𝐀𝐛𝐬𝐞 𝐆𝐎 𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥
Open in Telegram
700
Subscribers
No data24 hours
-37 days
-730 days
Posts Archive
Jaalala Ganeera
Akkan abdiin sin eegneef
Abdiikoo dhaamsiteetta
Akkan kan biraa hin laalleef
Qaroo koo jaamsiteetta
Balbala onnee kootii
Jaalalaan saamsiteetta
Ati deemteetta hin dhuftu
Onneen koos ormaa hin kuftu
Ati sichi kankoo hin taatu
Onneen koos durba biraatti hin naatu
Kanaafuu...
Ganda jaalalaa keessaa
Godoo koo butadheera
Akkan durba hin jaallanneef
Garaa koo kutadheera!
Egaa...
Atis booda deebitee
Onnee koo rafte hin kaasin
Achumarraan fagaadhu
Dhuftee garaa na hin raasin
Faallaa ta'ee jiraachuuf
Daandii haaraa baneera
Kana booda hin danda'u
An jaalala ganeera!
✍️ Martinaan S
@Absereact2
Boru maaltu beeka ?
Yookan xiyyaara binnee
Lafoo deemuu laganna,
Yookii Miilanuu cinnee
Karaa teenyee kadhanna!
Yookii gamoo ijaarree
Abbaa urjii jedhamna,
Yookiimmoo huccuu daarree
Nama qurciis jedhamna!
Shiroof misira koorree
Fooniif hanqaaquu eella,
Yookiimmoo raafuu dhabnee
Nyaata saree kajeella!
Yookaan cimnee cichinee
Abbaa 'Kaampaanii' taana
Yookan Cinnee Ciccinnee
Cabaa 'Darzaanii' taana!
Ykn xiyyaara qaaritee qubatta,
Ykn sigaaraa aarsitee gubatta!
Yookan rabbiin si faana ta'a
Yookan cabbii si dhaana ta'a!
Qaba jettees hin boonin!
Dhabe jettees hin boohin!
Maaltu beeka kan boruu,
Eessatti akka nuun gorru!
✍️
ilaalchisee darbinsa yeroo seera addaatiin tumame raawwii qaba?
Telegiram page:https://t.me/absetv94
isaa murtii dirqisiisaa kannee jira.
📘Dhiyeenya kana immoo manni murtii waliigala federaalaa dhaddachi Ijibaataa lakk galmee 229085 ta’e irratti dhaddacha gaafa caamsaa 28/2015 ooleen mana qabeenyaa waliinii jaarsaa fi jaartii ta’e waligaltee ganda keessatti taasifameen erga gurguramee booda bitataan waliigalteen bittaa raawwatameefi manni murti manicha akka harka isaatin gahu himannaa yeroo dhiyeefatu
❇️Jaarsaa fi jaartii keessaa inni tokko qofti waliigalteen gurgurtaa manaa jiraachuu fi maalaqas bitataa irraa fudhachuu isaa amanee inni tokko immoo waliigalteen gurgurtaa mana kan hin jirree fi barreefama waliigaltee irrattis kan hin mallatesin tahuu ibsun yoo falme mana qabeenya waliinii jaarsaa fi jaartii ta’e waliigaltee fi hayyama nama waliigalteen jiraachuu isaa kaadeen ala gurguramuu sababa hin dandeenyeef waliigaltichi akka diiggamu seerummaan kan gaafatameefi jaarsaa fi jaartii keessa jiraachuun waliigaltee nama tokkon kan haalame tahuu irra dabree waliigaltichi qaama waliigaltee mirkaneessuuf aangefame birati kan hin taasifamin waan ta’eef barreefama waliigaltee irraa mallattoon jiru kan nama kaadee tahuu fi dhabuu qulqulleessuun kan hin barbaachifnee fi waliigalteen jaarsaa fi jaartii lameeniitu iddoo hin jiretti waliigalteen gurgurtaa mana taasifame bu'aa waan hin qabneef manni murtii akka diigamu murtii kennuun isaa sirriidha jechuun murteesee jira.
