Barruu Harmee
Open in Telegram
👇 👉 W𝒂𝒍𝒂𝒍𝒐𝒐𝒘𝒘𝒂𝒏 👉 Q𝒐𝒐𝒔𝒂𝒂 𝒈𝒂𝒓𝒂𝒂 𝒈𝒂𝒓𝒂𝒂 👉J𝒆𝒄𝒉𝒂 𝒃𝒆𝒆𝒌𝒕𝒐𝒕𝒂𝒂 👉𝑨𝒔𝒐𝒐𝒔𝒂𝒎𝒐𝒐𝒕𝒂 👉 𝑲𝒊𝒕𝒂𝒂𝒃𝒐𝒕𝒂 𝒔𝒐𝒐𝒇𝒕 𝒌𝒐𝒑𝒑𝒊𝒊 𝒈𝒂𝒓𝒂𝒂 𝒈𝒂𝒓𝒂𝒂 𝒇𝒊 𝒌𝒂𝒏𝒏𝒆𝒆𝒏 𝒌𝒂𝒏𝒂 𝒇𝒂𝒌𝒌𝒂𝒂𝒕𝒂𝒏......
Show more937
Subscribers
No data24 hours
-37 days
-1230 days
Posts Archive
Namichi kun David Baerten jedhama, lammii biyya Belgium.
Firoonni isaa isa gatan. Hiriyyoonni isaa iyyaafachuu didan. Hawaasa keessa jiraatu gidduutti dagatame. Ijoollee isaa waliin qofaatti gatame. Nama isa iyyaafatu dhabuun, waamichaafi cidha naannoo keessatti geggeefamu irratti affeeramuu hanqachuun...walumaa galatti nama jiruu isaaf dhimmamu of biraa dhabuun baay'ee isa aarse.
Kanaaf murtoo wayii murteesse. Akka waan du'eetti qindeessee miira namaa ilaaluu! Utuun jiruu fira dhabe, mee sobee du'een firan argadhun ilaala jedhe. Waa'ee du'a isaa intalli isaa social media irratti akka maxxansitu taasise.
"Nagaan boqodhu abbaa koo! Tasumaa waa'ee kee yaaduu hin dhaabu. Jiruun biyya lafaa hamtuudha. Maaliif garuu maaliif yeroo kanatti na biraa godaante? Da'ee akaakayyuu si gochuufan qophaa'aa ture bar! Baay'een si jaalladha, si hin dagadhu" jettee maxxansite. Guyyaafi bakka awwaalaas beeksifte.
Uummanni lafarratti hin hafne. Xiqqaafi guddaan yaa'ee boohichaan iji diimate. Awwaala isaaf maal si gargaarru jedhanii intala isaa busy godhan. Guyyaan awwaalchaa yommuu ga'u, hunduu uffata gurraacha uffatee bakka jedhametti argame. Konkolaataa reeffa baatee dhufu utuu eeganii helicopter tokko dhuftee qubatte. Namichi helicopter keessaa bu'ee uummata nagaa gaafate. Uummanni achitti walga'e naasuudhaan dubbiin bitaa itti gale. "Jaalala isin naaf qabdan ilaaluufan akkas godhe. Maal ta'a jaalala kana utuun lubbuudhaan jiruu yoo natti agarsiiftan? Maal ta'a fayyaa kootti akkasuma yoo naaf dhimmamtan? Jiraa koo dagattanii du'aa koo yaadattuu?..." jedheen.
Jiraatti wal haa jaallannu, jiraatti waliif haa birmannu!
Lataa
B
@BarruuHarmee
"Yoo obsaa atuu itti beekta
Koodee kiyya yaa obbolee
Osoo hin darbin hafa jettee
Tasa of hin buustu mogolee
Bara Ormaaf hakaaftee
Harka siif keesse fal'aana
Booruu dhugaa boru eegu
Bara hamtuu maaltu dhaana!"
@BarruuHarmee
Hunda keessaa filadhee
Si keenyaan bakka addaa
Keessa jiraadhu jennaan
Onnee koo fuutee baddaa?
Anoo ofirran si jaalla
Lubbuu kiyyan siif laadhaa
Akkamiinan danda'ee
Si dhabeetis jiraadha!
Atoo anaaf dhalattee
Anuma qofaaf maltaa!
Jaalala dhugaa dhiiftee
Kam barbaacha imalta?
Dhiigsitee onnee koo
Osoon siif gaggabuu
Narraa fagaatteetta
Fiigus sin qaqqabu!
