandenergy Website ➲ https://oromiawaterandenergy.org

Oromiyaatti bara 2017 keessa Sagantaa COWASH'n Pirojektoonni Bishaan Dhugaatii 269 hojjetamuuf karoorfame ====== #BBIO-(Hagayya 21/2016)- Motummaa Naannoo Oromiyaatti Biiroon Bishaaniifi Inarjii Naannichaa bara bajataa 2017 sagantaa COWASH'n Pirojektoota Bishaan dhugaatii 269 Qar. Mil. 189n hojjechuun ummata kuma 5l ol fayyadamaa taasisuuf karoorfame. Biirichi raawwii karoora bara 2016 fi kallattii raawwii hojii sagantichaarratti guyyoota lamaaf Adaamaatti mari'achaa jira. Bara 2016 Sagantaan kanaan Pirojektoonni garaagraa 400 ol qar. Mil. 228 oliin hojjetaman ummata kuma 84 ol fayyadamoo ta'uusaanii Hoggantuun Biirichaa Inj. Miliyoon Baqqalaa wayita saganticha haasaadhaan saaqan ibsan. Haaluma kanaan bara kana Pirojektoota Dhaabbileefi Kan Hawwaasaa Sagantaan COWASH’n hojjetaman waltajjii kanaan gadi fageenyaan xiinxalamee xiyyeeffannoon akka raawwatamu kallattii kaa'aniiru. Milkaa'ina hojii kanaatiif qooda fudhattoonni qindoominaan hojjechuu akka qabanis dhaaman. Sagantaa 'COWASH' tti Gorsaa olaanaa garee deggarsa Ogummaa Federaalaa Mr. Neil Chandar kallattii hojiifi adeemsa hanga ammaa naannichatti hojjetamaa ture dhihiheessaniin bajata bara hojii 2016tti ramadameen Pirojektoota ijaaramaa turan keessatti waantoota hudhaa ta'an maksuun, fiixaan bahiinsa Pirojektoota bara 2017 Sagantaa COWASH Marsaa 4ffaan hojjetamu akka milkaa'u qooda fudhattootaaf dhaaman. Sagantaan COWASH Naannoo Oromiyaatti Aanaalee 30 Godinaalee kudhan keessatti argamaniif dhiheessii Bishaan dhugaatiifi Qulqullinaarratti Pirojektoota hawaasni hogganuufi bulchu humneessuurratti hojjechaa jira. Sagantaa kana Mootummaan Itoophiyaa baasii harka 60, Mootummaan Fiillaandi ammoo harka 40 walitti fiduun marsaa 4ffaaf Mootummaa Naannoo Oromiyaa dabalatee naannolee 8 keessatti gaggeeffamaa jiru barana xumurama. #COWASHIV #WASH #CommunityEmpowerment #Ethiopia #Finland Odeeffannoolee adda addaatiif Marsaalee Hawaasaa keenya sirriitiin nu hordofaa 👇🏽 Telegram ➲ https://t.me/oromiawaterandenergy Facebook ➲ https://www.facebook.com/oromiawaterandenergy Twitter ➲ https://twitter.com/oromiawater_ YouTube ➲ https://www.youtube.com/@oromiawaterandenergy Instagram ➲ https://www.instagram.com/oromiawaterandenergy LinkedIn ➲ https://www.linkedin.com/company/oromiawaterandenergy Website ➲ https://oromiawaterandenergy.org

Hoggantuun Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa Inj. Miliyoon Baqqalaa "Kaayyoo Badhaadhina Gochaan Dhugoome" jedhan. ================== Inj. Miliyoon toora fuula feesbuukii isaanitiin Maraammartoo hiyyummaa, Siyaasaafi Hawaas-Diinagdee biyyi keenya waggoota dhibboota darban keessa turte keessaa baasuuf, qabsoo adda durummaan ummanni Oromoo geggeesseen riifoormiin hunda galeessa gara badhaadhinaatti ceesisu geggeeffamuu isaa yaadachiisan. Murteewwan jajjaboo barii jijjjiiramaa fudhatame keessaa tokko, ijaarsa Hidha Guddichaa keessaa hanga alaatti qormaatilee adda addaatin karaatti gufatee dhaabbate hojii keessa galchuu qofa osoo hin taane dhiibbaa dippiloomaasii meeqa biyya keenya irratti aggaamamaa ture geggeessummaa ol'aanan irra aanuun, yeroo ammaa pirojekticha fiixee xumuraa irraan gahuun danda'amee jira Jedhan. Pirojektiin