cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Dhugaa Macaafa Qulqulluu

KAYYON CHANALI KANA ✍1.Sagalee Waaqayyoo ✍4.Walaloo Hafuuraa ✍6.Gaaffilee Wangeelaa ✍7.Seenawwaan Nama Barsisan ※Akkasumas baruumsa walitti fufaa

Show more
Finland3 283The language is not specifiedReligion & Spirituality97 579
Advertising posts
505
Subscribers
No data24 hours
-17 days
-230 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

“Kristos aarsaadhaaf dhiiga re'ootaa fi dhiiga jibootaa baate utuu hin ta'in, dhiiga ofii isaa dhangalaasuu isaatiin al tokko bara baraan gara iddoo isa hundumaa irra caalaa qulqulluutti ol gale; nuufis furee bara baraa argate.” — Ibr. 9:12
Show all...
👍 1
Ibr. 9 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ²³ Egaa wanti akka isa waaqa irraatti garagalfaman kun isaan kanaan qulleeffamuun in ta'aaf; warri waan dhugaa ta'anii waaqa irra jiran garuu ofii isaaniitii aarsaa isaan kana irra caalaniin qulleeffamuu isaan barbaachisa. ²⁴ Kristos iddoo isa hundumaa irra caalaa qulqulluu, harkaan ijaarame fakkaattii isa dhugaa sanatti gale miti inni bantii waaqaatti iddoo itti amma Waaqayyo duratti nuuf mul'atutti gale. ²⁵ Achitti galuun isaas akka angafni lubootaa dhiiga ofii isaatii kan hin ta'in baatee, waggaa waggaatti iddoo isa hundumaa irra caalaa qulqulluu sanatti galu, deddeebi'ee ofii isaa aarsaa dhi'eessuudhaaf miti. ²⁶ Utuu akkas ta'uu dhaabaatee, inni uumamuu biyya lafaatii jalqabee irra deddeebi'ee dhiphachuun isa irra in ga'a ture; amma garuu dhuma barichaatti, yeroo hundumaaf akka ta'utti al tokkicha ofii isaa aarsaa dhi'eessuu isaatiin cubbuu balleessuudhaaf mul'ateera. ²⁷ Namoonni al tokko du'uuf kaa'amaniiru; isa booddee immoo firdiitti in dhi'aatu. ²⁸ Akkasuma Kristos inni cubbuu namoota baay'ee baachuudhaaf al tokko aarsaa ta'ee dhi'eeffame; si'a lammaffaa immoo waa'ee cubbuuf utuu hin ta'in, warra dhimmanii dhufa isaa eeggatan fayyisuudhaaf mul'achuuf jira. @Dhugaa_Wangeela @Jireenya_Dhugaa @Sami_TB
Show all...
1
Far. 5 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ³ Yaa Waaqayyo, ganama sagaleen koo si biratti in dhaga'ama, ganama ofii koo siif nan qopheessa, gara kees nan ilaala. ⁴ Ati yaa Waaqayyo, isa jal'inni itti tolu miti'o, hamaanis si bira hin buufatu. ⁵ Warri of jajanis ija kee dura hin dhaabatan, warra wanta waa'ee hin baafne hojjetan hundumaas in jibbita. ⁶ Warra soba dubbatan lafa irraa in balleessita, Waaqayyo warra dhiiga namaa dhangalaasanii fi warra nama wallaalchisan in ciigga'a. ⁷ Ani garuu gaarummaa kee isa baay'eedhaan gara mana keetti ol galuun anaaf kennameera; ulfinaan si sodaachuudhaanis, gara mana qulqullummaa keetti garagalee kufee siif nan sagada. @Dhugaa_Wangeela @Jireenya_Dhugaa @Sami_TB
Show all...