Osoon siduuka ilaaluu
Madaan koo didee dhiige!
Dhumni isaa bareedaaree?
Kan waadaa galee diige!
Obsuu Wayyaaau.....💔
@BarruuHarmee
Akkamitti Akkaawontii Facebook keessan irraa Hattoota (Hackers) ittisnuu — Seerota 4 kanneen barbaachisan
📌 Akaawontiin Facebook keenya oddeffannoo wal-qunnamtii qofa utuu hin taane, suuraalee dhuunfaa, daldalaa fi odeeffannoo maallaqaa of-keessa qabu — eenyummaa dijitaalaa keenya. Akaawontiin yoo hatame (hacked) tahee odeeffannoo dhuunfaa fuudhachuu irraa kaasee hanga maqaa balleessuu fi miidhaa geessisuu danda’a.
Kanaaf immoo tarkaanfiiwwan nageenyaa 4 kanneen si gargaaran:
1.Mirkaneessa Sadarkaa Lama (Two-Factor Authentication — 2FA) fayyadami.
Kun bu’uura nageenya Facebook dha. Yoo password (jecha iccitii) kee hatame illee, Hattichi akaawontii kee banuu hin danda’u.
~ Hattichi password fi lakkoofsa bilbila yoo argate illee, Facebook mallattoo addaa (code) siif ergu malee seenu hin danda’u.
🔗 Kun karaa amansiisaa fi cimaa dha.
📌 Gara Settings & Privacy ➔ Settings ➔ Security and Login ➔ Two-Factor Authentication deemii 2FA ‘On’ godhi!
📌 Yeroo ati akaawntii kee bilbila ykn Kompitara biraatiin banachuuf yaaltu, Facebook koodii adda siif erga. Koodii sana galchuu yoo dhiistee seenuu hin dandeessu.
📌 Koodii kana akka SMS qofaan hin argamneef, Authentication app (fakkeenyaaf Google Authenticator) fayyadamuun caalaatti gaarii dha — kun amansiisaa dha.
2.Jecha iccitii adda adda fi cimaa fayyadami.
📌 Jechi iccitii Facebook keetii gmail, Telegram ykn baankii keeti wajjin wal fakkaachuu hin qabu.
🔗 Maqaa jechoota (password) wal fakkaatu kamiyyuu fayyadamuu hin qabdu!
~ Jechi iccitii dheeratuu qabaadha.
~ Jechoota Xurree Gurguddaa fi Xurree Xiqqaa (capital & small letters), lakkoofsota fi mallattoo adda addaa (fakkeenyaaf: !boR@#$%) walitti maki.
~ Guyyaa dhalootaa ykn maqaa siif salphatti beekamu hin fayyadamin.
3.Beeksisa seensa hin beekamne (Login Alerts) fayyadami.
📌 Kun seera tokko yoo akaawntiin kee biyya, magaalaa ykn bilbila adda irraa banaamu siif ergaa siif ergu dha.
📌 Gara Settings & Privacy ➔ Security and Login deemii “Getting alerts about unrecognized logins” jedhu On gochuu.
📌 Amaloota hubataman tokko tokko yoo mul’ate, siif akeekkachiisa erguun jecha iccitii kee hatamee yoo ta’e battaluma jijjiiruuf si gargaara.
4.Hayyama (permission) app-fi marsariitiilee sadaffaa (third-party apps) ilaali haqi.
📌 App ykn websaayitii tokko “Login with Facebook” jedhuun fayyadamu yoo barbaadde, akkuma hayyama kennitan Facebook akaawontii keessan itti fayyadama. Appoonni nageenya isaanii laafaa ta’an akka banuuf carraa banuu danda’u.
📌 Gara Settings & Privacy ➔ Settings ➔ Apps and Websites deemii, appota siif hin tajaajille ykn hin amanamne Remove gochuu.
~ Marsariitiilee balaa qabu tokko iyyuu yoo hin beekne bakka hundaa irraa Remove gochuu wayya.
~ Marsariitiilee beeksisa jedhuun si hawwachuuf deeman irraa of eeggadhu; marsariitiilee baay’ee kanneen akkasiin walitti qabaman irratti fayyadamuu hin qabdu.
🔗xumuraa
Akaawntii Facebook keessan eeguuf jecha iccitii sirrii jijjiiruu qofa otoo hin taane, Two-Factor Authentication (2FA) hojiirra oolchuu fi hayyama app-ota hin barbaachifne haquun akka si eegu gargaara.