📕Haaluma kanaan manni murtii waliigala federaalaa dhaddachi ijibaatatis jildii 13ffaa lakk galmee 61808 ta'e irratti waliigalteen waliigaltoota garee lamanii jidduutti taasifame kan raawwatame yoo ta’es waliigaltichi faayidaa fi mirga garee 3ffaa kan tuqu yoo ta’e kanuma ibsuudhaan waliigaltichi akka diiggamuuf mana murtiitti himannaa dhiyeefachuun kan danda’amu ta'uu isaa murtii dirqisiisaa kannee jira.
✅Haa tahuu garuu jaarsaa fi jaartii keessaa inni tokko qofti qabeenya waliinii irratti waliigaltee taasisuun fakkeenyaaf inni tokko qofti qabeenyicha kan namaaf gurguru yoo ta’e gareen hayyama isaa hin kennin waliigalteen gurgurtaa kun diiggame qabeenyi gurgurame akka deebi’uuf waggaa lama keessatti mana murtiitti himannaa yoo dhiyeefachuu baate furmaanni isaa maal ta'a?
✅Seera maatii oromiyaa keewwata 85 (2) jalatti gareen hayyama isaa hin kennin waliigaltee gareen biraa nama biroo waliin kopha isaa taasise mana murtiitiin akka diiggamuuf waggaa lama keessatti yoo himannaa hin dhiyeefatin waggaa lama booda dhiyeefachuu hin danda’u jechuun kan tumee jiru waan taheef gareen hayyama isaa hin kenniin waliigaltichi gaafa raawwatame irraa kaasee waggaa lama keessatti akka isaaf diigamu mana murtiitti yoo himannaa dhiyeefachuu baate wagga lama booda himannaa dhiyeefachuu hin danda’u jechuudha.
📒Manni Murtii Waliigala Federaalaa dhaddachi ijibaataa jildii 19ffaa lakk galmee 103721 ta’e irratti akkaataa seera maatii jalatti tumamee jiruun jaarsaa fi jaartiin qabeenya gaa’ila keessatti waliin qaban bulchuuf walqixa mirga kan qabanii fi waliigalteen isaan lameeniitin ala waliigaltee nama tokko qofatiin qabeenya waliini nama sadaffaaf kan dabru yoo ta’e namni qabeenyi kun hayyamaa fi waliigaltee isaatiin ala qaama sadaffati dabre yeroo seeraan kaa’ame keessatti mana murtiiti himannaa dhiyeefatee waliigaltichi akka diiggamu yoo gaafachuu baate gocha fi waliigalteen hayyama isaa malee raawwatame akkuma ragga’eti tura jechuun seera maatii federaalaa keewwata 68 fi 69 waliin walqabsiisuun murteesee jira
✅Sababni seerichi waliigalteen garee tokko qofaan taasifame kun gareen hayyama hin kenniin waggaa lama booda akka isaaf diigamuu himannaa dhiyeefachuu hin danda’u jechuun tumeef kunis mirga garee 3ffaa fi nageenyi gabaa bittaa fi gurgurtaa akka eeggamuufi.
📘Dhimma tokkof yeroo himannaan itti dhiyaachuu qabu ilaalchisee seera addaatin darbinsi yeroo kan tumamee jiru yoo ta'e jaarsaa fi jaartii keessa namni tokko qabeenya waliini irratti sababa hayyama isaa malee waliigalteen rawwatameef waliigaltichi akka naaf diigamu jechuun yeroo himannaa dhiyeefatu dhimmicha ilaalchisee darbinsa yeroo waggaa lama seera maatii jalatti tumamee raawwii qaba moo dhimma falmiif sababa ta'e
📕Seera maatii oromiyaa keewwata 75 jalatti jaarsaa fi jaartiin tokko tokkoon qabeenya dhunfaa isaanii bulchuu fi galii irra argamus sassaabachuu fi itti ajajuuf bilisummaa guutuu akka qabu tumamee jira
✅Qabeenya gaamtaa jaarsaa fi jaartii jechuun immoo qabeenya isaan lachuu waliin qabanii fi qabeenyi kunis kan guyyaa gaa'ila isaanii raawwatan waliin argatanii fi haala addaattin qabeenya dhunfaa tahuun yoo mirkanaa’e malee qabeenyi gaa'ila isaanii keessatti karaa kamiinuu argame hundi qabeenya waliiniiti jechuudha (Tilmaama waliigalaa)
✅Waliigaltee kennaatiin yokiin jecha dhaamootin haala addaattiin yoo ibsame malee kennaadhan yokiin dhalmayaan qabeenyi gaa'ila keessatti argame hundi qabeenya waliinii jaarsaa fi jaartii ta'a
✅Qabeenyi jaarsaa fi jaartiin gaa'ila keessatti qabeenya dhunfaa isaanii gurguruun argatan yokiin qabeenya dhunfaa isaaniitin jijjiiruun argatan qabeenya dhunfaa garee sanii tahuun mana murtiitin yoo mirkanaa'e malee qabeenya waliini taha.
