cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Mana Barumsaa Balballeettii Sadarkaa 1ffaa.

𝐁𝐚𝐫𝐧𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐢𝐧𝐚 𝐐𝐚𝐛𝐮 𝐋𝐚𝐦𝐦𝐢𝐢 𝐡𝐮𝐧𝐝𝐚𝐚𝐟....𝐄𝐝𝐮𝐜𝐚𝐭𝐢𝐨𝐧 𝐅𝐨𝐫 𝐚𝐥𝐥

Show more
Ethiopia6 788The language is not specifiedEducation50 154
Advertising posts
1 916
Subscribers
+624 hours
+1087 days
+59630 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

🅱arattootni kutaa 6 fi 8 qormaatni moodeelaa gaafa caamsaa 14/09/2016 waan kennamuuf qophii barbaachisuu hunda akka gootan cimsinee hubachifna.
Show all...
2
Show all...
Biqiltu Guddatu!

✍✍Odeeffannoo waayitawa Beekumsa waliigalaa. Taatewwan adda adda. Ogbarruu,seenaa fkkf

👍 1
Share Gaaffilee shaakalaa Herrega kutaa 8ffaa.pdf
Show all...
👍 6 2🥰 1
Share Gaaffilee shaakalaa saayinsii waliigalaa kutaa 8ffaa..pdf
Show all...
👍 3
Barachuun bu'aan madaalama! ====================== Osoo aanan hin raasin dhadhaa nyaachuuf hawwitaa? Osoo deemtee hin baratin Nama yaaluuf iyyitaa? Waan gaara gubbaa jirtuuf Fageenyatti waa hin argitu Gammoojjii waan jirtuufis Dukkanni hurrii si hin dhoksitu Waan iyyiteef waan mul'atteef Mul'atni kee dheeraa hin ta'u Waan cal'ifteef waan dhokatteef Mul'atni kee hin daanga'u Iyyeef korbeessi re'ee lamaa ol' dhalche hin jiru Wanti keessi isaa duwwaa Dibbee caala iyyu hin jiru Beekamuuf hin rakkatin Beekaa ta'ii argami Waan beekaan sitti himu Gadi jedhii fayyadami Mukni firee heddu qabu Mataan gadi gomboba Namni beekaa jedhamus Yeroo hundaa of gadi qaba Mataa kee ol' dhaabdee Maqaa kee hin dagatin Osoo barataa jirtu baratamuuf hin maraatin Osoo hayyoota qabdu Harrootaan hin dhaadatin Ani akkana siin jennaan Waan si arrabse hin se'in Dubbii shaayyaan gamanaa Bahaara gamaan hin ce'in Dubbii xiqqoo zoom gootee Dimension hin heddummeessin Ilaalcha kee jallistee Qajeelaa hin burjaajessin Ilaalchi gaggabaabaan Ganda keessaa si hin baasu Lagni lafa malee Lafee addaan hin dhoosu Bu'aan barachuu keennaa Wanti ittiin madaalamu Fageessinee yaaduu keenya Qabatamaan kan himamu ........ ........ Namni barumsa hin qabne Yeroo sirra ejjatu Siif hin nayu hin hubatu Qaama kee kan laalatu Tan gatii hin qabnetu Gatii hayyootaa tuffata Jabaa qabna yeroo hundaa Kan Raajiin isaa nuuf fakkeenyaa Gatii ilma namaa hin wallaalin Ilmi namaa kun qabeenyaa Qabeenya gatii dhabe Kan yartuun daaraa seetu Gold gatiinsaa dhokate Salphatti sharafuu feetuu? Hayyuu namaati jechuun Kitaaaba guddaa tokko Bantee dubbisuu baattus Siif birmata gaaf rakkoo Kitaabni hin dubbifamin Kan maramee ol' kaayame Hayyuu osoo biyya jiru Biyyatti ukkaanfame Hayyuu kee dubbisi Irraayis waa barreessi Seenaa jabaan kee qabu Dhalootaafis qopheeessi Seenaa baroota dheeraa Kan daandiin isaa dhiigaa Injinera siif ol' kaaye dafqa xuruursaa fiigaa Kan barumsa hin qabne daangaa kanaa ni diigaa! Seenaa kee isa dhugaa Soqii baasi bakka jiruu Dhaloota waa barate Kan seenaa jijjiiruu Bishaan gabatee irraa Gara argetti jallataa Nama seenaa ofii wallaalle Alagatu ergataa Ergachuuf kaayyoo dhabdus Ergamuuf hin qophaayin Seenaa abboota teetii Xurii gurraacha hin haxaayin Xiiqiin dammarra mi'oofti Dhugaa qabattee hin mugin Osoo aanan kee jiru Farsoo alagaa hin
Show all...
👍 12
#Dubbisuu...! Dubbisuun gaariidha Bu'uura jiruudha Waan hin beekne baruun Kaaniifis hiruudha! Tuullaa dilbii beekumsaa Ofirratti jigsuudha! Qaroo waliin qaroomuuf Sammuu ofii tiksuudha! Nama guutuu ta'uuf Tolfachuuf tarkaanfii Har'uma dubbisuuf Jalqabi tattaaffii! Buna dhugaas haa ta'u Feetanis jimaa qaamaa #Dubbisuu_amaleeffadhaa Kanan isiniif dhaama! Kan dubbisetu bara Eenyummaa firaaf ormaa Boonee qomasaa dhiibees Haqa sabasaaf morma! Qarshii araadatti baafnuun Kitaaba yoo bitanne Beekumsa dabalachuun Sadarkaan ol siqanne! Utubaaf dagaleedha Ijaaree gad sidhaabaa Jireenya kee keessatti Ta'i hiriyaa kitaabaa!
Show all...