📌Koodii Facebook akka SMS qofaatti osoo hin taane, gara Authentication app akka Google Authenticator tti jijjiirre fayyadamtuuf filadhu — anaaf filannoon koo Google Authenticator dha!
📌 Yoo Facebook keessan yoo hatame ykn deeggarsa barbaaddan, nu qunnamaa — teessoo Telegram ykn inbox Facebook armaan gadiin nu qunnamaa.
#Share Gochuu Hin Dagatiinaa!!
Galatooma Oddeffannoo Dabalataaf karaa linki Telegramii keenyaa armaan gadii Join gochuun Nu Hordofaa
@BarruuHarmee
#Seera_20: Hamma namoonni si nuffanitti irra deddeebitee hin maxxansin! Hammamuu kan namoota fayyaduu fi barsiisu yoo ta’e illee, deddeebitee maxxansuudhaan namoota hin nuffisiisin. Deddeebitee argamuun akka si rakasiisu beeki. Albuudonni gati-jabeeyyiin akka salphaatti akka hin argamnee fi gati-jabeeyyii kan isaan taasises akka salphaatti argamuu dhabuu isaanii akka ta’e hubadhu. Deddeebitee mul’attee of hin rakasiisin.
(Itti fufa)
#deemsiittifufa
#namabiyyaoromoo
@BarruuHarmee
#Seerota_Itti_Fayyadama_Miidiyaa_Hawaasaa
(Ebisa Bayissa)
--Kutaa 2ffaa--
#Seera_11: Namni tokko boqochuu (du’uu) isaa yommuu dhageessu battalumatti miidiyaatti hin baasin! Tarii maatii fi firoonni namichaa kan hin dhaga’iin jiraachuu malu. Kanaafuu, gadda sitti dhaga’ame garaa keetti qabadhuu turi. Duuti namaa miidiyaatti ba’uu kan qabu yoo xiqqaate erga namichi awaalamee boodadha.
#Seera_12: Daa’ima yoo dhalchite (deesse) battaluma inni dhalate (isheen dhalatte) suura kaastee miidiyaatti hin baasin! Maatii, firoonnii fi hiriyyoonni kee akka siif gammadaniif dhimmicha miidiyaatti fiduun rakkoo hin qabu. Sana garuu suura mucaa otuu hin maxxansiin ibsachuu ni dandeessa. Daa’imni dhiigni suurri ishee maxxanfamuun gaarummaa hin qabu. Yoo danda’ame dhimmoonni maatii icciitiin qabamuu qabu.
#Seera_13: Dubartoonni yeroo ulfaa suura kaatanii miidiyaatti fiduu irra yaadannoof akka isiniif ta’uuf ofuma biratti qabadhaa. Suura kaatanii maxxansuun dirqama yoo ta’e immoo, uffata guutummaa qaama keessanii haguugu uffadhaa. Yeroo dhi’oo as suuronni argaa jirru saalfachiisoodha.
#Seera_14: Dhimmoota dhuunfaa kee hamma malee miidiyaatti hin fidiin! Cireen ganama nyaatte, laaqanni guyyaa nyaattee fi irbaanni galgala nyaatte miidiyaa hawaasaatti yoo maxxanfame eenyuunuu hin barsiisu. Yeroo yerootti waan itti jirtu hunda miidiyaatti fiduun hin barbaachisu. Uffata haaraa bitatte hunda agarsiisuun siinis do’attoota kees hin gargaaru.
#Seera_15: Nama wajjin suura kaate hundumaa miidiyaa irratti hin maxxansin! Namoonni tokko tokko nama beekamaa arginaan suura waliin ka’uun akka waan dirqama ta’eetti yaadu. Sa’atii itti nama beekamaa argan hundumaa waliin suura ka’anii saffisa danda’an hundaan immoo maxxansu. Sun mallattoo ofitti amanamummaa dhabuuti. “Abalu wajjin oolle!” jedhanii maxxansuun ofitti amanamummaan kee guutuu akka hin taane ibsa.