Hidha Haaromsa Guddichaa mallattoo eenyummaafi walabbummaa biyya keenyaa yoo ta'u, ijaarsa pirojektichaa keessatti muuxannoon ijaarsaafi bulchiinsa kontiraataa kan itti horatame, tokkummaan ummata keenyaa kan ittiin dhugoome, injifannoon dippiloomaasii kan itti argame, bilchinni geggeessummaafi aantummaan biyyoolessummaa kan itti ifoome jedhan Inj. Miliyoon. Gama biraatin wacni, hawwiifi fedhiin diinota biyya keenyaa kan itti fashalee, tokkummaan ummata keenyaa daran kan itti itite, pirojektichi kufaatii keessaa bahee sadarkaa anniisaa maddisiisutti kan ce'eefi dhaloota egereetif ashaaraa dhaloota kanaa kan itti ta'eedha. Kana irraa kaanee yoo ilaallu, ummanni keenya hanga baay'ina isaa yoo tokkoome, hanga humna isaa yoo gumaache, muuxannoo fi injifannoowwan hanga ammaa dirree hunda irratti argame qindeessinee yoo itti fayyadamne, ashaaraa magariisa eegalame sirnaan yoo itti fayyadamne, aadaa hojiifi itti fayyadama yeroo keenyaa yoo fooyyessine, yeroo dhiyoo keessatti galma badhaadhinaa kaayanne shakkii tokko malee dhugoomsuun, dhaloota egereetif biyya badhaateefi fakkeenya addunyaa taate uumuu dandeenya jedhaniiru. Naannoo keenyaattis yoo ilaalle hojiiwwan misoomaa, ijaarsa sirna dimokraasiifi nageenyaa hedduun kan hojjataman yoo ta'u, keessattuu inisheetivoota addaa bocamee hojii keessa galanii jiran daran yoo hojjanne, humnoota walootti sirnaan yoo fayyadamne, kunuunsa biyyoofi bishaanii akkasumas laggeeniifi haroowwan keenya sirnaan kunuunsinee misooma hunda galeessaaf yoo dhimma itti baane badhaadhina Oromoofi Oromiyaa mirkaneessuun akka danda'amu jijjiiramootni waggoottan muraasa darban keessatti horatame ragaa guddaadha echuun yaadasaanii goolaban. #GERD #eastafricanpride Odeeffannoolee adda addaatiif Marsaalee Hawaasaa keenya sirriitiin nu hordofaa Telegram ➲ https://t.me/oromiawaterandenergy Facebook Oromia Water and Energy Bureaugy Twitter ➲ https://twitter.com/oromiawater_ YouTube ➲ https://www.youtube.com/@oromiawaterandenergy Instagram ➲ https://www.instagram.com/oromiawaterandenergy LinkedIn ➲ https://www.linkedin.com/company/oromiawaterandenergy Website ➲ https://oromiawaterandenergy.org

#Kenni_Tajaajilli_Lammummaa_Sona_Namummaati! ======= BBIO-(Hagayya 20/2016, Adaamaa)_ Hoggantoonniifi Ogeessonni sektara Bishaaniifi Inarjii Adaamaatti raawwii hojii baara 2016 fi kallattii karoora hojii bara 2017 irratti mari'achaa jiran har'a ganama sagantaa kenna tajaajila Lammummaatiin biqiltuu dhaabuun, dubartoota harka qalleeyyii Magaalaa Adaamaa keessa jiraatan 30fis geemoo qoraan qusatu bituun deggaran. Sagantaan kun dhaadannoo"Nama deeggaruun nama ta'uu qofti gahaadha!" Jedhuun kan gaggeeffame yoo ta'u deggarsi kenname dubartoota harka qalleeyyiifi vaayirasiin HIV dhiigasaanii keessa jiruanuuf baaka Itti Aanaa hogganaa Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa Inj. Kadir Huseeniifi Itti Gaafatamtuun Waajjira Dhimma Dubartiifi Daa'immanii Magaalaa Adaamaa Aadde Ra'isaa Jundii argamanitti Mooraa Dhaabbata Tajaajila Bishaan dhugaatiifi Dhangala'aa Magaalaa Adaamaatti kenname. Haadholiin sababa ifaa dhabuutiin rakkoo hawaas dinagdeen midhamaa jiran 30f geemoo qoraan qusatu kana deggaramuun hojii namaafi rabbi biratti jaalatamudha kan jedhan Aadde Ra'isaan