cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking Β«Accept allΒ», you agree to the use of cookies.

avatar

Hoggansa Barnootaa Bul/Mag/Machaaraa-Miicataa

Education is the movement from darkness to light! "Allan Bloom"

Show more
Finland3 179The language is not specifiedEducation88 646
Advertising posts
672
Subscribers
+324 hours
+117 days
+5230 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Gabaasa waggaa kan Adeemsa Barnoota Ga,eessotaa BMMM kan bara 2017. 1.hojiilee jalqaba irratti hojjetamuu qaban Barattoota barnoota ga,eessotaa baratan galmeessuu Karoora dhiira 1432 dub=1332 wg=2764 yoo ta,u raawwiin galmee immoo dhi =1228 dub=769 wg=1997 kan ta,an galmaa,anii jiru. 2.kan barnoota barachaa turan immoo dhi=900 dub=400 wg=1300 buufataalee qabnu irratti barachaa turan. 3.buufataalee barnoon itti kennamu karoora 9 Yoo ta,u raawwii barnoota itti barachaa turan immoo buufataalee 5 irratti. 4.haala mijeessaa ramaduu karoora dhi=6 dub=3 wg=9 yoo ta,u raawwiin immoo dhi=---- dub =1 ramadamun barsisaa kan turtee yoo ta,u kannen hafan irratti barsiisota idileetin barsiifamaa tureera. 5.buufataalee barnoon itti kennamaa turan 5 yoo ta,an maqaan isaanii Akka armaan gadii ta,a 1ffaa Mana barumsa Caffee Haaraa 2ffaa Mana barumsa Micataa lakk2 3ffaa Mana barumsa Odaa lakkuu 4ffaa Mana barumsa Odaa lallabaa 5ffaan Mana barumsa Mata Guddeessatti barnoon kennamaa tureera 6.guyyaa barnoonni itti kennamu torbetti guyyaa sadi isaanis Guyyaa jimaata,sanbataa fi dilbata kennamaa tureera. 7.barattoota qormaata madaallii ifa barnootaa fudhachuuf galmaa,an dhi 325 dub 140 wg=465 yoo ta,an kaneen keessa kan qoraman immoo dhi 230 dub 220 wg=350 qoramanii jiru. 8.kanneen qoraman keessa kan darban dhi 134 dub 96 wg=230 darbanii jiru. 9.roostari barattootaa hojjetamee ragaan isaani kophatti faayil ta,ee Jira. 10.dureewwan Mana barumsa waliin mariin taasifamee Jira. 11.cheekliistiin ji,aa fi kurmanaa kennamuu mitii waldorgommii Akka uumamuu taasifamee Jira. 12.buufataalee barnoon itti kennamu deemun Akka daawwatan taasifamee Jira. 13.gabaasni ji,aa fi kurmanaa yeroon akka gabaafamuu taasifamee Jira. 14.Duub-deebii manneen barnootaaf kennamee hanqina fi cimina adda baasun sadarkeefamanii jiru. 1.Mana barumsa caffee Haaraa Cimina * Galmee barattootaa yeroon galmeessuu * Barnoota yeroon eegaluu. * Barnoota walitti fufiinsaan kennuu. * to,annoo fi hordoffii cimaa ta,uu. * Hirmannaa ho,aa taasisuu. * Qormaata ifa barnootaa kennuu. Hanqina * Gabaasa ji.aa fi kurmanaa yeroon ergii dhabuu. * Roostarri barattootaa yeroon hojjetamuu dhabuu. * Ragaa gaafatamee yeroon kennuu dhabuudha. 2.Mana barumsa micataa lakk2 Cimina Galmee barattootaa yeroon xumuruu * Qormaata madaallii ifa barnootaa kennuu * Barnootaaf kaka,umsa qabaachuu Hanqina * Barnoon walitti fufiinsaan kennamuu dhabuu To,annoo fi hordoffii kennamuu dhabuu * Gabaasa ji,aa fi kurmanaa yeroon kennuu dhabuu 3.Mana barumsa odaa lakkuu Cimina * Galmee barattootaa yeroon xumuruu * Qormaata madaallii ifa barnootaa kennuu * Barsisaa idilee ramaduun barsiisuu Hanqina * Barumsa walitti fufiinsaan kennamuu *To,annoo fi hordoffii jiru laafaa ta,u. * Gabaasa ji,aa fi kurmanaa yeroon galchii dhabuu. * Roostara barattootaa yeroon hojjechuu dhabuu. * Ragaa gaafatame yeroon galchuu dhabuu. 