✅Carraaqqii dhunfaa jaarsaa fi jaartiin yokin qabeenya dhunfaa yokiin waliinii irraa firiin ykn bu'aan argamu qabeenya waliiniti.
📕Seera maatii Oromiyaa keewwata 82 fi kan federaalaa keewwata 66 jalatti jaarsaa fi jaartiin qabeenya waliin qaban hunda yokiin gartokkee isa isaan keessaa namni tokko akka bulchu yoo waliif galan malee jaarsaa fi jaartiin qabeenya waliin qaban kan walumaan bulftan tahu ifatti tumamee jira
✅Haa tahuu garuu jaarsaa fi jaartii keessa inni tokko dandeeti hin qabu jedhamee yoo murtaa'e fakkeenyaaf yoo maraate yokiin mirgi qabeenya bulchuu seeraan yoo irraa fudhatame yokiin sababa kamiinuu qabeenya walii isaanii bulchuu yoo hin dandeenye inni kaan kophaa isaa qabeenya waliinii kan bulchu taha jechuudha
✅Bu’uruma kanaan seera maatii Oromiyaa keewwata 84 fi kan federaalaa keewwata 68 jalatti akka tumamee jiruti waliigalteen qabeenya waliinii isaanii irratti garee 3ffaa waliin taasifamu seera qabeessa tahuuf kan dirqama hayyama jaarsaa fi jaartii barbachisu kanneen armaan gadii kana.
📗Qabeenya Waliinii kan hin sochoonee fi qabeenya sochoo'aa gatiin isaa qarshii dhibba shanii (500) ol ta'e gurgguruuf,jijjiiruf,kireesuuf, qabdiidhan yokiin wabiidhaan kennuuf yokiin haala biroo kamiiniyyuu namoonni biroo mirga akka irratti argatan gochuuf dirqama hayyama fi waliigaltee jaarsaa fi jaartii barbaachisa.
✅Maalaqa qarshii dhibba tokko (100) ol yokiin qabeenya waliinii gatiin isaa qarshii dhibba tokko (100) ol tahe kennaadhan nama biraatiif dabarsuuf dirqama hayyama fi waliigaltee jaarsaa fi jaartii barbaachisa
✅Qarshii dhibba shanii (500) ol namaaf liqeessuuf dirqama hayyama fi waliigaltee jaarsaa fi jaartii barbaachisa
📕Akkaataa armaan olitti ibsame kanaan waliigalteen qabeenya waliinii ilaalchisee taasifamu kana jaarsaa fi jaartii keessaa inni tokko hayyamaa isaa yoo kennuu baate yokiin inni tokko qofti kophaa isaa waliigaltee nama biroo waliin yoo raawwate fakkeenyaaf abbaan warraa kophaa isaa qabeenya waliinii kan gurgurgu yoo ta’e,kophaa isaa maalaqa qarshii dhibba shan kan namaaf liqeessu yoo ta’e haati manaa maal gochuu dandeessi? Furmaanni isaa hoo maal ta'a?
📚Jaarsaa fi jaartiin osoo waliif hin galin inni tokko qofti qabeenya waliinii irratti qaama 3ffaa waliin waliigaltee kan taasisu yoo tahe fakkeenyaaf inni tokko qofti kophaa isaa qabeenya waliinii kan namaaf gurguru yokiin namaaf kennu yoo ta'e,inni tokko qofti kophaa isaa qarshii dhibba shan ol kan namaaf liqeesu yoo ta’e gareen hayyama isaa hin kennin gaafa waliigalteen raawwatamuu isaa beeke irraa kaasee yeroo ji'a jaha keessatti yokiin haaluma kamiinuu gaafa waliigalichi raawwatame irraa kaasee waggaa lama keessatti mana murtitti iyyachuun waliigaltee san akka diigamu taasisuu kan danda’u tahuu isaa seera maatii oromiyaa keewwata 85 jalatti tumamee jira.