👍 1
#Kristaanni_kristoosiin_fayye_tokko!... Dheekkamsa Waaqayyoo sodaate cubbuu hojjechuu dhiisa osoo hin taanee, Ayyaannichi inni ittiin fayyee sun akka inni cubbuu hojjetuuf hin hiyyamuuf! Waan Waaqayyoo isa adabuuf sodaatee cubbuu hojjechuu dhiisa utuu hintaanee, waan ilmi Waaqayyoo sababa cubbuu isaaf adabameef jedhee cubbuu hojjechuu dhiisa. Waan manni isaa galgala (jireenyi bara baraa) bareeduuf jedhee cubbuu hojjechuu dhiisa osoo hintaanee, waan manni isaa galgala bareedeef amanee cubbuu dhiisa! Waan waaqayyo isa adabuuf nama jaallata, namaaf yaada, nama gargaara osoo hin taane Waan hafuurri waaqayyoo gara isaa jabaataa sana  laaffiseef jedheeti. "Nan eebbifama!" jedhee kurnoo kudhan keessaa tokko (1/10) kaffala  osoo hin taanee, "karaa kristoos eebbifameera!" jedhee onnee isaa irraa kudhan keessaa tokkoyyuu miti kudhan keessaa sagal kennuu danda'a. “Egaa si'achi Kristos isa ana keessaatu jiraata malee, anatu jiraata miti; jireenya ani amma fooniin jiraadhu immoo, ilma Waaqayyoo isa na jaallate, ofii isaas dabarsee isa anaaf kennetti amanuudhaan nan jiraadha.”   — Gal. 2:20 Anaaf akkasitti naaf gale! Mee isinis yaada keessan #comment  jalatti naaf barreessaa waanuma isinif ife! Kaayyoon keenya guddaadha!! Muldhanni keenya fagoodha!! Miseensa keenya ta'uu yoo barbaadan.                     Ammumma                   👇👇👇👇👇         @Dhugaa_Wangeela @Dhugaa_Wangeela
Show all...
2👍 1
Repost from Go Gospel Mission
Dhugaan Isa Macaafni dubbatuudha malee isa nuti sammuu keenyaan tilmaamnu miti. Gammy🥰 Dhugaan Macaafa Qulqulluu immoo isa namni akka yaada isatti ol kaase yoo itti hin tole immoo gadi buusu miti! Inni bara baraan dhugaadha. Jiraatadhas🥰 https://www.facebook.com/100012997213139/posts/pfbid02gMAiMgRMZJ2v926KqYxiPPprTPuHBgxeb8ZF8MZsccuZGEyCXxGLT8MXpyyyqDMLl/ Join us @GoGospel @Marksola @Ergamneera
Show all...
Mark Solomon

Dhugaan Isa Macaafni dubbatuudha malee isa nuti sammuu keenyaan tilmaamnu miti. Gammy Kinfu🥰 Dhugaan Macaafa Qulqulluu immoo isa namni akka yaada isatti ol kaase yoo itti hin tole immoo gadi buusu...