#Seera_16: Wantota si fayyadan kamiifuu duub-deebii gaarii kenni! Barreeffama namaa dubbistee waa irraa baratteetta taanaan namicha galateeffadhu. Callistee dubbistee garaa kee keessatti, “Kun ergaa ajaa’ibaati!” jettee, akka hin irraanfanne ‘Save’ yookaan ‘Copy’ godhattee qofa hin darbiin. Dhiibbaa si irratti uumeera taanaan namicha barreesseef ibsi. Akkuma barreeffamni isaa si fayyade duub-deebiin kee immoo namicha ni fayyada. Gola yaadaa (comment) irratti, “Galatoomi!” jettee barreessuun siin si hin miidhu, namicha immoo ni fayyada.
#Seera_17: Hojii nama biraa waraabdee akka waan kan kee ta’eetti hin maxxansiin! Gochi kun gochaawwan itti fayyadama miidiyaa hawaasaa nama jibbisiisan adda-duree keessaa isa tokkodha. Namoonni baay’een barreeffama nama biroo akkuma jirutti fudhatanii akka waan ofii barreessaniitti maxxansuun beekamu. Kun uummata miidiyaa hawaasaa fayyadamu otuu hin taane, of sobuudha. Hannadhas. Abbaa barreeffamichaaf beekamtii kennuun gad-aantummaa miti; amanamummaadha. Kanaafuu, hojii namaatti fayyadamuu yoo barbaaddu, maqaa isaa eeruudhaan beekamtii kennuufiin barbaachisaa ta’uu hin dagatiin. Eenyu irraa waraabdee akka ati fidde uummanni ni beeka!
#Seera_18: Miirri gad aantummaa (miidhamtummaa) namootatti akka dhaga’amu wanta taasisu kamuu hin maxxansin! Milkaa’inni kee dhi’aachuu kan qabu akka namoonni waa irraa baratanitti malee, miirri gad aantummaa akka itti dhaga’amu akka taasisutti ta’uu hin qabu. Miira namootatti dhaga’amuuf of eeggachuun bilchina guddaadha. Gabaabaadhumatti, namoota gojomaasisuuf wanti ati mul’istu jiraachuu hin qabu.
#Seera_19: Karoora kee gara fuula duraa miidiyaa hawaasaa irratti hin maxxansin! Mul’anni siif kenname kan kee qofa. Jireenya kee keessatti namoota muraasa si deggeruu danda’an qofaaf kan qoodamu malee, miidiyaa hawaasaatti waan ba’u miti. Waan gochuuf karoorsite kamuu of biratti qabadhu. Raawwii isaa qofa namootaaf qoodi. Sunuu yoo waan irraa baratan qabaatan.
#Seera_10: Miidiyaa hawaasaa fayyadamuu hin baay’isin! Qabeenyawwan uumamaan siif kennaman qaqqaalii sadan keessaa sammuu kee fi namoota keetti aanee kan jiru yeroo keeti. Gabaabaadhumatti, yeroon kee jireenya keeti. Yeroo kee qisaasessuun jireenya kee qisaasessuudha. Miidiyaaleen hawaasaa bilbila kee irra jiran diinota yeroo kee si jalaa balleessan akka ta’an yaadi. Akka isaan yeroo kee isa qaalii si jalaa hin balleessinetti ogummaadhaan yoo fayyadamte baay’ee si fayyadu. Ta’uu baannaan jireenya kee balaaf kennu. Kanaafuu, yeroon ati miidiyaalee hawaasaa fayyadamuuf fudhattu daangaa isaa kan eeggate ta’uu qaba. Yaadadhu, yeroon kee jireenya keeti; jireenya kee caalaa immoo gati-jabeessi addunyaa kana irra hin jiru!
(Itti fufa)
#deemsiittifufa
Eebbisaa Baayisaatiin
@BarruuHarmee
#Seerota_Itti_Fayyadama_Miidiyaa_Hawaasaa
( Ebisa Bayissa )
-Kutaa 1ffaa-
Kabajamo! Akka nama ‘Facebook’ haala gaariin fayyadamuu isaaf beekamtii argate tokkootti seerota armaan gadii tumuu koo yeroon ibsu gammachuu guddaatu natti dhaga’ama!
#Seera_1: Barreeffamas ta’e suura kamuu maxxansuu dura miira kee sakatta’i. Aartees ta’e baay’ee gammaddee yommuu jirtu miidiyaa kamuu of irraa fageessi. Maxxansuuf yoo jettu gaaffii, “Miirri koo sirriidhaa?” jedhu of gaafadhu.