Biiroon Bishaaniifi Dhaabbanni Tajaajila Bishasn dhugaatiifi dhangal'aa Magaalaa Adaamaa kenna tajaajila lammummastiin harka qalleeyyiif bishaan galchuu, maatii barattootaaf meeshaa Barnootas deggaruu dabalatee hojii boonsaa hojjechaa akka jiran himan. Biiroon Bishaaniifi Inarjii bara kana sagantaa kenna tajaajila Lammummaatiin hojiiwwan adda addaa qarshii Mil. 25 olitti tilmaamamu hojjechuuf karoorfatee hojjechaa jira. Biirichi caasaa isaa sadarkaa sadrkaan jiran keessatti hojiiwwan tajaajila Lammummaa kanneen akka burqaa ijarratti misoomsuu, Boolla harkaa sadrkaa hawaasaafi maatitti gabbisuu, ujummoo diriirsuu, qulqullina naannoo eeguu, raabsa geemoo qoraan qusatananiifi Soolaarii babal'isuu, bishaan harka qalleeyyiif galchuu, biqiltuu dhaabuufi kunuunsuu irratti xiyyeeffannoo kennee hojjechaa akka jiru Biirichatti Qindeessituun garee dhimma koorniyaa, daa'imman dargaggoo, Ittisaafi too'annoo HIV/AdIs Adde Dammee Waqgaarii himan. Bara karooraa 2016 keessatti hojiiwwan tola ooltummaa garaagaraa qar. Miliyoona 9 olitti tilmaamamu hojjetamuun ibsame. Odeeffannoolee adda addaatiif Marsaalee Hawaasaa keenya sirriitiin nu hordofaa Telegram ➲ https://t.me/oromiawaterandenergy Facebook Oromia Water and Energy Bureaugy Twitter ➲ https://twitter.com/oromiawater_ YouTube ➲ https://www.youtube.com/@oromiawaterandenergy Instagram ➲ https://www.instagram.com/oromiawaterandenergy LinkedIn ➲ https://www.linkedin.com/company/oromiawaterandenergy Website ➲ https://oromiawaterandenergy.org

"Rakkoolee kenna tajaajila bishaan dhugaatiifi dhangala'aa magaalota tokko tokko keessatti mul'atu hundeerraa maqsuuf tarkaanfiileen seeraafi bulchiinsaa ni fudhatamu" Hoggantuu Biiroo Bishaaniifi Inarjii Inj. Miliyoon Baqqalaa ========== #BBIO-(Hagayya 19/2016, Adaamaa)_ Biiroon Bishaaniifi Inarjii sosochii Kenna tajaajilaa sadarkaa olaanaan fooyyessuun itti quufinsa ummataa mirkaneessuuf rakkoolee kenna tajaajiloota bishaan dhugaatii dhaabbilee bishaanii tokko tokko keessatti mul'atu hundeerraa maqsuuf tarkaanfiin seeraafi bulchiinsaa fudhatamuu eegale cimee akka itti fufu Hoggantuun Biirichaa Inj. Miliyoon Baqqalaa ibsan. Biirichii raawwii hojii Bara 2016 fi kallattii karoora hojii bara 2017 dhaabbilee tajaajiloota Bishaan dhugaatiifi dhangala'aa Magaalotaa,akkasumas  Godinaalee Bishaaniifi Inarjii waliin Adaamaatti mari'aitaa jira. Dhimmoonni Kenna tajaajilaa, galii  fandii bishaanii cimsuu fi bulchiinsa qabeenya bishaanii qaphxiilee ijoo marii kanaati. Mariin kun guyyoota 3f kan turu yoo ta'u raawwiin hojii bara 2016 erga  gamaaggamamee booda, kallattiin raawwii hojii Karoora xiiqii  bara 2017 ni krnnama. Odeeffannoolee adda addaatiif Marsaalee Hawaasaa keenya sirriitiin nu hordofaa  Telegram ➲ https://t.me/oromiawaterandenergy Facebook Oromia Water and Energy Bureaugy Twitter ➲ https://twitter.com/oromiawater_ YouTube ➲ https://www.youtube.com/@oromiawaterandenergy Instagram ➲ https://www.instagram.com/oromiawaterandenergy LinkedIn ➲ https://www.linkedin.com/company/oromiawaterandenergy Website ➲ https://oromiawaterandenergy.org