4.Mana barumsa odaa lallabaat. Cimina Galmee barattootaa galmeessuu. * Qormaata kennuu. Hanqina * Barnoota walitti fufiinsaan kennuu dhabuu. * Gabaasa ji,aa fi kurmanaa yeroon kennuu dhabuu. * Barnoota ga,eessotaaf xiyyeefannoo kennuu dhabuu. *Roostara barattootaa yeroon kennuu dhabuu. * Ragaa gaafatamee yeroon kennuu dhabuu. * Fedhiin barnootaaf qaban laafaa ta,u. 5.Mana barnootaa mata guddeessa Cimina * Galmee barattootaa yeroon galmeessuu. * Qormaata ifa barnootaa kennuu. Hanqina * Barnoota walitti fufiinsaan kennuu dhabuu. * Roostara barattoota yeroon hojjechuu dhabuu. * to,annoo fi hordoffii jiru laafaa ta,u. Walumaa galatti hojiilee hojjetamanii fi hin hojjetamiin addaan baasun sadarkaan isaanii Akka armaan gadii ta,a. 1/Mana barumsa caffee Haaraa qabxii 90 fiduun sadarkaa 1ffaa. 2/ Mana barumsa micataa lakk2 qabxii 84 fiduun sadarkaa 2ffaa. 3/Mana barumsa Odaa lakkuu qabxii 75 fiduun sadarkaa 3ffaa. 4/Mana barumsa Odaa lallabaa qabxii 62 fiduun sadarkaa 4ffaa. 5/Mana barumsa mata guddeessa qabxii 53 fiduun sadarkaa 5ffaa bahun xumuranii jiru.
Show all...
πŸ‘ 1
#Machaaraa_Miicataa #Waxabajjii 15/2016 ..... Barsiisota M/B sad.2ffaa Miicataa waliin mari'atame. ...... Harargee Lixaa Machaaraa-Miicataatti, barsiisota M/B Sad.2ffaa Miicataa waliin dhimma raawwii hojii baruu barsiisuu bara 2016 fi karoora qophii 2017 irratti mari'atamee jira. I/G Waaj/Barnootaa Bul/Mag/Machaaraa-Miicataa Aadde Raahel Dassaalany marii kanarratti qormaanni semisteera 2ffaa bara 2016 haala kaalandaraan waxabajjii 17, 2016 akka jalqabuufi barattoonni kutaa 12ffaa mana barnootaarraa akka hinhafne kallattii kaa'aniiru jiru.
Show all...
β€‹πŸ“£#BARNOOTA_GANNAA Barsiisotaaafi Hoggansa MB #Leenjii_Gannaa_Hin_Xumurin Yunivarsiitiwwan Xumursiisuu Akka Qaban Kallattiin Kaa'ame. ---------------------- BBO- 14/10/2016 Barsiisotniifi Hoggansi Manneen Barnootaa #Sagantaa_Gannaatiin_Yunivarsiitiiwwan_adda_addaa_keessatti_sadarkaa_barnoota_isaanii_fooyyeffachuuf_leenjii_fudhataa_turan, sababa weerara COVID fi Qormaata Barattoota Kutaa 12ffaa Yumivarsiitoota keessatti kennamaa tureen #addaan_kutanii_turan_hundi_Ganna bara 2016 irraa eegalee leenjii foyyeffannaa sadarkaa barnootaa isaanii akka xumuruu qaban Ministeerri Barnootaa xalayaa Waxabajjii 13/2016 Yunivarsiitiiwwan adda addaatiif barreesseen beeksiseera. Kanaafuu,Barsiisotniifi Hoggantootni Mannaan Barnootaa #kanaan_dura_sadarkaa_barnootaa_keessanii fooyyeffachuuf_Leenjii_Gannaa_Yunivarsiitiwwan_adda_addaa_keessatti_jalqabdanii_otuu_hin_xumurin_haftan_hundi leenjii keessan akka itti fuftan kallattii kaa'ameen hordoffii akka taasiftan jechaa, xalayaa Ministeerri Barnootaa barreesse ilaalaa. πŸͺ™Https://t.me/avagoldcoin_bot?start=e7c12c725a19ef41a425
Show all...