#Seera_2: Miira kee erga sakattaatee booda gaaffii murteessaan of gaafachuu qabdu, “Wanti ani maxxansaa jiru kun ni fayyadaa?” isa jedhudha. Wanti nuti maxxansinu kamuu namoota fayyaduu kan qabu ta’uu qabu. Yoo fayyaduudhaa baate illee nama kamuu miidhuu akka hin qabne mirkaneeffachuu qabna.
#Seera_3: Waan kamuu maxxansuu kee dura fedhii (motive) kee hubadhu. Kaayyoon maxxansa keetii maali? Bu’aan ati maxxansa sana irraa argattu maali? Bakka bareedaatti uffata bareedaadhaan suura kaatee maxxansuun kee namoota isaan kaan hinaafsisuuf yoo ta’e tasuma hin maxxansin!
#Seera_4: Wanti maxxansitu kamuu jireenya namootaaf gatii kan dabalu akka ta’e mirkaneeffadhu. Barreeffamnis ta’e suurri ati maxxansitu kamuu barsiisuuf, onnachiisuuf, miira gaarii namoota keessatti uumuuf ta’uu qabu. Waanuma gatii (value) namootaaf hin daballe hin maxxansin!
#Seera_5: Wanta gad fageenyaan hin beekne kamuu hin maxxansin. Namoonni nuti beekumsaan caallu kan nu hordofan akkuma jiran, namoonni baay’ee nu caalanis akka nu hordofan beekuun gaaruma. Dhimma kamuu hamma ati beektuu ol namni beeku wayii ni jira. Kanaafuu, wanta sirriitti beektuu fi ogummaa kee ta’een ala waanuma sitti fakkaate qabattee miidiyaatti hin ba’iin.
#Seera_6: Wanta si hin ilaallanne kamittuu hin hirmaatin. Namoonni baay’een waan dubbataniif qofa hin dubbatiin. Namoota hedduutu yaada kenne jechuun yaadichi dhugaa yookaan sirriidha jechuu miti. Kanaafuu, barreeffama kamuu barreessuus ta’e yaada kamuu namootaaf kennuuf yoo murteessitu yeroo hundumaa gaaffii, “Dhimmi kun na ilaallataa?” jedhu of gaafadhu.
#Seera_7: Dhimma nama dhuunfaa kamuu hin kaasin. “...Sammuu xixiqqoon waa’ee namoota dhuunfaa irratti xiyyeeffata” kan jedhu kitaaba koo Miiltoo irratti barreesseen ture. Gaarummaa isaa dubbachuuf, galateeffachuuf, onnachiisuuf yoo ta’een ala, dhimma nama dhuunfaa kamuu negetiiviin hin kaasin. Hammamuu yoo itti aarte karaa biroo dhimma kee xumuradhu malee, raawwattee nama kamuu as hin fidin!
#Seera_8: Warra si arrabsaniif deebii hin kennin! “Saree natti duttu hundumaatti dhagaa hin darbadhu!” kan jedhu jecha Winston Churchill qajeeltoo jireenyaa godhadhu. Namni saree jedhamu jiraachuu baatus, namoonni akka saree nama ciniinuun amala isaanii ta’e garuu inuma jiru. Maal jedhu warri mammaakan? “Gaalli inuma deema; saroonni inuma dutu!” Arrabsoo kamiifuu arrabsoon deebii hin kennin. Nan beeka, ni dhukkuba! Obsitee...ciniinnattee...akka waan hin argiiniitti bira darbuun garuu mo’amuu otuu hin taane, mo’achuudha! Gaafa deebii laatte garuu gita jaraatti gad buutee waliin taphachuun mo’amuu kee argisiisuu keeti.
#Seera_9: Bilchinni miiraa murteessaa akka ta’e beeki! Miidiyaa hawaasaa fayyadamuun wantota baay’ee barbaachisoo fi murteessoo ta’an keessaa tokko bilchina miiraa qabaachuudha. Namoota akaakuu hedduu waliin dirree tokko irra oolta. Inni tokko si jaallata. Inni tokko jaalalas ta’e jibba siif hin qabu. Inni tokko ijaan argaa kee jibba. Inni tokko guddina kee hawwa. Inni tokko sitti hinaafa. Namoonni kun hunduu si wajjin dirree tokko keessaa taphatu. Kanaafuu? Yaadota, jajannaa, eebba, arrabsoo, xiqqeessuu, abaarsa...gara keetti darbatamu hundumaa miira bilchaataadhaan simachuu qabda. Warra harka siif rukkutan qofa barbaadda taanaan, bakki itti isaan qofa argattu aduu kana gajjallaa hin jiru!