Ergaa Barreeffamaa: “Jireenya milkaa'aa jiraachuuf qajeeltoowwan jireenyaa sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaadha!”......jedhu hayyoonni. 1) Inni jalqabaa of simachuu /self acceptance / seenaafi muuxxannoo gaarii qofa osoo hin taane seenaafi mudannoo jireenyaa gaarii hin taanellee simachuun barbaachisaadha. Maatii sooressa yookiin hiyyeessa keessa dhalachuu dandeessa. Umamnikee adii yookiin gurraacha, dheeraa yookiin gabaabaa, bareedaa yookiin fokkisaa ta'uu mala. Eenyummaakee kana amanii fudhu. Namoonni tokko tokko eenyummaasanii simachuu yookiin fudhachuu hin barbaadanii jedhu hayyuun falaasamaafi xiinsammuu. Kanaaf eenyummaasanii waliin falmaa jiraatu. Eenyummaa ofii amananii fudhachuun ofitti amanamummaakee akka dabalu hin dagatin. 2) Inni biraan kaayyoo jireenyaaf jiraachuu dha/ Living for life purpose/ jedhu hayyoonni. Ilmi namaa kaayyoo itti jiraatuuf qaba. Waan keessikee barbaadu, waan si gammachiisu qabaachuu dandeessa. ammaaf argachuu dhabuu dandeessa. Haata'u malee waan hawwitu sana argachuuf, bira gahuuf carraaquu qabda. Kaayyoo jireenyaafi sababa itti jiraattu wallaaluu hin qabdu jedhu hayyoonni. 3) Dorgommii hin taaneerraa fagaachuun /Avoiding competition/ barbaachisaa ta'uu hayyoonni ni gorsu. Namni ofiin malee isa kaaniin dorgomuu hin qabu, Namoonni si caalaa qabeenya, beekumsa qabaachuu malu. Atimmoo waan namoonni kaan hin qabne qabaachuu dandeessa. Waan of harkaa qabdutti gammaduu, waan si hanqate argachuufimmoo hojjechuutu sirraa eegama. Yoo namaan dorgomte gammachuu argachuu hin dandeessu waan ta'eef. 4) Inni biraan ilaalchaafi yaada qajeelaa/ positive thinking/ qabaachuudha. Yeroo hunda hamaa yookiin jallina yaadda yoo ta'e gammachuu argachuu hin dandeessu. Guyyaan har'aa gaariidha jettee yaaduu dandeenyaan gaarii ta'a. Hammeenya namaa ilaaluu dhiistee, gaarummaa namaa yaadda taanaanis akkuma kana. Waa hunda jallinaan yaadda yookiin ija hammeenyaan ilaalta taanaan/ Negative thinking / qabaannaan waa hundi akkuma ati yaadde ta'a. Ilaalchaafi yaada qajeelaa/ positive thinking/ qabaachuu hin dandeessu. 5) Yeroo hunda barachuuf eeyyamamoo / Being Willing to learn / ta'uunis gaariidha jedhu hayyoonni. Yeroo hunda dubbisuu, gaafachuu, hubachuun sirraa eegama. Yerookee waan hin malleen dabrsuu hin qabdu. Guyyaa guyyaan waan haaraa baruuf yaalii cimaa ni taasifta taanaan jireenyakee fooyyessuufi guddisuu dandeessa. 6) Inni biraan qaroominaan fuula duratti imaluu / walking with Wisdom/ qabda jedhu hayyoonni. Qaroominni /wisdom/ beekumsarraa adda ta’uu hubadhu. Akkamitti akka jiraattu, akkamiin rakkoo akka furtu, hojii milkaa'aa akkamitti hojjechuu akka dandeessu si barsiisa. Qaroomina /wisdom/ qabda taanaan diinakee yookiin nama ilaalcha gaarii siif hin qabne, qajeelchuu, sirreessuufi amansiisuu dandeessa. Ittiin morkataa jiraachuurraa yaadasaa jijjiiruu dandeenyaan nagaan jiraachuu dandeessa. Qaroomina hin qabdu taanaan garuu waa hunda waliin morkataa jiraatta. 7) Dandeettii yookiin beekumsa addaa / Being intelligent / qabaachuunis gaariidha jedhu hayyoonni. Dandeettii yookiin beekumsi addaa barumsa idilee/ Conventional/ irraa argamuu danda’a. Dandeettii miira ofii to'achuu /emotional intelligent/ qabaachuun barbaachisaadha. namoota kaan waliin hariiroo gaarii/ Cultural intelligent  qabaachuunis akkuma kana. 8) Beekmsa saayinsawaa, amantaafi aadaa qabaachuu dandeessa, miirakee hin to'attu taanaan beekumsa qabaachuunkee gatii hin qabu jedhu beektonni. Maatii firaafi hawaasa waliinis hariiroo gaarii qabaachuu qabda. Hin qabdu taanaan beekumsikee qofti bu'aa hin qabu. Namoonni beekumsa/ hubannoo/ saayinsawaa, amantaa fi aadaa qaban tokko tokko gocha hin malle wayita raawwataniifi jecha hin malle wayita dubbatan ni taajjabna. Namoonni kunneen hawaasaa waliin hariiroo gaarii hin qabani. 9) Namoota yakka hojjetanii, mana sirreessaa jiran ilaaluu dandeenya. Yeroo muraasaaf miira isaanii to'achuu dadhabaniitu harka gaabbiifi hidhaatti kufanii jiru. Kanaaf miira ofii to'achuun murteessaadha jedhu hayyoonni. Share & Join Us•                  💧 @Ergaa_Barreeffamaa
Show all...