📘Manni Murtii Waliigala Federaalaa dhaddachi Ijibaataa jildii 16ffaa lakk galmee 90959 ta'e irratti qabeenya waliinii jaarsaa fi jaartii ta'e isaan lameen keessaa namni tokko kophaa isaa waliigaltee kennaatiin nama biroof dabarsuu kan hin dandeenyee fi waliigalteen kennaa kopha isaatiin taasise bu'aa tokkolee kan hin qabne tahuu
𝗚𝗮𝗮'𝗶𝗹𝗮 𝗞𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗤𝗮𝗯𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗝𝗮𝗮𝗿𝘀𝗮𝗮 𝗳𝗶 𝗝𝗮𝗮𝗿𝘁𝗶𝗶 𝗜𝗹𝗮𝗮𝗹𝗰𝗵𝗶𝘀𝗲𝗲 𝗦𝗲𝗲𝗿𝗿𝗶 𝗠𝗮𝗮𝗹 𝗝𝗲𝗱𝗵𝗮?
📗Gaa'illii gamtaa jaarsaa fi jaartiiti malee gamtaa qabeenyaa waan hin taaneef jaarsaa fi jaartiin gaa'ila keessatti qabeenya dhunfaa qabaachuu fi horachuu ni danda'u.
✅Karaaleen qabeenyi dhunfaa jaarsaa fi jaartii itti argamu inni jalqaba jaarsaa fi jaartiin qabeenya osoo gaa'ila waliin hin hundeefatin dura dhunfa dhunfaa isaaniitin qaban gaa'ila boodas waliigaltee fuudhaa fi heerumaatin qabeenya waliinii akka ta’u yoo murteefatan malee qabeenyuma dhunfaa isaanii ta'ee itti fufa.
✡Erga gaa'ila hundeefatanii booda jaarsaa fi jaartiin qabeenya dhunfaa isaanii karaa lama gurguddoon horachuu danda’an
📌Kunis inni jalqaba qabeenyi dhiirsaa fi niitiin gaa'ila keessatti waliin osoo hin tahin dhunfaan kophatti dhaalaan maatii isaaniirra dhaalaanii fi kennaadhsn dhunfaan nama biroo irraa argatan qabeenya waliinii osoo hin tahin qabeenya dhunfaa isaanii taha
✅Seera maatii federaalaa keewwata 57 fi seera maatii Oromiyaa keewwata 72 jalatti qabeenyi abbaan warraa fi haati warraa guyyaa fuudhaa fi heeruma isaanii raawwatan dhunfaa isaaniti qabanii fi erga wal fuudhan booda dhaalan maatii irraa yokiin kennaan nama biroo irraa dhunfaa isaaniti argatan kanuma dhunfaa isaanii taha jechuun ifatti tumamee jira.
👉Jarsaa fi jaartiin Gaa'ila keessatti qabeenya tokko kennaan dhunfaa isaaniiti nama biroo irraa argachuun kan dhunfaa isaanii taasifachuuf namni kennaa isaaniif kennu qabeenya kennaan isaanif dabarsu ilaalchisee jaarsaa fi jaartii keessa isa tokko yokiin abaaluufin kanne jechuun ifaa ifatti ibsuun akkasumaas akkaataa seera rogummaa qabuutiin ulaagaan waaligalte kennaa qabeenya kanaatis guutamuun qabeenyichi isaan keessa nama tokko qofaaf kennamuun isaa haala shakkii hin qabneen yoo ibsamee qofa qabeenyi kun qabeenya dhunfaa nama kennameefii san taha malee yoo haala kanaan ibsamu baate qabeenyi kennaan argame kun qabeenya waliinii jaarsaa fi jaartii tahuun isaa waan hafu miti jechuudha.
📌Karaan inni lammaffaan jaarsaa fi jaartiin gaa'ila keessatti qabeenya tokko dhunfaan horachuu danda’an qabeenya dhunfaa isaaniiti gaa'ilan duraa fi gaa'ila keessatti qaban gurguruun qabeenya biroo bituun yokiin kan birootiin jijjiruun qabeenyi argatan qabeenya dhunfaa isaanii taha
🔴Seera maatii federaalaa keewwata 58 fi seera maatii Oromiyaa keewwata 74 jalatti abbaan warraa fi haati warraa qabeenya tokkoon isaanii qabeenya dhunfaa isaatiin jijjiruun argatu yokiin qabeenya dhunfaa isaatiin bitatu yokiin maalaqni qabeenya dhunfaa isaa gurguree argatu kanuma dhunfaa nama sanii taha jechuudhan ifatti tumamee jira.