#Seera_20: Hamma namoonni si nuffanitti irra deddeebitee hin maxxansin! Hammamuu kan namoota fayyaduu fi barsiisu yoo ta’e illee, deddeebitee maxxansuudhaan namoota hin nuffisiisin. Deddeebitee argamuun akka si rakasiisu beeki. Albuudonni gati-jabeeyyiin akka salphaatti akka hin argamnee fi gati-jabeeyyii kan isaan taasises akka salphaatti argamuu dhabuu isaanii akka ta’e hubadhu. Deddeebitee mul’attee of hin rakasiisin.
(Itti fufa)
Eebbisaa Baayisaatiin
#deemsiittifufa
#namabiyyaoromoo
@BarruuHarmee
#Seerota_Itti_Fayyadama_Miidiyaa_Hawaasaa
(Ebisa Bayissa)
--Kutaa 2ffaa--
#Seera_11: Namni tokko boqochuu (du’uu) isaa yommuu dhageessu battalumatti miidiyaatti hin baasin! Tarii maatii fi firoonni namichaa kan hin dhaga’iin jiraachuu malu. Kanaafuu, gadda sitti dhaga’ame garaa keetti qabadhuu turi. Duuti namaa miidiyaatti ba’uu kan qabu yoo xiqqaate erga namichi awaalamee boodadha.
#Seera_12: Daa’ima yoo dhalchite (deesse) battaluma inni dhalate (isheen dhalatte) suura kaastee miidiyaatti hin baasin! Maatii, firoonnii fi hiriyyoonni kee akka siif gammadaniif dhimmicha miidiyaatti fiduun rakkoo hin qabu. Sana garuu suura mucaa otuu hin maxxansiin ibsachuu ni dandeessa. Daa’imni dhiigni suurri ishee maxxanfamuun gaarummaa hin qabu. Yoo danda’ame dhimmoonni maatii icciitiin qabamuu qabu.
#Seera_13: Dubartoonni yeroo ulfaa suura kaatanii miidiyaatti fiduu irra yaadannoof akka isiniif ta’uuf ofuma biratti qabadhaa. Suura kaatanii maxxansuun dirqama yoo ta’e immoo, uffata guutummaa qaama keessanii haguugu uffadhaa. Yeroo dhi’oo as suuronni argaa jirru saalfachiisoodha.
#Seera_14: Dhimmoota dhuunfaa kee hamma malee miidiyaatti hin fidiin! Cireen ganama nyaatte, laaqanni guyyaa nyaattee fi irbaanni galgala nyaatte miidiyaa hawaasaatti yoo maxxanfame eenyuunuu hin barsiisu. Yeroo yerootti waan itti jirtu hunda miidiyaatti fiduun hin barbaachisu. Uffata haaraa bitatte hunda agarsiisuun siinis do’attoota kees hin gargaaru.
#Seera_15: Nama wajjin suura kaate hundumaa miidiyaa irratti hin maxxansin! Namoonni tokko tokko nama beekamaa arginaan suura waliin ka’uun akka waan dirqama ta’eetti yaadu. Sa’atii itti nama beekamaa argan hundumaa waliin suura ka’anii saffisa danda’an hundaan immoo maxxansu. Sun mallattoo ofitti amanamummaa dhabuuti. “Abalu wajjin oolle!” jedhanii maxxansuun ofitti amanamummaan kee guutuu akka hin taane ibsa.
#Seera_16: Wantota si fayyadan kamiifuu duub-deebii gaarii kenni! Barreeffama namaa dubbistee waa irraa baratteetta taanaan namicha galateeffadhu. Callistee dubbistee garaa kee keessatti, “Kun ergaa ajaa’ibaati!” jettee, akka hin irraanfanne ‘Save’ yookaan ‘Copy’ godhattee qofa hin darbiin. Dhiibbaa si irratti uumeera taanaan namicha barreesseef ibsi. Akkuma barreeffamni isaa si fayyade duub-deebiin kee immoo namicha ni fayyada. Gola yaadaa (comment) irratti, “Galatoomi!” jettee barreessuun siin si hin miidhu, namicha immoo ni fayyada.