10) Haala salphaan namatti qabamuufi  aaruun /Taking no offence easily / barbaachisaa miti jedhu hayyoonni. Namoonni sababa garaa garaan si miidhuu, sitti darbuufi si arrabsuu danda'u. Haala salphaa ta'een dhimma sanatti qabamuun, gadduun, miira keessa galanii aaruufi of jeequun barbaachisaa miti. Namoonni si aarsan heddummaachuu danda'u, kanaafuu nama meeqatti aartee, gubattee dandeessa jedhu hayyoonni. Kanaafuu itti hin qabamiin, kolfii bira darbi. 11) Akka hayyoonni jedhanitti jireenya galateeffannaa qabu / Leading life with gratitude / jiraachuunis murteessaadha. Fayyaafi nageenya qabaannaan isaatti gammaddi, waan of harkaa qabdutti, ooltee buluukeetti galateeffadhu. gammadii jiraadhu jedhu. Waan si hanqatetti gaddaa, of dhiphisaa jiraachuurraa waan of harkaa qabdutti galateeffachaa jiraachuutu siif mala. 12) Jireenyakee keessatti waan gaarii /Going for the best/ barbaadi jedhu hayyoonni. Waaqa yoo kadhatu waanuma xiqqaa hin kadhatiin. Isa guddaa eenyuuf dhiista? Addunyaan kun waa hedduu of keessaa qabdi, fageessii yaadi, mul'ata fagoo, karoora hiixataa qabaadhu. 13) Jireenyakee keessatti yeroo eeggadhu /Understand the timing / jedhu hayyoonni. Dursuunis, boodatti hafuunis gaarii miti. Yeroodhumsaatti waa raawwachuun gaariidha. Waan hojjechuuf karoorsite tokko yeroonsaa ammaa? jedhiitii of gaafadhu, waa hundi ammuma raawwachuu qaba ejjennoo jedhu qabaachuunis gaarii miti jedhu hayyoonni. 14) Waan jijjiiruu yookiin sirreessuu hin dandeenye tokko ittiin hin falmiin, amanii fudhu/ accept what you can't change/ jedhu hayyoonni. Namoonni tokko tokko waan jijjiiruufi sirreessuu hin dandeenyeen waggaa dheeraa of dhiphisaa, gaddaa jiraatu. Waan dhabdetti, waan si harkaa ba'etti, waan deebi'ee hin argamnetti yeroo dheeraaf of dhiphisaa jiraachuun barbaachisaa miti. jijjiiruun akka hin danda'amne of amansiisanii jireenya ofii jiraachuun murteessaadha jedhu hayyoonni kunneen. Waan hin deebineef waan of harkaa dhaban  dhabuun, fayyaafi nagaa of dhorkuun gaarii miti. 15) Iddoo itti loltu filadhu / Chose your wars/ jedhu hayyoonni. Jireenyakee keessatti, bakka hojiitti yookiin hawaasa waliin jiraattu keessatti yeroo hunda waldhabaa, walwaraanaa jiraachuu hin qabdu. Hanga yoomiitti namoota ittiin waldhabde waliin wal waraanaa jiraatta? Umuriikee guutuu waldhabaa jiraachuurraa mo'amiif jedhu hayyoonni. Kanaanis nagaafi gammachuu argatta. Namoonni yeroo hunda namaa biraa waliin waldhabaa, walwaraanaa oolani fayyaafi nageenya sammuu akka hin qabne hin dagatiin. Waan sin galchine keessa hin galiin. Yeroo hunda waan siin hin ilaallanne keessa galta taanaan nagaan jiraachuu hin dandeessu. Kanaaf waraanakee fildhu. 