👉Haa tahuu garuu qabeenyi karaa lammaffaa kanan argame kun gareen qabeenya kana haala kanaan argate yeruma san mana murtiitti qabeenyiin haala kanaan argadhe kun kan dhuunfaa kiyyaa naaf tahe akka naaf mirkaneefamu jechuun iyyatee manni murtii yoo hin mirkaneesiniif qabeenyichi qabeenya dhunfaa tahuun isaa hafee qabeenya gamtaa jaarsaa fi jaartii akka tahu seera maatii Oromiyaa keewwata 74 (2), 78 (2) kan federaalaa keewwata 62(2) jalatti ifatti tumamee jira.
📘Jaarsaa fi jaartiin qabeenya osoo wal hin fuudhin dura dhunfaa isaaniitin qaban, qabeenya erga wal fuudhan booda kennaa fi dhaalmayaan kophati dhunfaan argatan, qabeenya tokkon isaanii qabeenya dhunfaa isaatiin jijjiruun argatu yokiin qabeenya dhunfaa isaatiin bitatu yokiin maalaqni qabeenya dhunfaa isaa gurguree argatu qabeenya dhunfaa yommuu ta'u qabeenya dhunfaan qaban kana jaarsaa fi jaartii keessaa abbuma dhunfaan qabuutu kophaa isaa bulfata.
🔰#Gaa'ila keessatti jaarsaa fi jaartiin qabeenya dhunfaan qaban kana namuma qabeenyicha dhunfaa isaatiin qabuutu kophaa isaatti bulfachuun akka ofii barbaade godha malee gareen biraa qabeenya kana isaa waliin bulchuu fi itti ajaju hin danda’u jechuudha.
+2
Iskeeliin mindaa hojjettoota mootummaa haaraan ifoome
==============
Fuulbana 22, 2018- Iskeeliin mindaa hojjettoota mootummaa inni haaraan ifoomeera.
Komiishinarri Komiishinii Siivil Sarvisii Itiyoophiyaa Doktar Makuriyaa Haayilee Faanaa Dijiitaalitti akka himanitti, fooya'iinsi miindaa kun baatii Fulbaanaa 2018 kana irraa eegalee hojiirra oola.
Komiishiniin Siivil Sarvisii kan ifoomse Iskeelichi akka itti aanutti dhiyaateera.
𝐈𝐫𝐫𝐞𝐞𝐜𝐡𝐢 𝐁𝐮’𝐮𝐮𝐫𝐚 𝐓𝐨𝐤𝐤𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨𝐭𝐢!
****
Irreechi duudhaa waloomaa, tokkummaafi calaqqee eenyummaa Oromooti. Oromoon barii birraa bakka jiru wal argee, uumaa uumama maraan badhaase kan ittiin dinqisiifatudha. Egeree isaaf ammo, uumaa isaa kadhatee uumama maras eebbisee qajeelfata.
Irreechi Malkaa Hora Finfinneefi Harsadee dabalatee malkaawwan garaa garaatti xumuura baatii Fulbaanaa irraa eegalee gaggeeffamu kun ifa birraa arguuf carroomuu, ililiin urgooftee yaadaafi qalbii namaafi lubbu qabeeyyii maraa hawwatu kana arguu isaaf dinqisiifannaa qabu ibsata.
Birraan waggaan maree dhufu kunis kan nagaa, milkii, gammachuu, jaalalaafi quufaa gabbinaa akka isaaf ta’uuf kadhata. Uumaa uumama maraan badhaases dhugeeffata.
Irreechi bu’uura tokkummaa Oromooti. Madda walqixxummaa, obbolummaafi waloomaati. Kan Oromoon tokkummaa isaa ittiin jabeeffatu, faajjii Oromummaafi sabboonummaati.
#Caffee_Oromia
#Irreecha2018
Tuqii galmaayi kuno maallaqa hojjedhu.
https://www.khk-wineryclub.com/#/login?club_member_id=81025&encode=UTF-8