#Seera_17: Hojii nama biraa waraabdee akka waan kan kee ta’eetti hin maxxansiin! Gochi kun gochaawwan itti fayyadama miidiyaa hawaasaa nama jibbisiisan adda-duree keessaa isa tokkodha. Namoonni baay’een barreeffama nama biroo akkuma jirutti fudhatanii akka waan ofii barreessaniitti maxxansuun beekamu. Kun uummata miidiyaa hawaasaa fayyadamu otuu hin taane, of sobuudha. Hannadhas. Abbaa barreeffamichaaf beekamtii kennuun gad-aantummaa miti; amanamummaadha. Kanaafuu, hojii namaatti fayyadamuu yoo barbaaddu, maqaa isaa eeruudhaan beekamtii kennuufiin barbaachisaa ta’uu hin dagatiin. Eenyu irraa waraabdee akka ati fidde uummanni ni beeka!
#Seera_18: Miirri gad aantummaa (miidhamtummaa) namootatti akka dhaga’amu wanta taasisu kamuu hin maxxansin! Milkaa’inni kee dhi’aachuu kan qabu akka namoonni waa irraa baratanitti malee, miirri gad aantummaa akka itti dhaga’amu akka taasisutti ta’uu hin qabu. Miira namootatti dhaga’amuuf of eeggachuun bilchina guddaadha. Gabaabaadhumatti, namoota gojomaasisuuf wanti ati mul’istu jiraachuu hin qabu.
#Seera_19: Karoora kee gara fuula duraa miidiyaa hawaasaa irratti hin maxxansin! Mul’anni siif kenname kan kee qofa. Jireenya kee keessatti namoota muraasa si deggeruu danda’an qofaaf kan qoodamu malee, miidiyaa hawaasaatti waan ba’u miti. Waan gochuuf karoorsite kamuu of biratti qabadhu. Raawwii isaa qofa namootaaf qoodi. Sunuu yoo waan irraa baratan qabaatan.
"Biyya Jermanitti Mindaa guddaan kan kaffalamuuf Barsiisaadha. Hojjettettoonni biroo hiriira nagaa bahuun Mindaan qixa Barsiisaa akka kaffalamuuf gaafannaan president Jerman akkamitti barsiisaa keessaniin qixxaachuuf gaafattu? Hin qaanoftanii? Isaantu sin barsiiseem jechuun deebisteef. Abadan Barsiisaa keessaniin wal hin qixxaattan Kabajni guddaan Barsiisaadhaaf jechuun haasawaa ishee xumurte.
Kanaafuu inni beeku gatii Kee beeka! Isa hin beekne gatii Kee hubachiisuuf gatii biraa baasuu sin barbaachisu.
@BarruuHarmee
#Koora_Keenya....✍️
Kiyyaaf keetu,adda ture,baasa qaba,
namnu beekee, har'a 'rratti, nu taajjaba
Gaafa sana, surraan keenya, hinaafsisee,
biyyi ba'ee, maqaa keenyan,wal eebbise!
Gaafa cidhaa 'dhadhaaf mataa waliif ta'aa'!,
eebba durii, anaaf situ, ragaa ta'a
Har'a garuu, cidiif giimii, waliif waamee
warri haaloo, wal abaaru, nu ka'aame!
An sirradhee,ati ganuu, yookaan faallaa,
sana himnee,of dhaadessaa,itti caalla
Malee teenyee,natu maqee,sirrii turtee,
waliin jennee,utuun muriin, abdii murte!
Tiksituu koo,ulee gurraa,kan ayyaanaa,
sana dhoksuun, 'Leenjiteetta,ana faana!'
Yaada jedhuun, of adabee, milkii gatuu,
si'iin miti, qaallichiyyuu, nan hubatu!
Dudubbadhee,dubbii dhalchee, salphina koo,
sitti himee, obaafadhuu,ala tokko?
Of hubadhee, si dhaga'uun,naaf hin ta'u,
si dagadhee, ormaa ta'uu, hin danda'u!
Murtii dhumaa,akki goonu, waliin moonee,
Waan hundumaa, daangaa kootti, karra goonee,
Ulaa keetti, cufaa bannee,an ol galee
koora keenya, Ayyaantichi, yoo nuuf tole!
Lalisaa ✍️
@BarruuHarmee
"Coba dhiigaa natti taatee
Onnee koottii ,gadi roobda
Gaarii gootee Amalakee...
Jaalala kee natti dhoobda
♡♡♡
Lolaateetuu lootee atii...
Natti baaste daandiif kara
Hiddi dhugaa jaalala kee
Kara dhiigaa natti Tara❤️"
@BarruuHarmee
Bakka awwaalaa deemanii, reeffa dhiifama gaafatan!