1. Maartiin Luuter Kiing #Dukkanni dukkana hin balleessu, ifa qofatu balleessuu danda’a. Jibbis jibba hin balleessu, jaalala qofaatu jibba balleessuu danda’a. #Humni guddaan diina ofii ofitti firoomfachuu nama dandeessisu jaalala qofaadha. Jaalalli meeshaa ati yoo of harkaa qabaatte yeroo hundumaa ittiin mootuu dha! #Jaalalatti qabamee jiraachuuf murteesseen jira. Jibbi ba’aa ulfaataadha waan ta'eef hin baadhu! 2. Maahatama Gaandii #Yeroo hundumaa yaada, dubbii fi hojii kee guutummaatti tokko gochuu yaali. Yaadota kees qulqulleessi, inni kaan hundinuu gaarii ta’uuf jiraa. #Gammachuun, yeroo wanti ati yaaddu, dubbattuu fi hojjetu tokko siif ta'u kan argamuudha. #Cubbuu jibbi, cubbamaa garuu jaalladhu. Kan jibbamuu qabu cubbuudha malee cubbamaa miti waan ta'eef. #Eenyummaa koo guutummaatti ibsachuuf iyyuu bilisummaa na barbaachisa. Kanaaf garbummaa keessatti du'uko irra amman du'uttan gara bilisummaatti adeema! #Namni dadhabaan dhiifama gochuu hin danda’u. Kan dhiifama gochuu danda'u  nama beeka, Ogeessa, hubataa fi jabaadha. Kanaaf nama dadhabaa fi gowwaa irra dhiifama gochuu hin eegin! #Qooda ijaa iji haa ba’u kan jedhu, guutummaa addunyaa jaamaa godha. 3. Abrahaam Liinken #Dhuma irratti kan siif lakkaa’amu waggoota jireenya kee keessa jiran miti. Jireenya waggoota kee keessa jiranii dha malee! #Abjuun koo, Amerikaan abdii adduunyaa kanaa yeroo taatu arguudha. Akka isheen taatus nan amana waan ta'eef abjuu dhugaa abju'achaa jiraachuuko hin shakku! #Miilli kee bakka sirrii dhaabbchuusaa mirkaneeffadhu, isa booda qajeelii dhaabadhu; deemsaaf immoo fuulakee dura ilaali arreedi! #Muka tokko akkan muruuf sa’atii ja’a yoo naaf kennitan, ja'an keessaa sa’atii afran qottoo koo qarachuudhaanan dabarsa. #Kan guddaa na yaaddessu Waaqayyo nu cina dhaabachuu isaa miti; nuti toora Waaqayyoo irra dhaabachuu keenya barbaadu irra dhaabachaa jiraachuu keenyaa dha, Sababni isaa Waaqayyo yeroo hundumaa sirriidha waan ta’eef. #Tooftaa cimaan diina ofii ittiin balleessan, fira ofii godhachuudhaani. #Yeroo murtaa’eef namoota hundumaa ykn namoota muraasa gowwomsuu dandeessa ta’a, garuu yeroo hundumaa gowwomsuu hin dandeessu. #Abbaan abbaa kootii eenyuun iyyuu yoo ta’e dhimma koo miti. Kan na yaachisu ilmi ilma isaa eenyu ta’uuf akka jirudha. 4. Maazer Tereezaa #Waaqayyo akka milkoofnu nurraa hin eegu, akka nuti milkaa’uu yaallu qofa nurraa eega malee. #Namoota dhibba tokko nyaachisuu yoo dadhabde, nama tokko nyaachisi; Tokko dhibba tokko keessa waan jiruuf! #Namoota nurraa fagoo jiran jaallachuun salphaadha. Warra nutti dhi’oo jiran jaallachuun garuu yeroo hundumaa salphaa miti. #Wanti guddaan hammam akka kennine miti.Waan kenninetti jaalala hammamii akka daballedha. #Wanta gaarii ati har’a hojjettu, namoonni bor ni irraanfatu ta’a. Waanuma hundaafuu, waan hamaa isaan yaadachaa jiraatan hojjechuurra waan gaarii isaan irraanfatan sana hojjedhu! #Addunyaa keenya irraa daabboo dhabanii du’aa kan jiran hedduudha, jaalala dhabanii du’aa kan jiran immoo isaan sana irra ni caalu. #Wanti nuti hojjennu coba galaanaa caalaa xiqqaadha. Yoo nuti keessaa hafne garuu galaanichi waan dhabuu hin qabne tokko dhabeera jechuudha. 5. Niilsen Maandeellaa #Addunyaa kana jijjiiruuf meeshaa guddaan, hunda caalaa humna qabu barnootaa dha! #Namoota isaan kaan of dura buusanii ofii booda ta’anii hoogganuun gaariidha, keessumaa yeroo injifannoo fi wantonni gaggaariin nu mudatan dursa warra geggeesinuuf kennuun qabna. Yeroo balaan jiru garuu ofii fuula dura dhaabachuun gaariidha. Isa booda namoonni hooggansa keenya ni ajaa’ibsiifatu, ni jallatamnas. #Namni tokko itti ol ba’uuf gaaronni hedduun akka isa hafan kan argu, gaara tokko erga ol ba’ee boodadha. #Hamma hojjetanii arganitti hojiin hundumtuu waan hin danda’amne fakkaata, ta'us hojiin hin hojjetamin isa hojjechuuf hin yaalamin jiruudha malee isa dadhabame miti!
Show all...
2👍 1