Oduu Gammachiisaa ======= Harargee Bahaa Aanaa Miidhagaa Tolaatti iddoo kanaan dura goginsaafi rakkoo bishaan dhugaatii hammataaf saaxilamaa ture ganda bilisummaa jedhamee beekamutti deeggarsa dhaabbanni tola oolaa #HCS jedhamu taasiseen bishaan boolla gadi fagoo meetira 260 fagaatu qotuudhaan baaseera. Waajjirri bishaanii fi Inarjii godinichaa akkasumaas kan aanichaa qorannoo kaasee hanga ‘pump test’tti deeggarsa ogummaa olaanaa gochaa turtaniif galatoomaa. Waajjirri bulchinsa aanaa miidhagaa tolaa yeroo hundumaa xiyyeeffannaa olaanaa hojii bishaaniitiif kennitanii rakkoo hawaasa keenyaa furuuf tattaaffii addaa waan taasisaa jirtaniif galatoomaa kana daran jabaadhaa itti fufaa. Dhaabbanni HCS deeggarsa addaa aanichaaf taasisaa jirtanis galatoomaa jenna. Ummanni Aanaa Miidhagaa Tolaa Gandi Bilisummaa baga milkooftan! #BBIO Odeeffannoolee adda addaatiif Marsaalee Hawaasaa keenya sirriitiin nu hordofaa Telegram ➲ https://t.me/oromiawaterandenergy Facebook Oromia Water and Energy Bureaugy Twitter ➲ https://twitter.com/oromiawater_ YouTube ➲ https://www.youtube.com/@oromiawaterandenergy Instagram ➲ https://www.instagram.com/oromiawaterandenergy LinkedIn ➲ https://www.linkedin.com/company/oromiawaterandenergy Website ➲ https://oromiawaterandenergy.org

#Fayyadamummaa_Ummata_keenyaa_mirkaneessuuf_qindoominaan_hojjenna! ======= Biiroon Bishaanifi Inarjii Oromiyaa Qabeenya bishaanii fi Inarjii naannichi qabu qorannoon adda baasuu, kunuunsuu fi  bulchuu, bishaan dhugaatii qulqulluu, gahaafi  itti fufiinsa qabu hawaasaaf dhiyeessuu, sirna bulchiinsa iskiimotaa hammayyeessuu, akkasumas misooma inarjii babal’isuun guddina hawaas-dinagdee naannichaa mirkaneessuuf hojjechaa jira. Biirichi bara bajataa 2016 darbe keessatti humnoota mootummaa, miti-mootummaafi hirmaannaa hawaasaa qindeessuun,   Pirojektoota 9,654 qar. Bil. 11 oliin hojjetaman  xumursiisuun ummata miliyoona 2tti siqu fayyadamaa bishaan dhugaatii qulqulluu taasisseera.   Fedhii inarjii ummata naannichaa guutuufis teeknooloojii biyya alaafi biyya keessa jiran madaqsuufi babali’suun ummata biraan ga’uuf hojii bal’aa hojjechaa jiruun teknoloojii humna aduu soolaaritti jijjiiru, Baayoo Gaaziifi Geemoo Qoraan Qusatu babal’isuun ummata miliyoona 2.7 ol fayyadamoo taasisuun danda’ameera.   Bara 2017 kanattis  Pirojektoota kuma 9147 bajata idilee, hirmaannaa hawaasaafi sagantaalee  garaagaraa qar. Bili. 11 oliin raawwachuun ummata mil. Lamatti siqu fayyadamaa bishaan dhugaatii qulqulluu taasisuuf karoorfatee hojjechaa jira.   Hojii inarjii haaromfamaarraayis Abbootiin Warraa kuma 588 ol fayyadamoo taasisuuf ni hojjetama. Karoora hiixataa kana galmaan gahuuf qooda fudhattoonnifi hawaasni keenyaa akkuma kana duraa tumsaafi gahee irraa eegamu taasisuun biiricha cinaa akka dhaabbattan dhaamana! #Fayyadamummaa_Ummata_keenyaa_mirkaneessuuf_qindoominaan_hojjenna! #Bishaan_Lubbuudha!                                    Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa Odeeffannoolee adda addaatiif Marsaalee Hawaasaa keenya sirriitiin nu hordofaa  Telegram ➲ https://t.me/oromiawaterandenergy Facebook Oromia Water and Energy Bureaugy Twitter ➲ https://twitter.com/oromiawater_ YouTube ➲ https://www.youtube.com/@oromiawaterandenergy Instagram ➲ https://www.instagram.com/oromiawaterandenergy LinkedIn ➲ https://www.linkedin.com/company/oromiawaterandenergy Website ➲ https://oromiawaterandenergy.org