16) Dhiifama godhi, haaloo hin qabatiin/ Forgiving all and avoiding vengeance/jedhu hayyoonni. Haaloo qabdee jiraatta, dhiifama hin gootu taanaan carraa dhibeewwan garaa garaatiin qabamuu babal'ifataa akka jirtu hin dagatiin. Dhiphina cimaa keessa galtee umuriikee gabaabsaa akka jirtus. Haaloo qabatanii dhukubsataa jiraachuurraa, dhiifama godhanii nagaan jiraachuutu filatamaadha. 17) Jireenyi qormaataan waan guutamteef qormaata addaa addaa dandamadhu/ perserve in suffering /jiraadhu, gammachuufi boqonnaa qulqulluu/pure joy and rest/ filadhu, gammachuun argadha jettee araada garaa garaa hin fayyadamiin. 18) Miidhagina keessoof/ Value inner beauty / gatii olaanaa kenni, namoonni miidhagina keessoof osoo hin taane miidhagina alaa mul'atuuf maallaqa hedduu akka dhangalaasan hin dagatiin. Miidhaginni dhugaan keessoo namaa jira. Miidhaginni kunis naamusa gaarii qabaachuudha jedhu hayyoonni. 19) Nama hin tuffatiin, ofis hin tuuliin, amalaafi naamuusa gaarii qabaadhu, / being humble and not despising others/ nama kabaji, nama ifachuuf, xiqqeessuufi salphisuuf hin yaaliin. Jireenyakee keessatti naamusa gaarii/ being disciplined in life/ qabaadhu, namoonni milkaa'an harki caalaan naamusa gaarii akka qaban ragaaleen ni ibsu, kanaaf naamusaan jiraadhu. Share & Join Us•                  💧 @Dhugaa_Macaafa
Show all...
20) Jireenyakee hunda naamusaan hooggani. Kennuufi fudhachuu/ Giving and receiving / bari, wanti si biratti gatii hin qabne isa kaaniin akkanni gammachiisu hubadhu, yammuu isa kaaniif hiixattu, waaqnis siif hiixata. Kanaaf kennuu, arjoomuu, nama dinqisiifachuu, jajjabeessuu, shaakali. 21) Keessookee dhaggeeffadhu, Follow your heart/ Nama kabajni maluuf kabaja kenni, /Give due honor /angafakee, maatiikee, dursaakeefi nama hunda kabaji, yeroo hunda waaqakee kadhu/ pray seriously / akka amantaakeetiitti yeroo hunda kadhadhu. Namoota waaqa hin kadhanne caalaa warri kadhatan jireenya gammachuufi milkaa'ina qabu akka jiraatan hin dagatiin. 22) seenaa gaarii hojjedhu,/ Make history leave legacy / biyya keetiif, maatii keetiif, dhaloota itti aanuuf seenaa hojjechuu yoo dadhabdellee dhalakeetiif seenaa gaarii kaa'i jedhu hayyoonni. Share & Join Us•                  💧 @Dhugaa_Macaafa
Show all...
2Qor. 3 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ⁹ Wanti firdii du'aaf hojjetu ulfina-qabeessa erga ta'ee, wanti qajeelaa nama gochuuf hojjetu immoo hammam caalaa ulfi-naqabeessa haa ta'u ree? ¹⁰ Ammas wanti caalaatti ulfina qabu waan argameef, inni takka ulfina-qabeessa ture ulfina kan hin qabne ta'eera.
Show all...
6👍 3