Guyyaa 13/10/2016 ..... Waajjira Barnootaa Bul/Mag/Machaaraa-Miicataa .... Barsiisota QMGOB qoramuuf galmaa'an #Dippilooma karoora dhi 41 dub 32 w/g 73 #Dippiloomaa raawwii dhi 33 dub 23 w/g 56 yoo tahu #Digrii karoora dhi 25 dub 2 w/g 27 #Digrii raawwii dhi 20 dub 2 w/g 22 waliigala digrii fi dip dhi 53 dub 25 w/g 78 ta'an qorumsa fudhataniiru.
Show all...
Share ragaa kitaaba 2016 fi Fedhii 2017.xlsx
Show all...
ragaa kitaaba 2016 fi Fedhii 2017.xlsx0.10 KB
Naasir Bulchinsa Magaalaa Machaaraa Miicataa Qormaanni Naannoo Kutaa 6ffaa yeroo Jalqabaaf bara 2016 kennamuu jalqabe akka Magaalaa keeyaatti rakkoo Naamusaa tokko Malee Nagayaa jalqabamee Xumuramee jira. Qooda fudhattoonni jalqabaa hanga dhumaatti Milkaa,ina kanaaf hojachaa turtan galata guddaa qabdu. Galatoomaa jechaa kan kutaa 8ffaa s akkuma kana akka Raawwannu abdii isirraa qabnaa Galatoomaa.
Show all...
πŸ‘ 2
Photo unavailableShow in Telegram
I.G Waajjira Barnootaa Bul/Mag/Machaaraa-Miicataa Aadde Raahel Dassaalany xumura qormaata Kutaa 6ffaa bara 2016 irratti qaamolee gahee olaanaa bahachaa turan galateeffatan. Caamsaa 30,2016 Godina Harargee Lixaa Bul/Mag/Machaaraa-Miicataatti qormaanni kutaa 6ffaa barattootaaf kennamaa ture karaa nagaan xumuramee jira. Qaamoleen jalqabaa hanga xumuraatti deeggarsa taasisuun qormaanni kutaa 6ffaa akka milkaa'insan xumuramuuf hojjachaa turtan hundi keessan galatoomaa jedhaniiru.
Show all...
Share Kallattii Hojii Itti Aananii.docx
Show all...
Kallattii Hojii Itti Aananii.docx0.12 KB
#Machaaraa-Miicataa ..... Bu'aan Barnootaa Qormaataan madaalama. Caamsaa 27/2016 Godina Harargee Lixaa Bulchiinsa Magaalaa Machaaraa-Miicataatti Orranteshiniin Qormaataa kenname. Orranteeshinii Qormaataa Kutaa 6ffaafii 8ffaa bara kana kenname irratti argamuun Qooda fudhattootaaf Hubannoo Kan kennan Kantiibaa BMMM Ob. Abbee Amaanoo, I/G Waajjira Barnootaa BMMM Aadde Raahel Dassaalany,I/G Waajjira poolisii BMMM Ispeekter Suufiyaan Abdullaah waliin ta'uun Akka jedhanitti qormaata bara kana kennamu wanti adda godhu yoo jiraate barattoonnii kutaa 6ffaa akka naannoo Oromiyaatti yeroo jalqabaaf qormaata waan fudhataniif adda isaan godha Yeroo jedhan barattoonnii kutaa 6ffaafi 8ffaa ta'an hunduu naamusa qormaataa eeguun ofitti amanuun akka hojjetaniifi nageenyi qormaatichaa akka eegamu ga'ee keessan bahachuu qabdu jechuun dhaamanii jiru. Qormaanni Kutaa 6ffaa caamsaa 29_30/2016tti kan kennamu Yeroo ta'u Qormaanni Kutaa 8ffaa immoo Waxabajjii 4_5/2016tti kan kennamuu ta'uu isaati.
Show all...
πŸ‘ 4
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.