——
Japanitti bara 2020 keessa namicha maqaansaa Shizuwoo Ayishimaa jedhamuufi namoonni kan biroon sadii, meeshaa ‘sensitive’ ta’e kan biyya alaatti ergamuu hin qabne biyya alaatti ergan jedhamanii to’annoo jala oolan.
Qorannoorra yommuu jiran Shizuwoon si’a 8 mirga wabii gaafatee dhorkame. Utuma mana hidhaa keessa jiruu kanuma gidduutti dhukkuba kaanserii garaachaatiin qabamee du’e. Inni du’ee ji’a shan booda, dubbiin waan dogoggoraati; jarri balleessaa hin qaban jedhamee himanni adda cite.
Yommuu kana maatiin Shizuwoo poolisii irratti himata banan. Himata kanaanis dogoggora uumameef poolisiin maatii Shizuwoof doolara miliyoona 1.12 akka kaffalu manni murtii murteesse. Poolisiinis ol iyyannoofi mormii tokko malee murtoo kana fudhatee maatii Shizuwoof maallaqa jedhame kenne.
Kanaan hin geenye.
Hooggantoonni poolisii abaaboo qabatanii bakka awwaalcha Shizuwoo deemuudhaan jilbeenfatanii dhiifama gaafatan. “Dogoggora si hiinee, dogoggora si himannee, balaarra si buufnee dhiifama nuuf godhi” jedhan!
Ani akkuman seenaa kana argeen biyya keenyan yaadadhe; yaada koottin lakkaa’e…meeqatu yakkaa malee hidhamee dararamee akka du’e…meeqatu himata sobaan qilee akka bu’e…meeqa manni murtii bilisa baafnaan didanii akka hidhaa jiran…lubbuu kabaja hin qabne, dhiiga gumaa hin qabne, maatii beenyaa hin qabne….
Yaadee yaadeen imimmaan koo natti dhufe…lubbuun Japan jirtus, lubbuun Itoophiyaa jirtus Waaqa fuulduratti tokkuma mitii garuu? Ayii!
Source: Fb
@BarruuHarmee
"Warri sun warra Wallaggaa
Sun warra Arsiif Baalee
Harargee Jimmaaf Iluu
Maaltu addaddatti ilaale ?
Boorana Gujiif Shawwaa
Shaggar naannoo Finfinnee
Kun hunduu dhiiga tokko
Hidduma tokkorra cinne!"
Gandummaan Fafa! Oromummaan Nafa!
@BarruuHarmee
"Gaafa gaafa jaatanii
Utubaan Manaa lamaa
Gaafa gaafa yaadanii
Dhuguma namaa gamaa"
"Haa yaa'u gabaan Leeqaa
Bittaan Shunburaa meeqa?
kan yaadu garaatu beekaa
Ilkaan ofumaa Seeqaa...."
@BarruuHarmee
Amala Namoota Sammuu Cimaa Qabanii:
➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖
1⃣ Haala hamaa Keessattillee 'Positive' ta'anii itti fufu.
2⃣ Dogoggora isaanii ni amanu.
3⃣ Rakkoo ofiif nama hin komatan.
4⃣ Furmaata irratti Xiyyeeffatu.
5⃣ Namoota summii qaban akka badan/ Neutralize/ godhu.
6⃣ Ofitti amanamtoota malee of_ tuultota miti.
7⃣ Kufaatii gara carraatti jijjiiruun imala isaanii itti fufsiisuuf cichanii hojjetu
8⃣ Jijjiirama hammatu.
9⃣ Gaarummaa, gara laafina fi waliif yaaduu baratu.
🔟 Dhimma Ofiitiin yeroo rakkatan illee nama gargaaru.
@BarruuHarmee
Jalallee koo....!
"Ati naaf kennaadha
Kennaa gatii jabaa
Addunyaa kanarraa
Tokkittii keen qabaa
Sin jaalladha malee
Sittin yaadu dabaa
Siif jecha miidhamee
Siif jecha nan cabaa
An egaa yoomiyyuu
Si dhabuu hin fedhuu
Ati Onneef tiruu koo
Moo lubbuuko jedhuu
Siif garaa hin muruu
Akkamittan muraa
Rakkoo jiruu kootii
Harka keetu furaa
Koo ta'uu kee baree
Ijaan si ilaalladhee
Wanta hundaa keessa
Bagan si jaalladhee"
💕🙏
@BarruuHarmee